cookie

Ми використовуємо файли cookie для покращення вашого досвіду перегляду. Натиснувши «Прийняти все», ви погоджуєтеся на використання файлів cookie.

avatar

HIDAYAA CHANNEL

HASBUNALLAAH WANIIMAL WAKIIL. CHANNEL kana jalatti#HIDAYAA OFFICIAL 👉SEENAA RASSUULA (S.A.W) 👉SEENAA SAHAABOTAA 👉SEENAA ULAMA,OTA 👉BARNOOTA AMANTA 👉JECHOOTA KAKA,UMSA Odule adda addaa as jalati arkama.❤

Більше
Рекламні дописи
202
Підписники
Немає даних24 години
Немає даних7 днів
-430 днів

Триває завантаження даних...

Приріст підписників

Триває завантаження даних...

WEL COME TO MY CHANNEL https://t.me/gamee?start=ref_5513204292 Participate in mining events, play games, and spin the Fortune Wheel to WIN. Welcome gift included! GALATOOMA 🙏🙏:CHANNEL KENYAA 👇👇👇👇👇👇❤SHARE❤👍:JOIN ❤:Hin dagatinaa barakallahu fiikum 😍😍https://t.me/HIDAYAOFFICIAL/933 https://t.me/HIDAYAOFFICIAL
Показати все...
Gamee

🎮 The biggest gaming platform on Telegram! 🔥 Join the community 👉 @gameechannel Perks, giveaways, airdrops & more 🎁 🎉💵

