cookie

Ми використовуємо файли cookie для покращення вашого досвіду перегляду. Натиснувши «Прийняти все», ви погоджуєтеся на використання файлів cookie.

avatar

Bikila Free Legal Awareness

Chaanaalii kana irratti maxxansaawwan seeraa garagaaraa,Kitaabilee, Qorannoowwan, Moojula, murtiilee Dh. ijibbaataa, seerota adda addaa yeroo yeroon waan maxxanfamaniif hubannoo seeraa akka argattaniif join gochuun nu hordofaa. Hiriyya keessanis affeeraa.

Більше
Рекламні дописи
575
Підписники
Немає даних24 години
+107 днів
+1830 днів

Триває завантаження даних...

Приріст підписників

Триває завантаження даних...

Kwt.849 hambifata kwt.844(3)ti sababiin isaas dambiin paterna paternis jedhu qabeenyi dhaalaa hin sochoone dhaalaan ykn kennaan sara abbaa ykn haadha irraa dhufe gara sarara isa biraatti dhaalaan akka darbu hin eeyyamu. #Dhaaltota sad.3ffaa. SHH,kwt.845,846 gama toora haadha fi gama toora abbaa dhaalchisaatiin akaakaa fi akkoo ykn dhaaltota isaaniitiif darba. Toora haadhaa ykn Toora abbaatiin akaakaan ykn aakkoon yoo hinjirre ykn dhaaltuu yoo hinqabne tooruma sanaan isa kaantu guutummaa walakkaa Qabeenya Dhaalaa itti darbee dhaala Toorri tokko guutummaa guutuutti yoo hinjirre toora isa biraatti darba kwt.846. #Dhaaltota sad.4ffaa Dhaaltonni firoota sadarkaa sadaffaa kan hin jirre yoo ta’e,akaakileen du’aa dhaala dhaalaa. Akaakilee sarara abbaa ta’aniif yookan dhalattoota isaaniif, walakkaan dhaalaa immoo akaakilee sarara haadhaa ta’aniif yookan dhalattoota isaaniif kennama. du’aa booda akaakileen lubbuun jiru yookan dhalattoonni isa bakka bu’uu danda’an dhaalicha qixxeetti ni qooddatu. ITTI FUFA Via Bikila Birhanu Geremu Join https://t.me/BikilaFreeLegalAwareness
Показати все...
Bikila Free Legal Awareness

Chaanaalii kana irratti maxxansaawwan seeraa garagaaraa,Kitaabilee, Qorannoowwan, Moojula, murtiilee Dh. ijibbaataa, seerota adda addaa yeroo yeroon waan maxxanfamaniif hubannoo seeraa akka argattaniif join gochuun nu hordofaa. Hiriyya keessanis affeeraa.

