cookie

Sizning foydalanuvchi tajribangizni yaxshilash uchun cookie-lardan foydalanamiz. Barchasini qabul qilingΒ», bosing, cookie-lardan foydalanilishiga rozilik bildirishingiz talab qilinadi.

avatar

Walaloon Jaalala

Youtube Irraattis nu Argattu https://www.youtube.com/c/KaachuuEntertainment Yaada qabdan kamiifuu bot kana fayyadamaa @Walaloo_bot

Ko'proq ko'rsatish
Finlandiya57Til ko'rsatilmaganMusiqi1 127
Advertising posts
51 276Obunachilar
+2424 soatlar
+4987 kunlar
+1 69330 kunlar
Postni joylashtirish vaqti tarqalishi

Ma'lumot yuklanmoqda...

Find out who reads your channel

This graph will show you who besides your subscribers reads your channel and learn about other sources of traffic.
Views Sources
Nashrlar tahlili
PostlarKo'rishlarUlashishlarKo'rishlar dinamikasi
01
https://t.me/mijuu_ispoortii 🀟🀟🀟🀟🀟🀟🀟 πŸ’ͺπŸ’ͺBooooooooom Aja'ibaa Rabbiiiiiiiii πŸ‘πŸ‘Suufudha booo Maal Kun ijoolleeeeeee πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™β€οΈβ€οΈ Channel mijuu ispoorti irratti booom jechuuf Amma join gochuun tapha Tilmaama badhaafamaa ❀️❀️❀️ Mijuu ispoorti maal Kun ijoolleeeeeee Waliin jechaa Tapha live haa daawwannuu
6790Loading...
02
Intallin an jaalle abbaanshii shaamballii danda'e hin obsu durgoodhaaf aballii. isheenis naffidhaa quuftuuf indaraasee birriin kan uummataa maaltushee dhamaase. kilaassitti argeen yaadasheen qabamee nuuroo wuddinatiin asiinis sardamee koppii na narraa gooti kontrol pilaas sii anatu barreessaf yoo haftes kilaasii rakkinni jireenyaa na godhe misqilqil isaan gosaan nyaatuu paastaaf qiliqil akkanaanoo fufuun indet yishalegnal yehulettuu assaab hiwoten marrognal. yeshunkurtuu nirat demoo yebet kiraa. cidhakoo danda'ee naaf waamaree firaa. dibachuus hin dhiistu shittoodhaf meekaappii. tiktokirra oolti galgala whatsapp. yihe hulun chiye hin danda'u saaksii v8tii hawween fayyadama taaksii. paarlmaanu beeka goobaadha abbaanshee deninattiin deemtii zabbidhaa nagaanshee anis nan sooroma ta'ees yuutubera. qabsoon jaalaalakoo yoo dhabes shufeera. appaartamaan bita yookin riil isteetii. yemimaxaa zeman kiyya fi kankeeti. @Eelaa125 Walaloo erguuf πŸ‘‰ @Walaloo_bot @Walaloon_Jaalala
5830Loading...
03
🎀Sumaafan🎧 ____ Barii suphii ka'ee Si argachuuf jedhe Bakka meeqa bu'ee Lafa meeqa lixee ____ Karaa keessan gubba Torba deddebi'ee Osoo sumaaf jooru Milli na miliqee ____ Looko gurra looti Giiftii worri mootii Jaalalli ke dhugaa Gowwa nama gooti ____ Qashtii ija kuula Yaada keef jedheen Hirriba male bula Yeroo hundumaayyuu Suma suma sumaaaaa _ By...Sagni_Royal Walaloo erguuf πŸ‘‰ @Walaloo_bot @Walaloon_Jaalala
9332Loading...
04
Deemuu keetii....? Osoo waa'ee kee Tartiiban tarreessuu Osoo seenaa kee Dhiiga koon barreessuu Osoo barbaacha keef Gufadhee caccabuu Osoo hafuura keef Sardamee gaggabuu Osoo gaarummaa kee Namootaf lallabuu Osoo siif fiigee Argaa keef dadhabuu Ati deemuu keetii? Naan jijjiirtee meetii @Abdii_Nagahoo Walaloo erguuf πŸ‘‰ @Walaloo_bot @Walaloon_Jaalala
3 84220Loading...
05
SHAKKIIN KOOS DHUGAA TAATE Shakkiin koos dhugaa taate Safuudha kaa kun jaama Akkaamin yoon maal godhee Ani namaa amana Sobni guyyaan shee baay'ee Kan turtee gadii baatu anan Haa nyaattu dhugaan somba Soban bookoktuu.............. Dhugaan dhugaan beekama Hin qabu jechaa biraa akkami Dubbiin soba dhugaadhan Akeekamaa kunillee sirri miti Hubaadha kaa yaa jaama Sami chalchisa Walaloo erguuf πŸ‘‰ @Walaloo_bot @Walaloon_Jaalala
3 7844Loading...