EID MUBARAK GUYYAA 2FFAAN BAGA NAGAYAAN ISIIN GAHE
Показати все...
😁 1
As wr wb
Показати все...
"بِسْمِ اللَّهِ الرَّحْمَنِ الرَّحِيمِ * الْحَمْدُ لِلَّهِ رَبِّ الْعَالَمِينَ * الرَّحْمَنِ الرَّحِيمِ * مَالِكِ يَوْمِ الدِّينِ * إِيَّاكَ نَعْبُدُ وَإِيَّاكَ نَسْتَعِينُ * اهْدِنَا الصِّرَاط الْمُسْتَقِيمَ * صِرَاطَ الَّذِينَ أَنْعَمْتَ عَلَيْهِمْ غَيْرِ الْمَغْضُوبِ عَلَيْهِمْ وَلَا الضَّالِّينَ " الفاتحة "رَبَّنَا تَقَبَّلْ مِنَّا إِنَّكَ أَنتَ السَّمِيعُ الْعَلِيمُ" البقرة 127 "وَتُبْ عَلَيْنَآ إِنَّكَ أَنتَ التَّوَّابُ الرَّحِيمُ" البقرة 128 "رَبَّنَا آتِنَا فِي الدُّنْيَا حَسَنَةً وَفِي الآخِرَةِ حَسَنَةً وَقِنَا عَذَابَ النَّارِ" البقرة 201 "سَمِعْنَا وَأَطَعْنَا غُفْرَانَكَ رَبَّنَا وَإِلَيْكَ الْمَصِير" البقرة 285 "رَبَّنَا لاَ تُؤَاخِذْنَا إِن نَّسِينَا أَوْ أَخْطَأْنَا رَبَّنَا وَلاَ تَحْمِلْ عَلَيْنَا إِصْرًا كَمَا حَمَلْتَهُ عَلَى الَّذِينَ مِن قَبْلِنَا رَبَّنَا وَلاَ تُحَمِّلْنَا مَا لاَ طَاقَةَ لَنَا بِهِ وَاعْفُ عَنَّا وَاغْفِرْ لَنَا وَارْحَمْنَآ أَنتَ مَوْلاَنَا فَانصُرْنَا عَلَى الْقَوْمِ الْكَافِرِينَ" البقرة 286 "رَبَّنَا لاَ تُزِغْ قُلُوبَنَا بَعْدَ إِذْ هَدَيْتَنَا وَهَبْ لَنَا مِن لَّدُنكَ رَحْمَةً إِنَّكَ أَنتَ الْوَهَّابُ" ال عمران 8 "رَبَّنَا إِنَّنَا آمَنَّا فَاغْفِرْ لَنَا ذُنُوبَنَا وَقِنَا عَذَابَ النَّارِ" ال عمران 16 رَبِّ هَبْ لِي مِن لَّدُنْكَ ذُرِّيَّةً طَيِّبَةً إِنَّكَ سَمِيعُ الدُّعَاءِ ال عمران 38 رَبَّنَا آمَنَّا بِمَا أَنزَلَتْ وَاتَّبَعْنَا الرَّسُولَ فَاكْتُبْنَا مَعَ الشَّاهِدِينَ ال عمران 53 "ربَّنَا اغْفِرْ لَنَا ذُنُوبَنَا وَإِسْرَافَنَا فِي أَمْرِنَا وَثَبِّتْ أَقْدَامَنَا وانصُرْنَا عَلَى الْقَوْمِ الْكَافِرِينَ" ال عمران 147 "رَبَّنَا مَا خَلَقْتَ هَذا بَاطِلاً سُبْحَانَكَ فَقِنَا عَذَابَ النَّارِ * رَبَّنَا إِنَّكَ مَن تُدْخِلِ النَّارَ فَقَدْ أَخْزَيْتَهُ وَمَا لِلظَّالِمِينَ مِنْ أَنصَارٍ * رَّبَّنَا إِنَّنَا سَمِعْنَا مُنَادِيًا يُنَادِي لِلإِيمَانِ أَنْ آمِنُواْ بِرَبِّكُمْ فَآمَنَّا رَبَّنَا فَاغْفِرْ لَنَا ذُنُوبَنَا وَكَفِّرْ عَنَّا سَيِّئَاتِنَا وَتَوَفَّنَا مَعَ الأبْرَارِ * رَبَّنَا وَآتِنَا مَا وَعَدتَّنَا عَلَى رُسُلِكَ وَلاَ تُخْزِنَا يَوْمَ الْقِيَامَةِ إِنَّكَ لاَ تُخْلِفُ الْمِيعَادَ" ال عمران 191- 194 "رَبَّنَا آمَنَّا فَاكْتُبْنَا مَعَ الشَّاهِدِينَ" المائدة 83 "رَبَّنَا ظَلَمْنَا أَنفُسَنَا وَإِن لَّمْ تَغْفِرْ لَنَا وَتَرْحَمْنَا لَنَكُونَنَّ مِنَ الْخَاسِرِينَ" الأعراف 23 "رَبَّنَا لاَ تَجْعَلْنَا مَعَ الْقَوْمِ الظَّالِمِينَ" الأعراف 47 أَنْتَ وَلِيُّنَا فَاغْفِرْ لَنَا وَارْحَمْنَا وَأَنْتَ خَيْرُ الْغَافِرِينَ* وَاكْتُبْ لَنَا فِي هَذِهِ الدُّنْيَا حَسَنَةً وَفِي الْآخِرَةِ" الأعراف 155- 156 "حَسْبِيَ اللَّهُ لا إِلَـهَ إِلاَّ هُوَ عَلَيْهِ تَوَكَّلْتُ وَهُوَ رَبُّ الْعَرْشِ الْعَظِيمِ" التوبة 129
Показати все...
ADU,AA
Показати все...
Iddoon kun Makkaarraa kiilomeetira muraasa fagaata. Bakkeen bal’iinsa habalakaa kun walakkaasaatii tulluu tokko qaba. Tulluu ''Araaraa'' jedhamuun beekamas. Nabiyyuu Mohammad (SAW) iddoo kanatti ergaa isa dhumaa uummatasaaniif dabarsan, kuni iddoo kana seena qabeessa taasisa.
Показати все...
❤️
Показати все...
