uk
Feedback
TEXT JAALALA™

TEXT JAALALA™

Відкрити в Telegram

T E X T JAALA LA ᴄʜᴀɴɴᴇʟɪɴ ᴋᴜɴ: ᴊᴇᴄʜᴏᴏᴛᴀ ᴊᴀᴀʟᴀʟᴀᴀ❤️ ᴋᴀᴋᴀ'ᴜᴍsᴀᴀ💪💪 ꜰɪ ᴊᴇᴄʜᴏᴏᴛᴀ ᴍɪɪʀᴀ ᴋᴇᴇɴʏᴀ ʜᴀᴀʟᴀ sᴀʟᴘʜᴀᴀ ᴛᴀ'ᴇᴇɴ ɴᴜᴜꜰ ɪʙsᴜᴜ ᴅᴀɴᴅᴀ'ᴀɴ😣😏☺️ sᴜᴜʀᴀᴀ ᴡᴀʟɪɪɴ ᴍᴀxxᴀɴsᴜᴜꜰ ᴋᴀɴ ᴅʜᴀᴀʙʙᴀᴛᴇᴇᴅʜᴀ. #Yaada @robsan4 #JOIN @textjaalala

Показати більше
1 412
Підписники
Немає даних24 години
-97 днів
-1830 день
Архів дописів
⚠️ SEENAA DHUGAA.💔😓 "Waggaa lama dura ergan barumsa xumuree hojii eegalee booda, guyyaa tokko hojii irraa yoon deebi'u dargaggeessa tokkoon karaa irratti wal agarre. Inni baay’ee dhabata qaba, akkaataa dubbii isaa immoo #onnee❤️ namaa kan booji’udha. Guyyaa sanaa eegalee dubbii eegalle... Jaalalli keenya saffisaan guddate. Inni garuu waan hunda naaf godha, fuuldura keenya #bareedduu taasisa jedheen abdiidhaan eegaa ture. Sababiin isaas, inni yeroo hunda: Ati furtuu jireenya kooti, waliin karaa dheeraa deemna, siin ala jireenya hin fedhu, ati lubbuu kooti, sagaleesaa bareeduun naan jedha ture. Maallaqa xiqqoo argannu walitti qabnee gaa’elaaf karoora baafachuu eegalle. Garuu akkuma dhimmi gaa’elaa dhiyaachaa dhufeen, inni jijjiiramuu eegale. Bilbila isaa cufuu eegale, yeroo hunda ''hojiin natti baay’ateera'' jechuun na dheessuu jalqabe. Onneen💔 koo #shakkii dhaan guutamte. Guyyaa tokko bashannaaf waliin baane, #bilbila isaa na bukkeetti dhiisee bishaan daakuu bishaan seene, daqiiqaa lama booda, bilbila isaa irratti ergaan (message) tokko 'pop' jedhee mul'ate. Barreeffamichi baay'ee gabaabaa garuu kan lubbuu namaa #ajjeesudha.😢 'Halkan edaa jaalala keetiin machaa'ee buleera, daddafii kootu' jedha. Ergaan sun nama biraa irraa otoo hin taane, hiriyaa koo ishee #onnee koo caalaa amanu irraayi! Miilli koo na hollate, ijji koo na #jaame🥺. Inni ani akka malee #amane, inni ani jireenya koo hunda itti hidhe, #hiriyaa koo ishee dhiyoo waliin walitti dhufeenya dhoksaa Uumee jira😓. Hamma #har'aatti kan na gubu, isaan lamaan ijaan wal biratti arguun koo immoo madaa koo irratti soogidda naqe.😭 #Jaalala waggaa lamaa fi amanamummaa koo guyyaa tokkotti diigan. Har'a #kophummaa cimaan natti dhagahameera. amantiin ani namootaaf qabu hunduu diigamee, keessi garaan koo akka mukukkula ibiddaa na #guba jira!"😢 Seenaan kun inbox 📥 dhaan guyyaa muraasa dura naaf ergame, maqaa ishee himuu hin danda'u. "Seenaan obboleettii keenyaa kun onnee namaa dhiigsa😓. Nama siin 'si jaalladha' jedhu hunda amanuun rakkisaadha. isheen #amantii namootaa irratti qabdu hundumaa dhabdeetti. Isin otoo taatanii maal gootu turtan? Isaan lamaan lammata ijaan arguun itti ulfaata, garuu 'Yeroon #madaa ni fayyisa' jettanii jajjabeessituu? Moo #Gantoota akkasii irraa fagaatanii of qofa jaallachuutu furmaata?Seenaa akkasii isin irra ga'ee beekaa? anis bifa #dubbisaaf mijatu godheen barreessee✍️ isiniif qoode. Yaada keessan 'Comment'👇 irratti naaf qoodaa, ishee maal jettanii jajjabeessitu.? #Hub: Namoonni #Seenaa_Jaalalaa qabdan Inbox naaf ergaa, maqaa keessan dhoksee nan maxxansa. Join Us// @TextJaalala @TextJaalala

