cookie

Ми використовуємо файли cookie для покращення вашого досвіду перегляду. Натиснувши «Прийняти все», ви погоджуєтеся на використання файлів cookie.

avatar

Mana Qoricha Aadaa Al-Hikmaa

Traditional medicine

Більше
Рекламні дописи
2 654
Підписники
+924 години
+817 днів
+46130 днів

Триває завантаження даних...

Приріст підписників

Триває завантаження даних...

Фото недоступнеДивитись в Telegram
QORICHA MALEE DHUKKUBA IRRAA FAYUUF Dhukkuba baay’eef qoricha hin barbaachisu. Qaamni keenya dhukkuba akka of irraa dhorkuu fi akka dhukkuba  injifatu uumamaan waan kennameef qaba. Qaamni keenya kan dhukkuba  lolee injifatu dhalootaan of keessaa qaba. Qorichi dhukkuboota hamaa irratti loltuu qaama keenyaa kan uumaan nuuf kenne gargaaruuf itti dabalama malee, hojii guddaa kan hojjetu qaamuma keenya.   Bakka qorichi hin jirre kan jiraattan iyyuu yoo ta'e, akkaataa dhukkuba of irraa ittisan yoo beektan dhukkuba baay’ee of irraa qolachuu ni dandeessan Akka qaamni keenya dhukkuba of irraa faccisuu fi injifatugochuu akka danda'uuf waan shanan kana gochuu nu barbaachisa. 1   Qulqullina dhuunfaa keenyaa fi naannoo keenyaa sirritti eeggachuu. Kana jechuun: ◦Qulqullinna soorataa, qulqullina qaamaa, uffataa, eddoo ciisichaa fi Qulqullina yaadaatis ni dabalata. Naannoo keessa jiraannuu fi qulqullinna hariiroo hawaasummaas eeggachuuni 2 Boqonnaa gahaa argachuu. Kunis hirriba gahaa rafuu, boqanna hojii fi boqannaa yaadaa gahaa barbaachisa. 3   Akka dansaatti nyaachuu fi bishaan baay’ee gahaa dhuguu. Soorata yeeroo fi sirna soorataa eeggate yoo kan nyaannu ta'e qaamni keenya dhukkuba lolee ofirraa qolata. Karaa sirrii ta’een akkaataa bishaan itti fayyadamtan yoo barattan bishaanumti qofaan dhukkuba hedduu irraa nama hambisa, nama fayyisas.  4. Araada adda addaa irraa bilisa ta'uu. Tamboo xuuxuu, Alkoolii dhuguu, Caatii qaamuu fi kkf irraa bilisa yoo taane qaamni keenya qoricha malee dhukkuba irraa fayyuu danda'a. 5. Hariiroo gidduu keenyaa fi gudduu Rabbii jiru tolchuu: Kunis dhukkuboota hafuuraa(sheyxaana, jinnootaa fi tolcha adda addaa) irraa akka dandamannuuf ciminni amantii(iimaanni) akkaan barbaachisaa waan ta'eefi. Rabbiin Dhukkuba Hamaa irraa Isin Haa Oolchu Mana Qoricha Aadaa Al-Hikmaa #follow_like_share_comment #WhatsApp 092 879 5750
Показати все...
6
Фото недоступнеДивитись в Telegram
👍 4 2
Sihrii, gosa 3ffaa. Falfala/Sihrii Gurzaa./ Sihr Al-Hawatif Gosti sihirii kanaa kan dalagamu, dhukkubsataan hirriba isaa keessatti boqannaa akka dhabuuf kan dalagamuudha. Keessumatti namni falfalli irratti dalagamu kun mana ofii akka jibbuufi baqatu gochuu yaadamee kan dalgamuudha. Dhukkubsataan falfala gosa 3ffaa kun mana isaa irraa bahee eddoo biraa yoo bulu xiqqoo kan boqatu waan ta'eef, mana ofii isaa buluu irra mana biroo buluu filata. Mallattoolee falfala gosa 3ffaa. 1. Abjuu sodaachisaa waan akka Jawwee, Saree, adurree fi raammolee sodaachisoo aabjuun sitti ori'uu. 2. Hirriba keessa sagalee yaamsaa dhagayuu. Hirriba keessa Maqaadhaan (Abaluu) jedhanii kan siyaaman dhagayu. Hirriba keessa awwaatuu ykn Owwaataa manaa gara alaatti bahuu. 