#SEERA DHAALAA BIYYA KEENYAA FI SADARKAA DHAALLI ITTIN DHAALAMU. ‘Dhaala’ jechuun:- Adeemsa mirgaa fi dirqamni nama du’ee gara dhaaltotatti ittiin darbu dha. Adeemsa kunis karaa lamaan ta’uu danda’a. Isaanis:-Dhaamoo malee fi Dhaamoo dhaani. Dhaalli bakka teessoo muummee dhaalchisaa (principal residence) isa dhumaatti banama. Akkasumas bakka dhaalchisaan jiruudhaaf filate ykn bakka jireenya hawaasummaa hundeeffate fi dhaabbataan filate(domicile)tti banamuu danda’a (SHH kwt.826 fi (kwt.177(1),183,184,185)). #Wantoota Dhaalaan Darbuu Danda’an ✓Mirgaa fi dirqama sababa du’a dhaalchisaatiin hafaa ta’uu hin dandeenye (SHH kwt.826(2). ✓Mirga fi dirqama diinagdee ykn qabeenya gosa adda addaa dhaalchisaa. Haa ta’u malee, kanneen armaan gadii dhaalaan dabarsuu hin danda’amu:- ✓ Inshuraansii lubbuu qaamni fayyadamaan dhaaltotaan alatti caqafame. ✓ Kaffaltii beenyaa fi sooramaa sababa du’aatiin maxxantoota dhaalchisaatiif kaffalamu. (SHH kwt.827-828) #Dhaaluudhaaf namni ga’umsa qabu (Capacity to Succeed) SHH kwt.830; -Yeroo dhaalchisaan du’u lubbuun kan jiru ta’uu -Nama dhaalchisaan dhaaluu hin qabdu ittin hin jenne ta’uu dhabuu (unworthy) Haala addaatiin: ✓Daa’ima dhalatee sa’atii 48 ture ykn dhalatee sababa miidhaa qaama alaatiin yoo du’e dhalachuun dura hanga guyyoota 300 gidduutti akka lubbuun turetti fudhatamee gahumsa qabaata.(SHH kwt.2-4,834) ✓Namni tokko yeroo dhaalchisaan du’etti lubbuun jiraachuu baatus bakka bu’ummaan dhaaluu danda’a.kwt.831(3), d/t with 833, #Bakka bu’ummaan dhaalchisaa dhaaluuf ulaagaaleen sadii wal-faana guutuu qaba(SHH kwt.853-856):- Isaanis: ✓Bakka bu’aan dhaalchisaa wajjiin firooma kan qabu ta’uu ✓Namni bakka bu’iinsaan dhaalu (the represented heir) nama dhaalchisaa dhaaluu hin malle (unworthy) ta’uu dhabuu. 855 Bakka bu’iinsaan dhaaltummaa hin simatamne dhaaluun hin danda’amu. 854 #Bakka bu’iinsaan dhaaluuf BAKKA BUUSAAN ulaagaa armaan gadii guutuu qaba: ✓Dhaaltummaaf hin maltu nama hin jedhamne Nama dhaaltummaa simate, ✓Nama dhaaltuu seeraa sadarkaa dhaaluudhaaf isa dandeessisu irra jiruu fi ✓Nama dhala(ijoolle) dhiisee du’e ta’uu akka qabu beekuun barbaachisaa dha. SHH kwt.855 irratti nama dhaaltummaaf hin maltu jedhame ijoolleen bakka bu’anii dhaaluu akka hin dandeenye ni ibsa. Kana jechuunis, bakka buusaan nama gahumsa dhaaltummaa qabu yoo ta’e malee aangoo bakka buusuu hin qabaatu jechuu dha. Bakka bu’iinsaan kan dhaalamu mirgaa fi dirqama dhaalchisaa waan ta’eef, dhaaltuun tokko aangoo bakka bu’iinsaa goonfachuudhaaf gahumsa dhaaltummaa qabaachuu qaba. #Dhaaluuf ulaagaan kan biraa Dhaaluuf Nama Hinmalle (Unworthiness) Ta’uu Dhabuu; Dhaaltuun dhaalchisaa, dhalattoota (ilmaanii fi abbayyuu) isaa ykn abbaa manaa /haadha manaa isaa; Itti yaadee ajjeesuun ykn yaalii ajjechaa irratti raawwachuun ykn Himata yakka adabbii du’aa ykn hidhaa cimaa Wag.10 ol adabsiisu irratti ragaa sobaa bahuun isaa mirkanaa’ee itti murtaa’e ykn adabame(SHH kwt.838) Du’aan duratti ji’a 3 gidduutti dhaalchisaan dhaamoo akka hin goone, akka hin jijjiirre, akka hin haqne kan godhe (kwt.840) Fedhii dhaalchisaa malee dhaamoo dhabamsiisuu, haquu fi dhaamoo sobaa qopheessuu kkf. Yoo kan godhe ta’e dhaala irraa ni buqqiffama ykn dhorkama. #DHAALA DHAAMOO MALEE ‘INTESTATES’KWT.842-856 Dhaalchisaan haala qabeenyi dhaalaa isaa itti dhaalamu ilaalchisee dhaamoo kan hin dhaamne yoo ta’e ykn dhaamoon dhaamame bu’uura tumaa seeraatiin fudhatama kan dhabe taanaan, qabeenyi dhaalaa isaa bu’uura seera dhaala dhaam-maleessaatiin dhaalama. Dhaalmaan kunis sadarkaa 4 qaba. #Dhaaltuu sad.1ffaa, kwt.842-ijoollee du’aa fi bakka bu’oota isaanii gahumsa qaban fi dhaaltummaa simatan. #Dhaaltuu sad.2ffaa (SHH kwt.843,844), abbaa fi haadha fi bakka bu’oota isaanii Kwt.844(3)abbaa ykn haadha keessaa tokko lubbuun kan hinjirre fi ijoollee kan hin qabne yoo ta’e dhaaltummaan guutummaa guutuutti gara sarara isa biraatti darba.
Показати все...
Bikila Free Legal Awareness

Chaanaalii kana irratti maxxansaawwan seeraa garagaaraa,Kitaabilee, Qorannoowwan, Moojula, murtiilee Dh. ijibbaataa, seerota adda addaa yeroo yeroon waan maxxanfamaniif hubannoo seeraa akka argattaniif join gochuun nu hordofaa. Hiriyya keessanis affeeraa.