06
#KUULANIIKOO Ganamaan ganamfadhee yeroon hirribaa ka'u, Arfiiwwan jaalalakee sammuukootti walga'u. Anis of dadammaqseen ka'ee si dhandhamadha. Jechootakee sanattin afaan bule hiikkadha. Akka damma daammuuti dhandhamni jaalalakee; Fuunfadhee hinquufu urgaa foolii mormakee. Jechoota jaalalakeetu yaadakoo jige tumsa; Gorora jaalalakee sanan habbuuqqadhee liqimsa. Abbaafi haatikee sunis wareegamaan si dhalchanii, Bareechanii kuulanii harkakoo si galchani. Kuulaniikoon siin jedha anillee mararfadhee, Maal-jedhuu namaa dhiisee ofitti si hammadhee! Maal-jedhuun warra ormaa maal abbaashee na gooti? Sinjaalladha kuulaniikoo ati yoomiyyuu kankooti! Sababa jaalalakoof jettee alagaadhaan jibbamtee, Baroota darban hedduudhaaf waan hintaanes jedhamtee, Har'as gargar nu baasuuf yaaliin ormaa danuudha; Anaaf sirraa adda ba'uun eenyummaakoo ganuudha. Yeroo siin si cabsani Na dhukkuba addatti; Naan haajibbani malee eenyuunuu hindhiisu sirratti. Hiika eenyummaakootii situu na hubachiise; Afaankoo si godhadheen seenaakoo dubbachiise. Seenaakoo doofummaarraa kan luba baafte lubeekoo, Yoomiyyuu sinjaalladha naaf jiraadhu Qubeekoo! Gaaddisaa Margaa Walaloo erguuf πŸ‘‰ @Walaloo_bot @Walaloon_Jaalala
4 19221Loading...
07
JAALALA KOO SIMADHU Diyaamendii yoon dhabees Isa gatiinsaa cimaa Onneerraan si jaalladha Jilbeenfadheen sitti hima! ~~~~ Murteessaan warqee mitiim Warqee isa gatii jabaa Jaalalli dhugaa taanan Abaaboon hiika qaba! ~ Utuun onnee siif laadhee Sagal kufee siif cabuu Garaan kee amma kana Natti jabaachuu hin qabu!! ~~ Kennaa waaqaatii malee Jaalalli hin qabu cubbuu Onneerraan si jaalladhaa Tole naaf jedhi lubbu!!! @Oro_Technolgy Walaloo erguuf πŸ‘‰ @Walaloo_bot @Walaloon_Jaalala
3 97129Loading...
08
Sin jaaladha giiftii koo Jaalallee too dhugaa Waa'ee yaadadheen Halkaniif guyyaa mugaa Guyyaa si argerraa kaasee tan biraa hin laaluu Takka hin agarre Bareeda si caaluu Yoo ati yaalte malee Doktorri fedhe dhufee Dhibee kiyyan yaalu Qashtii nyaara kuulaa Ta funyaan konkonaa Si yaadaan jiraadha Ani gannaaf bona Baddaa baalee kanaa Qamadiin asheetee Fageenyat na dhoowwee Waan si dhiise seetee Halkanillee siyaadaa bakka bulu ciisee Jiraachuun dandayu an ____too dhiisee Abdii Jr Walaloo erguuf πŸ‘‰ @Walaloo_bot @Walaloon_Jaalala
4 85530Loading...
09
Sobaan hin beeksisnu Chaanaalota Afaan Oromoo Filatamoo ta'an bakka tokkotti argachuu feetuu? Chaanaalota mimmidhagoo itti fayyadamtan kanneen jabaa siniin jenneerra kunoo πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
8300Loading...
10
Dambalii Jaalalaa Chaanaala Afaan Oromoo ergaawwan jaalalaafi walaloowwan jaalalaan guutame kanatti namni miseensa hin taane eenyu?
1 0580Loading...
11
Seequun kee ana sobaa An asiin uradhee cobaa Nama anaaf qaaliitti of akkeessitaa Nama 'siifan du'a' jedhu of fakkeessitaa Keessan gurraachoftee Gubbaan natti iftaa Summii hin muldhanne Dhoksitee natti biiftaa Soogiddadha ati Garuu sobdee taata damma Damma jedhee si dhamdhama Garuu soogiddatu natti namma Ajaa'iba! Bitaachi yoo darbu Mirgattin akkeeffamuu Soogiddi soogiddaa Dammattin fakkeeffamuu Ati soogiddadha Kuraa'aa bifaan adii Yoomuu damman taatuu Ija koo duraa badii! Jamaal Rashiid Walaloo erguuf πŸ‘‰ @Walaloo_bot @Walaloon_Jaalala
5 49319Loading...
12
Siif maraadhee lachuu dhabee Siif gufadhee kichuu cabee Maraattuu sirnaa tahee Namummaa keessaa bahee Siif marmaaree lafa hundaa Siif abaaree nama guddaa Ati naaf hin hubanneπŸ’” Onneen koo siif gaggabuu Lafeen koo siif caccabuu Siif okkolee, siif meelachuu Siif dhukkaa'ee, siif eelachuu Xiyyaara yaadan siif imaluu Ati hin beekne siif hin galu Gad hin ciisne takkaa dirraan Si jaaladha keessaf irraan...... Jaalala koo naaf hubadhuu Na yaali mee na fudhadhuu BY:- Abdii Nagahoo Walaloo erguuf πŸ‘‰ @Walaloo_bot @Walaloon_Jaalala
5 43430Loading...
13
OBSII Obsiimee obsaa koo Dandaa'a hundumaa Bara fakkaataa koo Obsii kee addumaa Guyyaa darbuu jirtuu Hundumaa fudhaatte Boruu hundaa argitaa Yoo obsaa qabaattee Soba sitti faarsee Si halluus dhugaa kee Waqayyoo si baasaa Barbaddee Gumaa kee Humnaa obsi qabu Bultuus arguun oltuu Har'af guyyaan hundu Sitti dukkanooftus Sami chalchisa Walaloo erguuf πŸ‘‰ @Walaloo_bot @Walaloon_Jaalala
5 53028Loading...
14
Sobaan hin beeksisnu Chaanaalota Afaan Oromoo Filatamoo ta'an bakka tokkotti argachuu feetuu? Chaanaalota mimmidhagoo itti fayyadamtan kanneen jabaa siniin jenneerra kunoo πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
7260Loading...
