cookie

Ми використовуємо файли cookie для покращення вашого досвіду перегляду. Натиснувши «Прийняти все», ви погоджуєтеся на використання файлів cookie.

avatar

️ OROMO MOTIVATION ️ 🍃

Рекламні дописи
14 756
Підписники
+9824 години
+3097 днів
+99230 днів

Триває завантаження даних...

Приріст підписників

Триває завантаження даних...

Фото недоступнеДивитись в Telegram
#Xiyyeeffachuu/Focus ~ Yeroo hunda jireenya keessatti guyya guyyaan filannoo adda addaatu nuuf dhihaata. Dhiibbaa keessaafi alaa baay'eeniis nu mudachuu danda'a. #Carraaqqiin imala jireenya keenyaa kan galma ga'uunii danda'u ykn kan kufuunii danda'u, dhiibbaa keessa keenyaa uumamuun tahuun isaa beekkamaadha. ~ Gocha yaadame sana hunda tarkaanfachiisuuf ejjannoo fudhachuu keenya duraas, bu'aa isaa ilaaluu hin qabnu. Bu'aa argachuu qofaaf bololuun carraaqqii keenya bilaash taasisuudha. Imala jireenyaa keessatti kufaatii guddaan kan nu mudachaa ooluuf sababa bu'aa qofa irratti xiyyeeffannuufi. Maaliif seete, Jireenya keessatti jijjiirama irratti xiyyeeffachuu dhiifnee bu'aarratti yoo xiyyeeffanne, jijjiiramni nuti argachuu dandeenyu hin jiru. Garuu yoo bu'aa dhiifnee jijjiirama irratti xiyyeeffanne immoo yeroo gabaabaa keessatti bu'aa argachuu barbaanne san argachuu dandeenya waan taheef, jijjiirama irratti xiyyeeffachuun(focus) godhuun baay'ee gaariidha jedhu beektoonni!! @WABIISG @segnigudeta
Показати все...
👍 14
Фото недоступнеДивитись в Telegram
Humna Yaadaa! -------------- Bu'aalee teknooloojii addunyaa har'aa hedduu isaanii tasgabbii fi xiyyeeffannaan yoo hubatte, jaarraan kun hagam waan ajaa'ibaa hedduu akka kalaqaa jiru hubatta. Kana qaamaanis, media hawaasaa, toora Internet hedduu irraa yoo ilaaltu ragaa guutuu argatta. #Yaada jireenna ulfaataa salphisuu danda'an burqisiisanii waan raajii hojjatan. Namni yaaduuf, haala mijaataa, xiyyeeffannaa, qophii fi fedhii guddaa qabaachuu qaba. Yeroo baay'ee wantoota nu jeeqan irraa ofi fageessuun yeroo yaadaa argaachuu qabna. Akkasitti wantoota dinqisiisaa hedduu fi yaadota rakkinootaaf furmaata ta'an maddisiisuu dandeenna. Waaqayyo sammuu nuuf kennee, sammuu keennaan waan gaarii akka yaadnu yaadas nu keessatti uumeera. Yaadaaf kabaja haa qabaannu. @WABIISG
