uz
Feedback
Diinaa'ol Kumaa

Diinaa'ol Kumaa

Kanalga Telegram’da o‘tish

Rakkina kee rakkisaa keetti hin himiin.

Ko'proq ko'rsatish
Mamlakat belgilanmaganToif belgilanmagan
1 384
Obunachilar
Ma'lumot yo'q24 soatlar
+37 kun
-1730 kun
Postlar arxiv
ogummaa erga argateen booda,hayyama daldalaa baafachuun gara hojiitti gala jechuudha. ✔️ #I.Namni Buna dhiheessu,alatti ergu,Jimlaa gurguru,qopheessuu fi kuusu eeyyama hojiiwwan kanneen hojjachuu baafachuun dura hayyama gahumsa hojiiwwan kanneen hojjachuu isaa dandeessisu qabaachuu kan agarsiisu hayyama baafachuu qaba. #Adabbii 🔜#Daldalaan seera cabsee argame Mana Murtii dhihaatee qabeenyi isaa dhaalamee adabbii qarshii 10,000 hanga 30,000(kuma soddoma) fi adabbii hidhaa waggaa tokko(1) hanga hidhaa waggaa sadi(3) gahuun adabama. ☑Namni kamiyyuu eeyyama daldalaa osoo hin qabaatin ykn osoo hayyama qabaates qabiyyee hayyama isaatiin ala bahee daldala irratti hirmaate qabeenyichi dhaalamee adabbii qarshii 150,000 hanga adabbii maallaqaa qarshii 300,000(kuma dhibba sadi) gahuun fi hidhaa waggaa 7 hanga hidhaa waggaa 15 gahuun adabama. ⚔Waa'ee hayyama daldalaa fi Galmee seera biraatiin tumaman akkuma eegametti ta'ee,namni kamiyyuu bu'uura Labsii Bulchiinsa Nyaataa fi Qorichaa fi Dambii Labsicha raawwachiisuuf baheetiin Galmee eeyyama gabaa,waraqaa ragaa gahumsa mirkaneessaa ykn hayyama biroo osoo hin argatin,sanada sobaatiin tajaajiluun oomisha too'annoo taasifamu kan oomishe ykn gara Biyya keessa galche,kan kuuse,waliigala kan raabse/qoode ykn tokko tokkoon kan gurgure ykn karaa kamiinuu hawaasni akka tajaajilamuuf kan dhiheesse,akka raabsamu kan taasise yoo ta'e oomishichi dhaalamee adabbii hidhaa waggaa 3 hanga 5 gahuun,fi qarshii 5000 hanga 100,000(kuma dhibba tokko) gahuun adabamuu akka qabu Labsii Bulchiinsa Nyaataa fi Qorichaa Lakk.1112/2019 keewwata 67(4) jalatti ifa taasiseera. #Seeronni:Labsii Bulchiinsa Nyaataa fi Qorichaa Lakk.1112/2019,Labsii Galmeessaa fi Hayyama Daldalaa,Labsii Eegumsa Shamattootaa fi Waldorgommii,Dambii Bittaa fi Gurgurtaa Saliixii fi Boqqoolloo,Labsii Beeyiladaa,Labsii Kalaqa Sammuu,Labsii Bunaa Federaalaa fi Labsii Bunaa Naannoo Oromiyaa,Labsii Gumurukaa Lakk.1160/2011 gochoota dhoorkaman tumaniiru. 