cookie

Ми використовуємо файли cookie для покращення вашого досвіду перегляду. Натиснувши «Прийняти все», ви погоджуєтеся на використання файлів cookie.

avatar

Roba Girma Law Office

Tajaajila Seeraa Bilisaa/Free legal service Abbaa Alangaa/public prosecutor. LLB & LLM

Більше
Рекламні дописи
227
Підписники
+324 години
+147 днів
+1530 днів

Триває завантаження даних...

Приріст підписників

Триває завантаження даних...

Maanuwaalii Qallabaa 2013 Fooyya'e PDF.pdf5.95 KB
Namni Yakkaan Balleessadha Jedhamee Adabamee Ture Korooroon Erga Gadi Lakkifamee Waggaa Shanii Ol Ta'uu Isaa Qofa Ibsuudhaan Murtiin Balleessummaa Duraanii Akka Kuusaa Yakkaatti Adabbii Cimsuuf Narratti Dhiyaachuu Hin Qabu Jechuun Falmuu Ni Danda'aa? =======//=====//=======//===== Himatamaan tokko yakka duraaniitiin balleessaadha jedhamee korooraan erga gadi lakkifamee waggaa shan kan darbe yoo ta'ellee, iyyannoo moggaafamuu mana murtiitti dhiyeessee bakka hin moggaafamnettifi adabbichis galmee murtii keessaa haqamee akka hin murtoofnetti bakka hin lakkaawamanitti, kuusaa yakkaa isaa akka adabbii cimsutti fudhachuun waanuma ta'uu qabudha.    (Seera Yakkaa kwt 82(1)(a), 84(1)(c), 232, 233, Dhaddacha Ijibbaataa MMWF Ga.Lakk.161791 (Jildii 24ffaa) አንድ ተከሳሽ አስቀድሞ በፈጸመዉ ወንጀል ጥፋተኛ ተብሉ በአመክሮ ከተፈታ አምስት ዓመት ያለፈዉ ቢሆንም ለፍ/ቤት የመሰየም ጥያቄ አቅርቦ ባልተሰየመበትና ቅጣቱም ከፍርድ መዝገብ ተሰርዞ እንዳልተሰጠ ባልተቆጠረበት ሁኔታ የጥፋተኝነቱ ሪከርዱን በቅጣት ማክበጃነት መያዝ ተገቢ ነዉ::    (በወ/ሕ/አንቀጽ 82(1/ሀ) ፤84(1/ሐ)፤ 232፤ 233, የሰ/መ/ቁ-161791, ቅጽ-24)      Desalegn B.
Показати все...
Показати все...
Let's connect on Facebook Lite!

It's small, fast and saves data. Download the app here:

