Diinaa'ol Kumaa
Kanalga Telegram’da o‘tish
Rakkina kee rakkisaa keetti hin himiin.
Ko'proq ko'rsatishMamlakat belgilanmaganToif belgilanmagan
1 384
Obunachilar
Ma'lumot yo'q24 soatlar
-17 kun
-2030 kun
Postlar arxiv
1 384
Murtii kan hin jedhamne ta'uu
👉👉👉👉👉👉👉👉
Murtiin Abbootii Seeraa Mana Murtii Hawaasummaa Gandaa sadiin hin kennamne murtii kan hin jedhamne ta'uu; Labsii Manneen Murtii Hawaasummaa Gandaa Irra Deebi'anii Dhaabuu fi Aangoo Isaanii Murteessuuf Bahe lakk.128/1999 kewwata 33(1,2)
👉Murtee Dh/Ij/MMWO jildii 9ffaa lakk.galmee. 337018 irratti murtii dirqisiisaa kennee jira.
1 384
Dogoggoraan ''Mobile Bankingiin'' Maallaqa Yoo Ergitan, Baankiin Ofumaan Deebisuu Danda’aa?
==================================================================
Namoonni hedduun yeroo mobile banking fayyadaman dogoggoraan maallaqa nama biraatti erguu danda’u.
“Baankiin maallaqa sana account nama sana irraa fuudhee naaf deebisuu danda’aa?” gaaffii jettuuf deebisaan:
Akka seera baankiitti, baankiin hayyama abbaa account sanaa ykn ajaja mana murtii malee maallaqa account nama tokko irraa fuudhee nama biraaf deebisuu hin danda’u. Sababni isaa mirgi abbummaa fi nageenyi herrega mammilootaa eegamuu qaba jedhee seeraa lafaa qaba.
✅Dhaddachi ijjibaata Feederaalaa akkana jedhe:
Namni maallaqa kaffaluu hin qabne kaffale akka deebi'uuf gaaffachuun mirga ta'ullee garuu dogongorri tokko osoo hin jiraatin Waliigaltee fi dirqamni seeraa isa kaffalchiisu akka hin jirre osoo beekuu maqaa fi lakkoofsa herreegaa (Account) barreessuun maallaqa yoo erge itti yaadeefi fedhinnaan akka ergeetti waan fudhatamuuf maallaqa siif ergamuu hin qabneen siif ergee naaf deebisi jedhee gaafachuu hin danda'u" DH/IJ/MMWF lakk.175660 Jildii 26ffaa murtiii kenname ture.
Baankiin garuu yeroo dogoggorrii akkanaa uumamee komiin maammila irraa dhufe waanti godhu:
● Yoo dhugumaan sitti amane nama maallaqa fudhateen wal si qunnamsiisee akka ati wal dubbiftee maallaqa kee akka siif deebisuu itti gaafattu haala siif mijjeessa.
Garuu ofumaan account irraa hir’isuu ykn maallaqa deebisuu hin danda’u yoo adeemsi seeraa hin jirre ykn mana murtiin ajajame malee.
Kanaaf yeroo mobile banking fayyadamtan:
● Maqaa namaa sirriitti mirkaneessaa
● Lakkoofsa account ykn bilbilaa yeroo 2 fi isaa ol ilaalaa
● Saffisaan Maallaqa hin dabarsinaa.
● Yoo wannii akkasii isin mudate ammoo damee naannoo keessan jiru dubbisaa dhimma keessaan karaa seeratin akka isiniif furamu isin gargaaruu danda'u waan taatef.
Galatoomaa!
1 384
Namoonni gaaffii seeraa ykn hubannoo seeraa barbaaddan karaa kanan na waliin mari'aachu ni dandeessu.
1 384
#Qajeelfama Raawwii Fo’annoo Fi Ramaddii Hooggansa Gandoota Mootummaa Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Bahe Qajeelfama Lakkoofsa 24/2016
1 384
Dambii Gurmaa’insa, Aangoofi Hojii Qaamolee Raawwachiisaa Bulchiinsa
Aanaaleefi Gandoota Mootummaa Naannoo Oromiyaa Lakkoofsa 250/2016”
1 384
𝐐𝐚𝐣𝐞𝐥𝐣𝐞𝐞𝐥𝐟𝐚𝐦𝐚 𝐥𝐚𝐤𝐤. 25/2016
𝐐𝐚𝐣𝐞𝐞𝐥𝐟𝐚𝐦𝐚 𝐌𝐢𝐧𝐝𝐚𝐚 𝐟𝐢 𝐅𝐚𝐚𝐲𝐢𝐝𝐚𝐚𝐥𝐞𝐞 𝐇𝐨𝐠𝐠𝐚𝐧𝐬𝐚 𝐀𝐚𝐧𝐚𝐚𝐥𝐞𝐞 𝐟𝐢 𝐆𝐚𝐧𝐝𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐌𝐨𝐨𝐭𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚 𝐍𝐚𝐚𝐧𝐧𝐨𝐨 𝐎𝐫𝐨𝐦𝐢𝐲𝐚𝐚 𝐌𝐮𝐫𝐭𝐞𝐞𝐬𝐬𝐮𝐮𝐟 𝐁𝐚𝐡𝐞
1 384
Faddaallii ykn Dallaalli Eeyyama Hin qabne Seera Duratti Mirga Gaafatu Hin qabu.