👉#HAALA_DALDALA MEESHAALEE BU'UURAA(ZAAYITAA,SUKKAARA FI SIMINTOO FA'A):- ▶️Rakkoo qaala'iinsa jireenyaa sadarkaa Biyyaatti uumamaa jiru ilaalchisee Maree Ministeera Daldalaa fi Industiriin qophaa'een koree Maakroo ikoonomii Biyyattii fi qaamoleen ilaallatan ka'umsa rakkinichaa fi furmaata isaa irratti Mari'atamee rakkoon qaala'iinsa sadarkaa Biyyaatti qunname bu'uurri isaa fedhii fi dhiheessiin walsimuu dhabuu irra gahamee ture. ⏩#Dhimmoota_qaala'iinsa jireenyaa hammeessan keessaa tokko kan ta'e daballii gatii meeshaalee bu'uuraa filataman irratti mul'atu hanbisuuf hojiilee sadarkaa Federaalaatti,fi Naannooleetti raawwatamuu qaban ilaalchisee Xalayaa Lakk.011/18/8132 ta'e guyyaa 25/10/2013 Ministeera Daldalaa fi Industiriin bahe bu'uureeffachuun Biiroon Daldala Oromiyaa Qajeelfama Lakk.BDO/HHD-1/887 ta'e gaafa 01/11/2013 baasee ture. #Akkaataa Qajeelfama guyyaa 01/11/2013 Biiroon Daldala Oromiyaa baase kanaatiin:- 1️⃣.Seera qabeessummaa adeemsa bittaa fi gurgurtaa mirkaneessuun ala haalli sochii fi raabsaa meeshaalee Sukkaaraa fi Zaayitii hin daangeeffamu; 2️⃣.Akkuma meeshaalee kamiyyuu Sukkaarri,fi Zaayitiin Suuqii keessatti gurguramuu akka danda'u; 3️⃣.Simintoo qaamni eeyyama qabu kamiyyuu daldala Simintoo irra bobba'uu akka danda'u;4️⃣.Too'annoo daandii irratti sochii Simintoo ugguru(daangeessu) kamiyyuu fudhatama akka hin qabne tumeera. ✅#Dhimmi daldala seeraan alaa too'achuu gabaa tasgabbeessuu fi qaala'iinsa jireenyaa too'achuuf xiyyeeffannoo addaatiin qaama dhimmi isaa ilaallatu hundaan qindoominaan hojjatamuu kan qabuudha. #Kaayyoon barreeffama kanaas daballii meeshaalee bu'uuraa(Sukkaara,Zaayita,Simintoo),oomisha/midhaan nyaataa fi dhugaatii,Dawaa,Uffata/Huccuu,Soogidda,Foon,Buna,Kuduraa fi Muduraa,fi kan kana fakkaatan irratti guyyaa guyyaan daballii gatii taasifamaa jiruuf qaamni aangoo qabu too'annoo fi hordoffii taasisuun Ol'aantummaan seeraa akka kabajamuufidha.

