uz
Feedback

Firibgarlarga uchmang! Telemetrio bunday kanallarni topadi va belgilaydi 👉 Belgini ko‘rmoqchi bo‘lsangiz, obuna bo‘ling

RAFIIQUL ISLAAM 🇸🇩

RAFIIQUL ISLAAM 🇸🇩

Kanalga Telegram’da o‘tish

✅️ Al-Isra'a 17:81 በልም «እውነት መጣ ውሸትም ተወገደ፤ እነሆ ውሸት ተወጋጅ ነውና፡፡» And say, "Truth has come, and falsehood has departed. Indeed is falsehood, [by nature], ever bound to depart." Jedhi “Dhugaan dhufe; sobni dhabame, sobni dhabamaa ta’eera”. @Rafiqul_Islaam

Ko'proq ko'rsatish
Mamlakat belgilanmaganToif belgilanmagan
3 439
Obunachilar
+124 soatlar
+347 kun
+35530 kun
Postlar arxiv
Gaafii gaafatamne... Islaamummaan jaarraa (sentury) 7ffaa dura jiraachuu isaatiif ragaan maali ? Duraan dursee; gaafiin kun gaafiiwwan namoonni Islaamummaan ala jiran irra deddeebiin kaasan keessaa isa ijoodha. Kiristiyaanonni hedduunis Islaamummaan kan jalqabne Nabi Muhaammadiini (s.a.w) jedhanii nama hubachiisuuf yaalu, inumaayyuu ilaalchi dogongoraa kuni hanga har'aatti manneen barnootaa keessatti kan baratamaa jiruudha. Isa kanaaf deebisaan koo isa armaan gadiiti. 🛑 1. Islaamumummaan amantaa dhalootaati, kana jechuun daa'imni kam iyyuu yemmuu dhalattu Islaamummaa qofa irratti dhalatti. Qur'aana 30:30) Hadiisa (Sahiiha Bukhaarii 4775, fi Sahiiha Muslim 2658). Ragaan kunis islaamummaan jaarraa 7 dura jiraachuu nuu mirkaneessa. 🛑 2. Maggaasa maqaa Islaama jedhuu. Mogaasa maqaa “Islaam” jedhu kana yemmuu xiinxallinu iccitii jabaa, kan yaada nu kaafne kanaaf deebisaa quubsaa ta'u arganna, akkamitti yoo jedhame? Hiikni jecha 'Islaama’ jechuu Rabbiif ajajamuu, Rabbiif butamuu fi isaaf masakamuu erga ta’ee, Rabbiif ajajamuu, Rabbiif buluu ilmi namaa kan jalqabe jaarraa 7ffaa jechuun ni danda’amaa? Hin danda'amu. 🛑 3. Nabi Muhammad jaarraa 7 keessa kan ergaman yemmuu ta'u, ergamoonni isaan duraa hundi muslima. Isa kana irratti ragaan hoo maali gaafiin jettu akka kaatu nin beeka. 1. Ummata kanas ta'ee kan jaarraa 7 dura jiraataa ture irraayis Islaamummaa malee amantaa biroo irraa qeebaluu dhabuu. (Qur'aana 3:85) 2. Amantaa sirriin rabbiin biratti beekamtuun dur irraa kaasee hanga xumuraati Islaamummaa qofa ta'uu. (Qur'aana 3:19) 3. Ergamaan Nuuh jedhamu muslima ta'uu isaa. (Qur'aanni 10:72) ni dubbata. Ergamaa kanaa fi jidduu eegamaa keenya fageenya jaarraa kudhaniitu jira jedhama. 4. Nabi Ibraahim ykn Abrahaam muslima ta'uu isaa. (Qur'aana 2:127-132), (Qur'aana 2:140). (Qur'aana 3:67). Turtiin yeroo jidduu ergamaa kanaati fi ergamaa keenya nabi muhammad beekkamuu dhabus adda fagoo akka ta'e kitaabban seenaa irraa hubanna. 5. Ergamaan Luux jedhamus muslima ture. (Qur'aana 51:31-36) 6. Nabi Yaaqub ykn Yaaqoobis muslima ture, ilmaan isaatiifis Ilslaamummaa dhaamtee du'e. (Qur'aana 2:133). 7. Ergamaan suleymaan ykn solomoon jedhamus mulima ture. (Qur'aana 27:30-31) 8. Ergamaan Yuusuf jedhamus muslima turuu isaa. (Qur'aana 12:101) 9. Ergamoonni yookaan anbiyoonni ilmaan Islaa'ilis muslima turan. (Qur'aana 5:44). Hanga yeroo ergamoota asiin olitti dubbatamanii kanaatti amantaan Yahuudummaas ta'ee Kiristaanummaa fuula dachee kana irratti hin argamu. Amantaan har'a ''Judaism" jedhamuun beekkamtus dhaloota nabi muusaa ykn muusee booda argamte, akkasumas amantaan "Christianity" kunis dhaloota Yesus Kiristos booda woggaa 42 booda argamte. Kanaafuu amantaan yeroo sana jirtu kan ergamoonni Rabbii hunduu barsiisaa turan Islaamummaa qofa. Yoo lakki amantaa Islaamaatii mitii, amantaa biroo barsiisaa turan jette ragaa akka naa dhiheessitun barbaada... Yoo ammas isa kana jechuufis ragaa dhabdee, jarri kun hunduu amantaa tokkos hin qaban jette, ani ammas ijjannoma jalabaa sanarra jira, sun ragaa fidi isa jedhe sani... Isa biraa kan jettu yoo qabaatte, anis yaada kee sana irratti waan jedhu siin jedha. ● Mee ammas koottu ragaa koo siif dabalaa, tarii nama dhugaa barbaadu yoo taate, ragaalee ani siif kennu kunneen bakka ati barbaadaa jirtu sanaan si gahuu dandeettii. 10. Nabi Muusaa ykn muusee beektaa ? Raajicha guddaa waggaa 40 guutuu saba Israa'el gaggeessaa ture amantaan isaa maal akka ture, (Qur'aanni 10:84) irratti muslima akka ta'e nuu himee jira. 11. Yesus Kiristoos hoo beektaa? Yesus ykn Iisaan ergamaa Rabbii kan muslimtoonni hundi jaalatanii dha. akkuma Ergamoota Rabbii hundaa jaalannutis isas jaalanna, innis muslima ture, duuka buutonni isaas muslima turan (Qur'aana 3:52) Cuunfaa dubbii; Ergamoonni kuni hundi warroota jaarraa 7 dura jiraataa turanii dha, garuu sana ta'uu waliin amantaan isaanii Islaamummaa ture jechuu dha. Kanaafuu; Islaamummaan nabi muhammad dura jiraachuu yookaan jaarraa 7ff dura jiraachuu argitee amma? Jedhiin... 𝗤𝗼𝗽𝗵𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝗮; Ifaa Dhugaa https://t.me/Rafiiqul_Islaam/1190
04 Noy, 21:49

📢 𝑶𝑫𝑑𝑼 𝑮𝑨𝑑𝑴𝑨𝑪𝑯𝑰𝑰𝑺𝑨𝑨! 📢 𝑯𝒂𝒍𝒒𝒂𝒂𝒏 𝑨𝒃𝒃𝒂𝒂 𝑱𝒊𝒇𝒂𝒂𝒓 bifa idileetiin (lafarratti) magaalaa Jimmaa
📢 𝑶𝑫𝑑𝑼 𝑮𝑨𝑑𝑴𝑨𝑪𝑯𝑰𝑰𝑺𝑨𝑨! 📢 𝑯𝒂𝒍𝒒𝒂𝒂𝒏 𝑨𝒃𝒃𝒂𝒂 𝑱𝒊𝒇𝒂𝒂𝒓 bifa idileetiin (lafarratti) magaalaa Jimmaa keessatti barattoota kumaatamaan lakkaa'aman fanniiwwan barnoota Islaamaa guutuu barsiisaa jiraachuun isaa ni beekama. 𝑨𝒍𝒉𝒂𝒎𝒅𝒖𝒍𝒊𝒍𝒍𝒂𝒉! Amma immoo barnoota lafarratti baratamaa jiru kana bifa sagaleetiin (Audio) waraabuudhaan darsiiwwan garaa garaa Chammel kana irratti maxxansuu jalqabeera. 🔗 𝑳𝒊𝒏𝒌𝒊𝒊 𝑪𝒉𝒂𝒏𝒂𝒍𝒊𝒊: https://t.me/+N8Z16msrdWhmYzJk https://t.me/+1a9c55bufmpiZjk0
01 Noy, 11:05