15
Eenyutu injifata?
7431Loading...
16
Balleessaa kee dhoksuudhaaf Dadhabbii koo lakkooftu Jecha kee waa'ee hin baafnen Sababa naaf funaantu Fuulli kee dukkanaa'u Garaan kee fagoo yaaddee Gaafasuma naaf gale Deemuu akka barbaadde Ani!! Dhaabee si hin qabuuf malee Sokkuun kee na dhukkuba Innin foolii kee bare Kan biraattoo na dhiba Na hin hubanneef malee Dhugaa onnee kooΒ  jalaa IccitiiΒ Β  koodhaΒ Β  ati Sirra maaltu naaf caala! ✍Gemechu Dima Walaloo erguuf πŸ‘‰ @Walaloo_bot @Walaloon_Jaalala
6 02028Loading...
17
Of Dagachuuf Dhuga! Cabee hin ciisu jedhee. Kokkolfaa okkolu Dhiiga dhangalaasee Ofumaaf wal lolu Harki bitaaf mirgaa Yoo ofii wal qalu Cabus ciiseen laalu Ana natti hin tolu Wal hin dhaabu wal buqqisu Biyyaaf labsii baasu Ofiif of buqqisaa Mee eenyutti labsuu Dhadhaa baasa jedhee Dhiiga jigsaa raasu Nuttaa hafuu dhiisaa Dhadhaaf dhiiga raasuu. Garam adeemutti Qaalii lubbuu baasu Eenyuuf eenyuun ajjeesu Eenyuuf immoo labsuu Dhukkuba jibbiinsaa Wal keessa facaasu An bilisa jedhee Anaa kophaa yaaduu Yaada gaddatti jijjiiree Fagaadheetiin badu Osoo akkas taa'ee Jiraachuuf yaaddayu Maaliif machaa'uun koo Gaaffii sitti ta'uu ? Kanaafan akka raatuu Daandii gubbaa kaadhee Akeeka qabaafan mataa gad qabadhee Keessatti of dhoksuudhaaf Dhugaatii bitadhee Qabadhee naannaya Ishii fira godhee. Dhukkubni jibbiinsaa Na keessatti wal horee Firri na baqannaan Dhugaatitti gore Jibbiinsi na guute Sammuun na tortore Oduu hin dhaggeeffadhu Dhagayee aaruurra Dhugaatii bitadhee Ishiin ta'e fira. Naaf beekaa adaraa An hin qabuu nagaa Kanaafan machaa'ee Asiif achitti jiga Dhiiga koo jibbitee Foon koo jaalattaaree Maal koo barbaaduudhaaf Ana na gorsitaree Ana kan hin argin Miidhama koo gartaaree? Du'aa boollaa baaftee Jiraa awwaaltaaree Osoo narra yaa'uu Imimmaan makee dhiigaa Keessa koon kulkule Dhoksuuf irra gogaa Hin dhugin hin jedhin Of dagachuuf dhugaa! Dave kanure. Walaloo erguuf πŸ‘‰ @Walaloo_bot @Walaloon_Jaalala
5 66328Loading...
18
Namoonni chaanaala miseensa 30k ol qabdaniifi gurguruu barbaaddan @Walaloo_bot irratti nu dubbisaa. Namootni chaanaala miseensa 2k ol qabdan kamuu beeksisa nu faana hojjachuu dandeessu @Walaloo_bot @Walaloon_Jaalala
5 4080Loading...
19
BAKKAA ARGAMA KEE Kalessaa shaggar jirtaa Har'a tatee Adaama Maal dubbiin akkaana Dubbiin walin maakama Dhufee sin iyyafadhuu Hin yaada'in yaa tiruu Dhugaa dubbaachuu keef Malee saababni biraa jiru Teessoo kees iyyaafadhee Anin hi dhufuu hin yaadini Kalessaas kanan beekuu Boruus hin baruu anii..... Akkaasi jedhetan ture Essaa jirtaa laata? Shaggar moo adaama Foolin urgaa keetii Fagoodha na waamaa Jedhetan yaade malee Ani hin beekne biishooftu Bakkaa guyyaa jalqaaba Amboomati naf kootuu.. Sami chalchisa Walaloo erguuf πŸ‘‰ @Walaloo_bot @Walaloon_Jaalala
5 69423Loading...
20
Nan rakkadhe ...... Nan rakkadhe lammii koo Rakkina keesa koo waadu Kan an yeroo hundumaa ciisee taa'ees itti aadu Kana yoo an jedhu hedduudha namni rakkina qabeeyati jedhee yaadu! .................miti garuu............... Rakkinni koo akkas mitii hin dhabne waan nyaadhuu Uffatas daareen beekuu Nan qaba mana keessa jiraadhuu Na jalaa hin dhipatinaa Rakkina akkanaatif abadan harkan laadhuu Nan beeka tooftaa ittiin keessaa bahee jabaadhu! ............Rakkinni koo maali beektuu?............ Ilma namaa dadhabe Jiruu addunyaa keessaa Hedduutu jaalatamuuf jecha natti of mimmi'eessaa Shiraaf sharriisaa osoon beekuu Gaarii natti of fakkeessaa Afaaniin na dhungataa Keessa isaa garuu waanyootu bobeessa! Isinirraa haa qabu Hiiriyyaa fakkeessu Kan bakka taa'e hundatti Hanqina kee tareessu Kan kufaatii keetiif Haala hunda mijjeessu Isinirraa haa qabuu Hiiriyaa kijibduu Boolla siniif qopheessuu! Abdii Jr Walaloo erguuf πŸ‘‰ @Walaloo_bot @Walaloon_Jaalala
5 38417Loading...