3. Usuu hin rafin sagalee sitti dubbatu dhagayuu. Garuu eessaa akka sitti dubbatamu beekuu dhabuu. 4. Tasa Fiiquu ykn Hasaassii dhagayuu. Onneen kee hargufamuu/woswaasaa sitti ta'uu. 5. Abjuudhaan Tabba ykn gaara irra kan kuftu of arguu. Afaan qilee irraa si naannessu. 6. Bineensonni gaafa dheedheeroo qaban abjuun si woraanuu. Bineensonni qarriffaa dhedheeroo abjuun si ari'achuu. 7. Hiriyyaa kee, jaalallee kee ykn fira aantee kee shakkuu baayyisuu. Namni dura jaalataa turte tasuma waan simiidhaa jiru sitti fakkaachuu. 8. Sa'aatii hirriba kee hirriba dhabuu, sa'aatii hirribaa hin fedhinitti ammoo hirribni sitti baayyatuu..... Hubannoo Sihrii dabalataafi furmaata isaa akka isin bira dhaqqabuuf #Follow godhaa. Namoota biroof #share godhaa. Yoo isinitti tole #like godhaa. Odeeffannonnoo dabalataaf. 0928795750 Rabbiin isin haa Tiksu.
Показати все...
👍 12👎 3 2👏 2
2😢 2
Chaankorooyidii/ከርክር/القرحة اللينة/Chancroid ```````````````````````````````````````````````` Chaankorooyidiin dhukkuba qaama saalaa madeessuun hanga sadarkaa qaamni saalaa dhiiraa cituutti geessuu danda'udha. Dhukkubni kun dhiira qofa miti dubartis ni qabata. Garuu dhiirota irratti ni cima. Dhukkubni kun karaa walqunnamtii saalaatiin daddarba. Dhukkubni kun baakteeriyaa Haemophilus ducreyi (H. ducreyi) jedhamuun kan dhufu. Chaankrooyidiin jalqaba qaama saalaa madeessa. Madaan sun kulkulee wal-jalaa ciccita. Madaan sun dhukkubbii cimaa, qaamni saalaa laalatuu/gubatuu, hoosisu, dhiita'uu fi mudaamuddii iitessuu danda'a. Chaankorooyidiin dhukkuba malee madaa qofa miti. Madaa diimaa dhukkubbii qabu, malaa/dhangala'aa kan qabuu, qunnamtii saalaa raawwachuu kan dhooggu, yoo hammaate qaama saalaa kutuus kan danda'uudha. Dhukkubni chaankirooyidii yeeroon yoo yaalaman fayyuun ni danda'ama. Usuu hin yaalamin turraan qaama saalaa bira darbee naannawa hidhii, arraba, harkaa fi qaamota biroottis babadhachuu danda'a. Dhukkubni chaankirooyidii dhukkuba qunnamtii saalaatiin daddarban(STDs) keessaa isa tokko. Balaa dhukkubni kun qaqqabsiisu irraa nagaya bayuu namni barbaadu jaartii ofii wajjiin malee qunnamtii saalaa gochuu dhiisuu qofa. Rabbiin Dhukkuba Hamaa Isin Irraa Haa Qabu Mana Qoricha Aadaa Al-Hikmaa #Follow_Share_Like #WhatsAppNo 092 879 5750 #TelegramChannel
Показати все...
1
Mallattoolee Sihrii/falfalaa gurguddoo 1. Eenyummaa ofii jibbuu. Ofitti amanamummaa dhabuu. 2. Yeroo Qur'aana dubbisan/namni biraa qara'u mataan iyyuu, mataan dhukkubuu, ijji gubachuu fi hamoommachuu. 3. Sammuun garmalee dhiphachuu, keessattuu ganama ganama cinqamuu. 4. Haati manaaf Abbaan manaa wal-jibbuu, sababuma salphaa uumanii wol loluu. Gaafa wal argan waliin ooduu, yeroo addaan bahan wal yaaduu. 5. Hirriba dhabuu, Guyyaa guyyaa hirribni itti baayyata dafee hirribni qabuu xiqoo rafanii hirribarraa abshadhuu. 