𝐘𝐄𝐒𝐔𝐔𝐒 𝐖𝐀𝐀𝐐𝐀 𝐘𝐎𝐎 𝐉𝐄𝐍𝐍𝐄 𝐄𝐄𝐍𝐘𝐔𝐔𝐍 𝐘𝐀𝐀 𝐀𝐁𝐁𝐀𝐀 𝐉𝐄𝐃𝐇𝐄𝐄 𝐊𝐀𝐃𝐇𝐀𝐓𝐀𝐀 𝐉𝐈𝐑𝐀𝐀 𝐌𝐄𝐄 𝐇𝐀𝐀 𝐈𝐋𝐀𝐀𝐋𝐋𝐔𝐔
"Yaa abbaa, kun akka fedha kee yoo ta’e, xoofoo dhiphinaa ani fudhachuudhaaf jiru kana ana irraa fuudhi; garuu akka ani jaalladhe utuu hin ta’in; akka ati jaallatte haa ta’u! jedhe. “Yommus ergamaan Waaqayyoo tokko isa jajjabeessuudhaaf waaqa irraa itti mul’ate. Muddama isaa keessattis ittuma cimsee kadhate; dafqi isaas akka coccopha dhiigaa lafatti gad rooba ta’e”." [Luqaas 22:42-44] Yesus Kiristos osoo akka Kiristiyaanonni jedhan; cubbuu isaaniitiif du’uu fi fannoo irratti fannifamuuf dhufee maaliif du’a jibba ?. Ammas erga kaayyoon dhufeef kana ta’ee, maaliif du’uu dhabuu Rabbii isaa kadhata ? "Gara sa’aatii salgaffaatti Yesus sagalee guddaadhaan “Elii, Elii lamaa sabaktanii?” jedhee waammate; kunis, “Waaqayyo ko, Waaqayyo koo maaliif na dhuufte?” jechuutti in hiikama." [Maatewos 27:46] [Yeroo Rabbiin jedhes [yaadadhu]: “Yaa Iisaa! Ani si raffisaadha. Gara kiyyattis ol si fuudhaadha. Isaan kafaran irraas si qulqulleessaadha. Isaan si hordofanis hanga guyyaa qiyaamaatti warra kafaran irratti ol taasisaadha. Ergasii deebiin keessan gara kiyya; waan isin isa keessatti wal dhabaa turtan keessattis gudduu keessanitti nan murteessa.”] (Qur'aana Suuratu Aal- Imraan 3:55) Hubachiisa dabalataa kan Yesus Kiristos fannifamuu dhabuu isaa nuu mirkaneessan; ❖ Du’uu isaa kan dubbate Maatewoosii fi Luqaasiidha. Luqaas immoo ofii isaatiyyuu barataa isaa hin turre, maatewos immoo du’a isaatii fi rarraafama isaa hin argine, barattoota kaanneen wajjiin baqatee ture, wanti amantaan tokko irratti ijaaramu immoo ragaa qabatamaadha. Yoo raga qabatamaa hin qabaatin ni darbama. ❖ Maatewosii fi Luqaas, akka kitaabban seenaa Kiristiyaanaa jedhutti; Wangeelota isaanii yemmuu barreessan Wangeela Maarqos waan of harkaa qabaniif Wangeela isaa kana irraas immoo yaada hedduu irraa akka fudhatanii fi koppii godhatantu dubbatama. Sababni isaas Wangeelli jalqaba barreeffame Wangeela Maarqosidha. Innis immoo ofii isaatiyyuu barataa Yesus hin turre. ❖ Macaafni Maatewos afaan ibraayistiin barreesse waan du’a Yesusi fi rarraafama isaas hin dubbatu, kan afaan Girikii immoo kan inni barreesse miti, nama biraatu hiike, namni hiikes hin beekamu. ❖ Barattoonni Yesus tokkoo iyyuu kan Yesus bira dhaabbate hin jiru, hundinuu ni baqatan. [Maarqos 14:50], [Yohannis 16:32] irra ilaalaa. ❖ Namoonni isa qabuuf dhufan ni gaggaban, yeroon sun immoo yeroo inni gama samiitti ol-fuudhameedha. [Yohannis 18:6] ❖ Macaafni Kakuu Moofaan waa’ee du’a isaa rarraafamuu isaa hin dubbatu. ❖ Namni rarraafamu abaaramaadha. [Ergaa Gara warra Galaatiyaa 3:13] Walumaagalatti fannifamuu isaa Qur’aanni Kabajamaan ifaan ifatti mormee jira. Macaafni Qulqulluun amma harka Kiristiyaanotaa jirus kanuma gargaara malee hin faallessu nama hubateef. Yihuudicha Yesusin gane nama “𝗬𝗶𝗱𝘂𝘂𝘇𝗮𝗹-𝗜𝘀𝗸𝗮𝗿𝘆𝗼𝗼𝘇” jedhamu Rabbiin bifaa fi haasawaan akka Yesus Kiristos wajjiin wal-fakkaatu taasisee Israa’eloonni Namticha ganaa kana fannisuun ajjeesuu isaanii Wangeelli Barnaabaas addeessee jira. وَقَوْلِهِمْ إِنَّا قَتَلْنَا الْمَسِيحَ عِيسَى ابْنَ مَرْيَمَ رَسُولَ اللَّهِ وَمَا قَتَلُوهُ وَمَا صَلَبُوهُ وَلَٰكِن شُبِّهَ لَهُمْ ۚ وَإِنَّ الَّذِينَ اخْتَلَفُوا فِيهِ لَفِي شَكٍّ مِّنْهُ ۚ مَا لَهُم بِهِ مِنْ عِلْمٍ إِلَّا اتِّبَاعَ الظَّنِّ ۚ وَمَا قَتَلُوهُ يَقِينًا [Ammas waan isaan “nuti Masiih Iisaa ilma Maryam, ergamaa Rabbii, ajjeefnee jirra” jedhaniif (isaan abaarre) Isaaniitti fakkeeffame malee isa hin ajjeefne; hin fannisnes. Dhugumatti, isaan isa keessatti wal dhaban isa irraa shakkii keessa jiru. Yaada hordofuu malee isa irratti beekumsa homaatuu hin qaban. Qabatamaatti isaan isa hin ajjeefne.] (Qur'aana 4:157) بَل رَّفَعَهُ اللَّهُ إِلَيْهِ ۚ وَكَانَ اللَّهُ عَزِيزًا حَكِيمًا [Dhugumatti Rabbiin gara isaatti ol isa fuudhe. Rabbiin injifataa, ogeessa ta'e.] (Qur'aana 4:158) Kanaafuu nu Muslimtoonni woggaa woggaan akka Yesus Kiristos hin ajjeefamin, hin fannifamin ragaa bahaa jiraanna. 𝐀𝐝𝐬 𝐂𝐡𝐚𝐧𝐧𝐞𝐥𝐬: 👇👇 https://t.me/Seyiful_Islam https://t.me/Rafiiqul_Islaam https://t.me/Furqaan_Official
29 Okt, 14:03

𝐀𝐦𝐚𝐧𝐭𝐢𝐢 𝐊𝐢𝐫𝐢𝐬𝐭𝐚𝐚𝐧𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚
Kiristaanummaan Amantii Seemii Kan Addunyaa Guutuu keessa Hordoftoota Bili'oona lama qaba jedhamuudha. Kiristaanummaan maqaa isaa Iyyasuus Kiristoos (NIJ) irraa fudhate. Iyyesuus (NIJ) Islaamummaa keessattis bakka guddaa qaba. Amantiiwwaan Kiristaanummaadhaan ala jiran keessaa kan Iyyasuusitti Amanu Amantii irraa lakkaa'u ( isatti Amanuu dirqama godhu) Islaamummaa qofa. Osoo Yaad-Rimee waa'ee rabbii Kiristaanummaa keessatti maal akka tahe hin ibsin dura iddoo Iyyasuus Islaamummaa keessatti qabu haa ilaallu: 𝐀, Amantiiwwan kiristaanummaa ala jiran keessaa kan Iyyasuusitti Amanu Amantii irraa lakkaa'uu Islaamummaa qofa. Akka Islaamaatti Namni muslimaa tokko yoo Iyyasuusitti hin Amanin Muslima tahuu hin danda'uu 𝐁, Iyyasuus (NIJ) ergamoota Rabbii gurguddaa keessaa tokko ta'uu isaa ni Amanna. 𝐂, Iyyasuus (NIJ) haala raajiitiin ( Miraculously) osoo dhiirri qooda keessaa hin qabaatin (𝐎𝐬𝐨𝐨 𝐰𝐨𝐥-𝐪𝐮𝐧𝐧𝐚𝐦𝐭𝐢𝐢𝐧 𝐬𝐚𝐚𝐥𝐚 𝐝𝐡𝐢𝐢𝐫𝐚𝐚 𝐟𝐢 𝐝𝐮𝐛𝐚𝐫𝐭𝐢𝐢 𝐣𝐢𝐝𝐝𝐮𝐮𝐭𝐭𝐢 𝐡𝐢𝐧 𝐚𝐝𝐞𝐞𝐦𝐬𝐢𝐟𝐚𝐦𝐢𝐧) dhalate jennee Amanna. Yaada kana bara Ammayyaa kana kiristaanonniyyuu amanuu dhabuu danda'u. 𝐃, Iyyasuus (NIJ) Eeyyama rabbiitiin du'aa fayyisee jira jennee Amanna. 𝐄, Iyyasuus (NIJ) eeyyama rabbiitiin jaamaafii lamxii fayyisee jira jennee Amanna. Erga Muslimnii fi Kiristaannis Iyyasuusiin (NIJ) kan jaallatanii fi kan kabajan ta'ee kan garaa garummaan guddaan jidduu 𝐊𝐢𝐫𝐢𝐬𝐭𝐚𝐚𝐧𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚 𝐟𝐢 𝐈𝐬𝐥𝐚𝐚𝐦𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚 jiru, Kiristaanonni waaqummaa Iyyasuusitti Amanu. Garuu akka Qo'annaan kitaaba qulqulluu kiristaanaa ibsutti Iyyasuus (NIJ) Waaqummaa ofii hin himanne (𝐀𝐧𝐢 𝐖𝐚𝐚𝐪𝐚 𝐎𝐟𝐢𝐢𝐧 𝐇𝐢𝐧 𝐉𝐞𝐧𝐧𝐞) dhugaa dubbachuudhaaf wongeela keessa jechi ykn keeyyatni tokko kan Iyyasuus "𝐀𝐧𝐢 𝐖𝐚𝐚𝐪𝐚" ofiin jedhe ykn "𝐍𝐚 𝐆𝐚𝐛𝐛𝐚𝐫𝐚𝐚" jedhe hin argamu wangoolli waa'ee iyyasuus ilaalchisee faallaa kanaa ibsa. Iyyasuusiin (NIJ) Ilaalchisee waan wongeelli jedhu keeyyattoota armaan gadii keessatti ilaali. - “..... 𝐀𝐛𝐚𝐚𝐧 𝐤𝐢𝐲𝐲𝐚 𝐚𝐧𝐚 𝐢𝐫𝐫𝐚 𝐠𝐮𝐝𝐝𝐚𝐚𝐝𝐡𝐚." [ 𝐘𝐨𝐡 14:24] - " 𝐀𝐛𝐛𝐚𝐚𝐧 𝐤𝐢𝐲𝐲𝐚 𝐰𝐚𝐚 𝐡𝐮𝐧𝐝𝐚 𝐢𝐫𝐫𝐚 𝐠𝐮𝐝𝐝𝐚𝐚𝐝𝐡𝐚" [ 𝐘𝐨𝐡 10:29] - " 𝐀𝐧𝐢 𝐀𝐟𝐮𝐮𝐫𝐚 𝐫𝐚𝐛𝐛𝐢𝐢𝐭𝐢𝐢𝐧𝐚𝐧 𝐬𝐞𝐞𝐱𝐚𝐧𝐚 𝐟𝐚𝐠𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚..." [ 𝐌𝐚𝐚𝐭 12:28] - " 𝐇𝐚𝐫𝐤𝐚 𝐫𝐚𝐛𝐛𝐢𝐢𝐭𝐢𝐢𝐧 𝐬𝐞𝐞𝐱𝐚𝐧𝐚 𝐟𝐚𝐠𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚...." [ 𝐋𝐮𝐪 11:20] - " 𝐀𝐧𝐢 𝐨𝐟𝐢𝐢 𝐤𝐢𝐲𝐲𝐚𝐚 𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐭𝐨𝐤𝐤𝐨 𝐠𝐨𝐝𝐡𝐮𝐮 𝐡𝐢𝐧 𝐝𝐚𝐧𝐝𝐚'𝐮. 𝐀𝐤𝐤𝐮𝐦𝐚 𝐝𝐡𝐚𝐠𝐚𝐡𝐞𝐭𝐭𝐢𝐧 𝐦𝐮𝐫𝐭𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚. 𝐌𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝐤𝐢𝐲𝐲𝐚𝐚𝐧 𝐟𝐞𝐝𝐡𝐢𝐢 𝐀𝐛𝐛𝐚𝐚 𝐢𝐬𝐚 𝐧𝐚 𝐞𝐫𝐠𝐞𝐞𝐧 𝐛𝐚𝐫𝐛𝐚𝐚𝐝𝐚 𝐦𝐚𝐥𝐞𝐞 𝐟𝐞𝐝𝐡𝐢𝐢 𝐤𝐢𝐲𝐲𝐚 𝐡𝐢𝐧 𝐛𝐚𝐫𝐛𝐚𝐚𝐝𝐮." Channel koo haaraa kana join godhaa! 👇👇👇👇👇 https://t.me/Rafiiqul_Islaam/17
24 Okt, 22:54