21
Sobaan hin beeksisnu Chaanaalota Afaan Oromoo Filatamoo ta'an bakka tokkotti argachuu feetuu? Chaanaalota mimmidhagoo itti fayyadamtan kanneen jabaa siniin jenneerra kunoo πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
6761Loading...
22
Kabajamtoota Hordoftoota keenya Jaalattanii fi kabajjanii nu hordofaa waan jirtaniif kabajni keenya guddaadha. Sin faana deemsi keenya itti fufa. Maarree isin warreen jaalannuuf Chaanaalota Filatamoo irraa barattu, itti bohaartu, bu'aa irraa argattu jennee yaadne qindeessa @Kaachuupromotion tiin isiniif dhiyeessineerra. πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
7360Loading...
23
Giiftii koo nagaatti... ❣ Madda madaa koo Erga naaf hin arginee Gaafa gadda kootii Erga naaf hin gaddinee Erga garaan kee Jibbaa koo daraaree Erga harki kee Daba naaf hammaaree Barri qataa..... Natu hin beekin malee Onneen tola caamee Erga bitaa galee Guyyaa gadda kootii Erga naaf sirbitee Guyyaa sadoo kootii Erga naaf jibbitee Anis Onnee koo dararee Maafan baasa aarsaa Otoo na jibbituu An maafan si faarsa ? Erga na ilaaltee Akka alagaatti Anillee deemeera Giiftii koo nagaatti.. Abdii Nagahoo Walaloo erguuf πŸ‘‰ @Walaloo_bot @Walaloon_Jaalala
6 38752Loading...
24
#Hin_Argamtu! Burqaa baraan uursee yaa'uu Onnee dhugaan anaaf na'uu Jaalallee too kan dhuguma Arjummaan kee hin qabu dhuma Hojii humnaan cabde eeltee Anaaf jette torba okkoltee Rakkoo kamu obsaan baatta Naaf jiisite godduu nyaatta Ya dadhabee jette beetta? Na dhukkubee jette ciifta? Aduun baateef hin boqottu Qorrii cimeef hin ollattu Beeni baradhii nama ta'ii Bakka hariyyaan geette ga'ii Nattu jooree tuffatamaa Ati naaf ta'ii kabajamaa Si hin waraaniin qoreen takka Natti siif caba miilaaf harkaa Ati jiraadhu natti siif du'aa Deemi ol-ba'ii natti gadii bu'aa Ati qabaadhu nattu deegaa Lakkii hin danfinii natti dhiigaa Jette lubbuu kan nuuf laattu Haadha male hin argamtu... Mahammed Abduba Walaloo erguuf πŸ‘‰ @Walaloo_bot @Walaloon_Jaalala
6 02223Loading...
25
Kortee dugdatti baattee Harmeekoo naaf cabde Humnakee ganamaa Ati anaaf dhabde Yaaddoftee naaf yaadda An hagabuu hin bulle Bifakee naaf dhabde Na gammachiisuufillee Ofikee daartee Anaan na uwwistaa Nyaara guurtee hn beektu Rakkookee in dhokfatta Ofii kuftee cabdee Gufachuu koo rifattaa Eelaakeef bakka hn qabduu Dugdakee hidhatta Rakkinnikee ha darbuu Gaariin sin darbinii Kooriitii jiraadhu Koreen sin waraanini Hamtuuf hammeessituun Si duraa ha miliqxu Barri siif haa toluu Lamuu hn argin miixuu Ijakee aarri booresse Harra gaarii ha arguu Foonkee yaaddoon fixed Bareedee ha marguu Rabbi gadda kankee Gurrakoo hin dhageessisini Harmee koo caaltuu maraa Hamtuun sin arginii Deborah Walaloo erguuf πŸ‘‰ @Walaloo_bot @Walaloon_Jaalala
5 86520Loading...
26
Wuchaalee koo intala Qayi bahirii Abbaan kee maal jedhee mee xinnoo naa hirii koottu walii galaa akka Itiyoo-somalii jaalalakoo baruuf qaanaa tv laali. ani Itoophiya ati somali landii siif fideetan dhufa bishaan hayilaandii. ijikoon libsatuu sirraa dama nabsii iddoin jireenyakoo as xaanaa balasii illiwunnaa kootii cancala jaalalaa ijiptiin mormituus anumat sii caalaa Warri lixaa dhuftee fiddee rooppilanii aninΒ  jijjiiramau akka xaaliyaanii. si dhungachuuf jedheen taate kompileksii qisimee tasabroo natti hir'ate obsi. natti jajjabaattee yoo taates kaampaasii teelee birrii hidheen siif bilbilaa kaasii. Kolfiif saaqitaankee adaanach abeebee fagoon jaalalakee yunavarsiitii waraabee. Jaalalakeef jedhee yoon fakaaadhes faannoo. qozimmee sabirrre naaf gameeera yaannoo. haasaakoon qooaxxaraa yoo na taraddaate asabish taradtoo magilacaa baastee anchi yenee neshii yeigzeer daginnat yommuun kana tsaafu argeera abbinnat. @Eelaa125 Walaloo erguuf πŸ‘‰ @Walaloo_bot @Walaloon_Jaalala
5 81811Loading...