Показати все...
👍 31 3🎉 3🥰 1
Repost from N/a
F░O░L░L░O░W S░E░L░E░C░T░E░D C░H░A░N░N░E░L░S ⠀⠀⠀⠀⠀⣰⣿⣿⣿⣿⣿⣿⣿⣿⣿⣦⡀ ⠀⠀⠀⢀⣾⣿⣿⣿⠿⠿⠟⠻⠿⢿⣿⣿⣿⡆ ⠀⠀⠀⢰⣿⣿⡿⠂⠀⠀⠀⠀⠀⠀⠈⠉⢻⡇ ⠀⠀⠀⠈⠿⣿⣇⣠⠤⠤⠤⢤⣀⣤⠤⠤⣺⡏ ⠀⠀⠀⠀⠐⢉⣯⠹⣀⣀⣢⡸⠉⢏⡄⣀⣯ ⠀⠀⠀⠀⠡⠀⢹⣆⠀⠀⠀⣀⡀⡰⠀⢠⠖⠂ ⠀⠀⠀⠀⠀⠈⠙⣿⣿⠀⠠⠚⢋⡁⠀⡜ ⠀⠀⠀⠀⠀⠀⢸⠈⠙⠦⣤⣀⣤⣤⡼⠁ ⠀⠀⠀⠀⠀⢀⡌⠀⠀⠀⠀ ⠉⢏⡉ ⠀⠀⠀⣀⣴⣿⣷⣶⣤⣤⣤⣴⣾⣷⣶⣦⡀ ⢀⣴⣿⣿⣿⣿⣿⣿⣿⣿⣿⣿⣿⣿⣿⣿⣿⣄ ⠚⠛⠛⠛⠛⠛⠛⠛⠛⠛⠛⠛⠛⠛⠛⠛⠛⠛​​​ ★  ˚ * ★  . * . ·   ˚ * ⋆ *    ·   ﹡      *   * ⋆   . ·    ⋆     ·   * ﹡ ˚ ˚  ˚ * ⋆ *    · * . * . ★    ⋆ ·   * ⋆ *    ⋆ ﹡    ·   ˚ *★  ˚ * ★      . * . ·   ˚ * ⋆ *    ·   ﹡   *   * ⋆   . ·    ⋆  ⋆    ·   * ﹡ ˚ ˚ ˚ * ⋆ *    · * . * . ★   ⋆ ·   * ⋆ *   ⋆ ﹡    ·   ˚ * ★    ˚ * ★    . * . ·   ˚ * ⋆ *    ·   ﹡      *   * ⋆   . ·    ⋆  ⋆    ·   * ﹡ ˚ ˚  ˚ * ⋆ *    · * . * . ★    ⋆ ·   * ⋆ * ⋆ ﹡    ·   ˚ *★    ˚ * ★      . * . ·   ˚ * ⋆ *    ·   ﹡      *   * ⋆   . ·    ⋆  ⋆    ·   * ﹡ ˚ ˚    ˚ * ⋆ *    · * . * . ★   ⋆ ·   * ⋆ *    ⋆ ﹡    ·   ˚ * ⣴⣿⣦⠀⠀⠀⠀⠀⠀⠀⠀ ⠀⠀⠀⠀⠀⠀⠀⢻⣿⣿⠂⠀⠀⠀⠀⠀⠀⠀⠀ ⠀⠀⠀⠀⠀⠀⢀⣴⣿⣿⣀⠀⠀⠀⠀⠀⠀⠀⠀ ⠀⠀⠀⠀⢠⣾⣿⣿⣿⣿⣿⣿⣦⠀ ⠀⠀⠀⣴⣿⢿⣷⠒⠲⣾⣾⣿⣿ ⠀ ⣴⣿⠟⠀⢿⣿⠁⣿⣿⣿⠻⣿⣄⠀⠀⠀⠀ ⡾⠟⠁ ⠀⠀⢸⣿⣸⣿⣿⣿⣆⠙⢿⣷⡀⠀⠀ ⠀⠀⠀⠀ ⠀⢸⣿⣿⣿⣿⣿⣿⠀ ⠻⣿⡀ ⠀⠀⠀⠀⠀⠀⣾⣿⣿⣿⣿⣿⣿⣆⠂⠀ ⠀⠀⠀⠀⠀⣼⣿⣿⣿⡿⣿⣿⣿⣿⡄⠀⠀⠀⠀ ⠀⠀⠀⠀⢠⣿⣿⠿⠟⠀⠀⠻⣿⣿⡇⠀⠀⠀⠀ ⠀⠀⠀⢀⣾⡿⠃⠀⠀⠀ ⠀⠀⠘⢿⣿⡀⠀⠀⠀ ⠀⠀⣰⣿⡟⠀⠀⠀⠀⠀⠀⠀⠀⢸⣿⣷⡀⠀⠀ ⠀⢠⣿⠟⠀⠀⠀⠀⠀⠀⠀⠀⠀⠀⠻⣿⣧⠀⠀ ⢀⣿⠃⠀⠀⠀⠀⠀⠀⠀⠀⠀⠀⠀⠀⠘⣿⣆⠀ ⢾⠇⠀⠀⠀⠀   ⠀⠀⠀⠀⠀⠀⠀⠀⠀⢸⣿⣷⡤. 🧮🧮🧮🧮🧮🧮🧮🧮🧮🧮 🧮🧮🧮🧮🧮🧮🧮🧮🧮🧮 🧮🧮🔐🔐🔐🔐🧮🧮🧮🧮 🧮🧮🔐🌐🌐🔐🧮🧮🧮🧮 🧮🧮🔐🌐🌐🔐🧮🧮🧮🧮 🧮🧮🔐🔐🔐🔐🧮🧮🧮🧮 🧮🧮🧮🧮🧮🧮🧮🧮🧮🧮 🧮🧮🧮🧮🧮🧮🧮🧮🧮🧮    ╭━━━━━━━╮     ┃   ● ══  ▪️           ┃███████┃     ┃███████┃     ┃███████┃     ┃███████┃     ┃███████┃     ┃███████┃     ┃███████┃     ┃███████┃     ┃███████┃     ┃        🔘               ╰━━━━━━━ 🌑🌑🌑🌑🌑🌑🌑🌑🌑🌑🌑 🌑🌒🌕🌕🌘🌑🌒🌕🌕🌘🌑 🌑🌔🌕🌕🌕🌑🌕🌕🌕🌖🌑 🌑🌕🌕🌕🌕🌕🌕🌕🌕🌕🌑 🌑🌔🌕🌕🌕🌕🌕🌕🌕🌖🌑 🌑🌒🌕🌕🌕🌕🌕🌕🌕🌘🌑 🌑🌑🌒🌕🌕🌕🌕🌕🌘🌑🌑 🌑🌑🌑🌒🌕🌕🌕🌘🌑🌑🌑 🌑🌑🌑🌑🌒🌕🌘🌑🌑🌑🌑 🌑🌑🌑🌑🌑🌑🌑🌑🌑🌑🌑 🌑🌑🌑🌑🌑🌑🌑🌑🌑🌑🌑 🌑🌒🌕🌕🌘🌑🌒🌕🌕🌘🌑 🌑🌔🌕🌕🌕🌑🌕🌕🌕🌖🌑 🌑🌕🌕🌕🌕🌕🌕🌕🌕🌕🌑 🌑🌔🌕🌕🌕🌕🌕🌕🌕🌖🌑 🌑🌒🌕🌕🌕🌕🌕🌕🌕🌘🌑 🌑🌑🌒🌕🌕🌕🌕🌕🌘🌑🌑 🌑🌑🌑🌒🌕🌕🌕🌘🌑🌑🌑 🌑🌑🌑🌑🌒🌕🌘🌑🌑🌑🌑 🌑🌑🌑🌑🌑🌑🌑🌑🌑🌑🌑 Goo Click the Heart 😱😱👆🏼l ⇣            🌺🌺          🌺🌺🌺        🌺🌺🌺🌺      🌺🌺🌺🌺🌺    🌺🌺🌺🌺🌺🌺    🌺🌺🌺🌺🌺🌺       🌺🌺🌺🌺🌺           ☘🌺🌺☘                ☘☘               🎋                   🍃                  🎋              🍃🍃                  🎋          🍃🍃🍃                  🎋      🍃🍃🍃🍃                 🎋    🍃🍃🍃🍃                🎋🍃🍃🍃🍃🍃                 🎋🍃🍃🍃🍃                 🎋                 🎋 🎋 ⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️ ⬜️⬜️⬜️OPEN⬜️⬜️⬜️⬜️ ⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜⬜⬜️️⬜️ ⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️ ⬜️⬜️⬜️OPEN⬜️⬜️⬜️⬜️ ⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜⬜⬜️️⬜️        ◤◢◤◢◤◢◣◥◣◥◣◥         █        J O I N          █                   ◣◥◣◥◣◥◤◢◤◢◤◢        ◤◢◤◢◤◢◣◥◣◥◣◥         █        J O I N          █                   ◣◥◣◥◣◥◤◢◤◢◤◢ 👇 Click ❌❌❌❌❌❌ ❌❌❌❌❌❌ ❌❌❌❌❌❌ ❌❌❌❌❌❌ ❌❌❌❌❌❌ ❌❌❌❌❌❌ 🎞▓C L I C K & J O I N ▓🎞 🎞▓C L I C K & J O I N ▓🎞 🎞▓C L I C K & J O I N ▓🎞 🎞▓C L I C K & J O I N ▓🎞 🎞▓C L I C K & J O I N ▓🎞 🎞▓C L I C K & J O I N ▓🎞 🎞▓C L I C K & J O I N ▓🎞 🎞▓C L I C K & J O I N ▓🎞 🎞▓C L I C K & J O I N ▓🎞 🎞▓C L I C K & J O I N ▓🎞 🎞▓C L I C K & J O I N ▓🎞 🎞▓C L I C K & J O I N ▓🎞 🎞▓C L I C K & J O I N ▓🎞 🎞▓C L I C K & J O I N ▓🎞 🎞▓C L I C K & J O I N ▓🎞 🎞▓C L I C K & J O I N ▓🎞 🎞▓C L I C K & J O I N ▓🎞 🎞▓C L I C K & J O I N ▓🎞 🎞▓C L I C K & J O I N ▓🎞 🎞▓C L I C K & J O I N ▓🎞 🎞▓C L I C K & J O I N ▓🎞 🎞▓C L I C K & J O I N ▓🎞 🎞▓C L I C K & J O I N ▓🎞 🎞▓C L I C K & J O I N ▓🎞 ☆ ☆ ☆ ☆ 🌑.°.● .  ☆ ●★:.¸. ●. ☆ . * ●.°☆ ☆. ☆●●● ★ *°☆. ☆ ●* ● 🌚 ●°☆. ☆● *° .°●☆●°°☆. .°● ★ * °☆.   .●¸.★°●☆. .● ★ °☆ ●.   .●*●°° ☆●. . * ¸★°☆ ●. . *●¸. ★° °●.   . ★ ° °☆★●. .○: . * .° °☆★ ° °☆  ¸..★¸ ● ★. .○★ . . . ★  ° °☆★ °☆ ¸. ● ★. .○° °☆ ¸. ● . ★°°★°☆ ☆ ● ★.  .○ °☆ . * ● ¸ .★ ★°°☆°★● ★. .○° :.  * •○ °★¸ ●★°°☆ .★●★. 👀👇 ⚠️ DON'T DELETE THIS MESSAGE  ⚠️ Ads @Oromoo_inspire ♨️ @Jireenya_jaalalaa 📚 Affeerraa Gaarii 🌄 + Subscribers Free Promoter 🎆 𝗛𝗢𝗣𝗘 𝗣𝗥𝗢𝗠𝗢 𝐀𝐝𝐯𝐞𝐫𝐭𝐢𝐬𝐢𝐧𝐠 𝐓𝐞𝐥𝐞𝐠𝐫𝐚𝐦  𝐂𝐡𝐚𝐧𝐧𝐞𝐥𝐬/𝐆𝐫𝐨𝐮𝐩s @Oromoon_Oromoof_PostBot Ads    • @hope_promo
Показати все...
👍 9
ILAALCHI WAAN HUNDUMAADHA /Attitude Is Everything/ Ilaalcha jechuun akkaataa sammuun keenya wanta tokko itti hubatu jechuudha. Ilaalchi jireenya dhala namaaf murteessaadha.Ilaalcha ati qabdutu si jiraachisa yookiin immoo si ajjeesa. Ilaalchi gaariin hundee milkaa'inaati.Qabsoo jireenya injifachuuf ilaalcha gaarii qabaachuun murteessaa dha Ilaalchi gaariin firii garii namaaf laata ilaalcha gaarii qabaadhu! Ilaalchi gaariin mataa ofii irraa eegala.Namni ofii isaaf ilaalcha gaarii hin qabne namaafis ilaalcha gaarii qabaachuu hin danad'u. akkasumas, namonni