Gaaffii Quiz Seenaa Islaamaa Sahaabichi Rasuulli ﷺ: “Ati kophaa kee deemta, kophaa kee duuta, kophaa kee kaafamta” jedhaniin eenyu?
Anonymous voting
23 Okt, 12:08

Yaa Kiristaanotaa! maaliif jecha Yesus Kiristos hordofuu dhiiftanii, bariisa jal'oo waldaa hordoftan...? Yesus Kiristos waa'ee ofii isaa maal barsiise jettanii osoo macaafa qulqulluu dubbiftanii, macaafichuu gara amantaa dhugaa (Islaamummaatti) isin geessa ture. Yesus Kiristos waa'ee ofii ilaalchisee dubbatee jira. Jechoonni isaas; inni Rabbis ta’e ilma Rabbiis akka hin taane, garbicha Rabbii fi ergamaa isaa ta’uu isaa siif mirkaneessuuf gahaa dha. 🛑 1. Ani hojjataa dha. “Dhuguma, dhuguman isinitti hima, hojjetaan isa isa hojjechiifatu irra hin caalu, inni ergames isa ergate irra hin caalu.” (Yohannis 13:16) 🛑 2. RABBIIN na caala'o. “... abbaan na caala'o.” (Yohannis 14:28) 🛑 3. Ani RABBII gabbaru qaba. “Yesus immoo, “Ana hin qabin! Ani amma iyyuu gara abbaatti ol hin baane; gara obboloota koo dhaqii, ‘Ani gara abbaa kootii fi abbaa keessaniitti, gara Waaqayyo kootii fi Waaqayyo keessaniitti ol nan ba'a’ jedhii isaanitti anaaf himi!” jedhee ishee abboome.” (Yohannis 20:17) 🛑 4. Ani Nama. “Ani dhugicha isan Waaqayyo irraa dhaga'e isinitti himeera; isin garuu ana nama akkasii ajjeesuu barbaaddu; Abrahaam akka kana hin hojjenne.” (Yohannis 8:40) 🛑 5. Rabbii tokkicha malee gaariin hin jiru. “Yesus immoo, “Maaliif gaarii naan jetta? Waaqayyo isa tokkicha duwwaa malee, namni gaariin tokko illee hin jiru.” (Maarqos 10:18) 🛑 6. Ani Rabbii koo irraa waan dhagahe qofa murteessa. “Yesus itti dabalee, “Ani humna kootiin homaa gochuu hin danda'u; abbaa koo irraa akkan dhaga'etti nan farada; firdiin ani faradus qajeelaa dha. Anoo yaada koo duukaa bu'uu hin barbaadu, yaada isa ana ergee duukaan bu'a malee.” (Yohannis 5:30) 🛑 6. Yesus Kiristos halkan guutuu Rabbii salaataa bule. “Yeroo sanatti Yesus gara gaaraatti ol ba'ee, achitti halkan guutuu Waaqayyoon kadhachaa bule.” (Luqaas 6:12) 🛑 7. Yesus Rabbii isaatii sujuuduun adda isaatiin lafatti ka gombifamu ture. “.... Xinnoos irraa hiiqee adda isaatiin gombifamee, “Yaa abbaa ko! In danda'ama yoo ta'e xoofoon dhiphinaa kun ana irra haa darbu, garuu akka jaalala koo miti, akka jaalala kee haa ta'u malee” jedhee kadhate.” (Maatewos 26:39) 🛑 8. Yesus Rabbii isaa kadhachaa, isattis warwaataa ture. “Yaa abbaa ko! In danda'ama yoo ta'e xoofoon dhiphinaa kun (xoofoon fannoo fi du'aa jechuu dha.) ana irra haa darbu, garuu akka jaalala koo miti, akka jaalala kee haa ta'u malee jedhee kadhate.” (Maatewos 26:39) 🛑 9. Yesus Rabbii isa uume waaqessaa, isas tokkochoomsaa ture. “Si Waaqayyo isa tokkicha, isa dhugaa, Yesus Kristosin isa ati ergites beekuun isaanii jireenya bara baraa ti.” (Yohannis 17:3) 🛑 10. Yesus Kiristos Rabbii tokkichatti nama yaamaa ture. “Yesus deebisee, “Inni hundumaa irra caalu, ‘Dhaga'i, yaa Israa'el! Gooftichi Waaqayyo keenya kophaa isaa gooftaa dha.” (Maarqos 12:29) 🛑 11. Yesus Kiristos tokkichummaa Rabbii qofatti nama ajajaa, shir*kii irraa nama dhoorkaa ture. “Lafa irratti nama akka abbaatti hin waammatinaa! Abbaan keessanoo tokko, innis isa waaqa irraa ti.” (Maatewos 23:9) Kunniin jechoota muraasa Yesus Kiristos waa'ee ofii ilaalchisee dubbatee dha. Jechoota kana keessa iddoon Yesus itti ana waaqessaa jedhe hin jiru, akkasumas iddoon waa'ee sillaasee (trinity) keessatti barsiises hin jiru. Kanaafuu; Yaa Kiristaanotaa! maaliif jecha Yesus hordofuu dhiiftanii, bariisa jal'oo waldaa hordoftan? 𝗤𝗼𝗽𝗵𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝗮𝗻: 😀 Ifaa Dhugaa Barruu tana walii qoodaa keeyrii tana facaasaa. Jzk ❤️ Chaanaalii kiyya join taasisaa👇
22 Okt, 13:58