6. Sa'aatii hedduu mana fincaanii keessa taa'uu fedhuu. Mana fincaanii eddoo waa itti yaadan gochuu 7. Namoota irraa kophaa bahuu fedhuu, nama irraa fagaachuu/baqachuu. 8. Walqunnamtii saalaa raawwachuu dandeettii dhabuu. Qalbiidhaan fedhaa qaamaan raawwachuu dadhabuu. Yeeroo dhaabbates dafee dhangala'uu. 9. Yoo guyyaa sadiif nagaa taate guyyaa itti aanutti dhukkubbiin itti dhagayamuu. 10. Maallaqa, mindaa, qabeenyi barakaa dhabuu. Hireen hidhamuu. Carraan cuccufamuu. 11. Namoota hubachuu dhabuu fi namni hundi waa'ee koo hamaa dubbachaa jira jedhanii yaaduu. 12. Waan tokko hojjachuu barbaadanii garuu raawwii irratti dadhaboo ta’uu/hojii ofii irratti dhibaayuu ykn taati'aayuu 13. Qaamni namaa ajajamuu diduu. Qaamni kee hiixxattu malee si goggoguu. 14. Xuriin laguu dubartootaa gar-malee itti bayyatuu ykn yeeroo dheeraaf dhiigni irraa yaa'uu. 15. Garaan erga taa'ee irraa bayuu(ulfi sabatuu dhabuu) 16. Ijji jeeqamuu. Ija duratti Wantoota balali'an ijaan arguu. Wantoota nama biratti hin mul’anne arguu. 17. Hantuuta, saree, adurree fi bofa abjuu keessatti arguu. 18. Sagalee shokokii/Xuxxuqaa nama biroo biratti hin dhagayamne dhagahuu. Sagaleen ergaa womaatuu hin dabarsine isinitti dhagayamuu. Fkf fiiquu, gurratti iyyuu. 19. Fedhii of ajjeessuu/of balleessuu qabaachuu. Sababuma xiqqoo fkf Yeroo hawwiin salphaan tokko galma gayuu dide of ajjeesuu akka furmaataatti yaaduu. 20. Dhukkubbiin kutaa qaamaa tokko qofa isinitti dhagayamuu. Woraansa ykn kulkulfannaa qaama irraa bakka tokko qofatti isin dhagayamuu. 21. Mataa Dhukkubbii. Usuu addaan hin cinne matatti isin ulfaachuufi bowwoo mataa, nyaara gubbatti isin ulfaatuu. 22. Torban guutuu oduu gammachiisaa dhagahuu dhabuu. Yeeroo hunda waan nama naasisaa malee gammachuun namarraa fuudhamuu 23. Nama du'e, fira du'ee(akaakayyuu faa) ture irra deddeebi'anii arguufi naannawa maqaabiraatti of arguu. 24. Halkan bakka raftetti iyyuu. Abjuu burjaajjii, ciccitaafi jibbisiisoo arguu, waan halkan abjuun argan ganama yaadachuu dadhabuu. 25. Foliin fincaanii namtti dhufuu. Naannawa fincaan hin jirrettis foolii fincaan fincaan jedhu arguu. Mallattoolee kana keessaa 4 ol yoo qabaattan yaalachuu qabdu. Mallattoo 4 gadi ofirratti yoo argitaniif salphamatti manuma keessanitti maal akka gochuu qabdan isiniif maxxansina nu hordofaa. Wonti akka kanaa akka isin hin mudanneef dursitanii ittisuuf: ➯Ibaadaadhaan Rabbitti dhihaachuu ➯Yeroo hunda Qur'aana qara'uu. ➯Salaata jama'aan salaatuu ➯ Ayyaatul Kursiyyii irra deddeebiin qara'uu ➯ Yeeroo hunda akka nama salaatuuf qophaa'uutti wuduu'a godhataa manaa bahuudha. ➯ Mana keessanitti salaata sunnaa salaatuu baayyisuu ➯ Qur'aan, keessumattuu suuratul baqraa mana keessanitti qara'uu ykn sagaleen banachuu. Ergaa kana ummata biraan ga'aa Mana Qoricha Aadaa Al-Hikmaa #Follow_Share_Like 092 879 5750 https://t.me/hikmaherbal
Показати все...
Mana Qoricha Aadaa Al-Hikmaa

