cookie

Ми використовуємо файли cookie для покращення вашого досвіду перегляду. Натиснувши «Прийняти все», ви погоджуєтеся на використання файлів cookie.

avatar

Kidane Law Office.

My Mission Is to Serve Justice.

Більше
Рекламні дописи
277
Підписники
Немає даних24 години
+17 днів
+430 днів

Триває завантаження даних...

Приріст підписників

Триває завантаження даних...

kafaltii abbaa seerummaa dhimma dhaalaa.pdf4.83 KB
📎የፍትሐብሔር ጉዳዮችን የተመለከቱ የክስ፣ የመልስ፣ የይግባኝ፣ የአፈጻጸም፣ የሰበር፣ የውሳኔ እና የትዕዛዝ ፎርሞች፡፡ 📎Dhimma Hariiroo Hawaasaatiin wal-qabatee foormiilee himannaa, deebii, oliyyannoo, Raawwii, Murtii fi ajaja.
Показати все...
የፍትሐብሔር_ጉዳዮችን_የሚመለከቱ_ፎርሞች.pdf6.26 MB
13_Qajeelfama_Bulchiinsa_Nagahee_Mootummaa_Lakk_FA_01_2005_Autosaved.pdf1.75 KB
Leenjii hammata Seeraa Bulchiinsa Faayinaansii Mootumaa.pptx6.22 KB
10. Gabaasaa odiitii.ppt2.02 MB
#Dhimmoota_Yakkaa_Jaarsummaadhaan_Yookiin_Araaraan_Xumuramuu_Danda'an: ✔️Maqaa gaarii nama biroo irratti miidhaa dhaqqabsiisuun yakka raawwatamu,seera yakkaa keewwata 717(1); ✔️Yakka ibsootaa fi beeksisoota amala gaariif faallaa ta'an seera yakkaa keewwata 643 bira darbuun raawwatamu; ✔️Yakka sagaagalummaa,Seera yakkaa bara 1996 bahe keewwata 652(1) bira darbuun raawwatamu; ✔️Himannaa yakka arrabsoo fi salphisuu,seera yakkaa keewwata 615 irra darbuun raawwatamu; ✔️Yakka arrabsoo fi sobaan maqaa balleessuu fi salphisuu hojjataa mootummaa yookiin jaarmiyaa mootummaa irratti raawwatamu,keewwata 618; ✔️Yakka kabaja namoota badanii yookiin du'anii tuquu raawwatamu,Seera yakkaa keewwata 619; ✔️Yakka maqa balleessuu fi hamii sobaa,keewwata 613; ✔️Yakka mirga dhuunfaa walii barreessuu ykn qunnamtii sarbuu,Seera yakkaa keewwata 606(1); ✔️Yakka sanadoota balleessuu raawwatamu,seera yakkaa keewwata 380(1); ✔️Iccitii Sababa ogummaa yookiin hojiin beekame ibsuu,yakka seera yakkaa keewwata 399 bira darbuun raawwatamu; ✔️Yakka doorsisa himachuu yookiin salphisuu,seera yakkaa keewwata 581 bira darbuun raawwatamu; ✔️Yakka harka darbuu,keewwata 560; ✔️Yakka nama sodaachisuun raawwatamu,seera yakkaa keewwata 580; ✔️Yakka meeshaa osoo hin fayyadamin miidhaa qaamaa salphaa itti yaadamee seera yakkaa keewwata 556(1) bira darbuun raawwatamu; ✔️Haala hin malleen kasaaruu ilaalchisee abbaa idaa galmee daldalaa irratti hin galmoofne irratti himannaa dhihaatu,seera yakkaa keewwata 726(3); ✔️Himannaa dorgommii daldalaa hin malle,seera yakkaa keewwata 719; ✔️Yakka