💬#𝙏𝙀𝙓𝙏_𝙅𝘼𝘼𝙇𝘼𝙇𝘼™❣️ ♡ ㅤ ❍ㅤ ⎙ㅤ ⌲ ˡᶦᵏᵉ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ ˢᵃᵛᵉ ˢʰᵃʳᵉ 𝖧𝗂𝗋𝗂𝗒𝖺𝖺 𝖪𝖾𝖾𝗌𝗌𝖺𝗇 𝗁𝗎𝗇𝖽𝖺𝖺𝖿 𝗦𝗛𝗔𝗥𝗘 𝗀�
+4
💬#𝙏𝙀𝙓𝙏_𝙅𝘼𝘼𝙇𝘼𝙇𝘼™❣️ ♡ ㅤ     ❍ㅤ        ⎙ㅤ     ⌲             ˡᶦᵏᵉ    ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ    ˢᵃᵛᵉ    ˢʰᵃʳᵉ 𝖧𝗂𝗋𝗂𝗒𝖺𝖺 𝖪𝖾𝖾𝗌𝗌𝖺𝗇 𝗁𝗎𝗇𝖽𝖺𝖺𝖿 𝗦𝗛𝗔𝗥𝗘 𝗀𝗈𝖽𝗁𝖺𝖺 𝗝𝗢𝗜𝗡 𝐆𝐨𝐝𝐡𝐮𝐧 𝗡𝘂 𝗝𝗮𝗷𝗷𝗮𝗯𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝗮❤️‍🩹🔋 Show us your love by react.🔺 𝐒𝐇𝐀𝐑𝐄➡ @textjaalala

Mee qubee namaa jaalataan tokko communt godhaa
Mee qubee namaa jaalataan tokko communt godhaa

💬#𝙏𝙀𝙓𝙏_𝙅𝘼𝘼𝙇𝘼𝙇𝘼™❣️ ♡ ㅤ ❍ㅤ ⎙ㅤ ⌲ ˡᶦᵏᵉ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ ˢᵃᵛᵉ ˢʰᵃʳᵉ 𝖧𝗂𝗋𝗂𝗒𝖺𝖺 𝖪𝖾𝖾𝗌𝗌𝖺𝗇 𝗁𝗎𝗇𝖽𝖺𝖺𝖿 𝗦𝗛𝗔𝗥𝗘 𝗀�
💬#𝙏𝙀𝙓𝙏_𝙅𝘼𝘼𝙇𝘼𝙇𝘼™❣️ ♡ ㅤ     ❍ㅤ        ⎙ㅤ     ⌲             ˡᶦᵏᵉ    ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ    ˢᵃᵛᵉ    ˢʰᵃʳᵉ 𝖧𝗂𝗋𝗂𝗒𝖺𝖺 𝖪𝖾𝖾𝗌𝗌𝖺𝗇 𝗁𝗎𝗇𝖽𝖺𝖺𝖿 𝗦𝗛𝗔𝗥𝗘 𝗀𝗈𝖽𝗁𝖺𝖺 𝗝𝗢𝗜𝗡 𝐆𝐨𝐝𝐡𝐮𝐧 𝗡𝘂 𝗝𝗮𝗷𝗷𝗮𝗯𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝗮❤️‍🩹🔋 Show us your love by react.🔺 𝐒𝐇𝐀𝐑𝐄➡ @textjaalala

