cookie

Ми використовуємо файли cookie для покращення вашого досвіду перегляду. Натиснувши «Прийняти все», ви погоджуєтеся на використання файлів cookie.

avatar

Yaa'ii mooraa wiirtuu waacaalee

Рекламні дописи
203
Підписники
Немає даних24 години
-17 днів
-330 днів

Триває завантаження даних...

Приріст підписників

Триває завантаження даних...

Asteriyoo Maariyaamii 1. Bara Mul’achuu (Zemene Asteri’o) Akka seera Qulqulleettii mana kiristaanaa keenyatti ayyaana dhaloota Gooftaa keenyaa irraa kaasee hanga seensa tsoomii guddichaatti kan jiru zemene asteriyoo ykn bara mul‟achuu jedhama. Jaalallee Gooftaa kan jedhame qulqulluun Yohaannis ergasaarratti, “… kanaaf hojiin diyaabiloos akka jalaa diigamuuf Ilmi Waaqayyoo mul’ate”(1Yoh 3:8) akkuma jedhe yeroon kun dhalannaa Gooftaa keenyaan eegala. Barri kan isaaf hin lakkaa‟amne, Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos fooniin Dubroo Maariyaamii irraa dhalatee mul‟atee, cuuphaa isaa laga Yordaanosiin iccitiin Sillaasee sirritti ifa waan ba‟eef bara mul‟achuu (zemene asteriyo) jedhameera. Bara kana keessatti ayyaanotni gurguddoo Gooftaa keenyaa lama ayyaanni dhalannaa fi cuuphaasaa, akkasumas ayyaanota xixiqqoo keessas lama ayyaana dhaqna qabannaa fi qaanaa isa galiilaa kan itti yaadannudha. Kanatti dabalataanis ayyaanota gurguddoo haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamii keessa tokko kan ta‟e ayyaanni boqonnaa ishee fi lubbuu samiirra jiranitti mul‟achuun ishee baruma kana keessa kan yaadatamudha. Barreeffamni keenya guyyaa har‟as baay‟inaan kanuma irratti kan xiyyeeffatu ta‟a. 2. Asteriyoo Maariyaamii Ayyaanni kun asteriyoo jedhamuunsaa sababoota lamaaf. Isaanis  Barri kun yeroo itti Gooftaan keenya laga yordaanositti cuuuphamee icciitii guddaa mana kiristaanaa keenyaa icciitii sillaasee itti mul‟isee Waaqummaan isaas beekame ta‟uusaa fi  Haati keenya Dubroon Maariyaamii boqonnaa isheetiin gara samiitti yeroo olbaatu kennaa fi kabajni ilmashee Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosin, amalummaa Abbaa isaa Waaqayyo Abbaa fi amalummaa jireenya isaa Hafuura Qulqulluun isheef kenname samii fi lafarratti, namaa fi ergamoota biratti mul‟achuu isaaf. 3. Dhaloota fi Guddina Dubroo Maariyaamii Ariyatamuun gadameessa Haannaa keessa osoo jirtuu kan ishee jalqabe Dubroon Maariyaamii, haatishee gosootaa fi sanyiiwwaan ishee irraa adda baatee osoo jirtuu caamsa bultii tokko tulluu libaanos irratti dhalatte. Dhalannaa ishee kanaan akka ijoollee Addamii fi Hewaan abaarsi haadholii fi abbootii keenyaa ishee hin qaqqabne. Waaqayyoo gonka waan ta‟eef ishees ogummaa Waaqummaa isaan gonka taasisee, bultoo isaaf ishee filatee, abaarsa Hewaan irraa bilisa ishee