27
Maarree . Maarree yoon si jaalle Hundumaa calchisee Siif kufee yoon ka'e Orma maaltu Arsee? . Maarree yoon si farse Akkuman fedhettuu Taa'ee ennaan ka'u Bakkuma hundattuu . Maarree yoon si jaalle Orma maaltu galchee Nama kaanii mitii Abbumti na dhalchee . Dhugaan sitti himaa Dhaga'i jaallee koo Waa'ee kee yaaduurraa Nan dhaabu waan tokkoo . Jaalallin siif qabu Dachaan daddabalee Maarree mal rakkoonsaa Caalaa yoon si jaallee Kaachuu Walaloo erguuf πŸ‘‰ @Walaloo_bot @Walaloon_Jaalala
6 13638Loading...
28
Sobaan hin beeksisnu Chaanaalota Afaan Oromoo Filatamoo ta'an bakka tokkotti argachuu feetuu? Chaanaalota mimmidhagoo itti fayyadamtan kanneen jabaa siniin jenneerra kunoo πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
1 1671Loading...
29
Booharuun, gammaduun Daandii keerra naaf dhufaa Garuummoo lamaansaayyuu Yoo si dhabu na cufaa Siin hiikama, siin bittinnaa'a Yoon mukaa'ee tasaa Tokko jedhee furamuu eegala Inni na dhoowwatee haasaa Eega mee ati Furtuu, hiiktuu waa maraa Ibsituu dukkanaa Qajeelchituu karaa... Qabbaneessitu onnee Jirma hin gogne yoomuu Buufata fayyaa caalee Siin kan dhukkubbiin natti goomuu Jamaal Rashiid Jr. Walaloo erguuf πŸ‘‰ @Walaloo_bot @Walaloon_Jaalala
6 14417Loading...
30
WAL BIRAA GALLEERA Gabbatee soorataa Jaalala koo baatu Dhahanaa onneekoo Kan sitti watwatuu Kunuunsa akka killee Eeggannoosaa tolee Isaa sumaaf jedhee Gaaddidduu koo lole Godaambaa waalini Seenaa bara qaataa Walii galtee borii Kayyoo walfakkaata Isaa durii qaaritee Dhokaatte argaakoo Harammoo na gaafata Bakkaa argaamaa koo EGAA Anatii ormoomtee Ormaaf tatee aantee Bakkeeti na dhiftee Narratti godaantee Achii na barbaadiin Iddoo gaafa saana Amma dabarree koo Kan si dhisuu anaa Ani meeshaa mitii Kan dhugaatif nyaata Gaafa feetee kessee Gaafa feetee fuutu Sumaatu fakkaataa Dur waalin waalif taane Waan bayyee tanneraa Har'a garuu intaaloo Wal biraa gaalleeraa Gaafas...... Situu narraa siqqee Barrisse akkaa allatti Harammoo sin beeku Giiftiikoo nagaati Sami chalchisa Walaloo erguuf πŸ‘‰ @Walaloo_bot @Walaloon_Jaalala
6 17630Loading...
31
Gaafa jalqaba walbarru Kaleessa yeroo sana Gaafa waliif naatu Onneen waliif banaa Gaafa mararteen Wal waamnu Gaafa maqaa gaarii Jaalalaf wal saamnu Gaafa jidduu keenya Hin jirre jibbaaf hamni Jaalala keenya ilaalee Gaafa hinaafu namni Ifaa ture qe'een keenya Jaalalan tolee faayamee Namaan itti hin bu'amu Dhangaan waliif kaayame Maqaa keen of sossoba Gaafa onneen na miitu Situ dhufee na hiika Gaafa jaalalli na hiitu. Akkasiin akkas ture Jireenyi keenya kalee Jibbaa sirraa hin eegne Yoo jaalala taate malee. Deemne adda baanaa Akka kana taanaa...... Hin yaanne hin tilmaamne Waan kanas hin yaanne Takka turree akkas tahuu Wal baqannee adda bahuu Abjuu koonis natti hin dhufne Abdii Nagahoo Walaloo erguuf πŸ‘‰ @Walaloo_bot @Walaloon_Jaalala
5 49729Loading...
32
Araar..... πŸ’“ Wal jeeqxanii of hin dhibinaa Dirree jaalalaa keessatti...... Jaalalan wal guutaa Kokkee hamma qeensatti Araara buusaa waliin waaraa Bultii gaariis waliin jaaraa Malee...... Wal miitanii hin deeminaa Bowwaa jibbaa hin seeninaa Qe'ee nagaa hin daarsinaa Onnee jaalalaa hin aarsinaa Onnee keessanitti jibba hin kuusinaa Mogolee jaalalaa Wal hin buusinaa Ayyaanni jaalalaa waa waaruu Firiin isaa haa daraaruu........ Yaada jibbaan wal miitanii Miila kaayyoo wal hiitanii Hin deemina wal baqa Qe'ee milkii waliin dhaqaa. Abdii Nagahoo ✍ Walaloo erguuf πŸ‘‰ @Walaloo_bot @Walaloon_Jaalala
5 58016Loading...
33
#Hin-Gatamu! Asiif achii fiigee Warri gurmu diigee Gandummaan shubbisu Dhaloota jallisuu Ufittummaan coomee Innii sammuun doomee Inaaffaa biqilchuu Gandummaan ililchuu Daandii eennuu jennaa Fuloon qoqqoodamsaa Ergaan Alii Garootu Tokkummaa jabeessa Seenaan jaatoo alii Yoomu hin dagatamu Irbuun jaarsoo waaqoo Karaatti hin gatamu.... Mahammed Abduba Walaloo erguuf πŸ‘‰ @Walaloo_bot @Walaloon_Jaalala
5 57617Loading...
