uz
Feedback
☪BAREEDINA ISLAAMUMMAA🌙

☪BAREEDINA ISLAAMUMMAA🌙

Kanalga Telegram’da o‘tish

Gorsa babbareedaa Seenaa babbareedaafi Barnoota adda addaa Inshaa Allaah gargaarsa Rabbiitiin isiniif dabarsina Yadaa yoo qabatan @YaadaYaadaaBot nun gahaa Isinis channel keenya join godhaa nama biraallee...

Ko'proq ko'rsatish
Mamlakat belgilanmaganToif belgilanmagan
4 760
Obunachilar
Ma'lumot yo'q24 soatlar
Ma'lumot yo'q7 kun
Ma'lumot yo'q30 kun
Postlar arxiv
JAALALA QUR’AANAA RABBIIN NUUF HAA KENNUU !! •••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••• Yeroo Qur’aana Rabbi qara’ataani fi haffazataan kan asiin gadii niyyadha:- 1. Jaalala Rabbiitii fi Rasuulaa (SAW) argachuu niyyadha 2. Aayata takka baratuun Gaalaa fii qabeenya biraa kan isatti qixxaayu argachuu caala 3. Mataa mataa Harfii (qubee) Qur’aanaatiin sawaaba (keyrii) 10 argachuu niyyadha 4. Qur’aanni guyyaa Qiyaamaa akka ragaa nuuf bahu niyyadha 5. Rabbiin sababa isaatiin sadarkaa keenya akka olfuudhu niyyadha 6. Qur’aanni haada Rabbii qajeelluma namaatiif samii irraa gara dacheetitti gad dheereffame waan taheef jallinnaa fi badiinsa irraa sababa isaatiin Rabbiin najaa (nagaha) nubaasuu niyyadha 7. Qur’aanni ifaa dacheeti, 8. Namni qur’aana baratee barsiise caalaa namaa waan taheef, isaan irraa tahuu niyyadha 9. Malaa’ikaa qulqulluu tahan woliin tahuu niyyadha 10. Namni qur’aana qara’u umrii jaletti (manguddoomee xiqqeennatti ) deebi’uu dhabuu niyyadha 11. Taaja (faaya) tasgabbiitii fi kabajaa Rabbiin na uffisuu. Rabbiin narraa jaalatuu niyyadha 12. Haadhaa fi Abbaa kiyya Rabbiin taaja (faaya) Jannataa nuura irraa tahe uffisuu niyyyadha 13. Worri Qur’aanaa; namoota Rabbii kan kophaa (keessoo) isaa waan tahaniif isaan irraa tahuu niyyadha 14. Sababa Qur’aana qara’uu kiyyaatiin ibidda irraa akka najaa nubaasu niyyadha Waan barreeffama keeyrii kana dubbiftaniif galanni keessan Jannata haa tahu. Rabbiin ija keeyrii hojjattu hunda isii ibidda jahaannam jalaa haa baasu. Amiin yaa Rabbii

