cookie

Ми використовуємо файли cookie для покращення вашого досвіду перегляду. Натиснувши «Прийняти все», ви погоджуєтеся на використання файлів cookie.

avatar

Eeruu Media

Chaanalii "Eeruu Media" join gochuun hordofa odeeffannoofi barnoota hedduu irraa argattuu

Більше
Рекламні дописи
314
Підписники
Немає даних24 години
Немає даних7 днів
-130 днів

Триває завантаження даних...

Приріст підписників

Триває завантаження даних...

Sagantaa Tokkummaa fi Jaalala Rasuulaa sallalaahu aleeyhi wasallam Magaalaa Asaboototti gaggeffama jira.
Показати все...
#HIN_AJJEESIN Walitti bu'iinsa yookin waldhabdee sodaachudhaan abjuuwwan kee hin ajjeesin!!!. Fuulduratti rakkoowwan garagaraa si mudachuu akka danda'an yaadi Deemsi itti fufa!!!.... Eeruu Media
Показати все...
👍 4
Baankiin Raammis Yaa'ii Waliigalaa Waggaa 1ffaa Abbootii Aksiyoonaa Galma Barkumeetti Geggeessaa jira. Eeruu Media: Sadaasa 23/2016 Baankiin Dhala Irraa Bilisaa Raammis Yaa'ii Waliigalaa Waggaa 1ffaa Abbootii Aksiyoonaa Galma Barkumeetti Guyyaa hardha 23/3/2016 Geggeessaa jira.
Показати все...
Фото недоступнеДивитись в Telegram
Jama'aan Muslimaa Torban Diida'aa Dameen Jimaata Loode Loodee Konfiransii Dargaggoota Marsaa 1ffaa Gaggeesse. Guyyaa 22/3/2016 Jama'aan Muslima Torban Diida'aa Dameen Jimaata Loodee bifa ajaa'ibaatiin gaggeesse. Sagantaa kanaratti keessummootni argaman:- 1. Hogganaa Ol'aanaa JTD Abdulhakiim Namoo 2. Ustaz Najaa Muhammad 3. Ustaz Mas'uud Nuuraa argamaniiruu. Akkasuma Hoggantoota  Mana Maree Muslimtoota Aanaa Loodee Heexosaa,Daa'ileen gara garaafi Dargaggootni Aanaa loodee heexosaa saganticharraa qoodaa fudhataniiru. Warrootni sagantarraa qoodaa fudhatan Hojiilee Jama'aa Muslima Torban Diida'aa dinqisifatuun Leenjii Konfiransii Marsaa 1ffaatti akkaan gammaduu nuuf ibsaniiru. Jama'aa Muslima Torban Diida'aa Barnootaaf Misooma irratti kan hojjatu!
Показати все...
Guyyaa 22/3/2016 Sagantaa Leenjii Konfiransii Dargaggoota Jama'aa Muslima Torban Diida'aa Damee Jimaata Loodeetiin Marsaa 1ffaa Magaalaa Jimaata Loodeetti ni gaggeeffama. Keessummoota Sagantaa 1. Hogganaa Ol'aanaa JTD Abdulhakiim Namoo 2. Ustaaz Najaa Muhammad 3. Ustaaz Mas'uud Nuuraa Gama Miidiyaatiin Eeruu Media fi TV Islaamaa irratti argamuu
Показати все...
Фото недоступнеДивитись в Telegram
Hogganaan Karoora fi Hordoffii Jama'aa Muslima Torban Diida'aa Sh Misbaah Amaan Kollejjii Imaamu Shafi'iyyii Ziyaaran. Eeruu Media Guyyaa 17/3/2016 Hogganaan Karoora fi Hordoffii Jama'aa Muslima Torban Diida'aa Sh Misbaah Amaan Kollejjii Imaamu Shafi'iyyi Ziyaaran. Ziyaara isaanii kanaan Akkaata Kollejjiin Imaamu Shafi'iyyii barattoota Haaraa itti simataa jiruu irratti waliin marii baldhaa taasisaniiruu. Akkasumaa akkaata barattootni haaraayaaf simannaan itti godhamuuf irrattis waliin dubbataniiru. Jama'aan Muslima Torban Diida'aa waggootaaf Kolleejjii Imaamuu Shafi'iyyii wajjiin hojiilee gurguddaa hawaasaaf bu'aa buusaan hedduu wajjiin hojjataa turuufi ammas wajjiin hojjachaa jiraachuun ni beekama. Eeruu Media
Показати все...
👍 5 1
Dhaabbanni Amaanaa Maaykiroo Faayinaansii Magaalaa Shaashamanneetti Hawaasa Waliin Marii Taasise. Eeruu Media Dhaabbanni dhala irraa bilisaa tahee Amaanaa Maaykiroo Faayinaansii kan hundeeffama irra jiru guyyaa 15/3/2016 Magaalaa Shaashamanneetti hubannoo Hawaasaaf Kennuu, sheerii gurguruu fi Marii Hawaasa Bal'aa Waliin taasise. Dhaabbatichi Beektota Shari'aa fi Hayyoota Faayinaansiitiin Kan Hundeeffame Yoo tahu Marii Guyyaa Har'aa Irrattis Bakka Ulamaa'onni Gurguddoon Akka Sheek Alii Buttaa, Dr Jibriil Qamar, Sheek Amiin Ibroo fi Ulamaa'onnii fi Du'atonni Hedduun Argamanitti akkasuma Hawaasni Muslimaa Magaalaa Shaashamannee bakka argamanitti sagantichi gaggeeffameera. ©Eeruu Media
Показати все...
2
"Konfiraansii cimina dhaabbata keenyaa fi tokkummaa Muslimoota itti agarsiifnu ta'a..." Pireezdaantii Majlisaa Magaalaa Finfinnee Sheek Sulxaan Amaan Eeruu Media: Sadaasa 15/2016 Manni Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamaa Finfinnee dhaadannoo "Boqonnaa Itti Aanu Jijjiirama Waliigalaaf " jedhuun Sadaasa 25/2016 galma Miiliniyeemii keessatti konfiraansii galateeffannaa fi nagaa ni gaggeessa. Sagantaa kana ilaalchisee Haaruun Miidiyaa waliin dubbii kan taasisan Pireezidaantiin Majlisaa Finfinnee Sheek Sulxaan Amaan, "Konfiraansii kana yeroo dheeraaf abjoochaa turre, waltajjiin waltajjii cimina keenya itti argisiisnuudha" jedhan Konfiraansii galateeffannaa fi nagaa kana irratti lammiilee Itiyoophiyaa fi biyya alaa dabalatee namoonni hedduun ni hirmaatuu jedhameera. Kanaaf Sheek Sulxaan Amaan hawaasni muslimaa hundi milkii sagantaa kanaatiif gumaacha akka godhuu waamicha dhiyeessaniiru. ©Eeruu Media
Показати все...
02:02
Відео недоступнеДивитись в Telegram
Waloo Abdallaah Amaan
Показати все...
55.76 MB
02:13
Відео недоступнеДивитись в Telegram
60.58 MB
Оберіть інший тариф

На вашому тарифі доступна аналітика тільки для 5 каналів. Щоб отримати більше — оберіть інший тариф.