Waa'ee Arafaa wantoota beekuu qabdan shan June 14, 2024 Muslimoonni Hajjiif deeman Ka’abaa yeroo torba naanna’u, kun 'Xawaaf' jedhama Ayyaanota gurguddoo hordoftoonni amantii Islaamaa kabajan keessaa tokko ayyaana Arafaati. Ayyaanni kun akka lakkoofsa Hijiraatti ji’a isa dhumaa (ji’a 12ffaa) keessa kabajama. Kabaji Ayyaana Iid al-Adhaa kun sirna Hajjii wajjin walhidhata. Kanaaf, guyyoonni kurnan jalqabaa ji’a Zul-hijjaa (Arafaa) murteessaadha. Ji’a kana keessa Muslimoonni addunyaa mara irraa Makkaatti walga’uun sirna Hajjii raawwatu. Iddoon kun bakka walqixxummaan, kabaji, naamuusi fi jaalalli itti calaqqisuu fi kadhannaa fi galateeffannaan qofti keessatti raawwatamuudha. Ofii Hajiin maali, akkamiin eegale, maalfaatu raawwatama? Dhimmoota kunneen irratti odeessa qixeessine akka itti aanutti dhiheessina. Utubaawwan Islaamummaa shanan hordoftoonni amantii Islaamaa dhugeeffatan keessaa tokko kan ta’e Hajjiin, akkaataa lakooofsa Hijiraatti ji’a xumuraa keessa raawwatama. Ji’i 12ffaa fi inni xumuraa sirni Hajjii keessa raawwatamu kun Zul-Hijjaa jedhamuun beekama. Muslimoonni addunyaa mara irra jiran sabaan, bifaan, sadarkaa hawaasummaa fi diinagdeen, aadaan osoo wal hin qoodin waggaatti yeroo tokko Makkaatti walga’u. Achitti Ka’abaa duratti ba’uun Rabbi qofa kadhatu jechuun ibsan Gumii Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaatti (Majilisa) pirezidantii kan ta’an Sheek Hajjii Ibraahim Tufaa. ''Namni Muslima ta’e tokko yoo dandeettii maallaqaa fi qaamaa qabaate, sirna Islaamummaa shanan keessaa tokko ta'e kana, jireenyasaa keessatti yeroo tokko raawwachuun dirqama,'' jedhan. Sirni namni danda’u hundinuu irratti argamu kun obbolummaa kan cimsuu fi dhalli namaa hundinuu Rabbi biratti walqixa akka ilaalamu kan calaqqisiisuudha. Akka barsiisa amantii Islaamaatti iddoo sirni Hajjii kun itti raawwatamutti hunduu walqixa. ''Qabeenyaan, uffataan, bifaa fi gulantaa hawaasaa keessaa dhufaniin dhaadachuun hin jiru.'' Hunduu uffata fedhe, faashinii fedhe achitti agarsiisa osoo hin taane uffata walfakkaataatu uffatama. Kunis ''namuu uumaa duratti walqixa'' hiika jedhu jabeessa. ''Hunduu uffata adii irraa fi jalatti uffachuun kadhannaa (ibaadaa) raawwata. Sirna kaayyoo addunyaa kanarra jiraataniif itti haareffataniidha,'' jedhu Sheek Hajjii Ibraahim Tufaa. Makkaan Muslimoota hunda biratti iddoo qulqulluu ta’uutu dhugeeffatama. Iddoo qulqulluu fi kabajaa kana seenuuf Muslima qulqulluu ta’uutu barbaachisa. Iddoon amma faayamee mul’atu, Makkaan, waggoota kuma hedduu dura sulula gogaa fi namuu irra hin jiraanne ture. Hordoftoonni amantii Islaamaa akka amananitti Nabiyyullaah Ibraahim haadha manaasaa Haajaraa fi ilmasaa Ismaa’il Filisxeem irraa gara Makkaa akka fidu ajaji Rabbirraa itti darbe. Nabi Ibraahimis ajaja kana fudhachuun erga gara Makkaa deemee booda, maatiisaa qabatee dirree habalaka gogaa, sulula gaarreen qullaa ta’aniin marfame kana gidduutti isaan dhiisee akka deemu ammas Rabbi (Alllaah) ajaje. Innis maatiisaaf (Haajaraa fi Ismaa’iliif) nyaataa fi bishaan muraasa dhiiseefii biraa lixe. Sooranni fi bishaan kun guyyaa muraasa booda obba’e, Haajaraa fi Ismaa’ilis beelaa fi dheebuun gidirfaman. Haajaraan fala dhabnaan tulluuwwan ''Safaa fi Marwaa'' jedhaman yaabdee bu’aa, olii fi gadi fiiguu eegalte, tumsa gaafachuusheeti. Garuu kan isheef birmate hin turre. Duuba humna dhabdee laafuun ilmashee Ismaa’il cinaatti kufte, bakkuma kufte ciiftee Rabbi akka isaan baraaru kadhannaa eegalte. Amma namni isaaniif birmatu akka hin jirre dhibbaa dhibba hubataniiru. Onnee guutuun gara Rabbii deebi’an, yoo du’anis silaa isuma bira deemu. Gidduu gadadoo fi abdii kutannaa kanatti raajiin dhalate, Rabbi isaaniif birmate. Battaluma Ismaa’il miillasaan lafa dhiitee ennaan bishaan eessaa dhufteesaa himuun nama rakkisu lafa keessaa ol burqe. Haajaraa fi Ismaa’il haala kanaan baraaraman. Amma bishaan argataniiru, bishaanichi to‘annoosaanii jala jira. Kanaafuu daldaltoota karaa imalanitti gurgurachuun soorata argachuu eegalan.
Показати все...
Показати все...