16, 𝐘𝐄𝐒𝐔𝐔𝐒 𝐄𝐄𝐍𝐘𝐔𝐓𝐓𝐈 𝐀𝐌𝐀𝐍𝐀𝐀 𝐉𝐈𝐑𝐄𝐄𝐍𝐘𝐀 𝐁𝐀𝐑𝐀 𝐁𝐀𝐑𝐀𝐀 𝐀𝐑𝐆𝐀𝐓𝐓𝐔𝐔 𝐉𝐄𝐃𝐇𝐄𝐄 𝐁𝐀𝐑𝐒𝐈𝐈𝐒𝐀𝐀 𝐓𝐔𝐑𝐄𝐄? 𝐀𝐍𝐀𝐓𝐓𝐈𝐌𝐎𝐎 𝐖𝐀𝐀𝐐𝐀𝐓𝐓𝐈 𝐀𝐌𝐀𝐍𝐀𝐀 𝐉𝐄𝐃𝐇𝐄𝐄?
Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; namni dubbii koo dhagaʼu, isa na ergettis kan amanu hundi jireenya bara baraa qaba; murtiittis hin dhiʼaatu; inni duʼa jalaa gara jireenyaatti darbeera. Yohannis 5:24
17, 𝐘𝐄𝐒𝐔𝐔𝐒 𝐍𝐀𝐌𝐍𝐈 𝐉𝐄𝐍𝐍𝐀𝐓𝐀 𝐆𝐀𝐋𝐔 𝐁𝐀𝐑𝐁𝐀𝐀𝐃𝐔 𝐔𝐋𝐀𝐀𝐆𝐀𝐀𝐋𝐄𝐄 𝐌𝐀𝐀𝐋 𝐆𝐔𝐔𝐓𝐔𝐔 𝐐𝐀𝐁𝐔 𝐉𝐄𝐃𝐇𝐄𝐄 𝐁𝐀𝐑𝐒𝐈𝐈𝐒𝐀𝐀 𝐓𝐔𝐑𝐄𝐄?
Jireenyi bara baraas kana: innis akka isaan siʼi Waaqa dhugaa tokkichaa fi Yesuus Kiristoos isa ati ergite sana beekaniif. Yohannis 17:3
18, 𝐘𝐄𝐒𝐔𝐔𝐒 𝐍𝐔𝐔𝐅 𝐄𝐑𝐆𝐀𝐌𝐄 𝐉𝐄𝐃𝐇𝐀𝐍𝐈𝐈 𝐖𝐎𝐑𝐑𝐎𝐎𝐍𝐍𝐈 𝐘𝐀𝐀𝐃𝐀𝐍 𝐈𝐒𝐀𝐀𝐍𝐓𝐔 𝐖𝐎𝐑𝐑𝐎𝐎𝐓𝐀 𝐈𝐒𝐑𝐀𝐀'𝐈𝐋𝐈𝐈𝐓𝐈𝐈?
Isaanis akkana jedhanii deebisaniif; “Beetlihem Yihuudaatti dhalata; kunis dubbii raajichi, “ ‘Yaa Beetlihem ishee biyya Yihuudaa, ati gonkumaa bulchitoota Yihuudaatii gad miti; bulchaan saba koo Israaʼelin tiksu si keessaa ni baʼaatii’ jedhee barreesse sanaa dha.”” Maatewos 2:5-6
19, 𝐘𝐄𝐒𝐔𝐔𝐒 𝐄𝐄𝐍𝐘𝐔𝐔𝐅 𝐄𝐑𝐆𝐀𝐌𝐄
Waaqni akka inni Israaʼeliif qalbii jijjiirrachuu fi dhiifama cubbuu kennuuf jedhee bulchaa fi Fayyisaa godhee mirga ofiitti ol ol isa qabe. Hojii 5:31 “'Ati yaa Betlihem ishee biyya Yihudaa keeessaa! Ati mandaroota gurguddoota Yihudaa hundumaa irra hin xinnaattu; si keessaa kan mo'u tokko saba koo Israa'eliin kan, bulchu in ba'a' kan jedhu jira" jedhan.”   — Mat. 2:6 𝐐𝐨𝐩𝐡𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐚𝐧: 𝑹𝒂𝒇𝒊𝒊𝒒𝒖𝒍 𝑰𝒔𝒍𝒂𝒂𝒎 𝑵𝒂𝒎𝒐𝒐𝒏𝒏𝒊 𝑩𝒂𝒓𝒓𝒖𝒖 𝑲𝒂𝒏𝒂 𝑫𝒖𝒃𝒃𝒊𝒔𝒕𝒂𝒏 𝑯𝒖𝒏𝒅𝒊 𝑲𝒆𝒆𝒔𝒔𝒂𝒏𝒖𝒖 𝑬𝒓𝒈𝒂 𝑫𝒖𝒃𝒃𝒊𝒔𝒕𝒂𝒏𝒊𝒊 𝑲𝒂𝒂𝒕𝒂𝒏𝒊𝒊 𝑳𝒂𝒎𝒎𝒊𝒊𝒘𝒘𝒂𝒏 𝑲𝒆𝒆𝒏𝒚𝒂 𝑲𝒂𝒏 𝑲𝒊𝒓𝒊𝒔𝒕𝒂𝒂𝒏𝒐𝒕𝒂𝒂𝒕𝒊𝒊𝒇 𝑺𝒉𝒂𝒓𝒆 𝑮𝒐𝒄𝒉𝒖𝒖 𝑯𝒊𝒏 𝑫𝒂𝒈𝒊𝒕𝒊𝒏𝒂𝒂 𝑱𝒛𝒌. 𝑾𝒐𝒔𝒔𝒂𝒍𝒂𝒂𝒎𝒖 𝑨𝒍𝒂𝒚𝒊𝒌𝒖𝒎 𝑾𝒐𝒓𝒂𝒉𝒎𝒂𝒕𝒖𝒍𝒍𝒂𝒂𝒉𝒊 𝑾𝒐𝒃𝒂𝒓𝒂𝒌𝒂𝒂𝒕𝒖𝒉𝒖𝒖. https://t.me/Rafiiqul_Islaam/920
20 Okt, 08:23

11, 𝐘𝐄𝐒𝐔𝐔𝐒 𝐆𝐀𝐑𝐁𝐈𝐂𝐇𝐀 𝐑𝐀𝐁𝐁𝐈𝐈𝐓𝐈 𝐉𝐄𝐂𝐇𝐔𝐔 𝐃𝐈𝐃𝐃𝐀𝐀𝐅 𝐘𝐄𝐑𝐎𝐎 𝐖𝐎𝐑𝐑𝐎𝐎𝐍𝐍𝐈 𝐊𝐈𝐑𝐈𝐒𝐓𝐀𝐀𝐍𝐀𝐀 𝐘𝐄𝐒𝐔𝐔𝐒 𝐇𝐎𝐉𝐉𝐀𝐓𝐀𝐀 𝐖𝐀𝐀𝐐𝐀𝐀𝐓𝐈 𝐉𝐄𝐃𝐇𝐀𝐍
Tajaajilaan koo inni ani filadhe, inni ani jaalladhuu fi inni ani itti gammadu isa kana; ani Hafuura koo isa irra nan kaaʼa; innis sabootatti murtii qajeelaa ni labsa. Maatewos 12:18 Waaqni abbootii keenyaa, Waaqni Abrahaam, Waaqni Yisihaaqii fi Waaqni Yaaqoob tajaajilaa isaa Yesuusin kabajeera. Isin garuu akka inni ajjeefamuuf dabarsitanii isa kennitan; Phiilaaxoos gad isa dhiisuu murteessu iyyuu isin fuuluma Phiilaaxoos duratti isa haaltan. Hojii 3:13
12, 𝐘𝐄𝐒𝐔𝐔𝐒 𝐇𝐎𝐉𝐉𝐀𝐓𝐀𝐀 𝐖𝐀𝐀𝐐𝐀𝐀 𝐎𝐃𝐎𝐎 𝐇𝐈𝐍 𝐓𝐀𝐀𝐍𝐄𝐄 𝐆𝐀𝐑𝐁𝐈𝐂𝐇𝐀 𝐑𝐀𝐁𝐁𝐈𝐈 𝐊𝐀𝐍 𝐃𝐇𝐔𝐆𝐀𝐀 𝐓𝐀'𝐔𝐔 𝐈𝐒𝐀𝐀 𝐑𝐀𝐆𝐀𝐀𝐍 𝐌𝐈𝐑𝐊𝐀𝐍𝐄𝐄𝐒𝐒𝐔𝐔 𝐊𝐀𝐊𝐔𝐔 𝐇𝐀𝐀𝐑𝐀𝐖𝐀 𝐊𝐄𝐄𝐒𝐒𝐀𝐀 𝐖𝐎𝐉𝐉𝐈𝐍 𝐇𝐀𝐀 𝐈𝐋𝐀𝐀𝐋𝐋𝐔𝐔
Inni hamma diinota isaa hunda miilla isaa jala galfatutti moʼuu qabaatii. 1 Qorontos 15:25
13, 𝐘𝐄𝐒𝐔𝐔𝐒𝐈𝐈𝐍 𝐖𝐀𝐀𝐐𝐀𝐓𝐔 𝐈𝐒𝐀 𝐄𝐑𝐆𝐀𝐓𝐄𝐌𝐎𝐎 𝐎𝐅𝐈𝐈𝐍 𝐃𝐇𝐔𝐅𝐄
Yesuus utuu mana qulqullummaa keessatti barsiisuu sagalee isaa ol fudhatee akkana jedhe; “Isin na beektu; akka ani eessaa dhufe illee beektu. Ani ofii kootiin hin dhufne; inni na erge sun dhuga qabeessa. Isin garuu isa hin beektan;” Yohannis 7:28 Yesuusis akkana jedheen; “Ani yeroo gabaabaa isin wajjin jira; ergasii gara isa na erge sanaa nan dhaqa.” Yohannis 7:33
14, 𝐀𝐍𝐈 𝐄𝐑𝐆𝐀𝐌𝐄𝐄𝐍 𝐃𝐇𝐔𝐅𝐄 𝐉𝐄𝐃𝐇𝐄𝐄𝐍 𝐘𝐎𝐎 𝐌𝐀𝐀𝐋 𝐉𝐄𝐍𝐍𝐄𝐓𝐔 𝐌𝐀𝐐𝐀𝐀 𝐒𝐈𝐑𝐑𝐈𝐈𝐓𝐈𝐈
Kanaafuu yaa obboloota qulqulloota, warra waamicha samii keessatti hirmaattan, Yesuus ergamaa fi luba ol aanaa amantii keenyaa sana ilaalaa. Ibroota 3:1 As-Saf 61:6 وَإِذْ قَالَ عِيسَى ٱبْنُ مَرْيَمَ يَٰبَنِىٓ إِسْرَٰٓءِيلَ إِنِّى رَسُولُ ٱللَّهِ إِلَيْكُم مُّصَدِّقًا لِّمَا بَيْنَ يَدَىَّ مِنَ ٱلتَّوْرَىٰةِ وَمُبَشِّرًۢا بِرَسُولٍ يَأْتِى مِنۢ بَعْدِى ٱسْمُهُۥٓ أَحْمَدُۖ فَلَمَّا جَآءَهُم بِٱلْبَيِّنَٰتِ قَالُوا۟ هَٰذَا سِحْرٌ مُّبِينٌ Amharic - Sadiq/Sani Habib የመርየም ልጅ ዒሳም፡- «የእስራኤል ልጆች ሆይ! እኔ ከተውራት በፊቴ ያለውን የማረጋግጥና ከእኔ በኋላ በሚመጣው መልክተኛ ስሙ አሕመድ በኾነው የማበስር ስኾን ወደእናንተ (የተላክሁ) የአላህ መልክተኛ ነኝ» ባለ ጊዜ (አስታውስ)፡፡ በግልጽ ተዓምራቶች በመጣቸውም ጊዜ «ይህ ግልጽ ድግምት ነው» አሉ፡፡ Oromo - Ghali Apapur Apaghuna Yeroo Iisaa Ibni Maryam "yaa Banii Israa'iil! Ani Ergamaa Rabbii kan waan Tawraatiin keessatti na dura bu'e dhugoomsuufi ergamaa na booda dhufu kan maqaan isaa Ahmad ta'een (isin) gammachiisu ta'ee gara keessan ergame" jedhe [yaadadhaa]Yeroma inni ragaawwan ifaan isaanitti dhufes "kun 'sihrii' (falfala) ifa galaa dha" jedhan. Al-Ma'idah 5:75 مَّا ٱلْمَسِيحُ ٱبْنُ مَرْيَمَ إِلَّا رَسُولٌ قَدْ خَلَتْ مِن قَبْلِهِ ٱلرُّسُلُ وَأُمُّهُۥ صِدِّيقَةٌۖ كَانَا يَأْكُلَانِ ٱلطَّعَامَۗ ٱنظُرْ كَيْفَ نُبَيِّنُ لَهُمُ ٱلْءَايَٰتِ ثُمَّ ٱنظُرْ أَنَّىٰ يُؤْفَكُونَ Amharic - Sadiq/Sani Habib የመርየም ልጅ አልመሲሕ ከበፊቱ መልክተኞች በእርግጥ ያለፉ የኾነ መልክተኛ እንጅ ሌላ አይደለም፡፡ እናቱም በጣም እውነተኛ ናት፡፡ (ሁለቱም) ምግብን የሚበሉ ነበሩ፤ አንቀጾችን ለነርሱ (ለከሓዲዎች) እንዴት እንደምናብራራ ተመልከት ከዚያም (ከእውነት) እንዴት እንደሚመለሱ ተመልከት፡፡ Oromo - Ghali Apapur Apaghuna Masiih Ilma Maryam ergamaa isa dura ergamoonni dabran malee homaa mitiHaati isaas akkaan dhugoomsituudhaLamaanuu nyaata kan nyaatan turanAkkamitti akka keeyyattoota ifa isaaniif taasifnu ilaaliErgasiis akkamitti akka isaan (dhugaa irraa) garagalan ilaali.
15, 𝐊𝐀𝐀𝐘𝐘𝐎𝐎 𝐘𝐄𝐒𝐔𝐔𝐒 𝐄𝐑𝐆𝐀𝐌𝐄𝐄 𝐃𝐇𝐔𝐅𝐄 𝐌𝐀𝐀𝐋𝐈?
Ani ofii kootiin waan tokko illee gochuu hin dandaʼu; ani akkuman dhagaʼutti nan murteessa; ani fedhii isa na ergee malee fedhii mataa kootii waan hin barbaanneef murtiin koo qajeelaa dha. Yohannis 5:30 Yesuus immoo akkana jedheen; “Nyaanni koo fedhii isa na ergee guutuu fi hojii isaa raawwachuu dha.” Yohannis 4:34 https://t.me/Rafiiqul_Islaam/919
20 Okt, 08:23