AANGOO MANNEEN MURTII NAANNOO KEENYAA, DESALEGN B. (1).pdf1.36 KB
Logoo Tajaajila Seeraa Bilisaa Roobaa Girmaa
Показати все...
IMG_20240628_184606_149.jpg0.58 KB
Namni Lafa Baadiyyaa Bittaafi Gurgurtaa Dhoksaatiin Argate Darbiinsa Yeroo Akka Ittisaatti Kaasuu Ni Danda'aa? (Labsii Lakk.248/2015 Kwt 53(2) irratti xiyyeeffachuun Marii abbootii seeraa Manneen Murtii Godina Harargee Lixaa Waliin 'Google Meeting'dhaan Taasifame)       Credit to:-Desalegn B.
Показати все...
DARBIINSA YEROO WALIIGALTEE BITTAAFI GURGURTAA LAFAA.pdf5.58 KB
𝐋𝐚𝐛𝐬𝐢𝐢 𝐐𝐚𝐛𝐢𝐲𝐲𝐞𝐞 𝐋𝐚𝐟𝐚 𝐃𝐡𝐮𝐧𝐟𝐚𝐚 𝐆𝐚𝐝𝐢 𝐋𝐚𝐤𝐤𝐢𝐬𝐢𝐢𝐬𝐮𝐮,𝐁𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚𝐚 𝐊𝐚𝐟𝐚𝐥𝐮𝐮 𝐅𝐢 𝐃𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐧𝐢𝐢 𝐃𝐡𝐚𝐚𝐛𝐮𝐮 𝐊𝐚𝐧 𝐃𝐮𝐫𝐚𝐚 𝐅𝐨𝐨𝐲𝐲𝐞𝐞𝐬𝐬𝐮𝐮𝐧 𝐑𝐚𝐠𝐠𝐚𝐚𝐬𝐢𝐟𝐚𝐦𝐞 𝐈𝐥𝐚𝐚𝐥𝐜𝐡𝐢𝐬𝐞𝐞 𝐈𝐛𝐬𝐚 𝐊𝐞𝐧𝐧𝐚𝐦𝐞.
Показати все...
ለሕዝብ_ጥቅም_ሲባል_የመሬት_ይዞታ_የሚለቀቅበትን፣_ካሣ_የሚከፈል_ዎች_መ_አዋጅ_ቁጥር_1161_2011ን.pdf5.09 KB
#Naamusa_Ogummaa_Abukaatoo_Dhuunfaa_Abukaatoo_Ittisaa_fi_Barreessaa_Dhimma_Seeraa: Ogummaan abukaatummaa hojii kabaja guddaa kan qabu,sirna haqaa galmaan gahuu fi ummatni tajaajila qulqulluu akka argatu taasisuu keessatti gahee ol'aanaa waan qabuuf,naamusa ol'aanaa kan gaafatuudha.Kanarraa kan ka'e abukaatonni jireenya dhuunfaa isaanii keessatti gocha ogummicha xureessuu danda'u irraa of qusachuu qabu. 1️⃣#Abukaatoo_dhuunfaa: Abukaatoon kamiyyuu qaama dhimmi isaa ilaallatuuf amanamaa ta'uu qaba. 👉Namni abukaatoo ta'ee maamila isaa bakka bu'ee iyyatni Mana Murtii dhiheessu dhugaa ta'uu dursee qulqulleeffachuuf dirqama akka qabu;abukaatoon kamuu hojii ogummaa seeraa yeroo raawwatu maamila isaatiif,garee wal falmitootaatiif,Mana Murtiitiif,ogeessota seeraatiif,ogummaa isaatii fi hawaasa hundaaf itti gaafatamummaa, amanamummaan fi dhugummaan bahuu akka qabu #dhaddachi_ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigalaa_Federaalaa jildii 11ffaa lakkoofsa galmee 67146 ta'erratti seera deemsa falmii hariiroo hawaasaa keewwata 92,dambii Lakk.57/1992 keewwata 29 fi 56 waliin wal qabsiisuun murtii dirqisiisaa laatee ture. ✔Abukaatoon tajaajila maamilaaf kennuuf kanfaltii tajaajila kenneen walmadaalu kanfalchiisuu danda'a malee kanfaltii dambiin/seeraan hin eeyyamamne kanfalchiisuu hin qabu.Kanfaltii kanfaltiiseef nagahee kennuu qaba,Labsii Lakk.182/2013 keewwata 28(3). ✍Abukaatoon kamiyyuu dhimma walitti bu'iinsa faayidaa qabu irratti tajaajila ogummaa abukaatummaa kennuu hin qabu,Labsii keewwata 36(3). #Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigala_Federaalaa jildii 21ffaa lakkoofsa galmee 110507 ta'een "abukaatoon tokko haala walitti bu'iinsi faayidaa uumamuu danda'uun garee walfalmitootaa adda addaa bakka bu'uun falmuu akka hin dandeenyee fi gocha akkanaa raawwatee yoo argame seeraan kan isa gaafachiisu ta'uu" Labsii Lakk.182/2005 keewwata 36(3),Dambii Lakk.57/92 keewwata 10_13 wal qabsiisuun murtii kennee ture. ✍Abukaatoon kamiyyuu dirqama falmii keessatti qabu bahuu,odeeffannoo maamila isaa ykn odeeffannoo tajaajila ogummaa isaatiin argate kamiyyuu iccitummaa isaa eeguu,qabeenyaa fi sanada maamilaa eeguu,hayyama haaromsameen hojjachuu,waa'ee isaa ykn tajaajila abukaatummaa kennu irratti ibsa sobaa ykn ibsa nama dogoggorsu kennuu dhabuu,dhimma maamila isaa ilaalchisee firii dubbii irrattis ta'e dhimma seeraa irratti qaama 3ffaaf odeeffannoo soba ta'e kennuu dhabuu,gocha heeraa fi sirna heerichaan faallaa ta'e raawwachuu dhabuu,ragaa sobaatiin ykn ibsa sobaatiin ykn dogoggorsuudhaan hayyama abukaatummaa argachuu dhabuu,yakka hannaa fi gowwoomsuu raawwachuu dhabuu,sanada sobaa fayyadamuu dhiisuu,Abbaa Seeraa(Abbaa Alangaa)(Dubbii Fixaan) yeroo hojjataa turetti dhimma jaarsummaan ilaale ykn dhimma mana hojii duraan keessa turetti qabatee ture irratti tajaajila abukaatummaa kennuu dhabuu,tajaajila kenneef kanfaltii hayyamameen ol gaafachuu ykn kanfalchiisuu dhiisuu,firii dubbii maamilli ibsateen ala ykn dhimma bu'uura seeraa hin qabne irratti himata qopheessuu ykn falmii gaggeessuu dhabuu,guyyaa beellamaa sababa gahaa malee dhaddacharraa hafuu dhiisuu,maallaqa ykn qabeenya maamila isaa ykn abbaa dhimmaa kan biroo irraa fuudhuun abbaa seeraa(abbaa alangaa)(hojjattoota qaamolee haqaa biraatiif) kennuu ykn kennuuf yaaluu dhiisuu,dhimma maamila isaaf ykn nama biroo raawwachiisuuf ammaalaajummaa dhaquu dhiisuu,dhuganii machaa'uu/baala sammuu nama hadoochutti ykn araada nama qabsiisutti fayyadamuu ykn iddoowwan kabaja ogummaa abukaatummaa salphisutti argamuu dhabuu fi gocha ogummaa abukaatummaa tuffachiisu maamila isaa/nama biroo irratti raawwachuu dhiisuuf dirqama qaba. #Gochoota kanniin raawwatee yoo argame #balleessaa naamusa cimaatiin kan gaafatamu ta'uu Labsii Lakk.182/2005 keewwata 36 fi Labsii Lakk.189/2007 irraa hubachuun ni danda'ama. ✍Abukaatoon kamiyyuu sababa gahaa malee hayyama abukaatoo haaromsuu yoo dhiise,yeroo himanni naamusaa isarratti ilaalamaa jiru ykn tajaajila argachuuf dhufetti jeequmsa yoo kaase ykn gocha kabaja namaa xiqqeessu yoo raawwate,haala dhimmi irra jiru yeroo yeroon maamila isaatiif odeeffannoo sirrii ta'e yoo kennuu
Показати все...
Binimos lawyer