MALLATTOO LAAFINA IIMAANAA KUTAA 1️⃣7️⃣FA Ku.16fa dubisu Hubadha ✺ WALLAANSA DADHABINA IIMAANAA Sababa dhugaa iimaanaafi dirqamoolee gurguddaa kan ulfina isheetiin qalbii Ergamaa Rabbii ﷺ guuttee rifeensa isaaniitiifi gogaa isaanii irratti mul’ate waan of keessaa qabduuf Ergamaa Rabbii ﷺ arreessite Innis Akkuma ajajamtetti gadi dhaabbadhu warri si wajjin toobatanillee gadi haa dhaabatanu ken jedhuudha. Sahaabonni Ergamaa Rabbiis ﷺ Qur’aana ni qara’u ni xiinxalu ittiin jijjiiramu turan Abuu Bakriin nama gaddu qalbii laafaa ture yeroo namoota salaachise haasaa Rabbii qara’e lubbuu isaa boo’icha irraa to’achuu hin danda’u Umar jecha Rabbii ol ta’ee kan adabbiin Rabbii keetii ni dhufa wanti isa deebisu tokkollee hin jiru jedhu qara’uudhaan dhukkubsate Yeroo jecha Rabbiin waa’ee Ya’aquub irraa dubbate qara’u akkaan boo’uun isaa duuba saffii hedduutiin dhaga’ame ani yaaddoofi gadda kiyyas Rabbuma qofattin himadha Usmaan immoo ni jedhe odoo qalbiin keenya qulqullooftee silaa Qur’aana Rabbii irraa hin quuftu ture Inni miidhamaa shahiida ta’e dhiigni isaa mus-hafa isaa irratti dhangalaafamee ajjeefame Ayyuub irraa odeeffamee ni jedhe Sa’iid bin Jubeeriin aayatattii kana yeroo digdamii wahi deddeebisuun dhaga’e guyyaa isa keessa gama Rabbii deebifamtanu sodaadhaa Isheen dhuma aayata Qur’aana irraa buuteeti Inni aayatattii guutus sana booda lubbuun hunduu odoo hin miidhamin mindaa guutamtee kennamti jedha Ibraahiim bin Bashaar ni jedhe aayatattiin isheen Aliyyi bin Al-Fudeel ishee qara’aa du’e odoo yeroo ibidda irra dhaabamanii yaa badii keenya odoo deebifamnee aayata Rabbii keenyaa kijibsiisuu dhiifnee hawwina jedhan sana argitee waan nama naasisu argita kan jedhu keessatti du’e Ani namoota isarratti salaatan keessaa tokkon ture Inumaayyuu sujuuda tilaawaa birattis ijjannoo addaa qabu turan Isaan keessaa tokko seenaa namicha jecha Rabbii haala boo’aniin lafee areeda isaanii irratti sujuuda bu’u sodaa beekumsa qabdus isaaniif dabala qara’ee sujuuda tilaawaa bu’ee ergasii lubbuu isaa komatee kunillee sujuudaa! Eessa jiraree boo’ichi? jedhe. Wanti guddaan xiinxalamu fakkeenyowwan Qur’aanni kaa’e xiinxaluudha Sababni isaas Rabbiin yeroo fakkeenya Qur’aana keessatti nuuf godhu isa xiinxaluufi yaadachuutti nu waame Ni jedhe Rabbiin namootaaf akka isaan gorfamaniif jecha fakkeenyowwan ibsa. Salafa irraa namni tokko fakkeenya Qur’aanaa wahii xiinxalee hiikti isaa isaaf galuu dide Ni boo’e Maaltu si boossisa jechuu gaafatame Innis Rabbiin ol ta’e ni jedhe fakkeenyota kana namootaaf ibsina kan ishee hubate beektota malee hin jiru Al-Ankabuut43 Ani immoo fakkeenyicha hin hubanne beekaa miti jechuudha. Beekumsi kiyya na jalaa baduudhaanin boo’e. Rabbiin Qur’aana keessatti fakkeenyota baay’ee nuuf ibseera Isaanis Rabbiin fakkii nama ibidda qabsiisee fakkii nama waan hin dhageenyetti lallabuu fakkii firii ishee sootalloo qalqalloo firii baatu torba biqilchitee fakkeenya saree arraba isaa gadi baasuu harree kitaabota gurguddaa baatuu titiisa birbirooftee fakkeenya jaamaatiifi duudaa argaafi dhaga’aa fakkeenya daaraa isa qilleensi itti baay’atee muka gaarii muka badduu bishaan samii irraa bu’uu fakkii foddaa ishee ifti keessa jiruu qabrichi to’atamaa isa waan tokko irrattuu dandeettii hin qabne namicha gabricha isa keessatti warri horate waliif hin galleefi kan biroollee Rabbiin fakkeenya godhe Walumaa galatti kaayyoon jiru gara aayatoota fakkeenya godhanii deebi’anii ilaaluufi itti xiyyeeffachuudha. Ibn Alqayyim waan Muslimni gogina qalbii isaa Qur’aanaan wallaanuuf godhuun irra jiru cuunfee ni jedhe kan kana lamaan to’atu waa lama tokkoffaan qalbii kee biyya addunyaa kana irraa buqqiftee biyya aakhiraa keessa qubsiifta sana booda hunda isaatiinuu gara hiika Qur’aanaa waan isa irraa baafatamu isa xiinxaluu waan isarraa fedhamu hubachuu maaliif akka bu’e aayata hunda irraayyuu gahee kee fudhachuufi ishee geessitee dhukkuba qalbii keetii irra kaa’uutti gara galta Aayanni kun yeroo dhaqxee dhukkuba qalbii irra buute qalbichi eeyyama Rabbiitiin ni fayya. kut.18fan itti fufa I.A.h...

☞D‌H‌U‌G‌A‌A‌ Q‌A‌B‌A‌C‌H‌U‌U‌N‌ I‌S‌I‌N‌I‌R‌R‌A‌ H‌A‌A‌ J‌I‌R‌A‌A‌T‌U‌ Rasuulli ﷺ akkana Jedhan: “Dhugaa qabachuun isinirra haa jiraatu, dhugaan gara waan gaariitti nama qajeelcha, wanti gaariin immoo gara Jannataatti nama qajeelcha, namni tokko eeggatee dhugaa dubbachuu hin dhiisu hanga Rabbi biratti (siddiiq) abbaa dhugaa jedhamee maqaan isaa barreeffamutti’’ ⦅Bukharii fi Muslimtu Gabaase⦆ ⩴⩴⩴⩴⩴⩴⩴⩴⩴⩴⩴⩴⩴⩴ ֍ՏᎻᎪᎡᎬ֍ՏᎻᎪᎡᎬ֍ ⊱⊳⊱⊳𝖩♡𝖨Ν⊲⊰⊲