taasise. Kanas Qulqullichi Yaared "ati biqiltuu qoraattiiwwaan gidduutti biqilte, abaaboo ishee dhugaadha" jedhuun abaaramoota sanyii Addamii fi Hewaan keessa adda taatee qulqullummaan dhalachuu ishee dhugaa baheeraaf. Dhaloota ishee kanas ogeessichi Solomoon waggaa 970 dursee, "Yaa kaadhimaa koo Libaanosii kottu Libaanosii kottu , tulluu Amaanaa irraa , tulluu Sinaarii fiHarmooniyeem irraa, iddoo jireenya leencotaa irraa bakka tulluu qeerramsootaa irraa gad bu‟i" jechuun dubbateera. (Weddu Solomon 4÷8) Dhalachuun Dubroo Maariyaamii Addaamii fi sanyiisaa hundaaf fayyinaa fi abdii ture. Abbaan Hiriyaaqosis sirna galatoo isaa irratti " Yaa Maariyaam Addam yeroo gannataa keessaa ariyametti abdiin isaa sidha." akkuma jedhe. Waaqayyoo dhala dhala keerraa dhaladheen si fayyisa jedhee Addaamiif waadaa galee waan tureef, Addaam haadha Waaqayyoo kan taatu kana abdii fi hawwiin eeggachaa ture. Dhalattee gaafa guyyaa 8ffaa isheetti haadha saba hundaa (Maariyaam) jedhanii moggaasan. Waggaa sadiif harma haadha ishee hodhaa mana warra isheetti erga jajjabaatte booda dhala wareegaa waan taateef kennaa adda addaa Mana Waaqayyoof barbaachisu waliin Mana Waaqayyoof galchan. Ergamoonni samiirraa nyaata fi dhugaatii isheef fidaa, ishee taphachiisaa waggaa kudha lama (12)f Mana Qulqullummaa keessa jiratte. Qulqullichi Hiriyaaqos "Yaa Dubroo nyaata lafarra kan nyaatte miti; nyaata samiirraa nyaatte malee. yaa Dubroo akka dubartoota biroo xurii fi cubbuun kan sirra jiru miti; Qulqullummaan Mana Qulqullummaa keessa jiraatte malee. Yaa Dubroo dargaggoonni lafarraa kan si gowwomsan miti; ergamoota samiitu si daawwate malee" akkuma jedhe. Waggoota baay‟eef lubummaan mana qulqullummaa tajaajilaa kan ture Zakkaariyaas Qulqulluu
Показати все...
6. Jechoota Abboota Keenyaa “Ergamichi dursee, "gammadi kennaan kan guutamte, Waaqayyoo si wajjiin jirahoo, ati dubbartoota keessa kan eebbifamtedha," jechuunsa Waaqni qulqullaa‟aan nagenya dhugaa kennu ishee waliin waan ta‟eef. Kanaafuu yaa obboloota koo kottaa waliin taanee „kennaan kan guutamte gammadi Waaqayyoo si wajjiin jira‟ jennee galatoo ergamichaa kana isheef faarfanna. „Foon qulqulluu, lubbuun qulqulluu fi lapheen qulqulluu gatii kee kan ta‟an, yaa Dubroo, Waaqayyo bultoo Ilmasaa akka taatuuf si filateera‟ jennee haa galateeffannu" Qulqulluu Gorgoriyoos Abbaa Raajii "Jechi Waaqayyoo foonis lubbuus sirraa fudhatee nama kan ta‟e mushurraan caagulaa keessa akkuma ba‟u si keessa kan ba‟e yaa Dubroo gammadi. Hoolicha isa bade barbaaduuf kan dhufe yeroo argates gatittii isaa irratti kan baate tikseen inni dhugaa sun sirraa kan dhalate yaa Dubroo gammadi. Si‟olitti Waaqayyo kan ishee gate, abaarsi Hewaan siin kan bade yaa Dubroo