ilaalcha gaarii isaaf hin qabaatani.Kanaafuu ilaalcha gaarii qabaachuun wanta hunda dursa. Kabaja eenyummaa keenyaa yoo nuti dabarsinee kennine malee namoonni nu duraa fudhachuu hin danda'an.Ofii kee kabaji.Namni kabajamuufis ta'e kabajuuf ulaagaan barbaachisu namummaa qofa.Garaagarummaan keenya inni guddaan garaagarummaa ilaalchaati. Yaadni keenya haala keenya geggeessa.Yoo waan tokko hojjechuu nan danda'a jettee yaadde, sana booda ni dandeessa.Yoo hin danda'u jettee yaadde, sana booda hin dandeessu. Karaa kamiinuu ilaalchi kee bu'aa kee irratti dhiibbaa waan qabuuf sirrii dha.Ilaalchi kee calaqqee sammuuti.Calaqqee ifaa bakka negetiivii hin fayyadamin. "Hin danda'u" jechuu mannaa "nan danda'a" jechuu qabda. Achiis, yeroo foddaan kee qulqulluu taʼu, dhumarratti addunyaan kun wantoota gaarii taʼaniin akka guutamte hubachuu dandeessa. Yaadni gaariin milkaa'ina hawwataBu’uuraan nuti maagneetii namaati. Waan gaariifi bu'aa gaarii yoo yaadne milkaa'inni itti aanee jiraata. Waan yaadnu taana.Mul'achuun ogummaa ijoollummaa irraa barannudha. Dubbistoonni fiilmii sammuu sammuu isaanii keessatti akka uumaan jajjabeeffamu, boqonnaa tokkoon tokkoon isaanii gara galma dhumaa galmaan gahuu barbaadanitti harkisa. Waan fedhe hojjedhu.Waan barbaadde argachuuf waan barbaachisu hunda gochuuf fedhii qabaachuu kana. Kanaafuu waadaa kana ofiif gali.Barumsa rakkoo keessa jiru barbaadi Waan gadhee irratti xiyyeeffachuu ykn rakkoo sana keessaa barumsa argachuu dandeessa. Yeroo baayyee "rakkoon" rakkoo dhugaa illee miti. Kufaatiin wantoonni xixiqqoofi gaariin yeroo raawwataman galateeffachuu akka qabnu nu barsiisa. Nagsuun ykn komachuun nama dhaggeeffatu hin gargaaru si hin gargaaru. Kanaa mannaa wanta gaarii taʼe irratti xiyyeeffadhu.Komii gochuun haala jiru fooyyessuuf tarkaanfii barbaachisaa ta’e akka hin fudhanne qofa yaada keessan kan jeequdha. Waan sodaattu irraa fagaachuunis bu’aa badaa fiduu danda’a.Ofitti qabachuun ofitti amanamummaa kee gadi buusa, humna akka hin qabneefi akka mufattu sitti dhagahama. Haalawwan ulfaataa taʼan irraa fagaachuudhaan milkaaʼina kee akka miidhu hubadhu. Imala Jireenya kee haalaan tiksi! @ooshoo_official
Показати все...
