cookie

Sizning foydalanuvchi tajribangizni yaxshilash uchun cookie-lardan foydalanamiz. Barchasini qabul qiling», bosing, cookie-lardan foydalanilishiga rozilik bildirishingiz talab qilinadi.

avatar

GADAA MAGAZINE

Contact: @gadaamagazineBot

Ko'proq ko'rsatish
Finlandiya714Til belgilanmaganToif belgilanmagan
Reklama postlari
7 407
Obunachilar
Ma'lumot yo'q24 soatlar
Ma'lumot yo'q7 kunlar
Ma'lumot yo'q30 kunlar

Ma'lumot yuklanmoqda...

Obunachilar o'sish tezligi

Ma'lumot yuklanmoqda...

Mariin Waraana Bilisummaa Oromoo waliin taasifamuu Taazaaniyaatti iftaan eegala jedhame. Mariin nageenyaa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin taasifamuu Taazaaniyaatti Iftaan eegala Jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad. @Gadaamagazine @Gadaamagazine
Hammasini ko'rsatish...
👍 72 22👏 8
Oduu gaddaa Qabsaa’aa fi weellisaa angafa Zarihuun Wadaajoo dhukkubsatee biyya Hindiitti osoo yaalamaa jiruu dhibeen itti hammaatee fayyuu waan hin dandeenyef Ebla 22/2023 du’aan addunyaa kana irraa boqoteera. @Gadaamagazine @Gadaamagazine
Hammasini ko'rsatish...
😢 15👍 5 3
#OduuAmmee Ayyaanni sooma hiikkaa Iidaa 1444ffaan guyyaa boruu ta'uu Sa'udi Arabiyaan gabaaftee jirti. @Gadaamagazine @Gadaamagazine
Hammasini ko'rsatish...
👍 10
#GadaaBank Baankiin Gadaa damee isaa magaalota adda addaatti banuun kenniinsa tajaajila saffisaa ta'e hawaasaa dhaqabsiisuu irratti argama. Haaluma kanaan damee isaa magaalaa Gincii keessatti bane eebbisuun ifatti hojii kan eegalchiise yoo ta’u, dabalataanis hawaasa naannoo fi qonnaan bultoota adda dureef leenjii Intarpirinarshippii fi ogummaa daldalaa guyyaa lamaaf kennaa ture xumure jira. @Gadaamagazine @Gadaamagazine
Hammasini ko'rsatish...
#EngineerTakelaUma Injinar Takkalaa Uumaa erga gara US imalanii guyyaa muraasa booda, miidiyaa hawaasaa irratti dubii ijoo wanti isaan godhu mudate. Mormitootni isaanii qaaman arganii yeroo balaaleffatan viidiyoon waraabame miidiyaa hawaasaarratti qoodameera. Viidiyoo miidiyaa hawaasaarratti qoodamaa jiruun walqabates irra hedduun Obbo Taakkalaaf kabajatu ta'a jechuun deeggarsa yoo ibsan kaanis ni malaaf yaada jedhu qoodaa jiru. Ministira Albuudaa Itoophiyaa ta'anii tajaajilaa kan turan Kantiibaan duraanii magaalaa Finfinnee aangoorraa gaggeefamanii amma barnootaaf biyya Ameerikaatti imalanii jiru. Erga US gahanii guyyoota muraasa kan ta'e obbo Taakkalaan, ''siyaasa Oromoo irraa hin hafu'' yaada jedhu BBC'f kennaniiru. Read more:- https://ift.tt/Lx7qtw1 @Gadaamagazine @Gadaamagazine
Hammasini ko'rsatish...