Фото недоступнеДивитись в Telegram
#DARBIINSA YEROO DHAAMOO IRRATTI MORMII DHIYAATU Darbiinsa yeroo dhaamoo irratti mormii dhiyeessuuf daangaa yeroo taa'e SHH kwt. 973 fi 974 jalatti tumameera. Fkn, namni tokko dhaamoo bu’uura gochuun kallattiidhaan Waraqaa Ragaa Dhaaltummaa (WRDH) fudhachuun qabeenya dhaalaa harka galfatee yoo jiraate, dhaaltuun dhugaa booda WRDh kun akka haqamuuf fi dhaaltummaan isaa akka mirkanaa’uuf gaafatu himannaa dhaaltummaati. Darbinsi yeroo raawwii qabus eenyummaa garee wal-falmu irratti hundaa’ee kwt 1000 fi kwt 1845 akka ta’edha. Gama biraatiin, sirna qulqulleessuu keessa yeroo darbamutti dhaaltoonni ykn namoonni dhaaltoonni sirnaan bakka bu’an dhaamoon yeroo dubbifamuufitti dhaamoo waliigala isaa irratti, qabiiyyee dhaamoo keessaa tokkoo isaarratti mormi yoo qabaatan dhaamichi kufaa akka ta'uuf himannaa daangaa yeroo seerichaan kwt 973 fi 974 jalatti haala tumamee jiruun dhiyeessuu qabu. Kanaaf, dhaamoo bu’uura gochuun himannaan dhiyaatu himannaa dhaaltummas ta’uu danda’aa, himannaa mormii dhaamo irratti dhiyaatus ta’uu danda’a waan ta’eef dhimmoota adda baasuu danda’uun dirqama ta’a. Akka seerichaatti dhaaltootni himannaa kana dhiyeessuuf duraan dursanii yammuu dhaamichi dubbifamu himannaa dhiyeessuuf yaada akka qaban guyyaa dhaamichi dubbifamee kaasee guyyaa 15 keessatti qulqulleessituu dhaalaatiif ykn MMtiif barreeffamaan ibsuu qabu. Darbinsi yeroo guyyaa 15 jedhamee taa’e himannaa kan dhiyeessan ta’uu qulqulleessituu dhaalaatti beeksisuu dha malee himannaa dhiyeessuuf darbiinsa yeroo taa’e miti. Ibsa dhiyeessuun qofti garuu dhaamicha kufaa hin godhu. Dhaamichi kufaa ta'u kan danda’u, dhaaltootni Mana Murtiitti himata dhiheeffatanii himannaan isaanii yoo fudhatama argate qofa dha. Darbiinsi yeroo himannaan kun itti dhiyaatu immoo guyyaa ibsi barreeffamaan dhiyaatee kaasee hanga ji’a sadiitti mana murtiiti dhiyaachuu qaba. Via Bikila Birhanu Geremu Join https://t.me/BikilaFreeLegalAwareness
Показати все...
Bikila Free Legal Awareness

Chaanaalii kana irratti maxxansaawwan seeraa garagaaraa,Kitaabilee, Qorannoowwan, Moojula, murtiilee Dh. ijibbaataa, seerota adda addaa yeroo yeroon waan maxxanfamaniif hubannoo seeraa akka argattaniif join gochuun nu hordofaa. Hiriyya keessanis affeeraa.