👍 13
Milkaa'inni irra deddeebi'anii yaaluu fi Abdii muruu dhiisuu irraan dhufti #Toomaas Ediisan abbaan argannoo ‘Ampuulii’ ijoollummaa isaatti barnoota dadhabuudhaan mana barumsaa irraa akka ar'atamu taasifame. Guyyaa tokko barsiiftuun isa barsiiftu xalayaa akkas jedhu barreessitee itti laattee akka inni galee maatii isaatti kennuuf itti himte. Xalayichi akkas jedha. “Toomiin kee barumsa waan hin dandeenyeef,akka lammata mana barumsaatti hin ergine!’’ jettee xalayaa barreessitee isumatti laatte. Ediisan dubbisuu waan hin dandeenyeef, xalayicha osoo banee hin ilaaliin akkuma jirutti galchee harmee isaatti laate. Harmeen isaa xalayicha dubbistee, hirqistee boosse. Innis harmee isaatiin.....“Maal taate?” jedhee gaafate. Isheenis....“Toomiin kee cimaadha!” jettee barsiiftuun kee xalayaa naaf barreessite......“Kana booda mana barumsaa hin deemtu. Manumattin si barsiifadha!” jetteen Toomiidhaan. Akka seenaan isaa jedhutti ji'oota lama qofa barate Toomaas Ediisan. Garuu, abbaa argannoo addunyaa kanaa ifa nuuf laataa jirtuuti. Ampuulii kalaquuf yeroo 9999 yaalee, si'a 10000 irratti milkaa'e. Isayyuu xumura irratti ampuulii kalaqee hojjettoota isaa keessaa nama tokkotti akkanni bakka wayii ka'uuf itti laate. Innis harkaa fuudhee battaluma sanatti ampuulichi lafa harkaa rukutee caccabe. Eediisan dadhabbii amma kanaa itti dadhabee.....yeroo amma kanaa itti fixee yommuu jalaa caccabu, baay'ee nama hin aarsu. Nama aarsa dhugaa dubbachuuf! Ammas abdii muree hin dhiisne. Irra deebi'ee hojjechuu isaati. Hojjetee ammas hojjetaadhuma gaafa jalqabaa sanatti deebisee laate. Hojii Eedisan kana irraa irra deddeebi'anii yaaluun milkaa'ina akka namaaf argamsiiftu barachuun baay'ee salphata. Abdii muruu dhiisuu dabalatee jechuudha. Henerii Foordii abbaan argannoo konkolaataa, guyyaa tokko akkas jedheen Eedisaniin...“Wanti kun tasumaa hin danda'amu;koottuutii na waliin kaampaanii koo keessa hojjennaa!” jedheen. Kanas hin dhageenye inni. Xumura irratti ampuulii hojjetee...“Inni ati hin danda'amu jette sun;ni danda'ama!” jechuun ampuulicha itti agarsiisuu danda'eera. Ajaa'iba! Pirezedaantii Ameerikaa 16ffaa kan ture Abrahaam Liinkan waggaa isaa 52ffaatti Ameerikaa bulchuuf carraa argate. Sanaan dura garuu kufaatii danuu jireenya isaa keessatti nama keessummeessedha. Garuu, mormiiwwanii fi kufaatii amma kanaatiif abdii muree dhiisuu hin dandeenye. Irra deddeebi'ee yaaluudhaan milkaa'eera! Bulchaan guddaan Afrikaa Kibbaa duraanii, Nelsan Maandellaan bilisummaa uummata gurraachaa fiduuf waggoota 27'f mana siirreessaa keessa ture. Achiitii ba'ee Pirezedaantii Afrikaa Kibbaa ta'uu danda'eera. Wal-qixxummaa Adiif Gurraachaas mirkaneessuu danda'eera. Badhaasa beekamaa Addunyaa ‘Nobel Peace Prize’ fudhachuus danda'eera. Ajaa'iba. Wanti hundi kutannoo gaafatti! Walumaagalatti, waan hundi kutannoo, irra deddeebi'anii yaaluu, abdii muruu dhiisuu irraan dhufa! Galatoomaa! Egaa jedhaa! Walitti deebina yeroo biraa! Dubbisaa! Dubbisuun hanga du'aattiidha!