waliin dhahuun idaa kanfaluu dadhabuu,seera yakkaa keewwata 725; ✔️Amantaa ummataatti fayyadamuun Jinniin siif harkisa yookiin falfala sirraa kuffisa,hiree kee sitti hima,Urjii siif lakkaa'a,hiree kee fuulduraa siif ibsa,ekeraa siif dubbisa fi kkf jechuun gowwoomsuu yakka raawwatamu,seera yakkaa keewwata 700; ✔️Ibsaawwan sobaa miidhaa geessisan raawwachuu,keewwata 718; ✔️Faayidaa argatta jechuun sossobuun nama biroo kakaasuun yakka raawwatamu,seera yakkaa keewwata 704(1); ✔️Namoota dandeettii hin qabne hojii qabeenya isaanii miidhu akka raawwatan kakaasuun yakki raawwatamu,seera yakkaa keewwata 705; ✔️Gocha rakkoo ol'aanaa yookiin hirkattummaa dubartiin tokko qabdu sababa godhachuun yakki raawwatamu,seera yakkaa keewwata 625; ✔️Qabeenya nama biroo irratti miidhaa salphaa geessisuu,yakka seera yakkaa keewwata 689 bira darbuun raawwatamu; ✔️Fuudhaa fi heeruma dabaan yookiin gowwoomsuun raawwatamu,yakka seera yakkaa keewwata 646(2) bira darbuun raawwatamu; ✔️Yakka qabeenya namaa irratti jeequmsa raawwachuu,seera yakkaa keewwata 686(1).👉Jeequmsi yeroo raawwatamu humnii fi doorsisni yoo jiraate immoo yakka haala kanaan raawwatameef araarri hin danda'amu,seera yakkaa keewwata 686(2); ✔️Hojii karra tokkoon qabeenya nama biroo irratti miidhaa geessisuu,yakka seera yakkaa keewwata 685(1) bira darbuun raawwatamu; ✔️Qabeenya badee argame kan ofii taasisuun yakka raawwatamu,seera yakkaa keewwata 680(1); ✔️Qabeenya nama biroo argatanii dhoksuu,seera yakkaa keewwata 679; ✔️Seeraan ala qabeenya nama birootti tajaajilamuu,yakka seera yakkaa keewwata 678 bira darbuun raawwatamu; ✔️Meeshaalee qabeenya waliinii ta'an hatuu,yakka seera yakkaa keewwata 667 bira darbuun raawwatamu; ✔️Miseensa maatii jidduutti yakki raawwatamu himannaa dhihaatu,seera yakkaa keewwata 664(1); ✔️Dirqama qallaba kennuu raawwachuu dhabuu,yakka keewwata 658 bira darbuun raawwatamu; ✔️Nama biroo fedhii isaatiin ala Alkoolii ykn Baalawwan Sammuu adoochan ykn qoricha kennuu ykn mala biroo kamiyyuu fajajeessuun dandeettii yaaduu ykn murteessuu nama sanaa dhorkuu,yakka seera yakkaa keewwata 583 bira darbuun kan raawwatamanii fi kkf fa'aadha. ✍️Dhimmootni kunneen iyyannoo dhuunfaan kan dhihaatan(crime punishable up on formal complaint) waan ta'aniif,dhimmoota sadarkaa kamittuu murtiin dura araaraan xumuramuu kan danda'aniidha.
Показати все...
𝐒𝐚𝐛𝐚𝐚'𝐢𝐟 𝐆𝐮𝐲𝐲𝐚𝐚𝐬𝐚𝐚 𝐇𝐮𝐧𝐝𝐚𝐫𝐫𝐚𝐚 𝐋𝐚𝐰 𝐑𝐨𝐨𝐦 (𝐎𝐫𝐨𝐦𝐢𝐚 ,𝐄𝐭𝐡𝐢𝐨𝐩𝐢𝐚 & 𝐖𝐨𝐫𝐥𝐝)