💬#𝙏𝙀𝙓𝙏_𝙅𝘼𝘼𝙇𝘼𝙇𝘼™❣️ ♡ ㅤ ❍ㅤ ⎙ㅤ ⌲ ˡᶦᵏᵉ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ ˢᵃᵛᵉ ˢʰᵃʳᵉ 𝖧𝗂𝗋𝗂𝗒𝖺𝖺 𝖪𝖾𝖾𝗌𝗌𝖺𝗇 𝗁𝗎𝗇𝖽𝖺𝖺𝖿 𝗦𝗛𝗔𝗥𝗘 𝗀�
💬#𝙏𝙀𝙓𝙏_𝙅𝘼𝘼𝙇𝘼𝙇𝘼™❣️ ♡ ㅤ     ❍ㅤ        ⎙ㅤ     ⌲             ˡᶦᵏᵉ    ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ    ˢᵃᵛᵉ    ˢʰᵃʳᵉ 𝖧𝗂𝗋𝗂𝗒𝖺𝖺 𝖪𝖾𝖾𝗌𝗌𝖺𝗇 𝗁𝗎𝗇𝖽𝖺𝖺𝖿 𝗦𝗛𝗔𝗥𝗘 𝗀𝗈𝖽𝗁𝖺𝖺 𝗝𝗢𝗜𝗡 𝐆𝐨𝐝𝐡𝐮𝐧 𝗡𝘂 𝗝𝗮𝗷𝗷𝗮𝗯𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝗮❤️‍🩹🔋 Show us your love by react.🔺 𝐒𝐇𝐀𝐑𝐄➡ @textjaalala

💬#𝙏𝙀𝙓𝙏_𝙅𝘼𝘼𝙇𝘼𝙇𝘼™❣️ ♡ ㅤ ❍ㅤ ⎙ㅤ ⌲ ˡᶦᵏᵉ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ ˢᵃᵛᵉ ˢʰᵃʳᵉ 𝖧𝗂𝗋𝗂𝗒𝖺𝖺 𝖪𝖾𝖾𝗌𝗌𝖺𝗇 𝗁𝗎𝗇𝖽𝖺𝖺𝖿 𝗦𝗛𝗔𝗥𝗘 𝗀�
💬#𝙏𝙀𝙓𝙏_𝙅𝘼𝘼𝙇𝘼𝙇𝘼™❣️ ♡ ㅤ     ❍ㅤ        ⎙ㅤ     ⌲             ˡᶦᵏᵉ    ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ    ˢᵃᵛᵉ    ˢʰᵃʳᵉ 𝖧𝗂𝗋𝗂𝗒𝖺𝖺 𝖪𝖾𝖾𝗌𝗌𝖺𝗇 𝗁𝗎𝗇𝖽𝖺𝖺𝖿 𝗦𝗛𝗔𝗥𝗘 𝗀𝗈𝖽𝗁𝖺𝖺 𝗝𝗢𝗜𝗡 𝐆𝐨𝐝𝐡𝐮𝐧 𝗡𝘂 𝗝𝗮𝗷𝗷𝗮𝗯𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝗮❤️‍🩹🔋 Show us your love by react.🔺 𝐒𝐇𝐀𝐑𝐄➡ @textjaalala

Yeroo tokko tokko sansalatni bilisa akka hin taane kan nu dhorku qaama caalaa sammuudha