👍 1
Yakkoota akkaata qajeelfama adabbitiin sadarkaa fi gulantaan hin baanee fi sadarkaan isaa baheefi jiru kunooti https://t.me/linkibsa
Показати все...
Qajeelfamaa Adabbii warraa hin baaneef 1222.pdf7.88 KB
Qajeelfama Sirna Simannaa fi keessumeessa Komii tajaajilamtoota BAAWO Lakk.25/2016 https://t.me/linkibsa
Показати все...
Qajeelfama_Sirna_Simannaa_,keessumeessaa_iyyannoofi_komii_tajajilamtootaa.oxps3.04 MB
👍 1
Waliigalteen kennaa erga taasifameen (raawwatameen) booda raawwiif waggaa 10 keessatti gaaffii yoo hin dhiheessine darbiinsa yerootiin waan daangeeffamuuf namni kennaan qabeenya argate sana waggaa 10 booda akka raawwatamuuf gaafachuu hin danda'u. SHH keewwata 1676(1), fi 1845. Abbaan mirgaa qabeenya irratti erga murtiin kennameen booda waggaa 10 keessatti akkaataa murtiitiin akka raawwatamuuf yoo hin gaafanne yookiin iyyata raawwii yoo hin dhiheeffanne waggaa 10 booda akkaataa murtiitiin akka raawwatamuuf gaafachuu hin danda'u. SDFHH keewwata 384. #Dhimmoota waliigaltee waliin wal qabatan Waliigalteen akka raawwatamu yookiin waliigalteen waan hin raawwatamneef miidhaa qaqqabeef namni beenyaa gaafatu waggaa 10 keessatti himannaa Mana Murtii idileetti yoo hin dhiheessine darbiinsa yerootiin waan daangeeffamuuf waggaa 10 booda gaaffii beenyaa akka kaffalamuuf gaafachuu hin danda'u. SHH keewwata 1845 Waliigaltee imaanaa yeroo meeshaan deebi'u caqafame meeshaan himatamaa biratti kaa'ame hanqina qaba jedhamee gaafatamu waggaa tokko (1) keessatti himanni yoo hin dhihaanne waggaa tokko booda dhihaachuu hin danda'u. SHH keewwattoota 2291, 2292, fi 2298(1). Darbiinsi yeroo waggaa lamaa SHH kwt 1810 (2) jalatti tumame raawwatiinsa kan qabu “waliigaltee hanqina eeyyamaa (consent) yookiin dandeettii (capacity) dhabuutiin raawwatame diigsisuuf dhihaatu” qofa irrattiidha. Dhimma waliigaltee ilaalchisee darbiinsi yeroo ifa ta'ee waliigalticha keessatti yoo hin tumamne darbiinsi yeroo waliigaltee waliigalaa keessatti tumame waggaa 10 (kudhan) raawwatiinsa qaba. Wabii qabiinsa qabeenya hin sochoone (Mortgage) ilaalchisee mirgi hafaa kan ta'u (Lapse of Mortgage right) guyyaa waliigalteen qabiinsa qabeenyaa (wabii) galmaa'e irraa eegalee waggaa kudhan (10) darbuun dura mirga qabiinsaa fayyadamuu yoo hin eegalle darbiinsa yerootiin waan daangeeffamuuf waggaa 10 yoo darbe gaafachuu hin danda'u. SHH keewwata 3058(1)(3). #Dhimmoota waliigalteen osoo hin jiraatiin miidhaa qaqqabee waliin wal qabatan Beenyaa waliigalteen alaatiin miidhaa qaqqabeef gaafatamu guyyaa miidhaan qaqqabe irraa kaasee waggaa lama (2) keessatti yoo himanni hin dhihaanne darbiinsa yerootiin waan daangeeffamuuf waggaa lama booda gaafachuu hin danda'u. SHH keewwata 2143(1). Qabeenya tasgabbaa'aa irratti jeequmsi ka'e akka dhaabbatuuf himanni dhihaatu waggaa 2 keessatti yoo hin dhiyaanne waggaa lama booda himata dhiheessuu hin danda'u. yoo dhiheesses kufaadha. SHH keewwata 1149(2). Dhimmoota hojjetaa fi hojjechiisaa waliin wal qabatan Dhimmoota Hojjataa fi Hojjachiisaa ilaallatan kamiyyuu guyyaa balleessaan raawwatame irraa eegalee waggaa tokko (1) keessatti himannaa dhiheessuu danda'a. waggaa tokko yoo darbe immoo himannaa dhiheessuu hin danda'u, Labsii Hojjataa fi Hojjachiisaa Lakkoofsa 1156/2011 keewwata 189 Join https://t.me/BikilaFreeLegalAwareness By Bikila Birhanu Geremu
Показати все...
Bikila Free Legal Awareness

Chaanaalii kana irratti maxxansaawwan seeraa garagaaraa,Kitaabilee, Qorannoowwan, Moojula, murtiilee Dh. ijibbaataa, seerota adda addaa yeroo yeroon waan maxxanfamaniif hubannoo seeraa akka argattaniif join gochuun nu hordofaa. Hiriyya keessanis affeeraa.