#DALDALA_SEERAAN_ALAA_VS_SEERA: ✍️ Daldalli seeraan dhimma yeroo ammaa kanatti diinagdee biyyatti miidhaa jiruu fi Ummataas qaala'insa jireenyaaf saaxilaa jiruudha. ✔️ "Daldala seeraan alaa"jechuun meeshaa yookiin tajaajila akka ittiin hin dabalamne dhorkaman daldaluu,akkasumas meeshaalee yookiin tajaajila ittiin daldaluun hin dorkamne adeemsa seerri teechisee jiru cabsanii daldaluu" jechuudha. ❗#Daldalli seeraan alaa:- #1ffaa,oomishaalee fi tajaajiloota seeraan daangeeffaman daldaluu;yookiin #2ffaa,gocha yookiin amala seeraan dhorkame tokko oomishuu,geejjibsiisuu,qabachuu,raabsuu,gurguruu yookiin bituu;yookiin #3ffaa,oomishaalee seera qabeessa ta'an tumaalee seera daldalaa cabsanii daldaluu,maallaqa,bu'aa gocha seeraan alaa fi al-naamusaawaa ta'an;yookiin #4ffaa,gocha namoota seeraan ala daddabarsuu;yookiin #5ffaa,oomishaalee fayyaa fi nageenya hawaasaa miidhaniin daldaluu;yookiin #5ffaa,sochiiwwan qarshii seeraan alaa;yookiin #6ffaa,Qorichoota dhorkaman daldaluu;yookiin #7ffaa,seeraan ala qabeenya uumamaan daldaluu;yookiin #8ffaa,yakkoota eegumsa naannoo raawwachuu;yookiin #9ffaa,mirgoota kalaqa sammuu sarbuu raawwachuu;yookiin #10ffaa,seeraan ala meeshaalee/oomishaalee irratti gatii dabaluu kan dabalatuudha. 🔁Wantoonni armaan olitti ibsaman kunneen gochoota seeraan dhorkaman waan ta'eef namni gochoota seeraan dhorkaman raawwatee argame daldala seeraan alaa raawwateera jechuudha. ➡️Meeshaalee dhorkaman Biyya alaa galchuu yookiin daldaluun daldala seeraan alaa raawwachuudha. ➡️Qorichi yookiin dawaan Biyya keessatti oomishaman ykn Biyya alaa gara Biyya keessatti galan osoo hin galmeessin ummatni akka itti fayyadamuuf dhiheessuun dhoorkaadha. ✔Namni Buna dhiheessu,alatti ergu,jimlaa(waliigala) gurguru,qopheessuu fi kuusu eeyyama hojiiwwan kanniin hojjachuu isa dandeessisu qabaachuu kan agarsiisu hayyama qabaachuu qaba. ✅#Meeshaalee,Midhaan,Qorichoota,Buna,Kuduraa fi Muduraa fi kan kana fakkaatan seeraan ala gatii dabalanii gurguruun dhoorkaadha. ↗️Daldalaan kamiyyuu kaayyoo eeyyama daldalaa kennameef ala bahee