Osoo waadaa eegun akka waadaa seenuu salphaa ta'ee; Onneen namoota hedduu hin cabu ture! 😓 Join Us// @TextJaalala @TextJaalala

SIRRITTI NAAF HUBAADHU !!! 👉-kan yeroo hundaa kolfu beekumsa of dhoorka. 👉-kan yeroo hundaa kadhatu kennaa of dhoorka. 👉-kan yeroo hundaa kakatu amantii of dhoorka. 👉-kan yeroo hundaa jarjaru hiree of dhoorka. 👉-Dubbachuun immoo gootummaa miti! 👉-Callisuun sodaaf miti ! 👉-Kaayyoo kee hin dagatin! 👉-DHaageesseef hin dubbatin! 👉-Argaateedhaaf hin nyaatin! 👉-Waan xiqqoof hin gowwoomin! 👉-Icciitii kee hin himatin! 👉-Rakkoo kee hin dhokfatin! 👉-Hiriyaa kee hin tuffatin! 👉-Dhandhamachaa nyaadhu! 👉-Tilmaamatti dubbadhu! 👉-Fakkeesituu hin ta'in! 👉-Dhugaaf falmuu filadhu! 👉-Baay'ee dhaggeeffadhu! 👉-Xiqqoo immoo dubbadhu! 👉-Kan namaa hin dubbatin! 👉-Kan kee hin dhiisin! 👉-Nama hin sodaatin kabaji malee! 👉-Of hin tuffatin! 👉-Goowwaa namaan hin jedhin! 👉-Beekaa ofi hin godhin! 👉-Amantii kee kabaji! 👉Kan namaa hin tuffatin! Join Us// @TextJaalala @TextJaalala

Murtii jaalalaa miira nageenya ati addunyaa kam keysa jiraachu kiyyaf na barbaachifta yeroo golli onnee tiyyaa kophaa fi dukk
Murtii jaalalaa miira nageenya ati addunyaa kam keysa jiraachu kiyyaf na barbaachifta yeroo golli onnee tiyyaa kophaa fi dukkana if sehutti situ akka urjiilen samii bareechanitti onnee tiyya keysaa ifee na bareecha, murtii jaalalaa akka salphaan ibsuu hin yaadu. Si hubachu,dhageeffachuu fi yeroo qabaachun heddu na gammachisa. Wal jaalachuun filannoo keenya ta'us, jaalala uumun fedha uumati nutis fedha isaatin tikfamna, jaalala waliin qoodanna waliin waliifis jiraanna.🫀❤️ hub😘🫶 Join Us// @TextJaalala @TextJaalala

Sagalee kee kilolee saniin yeroo " hello " jettu onneen too bakka meeqa taati yaadi me🥹itti aansite hamdiyyee gaafa naan jettuu akka nama dubbii wallaalu tokkoottin hudhan hudhame Sagalee laaftu takkan "oyyee ''je'ee si jalaa owwaadha. Jechootaa dilaa tokko qopheeyfadheen,yaadaaf karoora dilaa tokko baafadhe yeroon Sagalee tee san dhagahee hunda nin dagadha!! tan ati jettu malee taniin yaade san nin irranfadha, maaliif akkaan akkas tahuu tilmaamuus baruun dadhabee yaadi mee humna jaalalaa, ulfina isa💝 Miskiinticha koo 🫶 Join Us// @TextJaalala @TextJaalala

Namni akka nama dhugaan si jaalatuu miira kee siif hubatu, rakkoo ati keessa jirtu hanga humna isaatti si waliin qooddatu hin jiru. Namni dhugaan si jaalatu yeroo jaalalaa qofa si waliin dabarsee deemuu oso hin taane, bara jireenya isaa guutuu si waliin jiraachuuf murteessa. - Namni dhugaan si jaalatu si gorsa, siin lola, sitti aara, waa'een kee isa dhiphisa. Haasawa kamuu keessatti hamilee kee eega. Nama jaalannuun tokko nuhaa godhu! - Nama jaalattuuf jiraadhu! 🤍🫰 Join Us// @TextJaalala @TextJaalala