𝑸𝑨𝑩𝑿𝑰𝑰𝑳𝑬𝑬 𝑴𝑨𝑨𝑳𝑼𝑴𝑴𝑨𝑨 𝒀𝑬𝑺𝑼𝑼𝑺 𝑰𝑩𝑺𝑼 𝑲𝑨𝑵𝑨 𝑯𝑨𝑮𝑨 𝑹𝑨𝑩𝑩𝑰 𝑵𝑼𝑼𝑭 𝑳𝑨𝑨𝑭𝑭𝑰𝑺𝑬𝑬𝑵 𝑳𝑨𝑴𝑴𝑰𝑰𝑾𝑾𝑨𝑵 𝑲𝑬𝑬𝑵𝒀𝑨 𝑲𝑨𝑵 𝑲𝑰𝑹𝑰𝑺𝑻𝑨𝑨𝑵𝑨𝑨 𝑩𝑰𝑹𝑨𝑨𝑵 𝑯𝑨𝑨 𝑮𝑬𝑬𝑵𝒀𝑼𝑼!!
𝑱𝑶𝑰𝑵 𝑴𝒀 𝑪𝑯𝑨𝑵𝑵𝑬𝑳 @RAFIIQUL_ISLAAM
1, 𝐘𝐄𝐒𝐔𝐔𝐒 𝐍𝐀𝐌𝐀 𝐓𝐀𝐇𝐔𝐔 𝐑𝐀𝐆𝐀𝐀𝐃𝐇𝐀𝐀𝐍 𝐇𝐀𝐀 𝐈𝐋𝐀𝐀𝐋𝐋𝐔𝐔
Yaa namoota Israaʼel, dubbii kana dhagaʼaa; akkuma isinuu beektan, Yesuus namni Naazreeti nama Waaqni dinqii, raajii fi mallattoo karaa isaatiin isin gidduutti hojjeteen isinii mirkaneessee dha. Hojii 2:22
2, 𝐘𝐄𝐒𝐔𝐔𝐒 𝐈𝐋𝐌𝐀 𝐍𝐀𝐌𝐀𝐀 𝐓𝐀'𝐔𝐔 𝐈𝐒𝐀𝐀
Yeroo isaan Galiilaatti walitti qabamanitti inni akkana isaaniin jedhe; “Ilmi Namaa dabarfamee harka namootaatti ni kennama. ” Maatewos 17:22
3, 𝐘𝐄𝐒𝐔𝐔𝐒 𝐈𝐋𝐌𝐀 𝐍𝐀𝐌𝐀𝐀 𝐓𝐀'𝐔𝐔
Ani isinittin hima; nama fuula namootaa duratti ifaan ifatti dhugaa naa baʼu kamiif iyyuu, Ilmi Namaas fuula ergamoota Waaqaa duratti dhugaa ni baʼa. Luqaas 12:8
4, 𝐇𝐈𝐃𝐃𝐀 𝐃𝐇𝐀𝐋𝐎𝐎𝐓𝐀 𝐘𝐄𝐒𝐔𝐔𝐒 𝐊𝐈𝐑𝐈𝐒𝐓𝐎𝐎𝐒 𝐒𝐀𝐍𝐘𝐈𝐈 𝐃𝐀𝐀𝐖𝐈𝐓 𝐓𝐀'𝐔𝐔 𝐈𝐒𝐀𝐀
Hiddi dhaloota Yesuus Kiristoos sanyii Daawit, sanyii Abrahaam taʼe sanaa kanaa dha: Maatewos 1:1
5, 𝐘𝐄𝐒𝐔𝐔𝐒 𝐍𝐀𝐌𝐀𝐋𝐋𝐄𝐄 𝐖𝐀𝐀𝐐𝐀𝐋𝐋𝐄𝐄 𝐉𝐄𝐂𝐇𝐔𝐔𝐍 𝐀𝐊𝐊𝐀 𝐇𝐈𝐍 𝐃𝐀𝐍𝐃𝐀'𝐀𝐌𝐍𝐄 𝐁𝐄𝐄𝐊𝐔𝐔 𝐘𝐎𝐎 𝐅𝐄𝐄𝐓𝐀𝐍.
Yesuus Kiristoos kaleessa, harʼa, bara baraanis sanuma. Ibroota 13:8
6, 𝐖𝐀𝐀𝐐𝐍𝐈 𝐀𝐊𝐊𝐀 𝐍𝐀𝐌𝐀 𝐇𝐈𝐍 𝐓𝐀𝐀𝐍𝐄, 𝐈𝐋𝐌𝐈 𝐍𝐀𝐌𝐀𝐀𝐒 𝐀𝐊𝐊𝐀 𝐖𝐀𝐀𝐐𝐀 𝐇𝐈𝐍 𝐓𝐀𝐀𝐍𝐄 𝐖𝐀𝐀𝐐𝐍𝐈 𝐀𝐊𝐊𝐀 𝐇𝐈𝐍 𝐆𝐄𝐄𝐃𝐃𝐀𝐑𝐀𝐌𝐍𝐄 𝐌𝐈𝐑𝐊𝐀𝐍𝐄𝐄𝐅𝐅𝐀𝐂𝐇𝐔𝐔 𝐘𝐎𝐎 𝐅𝐄𝐄𝐓𝐀𝐍.
Ani dheekkamsa koo sodaachisaa sana gad hin dhiisu; yookaan ani deebiʼee Efreemin hin balleessu. Ani Waaqa malee nama miti; ani Isa Qulqulluu gidduu kee jiruu dha. Ani dheekkamsaan hin dhufu. Hooseʼaa 11:9
6, 𝐖𝐀𝐀𝐐𝐍𝐈 𝐇𝐈𝐍 𝐆𝐄𝐄𝐃𝐃𝐀𝐑𝐀𝐌𝐔 𝐇𝐈𝐍 𝐉𝐈𝐉𝐉𝐈𝐈𝐑𝐀𝐌𝐔
Ani Waaqayyo hin geeddaramu. Kanaafuu yaa ilmaan Yaaqoob isin hin barbadoofne. Miilkiyaas 3:6
7, 𝐘𝐄𝐒𝐔𝐔𝐒 𝐍𝐀𝐌𝐀𝐋𝐋𝐄𝐄 𝐖𝐀𝐀𝐐𝐀𝐋𝐋𝐄𝐄 𝐉𝐄𝐂𝐇𝐔𝐔𝐍 𝐑𝐀𝐆𝐀𝐀𝐖𝐖𝐀𝐍 𝐍𝐔 𝐃𝐇𝐎𝐑𝐆𝐀𝐍 𝐊𝐔𝐌𝐀𝐀𝐓𝐀𝐌𝐀 𝐊𝐄𝐄𝐒𝐒𝐀𝐀 𝐌𝐔𝐑𝐀𝐀𝐒𝐀
 silaa sanyiin namaa hundi walumaan bada; namnis biyyootti deebiʼa ture. Iyyoob 34:15 Ar-Rahman 55:26 كُلُّ مَنْ عَلَيْهَا فَانٍ Amharic - Sadiq/Sani Habib በእርሷ (በምድር) ላይ ያለው ሁሉ ጠፊ ነው፡፡ Oromo - Ghali Apapur Apaghuna Wanti ishee (dachii) gubbaa jiru hundi ni dhabama. Ar-Rahman 55:27 وَيَبْقَىٰ وَجْهُ رَبِّكَ ذُو ٱلْجَلَٰلِ وَٱلْإِكْرَامِ Amharic - Sadiq/Sani Habib የልቅናና የልግሥና ባለቤት የኾነው የጌታህ ፊትም ይቀራል፡፡ (አይጠፋም)፡፡ Oromo - Ghali Apapur Apaghuna Fuula Gooftaa keetii, kan guddinaafi ulfinaatu hafa.
8, 𝐘𝐄𝐒𝐔𝐔𝐒 𝐍𝐀𝐌𝐀𝐋𝐋𝐄𝐄 𝐀𝐊𝐊𝐀𝐒𝐔𝐌𝐀 𝐖𝐀𝐀𝐐𝐀𝐋𝐋𝐄𝐄 𝐉𝐄𝐂𝐇𝐔𝐔𝐍 𝐑𝐀𝐆𝐀𝐀𝐖𝐖𝐀𝐍 𝐍𝐔 𝐃𝐇𝐎𝐑𝐆𝐀𝐍 𝐊𝐔𝐌𝐀𝐀𝐓𝐀𝐌𝐀 𝐊𝐄𝐄𝐒𝐒𝐀𝐀 𝐌𝐔𝐑𝐀𝐀𝐒𝐀
 Ani Waaqayyo, Waaqa nama hundaa ti; wanni ani hin dandeenye tokko iyyuu jiraa? Ermiyaas 32:27
9, 𝐘𝐄𝐒𝐔𝐔𝐒 𝐆𝐀𝐑𝐁𝐈𝐂𝐇𝐀 𝐖𝐀𝐀𝐐𝐀𝐀 𝐓𝐀'𝐔𝐔 𝐈𝐒𝐀𝐀 𝐑𝐀𝐆𝐀𝐀 𝐊𝐀𝐊𝐔𝐔 𝐌𝐎𝐎𝐅𝐀𝐀 𝐊𝐄𝐄𝐒𝐒𝐀?
? Tajaajilaan koo inni ani utubee dhaabu, filatamaan koo kan ani itti gammadu isa kana; ani Hafuura koo isa irra nan kaaʼa; inni sabootaaf murtii qajeelaa ni kenna. Isaayyaas 42:1
10, 𝐘𝐄𝐒𝐔𝐔𝐒 𝐆𝐀𝐁𝐑𝐈𝐂𝐇𝐀 𝐓𝐀'𝐔𝐔 𝐑𝐀𝐆𝐀𝐀 𝐐𝐔𝐑'𝐀𝐀𝐍𝐀𝐀
Maryam 19:30 قَالَ إِنِّى عَبْدُ ٱللَّهِ ءَاتَىٰنِىَ ٱلْكِتَٰبَ وَجَعَلَنِى نَبِيًّا Amharic - Sadiq/Sani Habib (ሕፃኑም) አለ «እኔ የአላህ ባሪያ ነኝ፡፡ መጽሐፍን ሰጥቶኛል ነቢይም አድርጎኛል፡፡» Oromo - Ghali Apapur Apaghuna Innis (daa’imichis) ni jedhe: “Dhugumatti, ani gabricha RabbiitiInni kitaaba naaf kenneera; nabiyyiis na taasisee jira. https://t.me/Rafiiqul_Islaam/918
20 Okt, 08:23