Dambii fi Qajeelfama darbee argame irratti tarkaanfiin Bulchiinsaa eeyyama daldalaa dhorkuu yookiin saamsuu fi haquu fudhatamuu qaba. ✅ #Ulaagaalee_adeemsaalee_seerummaa_hojii_daldalaa_mirkaneessan:- ✔️ #A.Hayyama daldalaa seera fuulduratti fudhatama qabu qabaachuu.Kana jechuun hayyama bara baajataa sana keessatti kenname,haareffame,ykn bu'uura Labsichaatiin adabbii malee haaronfamuu danda'u jechuudha.Namni kamiyyuu eeyyama akkanaa osoo hin qabaatin hojii daldalaa hojjachuu hin danda'u. ✔️ #B.Galmee daldalaa irratti galmaa'uu.Namni kamiyyuu galmee daldalaa irratti osoo hin galmaa'in hojii daldalaa hojjachuun seeraan ala. #C.Meeshaalee dhorkaman/daangaan irra kaa'ame Biyya alaa galchuu ykn daldaluun daldala seeraan alaa raawwachuudha. ✔️ #D.Karaa hayyamameen Biyya seenuu ykn Biyyaa bahuu akkasumas daandii eeyyamamee qofa irra geejjibamuu meeshaalee irratti hundaa'uun daldalli tokko seera qabeessa ta'uu ykn ta'uu dhabuu isaa adda baha.Fakkeenyaaf:namni kamiyyuu meeshaalee al-ergii, as-galii fi daddarbii bakkaa fi karaa hayyamame malee yoo seensise ykn yoo baase akkasumas yoo geejjibe daldala seeraa alaa gaggeessaa jira jechuudha. ✔️ #E . Dandeettii seeraa qabaachuu.Namni osoo umuriin isaa waggaa 18 hin guutin gahoomanillee,qaamni dhimmi ilaalu waa'ee daldala hojjachuu isaanii yoo mirkaneesse malee hojii daldalaa hojjachuu hin danda'an. ✔️ #F.Qorichi/dawaan Biyya keessatti oomishaman ykn Biyya alaa gara Biyya keessatti galan osoo hin galmeessin ummatni akka itti fayyadamuuf dhiheessuun dhorkaadha. ✔️ #G .Ragaa hayyama darbiinsaa(waraqaa fe'umsaa):ragaan kun hanga,bakka,fi yoom meeshaan daldalaa fa'amee deemaaru kan ibsu,meeshichi garamitti akka adeemu kan mul'isuudha. ✔️ #H .Seerri dhimmi ilaalu,hayyama gahumsa hojii baafachuun barbaachisaadha yommuu jedhu hayyama kana osoo hin baafatin hojii daldalaa Kana hojjachuun seeraan ala,itti gaafatamummaa yakkaa kan hordofsiisuudha.#Fakkeenyaaf:namni dhaabbata tajaajila fayyaa kennu daldaluu barbaadu hayyama gahumsa hojii qaama aangoo qaburraa baafachuu qaba.Hayyama