👍 3
DHIMMOOTA HARIIROO HAWAASAA DARBINSAA YEROON DAANGEEFFAMAN Darbinsaa yeroo jechuun adeemsa seeraa kan namni kamiyyuu dhimmoota hariiroo hawwaasaa fi yakkaa irratti mirga osoo qabuu ykn qabduu sababa rakkinaa fi dhiibbaa mirga kee si dhabsiisu irratti daangaa yeroo seerri ifatti kaa’ee keessatti fayyadamtee mirga kee kan hin kabachiifanne ykn itti hin fayyadamne yoo ta’e kan ittiin mirga kee dhabduudha. Haaluma kanaan seerri keenya dhimmoota hariiroo hawaasaa waliin wal qabatan irratti daangaa yeroo (period of limitation) kaa’e kan jiru yoo ta’u, dhimmoota muraasa daangaan yeroo kaa’ameef meeqa akka ta’e akkaataa armaan gadiin kan waliin ilaallu ta’a. #Dhimmoota lafa baadiyaa waliin wal qabatan Falmii lafa baadiyaa wajjiin wal qabatu ilaalchisee namni lafa qabiyyee mootummaa ykn lafa waliinii ykn immoo kan nama dhuunfaa karaa seeraan alaatiin qabate kamiyyuu darbiinsa yeroo akka moormitti kaasuu hin danfa’u. kana jechuun namni abbaa qabiyyuummaa lafa sana irratti qabu yeroo kamiyyuu gaafachuu dandaa’aa jechuudha. kunis qabiyyee dhuunfaa waggaa 10 dura qabame hin hammatu. (labsii bulchiinsaa fi itti fayyadama lafa baadiyaa naannoo oromiyaa lakk. 248/2015 kwt 53 (1),(2)) #Dhimmoota dhaalaa waliin walqabatan Waraqaa ragaa dhaaltummaa sobaan fudhatame akka haqamuuf waggaa10 (kudhan) booda gaafachuun hin danda’amu. DHIMMWF Jildii 24ffaa lakk. 161650 falmii obbo Haayilagabri’eel Ayyeelee fi aadde Tsaaye Ayyelee gidduu ture irratti “waraqaa raga dhaaltummaa sobaan argame akka haqamuuf gaaffiin gaafatamuuf darbiinsi yeroo raawwatiinsa qabu waggaa 10 akka ta'e” seera hariiroo hawaasaa keewwata 1677,1845,1846, fi seera deemsa falmii hariiroo hawaasaa keewwata 358 fi 359 waliin wal qabsiisuun hiikoo dirqisiisaa kennee ture. Qabeenyi dhaamoon argame waggaa kudhan (10) keessatti yoo hin gaafatamne darbinsa yerootiin waan daangeeffamuuf waggaa 10 booda gaaffii akkanaa gaafachuun himannaa Mana Murtiitti dhiheessuu hin danda'u, yoo himannaa dhiheeffates kufaa jalaa ta'aa jechuudha. SHH kew. 1677(1) fi 1845. Mormiin dhaamoo taasifame irratti dhiyaatu dhaamoon dubbifamee jedhe irraa kaasee mormii isaa torbee lama (2) keessatti Qulqulleessituu dhaalaatiif erga ibseen booda yeroo itti aanu ji'a sadii (3) keessatti yoo ta'ee, fi sababa kamiinuu, garuu waggaa shan(5) keessatti mormii yoo hin dhiheessine darbiinsa yerootiin waan daangeffama. SHH keewwata 973 fi 974. Himataan (dhaaltuun) mirgaa fi qabeenya dhaalaa himatamaan qabame, qabeenyicha deebisiisuuf qabeenyichi himatamaan qabamuu beeke irraa eegalee waggaa sadi(3) keessatti yoo himannaa hin dhiheessine darba yerootiin waan daanga'uuf waggaa sadii booda gaafachuu hin danda'u. SHH kwt 1000(1). Qabeenya dhaalaa ilaalchisee falmiin dhaalaa fi garee sadaffaa yookii nama dhaaltuu hin taane jidduutti ka’u ilaalchisee darbiinsi yeroo raawwatiinsa qabu waggaa kudhani (10). Himanni waggaa kudhan booda dhiyaatu kufaadha jechuudha. SHH keewwata1845. Qabeenya dhaalaa ilaalchisee falmii dhaaltota jidduutti ka'uuf darbiinsi yeroo rogummaa qabu waggaa 3 (sadii)dha. SHH keewwata 1000(1). Himataan qabeenyi dhaalaa himatamaan jalaa qabamuu beekes beekuu baates dhaalchisaan erga du'e yookiin himataan mirga isaa gaafachuu danda'e irraa eegalee waggaa kudha shan (15)keessatti yoo hin gaafanne waggaa 15 booda darbiinsa yerootiin hafaa waan ta'uuf gaafachuu hin danda'u. SHH keewwata 1000(2). Gahee qoodinsa qabeenya dhaalaa ilaalchisee qoodinsi qabeenyaa raawwatamuu erga beekee kaasee waggaa tokko (1) keessatti gaaffii yoo hin dhiheessine darba yerootiin waan daangeeffamuuf waggaa tokko booda gaafachuu hin danda'u. Sababa kamiinuu dhaalchisaan erga du'ee kaasee herregamu waggaa kudhan (10)keessatti gaaffii gahee isaatiif yoo hin dhiheessine darbiinsa yeroo seerri kaa'een waan daangeeffamuuf waggaa 10 booda gaafachuu hin danda'u SHH keewwata 1080(3).
Показати все...
Bikila Free Legal Awareness