𝐀𝐛𝐨𝐮𝐭-𝐋𝐚𝐰 𝐢s a 𝐋eading 𝐄-𝐋egal 𝐒ervice 𝐏odium, 𝐖hich 𝐢s 𝐒et 𝐔p 𝐛y 𝐒𝐚𝐛𝐚𝐚'𝐢𝐟 𝐆𝐮𝐲𝐲𝐚𝐚𝐬𝐚𝐚 𝐇𝐮𝐧𝐝𝐚𝐫𝐫𝐚𝐚 𝐭o 𝐏rovide 𝐕arious 𝐋egal 𝐒ervices! (𝐎𝐑𝐎𝐌𝐈𝐀,𝐄𝐓𝐇𝐈𝐎𝐏𝐈𝐀 & 𝐖𝐎𝐑𝐋𝐃) Contact Us:- 𝐅𝐚𝐜𝐞𝐛𝐨𝐨𝐤:

𝐋𝐚𝐰 𝐎𝐟 𝐂𝐫𝐢𝐦𝐢𝐧𝐚𝐥 𝐏𝐫𝐨𝐜𝐞𝐝𝐮𝐫𝐞 ✅𝗣𝗿𝗶𝗻𝗰𝗶𝗽𝗹𝗲,𝗥𝘂𝗹𝗲 𝗮𝗻𝗱 𝗣𝗿𝗮𝗰𝘁𝗶𝗰𝗲. By:𝘚𝘪𝘮𝘦𝘯𝘦𝘩 𝘒𝘪𝘳𝘰𝘴 𝘈𝘴𝘦𝘧𝘢. @musalawyer
Показати все...
Simeneh Kiros Criminal Procedure.pdf2.17 MB
𝐌𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝐌𝐚𝐧𝐚 𝐌𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝐖𝐚𝐥𝐢𝐢𝐠𝐚𝐥𝐚 𝐅𝐞𝐝𝐞𝐫𝐚𝐚𝐥𝐚𝐚 𝐃𝐡𝐚𝐝𝐝𝐚𝐜𝐡𝐚 𝐈𝐣𝐢𝐛𝐚𝐚𝐭𝐚𝐚 𝐠𝐚𝐥𝐦𝐞𝐞 𝐥𝐚𝐤𝐤 235419 𝐭𝐚'𝐞 𝐈𝐫𝐫𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐊𝐞𝐧𝐧𝐚𝐦𝐞 ( 𝐇𝐢𝐧 𝐌𝐚𝐱𝐱𝐚𝐧𝐟𝐚𝐦𝐧𝐞). 🔰Dhaddachi Ijibaataa galmee kana irratti namni waldaa dhunfaa itti gaafatamummaan isaa murtaa'e keessaa qooda (share) qabuu fi akkasumaas walduma kana keessa hojjatu sababa waldicha keessaa qooda (share) qabuuf mirgoota hojjataan tokko akkaataa labsii hojjataa fi hojjachiisaa labsii lakk 1156/2011 ttiin argachuu qabuu fi labsicha jalatti tumamee jiru hin dhabu yokiin hin dhoorkamu jechuun labsii kana keewwata 3(2) waliin walqabsiisuun murteesee jira. ✅Akkaataa labsii hojjataa fi hojjachiisaa keewwata 3(2,F) jalatti tumamee jirutti dhimmoota labsichi irratti raawwatamu keessa hariiroo hojjataa fi hojjachiisaa waliigaltee dhunfaa namni kafaltaan hojii daldalaa yokiin hojii itti gaafatamummaa ogummaa mataa isaatiin raawwatuu dha. ✅Hojjataan tokko hariiroon inni akka nama qooda (share) waldaa sana keessaa qabuu tokkoti walidicha waliin qabuu fi hariiroon inni akka nama waldicha keessa hojjatuu fi hojjataa waldaa kanaati waldichaa waliin qabu adda adda tahuun isaa hubatamuu qaba jechuun dhaddachi ijibaataa murtii galmee kana irratti kanneen bal'inan ibseera. ✍By @musalawyer 🔰𝘽𝙖𝙧𝙣𝙤𝙤𝙩𝙖 𝙎𝙚𝙚𝙧𝙖𝙖 𝙛𝙞 𝙤𝙙𝙚𝙚𝙛𝙖𝙣𝙣𝙤𝙤 𝙙𝙝𝙞𝙢𝙢𝙤𝙤𝙩𝙖 𝙨𝙚𝙚𝙧𝙖𝙖𝙩𝙞𝙣 𝙬𝙖𝙡𝙦𝙖𝙗𝙖𝙩𝙖𝙣 𝙠𝙖𝙢𝙞𝙮𝙮𝙪𝙪 𝙞𝙩𝙩𝙞 𝙛𝙪𝙛𝙞𝙣𝙨𝙖𝙖𝙣 𝙖𝙧𝙜𝙖𝙘𝙝𝙪𝙪𝙛 𝙛𝙪𝙪𝙡𝙖 𝙩𝙚𝙡𝙚𝙜𝙞𝙧𝙖𝙖𝙢𝙞𝙞 𝙠𝙚𝙚𝙣𝙮𝙖𝙖 𝙡𝙞𝙞𝙣𝙠𝙞𝙞 𝙖𝙧𝙢𝙖𝙖𝙣 𝙜𝙖𝙙𝙞 𝙠𝙖𝙣𝙖 𝙟𝙤𝙞𝙣 𝙜𝙤𝙘𝙝𝙪𝙣 𝙝𝙤𝙧𝙙𝙖𝙛𝙖𝙖. 👉https://t.me/musalawyer
Показати все...