Maallaqa “kaayyoo #gargaarsa #namoomaa” jedhamee walitti qabamu kaayyoo sana #qofaaf oolchuu dirqama, itti fayyadama #dhuunfaaf oolchun ammoo #ittigaafatamummaa #yakkaa hordofsisa! 1. Seera irratti hundaa’uun ✍️✍️✍️✍️✍️ ✍️a) Heera Mootummaa Itoophiyaa ✍️✍️ ✍️Heerri fi seerota isa jalatti ba’an, yoo gargaarsa namoomaaf maallaqa walitti qabde, maallaqni sun amana hawaasummaa (#public trust) jalatti ilaalama. Kaayyoo biraaf oolchuun #amanamummaa sana #cabsuu dha. ✍️b) Proclamation No. 1113/2019 – Organization of Civil Societies ✍️✍️✍️✍️ Namoonni dhuunfaa yookaan gareen dhuunfaa yoo hojii gargaarsa namoomaa (#humanitarian or #charity work) geggeessuuf fedhan, ofii isaanii seeraan galmeessuu qabu. ✍️✍️✍️✍️ Galmeen kun eeyyama, too’annoo, fi accounting audit of keessaa qaba. ✍️✍️✍️ Maallaqa kana gara hojii dhuunfaa ofiitiif oolchuun misuse of charitable funds jedhamuun seeraan adabbii qaba. ✍️✍️✍️✍️ ✍️c) Criminal Code of Ethiopia (Proc. No. 414/2004) 🙏🙏🙏🙏 Article 675 – Misappropriation of Property: Namni qabeenya (yookaan maallaqa) amanamummaa itti kennamee kaayyoo biraatti oolche, adabbii hidhaa fi/ yookaan maallaqaan adabama. ✍️✍️✍️✍️ ✍️Article 676 – Breach of Trust: Hojii amanamummaa cabsuu — yeroo gargaarsaaf kenname kaayyoo dhuunfaa ofiitiif oolchuu. ✍️✍️✍️✍️ ✍️d) Proclamation No. 780/2013 – Anti-Money Laundering & Counter Terrorism Financing(kan fooyya'ee labsii lakk. 1364/2017) ✍️✍️✍️✍️ ✍️Maallaqa seeraan eeyyamameef alatti kaayyoo jijjiiruun, “illicit fund diversion” jedhamee qorannoo seera yakkaa fida. ✍️✍️✍️✍️ 🙏2. Itti-gaafatamummaa namoota sadi maqaa akkaawuntii irratti jiran ✍️✍️✍️ Yoo akkaawuntii maqaa namoota sadiin bananii: ✍️✍️ ✍️1. Itti-gaafatamummaa Waliigalaa (Joint Liability) ✍️✍️✍️✍️ Seerri fi baankiin nama hunda maqaa irratti jiru wal-qixa itti gaafatamtoota taasisa. ✍️✍️✍️ Yoo tokko hojii seeraan alaa raawwate, hunda irratti gaafii dhihaachuu danda’a. ✍️✍️✍️ ✍️2. Itti-gaafatamummaa Seera Yakkaa (Criminal Liability) ✍️✍️✍️✍️ Yoo hundi maallaqa sana kaayyoo dhuunfaa ofiitiif oolchuu irratti walii galan → yakki walitti raawwate (co-perpetrators). ✍️✍️✍️✍️ 🙏Yoo tokko qofa beeksisee raawwate → inni yakka raawwate adabama, kanneen hafan yoo beeksisuu dhaban ammoo “aiding/abetting” jedhamee adabama. ✍️✍️✍️✍️ ✍️3. Itti-gaafatamummaa Seera Maallaqaa (Civil Liability) ✍️✍️✍️✍️ Namoota maallaqa kenneef irraa “compensation” gaafachuu ni danda’ama. ✍️✍️✍️✍️ Garee sadiin qabeenya sana deebisuuf dirqama waliigalaa qabu. ✍️✍️✍️ ✍️3. Fakkeenya adeemsa yakka kanaa ✍️✍️✍️ Namoota miidhamaniif gargaarsa jechuun akkaawuntii maqaa namoota sadiin banuu. ✍️✍️✍️ ✍️Maallaqa walitti qabame keessaa qooda guddaan mana dhuunfaa tokko ijaaruf itti fayyadamu. ✍️✍️ Kana irratti: ✍️✍️✍️ ✍️NBE fi baankiin gaafii ittiin maallaqa kana gara hojii dhuunfaa itti geessan gaafatu. ✍️✍️✍️ Commission of Civil Societies (CSO Agency) yookaan poolisii seeraan qeeqa dhiheessa. ✍️✍️✍️ Akka Criminal Code, hidhaa waggaa 5–10 fi adabbii maallaqaa (fine) kennamee ni adabama. ✍️✍️✍️ Namoota maallaqa kenneef ammoo qabeenya isaanii deebi’uun dirqama. ✍️✍️✍️✍️ ✍️✍️✍️✍️ 4. Xumura Gabaabumatti: Maallaqa gargaarsa namoomaaf jedhee walitti qabee kaayyoo dhuunfaa ofiitiif oolchuun, seera Itoophiyaa keessatti yakkoo amanamummaa cabsuu fi misuse of charitable funds jedhamuun adabbii cimaa qaba. Namoota sadiin akkaawuntii irratti maqaa jiran hundi itti gaafatamtoota seeraan ta’u — waliigalaa fi waliigalaa miti. Haa ta’u malee, yoo qabeenyi kaayyoo isaa guutuun itti oolee, odeeffannoon ifa ta’ee, seera cabsee hin jirre. @highligh