34
Sin Jaalla, sin jibbu Sin gammachiisa, sin dhiphu Miirri koo, gammaduu keen banama Seequun kee, barii, anaaf ganama Carraa sin kaasu, siif ta'a hin yaadin Yaada of hiitee, shakkitee na gaadin ~ Eeyyee, garee biraa ilaaltee Kan keenyas, isatti madaaltee Yoo adeemtee sanaan Rakkoon nu seena, karri taanaan banaan Sanatti hin qabu, hin qabdu, hin qabnu Yaadaf hojii namaatin, wal hin dhabnu Ta'uu mala, keenya taraa, keenya hamaa Yoo ilaaluu dhiifne, keenya kan qabu dhamaa ~ Jenna gaaf tokko Wal arganee kaanee, baricha Isa kophummaan bade, karicha Eebbifamaa guyyaa, ajaa'iba Wal argachuun keenya nu dhiba Gabaabsinee, gammadaa, ol kaanee Jennee goolabne, baga kan walii taanee Jamaal Rashiid Walaloo erguuf πŸ‘‰ @Walaloo_bot @Walaloon_Jaalala
5 72011Loading...
35
Obsuu Hin danda'u Yoo taa'uuf yoo ka'u Maqama kee kaasaa Hirriba keessallee Waan kankee hasaasaa Ulullee fudhadhee Faarsa maqama kee Waan hunda koo keessa Na guute maqaan kee Yoon callisullee Na keessaa dubbataa Suuraan kankee dhufee Na fuundura kaata Qalbii koo fudhatee Na jalaa dhokata Mana, keessa naannayaa Sagal waama maqaa Soba kan hin qabne Kana dubbiin haqaa Dawud Kedir Nure Walaloo erguuf πŸ‘‰ @Walaloo_bot @Walaloon_Jaalala
5 73432Loading...
36
#AAYYOO Utubaa jiruu tiyyaa Gaaddisa waa maraa Jannata sihaa geessuu daandiin deemtu maraa 🀲🀲 Dagalee jiruu too Jaalallee haqiiqaa Si dhabuun barbaaduu sekundiif daqiiqaa ❀❀ Jaalalli dhugaadhaa si biraatti argamaa Sumatu naaf rakkata galgalaaf ganamaa Kanumaaf naaf caalta cufa ilma namaa Umrii kee naaf haa tursiisu Gooftichi Aalamaa 🀲🀲 Haadha dhabuu mannaa haadha dhabduu wayyaa Rabbiin sihaa bulchuu qananii fi fayyaan ❀❀ Bakka abbaas bu'ee situ na guddisee Akkan nama tahuuf situ na muldhisee Rabbiin sihaa qananiisuu Rakkoo kee kuffisee Aakiraattis sihaa qananiisuu kafana jannataa saniin si uffisee Abdii Jr Walaloo erguuf πŸ‘‰ @Walaloo_bot @Walaloon_Jaalala
5 96735Loading...
37
Daandii bokkaa keessaa Adeemtee beektaa namanaa? Tasa dhabbachuun hayyamuu Si hurgufa gamaafi gamanaa Dhaabbadhe isa jettu Luka kee gargar oofaa Akka waan erbee ta'ee Yookin immoo moofaa Atimmoo Fedha kee dhiistee Dambiisaa hordofaa Daandii san kan baatuu Yoo fedhasaa eegde qofaa Yoo asiifi achi si irbu Innuu ariitiin qabu, suutaa Tole jettee fudhattee Dhooqa inni jedhe buutaa Milkaa'innis namakoo Kanuma fakkaata gosumaa Fedha isaa eegda malee Kan kootu dursa jechuu tasumaa! Jamaal Rashiid Jr. Walaloo erguuf πŸ‘‰ @Walaloo_bot @Walaloon_Jaalala
6 71713Loading...
38
Coreen gaalaana booressaaree Yoo burqaarraa boora'e malee Lugni goota doorsisaaree Yoo lugna akkasaa malee Daalachaa'eef daaraan Daakuu hin ta'u Bokokeef sobni Dhugaa hin mo'u Daallaa kormi jirutti Sangaan mo'uuf hin yaalu Qe'ee Ilmi jirutti Alaa dhufaan hin galu Miixuu dahumsa hin qabne Mixiixxannee cinqamnee Maqaan itti waamamnee Kichuuwwan baayyee dhabne Arraabbaa mucaa dhaddee Dhaddumatuu beekaa Dubbadhu waan yaadde An kaayyoo koo beekaa Isa taa'umsatti of dagate Tusseen sagal ciniinti Saggootti na ulfaattee Narraa buhi gadhitti Nuuf Yoom @Walaloon_Jaalala
6 10516Loading...
39
Walaloo babbareedaafi Seenaa, Dhugaa Oromoofi Oromiyaa, Oromiyaa hardhaa fi Kalee bifa Walaloon argachuufπŸ‘‡πŸ‘‡https://t.me/kaayyoojaallankalee
1 6390Loading...