Traditional medicine

👍 5 3
Hundee Diimaa/ቀይ ሥር(Beetroot)شمندر أحمر
Namoonni baay'een usuu hin beekin hundee diimaaf ilaalcha dogongoraa qabu. Yeeroo heddu soorata isaanii keessaa hundee diimaa cinatti maqsu. Anis waan namoonni godhan ilaalee akkas gochaa ture. Kuni dogongora ta'uu isaa waa'ee biqila kanaa erguma baradhee, qoradheen  hubadhe. 

Hundee diimaan soorata tuffatamaa usuu hin taane soorata kabajamaa fi qoricha ajaa'ibaati. Hundee diimaan faayidaa lakkaayamee hin dhumne qaba. Keessumattuu Tiruu fi Kalee keenya summii adda addaa irraa qulqulleessuuf biqila dorgomaa hin qabnee dha.
```````````````
Qabiyyee Hundee Diimaa Vitaminoota vitamin C, vitamin B-6, riboflavin, and thiamine, pirootinii fi albuudota kanneen akka kaalsiyeemii, Ayiranii, soodiyamii, fi pootaasiyamii fa'an kan badhaadheedha
Faayidaa Hundee Diimaa

1. Bareedina gogaa qaama keenyaaf.
2. Kaansarii mar'ummaan furdaaf
3. Dhibee  kalee nurraa ittisa.
4. Gartuu sochii dhiigaaf sirreessa
5. Hanga cholesterol qaama keessaa ni xiqqeessa.
6. Goginsa garaa nurraa ittisa.
7. Fayyummaa ija keenyaaf.
8. Rakkoo waa irraanfachuu bara dulluma keessaa nurraa ittisa.
9. Sirna ittisa dhibee qaama keenyaa ni dabala.
10. Carraa dhukkuba onneen qabamuu ni hir'isa.
Faayidaan hundee diimaa nyaachuu dhiibbaa dhiigaa gadi buusuu fi ga’umsa sochii qaamaa fooyya’aa akka qabaatan taasisuu fi kanneen biroo ta’uu danda’a. 

```````
Hubannoo: ◦Hundee diimaa bilcheessanii nyaachuu caalaa dheedhii isaa ykn juusii isaa nyaachuun faayidaa irra qaba. ◦Hundee diimaan keemikaala 'oxalate' jedhamu baay'inaan of keessaa waan qabuuf Namootni dhukkuba jilbaa fi qubarratti isaanitti deddebi'e mula'atu(Rihii) qaban, Hundee diimaa baay'isanii soorachuun gaarii miti. Mana Qoricha Aadaa Al-Hikmaa #follow_like_share_comment #WhatsAppNo 092 879 5750 #telegramchannel https://t.me/hikmaherbal
Показати все...
Mana Qoricha Aadaa Al-Hikmaa

Traditional medicine

👍 3 2
Фото недоступнеДивитись в Telegram