Jireenya kee keessatti namoota gurguddoo sadiitu si fuuldura dhaabbata. ✅ Inni tokko, si jabeessa, si onnachiisa, Abdii hin jirre si keessatti uumee, Abdii galaa jireenyaa siif galaasa. ✅ Inni 2ffaa immoo, si dura dhaabbatee abdii si kutachiisa. Kun hin ta'u, sun hin ta'u, kun hin danda'amu sunis akkasuma siin jedhee galaa abdii inni sun siif hidhe si jalaa balleessa. ✅Inni sadaffaan immoo dhimma kee hin.qabu, Sin quuqu, sin luugu, sin jaju, sin jaji'u, sin jabeessuus sin laaffisus. Ati yoo jabaattee isaan lachuu mo'atte jireenya qabda. Sammuun keemmoo isa galaa abdii mo'ichaa siif galeessu waaleffannaan Tulluuyyuu ni jigsita.

+3
Labsii Itti waamama Tumsa Indoowumantii Misooma Oromiyaatiif Murteessuuf Bahe, Lak. 225/2012

Repost from Diinaa'ol Kumaa
+2
Dambii-Labsii-Buusaa-Gonofaa-Lak.-235-2015.pdf7.93 KB

Repost from Diinaa'ol Kumaa
244-2014 Labsii Buusaa Gonofaa.pdf1.52 KB

+7
Village_Business_Control_Operating_System_Directive_No_159_2016.pdf3.87 KB

Ragaan Sanadaa Qaama Mootummaa Irraa Kenname Jedhamee Dhiyaate Qorannoo Foorensikiin Hanga Mirkanaa’utti Qaama/Waajjira Mootummaa Ragicha Kenna Jedhame Keessaa Dhabamuun Qofaa Isaatti Ragicha Kan Sobaati Hinjechisiisu. ================================== Dhimma  seera ragaa yakka:-Murtiiwwan Dhaddacha Ijibbaataa MMWF n Onkoloolessa bara 2017 hanga Gurraandhala bara 2017tti Kennaman keessa kan fudhatameedha. Murtichiis barsiisaadha  , dubbisaa. Manni  Murtii Waliigalaa Federaalaa Dhaddachi  Ijibbaata jiildii 27 ffaa lakka.galmee  247213 irratti dhaddachaa gaafa guyyaa 05/2/2017 ooleen  dhimmaa ragaa sobaa qopheessuu....ykn fayyadamuun himannaa yakka yoo dhihaatuun walqabatee  sanadni sobaa tokko sobaa tahuu fi dhabuun akkamitti akka mirkanahuu akka qabu murteesseera. Bu'uuruma kanaan,Manni Murtii tokko ragaan sobaa tahuu  fi dhabuu kan mirkaneessuu qaban  qorannoo ogummaa(foorenisikii) tiin malee  ragaan tokko waan mana hojichaa kennee keessatti barbaadamee dhabameef qofa ragaan sun ragaan  ragaa sobaatti jechuun  murtii kennamuu sirrii miti jechuun murta'eera. 👇👇👇👇👇👇👇👇 Kanaaf,ragaan qaama mootumaa irraa kennamee tokko, kan booda hanga qorannoo ogummaa foronisiikiin nama kenneen kennamuun dhabuun mallattoon kan isaa tahuu fi dhabuun ,chaaphaan kan waajjira tahu fi dhabuun qoratamee hanga  hin mirkanoofneetti ,ragichi  waan qaama mootummaa irraa kenname keessaa barbaadamee dhabameef qofaaf nama yakka ragaa sobaa qopheessee ykn fayyadamee jechuun adabuun sirrii miti #Murtii bareedu,dubbisa hojii irraa oolchaa,bakka namni itti miidhamaa jiru waan taheef. Haqaaf Du’etu gumaache

#Dhimmi yakka taaksii wal-qabatee Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Dhaddacha Ijibbaata jiildii 27 ffaa lakka.galmee 237423 irratti murta'ee, bu'uura seera taaksii Bulchiinsa Mootummaa Federaalaa labsii 983 tiin dhimmaa taaksiitiin tarkaanfii bulchiinsaatiin adabamuu itti gaafatummaa yakka hin hambisuu waan taheef falmiin adabbiin bulchiinsaatiin waan adabamnee irra deebiin himatamuu yookiin adabamuu hin qabnu (Principle of jeopardy) jechuun kahuu fudhatama hin qabu jechuun murteesseera. @highlight Haqaaf Du'e

Jildii 27 Lakk. Galmee 243484 ta'e irratti murtii dirqisiisaa kenneen "#namni #Dhaamoodhaan qabiyyee #dhaalaa dabarse gahee #dhuunfaa isaan ala kan isaa kan hin taanes dhaamon dabarseera yoo ta'e #Dhaamon diigamuu kan qabu guutummaatti osoo hin taane #qabiyyee gahee isaa hin taane irratti dhaamoo taasifame qofatu diigama" jechuun murteesseera. @highlight