40
Yeroo laalee Abdii hin kutu Imala koo daandii dhugaa Isa sirrii kan kalaqaa Kufee ka'ee galmaa dhaqaa Furtuu Rakkoo iddoo haqaa Yaadaaf miilaan guggulufa Kaayyoon fiigee galma dhufa Garaan looyee akka Bofaa Jibbiinsa imalaa ofirraa tuttufaa Yeroo laalee abdii hin kutu Wanta dabruuf Abdii hin citu Wanti hunduu akka dhuftu Rabbiin jennaan akka taatu Maaliif yaadaan moo'atama Borii bulee tuffatamaa Bakka hin maletti darbatama Hundi hin beeku keessa namaa. Dafqaa yaaddoo lolaafadhe Dhagaa cabsee dhagaa baadhee Dhagaa sanuu boraafadhee Waaqa uumaa abdii godhee Akkan moo'u karoorfadhe. Bakka garaa warrii ga'ee Seenaa jaba lafaa kaa'ee Dhiigni namaa dhangala'ee Lubbuun qaaliin itti ba'ee Seenaan heddu kan galmaa'e Hayyootarraa kan barraa'e Anis kaa'uu qaba ka'ee Seenaa yeroo keenya ta'e Dhala boruuf yoon ol kaa'e Wanta diqqoo cobse kuuse Addunyaafu bu'aa buuse Isa argeef kan dubbise Bara beekaan gad of dhoksee Wallaalaanimmoo ol ofkaase Of-guddifnee qaalii taanee Namaa olitti of lakkoofnee Osoon beekin beekaa of goonee Of ol dhiibnee gaara geennee Osoo of ilaallee akka taane Of-gad buufnee namaa keessaa Nama hundaa gadi ta'uu Osoo beeknu beekaa ta'uu Teessoo irraa kaanee buunee Way taatiiree lafa taa'uun Nama irraa eeguu miti Beekuu qabna humna keenna Waan hundaafuu yoo jabaanne Bakka yaanne numa geenna Yoo yaada keenya daangessine Mullata keenya fiixa baasnee Kufnee kaanee gangalannee Ni dhaqqabna iddoo yaanne Rabbiin guddaan nu gargaara Inni jiru samii irraa Gooftaan uume Wanta mara Nu milkeessa isa jira Beekaa rafnaan silaan kaanuu Of dagannee yoo kan rafnuu Nama irraa yoo kan eegnuu Namni dhufee nuuf hin kennu Hanga feene maaf hin teennu Aduun dhiitee barii taatus Feetu cillimii dukkan Roobaa Kaayyoo keetiif tattaafadhu Hin ta'ini kaayyo dhabaa Yoomuu hin taanu warra rafe Teenyee hin eegnu akka dhiituu Halkan ta'ee guyyaafillee Goonni Rakkoof harka hin laatu. Nuuf haa banu qalbii teenya Ishii beekaa guyyaan raftu Qalbii bane waaqii uumaa Akka rakkoon furtuu taatu. Dave kanure ✍️ @Walaloon_Jaalala
7 18033Loading...
https://t.me/mijuu_ispoortii 🀟🀟🀟🀟🀟🀟🀟 πŸ’ͺπŸ’ͺBooooooooom Aja'ibaa Rabbiiiiiiiii πŸ‘πŸ‘Suufudha booo Maal Kun ijoolleeeeeee πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™β€οΈβ€οΈ Channel mijuu ispoorti irratti booom jechuuf Amma join gochuun tapha Tilmaama badhaafamaa ❀️❀️❀️ Mijuu ispoorti maal Kun ijoolleeeeeee Waliin jechaa Tapha live haa daawwannuu
Hammasini ko'rsatish...
Mijuu Ispoortii

βœ“Odeeffannoo gabaabaa sport βœ“Tamsaasa kallatti taphootaa ]Gaafii badhaasaa qabu Wajjiin taphachaa itti fuufna Aja'ibaa Rabbiiiiiiiii jechaa

❀ 2πŸ‘ 1
Intallin an jaalle abbaanshii shaamballii danda'e hin obsu durgoodhaaf aballii. isheenis naffidhaa quuftuuf indaraasee birriin kan uummataa maaltushee dhamaase. kilaassitti argeen yaadasheen qabamee nuuroo wuddinatiin asiinis sardamee koppii na narraa gooti kontrol pilaas sii anatu barreessaf yoo haftes kilaasii rakkinni jireenyaa na godhe misqilqil isaan gosaan nyaatuu paastaaf qiliqil akkanaanoo fufuun indet yishalegnal yehulettuu assaab hiwoten marrognal. yeshunkurtuu nirat demoo yebet kiraa. cidhakoo danda'ee naaf waamaree firaa. dibachuus hin dhiistu shittoodhaf meekaappii. tiktokirra oolti galgala whatsapp. yihe hulun chiye hin danda'u saaksii v8tii hawween fayyadama taaksii. paarlmaanu beeka goobaadha abbaanshee deninattiin deemtii zabbidhaa nagaanshee anis nan sooroma ta'ees yuutubera. qabsoon jaalaalakoo yoo dhabes shufeera. appaartamaan bita yookin riil isteetii. yemimaxaa zeman kiyya fi kankeeti. @Eelaa125 Walaloo erguuf πŸ‘‰ @Walaloo_bot @Walaloon_Jaalala
Hammasini ko'rsatish...
πŸ‘ 2😁 2πŸ‘ 1
🎀Sumaafan🎧 ____ Barii suphii ka'ee Si argachuuf jedhe Bakka meeqa bu'ee Lafa meeqa lixee ____ Karaa keessan gubba Torba deddebi'ee Osoo sumaaf jooru Milli na miliqee ____ Looko gurra looti Giiftii worri mootii Jaalalli ke dhugaa Gowwa nama gooti ____ Qashtii ija kuula Yaada keef jedheen Hirriba male bula Yeroo hundumaayyuu Suma suma sumaaaaa _ By...Sagni_Royal Walaloo erguuf πŸ‘‰ @Walaloo_bot @Walaloon_Jaalala
Hammasini ko'rsatish...
πŸ‘ 5❀ 1
Deemuu keetii....? Osoo waa'ee kee Tartiiban tarreessuu Osoo seenaa kee Dhiiga koon barreessuu Osoo barbaacha keef Gufadhee caccabuu Osoo hafuura keef Sardamee gaggabuu Osoo gaarummaa kee Namootaf lallabuu Osoo siif fiigee Argaa keef dadhabuu Ati deemuu keetii? Naan jijjiirtee meetii @Abdii_Nagahoo Walaloo erguuf πŸ‘‰ @Walaloo_bot @Walaloon_Jaalala
Hammasini ko'rsatish...