Lawyer

👍 1
baate,#balleessaa naamusa salphaatiin gaafatama,Labsii keewwata 37. 2️⃣#Abukaatoo_Ittisaa: Abukaatoon ittisaa hojii abukaatummaa raawwatu irratti ogummaa isaa hojii irra oolchuuf dirqama qaba.Dirqamni kunis Mana Murtiitti itti gaafatamummaa isatti kenname bahuu,falmuu, fi hojii waajjirarraa fi hojiilee wal qabatee dhufu biroos raawwachuu fa'a. ✔Abukaatoon ittisaa shakkamaaf ykn himatamaaf kan dhaabbatu dhugaa baasuu fi haqa mirkaneessuufidha.Shakkamaan sobaan akka adabamu ykn sobaan bilisa baasisiisuufii miti. 👉Abukaatoon ittisaa shakkamaa tokko akka hin sobne,akkasumas yakka biraa akka hin raawwanne gorsuun naamusa ogummaa isaa waan ta'eef,maamila isaa kallattii kanaan ijaaru yookiin amansiisuu qaba.Abukaatichi naamusa cabsee yoo argame akkaataa koodii naamusaa tumameen/seeraan itti gaafatama. 3️⃣#Barreessaa_Dhimma_Seeraa: Barreessaan Dhimma Seeraa kamiyyuu gaaffii maamila isaa irratti hundaa'uudhaan bu'uura seeraatiin tajaajila iyyannoo seeraa barreessuu ykn waliigaltee adda addaa qopheessuu qaba,Labsii Lakk.182/2013 keewwata 58. ✔Barreessaan Dhimma Seeraa kamiyyuu tajaajila kenneef kaffaltii tajaajilaa madaalawaa ta'e kanfalchiisuu,kanfaltii kaffalchiiseef nagahee kennuu,fi qaamni barreeffameef irra deebi'amee haa barreeffamu yoo jedhe,Barreessaan Dhimma Seeraa barreeffamicha qopheessee kaffaltii dabalataa malee sirreessaa barreessuuf dirqama qaba.Labsii keewwata 61. ✍Barreessaan Dhimma Seeraa gaaffii fi yaada maamilaatiin ala iyyannoo ykn waliigaltee barreessuu dhabuu,dhimmoota unkaaleen tajaajila bilisaa ittiin kennaman bakka jiranitti iyyannoo seeraa kanfaltiidhaan barreessuu dhabuu,hojii ammaalaajummaa(waahelummaa) hojjachuu dhabuu,eeyyama dhorkamee ykn hin haaromsamneen hojjachuu dhiisuu,abbaa dhimmaa irraa ragaalee ykn sanadoota fuudhanii dhoksuu ykn teessoo dhaabbiirraa dhabamuu dhiisuu,iccitii maamilaa baasuu dhiisuu,abukaatoo fakkaatanii abbaa dhimmaatti dhihaachuu dhiisuu,waa'ee isaa ykn tajaajila kennu irratti ibsa sobaa ykn ibsa nama dogongorsu kennuu dhiisuu,ragaa sobaa/ibsa sobaa ykn dogongorsuudhaan eeyyama barreessaa dhimma seeraa argachuu dhiisuu fi garee wal falmitoota lamaaniif iyyannoo seeraa barreessuu dhiisuuf dirqama qaba.#Gochoota seeraan dhorkaman kanniin raawwatee yoo argame,#balleessaa naamusa cimaatiin itti gaafatama. 👉Barreessaan Dhimma Seeraa kamiyyuu hayyama osoo hin haaromsine yoo hafe,iyyannoo seeraa keessatti jechoota kabaja namaa tuqanitti yoo fayyadame ykn kaffaltii tajaajila kennamu waliin wal hin madaalle yoo kanfalchiise,#balleessaa salphaan/seeraan itti gaafatama,Labsii Kenniinsa Hayyamaa fi Bulchiinsa Abukaatoo fi Barreessitoota Dhimma Seeraa Lakk.182/2005 keewwata 65 irraa hubachuun ni danda'ama. Maddi:-M/teyib Nure Law Office:Seeraa fi Haqaa Galatoomaa
Показати все...
👍 1
Оберіть інший тариф

На вашому тарифі доступна аналітика тільки для 5 каналів. Щоб отримати більше — оберіть інший тариф.