gammadi. Waaqayyo duumessa ariifatuun gara kee kan dhufe, sirras kan bule yaa lafa qulqullooftuu gammadi. Qulqulloota irra bulee kan jiraatu, jechi Waaqayyoo sirraa dhalatee kan mul‟ate yaa Dubroo gammadi. Abbaa fi Afuura Qulqulluu waliin kan galateeffamu jechichi sirraa dhalachuuf jaal‟ate. Waaqni osoo addunyaan hin uumamiin dursee ture, sirraa dhalachuuf waan jaal‟ateef yaa Dubroo gammadi." Qulqulluu Yohaannis AfaanWarqii "Yaa Dubroo kan yaadu hundumaa kan hin irtaanfanne Ilma kee nuu yaadachiisi. Yaa Dubroo Beteliyeemitti dhaloota inni sirraa dhalateen, uffataan maramuusaa, loonii fi harreen hafuura isaan akka ho‟isan yaadachiisi. Yaa Dubroo bara Heerods isa abaaramaa sanatti Ilmakeewaliin biyya biyyaatti godaanu yaadachiisi. Yaa Dubroo Ija kee keessa kan dhangala‟ee fi jaal‟atamaa Ilma kee duratti kan dhangala‟e immimaan hadhaa‟aa sana yaadachiisi. Badii otoo hin ta‟iin dhiifamaaf yaadachiisi, dheekkamsa otoo hin ta‟iin araara yaadachiisi, qulqullootaaf otoo hin ta‟iin cubbamootaaf yaadachiisi,.." (Qiddaasee Maariyaamii Lakk 165-171) Galanni Haa Ta’u Waaqa Tokko Kan Ta’e Abbaaf Ilmaaf Afuura Qulqulluuf har’as yeroo hundumaa hanga bara baraatti amen
Показати все...
4. Umrii Jireenya Ishee Biyya Lafaa Irratti Baroota Dubroon Maariyaamii biyyaa lafaa irratti dabarsite akka tokkootti yeroo lakkoofnu waggaa jaatamii afur (64) ta‟a. (mana abbaa fi haadhashee waggaa 3, mana qulqullummaa waggaa 12, mana Yoseef Gooftaa ulfooftee waggaa 34, mana Yohaannis waggaa 15) Umrii waggaa 15 tti haadha Waaqummaaf filatamtee, waggaa 49 guutuu "Haadha Waaqaa" jedhamaa jiraatte. Baroonni ishee xiqqoo yoo ta‟anis isaanumtiyyu gidiraan kan darban turan. (Mucaa_ishee_deessee waggaa 2ffaatti Heerodsin baqachuun, Naazretitti raajii ilmashee arganii namoonni naannichaa ni ajjeesna jechaa yeroo turan, guyyaa jimaataa gadda guddaan, erga inni ol ba‟ees maqaa ilmashee lallabaa kan turan duuka bu‟oota isaaf yaadda‟aati turte. 5. Boqochuu Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamii Mana Yohaannis waggaa kudha shan (15) erga jiraattee Dubroon Maariyaami, sanyii Addaam hundaaf duuti foonii waan hin hafneef, dhalattee waggaa jaatamii afureffaasheetti (64) amajjii 21, bara 49 BA guyyaa sanbata kiristaanaatti foonii fi lubbuun ishee adda ba‟an. Boqonnaa ishee kana abbaan yeedalloo mana kiristaanaa keenyaa, “«ሞትሰ ለመዋቲ ይደሉ ሞታ ለማርያም የዐጽብ ለኲሉ” hiiknisaa, “duuti hundumaaf kan ta‟udha; duuti Maariyaamii garuu hunduma dinqisiisa” jedheera. Oduun boqonnaa haadha keenya Dubroo Maariyaamii gabaabinaan: Gidiraawwaan armaan olitti ilaalle kana irraa ishee boqochiisuuf mucaan ishee ulfina Waaqummaa isaan ergamoota isaan kabajamee, qulqulloota kakuu moofaa waliin dhufee, “yaa