ቅፅ_27_የፌ_ጠ_ፍ_ቤት_ሠበር_ሰሚ_ችሎት_ውሳኔዎች.pdf4.41 MB

FRDE CCI Decision on the issue of OSCCB.pdf5.71 MB

FRDE CCI Decision on the issue of OSCCB.pdf5.71 MB

+2
labsii-lak-156-bara-2002.pdf17.79 MB

Qo’annoowwan Daayirektoreetii Qorannoo fi Qo’annoo ILQSOtiin bara 2016 keessa hoojetaman Studies conducted by Legal Research and Study Directorate in 2024 (Oromia Legal Training and Research Institute). በ2016 በኦሮሚያ የህግ ስልጠና እና ምርምር እንስቲትዩት የህግ ጥናትና ምርምር ዳይሬክቶሬት የተሰሩ የህግ ጥናቶች https://t.me/speaklawinabsentia

photo content

Godinaalee 21 fi Bul. Magaalotaa 23tiif    B/J Attam jirtu? Yeroo ammaa kana  hojji kenna tajaajila Lammummaatiif  Qabeenya adaa addaa Akaakuunis ta’e maallaqa callaa walitti qabaa jiraachuun keessan ni hubatama. Fakkeenyaaf Dabtara barataa,Kitaabolee adda addaa,Qalama, Meeshaalee ijaarsaa fi kkf. Bal’inaan walitti qabaa jiraachuun keessan ni mul’ata. Kanaafuu Qabeenyaan hirmaannaa Uummataa irraa walitti qabamu xiyyeeffannoo fi of-eeggannoo cimaa waan barbaaduuf qabeenya akaakuudhaan walitti qabamuuf bu’uura qajeelfama Bulichiinsa Nagahee Lakk 31/2016 tiin Madela 19 fi 22n akka fayyadamtan, bulchiinsa  maallaqa calla ilaalchisee galii walitti qabamuuf nagahee galii KTL 1/1,baasii ilaalchisee nagahee baasii KTL 1tiin akka raawwattan jechaa caasaan keessan hanga sadarkaa gandaatti jirus dhimma kana sirriitti beekanii hojiirra akka oolchaniif ergaa akka isaaniif dabarsitanii fi dhimmichas itti dhiyyeenyaan akka hordoftan cimsinee ni beeksisna.

+1
Dambii Lakk. 197-2010 (Dambii Milisha) (1) (1).pdf1.03 KB

1,000 (kuma tokko) gadi hin taane, 5,000.00 (kuma shan) hin caalleen ni adabama. 🙏🙏🙏🙏🙏 🙏(h) Ittigaafatamaan yookiin hojjataan mana hojii mootummaa, dhaabbilee misoomaa mootummaa ykn jaarmaayilee ummataa kamiiyyuu mana hojii ykn dhaabbata ykn jaarmiyaa keessatti hojjatu keessatti yakki malaammaltummaa raawwatamuu isaa osoo beekuu qaama aangoo yakka malaammaltummaa qorachuuf qabutti kan hin beeksifne yoo ta’e tarkaanfiin bulchiinsaa mana hojii isaatiin fudhatamu akkuma jirutti ta’ee, hidhaa salphaa hanga waggaa shaniifi adabbii maallaqaa hanga qarshii 10,000.00 (kuma kudhan) ni adabama.  🙏🙏🙏🙏🙏 🙏(i) Yakkootni keewwata kana keewwattoota xiqqaa 2(a), (c), (d),(e)fi (f) jalatti tumaman bu’uura seera yakkaatiin dhaabbilee qaamni seerummaa seeraan kennameefiin kan raawwataman yoo ta’e adabbiin maallaqaa dachaa shaniin ta’a. 🙏🙏🙏🙏 🙏3)  Qaamni yakkoota #gibiraafi #taaksii irratti raawwate kamiyyuu akkaataa Labsii Galii Gibiraafi Labsii Bulchiinsa Taaksii Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin kan itti gaafatamu ta’a.    🙏🙏🙏🙏🙏🙏