Milluun tee anaaf qoricha, argaan tee anaaf daawwitiidha. Gaafa ati ija keeysa naa ilaala hamdi tiyyaa naan jettu akka nama b
Milluun tee anaaf qoricha, argaan tee anaaf daawwitiidha. Gaafa ati ija keeysa naa ilaala hamdi tiyyaa naan jettu akka nama bishaan hudhee taheetiin dubbachuu dadhabe suuta je ija keessa si ilaauuf yaaluus ija guute si ilaalu hin danda’u, si millaadheetuman oyyyee hub kiyyaa sin jechaa,ija lafa qabee onnee kee irratti achii je miira koo of dhageeyfacha dhahannaa onnee keetii suuta jedhe dhageeyfadha...🥰 Join Us// @TextJaalala @TextJaalala

Narraa yoo fagaattees, ani sin yaada; maqaan kee yeroo hunda afaan koorraa hin badu. Ati dhimmoota koo warra hangafaa keessaa
Narraa yoo fagaattees, ani sin yaada; maqaan kee yeroo hunda afaan koorraa hin badu. Ati dhimmoota koo warra hangafaa keessaa isa tokkodha. Karoorri koo inni dilbiin sun si waliin galmaa gahaa. Inumaayyuu isaan kaleysa si jaaladhe irra, isa har'aatu caala. Inni boriimmoo kan kana hunda caaluudha.❤️😘🙏🏽 Join Us// @TextJaalala @TextJaalala

Koo🥰 Gad fageenyi jaalala ani siif qabu ibsamuu hin danda'u. yeroo tokko tokko anumtuu amanuuf nan rakkadha. Jaalallikee wiirtuu jireenyaa koo hunda keeysa seenee, lubbuu koofi kee akka hin cabnetti kan walitti hidhedha. Dha'annaan onnee koo hundi maqaa kee sirba, yaadoonni sammuu koo hoogganan martis waayee keeti.♥️ Hiika jaalalaa isa dhugaa, jechuunis jaalala keessatti obsa, gara laafessummaafi jaalala ofittummaa hin qabne na barsiifteetta. Deeggarsifi ijjannoon kee inni raafamne gufuu kamiyyuu akkan mo'u humna naaf kenneera.♥️ jireenya koo keeysatti ba'aa mara narra qooddattee cinaa koo jiraachuu keetif galata guddaan siif qaba. Jaalalli kee miira kaayyoon haaromfameefi sababa guddummaaf carraaqu naaf kenneera.♥️ Kanaaf haviivii koo, ati waan hundumaa kooti, bara baraan koo taatee akka na wajjin jiraattu nin amana jechaa ergaa kana haa xumuru. Hafuuran baafadhu hundaa keeysatti akkan si kunuunsu fi si jaalladhu, waan ati hojjettu hunda keeysatti akkan si deeggaru, akkasumas hiriyaa ati yeroo hunda itti hirkattu akkan ta’u waadaa siif galeen ture hin diigu.♥️ Waliin taanee seenaa jaalalaa qormaata injifate akka uumnu hin shakku♥️ Bara baraa fi yeroo hundumaa si faana koo qalbiin!♥️ Join Us// @TextJaalala @TextJaalala

photo content

Repost from HARIIROO JALAALA
Yeroon tasgabbii dhabee guyyoonnikoo badu keeysatti; yeroo ifni aduu warqii natti ta'ee natti qaala'u keeysatti; ijjikee akka urjii samii halkan koo ibsee dukkana naannoo kiyyaa balleessa. Yeroo miirri kophummaa natti dhaga'amu" an kan keeti hunda keeysatti sii waliniin jira naan "jettee sagalee kee lallaafaaf mi'aawaan miira kophummaa naannoo kiyyaa Godaansitee addunyaa kana guutuu koluu koo jala galchita. Ati na waliin ta'uun hir'uu koo guutuu akka naaf taasisu natti mulifta. An si qabachuu kiyyaanin boona yeroo hunda 🥰 Join Us// @hariiroo_jalaala @hariiroo_jalaala