harmeekoo gidiraa lafa kanaarraa si boqochiisuun dhufe” jedhe. Dubroon maariyaamiis, “yaa mucaa koo samii fi lafti kan si hin murteessine ji‟oota sagal gadameessa kootti si baadhee nan du‟aa?” jette. Gooftaan keenyas lubbuuwwaan si‟ol keessatti gidirfamaa jiran itti agarsiisee, duuti kee isaan kanaaf fayyina ta‟a jedhe. Dubroon Maariyaamiis, “isaan kun kan fayyan yoo ta‟emmaa miti si‟a tokko si‟a torba yoon du‟e maali?” jettee eyyemte. Haadha isaanii geggeessuuf duuka buutonni, kutaa lallaba isaaniirraa duumessaan dhufanii, eebbi kee nuuf haa ta‟u, kadhannaa keetiin nu yaadadhu jedhan. Gooftaan keenyas Qulqulleettii lubbuu ishee qulqulleettii foonsheerraa adda baasee galatoo ergamootaa fi faarfannaa raajotaan gara samiitti fudhate. Duuka buutonni Gooftaa keenyas akka seera isaaniitti kafananii awwaallachuuf, gara getesemaanitti osoo deemanii yihuudonni, “kanaan dura Ilmishee du‟aa ka‟ee gara samiittiolba‟e jedhanii nurratti lallabaa jiru. Amma immoo haatisaa du‟aa kaate, gara samiitti olbaate jechuuf mitii? Akka isaan hin awwallannee ibiddaan gubna.” jedhanii irratti ka‟an. Isaan keessa tokko Taawufaaniyaan itti dhiyaatee agoobara yeroo xuqu, ergamaan qulqulluu Gebri‟eelii samiirraa dhufee harkasaa bakka lamatti kute. Namichi kun yeruma kana balleessuu isaa beekee yeroo kadhatu harkisaa isaa akka isa duraa isaaf ta‟e. Kana booda osoo hin awwaalamiin haftee, Waaqayyo duumessaan foon ishee Qulqullicha Yohaannis waliin gara samiitti ol fudhatee gannata keessa muka jireenyaa jala jiraachise. Fannoo Gooftaa keenyaan booda ishee tajaajiluuf kan carroome Qulqullichi Yohaannis, samiirrattis tajaajilaashee ta‟e. Duuka bu‟ootni foon ishee hin awwal‟atiin hin hafnu jechuun hagayyaa bultii tokko subaa‟ee qabatan. Tokkummaan ta‟anii subaa‟ee lama (2) erga xummuranii booda Waaqayyo hagayya 14, bara 49 tti foonshee isaaniif erge. Duuka bu‟ootnis gammachuutiin fudhatanii awwaallatan. Awwaalamtees osoo hin hafiin akkuma Ilmashee du‟aa kaatee gara samiitti ol baateetti. Qulqullichi Daawit, "Maaloo gara boqonnaa keeti ka‟i, atii fi qulqulleettiin bultoo kee" (Far 131÷8) jedhee kan raaje du‟aa ka‟uu isheen xumura argate.
Показати все...
Gebri‟eelii yeroo argu naasuudhaan sodaan irraa buufate. Ijoollee waggaa 15 kan turte Dubroon Maariyaamii garuu Qulqulluun Gebri‟eelii garasheetti yeroo argamu, ergamoota waliin guddachuu isheetiin yeroo isa agartu waan tokkoyyu itti hin fakkaanne. Kan ishee dinqisiise dubbii isaati. Luq 1:12, 1:28. Mana maanguddicha Yoseef osoo jirtu umriishee waggaa 15tti, uumaa samii fi lafaa ulfoofte; ergamoonni samiirratti durasaa dhabbachuu kan hin dandeenye ibidda Waaqummaa gadameessaa isheetti baatte, bultoo galatoo fi faarfannaa