#WaliifTelevision Miidiyaa haaraan Waliif TV hundeeffame! Dhaabbanni Tv Waliif Finfinnee Hoteela Internaashinaalii Ililliitti hundeeffamuun isaa ifoome. Qaawwa gama Miidiyaatiin ummanni Oromoo qabu guutuufi duuchuuf Miidiyaan Oromoo qaama warraaqsa diinagdee sabichaa keessaa isa tokko tahuudhaan hundeeffamuun guyyaa kana bakka hundeessitoonni Miidiyichaa, Boordiin Miidiyichaa, Abbootiin Gadaa, Abbootiin Amantii,  keessumoonni kabajaa , namoonni Miidiyaatii fi barreessitoonni akkasumas qaamni garagaraa argamanitti hundeeffama isa ifa taasiseeti jira. Bu'uuruma kanaan Tv ' n Waliif toora xiyyeeffannoo isa guddaa bashannansiisuu fi barsiisuu, oduufi odeeffannoo lammiiwwan biraan gahu, akkasumas diinagdee fi kalaqa, hawaasummaa fi qarooma, aadaa fi seenaa, aartii fi muziqaa irratti fuulleeffachuun kan hojjatu tahuu isa himeera. Dhaabbanni Miidiyaa Waliif hojjattootaa fi gaazexeessitoota Miidiyaa FIB kan duraaniin dhaabbata Tv bu'uureeffameedha. @Gadaamagazine @Gadaamagazine
Hammasini ko'rsatish...
#MinistryOfEducation Barattoonni bara 2014 qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa qoramanii qabxii 50% ol argataan gara Yuunivarsitiitti darbuu akka danda'an Ministeerri Barnootaa ibsaa har'a midiyaaleef keennen beeksiseera. Qabxiin Olaanaan Barattoota saayinsii uumamaa dhiiraan 700 irraa Qabxii 666 fi  dubaraa irraa 650 galmeessaniiru. Saayinsii Hawaasummaatiin 600 keessaa qabxii 524 galmeeffameera. Bara barnootaa 2014tti barattoonni kuma 899 fi 520 qoratamaniiru. @Gadaamagazine @Gadaamagazine
Hammasini ko'rsatish...
#OduuAmmee Bu'aan Qormaata kutaa 12ffaa halkan walakkaa irraa eegalee online irratti gadhiifama. Haaluma kanaan halkan sa'aati 5:30 irraa eegalanii ilaalun ni danda'ama. • Websitee https://eaes.edu.et/ ወይም • Ergaa Gabaabadhaa 👉6284 አጭር Registration Number isaani erguun • Telegiraamidhaan 👉  https://t.me/eaesbot ilaaluun ni danda'ama. Hubachiisa፡- • Barattoonni komii qaban Qaaman dhufuun osoo hin barbaachisin weebsitidhaan hanga gaafa Ammajjii 26/2015 qofa 👉  https://eaes.edu.et/  'Compliant' Kan jedhu tuquun iyyachu ni danda'u. @Gadaamagazine @Gadaamagazine
Hammasini ko'rsatish...
#grade12entranceexamresult Qabxiin qorumsaa barattootaa kutaa 12ffaa Jimaata boru ykn Sambata Xiqqaa kana akka gadhifamuu himameera. Odeeffannoo har'a 'TIKVAH ETHIOPIA'n Ministeera Barnootaa wabeeffachuudhaan ibseen qabxiin barattootaa qorumsaa biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2014 qoramanii guyyaa boru Jimaata ykn Sanbataa Xiqqaa akka ifoomuu beeksiseera.
Hammasini ko'rsatish...
#Grade12EntranceExamResult Bu'aan Qormaata kutaa 12ffaa yoom ifooma? Akka odeeffannoon Tikvah, Ministeera Barnootaa irraa argateen Qabxiin qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa kan bara 2014, Ji'a Ammajjii walakkaa booda ni ifooma jedhamee eegama. Yeroo ammaa kana Sororamni qormaata marsaa lammaffaa xumuramaa jira. Bu'aan waliigalaa qormaata kanaa walakkeessa baatii kanaa irraa eegalee ni ibsama jedhamee eegama. Yeroo jalqabaaf barattoonni kuma 900 ol ta’an yunivarsiitiiwwan keessatti marsaa lamatti qormaata kana fudhataniiru. #Share @Gadaamagazine @Gadaamagazine
Hammasini ko'rsatish...