πŸ₯° 26πŸ‘ 18❀ 13πŸ’” 7πŸ’‹ 7πŸ”₯ 3
SHAKKIIN KOOS DHUGAA TAATE Shakkiin koos dhugaa taate Safuudha kaa kun jaama Akkaamin yoon maal godhee Ani namaa amana Sobni guyyaan shee baay'ee Kan turtee gadii baatu anan Haa nyaattu dhugaan somba Soban bookoktuu.............. Dhugaan dhugaan beekama Hin qabu jechaa biraa akkami Dubbiin soba dhugaadhan Akeekamaa kunillee sirri miti Hubaadha kaa yaa jaama Sami chalchisa Walaloo erguuf πŸ‘‰ @Walaloo_bot @Walaloon_Jaalala
Hammasini ko'rsatish...
πŸ‘ 13❀ 5πŸ₯° 3πŸ”₯ 2
#KUULANIIKOO Ganamaan ganamfadhee yeroon hirribaa ka'u, Arfiiwwan jaalalakee sammuukootti walga'u. Anis of dadammaqseen ka'ee si dhandhamadha. Jechootakee sanattin afaan bule hiikkadha. Akka damma daammuuti dhandhamni jaalalakee; Fuunfadhee hinquufu urgaa foolii mormakee. Jechoota jaalalakeetu yaadakoo jige tumsa; Gorora jaalalakee sanan habbuuqqadhee liqimsa. Abbaafi haatikee sunis wareegamaan si dhalchanii, Bareechanii kuulanii harkakoo si galchani. Kuulaniikoon siin jedha anillee mararfadhee, Maal-jedhuu namaa dhiisee ofitti si hammadhee! Maal-jedhuun warra ormaa maal abbaashee na gooti? Sinjaalladha kuulaniikoo ati yoomiyyuu kankooti! Sababa jaalalakoof jettee alagaadhaan jibbamtee, Baroota darban hedduudhaaf waan hintaanes jedhamtee, Har'as gargar nu baasuuf yaaliin ormaa danuudha; Anaaf sirraa adda ba'uun eenyummaakoo ganuudha. Yeroo siin si cabsani Na dhukkuba addatti; Naan haajibbani malee eenyuunuu hindhiisu sirratti. Hiika eenyummaakootii situu na hubachiise; Afaankoo si godhadheen seenaakoo dubbachiise. Seenaakoo doofummaarraa kan luba baafte lubeekoo, Yoomiyyuu sinjaalladha naaf jiraadhu Qubeekoo! Gaaddisaa Margaa Walaloo erguuf πŸ‘‰ @Walaloo_bot @Walaloon_Jaalala
Hammasini ko'rsatish...
❀ 23πŸ‘ 8πŸ₯° 3πŸ”₯ 1
JAALALA KOO SIMADHU Diyaamendii yoon dhabees Isa gatiinsaa cimaa Onneerraan si jaalladha Jilbeenfadheen sitti hima! ~~~~ Murteessaan warqee mitiim Warqee isa gatii jabaa Jaalalli dhugaa taanan Abaaboon hiika qaba! ~ Utuun onnee siif laadhee Sagal kufee siif cabuu Garaan kee amma kana Natti jabaachuu hin qabu!! ~~ Kennaa waaqaatii malee Jaalalli hin qabu cubbuu Onneerraan si jaalladhaa Tole naaf jedhi lubbu!!! @Oro_Technolgy Walaloo erguuf πŸ‘‰ @Walaloo_bot @Walaloon_Jaalala
Hammasini ko'rsatish...
❀ 11πŸ‘ 10
Sin jaaladha giiftii koo Jaalallee too dhugaa Waa'ee yaadadheen Halkaniif guyyaa mugaa Guyyaa si argerraa kaasee tan biraa hin laaluu Takka hin agarre Bareeda si caaluu Yoo ati yaalte malee Doktorri fedhe dhufee Dhibee kiyyan yaalu Qashtii nyaara kuulaa Ta funyaan konkonaa Si yaadaan jiraadha Ani gannaaf bona Baddaa baalee kanaa Qamadiin asheetee Fageenyat na dhoowwee Waan si dhiise seetee Halkanillee siyaadaa bakka bulu ciisee Jiraachuun dandayu an ____too dhiisee Abdii Jr Walaloo erguuf πŸ‘‰ @Walaloo_bot @Walaloon_Jaalala
Hammasini ko'rsatish...
πŸ‘ 27❀ 13❀‍πŸ”₯ 2πŸ”₯ 2
Repost fromΒ Kaachuu Promotion
Sobaan hin beeksisnu Chaanaalota Afaan Oromoo Filatamoo ta'an bakka tokkotti argachuu feetuu? Chaanaalota mimmidhagoo itti fayyadamtan kanneen jabaa siniin jenneerra kunoo πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
Hammasini ko'rsatish...
Seenaa
Walaloo
Aadaa
Ispoortii
Oduu
Hojii
Teeknooloojii
Siyaasa
All in one
Repost fromΒ Walaloon Jaalala
Dambalii Jaalalaa Chaanaala Afaan Oromoo ergaawwan jaalalaafi walaloowwan jaalalaan guutame kanatti namni miseensa hin taane eenyu?
Hammasini ko'rsatish...
❀ 5πŸ‘ 1
Dambalii
Jaalalaa
❀️❀️❀️
❀️Dambalii Jaalalaa❀