Показати все...
👍 20 3🥰 2
Repost from N/a
» Fakkicha Hubannoodhaan Ilaali! ☁️              ☁️                       🛰          ☁️              ☁️      ☁️             ☁️                                     ☁️ ☁️     ☁️ ☀️              ☁️             ✈️ ☁️              ☁️☁️  ☁️      ☁️           🚁      📡 ☁️ 🏡🏬🏥🏡🏭.    🏨🏣🏦                      / | \      _🚂🚃  /   |   \ 🚩___        👬🚦 /    |     \ 🚦🚶         🌳   /      |        \  🌳               /        |          \    🐐         🎡      🌳  /  🚔   |  🚔     \ ⛽️       🏟           /            |             \   🌵 /      🚖   |  🚘          🚴       /                |       🚔     \     /         🚍    |                   \   /                    |                     » Konkolaataa diimaa fakkicha irra jiru tuqii garam akka deemu ilaali! Itti Gammadda! Hope Just «JOIN» Now! Affeerraa Gaarii 🌄 + Subscribers Free Promoter 🎆 𝑺𝒑𝒐𝒏𝒔𝒐𝒓𝒆𝒅 𝒃𝒚: 𝗛𝗢𝗣𝗘 𝗣𝗥𝗢𝗠𝗢 𝐀𝐝𝐯𝐞𝐫𝐭𝐢𝐬𝐢𝐧𝐠 𝐓𝐞𝐥𝐞𝐠𝐫𝐚𝐦  𝐂𝐡𝐚𝐧𝐧𝐞𝐥𝐬/𝐆𝐫𝐨𝐮𝐩s @Oromoon_Oromoof_PostBot Ads    • @hope_promo
Показати все...
🥰 4 1
Power Of Tongue! ❏ Ampoolii fi Generetara har'a itti nuti itti fayyadamnu kana beekan uume Tomas Alva Edsen jedhama. Hayyuun kun ijoollummaa isaatti rakkina harkifata sammuu (autism) qaba ture. ■ Guyyaa tokko dura taa'an mana baruumsa isaa xalayaa barreessee "haadha keetti kenni!" jedhee itti kenne. Barreessuu fi dubbisuu kan hin dandeenye Edsen ergicha haadha isaa biraan ga'e. Haati isaas xalayicha dubbistee teessee yeroo boossu argee "Haadha koo maalif boossa xalayichi maal jedha?" jedhee gaafate. ■ Haati isaa deebistee "Mucaan kee SAMMUUN ISAA BAAY'EE GUDDAA WAAN TA'EEF MANA BARUMSAA KANATTI BARACHUUN ITTI XIQQAATA KANAAF OFII KEEF MANATTI QO'ACHIISI!" jedha jettee itti himte. Toomasis baay'ee gammadee haadha isaatin barachaa qaamanis sammuudhaanis guddachaa dhufe. ■ Sana booda Argannoowwan gurguddoo addunyaa kana jijjiiran 15 addunyaa keenyaf gumaache. Teknolojiiwwan 1093 ta'anis fooyyessee beekamtii guddaa argateera. Waggaa dheeraa booddee gara mana itti guddatee dhaqee waraqaa garaagaraa utuma ilaaluu waggaa dheeraa dura xalayaa haadha isaatif barreeffame sana argate. ■ Gaafa dubbisu akka haati isaa jetteen utuu hin taane faallaa isaati "MUCAAN KEE SAMMUUN ISAA HARKIFATAA WAAN TA'EEF LAMUU AKKA MANA BARUUMSA KEENYATTI HIN ERGINE." Jedha. ■ Yeroo sana haati isaa ati BEEKA DHA jettee beekaa akka isa goote, ati GUDDAA DHA jettee guddaa akka isa goote hubatee yaadannoo isaa irratti ➲ "Toma's Alva Edsen nama sammuu harkifataa ta'ee dhalate tattaafannaa haadha isaatin garuu BEEKAA GUDDAA jedhame." Jedhee barreesse. ■ Obbolee namichi kun gaafa dhalatu fayyaa isaa dhabee dhalate biyyaan jibbame. Kun baratee nama in ta'u jedhamee ari'ame. Jechi isaan jedhame manatti isa deebisee namaa gadi isa godhee akka inni uumamuu isaayyuu jibbuuf ture. Garuu kan nama dhibu arrabuma maaddii barumsa isaa irraa ariisisee kichuutti kutee isa hambisuuf hima hadhaa'aa itti darbateetu deebisee ati BEEKA DHA ATI GUDDAA DHA. Jedhee, abdii