Seera Ijaarsaa Keessatti Waraqaan Ragaa Walharkaa Fuudhinsa Dhumaa (Final Acceptance Certificate) Kontiraakteraaf Kennamuun Wabummaa Seeraa Hanqina Dhokataa (Latent Defect) Suphuuf (Sirreessuuf) Kennamu Irratti Dhiibbaa Ni Qabaataa? *$$*$$$$$$$$**$$* ........itti fuftee... Fakkeenyaaf, hojiin haala yaa'insi dhangala'aa ilaalchisee hojjetamuu qabu tokko bu’uura ijaarsichaa keessa seenee akka miidhaa hin dhaqqabsiisneef haala gahaa ta’een kan hin hojjetamne yoo ta’e, hanqinni hojii ijaarsaa akkasii kun battala qorannoonijaafi sakatta’iinsi jalqabaa taasifamutti haala salphaa ta’een argamuu dhiisuu mala. Hanqinni kun boodarraa deemsa keessa mul'achuufi tajaajila ijaarsichaa irratti dhiibbaa qabaachuudanda'a. Hanqina akkuma ijaarsi xumurameen battalatti hin mul'anne kun 'Latent defect' jedhamee kan beekamu yemmuu ta'u, hanqinni battaluma ijaarsi xunurametti qorannoo ijaa ykn sakatta'iinsa meeshaatiin mul'achuu danda'u garuu 'Apparent (Patent) defect' jedhama.Hanqinaalee dhokataan ykn hin mul'anne kun baasii suphaa guddaa baasisuu ykn qaamni ijaarsichaa tajaajila hojjetameef akka hin kennine taasisuudhaan ijaarsicha balaarra buusuu danda'u.Hanqinaaleen wabummaan taasifameefis kanneen akkanaa ilaallata jechuudha. .......itti fuftee dubbisuu yoo barbaadde PDF olii (👆👆) tuqi!              Desalegn B.
Показати все...
📎Murtii Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Daddacha ijibaataa galmee lakk 208865. 📎Ijaarsa Waldaa Mana jireenyaatiif Iddoo ijaarsa manaa argachuuf miseensa waldaa ta’anii dabaree eegaa osoo jiranuu sababa hojiitiin gara iddoo hojii birootti jijjiramuun isaanii miseensa waldaa mana jireenyaa keessaa kan hin haqsiifne ta’uu hikkoo seeraa kenneera. 📎የፌደራል ጠቅላይ ፍርድ ቤት ሰበር ሰሚ ችሎት በመዝገብ ቁጥር 208865 📎በማኅበር ተደራጅቶ የቤት መሥሪያ ቦታ ለማግኘት በመጠባበቅ ላይ እያሉ በሥራ ወደ ሌላ ቦታ መዘዋወር ከመኖሪያ ቤት ኅብረት ሥራ ማኅበር አባልነት የሚያሰርዝ ስላለመሆኑ የሰጠው አስገዳጅ የሕግ ትርጉም፡፡
Показати все...
Waldaa_Mana_jireenyaa_ilaalchisee_&_የማህበር_ቤት_በተመለከተ_208865.pdf6.09 KB
Leenjii yakkoota Diinagdee.pptx2.40 KB
Leenjii Yakka Malaammaltummaa Irratti.ppt1.52 MB
Leenjii_sirna_dhagahaa_oliyyannoo_By_Elias_K_final_3_2.pptx4.31 MB
Leenjii naamuusaa.pptx4.71 KB
Leenjii Odiitii Maltee (Odiitii addaa)-1.pptx1.46 KB
Leenjii MMA Lafa Magaala Fi SDFHH by Elias Kasa (7).pptx1.23 MB