═══════════════ ⊱Sa'iid Binu Zeeyid⊱ Kutaa 4️⃣ffaa fi isa xumuraa ✍ Kutaa 3ffaa dubbisuu hubadhaa Duulota inni gahee keessati taphate keessaa tokko duula yamruuki. Duula kana keessatti teessoo Kisraa fi Qeysari gargalchuu irratti Muslimoota wajjiin gahee guddaa taphate. Oduu guyyaa kana matuma isaatin akkana jechuun nuu oodesse ‘’Nuti gaafa duula yamruuk tilmaamni namaa 24000 ni taana ummatni ruumi immo 120,000 kuma dhibba tokkoofi digdama. Haala Ulfinni tarkaanfii isaanii gaara sossootu fakkaatuun, kan qeesotni dura isaanii masqala baatanii sagalee ol fuudhuun yoo jarri faarsan, waraanni duubaa jalaa qabaa, akka mandiisa roobaa sagalee nama rifachiisuun deemaa dhufan. Muslimootnis haalaa fi bay’inna isaanii arginaan onneen isaanii sodaan liqimfamte. Abu Ubeydaa Ibnu Jarrah ajajaa waraana muslimtotaa kan yeroo sanii ka tahe. ka’ee dhaabbatuun “Yaa gabroottan Rabbbii, Rabbiif tumsaa Rabbiin isiniif tumsaa, faana teessaniinis gadi dhaabadhaa yaa gabroottani Rabbii, obsaa, obsi kuffaararraa nagaa nama baasti jaalala Rabbii namaaf argamisiifti. Qaanii (eyibii) jalaa nama baasiti. Eeboo keessanis kurfeeffadhaa, gaachana keessanin dayadhaa, lubbuu keessan keessatti faaruu Rabbii malee waan biraa hin dubbatinaa hamma ani isin ajajutti.” jechun waraana isaa keessatti onnee uumee. Yeroma kana gurbaan tokko hiriira waraanaa keessaa bahee, “yaa Abbaa Ubeeydaa Ani shahidurratti muradheetin jiraa, waan jaalallee keetti siif himu waan dhaamattu qabdaa? Jedheen. Innis ee nin qaba! salaamtaa kiyyaaf kan Muslimtootaa nurraa geessi. Itti ansun yaa ergamaa Rabbii s.a.w nuti arginee jirraa, waan Rabbiin waadaa nuuf seene.” jedheen. Mucaan kun akkuma ergaa fudhateen kophaa isaa seeyfii luqqifatee waraana keessaa bahuu arginaan aniis bararee fuul dura warana kaafiraatti jilbifadhee bakka qabadhee eboo darbadhee goota ruumi kan duraa akkuma ajjeeseen. Rabbiin sodaa onnee tiyya kessaa dhabamsiisee, diina fixuu irratti utaalee ummatni muslimaas na duubaan itti fiigee haala kanaan Rabbiin tumsa nuuf godhee ruumin cabsine jedhe. Du’a Sa’iid Hanga Rabbiin isaaf qoode jiraatee, rizqiin isaa dachii irraa dhumnaan sahaabdichi gootummaa fi arjummaan islaamummaa babaldhisuu keessatti gumaacha guddaa godhe, leenci leenca qureeyshaa Amiiraa Mu’umintootaa Umariin islaamummaa keessatti fakkeenya amanuu ta’eef, jiruu isaa Rabbiif jiraatee gaafa umriin isaa 70 hijraa irraa wagga 50 ykn 51 tti bakka aqiiq jedhamutti addunyaa irraa gara jannata Rabbii, gama mana isaa kan kophaatitti gama jaalalleedhan isaatti godaane. Reeffa isaa gara Madiinaa fidanii akkuma inni jiruu isaa keessatti amantii islaamaa kabaje, Rabbiinis isa kabajee reeffa isaa Sa’ad binu Abii waqqaas dhiqee Abdallah Ibnu Umar wajjiin qabrii kaahanii geggeessan.