AMANTAA QABAACHUU IYYASUUS Iyyasuus kiristoos Amantaa kiristaanaa odoo hin taane amantaa Islaamaa hordofaa ture. Inni muslima malee kiristaanaa miti. Garuu kiristaanonni hedduun isaanii Iyyasuus kiristaanummaa barsiiseera amantaa jedhan qaban. Inni kiristaanummaa odoo hin taane Islaamummaa barsiisaa ture. Sababbiin isaas, inni Nabiyyii Islaamaati. Kana yeroon jedhu qabatama ragaa dhugaa irratti hundaa'eeti. Macaafa qulqulluu keessatti ragaan qabatamaan heddutu jiru. Garuu mee wangeelaa  Afranii fi Qur'aana irratti haa xiyyeeffannuu. Wangeelota Afran kanneen jedhaman; Wangeela Maatiwoos, luqaas, Maarqoosii fi Yuhaannisi. " Yesusis guutummaa Galiilaa keessa naanna'ee, manneen sagadaa isaanii keessatti barsiisaa, wangeela mootummaa Waaqayyoo lallabaa, namootas dhukkubaa fi dhibee hundumaattii fayyisaa ture." (Wangeela Maatiwoos 4: 23) " "Egaa akka warri of argisiiftuun namoota biratti galateeffamuudhaaf jedhanii, manneen sagadaa fi karaa keessatti godhan, ati yeroodhuma arjoomtu hundumaatti kana of duratti hin odeessifatin! Dhuguman isinitti hima, isaan kun gatii isaanii argataniiru. " (Wangeela Maatiwoos 6: 2) Dabalataaniis, wangeela maatiwoos 6:2, 9:23, 9:35, 10:17, 12:9, 13:54 jalatti dubbatameera. Wangeela Maatiwoos 9:23 xiinxaluun yeroo ilaalle; " Yesus mana geggeessituu sanaa bira yommuu ga'e, warra ulullee gaddaa afuufanii fi warra huursanii boo'an argee, " (Wangeela Maatiwoos 9: 23) " Namni hafuura hamaadhaan qabame tokko mana sagadaa isaaniii keessa ture iyyuu, si'uma sana caraanee," (Wangeela Maarqoos 1: 23) " Yesus masgiidaa akkuma ba'een, Yaaqoobii fi Yohannisii wajjin mana Simoonii fi Indriiyaas dhaqe." (Wangeela Maarqoos 1: 29) " Innis manneen sagadaa isaaniitti in barsiisa, hundinuus isa in jaja ture." (Wangeela Luqaas 4: 15) " Yesus Qifinaahomitti yeroo barsiise mana sagadaa keessatti kana hundumaa dubbate." ( wangeela Yohaannis 6: 59) " Abbaan isaa fi haati isaa Yihudoota waan sodaataniif kana jedhan; namni "Yesus Masiihicha" jedhee dhugaa ba'u, tokkummaa mana sagadaa isaanii keessaa akka baafamu Yihudoonni sun irratti walii-galanii turan. " (Wangeela Yohaannis 9: 22) " Yesus immoo deebisee, "Ani mul'inatti biyya lafaatti dubbadheera; yeroo hundumaas masgiidaa fi mana qulqullummaa iddoo Yihudoonni hundinuu itti walga'anitti, barsiiseera; dhoksaattis waan tokko illee hin dubbanne." (Wangeela Yohaannis 18: 20) Yesuus kiristoos, muslima ta'uu isaa ilaalchisee Qur'aannis ifaan ifatti dubbateera. مَا قُلْتُ لَهُمْ إِلَّا مَآ أَمَرْتَنِى بِهِۦٓ أَنِ ٱعْبُدُوا۟ ٱللَّهَ رَبِّى وَرَبَّكُمْۚ وَكُنتُ عَلَيْهِمْ شَهِيدًا مَّا دُمْتُ فِيهِمْۖ فَلَمَّا تَوَفَّيْتَنِى كُنتَ أَنتَ ٱلرَّقِيبَ عَلَيْهِمْۚ وَأَنتَ عَلَىٰ كُلِّ شَىْءٍ شَهِيدٌ Waan ati itti na ajajje ‘Rabbiin, Gooftaa kiyyaafi Gooftaa keessan gabbaraa’ jechuu malee waan biraa isaaniin hin janne. Hangan isaan keessa turetti isaan irratti ragaan ture. Erga ol nafuutee booda ati isaan irratti tiksaa turte. Ati waan hunda irratti ragaadha. [Suuraa Al-Maa'idaa 5:117] Akkasumas, Islaamummaan amantaa yesuus kiristoos ta'uu ilaalchisee Qur’aanni jedha: وَإِنَّ ٱللَّهَ رَبِّى وَرَبُّكُمْ فَٱعْبُدُوهُۚ هَٰذَا صِرَٰطٌ مُّسْتَقِيمٌ (Iisaan) “Dhugumatti, Rabbiin Gooftaa kiyyaafi Gooftaa keessani. Kanaaf Isa qofa gabbaraa. Santu karaa qajeelaadha” jedhe. [Suuraa Maryam 19:36] Qur’aanni suuraa shuuraa keessattis akkana jedheera; شَرَعَ لَكُم مِّنَ ٱلدِّينِ مَا وَصَّىٰ بِهِۦ نُوحًا وَٱلَّذِىٓ أَوْحَيْنَآ إِلَيْكَ وَمَا وَصَّيْنَا بِهِۦٓ إِبْرَٰهِيمَ وَمُوسَىٰ وَعِيسَىٰٓۖ أَنْ أَقِيمُوا۟ ٱلدِّينَ وَلَا تَتَفَرَّقُوا۟ فِيهِۚ كَبُرَ عَلَى ٱلْمُشْرِكِينَ مَا تَدْعُوهُمْ إِلَيْهِۚ ٱللَّهُ يَجْتَبِىٓ إِلَيْهِ مَن يَشَآءُ وَيَهْدِىٓ إِلَيْهِ مَن يُنِيبُ Amantii irraa waan Nuuhiif dhaameefi isa gara kee wahyii goone, waan Ibraahiim, Muusaafi Iisaaf dhaamne karaa isiniif godhe[Inni] amantii sirriitti hojjadhaa, isa keessattiis addaan hin babahinaa jechuudhaWanti ati itti waamtu mushrikoota irratti guddateera! Rabbiin nama fedhe gara isaatti filata; nama tawbabates gara Isaatti qajeelcha.[Suuraa Ash-Shuuraa 42:13]
18 Okt, 14:20