ergamootaa taate. “Yaa Dubroo yeroo ibiddi Waaqummaa garaa kee keessa bule fuullisaa ibidda, uffaannisaa ibidda, qoloon isaas ibiddahoo akkamitti si hin gubne? Qaama xiqqoo taatee osoo jirtuu, golgi labooba ibiddaa torba, garaa kee keessaa gara kamittis qophaa’e? Gara kamittis golgame? Cinaacha kee bitaadha moo cinaacha kee mirgaattidha?” Abbaa Hiriyaaqos. Ji‟oota sagal booda ji‟oota qorraa keessa lakkaa‟amuuf gara Beeteliyeem deemanii osoo jiranii Ilmashee ciniinsuu fi seera dhala namaaf ta‟u malee deesse. Lafaa fi samii uumamtoota hundumaa harkasaa irratti kan baatu, harkasheetti baatte, billaa Heerods jala isa oolchuuf gammoojjii gibtsiitti baqaatte. Waggaa 3 fi ji‟a 6 gidiraan gammoojjii keessatti dabarsitee gara Naaziretitti deebite. Mana Yooseefitti haadha isaanii kan dhaban ijoollee Yoseefif haadha taate. Haadha dhabdee addunyaa gabrummaa seexanaa jala galteef haadha hanga taatutti hojii haadhummaa mana Yoseefitti jalqabde. Iyyesuus Kiristoos yeroo guddatu isuma waliin turte. Mucaa ishee waan ta‟eef akkuma ijoolleetti isheef ajajamaa bishaan isheef waraabaa qoraan isheef fidaa ture. Inni osoo tajaajilamuu malee osoo tajaajiluu arganii kan hin beekne Ergamootni gad of qabummaasaadinqisiifachaa turan. Umriin isaa barumsaaf yeroo ga‟etti seera akka baratuuf barsiisota oriitiitti kennite. Haala kanaan guddistee bara barsiisummaa isaas isuma waliin turte. Ilmashee ciniinsuu malee deesse guyyaa jimaataa gidiraa yihuudonni isarra geessisan ilaaltee cinsiinsuun dacha itti ta‟e. fannoo isaa jala dhaabbattee osoo boossuu, dhuma irratti haadha addunyaa taatee karaa Yohaannis Gooftaa keenyaan nuuf kennamte. (Yoh 19:26).
Показати все...
Cuuphaa Daa'immanii ⚜ ➠Addaamii fi Hewaan seera diiganii firii mukaa akka hin nyanneef dhorkamanii turan. Saa'atii itti nyaatan irraa kaasee, ayyaanni Waaqayyoo isaan irraa ka'uun qullaa isaanii hafaniiru. Miira qaanii wayita sana isaanitti dhaga'ame to'achuu waan dadhabaniif, baala qullaa isaanii ittiin haguuggatan mukkeen Gannata keessa jiran keessaa kutanii namummaa isaaniitti kaban. Waaqayyos yeroo Gannata keessaa isaan baaseetti, baalli isaan ofitti kaban sun dhaamocha addunyaa kanaa isaan dandamachiisuu akka hin dandeenye waan beekuuf, uffata hoo'u, gogaa horii irraa kan  hojjetame, isaanitti uffise. Yeroo sanaa jalqabees, dhala namaa hundumaa uffatni barbaachisuu jalqabe. Har'a, daangaan umrii osoo hin jiraatin, inni maanguddoonis, Daa'imni har'a dhalates, kan huccuun maramu ta'e. Guutuu isaa link gadii👇"INSTANT VIEW" jedhu tuquun haa dubbisnu! ╭══•|❀:✧๑♡๑✧❀|: ══╮             @Kalabhiyahu             @Kalabhiyahu ╰══•ೋ•✧๑♡๑✧•  ══ https://telegra.ph/Cuuphaa-Daaimmanii-01-17
Показати все...
Cuuphaa Daa'immanii