Assalamualyeekum Worahamtullaahi wobarakaatuhu kabajamtootaa obboleewwan muslimaa hundi kan hundee ykn bu'uura amantaa ofii baruu barbaaddan kunoo nutis barnootawwan hundee islaamaa tahan karaa gabaabinaan qabannee isiniif dhihaanne jirra isinis carraa kanatti fayyadamuun mata-dureewwan gaditti isiniif tarreessine kanarra tuquun Kottaa gahee keessan bahadhaa isiniin jenna. 🚸Barnoota Aqiidaa 🚸 🚸Barnoota Toohidaa 🚸 🚸Barnoota seenaa/siiraa 🚸 🚸Barnoota waa'ee iimaana🚸 🚸Barnoota Toowbaa 🚸

🔊KEYRAL-UMMA-TUBE: 🥀As wr wb 🥀 قال رسول الله "صلى الله عليه وسلم "التبسم في وجه اخيك صدقة * ✔️yoo Nama jaalattu agarte itti seeqadhu akka ati isa jaalattu haa beeku ✔️yoo Nama si waanyu/inaafisu agarte itti seeqadhu ati isa caaluu kee haa beeku ✔️yoo Nama kan sijibbu/diina kee agarte itti seeqadhu akka ati humna qabdu haa buukuu ✔️yoo Nama sin beeyne agarte itti seeqadhu hamtuu dhabuu fii kee haa beekuu *قليل من يفهمها* Hariiroo Hawaasa Waliin Qabdu Bareechuuf ↪️Naamusa gaarii dogoggora amananii fudhachuu dagaagsi. ↪️Dhibeen Ani nama dogoggora irraa bilisaa ta'e jedhu akka si hin hubne of eeggannoo godhi ↪️Beekumsa waa'ee naamusa gaarii irratti qabdu hundaa hojiitti hiiki (beekumsi beekumsummaa qofana ibaadaa ta'uu hin danda'u hanga hojiitti jijjiiramutti 👉@Keyralumma 👉@Keyralumma

═══════════════ ⊱Sa'iid Binu Zeeyid⊱ Kutaa 3️⃣ffaa ✍ Kutaa 2ffaa dubbisuu hubadhaa Sahaboota warra jannataan gammachiifaman keessaa Tokko Kan tahe Seenaa ⊱Sa'iid Binu Zeeyid⊱ Awwaatamuu Kadhaa Sa’iid Akka Hishaam ibnu Urwaa abbaa isaa Irraa nuu oddeessetti Arwaa intala Ureyis bulcha yeroo sanii Marwaan kan tahetti dhaquun “Sa’iid daangaa na dhiibe.” jechun himatte. Sa’iidis “dubbii (hadiisa) nabii s.a.w dhagahee akkamiin dachii isii fudha?.” jedhe. Marwaanis nabii s.a.w irraa maal dhagahe laata kan jedhu irraa “mee nabii s.a.w irraa maal dhagette?.” jedhee gaafateen. Sa’iidis ana ergamaa Rabbi s.a.w namni taakkuu takkallee dachii namaa dhiibe, guyyaa Qiyaamaa dachi turban irraa itti gad dooqeffama (itti fannifama) kan jedhu dhagahe. Marwanis eega hadiisa irraa dhagehee “ani kana booddee ragaa takkallee sirra hin barbaadu.” jedheen dhugoomseen. Sa’iidis akkana jechun intala isa himatte abaare ‹’Yaa rabbi yoo isiin ka kijibdu taate ija ishee ballessi. Dachee isheen naan falmite tana kessatti ajjeesi’’ Rabbinis akkuma giddu kiyyaa fi miidhamaa girdoon hin jiru jedhe waadaa guutee kadhaa isaa awwaatefi, ijji ishees badde osomaa dachee san keessa deemtu boolloma orruu san kessa buutee duute. Dachuma san keessatti awwaalamte. Akka bektonni tokko tokko nuu odessanittis akka ani daanga itti hin dabriniragaa naf bahi jechunis kadhatee robni takkaahu akkasitti naannaha sani hin roobin roobee, dachee irraa biyyee dhiqee daangaa isheen itti falmite san ifatti baase dhugaa dubbatuu isaa dirree baase. Karaa Rabbii Keessatti Duuluu Sa’iid duula nabi Muhammad s.a.w dulee takkallee biraa hin hafne, duula badrii malee. Duula kanas faaydaa lubbuu ofii ykn sodaadhaf hin hafne. Hajaa Rasuulaatif s.a.w malee. Ergamaanis s.a.w Sa’iid hawwii duulaa qabaachuu fi ajaja isaatif qofa hafuu waan bekuuf boojus akkuma warra duulanitti qoodef. Kutaa 4ffaan itti fufa inshaallaah....