Qabeenyota Gaa’ila Keessatti Horataman Keessaa Muraasni Isaanii Biyya Ambaa Jira Jedhamee Falmii Keessatti Ka’uunifi Gareewwan Falmii Keessaa Tokko Lammii Biyya Ambaati Jedhamuun Mataa Isaa Danda’ee Qofaa Isaatti Dhimmichi Dhimma Falmii Seera Dhuunfaa Idla Addunyaa (Issues of Conflict of Laws/PIL) Kaasisudha Jechisiisuu Ni Danda’aa? ======///=========///=========///======
Erga murtiin hiikkaa gaa’ilaa kennamee booda, gaaffii qoodinsa qabeenyaa garee tokkoon dhiyaate irratti garee biroon himata himatamummaa maallaqaafi qabeenyota gaa’ila keessatti horataman keessaa muraasni isaanii biyya ambaa jiru jedhu yoo dhiyeesse, osoo seerota biyyoota lamaanii dhimmicha abbooman gidduu walitti bu'iinsi ykn walfaalleessuun jira hin jedhamin sababuma maallaqnifi qabeenyonni himata himatamummaatiin gaafataman biyya ambaatti argamu jedhameefi garee inni tokko immoo lammummaa biyya Amerikaa qaba jedhameef qofa dhimmichi dhimma falmii seera dhuunfaa idila addunyaa (issues of Conflict of Laws) kaasisudha gudunfaa jedhu irra gahuun sirrii miti.     (S/d/f/s kwt 9, 17, Labsii lakk.25/1988 kwt 11(2)(a), Dhaddacha Ijibbaataa MMWF Ga.Lakk.152590 (Jildii 23ffaa) የፍቺ ውሳኔን ተከትሎ በአንደኛው ወገን በቀረበ የንብረት ክፍፍል ጥያቄ ሌላኛው ወገን በጋብቻ ጊዜካፈሩት ገንዘብና ንብረት ከፊሉ ከኢትዮጵያ ውጪ ይገኛል በማለት የተከሳሽ ከሳሽነት ክስ ሲያቀርብ፤ ጉዳዩን በሚገዙት የሁለቱ አገሮች ሕጎች መካከል ግጭት ወይም ተቃርኖ አለ ሳይባል በተከሳሽ ከሳሽነት ክስ የተጠየቀዉ ገንዘብ እና ንብረት የሚገኘው በአሜሪካን አገር ነው በመባሉ እና አንደኛው ወገን የአሜሪካን አገር ዜግነት ያለው ነዉ በመባሉ ብቻ ጉዳዩ የግል ዓለም አቀፍ ሕግ ተፈጸሚነት ጉዳይን (Conflict of Laws) የሚያስነሳ ነው ከሚል ድምዳሜ ላይ መድረስ ትክክል አይደለም፡፡            (የፍትሐብሔር ስነ ስርዓት ቁጥር 9፤17 ፤አዋጅ ቁጥር 25/1988 አንቀጽ 11 (2) (ሀ)፣ የሰ/መ/ቁ-152590፣ ቅጽ-23)                  Desalegn B.
Показати все...
Seera Ijaarsaa Keessatti Waraqaan Ragaa Walharkaa Fuudhinsa Dhumaa (Final Acceptance Certificate) Kontiraakteraaf Kennamuun Wabummaa Seeraa Hanqina Dhokataa (Latent Defect) Suphuuf (Sirreessuuf) Kennamu Irratti Dhiibbaa Ni Qabaataa?                       Desalegn B.
Показати все...
BU'AAWWAN_SEERAA_WALHARKAA_FUUDHINSA_DHUMAA_THE_LEGAL_EFFECTS_OF.pdf1.24 KB
Оберіть інший тариф

На вашому тарифі доступна аналітика тільки для 5 каналів. Щоб отримати більше — оберіть інший тариф.