Sahaabtichii Rasuulli (Sallallaahu aleyihi wassallam) balaa sitti buutu waliin jannataan gammadi jedhanin kami?
Anonymous voting
15 Okt, 12:17

𝐊𝐢𝐭𝐚𝐚𝐛𝐨𝐭𝐚 𝐏𝐝𝐟 𝐃𝐮𝐛𝐛𝐢𝐬𝐮𝐮 𝐧𝐢 𝐛𝐚𝐫𝐛𝐚𝐚𝐝𝐝𝐮𝐮⁉️ 📚📚📚📚📚📚📚 𝐊𝐢𝐭𝐚𝐚𝐛𝐨𝐭𝐚 𝐆𝐚𝐫𝐚𝐚 𝐆𝐚𝐫𝐚�
𝐊𝐢𝐭𝐚𝐚𝐛𝐨𝐭𝐚 𝐏𝐝𝐟 𝐃𝐮𝐛𝐛𝐢𝐬𝐮𝐮 𝐧𝐢 𝐛𝐚𝐫𝐛𝐚𝐚𝐝𝐝𝐮𝐮⁉️ 📚📚📚📚📚📚📚 𝐊𝐢𝐭𝐚𝐚𝐛𝐨𝐭𝐚 𝐆𝐚𝐫𝐚𝐚 𝐆𝐚𝐫𝐚𝐚 𝐀𝐤𝐤𝐚 𝐅𝐞𝐝𝐡𝐢𝐢 𝐊𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐧𝐢𝐢𝐭𝐭𝐢 𝐀𝐫𝐠𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮 𝐍𝐢 𝐁𝐚𝐫𝐛𝐚𝐚𝐝𝐝𝐮𝐮⁉️ 𝐊𝐢𝐭𝐚𝐚𝐛𝐨𝐭𝐚 𝐀𝐤𝐤𝐚𝐦𝐢𝐢 𝐃𝐮𝐛𝐛𝐢𝐬𝐮𝐮 𝐁𝐚𝐫𝐛𝐚𝐚𝐝𝐝𝐮𝐮⁉️ 𝐀𝐝𝐬: 👇 https://t.me/+1a9c55bufmpiZjk0 https://t.me/+LjQDHUqKPAYzYjE0 https://t.me/+_F8t5ldqfDxlZDY0 ╔══❖•ೋ° 🌸 °ೋ•❖══╗ 𝐅𝐢𝐥𝐚𝐧𝐧𝐨𝐨 𝐊𝐢𝐭𝐚𝐚𝐛𝐨𝐭𝐚𝐚 ╚══❖•ೋ° 🌸 °ೋ•❖══╝
13 Okt, 13:09
18 Okt, ~12:48

Islaamummaan Amantaa Araboota Qofaatii?
Gaaffiin kun gaaffii namoonni hedduun hubannoo dhabuu irraan kan ka'e yeroo hedduu irra deddeebiidhaan gaafataniidha. Islaamummaan amantaa saboota addunyaa hunda odoo hin taane, amantaa Saba tokkooti jedhanii yaaduu isaaniiti. Garuu yaaduu fi beekun garaagarummaa guddaa qaba. Waan tokko murteessuun dura qorannoo gahaa gaggeessuu gaafata. Islaamummaan amantaa saba tokkoo (Arabaa) qofa osoo hin taane, amantaa guutuu ilmaan namaa hundaatiif ergameedha. Deebii gaaffii kanaa ragaa qabatamaa Qur’aanaa fi Hadiisaa, akkasumas ragaa sammuu irratti hundaa'uudhaan akka armaan gadiitti ilaaluudhaan ni danda'ama. Mee haa ilaallu! 1. Ragaa Qur’aana kabajamaa keessaa Qur'aanni bakka baay'eetti Islaamummaan ergaa addunyaa maraa ta'uu isaa mirkaneessa. Fakkeenyaaf: Ergamaa Addunyaa Maraa ta'uu ibsuu Qur'aanaa. Rabbiin (SWT) Qur'aana keessatti waa'ee Nabiyyii Muhammad (SAW) ilaalchisee akkana jedha: "Nuti (Muhammad) akka rahmata addunyaa hundaa taqtuuf malee si hin ergine." (Suuraa Al-Anbiyaa 21:107) • Aayanni kun "Araba qofaaf" hin jenne, "Aalamoota hundaaf" jedhe. Kun immoo namoota, jinniiwwanii fi uumama hunda kan dabalatudha. ➡️ Dabalataan Namoota Hundaaf Ergamuu Isaanii Qur'aanni yeroo ibsu akkana jedha: "Nuti namoota hundaaf walumaagalatti gammachiisaa fi akeekkachiisaa goonee malee si hin ergine." (Suuraa Saba' 28) ➡️ "Kaaffatan lin-naas" jechuun namoota hundaaf jechuudha. Kun sanyii, bifaa fi dhalootaan nama adda hin qoodu. ➡️Garaagarummaan Nama Biratti malee Rabbi Biratti Hin Jiru. "Yaa namootaa! Nuti dhiiraa fi Dubartii goonee isin uumne; akka wal beektaniif sabaa fi gosa isin taasifne. Dhugumatti, isin keessaa namni Rabbi biratti caaluu isa akkaan Rabbiin sodaatuu dha." (Suuraa Al-Hujuraat 49:13) 2. Ragaa Hadiisa Nabiyyii (SAW) Keessaa: Nabiyyiin (SAW) gochaanis ta'e dubbiin Islaamummaan loogii sanyii akka hin qabne barsiisaniiru. ➡️ Gorsa Xumuraa (Khutbatul Wadaa'): Nabiyyiin (SAW) haasawa isaanii isa dhumaa irratti akkana jedhan: "Yaa namootaa! Dhagayaa, Rabbiin keessan tokko, abbaan keessanis tokko (Aadam). Arabaaf ajamii (kan Araba hin taane) irratti caalmayiinsi hin jiru, ajamiifis Araba irratti caalmayiinsi hin jiru; diimaaf gurraacha irratti, gurraachaafis diimaa irratti caalmayiinsi hin jiru, Sodaa Rabbiitiin malee." (Musnad Ahmad) ↔️ Ergama Isaan Adda godhu: Nabiyyiin (SAW) akkana jedhan: "(Na dura) Nabiyyiin tokko saba isaa qofaaf ergamaa turan, ani garuu namoota hundaaf ergame." (Sahiih Al-Bukhaarii) ➡️ Deebii Sababaa (Logic) fi Haqiiqaa Jiru • Maddi Amantaa: Islaamummaan kan dhufe Rabbii uumaa addunyaa hunda ta'e biraayi. Uumaan immoo uumama isaa hundaaf qajeelfama tokko erga malee saba tokko qofaaf hin loogu. • Maalummaa Jecha "Islaama": Jechi Islaama jedhu jecha afaan Arabaa "Aslama" jedhu irraa dhufe. Hiikni isaas "Rabbiif bitamuu/harka kennuu" jechuudha. Kun gocha namni kamiyyuu (Araba ta'us ta'uu baatus) raawwachuu danda'uudha. • Haqiiqaa Addunyaa Ammaa: Akka ragaa istaatistiksii addunyaatti, Muslimoonni Araba ta'an dhibbeentaa 20 (20%) qofa. Muslimoonni baay'een biyyoota akka Indoneeshiyaa, Paakistaan, Indiyaa, Naayijeeriyaa fi Itoophiyaa keessa jiraatu. Islaamummaan amantaa Arabaa qofa osoo ta'ee, namoonni biiliyoona 1.8 ol ta'an kanneen Araba hin taane hundi maaliif hordofu? • Maaliif Afaan Arabiffaan Bu'e?: Qur'aanni Afaan Arabiffaan kan bu'eef: • Nabiyyiin (SAW) Araba gidduutti waan dhalataniif ergaa sana duraan duratti akka hubatanii fi namoota biroof akka geessan gochuufi. • Afaan Arabiffaa afaan bal'aa, mi'aawaa fi ergaa gadi fageenya qabu dabarsuuf dandeettii qabu waan ta'eef. • Garuu, Qur'aanni "Yaa Arabootaa" osoo hin taane, bakka heddutti "Yaa Namootaa" (Ya ayyuhan-naas) jedhee waama. Islaamummaan amantaa sanyii, dhalootaa ykn gosa irratti hundaa'ee miti. Amantaa dhugaa tokkichummaa Rabbii (Tawhiida) fi namummaa irratti hundaa'e, kan namni hundi (gurraachis, adiinis, Arabnis, Oromoonis) wal-qixa keessatti tajaajilamuudha. Dbugaan jiru kanuma! Filattee Hordofuun Abshaalummaadha! Qopheessaan:Xaahir Galatoo
11 Okt, 11:52

Liinkii kana tuquun like naaf godhaa 👇👇👇👇👇👇👇👇👇https://t.me/Quranic_Verse1/55434
30 Sen, 07:09
02 Okt, ~12:58