➠Addaamii fi Hewaan seera diiganii firii mukaa akka hin nyanneef dhorkamanii turan. Saa'atii itti nyaatan irraa kaasee, ayyaanni Waaqayyoo isaan irraa ka'uun qullaa isaanii hafaniiru. Miira qaanii wayita sana isaanitti dhaga'ame to'achuu waan dadhabaniif, baala qullaa isaanii ittiin haguuggatan mukkeen Gannata keessa jiran keessaa kutanii namummaa isaaniitti kaban. Waaqayyos yeroo Gannata keessaa isaan baaseetti, baalli isaan ofitti kaban sun dhaamocha addunyaa kanaa isaan dandamachiisuu akka hin dandeenye…

👆👇 Isaanis gidiraa sodaatanii bittinnaa'an.Yohaannis qofti kan jaalate hamma dhumaatti jaalatee duukaa bu'e. Dhugumadha, obboloonni isaa kaanis du'aa ka'umsa booda gaabbiidhaan deebi'anii Kiristoos jalqaba isaanii ture xumura isaanii godhatan. ➠Hundumaa olitti Kiristoosiin jalqabaa fi xumura ishee kan godhatte Aalfaa fi Omegaan kan isheetiin barreeffame Dubroo Maariyaam turte. Waaqayyo Ilma isaa tokkicha yammuu addunyaaf kennuu barbaade Dubroon addunyaa bakka buutee fudhatte Kiristoos Aalfaan gadameessa ishee keessatti barreeffamee Beeteliheem dallaa loonii keessatti harka isheerra ture. Fannoo jala dhaabbattees jecha isaa ni dhaggeessi ture. Dubroon ciniinsuu malee deesse guyyaa jimaataa gidiraa Ilma isheetiin dhiphattee yeroo ciniinfattu, ciniinsuun jiraannaan mucaan jiraachuun isaa hin hafuutii 'Kunoo mucaa kee' jedhee Yohaannisiin isheef kenne. Jireenya ishee keessatti Kiristoos Aalfaa fi Omeegaa ture. ➠Yaa firoottan koo nuyi har'a ijoollee Waaqayyooti; boru maal akka ta'u hin beekamne. Si hin ganu jennee akka hin kakanneef si'a sadi akka hin ganneef ni sodaanna. Garuu Waaqni jalqaba keenya ta'e xumura keenyas akka nuuf ta'uuf, "Hamma dhuma jireenya keenyaatti tokkummaa fi sadummaa kee amanuutti nu jabeessi" jechaa mana kiristaanaa waliin ni kadhanna. ✍Dn Henook H. akka Dn. Lammeessaa hiiketti Yaada ykn gaaffiif ➛ @lamtesh Facebook  ➛https://www.facebook.com/profile.php?id=100087224145170 WhatsApp: https://whatsapp.com/channel/0029VaBrgmYISTkNBLeiTH37 Telegram: https://t.me/Kalabhiyahu═
Показати все...
Godoliyaas