MALLATTOO LAAFINA IIMAANAA KUTAA 1️⃣6️⃣FFAA Kutaa 15ffaa dubbisuu Hubadhaa ✺ WALLAANSA DADHABINA IIMAANAA Odoo waa’ee wallaansaa haasa’uutti hin seenin dura qabxiilee tokko tokko dubbachuun gaariidha. Isaanis: namoonni warri qalbiin isaanii goguun itti dhaga’amu hedduun isaanii wallaansa alarraa barbaadu; furmaata ishee keessatti kan biraa irratti hirkachuu barbaadu. Garuu odoo matuma isaaniitiif of wallaanuu yaadanii ni danda’u turan. Inni bu’uurri isa kana. Sababni isaas iimaanni hariiroo gidduu Rabbiitiifi gabrichaati. Kan armaan gadii keessatti ergaalee sharii’aa tokko tokko kan namni Muslimaa erga Rabbirratti hirkateefi lubbuu isaa qabsoodhaaf qopheessee booda ittiin dadhabina iimaana isaa waldhaanuufi goggina qalbii isaa dhabamsiisuu danda’utu jira. 0️⃣1️⃣ QUR’AANA RABBII KANA XIINXALUU: Qur’aana guddaa isa Rabbiin ibsaa waan hundaafi nuura Rabbiin ittiin gabroota isaa abbaa fedhe qajeelchu godhee buuse kana xiinxaluu: Isa keessa wallaansi guddaafi dawaan waa hojjatu jiraachuun shakkii homaa hin qabu. Rabbiin ol ta’e ni jedhe: “Qur’aana irraa waan Mu’uminaaf wallaansaafi rahmata ta’e buufna.” Kallattiin ittiin of wallaanan immoo xiinxaluufi gadi ilaaluudha. Ergamaan Rabbii ﷺ kitaaba Rabbii ni xiinxala ture. Halkanis laylii salaataa isa deddeebisanii qara’u. Inumaayyuu halkan tokko keessa odoo salaatanuu aayata tokkicha kitaaba Rabbii irraa ta’e odoo deddeebisanuu utuu ishee hin dabrin bulan. Isheeni jecha Rabbii ol ta’ee kana: إِنْ تُعَذِّبْهُمْ فَإِنَّهُمْ عِبَادُكَ وَإِنْتَغْفِرْ لَهُمْ فَإِنَّكَ أَنْتَ آلْعَزِيِزُ آلْحَكِيِمُ “yoo isaan azzabdes (adabdes) isaan gabroota keeti; yoo isaaniif araaramtes dhugumatti ati injifataa ogeessa.” (Almaa’idaa: 118). Ergamaan Rabbii ﷺ Qur’aana ni xiinxalu turan; sana keessatti sadarkaa guddaa irra ga’anii turan. Ibn Hibbaan sahiiha isaa keessatti sanada gaariidhaan Axaa’i irraa gabaasee ni jedhe: aniifi Ubedullaa bin Umeer Aa’ishaa irra seennaan Ubeydullaah bin Umeer ni jedhe: ‘Ergamaa Rabbii ﷺ irraa waan baay’ee nama ajaa’ibsiisu kan argite nuuf himi.’ Ni boosse; sana booda ni jette: ‘halkan tokko salaataaf dhaabbatanii “yaa Aa’ishaa na dhiisi Rabbii koon gabbaraa” jedhan.‘ Nan jedhe: ‘wallaahii ani dhiheenya keetiifi waan si gammachiisun jaaladha. Ol ka’anii wuduu godhatan. Ergasii salaata sirnaan salaatan. Hanga inni sarbaa isaanii jiisu boo’an. Ammas hanga inni dachii jiisu tokko boo’uu hin dhiifne. Bilaal salaata Subhii isaanitti himuu dhufe. Aluma isaanii boo’uu argu ‘yaa Ergamaa Rabbii odoo Rabbiin dilii kee irraa waan duraan dabreefi boodaas siif dhiisee jiruu boossaa?’ jedhe.’ Ni jedhaniin: “ani sila gabricha galateeffataa ta’uu hin fedhuu? Halkan edaa aayatoonni wahii narratti buuteetti; yaa badii nama isaan qara’ee hin xiinxalinii: Uumuu samii fi dachii; wal bakka bu’uu halkanii fi guyyaa keessa warra qalbii qabaniif mallattooleetu jira. (Isaan) warra dhaabatanii taa’anii cinaacha isaanii irrattis Rabbiin faarsanii “yaa Gooftaa keenya! Ati kana taphaaf hin uumne qulqulloofte adaba ibiddaa irraas nu baraari” jedhaa uumama samii fi dachii keessattis xiinxalanii dha.” (Aali Imraan: 190). Silsilaa Sahiihaa keessa jira. Hadiisni kun aayatoota kana xiinxaluun dirqama akka ta’e akeeka. Qur’aana keessa tawhiida wareega dinniina ahkaama oduu seenaa naamuusa haala gaariifi jijjiirama isheen lubbuu adda addaa irratti fiduu dandeessutu jira. Akkasumas suuraan gariin kan suuraa biraa irra lubbuu dinniinutu jira. Kana immoo jecha Ergamaa Rabbiitu ﷺ nu akeeka: “Suuraa Huudiifi warra ishee fafakkaatantu harrii natti baase.” Inni kunis Silsilaa Sahiihaa keessa jira. Gabaasa biraatiin immoo “Huud Alwaaqi’aa Walmursalaatii Amma yatasaa’aluunaafi Izashamsu kuwwiratiitu harrii natti baafte.” Tirmiziitu gabaase. Inni Silsilaa Sahiihaa keessas ni jira. kutaa 17ffaan itti fufa inshaallaah...