✨ 𝑨𝒔𝒔𝒂𝒍𝒂𝒂𝒎𝒖 𝑨𝒍𝒆𝒚𝒊𝒌𝒖𝒎 𝑾𝒐𝒓𝒂𝒉𝒎𝒂𝒕𝒖𝒍𝒍𝒂𝒂𝒉𝒊 𝑾𝒐𝒃𝒂𝒓𝒂𝒌𝒂𝒂𝒕𝒖𝒉𝒖𝒖 ✨ Sagantaa Wol-Dorgommii ka
✨ 𝑨𝒔𝒔𝒂𝒍𝒂𝒂𝒎𝒖 𝑨𝒍𝒆𝒚𝒊𝒌𝒖𝒎 𝑾𝒐𝒓𝒂𝒉𝒎𝒂𝒕𝒖𝒍𝒍𝒂𝒂𝒉𝒊 𝑾𝒐𝒃𝒂𝒓𝒂𝒌𝒂𝒂𝒕𝒖𝒉𝒖𝒖 ✨ Sagantaa Wol-Dorgommii kana na injifachiisaa! 🙏 Akkuma suuraa armaan olii irratti argitan san, mallattoo ❤️ naaf tuqaa na injifachiisaa! 💪 Liinkii gadii kana tuquudhaan 👇 https://t.me/Quranic_Verse1/55434 💖 Hundi keessan galatoomaa! 💖
30 Sen, 06:32
02 Okt, ~12:58

Qur'aanni jecha Rabbii mitii Muhammaditu barreesse
Kunis hubannoo dogoggoraa guddaa keessaa isa tokko. Qur'aanni raajii raajii caalu (miracle of miracle) kan namni tokkollee boqonnaa tokko yookii keeyyata tokko kan akka isaa fiduu hin dandeenyeedha. Abbootii Afaan Arabaa affeeramanii keeyyata tokkollee fiduu dadhaban. Jalqaba boqonnaa kudhan kan akka Qur'aanaa akka fidan affeeramanii dadhaban. Sana booda gadi hir'ifameefii boqonnaa tokkittii akka fidan affeeraman tokkittii sanallee ni dadhaban. Kunis akka armaan gadiitti Qur'aana keessatti ibsamee jira: "Waan Nuti gabricha Keenya irratti buusne irraa yoo mamii keessatti jiraattan (yoo shakkii qabaattan) suuraa (boqonnaa) tokko fakki isaa fidaa! Gargaartota/gabbaramtoota keessan (kan) Rabbii asitti (taasifattaniis) waammadhaa; yoo dhugaa dubbattoota taatan. Yoo (amma) hin hojjatin fuuldurattis hin hojjattanu. Ibiddattii didootaaf qopheeffamte sodaadhaa!" (Qur'aana 2:23 & 24) "(Muhammaditu) isa (Qur'aana) tolche" jedhanii! "Yoo dhugaa dubbattoota taatan boqonnaalee kudhan tolfamtuu fakki isii fidaa! Rabbii asitti nama dandeessanis waammadhaa (of-gargaarsifadhaa) " jedhi. Yoo isiniif hin owwatin wanti buufame (Qur'aanni) beekumsa Rabbiitiini, gabbaramaanis Isa malee hin jiru jechuu beekaa! (Eega haqni isiniif ifeellee) isin hin amantanau/Islaama hin taatanuu?" (Qur'aana 11:13&14) Rabbiin ofii isaatiif akka Qur'aanni kun ilma namaatiin tolfamuu hin dandeenye jala muree dubbate: "Qur'aanni kun Rabbii asitti sobamuuf hin ta'u/hin malu, garuu dhugoomsarra kan isa duraati, kitaaba adda baasaadha, mamii tokkollee hin qabu. Rabbii uumaa waan hundaa biraayyi." (Qur'aana 10:37) Erga warrii beekumsa afaan arabaatiin muummee ta'an, warri barreesuu fi dubbisuu danda'an keeyyata tokko kan akka Qur'aanaa tolchuu dadhabanii nabi Muhammad kan barreesuuss ta'ee dubbisuu hin dandeenye akkamitti Kitaaba raajii akkanaa tolchuu danda'a? Kana qofas miti, akkuma asii olitti dubbannee dabarsine Qur'aanni dhugaalee saayinsawaa kan jaarraale yookaan waggoota kurna boodaa kana keessa irra ga'amee fi kan ammayyuu ammallee irra hin ga'amin of-keessaa qaba; Nabi Muhammad (NIJ) waan akkasii eessaa fidanii Qur'aana keessatti kataban? Kanaafuu mamii tokko malee Qur'aanni jecha Rabbii'ti. Jecha piroofeesara Muur yaadadhu: "Dubbiin kun Rabbii/Allah biraa akka Muhammaditti dhufe anaaf ifa. Sababni isaas beekumsi kun hunduu jaarraalee baay'ee booda aane male irra hin ga'mne..." Jedhan. Piroofesar Tagata Tagason: "...waan Nabi Muhammad kan hin dubbisnee fi hin barreesine ta'eef Muhammad ergamaa kan dhugaa kan Uumaa abbaa aangoo irraa gara isaatti buufame geessisaa/raabsaa jira. Uumaan kunis "Allah" dha..." Jedhan.
29 Sen, 02:46

Har'a galgala
Har'a galgala
27 Sen, 08:36

Muhammadiitu Islaamummaa hundeesse, Muslimoonni isa gabbaru Muhammad amantii haaraawaa hin dhufne. Isaan amantii ergamtoota duraanii warra Rabbiin biraa ergaman bifa qulqulluu fi hin jijjiirramneen Rabbiin biraa ergaman. Muslimoonni isaan hin gabbaranu, isaaniis ani Rabbi ofiin hin jenne, karaa kamiinillee akka gabbaramanus hin ajajne. Inumaa sababootaa waan akkanaatti geessan irraa ni dhowwan. Kunoo akkana jedhan: "Akka Kiristaanonni Ilma Maryamaa ol-fuudhanitti ol-na hin fuudhinaa! Ani gabricha Rabbiiti, gabricha Rabii, ergamaa Isaa jedhaa na waamaa!" [Bukaarii (3445)]
27 Sen, 01:37

𝑵𝒂𝒎𝒐𝒐𝒏𝒏𝒊 𝒌𝒊𝒕𝒂𝒂𝒃𝒂 𝒈𝒂𝒓𝒂𝒂 𝒈𝒂𝒓𝒂𝒂 𝒅𝒖𝒃𝒃𝒊𝒔𝒖𝒖 𝒃𝒂𝒓𝒃𝒂𝒂𝒅𝒅𝒂𝒏, 𝒍𝒊𝒊𝒏𝒌𝒊𝒊 𝒂𝒓𝒎𝒂𝒂𝒏 𝒈𝒂𝒅𝒊𝒊 𝒕𝒖𝒒𝒖𝒖𝒅𝒉𝒂𝒂𝒏 𝒅𝒆𝒆𝒎𝒂𝒂 𝒅𝒖𝒃𝒃𝒊𝒔𝒂𝒂; 𝒊𝒓𝒓𝒂𝒂 𝒇𝒂𝒚𝒚𝒂𝒅𝒂𝒎𝒂𝒂!
24 Sen, 14:58

24] Wangeela Luqaas 24:19 "Waa'ee Yasuus nabiyyicha Naazireet, isa gochatti dubbiittis Waaqayyo fi namoota duratti aangoo qabeessa ture sana, akka luboonni warri angafoonni fi warri biyyaa seeratanis duuni itti haa faradamuuf dabarsanii isa kennan, akka isa fannisanis..."
Xiinxala dhumaa:
Wanti yaada bu'uuraa mormi shakkii tokko malee nuti dhugaawwan Macaafa Qulqulluu asii olitti tarreeffaman irraa hubachuu qabnu, kan isa erge Rabbiin (Allaahaa) ta'uu, ergamaan immoo Iisaa (A.S) Yookaan Yasuus Kristoos ta'uu ifaatti kaayameera. Kan gurra qabu haa dhaga'u, kan ija qabu haa ilaalu, kan onnee qabu haa hubatu. Ragaan tokko qofa gahaadha. Waa'ee Iisaa (A.S) qabxiin itti xiyyeeffatamuu qabu: Hoogantoonni amantaa addunyaa gurguddoon maal barsiisan osoo hin taane, Macaafni Qulqulluun (Amantaan) maal jedha? Gaaffii jedhu qabannee jireenya bara baraa kan taate, karaa (sarara) sirrii dhugaa nuuf tolu qabannee deemuuf of-eeggannoo cimaa gochuu barbaachisa. Dhiibbaa nama tokkoo malee, Macaafa Qulqulluu dubbisuun barataa qofa osoo hin taane barsiisaallee ta'uudhaan dhugaa qabannee gara amantaa dhugaa deebi'uu qabna. Barumsi Macaafa Qulqulluun alatti kennamu yeroo hedduu xiyyeeffannoon guddaan kennameefii, qabxiiwwan Macaafa kana keessatti tuqamaniif xiyyeeffannoon osoo hin godhamiin dhabuun nuuf hin galle. Lallabtoonni Wangeelaa aangoo osoo hin beekin gonfatan baafatanii, Wangeela xiyyeeffannoodhaan erga qoratan booda dhugaa osoo hubatanii jiranuu, isaanis karaa sirrii fi filatamaa ta'e argachuu ni danda'u. Gara biraatiin, beekumsa amantaa Islaamaa osoo hin qabaatin warri Islamummaa tufatanii xiqqeessan, beekumsa amantaa Kiristaanaa gahaa osoo hin qabaatin ammoo 'osoo hin fayyin fayyineerra' warra jedhanii labsan, lallabtoonni amantaa walbira qabuun osoo baratanii gaariidha. "Wallaalli abbaa ganuuti." Waan ta'eef, lallabtoonni wangeelaa, wangeela Muslimootaan ga'uuf balbala muslima takka takkaan rukutuu caalaa, dursanii ragaalee qabatamaa Macaafa Qulqulluu keessa jiran hubachuun barbaachisaadha.
24 Sen, 14:52