⚖️ Dhadd/Ijibb/MMW/Fed/Jildii 25ffaa Lakk.Galmee 204199 irratti Seera Daldalaa kwt 5(19),56 bu'uurefachuun murtii dirqisissaa kenne jira.
👉👉👉👉👉👉👉
'' Hojii Faddaalummaa Hojjechuuf Hayyama Osoo Hin Qabaatin, Hojii Faddaalummaa Hojjedheera Jechuun Kaffaltii Raawwachiisuuf Himanni Dhiyaatu, Mirga Hin Jirrerratti Hundaa'ee Kan Dhiyaate Waan ta'eef Kufaa Ta'uu Qaba.
👉👉👉👉👉👉👉
✅ Akkaataa Seera Daldalaa lakk.1243/12 kwt 54(1) tin faddaalaa jechuun waliigaltee kan waliigalchiisan, keessumattuu waliigalteewwan akka Gurgurtaa, kiraa, inshuraansii fi kkf kan waliigalchiisanii fi barbaadanii kan walqunnamsiisanii fi ogummaa of danda'e godhatanii faayidaa argachuuf namoota hojjetan ykn dhaabbilee daldalaa hojii kana hojjetan jechuudha.
👉👉👉👉👉👉
✅ Labsii kana kwt 54(2) jalatti faddaaltonni mijataa ta'ee waliigalteewwan isaan raawwachiisuu danda'an jedhamee gosaani fi eenyummaa namoota isaan waliigalchiisan irratti osoo hin hundaa'in daldalaa Jedhamu.
👉👉👉👉👉👉
✅ Labsiin daldalaa kun kwt 5(34) jalatti hiikkoo hojii daldalaatif kenneen, bakka bu'aan daldalaa, Faddaalaan, hojii namoota kamiyyuu walqunnamsiisuu namoonni hojjetan daldalaa ta'uu kaa'eera. Daldalaan immoo hojii daldalaa hojjechuuf heyyamni hojii dirqama.
✅ Faddaalaan haala waliigaltichaa bitaaf mirga beeksisuuf dirqama kan qabu yommuu ta'u kana gochuu dhabuun isaatiin akkaataa Labsii daldalaa 1234/12 kwt 56 tiin miidhaa namoota walitti fide irra ga'uuf kan itti gaafatamu ta'a.
1 384
Dhaddachi Ijibbaataa MMWF hiikkoo seeraa dirqisisaa dhaddacha gaafa 04/01/2006 ooleen Lakk.Ga. 95440 (Jildii 17ffaa) irratti kenne keessatti: 👉Akka bu'uuraatti murtiin adabbii kan kennamu akkaataa qajeelfama yeroo gochi yakkaa sun raawwatametti hojiirra tureetti ta'uu ibsuudhaan qajeelfamni adabbii inni fooyya'ee bahe garuu himatamaa kan fayyadu yoo ta'e, akkaataa Seera Yakkaa kwt 6tiin qajeelfama isa fooyya'etu hojiirra ooluu qaba jedheera. Haala kanaan, gochoota yeroo qajeelfamni duraanii hojiirra jiru raawwataman ilaalchisee manneen murtii qajeelfama haarayaafi kan duraa keessaa inni kam himatamaa akka fayyadu qulqulleeffachuun kan fayyadu filatanii hojiirra oolchuu qabu jechuudha. Hubachiisa: ✅Dhaddachichi haaluma walfakkaatuun Heera Mootummaa kwt 22(1)fi Seera Yakka kwt 6 caqasuun qajeelfamni adabbii inni caalmaatti himatamaa fayyadu adda bahee hojiirra ooluu qaba jechuun lakk.Ga.113065 irrattis murteesseera jennee (barreeffama gabaabaa obbo Bisraat Tasfaayeetiin barreeffame ilaali) Chaanaalii kana irratti dhoobuun keenya ni yaadatama. ✅Kunis kan agarsiisu, sababuma gochi tokko yeroo qajeelfamni adabbii inni duraa hojiirra turetti raawwatameef qajeelfama adabbii isa duraa hojiirra oolchina jechuu osoo hin taane qajeelfamni adabbii inni duraa sun isa ammaa caalaa kan fayyadu ta'uu isaa dursinee shallagnee erga adda baafannee booda kan fayyadu ta'uu isaa yoo mirkaneeffanne hojiirra oolchina jechuudha.