#Guddina buliin kurnan zulhijjah qaburraa. •Hojiin tokko rabbi biratti irra qulqulluu, ol'aanaa ta'ee argame hin jiru, akkasu
#Guddina buliin kurnan zulhijjah qaburraa. •Hojiin tokko rabbi biratti irra qulqulluu, ol'aanaa ta'ee argame hin jiru, akkasuma irra ajriin isaa guddaadhaa, kan gabrichi hojjetu, irra qulqulluu kan rabbi biratti ajrii guddaa, guyyaa kurnan zulhijjah kanarra. •Caalaan hojii hojjetamu duniyaa guutuu keessa osoo jihaadaas ta'e, namicha yaabbi, qabeenyaa fi lubbuu isaatiin jihaadaaf baye, kan homaanu hin deebi'in kan achumatti shahiide yoo ta'e malee. ما فضل أيام عشر ذي الحجة ما العَمَلُ في أيَّامٍ أفْضَلَ منها في هذِه؟ قالوا: ولَا الجِهَادُ؟ قَالَ: ولَا الجِهَادُ، إلَّا رَجُلٌ خَرَجَ يُخَاطِرُ بنَفْسِهِ ومَالِهِ، فَلَمْ يَرْجِعْ بشيءٍ

═══════════════ ⊱Sa'iid Binu Zeeyid⊱ Kutaa 2️⃣ffaa✍ Kutaa 1ffaa dubbisuu hubadhaa Sahaboota warra jannataan gammachiifaman keessaa Tokko Kan tahe Seenaa ⊱Sa'iid Binu Zeeyid⊱ Abbaan Sa’iid Yeroo dheeraaf amantaa Nabi Ibraahim (as) soqaa/barbaadaa erga turee booda homaa waan isa gammachiisu dhabee jennaan gara biyya makkatti deebi’e. Ummata makkaatin yeroo hundaa “isin amantii Nabi Ibraahim (as) irra hin jirtan, gadi dhiiftanii waan ofii jaalattanitti gabbartan. Akka fedha keessanii, waan ofii feetan gabbartan.” jedhee, yeroo dheeraf ummata makkaatin wal dhabaa waan tuureef, Warri biyya makkaas waan inni siidaaf duulachuu isaanii hin jaalanneef, akkuma diinni diina jibbutti mushrikkan makkaas isa jibbaa turan. Keessahu abbaan Umar Kaxxaab dargaggooti itti qacaree akka inni gara Magaalaa makkaa hin seenne waan isa dhorkeef gaara makkaa keessa akka bineensa daggalaa babbadaa yeroo dheeraf ture. Dhumarra gara biyya shaam osoo amantii nabi Ibraahim (as) barbaacha deemu biyya lafti isii ol kaatuu taatetti dhufe. Naannoo san yoo gahu Namticha beekkumsi amantii nasaaraa isa biratti akka waan hundeen isii isa taatee, achitti hiddaan lafa qabatte fakkaatu takkotti dhufe. Waan barbaacha deemu namticha beekaa amantii nasaaraatin sammuun isaa badhaadhe kanatti itti hime. Amantiin Haniifaa (amantiin Nabii Ibrahiim) akka dachee kanarra hin jirree namtichis itti hime. Garuu waan inni barbaacha isiidhaaf raatahaa jiru ta caaltu “Biyya ati dhufte irraa yeroo ammaa kanatti Nabiyyiin haaran ergamee jira, Barri inni itti ergamu gahee jira.Yahuudaa fi Nasaaran biyya sanii isa hin jaalattu, deemii biyya keetti deebi’i.” jedhee qalbii isaa gammachuun badhaase. Waan kana akkuma dhagaheen Zeeyid binu Amrii sardamaa gara biyya ofii osoo inni gammachuun itti ulfaattee, dhiphamaa qalbiin isaa Nabiyyicha s.a.w ergame, eennu akka ta’ee fi maal irratti akka inni nama ajaju beekuf osoo rarraatu, karaa irratti namaan waraaname, mana deemuf osoo hin gahin kararratti kufe. Abbaan Sa’iid iddoo kufee ciisu irraa, dheebuu bishaan madda dhugaa fi qulqulluu irraa kan ka’e, osoo hin dhugin sababa hadhaa du’aa karatti hafe. Garuu bishaan dheebote san ilma isaa obaasuf hawwii qabu irraa, ija isaa gara samitti ol garagalchee “Yaa Rabbii yoo dhugaan Nabiyyiin siin ergame, an itti gahuu hin dandeenne, akka an hongawetti ilma koo Sa’iidin hin hongeessin.” jedhee rabbii isaa kadhatee du’e. Kadhaa Zayid Binu Amrii kana Rabbiin dhagaheefi, Sa’iid Binu Zeeyid osoo Rasuulli s.a.w ganda Arqam binu Arqamitti hin galiin, dura warroota islaamummatti amanee ta’e. Sababa islaamahuu isaa dararaa fi dorsisa hedduu isa dhandhamsiisaa turan. Akka Qeyis ilma Haazim Sa’iid irraa dubbatetti; ‘ Osoo argitanii, yeroo Umar nu hidhee anaafi obboleetti isaa osoo hin islaamahin dura.’ Faaximaan Sa’iid abba manaa isii waliin islaamahun, Umariif sababa guddaa ta’e, akka inni amanuuf. Sa’iid akkka ofirraa dubbatetti. ‘ Osoo nu gaara hiraa’i gubbaa jirruu, gaarri sosochoote. Yeroo kana Rasuulli s.a.w gaara miilaan gad dhiitaa, gaaraan “gad dhaabadhu!. Sirra ka jiru Nabiyyii, Siddiiq fi Shahide malee si gubbarra hin taane.” jedhan. Shahiidee dhan suniis;- Umar, Usmaan, Aliyyi, Xalhaa, Abdurahmaan, Zubeeyir, Sa’aad fi Sa’iidi.’ Kutaa 3ffaan itti fufa inshaallaah.....