Chaanaalii kana irratti maxxansaawwan seeraa garagaaraa,Kitaabilee, Qorannoowwan, Moojula, murtiilee Dh. ijibbaataa, seerota adda addaa yeroo yeroon waan maxxanfamaniif hubannoo seeraa akka argattaniif join gochuun nu hordofaa. Hiriyya keessanis affeeraa.

Фото недоступнеДивитись в Telegram
Dh.I.M.M.W.F. Lakk.Galmee 220119 ta'een "namni waliigalteen bittaa fi gurgurtaa qabeenya hin sochoone irratti raawwatu qabeenyichi maqaa eenyuutiin akka galmaa'e,idaa fi dhoorgii garagaraa irraa bilisa ta'uu qaama aangoo qabu irraa qulqulleeffatee waliigaltee akkanaa raawwate dirqama of eeggannoo isa irraa eegamu godheera waan ta'eef seerichi eegumsa ni taasisaafi.Namni qabeenya hin sochoone bitu kun of eeggannoo maqaa eenyuutiin akka galmaa'e,idaa fi dhoorkii irraa bilisa ta'uu isaa mirkaneeffatee itti gaafatamummaa qabu bahateera waan ta'eef waliigalteen haalli itti diigamu bu'uurri seeraa hin jiru" jechuun hiikoo kenneera. ሰበር መ.ቁ 220119 "የማይንቃሳቀስ ንብረት ገዥ ስመ ንብረቱ በሻጭ የተመዘገበና ከእዳና እገዳ ነጻ መሆኑን ከሚመለከተዉ አስተዳደር አካል በማረጋገጥ የተዋዋለ እንደሆነ አንድ ጠንቃቃ ሰዉ ማድረግ የሚጠበቅበት ጥንቃቄ እንዳደረገ ግምት ተወስዶ ሕጉ ጥበቃ ያደርግለታል፡፡የማይንቃሳቀስ ንብረት ላይ በዉል መብት ለማቋቋም የፈለገ ሰዉ እንደ አንድ ጠንቃቃ ገዥ ይህንኑ ስርዓት ተከትሎ ማለትም ስመ ንብረቱ በሻጭ ስም የተመዘገበና ንብረቱ ከእዳና እገዳ ነጻ መሆኑን የማረጋገጥ ሃላፊነት አለበት፡፡በዚህ ረገድ ተገቢ ጥንቃቄ ማድረጉ ከተረጋገጠ ዉሉ የሚፈርስበት ህጋዊ ምክንያት አይኖርም"፡፡
Показати все...
👍 2
Фото недоступнеДивитись в Telegram
EID MUBARAK! Hodoftoonni Amantaa Islaamaa marti baga Ayyaana Arafaa bara kanaa nagaan geessani. Ayyaanni kun kan nagaa, gammachuu fi jaalalaa isiniif haa ta'u. Ayyaana gaarii!!
Показати все...
Оберіть інший тариф

На вашому тарифі доступна аналітика тільки для 5 каналів. Щоб отримати більше — оберіть інший тариф.