FAYYAAN KEENYA QABEENYA
Gorsa fayyaa💊💊💉,💊💊💉Barreeffamoota adda addaa, Haasaawwan onnachiisoofi Barsiisoo garaagaraafi kkf yoo feetan👇
Більше- Підписники
- Перегляди допису
- ER - коефіцієнт залучення
Триває завантаження даних...
Триває завантаження даних...
Gorsa fayyaa💊💊💉,💊💊💉Barreeffamoota adda addaa, Haasaawwan onnachiisoofi Barsiisoo garaagaraafi kkf yoo feetan👇
Gorsa fayyaa💊💊💉,💊💊💉Barreeffamoota adda addaa, Haasaawwan onnachiisoofi Barsiisoo garaagaraafi kkf yoo feetan👇
Carraa ULFAA'UU akkamiin dabaluu dandeenyaa? * 1. Hanqaaquun ovaarii shamarranii irraa kan gadi lakkifamu, guyyaa jalqabaa marsaan laguu inni darbe itti dhufee kaasee guyyaa 14ffaa irratti. Naannoo kanatti walqunnamtii saalaa haalaan raawwachuudha. Asirratti waan hubatamuu qabu, sanyiin kormaa erga dhangala'ee booda qaama walhormaataa shamarranii keessa HANGA GUYYAA SHANII lubbuun jiraatee obsaan eeguu danda'a. Sanyiin shamarranii garuu qophaa'ee GUYYAA TOKKO qofaaf sanyii kormaa eega. 2. Haati/shamarri umuriin ishee waggaa 35 osoo hin ga'iin yoo da'uu yaalte gaarii ta'a. Isaa olitti carraa ulfaa'uu xiqqaachaa deema. 3. Haati manaa fi abbaan manaa walbira jiraachuu. Walqunnamtii saalaa yoo xiqqaate torbanitti si'a sadii fi isaa ol rawwachuu. 4. Carraaqqi kana keessatti lamman isaanii; haraada adda addaa irraa of qusachuu (alkoolii, tamboo kkf) garmalee ulfaatina hir'isuuf dabaluu fi of dhiphisuu irraa of qusachuudha. ** Dr Gurmessaa Fayyaan Faaya @drmoii
ataman hojii isaanii hojjechuu dhaaban fknf kan akka walakkaan qaama tokkoo socho
uu dhabuu, Arrabni cufamuu fi kkfn nama mudatanii fi namni kun saa 24 keessatti dhibee kanarraa yoo bayyanachuu baatedha. Akkasumas Istirookii jechuuf dhibeewwan biroon mallattoo istirookii agarsiisan adda bahanii jiraachuu dhabuun isaanii mirkanaa
uu qaba!
2. Istirookiin kan uumamu yeroo seelonni sammuu keenyaa sababa dhiigni gara sammuutti deemu hirateef /cufameef oksijinii fi gulukoosii sammuuf barbaachisu dhabuun du
an kan uumamudha.
3. Istirookiin gosoota lama qaba. Isaanis :- Inni 1ffaan isa hiddi dhiigaa sammuu keenyatti dhiiga rabsu sababa adda addaan yoo cufame fknf dhiigni kantare yoo hidda dhiigaa kan dhiiga sammuutti tamsaasu yoo cufe (Ischemic stroke) kan uumamudha. Inni 2ffaan yommuu hiddi dhiigaa sammuu keenyaa citee ykn dhohee dhiigni sammuu keenya keessatti yoo dhangalae kan uumamudha.
4. Bara 2010 keessa duwwaa namoonni miliyoona 17tti lakkaa
aman dhibee kanaan akka hubaman qorannoon tokko ni mulisa.
5. Mallattoowwan dhibee kanaa keessaa muraasni :- Gartokkoon qaamaa socho
uu dhabuu ykn hadooduu, dubbachuu dadhabuu ykn waan namni dubbatu huubachuu dhabuu, yeroo baayee iji karaa tokkoo arguu dhabuu, gatantaruu, fincaan qabachuu dadhabuu, mallattoowwan akka gaggabdoo agarsiisuu fi kkf dha.
6. Wantoonni dhibee kanaaf nu saaxiluu dandahan :- dhukkuba dhiibbaa dhiigaa qabaachuu, furdina garmalee, tamboo xuuxuu, dhukkuba sukkaaraa, dhukkuba onnee, umurii waggaa 50 fi isaa olii, namoota dhibee kana irraa fayyanii bayyanataniI fi kkf dha.
7. Mala ittisaa keessaa muraasni:- furdina garmalee hir
isuu, namoonni dhukkoota akka dhiibbaa dhiiga, sukkaaraa fi onnee qaban qoricha ogeessi fayyaa ajajeefiitti sirnaan fayyadamuu, sigaaraa xuuxuurraa of qusachuu fi kkf dha.
Namoota mallattoowwan istirookii armaan olitti eeraman qaban yoo argitan ariitiin Mana yaalaa geessaa!
Thank you!!
Fayyaa hin dhabinaa
https://t.me/FAYYAAHINDHABINAAGorsa fayyaa💊💊💉,💊💊💉Barreeffamoota adda addaa, Haasaawwan onnachiisoofi Barsiisoo garaagaraafi kkf yoo feetan👇
На вашому тарифі доступна аналітика тільки для 5 каналів. Щоб отримати більше — оберіть інший тариф.