Haadha warraa Gaari Moo Diniyaa hedduu horachuutu Caala? SEENAAAJAA'IBAA ↪️Nama lama ta'anii 🤲 Duaayii kadhatan jedhan ::::• ✓Tokko yeroo mara yaa rabbi Haadha manaa gaarii naa kenni jedhee kadhata tokko ammoo yaa rabbi Duuniyaa baayyee naa kenni jedhee kadhata 🎆Jarri lamaanuu wal dhagayan yeroo tokko tokko achumaan waan jedhe kan duuniyaa naa kenni jedhee kadhatuu baayyisuu sun kan haadha namaa gaarii naa kenni jedhee kadhatuu saniin abboo ati yeroo hunda intala gaarii naa kenni jettee kadhattaa duuniyaa naa kenni hin jettuu jedhee gaafate yoo duuniyaa qabaatte kaan yoo siin gadhiiftee kan biraa fuuta jedhee gaafate ↘️Lakki obboleessa kiyya dubbiin akkasii mitii akka laafaatti hin laalin jedhee walbiraa ka'an ////Erga xiqqoo turanii booda marti isaanii waan yaadaniin wal gahanii inni qabeenyaa waan kadhate argatee inni intala kadhates waan kadhate erga argatanii booda 💫 Guyyaa tokko kan qabeenya qabu sun koottu mana gallaa jedhee salaata jumuaa irraa fudhatee gale wayta mana galu jaartin isaa ala teesse eeydiin Keessummaa ( hiriyyaa) isaa wajjin dhufee ol seene taa'anii dadhabani gadi bahe abboo maaliif waan nyaatan nuuf hin finne jedhee gaafate isiinis kunoo kan ati argaa jirtu midhaan callaa afamee ala jiru maal sii kenna duuba jettee jaarsa arrabsite !!!! Jaarsi Aaree uleedhaan jalqabe keessumman abboo jalqaba na geggeessaa jedhee biraa bahe jedhan #🌟Guyyaa biroo hiriyyaan lammaffaa ittiin gale kan qabeenya hin qabne sun ::---;;;;; 💞 Wayta duukaa galu Maashaa allaahu kaana manni citaadha bakki taa'an hin jiru garuu fuula walitti ifan walii galteen jiraatan 🍊🍒 🌿Keessummaa san haala ajaaibaatiin qorsoo( akaayii) boqqolloo tiin buna bunaa wajjin kunoo kanatu nuyiif damma jedhaati afaan wal mi'eeysaa keessummicha akka waan damma dhugeetti achi bahe garuu kan inni nyaate bunaaf akaayiidha 😂 🤝Walii galtee jaraatu akka waan damma nyaatee isa godhe subhaallaah warra waan kana dubbiseef wallaahi duuniyaa gaarii fii intala kan siif ilmaan keetiif toltu/ tolu isinii haa kennu