Yeroo xiqqoo booda Nabiyyullaah Ibraahim maatiisaa hubachuuf wayita Filisxeem irraa gara Makkaa deebi’u raajiin hojjetameera. Bishaan eela keessaa ol burqu argee guddoo ajaayibsiifate. Ammas ajaji Rabbirraa Nabiyyullaah Ibraahimitti bu’e. Iddoo amantii Rabbiin qofa itti waaqessan akka ijaaru ajajame. Akkaataa ajaja Rabbiitiin Nabiyyullaah Ibraahim fi Ismaa’il bakka namuu itti walga’ee Rabbiin (Allaah) kadhatuu fi galateeffatu- Ka’abaa ijaaran. Boodarra Ismaa’ilis raahmati (eebbi) Rabbirraa itti bu’ee Nabiyyii Rabbii erga ta’ee booda, namoonni gara Rabbii akka deebi’an, Allaah qofa waaqessuu akka qaban ergaa dabarsuu eegale. Jaarraawwan hedduu booda Makkaan iddoo badhaatuu fi miidhagduu addunyaa mara irraa namuu itti walga’u taateetti. Kana keessatti maddi bishaanii ''Zamzam'' jedhamu bu’uura. Haata’u malee dhawaataan yaadonni wantoota adda addaa waaqessuu mul’achuu eegalan. Hafuurri adda addaa dhalate, waaqa tolchanii amanuun bakkicha dhuunfate. Iddoon Nabiyyullaah Ibraahim akka Rabbi tokkichi itti waaqeffatamuuf wayyoomse ''shirkiidhaan'' guutame. Waggoota hedduu booda Rabbi (Allaah) Nabiyyuu Mohammad erguun akka Ka’aabaa duudhaasaa ganamaa- iddoo Rabbi qofa itti waaessanitti, akka deebi’u akka hojjetan ajaje. Amantiin Islaamaa ergamaa Rabbii Ibraahimiin karaa qabatee ture waggoota hedduuf karaarra maqee, qaawwi hedduun erga mudatee booda, bara Nabiyyuu Mohammad ergaman bakkatti deebi’e. Bara 628 Nabiyyuu Mohammad (SAW) hordoftoota isaanii qabatanii duula eegalan. Kun seenaa amantii Islaamaa keessatti imala qabsoo isa jalqabaati. Amantii Islaamaa Nabiyyullaah Ibraahim bu’uura qabsiise bakkatti deebisuufis sochii murteessaa ture. Lakkoofsi Hijiraallee achumarraa eegale. Namni Hajjiif deeme maalfaa raawwata? Muslimoonni Hajjiif gara Makkaa imalan keessaa fi alaan qulqullaa’uu qabu. Warri dhiiraa hundinuu uffata adii irraa fi jalatti uffatu, ni marxifatu. Uffannaan kun namuu fuula Rabbii duratti walqixa ergaa jedhu dabarsa jedhan Sheek Hajjii Ibraahim Tufaa. ''Kun Ihraam jedhama. Dubartoonni ammoo uffata fedhan kan duudhaa amantii Islaamaa hin sarbine uffachuu danda’u. Asitti fuulaa fi harkasaanii mul’isuu danda’u.'' Ega Masjiida Guddicha [Muslimoonni Mana Rabbii jedhaniin] ga’anii booda taa’uun hin jiru. Ka’abaa yeroo torba naanna’u, asirraa eegaluun adeemsa Hajjii hunda raawwatu. Adeemsi Ka’abaa naanna’uu kun ''Xawaaf'' jedhamuun beekama. Namni Hajjiif deemu hundi bishaan ''Zamzam'' jedhamu dhuga, kun yaadannoo Haajaraaf taasifamudha. Msulimoonni Rabbi tokkicharratti akka hirkatanii fi isa qofas gargaarsaaf akka kadhatan mul’isuuf kun raawwatama. Achumaan gaarreen ''Safaa fi Marwaa'' daawwatu, duudhaa Haajaraa hordofuuf yeroo torba gaarreen kunneen gidduu fiigichaan deddeebi’u. Gochi kun Muslimoonni amma jiran akkuma Haajaraa kutannoo qabaachuu akka qaban fi harka kennuu akka hin qabne, gargaarsa Rabbiirraa abdii akka hin kutanne mul’isuuf raawwatama. Achiin booda gaara ''Arafaa'', iddoo Nabiyyuu Mohammad ergaa isa dhumaa rratti dabarsan irra ba’u, achumarra dhaabbachuun Rabbi kadhatu. Muslimoonni sulula ''Muzdalifaa'' jedhamu keessaa dhagaa xixiqqoo (cirracha) walitti qabachuun guyyaa itti aanuuf ol kaawwatu. Kun guyyaa sagalaffaa ji’a Zul-Hijjaatti erga raawwatamee booda, halkansaa ammoo sulula gaara ''Arafaa fi Minaa'' gidduutti argamutti dabarsu. Sululli kun ''Muzdalifaa'' jedhama. Iddoo kana keessaa dhagaa xixiqqoo (cirracha) walitti qabachuun guyyaa itti aanuuf ol kaawwatu. Ittaansuun ammoo gara ''Minaa'' imaluun sheexanatti dhagaa kana darbatu. Utubaa dhagaa sadi sheexana bakka bu’u jedhamuun sulula keessa dhaabamanitti dhagaa darbachuun sirna raawwatamu keessaa isa ijoodha. Nabiyyullaah Ibraahim gocha kana raawwachaa ture jedhamee dhugeeffatama. Muslimoonni sheexana balfuusaanii gocha kana raawwachuun agarsiisu. Nabiyyuu Mohammad (SAW) gaara Arafaa irratti ergaa isa dhumaa uummatasaaniif dabarsan
Показати все...
👍 1