Godoliyaas. 1,281 likes · 855 talking about this. "Waaqayyoo Guddaadha" "Waaqayyoo Jaalaladha" "Eenyu akka Waaqayyoo" "Maariyaam Haadha Waaqaati"

Aalfaa fi Omeegaa Kiristoos⚜ ➠Fayyisaan addunyaa Kiristoos, "Aalfaa fi Omeegaan anadha" jedhe! Aalfaa fi Omeegaan qubeewwan Giriik kan jalqabaa fi xumuraati. Gooftaan keenyi, inni jalqabaas inni xumuraas Anadha yammuu jedhu uumama addunyaa dura nan ture addunyaa dabarsees bara baraaf kanan jiraadhudha jechuu isaati. ➠Gara icciitii bara baaraan jiraachuu Waaqummaa isa gadi fagoo keessa osoo hin seeniin akkasumatti seenaadhuma lafa kanarraa fudhannee yoo ilaalle Kiristoos jalqadhas; xumuradhas. 'Waaqayyo jalqaba samii fi lafa uume' jedhamee akkuma barreeffame Waaqayyo Abbaan Jalqaba isa jedhame karaa Ilma isaa Kiristoos samii fi lafa uumeera. Kanaaf Kiristoos jalqaba waan hundumaati. Kabaja isaan dhufee lafa kana kan dabarsus Isadha. Kanaaf lafa kanaafis jalqabnishee fi xumurri ishee Kiristoosidha. ➠Nuyillee lafa kana irraa waan uumamneef dubbiin kun nuunis osoo hin ilaallatiin hin hafu. Raajichi, 'Gadameessa haadha koo jalqabee ati Waaqa kooti' akkuma jedhe gadameessa haadha keenyaa keessatti kan nu qopheessee fi guyyaa du'a keenyaatti du'aan lubbuu keenya garasaatti kan fudhatu jalqabni fi xumurri keenyi Kiristoosidha. Kuni garuu hundumaaf kan hafu miti. ➠#Firakoo! Kiristoos Aalfaa fi Omeegaa ta'uu isaa ni amanta. #Jireenya_kee_keessatti_garuu_Kiristoos_jalqabaa_fi_xumuradhaa?❗️ ➠Tokko tokkoof Kiristoos jalqaba isaanii ture. Deemaas Kiristoosiif Aalfaa jedhee faarfatee ture. Phaawuloos wajjinis Filmoonaaf ergaa nagaa ergaa ture. Booda garuu ijji isaa miidhagina Taseloonqeef booji'ame. Addunyaa ammaa kana jaalatee duuka bu'oota wajjin tajaajiluus adda kute. Kiristoos isaaf jalqaba malee xumura hin taaneef! ➠Hima 'Nama xumurasaa osoo hin argiin hin galateeffatiin' jedhu dagannee kan isaan galateeffanne, akka Semaaliyaal? ibsanii jalqabanii akka seexanaa duukkanaa'anii kan xumuran namoota baay'eedha. 'Akka har'aa hin ta'iin malee akkas akkasan ture' jedhanii seenaa kan odeessan, ka'umsi koo mana kiristaanaa ture kan jedhan xumurri isaanii kan biraa kan ta'e afuuraan jalqabanii fooniin kan xumuran baay'eedha. Kiristoos garuu, 'Jalqabnis xumurris anadha' jedha. Kiristoos, gaafa dhabdu akka Waaqaatti gaafa argattu immoo akka yaadannootti kan odeeffattu miti. Argachuu kee keessattis miila isaa hin gadhiisiin. Yeroo siif guutuu didee deddeebi'aa turte 'Gooftaa koo' yoo jette gaafa aangeffamtus [yoo siif guutus] si hin irraanfatiin. ➠Guyyaa kee yammuu eegaltu Maqaa isaa waamtee yoo eegalte gara bakka hojii yammuu deemtu mana kee keessee hin bahiin. Inni Aalfaa fi Omeegaa waan ta'eef guyyaa kee Isa waammattee jalqabde isuma wajjin xumuri. Namni bakka hojii isaatti, daldala isaa keessatti yakka baay'ee kan hojjetu Uumaa eegalsiisaa hojii isaa qofa yammuu godhatudha. [Garuu Uumaan kee kan si eegalsiisu qofa osoo hin taane kan si xumursiisus isuma ta'uu qaba] ➠Guyyaa itti Waaqayyoo uumuu jalqabe Dilbata, tokko jennee mana kiristaanaatti Kiristoos wajjin eegalla. Bulee (borumtaa) isaa garuu gara hojii fi gara jireenya hawaasummaa keenyatti yoo seennu kiristaanumaan keenyi ni bada. Torbicha Waaqni Aalfaa jennee ittiin eegalle Omeegaa ta'ee nu wajjin akka hin turre ni taasisna. Manni kiristaanaa bultoo Kiristoos malee awwaalcha isaa miti. Inni mana kiristaanaa keessatti eebbaan mul'atus waaqa bakka hunda guutedha. ➠Kiristoosiin kan yaadannu Dilbata qofa yoo ta'ee fi bakka guyyoota biroo oollutti hin yaadannu yoo ta'e "Hojiin waan biraa, kiristaanummaan waan biraa" jennee kan daangessinu yoo ta'e, akkuma dubartoota osoo du'aa ka'umsa isaa hin dhagahiin guyyaa Dilbataa awwalcha isaa urgooftuu bituuf deemanii laphee keenya keessatti Kiristoos [ganaa] du'aa hin kaane jechuudha. "Mana kiristaanaa irraa yammuu baatu Kiristoosiin yoo irraanfatte Kiristoos siif du'aa hin kaane jechuudha" jedha qulqulluun Ambiroos. ➠Duuka bu'oonni yammuu gooftaan lafa irra deddeebi'aa ture hunda dhiisanii kan duukaa bu'an jalqabni isaanii Isa [Kiristoos] ture. Guyyaa jimaataa garuu Yihuudaan Kiristoosiin ganee isaanirraa adda bahe. Itti fufa.....👇 @Kalahiyahu
Показати все...
"Faaruu Waltajjii"F/taa Dn Ermiyaas;Lapheen koo waangaarii baase https://youtube.com/watch?v=XJoZOoQAoTw&si=FJZ4JUnk1qY90vPr
Показати все...

Оберіть інший тариф

На вашому тарифі доступна аналітика тільки для 5 каналів. Щоб отримати більше — оберіть інший тариф.