#Iklaasa_shaakaluu Namni ibaada kamiyyuu hojjatu hojii hojjatetti boonu fi odeessu irraa of eeguf obsa shaakalu qaba. Ibaada
#Iklaasa_shaakaluu Namni ibaada kamiyyuu hojjatu hojii hojjatetti boonu fi odeessu irraa of eeguf obsa shaakalu qaba. Ibaada hojatanitti boonuun hojii badaa ifatti hojjatan caalaa miidhaa kan fiduudha. Ibaada hojjate san namootatti himuu fi odeessu irraa of eegu qaba, kuni ibaada isaa jalaa balleessu waan danda’uuf. Gabaabumatti yommuu ibaada hojjannu, hojiiwwan armaan gadii keessatti sabrii (obsa) qabaachu qabna: 1. Ibaadan keenya itti fufaa ta’uu 2. Ibaada hojjannu keessatti iklaasa qabaachu 3. Sunnaah Ergamaa Rabbii (SAW) hordofuu 4. Yommuu ibaada hojjannu sirnaan hojjachuu fi niyyaa keenya qulqulleessu 5. Erga ibaada xumurre booda wanta ibaada nu jalaa balleessan irraa of qusachuu. Kan akka dhaadachuu,of tuulu, of dinqisifachuu, na argaa, namootatti odeessu, tola irratti waan oollef namoota sanniin miidhu fi gadi xiqeessu fi kkf.

🔔Habibi Do U know Who you are?. :::::::: ^^^^^^^ ^^^^^^^ :::::::: Follow it We will tell you?. 🗡Obboleessa koo✅. 📌Ati Nama rabbiin filate. 📌Ati nama Rabbiin kabajedhaam. 📌Ati nama rabbiin Jannata sana qopheesseefiim. 📌Ati bar Kan bakka ergamaa rabbii ﷺ buutee ergaa isaanii baatte jirtu. 📌si'iim Kan Har'a Bakka Umari fii Hamzaa jirtu. 📌Si'iim Silaa kan har'a Akka mus'aab ibnu umeeyrii Biyya da3waadhaan jijjiirtu. 📌Si tureem silaa Kan rakkoo hawaasa muslimaa addunyaa kanaaf furmaata barbaadu. 📌si tureem silaa kan Aduwwii qur'aanaa,aduwwii masjiidaa,aduwwii hijaabaa, kan deebisuu qabu. 📌si tureem kan Adeemsa ittiin bulmaata shar'aatiif kan karaa mijeessuuf si'iim silaa kan shariaan addunyaa bulchuu qabu. 📌Ammallee suma kan ulamaa'ii keenya dhumaa jiran/kan umriin deeman kana irraa beekumsaa isaanii fuudhee dhaloota dhufutti dabarsu. 🔰Sidhaam, yaa akhii, yaa obboleessa Koo dammaqqi ofbari 🔰Simalee kan biraa hin eegin. 👉 Kan maqaa muslimummaa qabdu hundi 💠Muradhuu ka'ii baha Galaana MODERNIZATIONII FII Fashioning keessaa. 💎Galaana Gowwummaa fii Dagamiinsa warra dhihaa keessa bahuuf Yoom deemsa jalqabda?.

Deebiin gaaffii keenyaa Akkuma irra caalaan keessan deebiftan 4ffaa taha 4️⃣Nabi Ibraahim Worri deebii sirrii deebiftan Maasha'allaah jazaakumullaahu keyiran rabbiin beekumsa guddaa isiniif hadabalu👍👍👍👏👏👏✅✅✅ Akkasuma worroonni yaaltanis jazaakumullaahu keyiran rabbiin isinirraa hajaallatu

◎ 𝗚𝗮𝗮𝗳𝗳𝗶𝗶𝗳 𝗱𝗲𝗲𝗯𝗶𝗶 𝗸𝗲𝗲𝗻𝘆𝗮 𝗮𝗿𝗿𝗮𝗮 𝗶𝗿𝗿𝗮𝘁𝘁𝗶 𝗵𝗶𝗿𝗺𝗮𝗮𝗱𝗵𝗮𝗮 ➾Namni yeroo duraatiif seyfiin lole eenyu ? 1️⃣ 𝗡𝗮𝗯𝗶 𝗠𝘂𝗵𝗮𝗺𝗺𝗮𝗱 (𝗮.𝘀.𝘄) 2️⃣ 𝗡𝗮𝗯𝗶 𝗠𝘂𝘂𝘀𝗮𝗮 (𝗮.𝘀.𝘄) 3️⃣ 𝗡𝗮𝗯𝗶 𝗜𝘀𝗮𝗮 (𝗮.𝘀.𝘄) 4️⃣ 𝗡𝗮𝗯𝗶 𝗜𝗯𝗿𝗮𝗮𝗵𝗶𝗶𝗺 (𝗮.𝘀.𝘄) 𝗬𝗮𝗮𝗱𝗮 𝗤𝗮𝗯𝗱𝗮𝗻𝘂𝘂𝗳 ✍️ @Muslim1234_bot @Ibnuabbaas