isaa lalisiisee, eenyummaa isaa isa keessaa itti agarsiisee humna addunyaa jijjiire kana keessa kaa'ee, maqaan isaa seenaa keessatti akka dinqiitti akka haasa'amu isa godhe. ■ Nuti hoo har'a arraba keenyan beekaa biyyaaf ta'u baay'ee isaa cabsinee haamilee isaa, hunkuteessinee, haala isaa har'aa ilaallee ati "nama in taatu" jennee manatti deebisaa, jirra moo hir'ina isaa itti himaa, jabina inni qabuuf immoo ● "Ati cimaa dha, ● Ati nama guddaa dhas, ● Sichis guddaa taata, ● Ati beekaa dha, ● Jabaadhu, ● Haamileen kee in bu'in, ● Si bukkee jirra" jennee abdii isaa borii itti agarsiisaa ■ Kana qofa miti dargaggeessi baay'een humna biyyaa ta'uuf male, tajaajilaa baay'een dhibaa'ummaa arraba isaa keessaa yaa'un ofuma isaatif of cabsee golatti deebi'e baay'eetu jira. Baay'een keenya humna nu keessa jiru utuu hin beekin ofuma keenyaf gatii of dhabsiisna. ■ Yeroo baay'ee jechoonni arraba baay'ee keenya irra yaa'an: • Ani gatii in qabu, • Ani abdii in qabu, • Ani nama gadiidha, • Ani nama akkasumaanidha, • Ani baduufan jedha, • Ani dhukkubsataadha, • Ani nan du'a fi kkf dha. ➲ Obbolaa koo arrabni humna guddaa qaba. Dhaabbitti ajjeesus, abdii namaa lalisiisee du'aa kaasus ni danda'a. ➲ Lafee hin qabu garuu lafee ribuu hunkuteessa. Arraba gaarii fi abdii dubbatu arraba caba namaa fayyisu Waaqayyoo nuuf haa baay'isu. ➲ Arrabni keenyas akka fayyuuf ayyaanni Waaqayyoo nuuf haa baay'atu! sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​ @Oromo_Motivation @Oromo_Motivation           🔺ᴊᴏɪɴ🔺
Показати все...
👍 6
Akkasitti Beeki Addunyaan kun Namoota Baayyee of keessaa qabdi ◆Gariin sin fayyadan ◆Gariin Immoo situ isaan fayyada ◆Gariin ammoo si miidhuu malee si hin fayyadan ◆Gariin immoo sis Hin fayyadan sis hin miidhan ◆Gariin sin Jaallatan ◆Gariin sin Jibban ◆Gariin ati ni jaalatta isaan sin Jaallatan ◆Gariin immoo  ati ni yaadatta isaan si hin yaadatan. Hubadhu kun hundi seeruma uumamaati.Garuu ati nama kana hundaa wajjin haala ittiin jiraattu sirriitti Beekta yoo tahe dhuguma ati nama cimaadha. ◆Namoota si jaallatan waliin Jaalalaan Jiraadhu. ◆Namoota si kabajan wajjin Kabajaan Jiraadhu. ◆Namoota si tuffataniif carraa laattee waliin Hin Jiraatin.Lubbuu kee irraa fageessii Jiraadhu!! Hubadhu ati namoota si tuffatan sanii oli malee isaanii gadi miti. Namoota yeroo ati bira jirtu si yaadatan kan yeroo ati biraa deemte si dagatan waliin hiriyyummaa hin uumin.Nama si dagate naa haa yaadatu jettee of hin cinqin.Yeroo baayyee yoon isaan wajjin dabarse na yaadachuu hin oolu Jettee yeroo Kee Isaa wajin Hin gubin. Namni fedhii kee qabu kan si jaallatu kan si dhabuu hin dandeenye tokko inuma jira. carraatu walitti Isin Hin fidin jira Malee!! Hubadhu jireenyi addunyaa kun goflaan isaa lama,lachuu Yoo fayyaa ta'e malee danda'ee siif hin bararu. Goflaa lama jechuun (Jaalalti gama lachuutiin yoo taate malee, gama tokko qofaan yoo taatee gama kaaniin yoo hin jiraannee goflaa tokko jechuudha). ◈Wal kabajuun ◈Wal jaallachuun ◈Wal Yaadachuun ◈Wal Yaaduun waan faayidaa qaburratti waliif dhaamuun, waliif dhimmamuun Fi kkf Yoo gama lachuutiin jiraate malee gama tokko qofaan sin ceesisu, si dhiphisas kan gama lachuutiin jirutu siif boqonnaa gaarii kenna! Hubadhu adaraa addunyaa, galgala bultee kee malee ganama ka'uu kee hin beekne kana gubbaatti tuffii namaa baadhattee hin deemin. Yoo namoonni dhaamsa (Text) si fayyadu siif ergan galatoomfadhu. Atis kan isaan fayyaddu yoo qabaatte forward godhiif maaf wal tuffanna!! Kan Tuffatantu Nama Caala Kan Jibbantu Nama Dhaala Jedhu Abboonni keenya !! Iddoo Nagaa oolaa! sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​ @Oromo_Motivation @Oromo_Motivation           🔺ᴊᴏɪɴ🔺
Показати все...
🙏 11👍 5
HAMMA GEESSU KAN BEEKU SI QOFA! Ga'umsa dhokataa keessa kee jirutti amani. Waan keessa kee jiru namoonni arguu dhiisuu malu. Alli kee fi keessi kee wal irraa fagaachuu danda'u. Namoonni tilmaama baay'ee xiqqaa siif qabaachuu danda'u. Eenyummaa kee isa sirii arguu dhabuu irraan kan ka'e afaan isaanii guutanii, "ati hin dandeessu!" siin jechuu malu. Haa jedhan! Jecha isaanii cinaatti dhiisii kutannoodhaan hojjedhu. Danda'ii akka dandeessu warra hin dandeessu siin jedhanitti agarsiisi. Ga'umsa keessa kee jiru erga itti amantee booda gad dhiisi. Waan keessa kee jiru sana gad baasii ittiin hojjedhu. Hin nuffin, hin dadhabinis. Ciniinnadhuu hojjedhu. Lafa karaan hin jirre keessa karaa barbaadi. Yeroo baay'ee wantootni karaa hin fakkaane hedduun karaadha. Kanaafuu, karaan hin jiru jettee of amansiiftee mammarattee hin taa'in. Kutannodhaan hojjettee waan kamuu milkeessuu dandeessa. Mo'ichaaf, milkaa'inaaf, fiixaan ba'umsaaf uumamteetta. Guddinni kee kan safaramu ykn madaalamu haala ati alaan keessa jirtu kanaan miti; ga'umsa dhokataa ati of keessaa qabdu qofaan madaalama. Hamma geessu kan beektu si qofa. Namoonni naannoo kee jiran, maatii fi fironni kee, hiriyoonni sitti dhiyaatan, barsiisonni kee, namoonni ati isaaniif hojjettu, hawaasni naannoo kee ...hunduu eenyummaa kee isa sirrii hin beekan; tilmaamuu qofa danda'u.  Dubbii namoonni tilmaama qofa irraa ka'uun dubbataniif iddoo kennuun kaayyoo kee irraa gara booddeetti si deebisa. Si caalaa kan si beeku hin jiru! Bakka namoonni itti si tilmaaman caalaa fagoo fagoo ga'uu dandeessa.  Maaltu beeka? Waan guddaan si keessa jiru kan ati of keessatti beektu kan namoonni immoo arguu hin danda'in waan addunyaa kana jijjiiru ta'uu mala.  Maaltu beeka? Xiqqoon har'a harka kee irra jirtu kun bor guddattee galaa addunyaa kanaa taati. Maaltu beeka? Har'a xiyyeeffannoo namootaa dhabdus bor guca milkaa'inaa guutummaa addunyaa irraa ifu harkatti qabachuuf jirta. Kanaafuu, abjuu keetti abdii hin kutiin. Waan xiqqoof jettees abjuu kee hin gurguratin. Waan guddaatti aggaami. sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​ @Oromo_Motivation @Oromo_Motivation           🔺ᴊᴏɪɴ🔺
Показати все...
👍 2
Фото недоступнеДивитись в Telegram
🏆 1