Repost from HARIIROO JALAALA
Dhiirota qofaaf. Dubartii Jaalala Qabsiisuu yoo hin beekne ta'e ... iccitii kana fayyadami caldhisteetuma dhalaa jala fiigaa hin oolin.❤😁 ◉ Dubartii wayii erga jaalatteen booda akka ishiin si jaalattu osoo 'sin jaaladha' ishiin hin jedhin adda baafachu dandeessa. Kan jaalate yoo si ta'eyyuu osoo ofirratti hin beeksisin akka ishiin deebitee si jaalattu gochuu qabda. Akka ishiin si jaalatte mallattoolee adda addaa ilaaluudhaan mirkaneeffachuu dandeessa. ◉ Guutumaan guututti mallattoo jaalalaa yoo irraa dhabde jaalalli kee hin galleef, akkasuma atis ishee hawwachuu hin dandeenye jechuudha. Ta'us garuu jaalala kee itti himuurra maloota armaan gadii itti agarsiisun akka ishiin si jaalattu gochuu dandeessa. ➊ Hin ariifatin : Ibsachuuf hin jarjarin. Suuta suutaan tapachuu qabda. Jarjartee yaadaa fi iccitii garaa kee keessa jiru dhangalaasuu hin qabdu. Hifachuun sirraa hin eegamu. ➋ Hordoffii madaalawaa ta'e barbaachisa : Yeroo hunda ishee qofa hordofuun hin barbaachisu. Kunis laafumatti waa'ee keef akka dhimmoomtu taasisa. Dubartiin yoo umriin xiqqoo taatee fi ilaalcha gabaabaa qabaatte, nama gatii hin qabme si seeti, akkasumas si tuffatti. ➌ Of jaallachuu : Mataa keetiif ilaalcha bareedaa qabaachuu sirraa eegama. Yoo ati of tuffatte namni biraa si hin kabaju. Kanaafuu of kabajuu fi ilaalcha bareedaa ofiif qabaachuun akka ishiin si hin tuffanneef si gargaara. ➍ Of Boonsuu : Of boonsuun barbaachisaadha. Nama fayyaa taatee mul'achuu, uffata sirraa bareedu uffachuu, foolii nama hawwatu fi k.k.f yoo eegaman bareedaadha. ➎ Ofitti amanuu qabda : Hamma ilaalcha bareedaa mataa keetiif qabaattutti, ofitti amanuun ni ulfaata. Waan dubartiin si jaallachuu diddeef ykn waan nama jaalala qabsiisuu dadhabdeef jattee yoo of tuffatta ta'e, of ta'ii mull'adhu, ofitti amani. ➏ Icciitii qabachuu : Amaloota akka hinaafuu dhooksuu qabda. Dhiironni biroo yoo ishee kan hordofan ta'e, hinaaffaa kee dhokfachuun dirqama ta'a. Hamma si jaalachuu ishee hubattutti hinaafuun guutumaan guututti hin barbaachisu. ➐ Kunuunsa : Akka nama ishee jaalatuutti ishee kunuunsuu qabda. Jaalala kee afaaniin otoo hin taane gochaan ibsachuu dursa. Ishee jajuu fi jabeenya ishee dinqisiifachuun gaaridha. ➑ Kabajaa ishee eeguu : Kabajaa fi iddoo barbaachisaa ta'e laachuufi, yeroo isheen haasoftu gurra kennuufii, nama biratti ishee xiqqeessuu dhabuu, akka isheen si yaadduuf carraa kennuufii. ➒ Hirkoo ta'uufii : Yeroo isheen gargaarsa barbaaddu ishee gargaaruu. Yoo rakkoon ishee mudate daftee ishee cinaatti argamuun akka iddoo siif laattu taasisa. ❿ Haasawaa bareedaa : Yeroo waliin haasooftan haasawa bashannansiisaa filadhu. Haasawaa fi taphni kee itti fufiinsa qabaachuu qaba. Yeroo hedduu akka isheen fedhhii ishee dubbattuuf carraa kenniif. ⓫ Kennaa kenniif : Waan gurguddaa otuu hin taane wantootuma xixiqqoo yeroo argite si yaadattu ta'uu qaba. Yeroo hedduu wantoota isheen jaallattu fi dhimma itti baatu ta'uu qaba. ⓬ Bilisummaa laadhuf : Yeroo hunda ishee bira jiraachuu hin qabdu. yeroo hunda ishee barbaaduu hin qabdu. Bilbilaanis ta'ee qaamaan isheenis akka si iyyaafattu carraa kennuufii. ⓭ Jabaa fakkaachuu : Of laaffisannii ishiitti mul'achuu irra jabaa fakkaachutu dubartii biratti iddoo siif laata. Kanaaf waan hundaaf qophaa'aa ta'uu itti of mul'isuudha. Kana jechuun garuu waanuma hin qabne hunda of irra tuuluu jechuu miti. ⓮ Dubartii biraa faana ta'uu : Dubartii biraa faana deddeemuu hin dhaabin, birumatti nagaa gaafadhu. Dubartii biraa faana hasa'aa, kokkolfaa itti of agarsiisi. Yeroo kana gootu hinaaffaa keessa waan galtuuf iddoo siif qabaatti. ⓯ Miira jaalalaa qoodif : Ishii faana sosochii miilaa karaarra taasisi. Carraa argame kamiinuu walbiratti argamuun jiraannan harka qabuu, harka kee gateettii ishiirra gochuu, dugda haammachuun gaaridha. ◉ Gochoota armaan olii hunda taasiftee waan tokkoyyuu jiijjiirama irraa yoo dhabde, iddoo kan siif qabne, miirri jaalalaa kan irraa hin calaqifne yoo ta'e akkanumaan yeroo kee gubaa turte malee ati intala tana jaalachuuf hin carroomne jechuuudha.

Repost from HARIIROO JALAALA
Jaalalleen kee waan ishee mudate hundumaa sitti himti taanaan, miira ishee hundumaa ifaaf bilisa taatee sitti himti taanaan, Gammadi! • ✍️Isheen kun baay'ee si jaallatti. Kana jechuun ati nama sanaaf iddoo boqonnaafi lafa itti fala argattudha... kanaaf faara itti hin badiin. Tasuma mira ishee dhaggeeffachuu hin nuffin. Akkuma waan yeroo bokkaan roobu namni figee mana wayi jalatti baqatu sana isheenis si jalatti miira ishee dubbattee baqachuu barbaaddi jechuudha. Kanaafuu ati isheef Mana boqonnaadha!. Ani akka dhuunfaakootti isa jaalallee mititi namni kamuu gaafa oolmaa isaa, miira keessa jiru natti himatu baayyee natti tola. yoon fala kaa'uufi dadhabeyyuu duuka gadduudhaan yookin gammaduudhaan miira sana namaaf dhaggeeffachuu hin nuffu ... Maaliif beektaa nama sanaaf akka barbaachistu wayitu sitti dhaga'ama gaafas! Addunyaa jibbisisaa kana keessatti nama jaallattuuf iddoo mijataa fi bakka aara galfii ta'uu caalaa maaltu nama gammachiisa? Jaalallee kee qofallee miti obboleessakeef, obboleettiikeefillee akkasuma ta'i. Gammachuu wayiitu jira miira kana keessa 🤌❤ Join Us// @hariiroo_jalaala @hariiroo_jalaala

Dhiiraa cimttu 1 duuba dubartii jabduu takkaatu jiraa akkuma jedhamuu san, dhiiraa miidhamtuu 1 duuba dubartii ganttu jiraa.