cookie

Ми використовуємо файли cookie для покращення вашого досвіду перегляду. Натиснувши «Прийняти все», ви погоджуєтеся на використання файлів cookie.

avatar

Dr.Heeraan

Telegraama kana irra barnoota garagaraa argatu wa'ee fayya irratti join share godha

Більше
Рекламні дописи
371
Підписники
Немає даних24 години
Немає даних7 днів
+330 днів

Триває завантаження даних...

Приріст підписників

Триває завантаження даних...

Фото недоступнеДивитись в Telegram
DHUKKUBBII DUGDAA (BACK PAIN) ➡️Dhukkubbiin kun kan yeroo gababaa(acute back pain) ykn kan yeroo dheeraa (chronic back pain) ta'uu danda'a. Yeroo baayyee namoota irratti dhukkubbiin dugdaa gara gadittii( lower back pain) mul'atuus, darbee darbee dhukkubbiin dugdaa gara olii(Upper back pain) namoota baayyee muraasa ta'an muudachuu danda'a. Dhukkubbiin kun kan nama muudatu yeroo kutaaleen qaamaa gara duubatti argaman irra miidhaan gaheedha. Sababa dhukkubbii dugdaaf maaltuu nama Saaxila? ➡️Ulfaatina guddaa ol kaasuu ykn haala hin mijanneen ulfaatina ol kaasuu. ➡️Ulfaatina garmalee guddaa ta'e qabaachuu ➡️Ulfa (pregnancy) ➡️Sochii qaamaa gochuu dhiisuu.( poor physical fitness) ➡️Umrii( older age) dhukkubbiin kun akkuma Umriin dabalaa deemuun carraan rakkoo kana qabaachuu dabalaa deema. ➡️Tamboo aarsuu ➡️Dhukkuboota akka kulkuluu buusaawwan lafee dugugguruu dugdaa (arthritis), kaanserii fi kkf ➡️,Rakkooleen akka dhiphina sammuu hamaa fi aariin hanga tokko nama saaxiluu jedhamee yaadama YAALAA FI ITTISA Yeroo baayyee dhukkubbiin kun boqonnaa fudhachuu fi manatti waan sasalphaan of gargaaruun baduu ni danda'a. Yeroo tokko tokko immoo mana yaalatti yaalas barbaachisuu danda'a. Akkamitti Ittisun danda'ama? ➡️Sosochii qaamaa gochuu, sochiin qaamaa jabinnaa fi qaamni keenya akka salphaatti kottoonfatuu fi diriiru godha. ➡️Nyaata madaalamaa (keessattuu nyaatni kaalsiyeemii fi Vaayitaaminii D dhan badhaadhan, fayyummaa lafee keenyaaf baayyee murteessodha); akkasumas kuduraa fi muduraa. ➡️Tamboo aarsuu dhiisuu ➡️Ulfaatina guddaa qabna yoo ta'e hir'isuu (Ulfaatina madaalawaa qabaachuu) ➡️Yeroo Ulfaatina ol kaafnu; ✅yoo danda'ame haala bira fayyadamuu ykn suuta jennee ol kaasuu ✅yoo olkaasnu Ulfaatina guddaa ol kaasuu hin qabnu *yeroo kaasnu haala mijataa qopheefachuu qabna. ➡️Dhaabbannaa fi teessuma keenya mijeffachuu(yeroo dheeraaf dhaabbachuu, taa'uu fi ciisuun dhukkubbii dugdaa qofaaf osoo hin taane akka waligalaatti fayyaa qaama keenyaaf gaarii waan hin taaneef, haalli hojii keessan kanaaf kan isin saaxilu yoo ta'e gidduu jidduutti dhiisuun boqonnaa fudhachuun sochii taasisuu). Yeroo teessanii fi dhaabbatanis haala dhaabbanna fi teessuma qaamaa mijataa ta'e qopheefachuu qabdu. ➡️Kophee 'flat' fi kan nu hin qabne fayyadamuu (kan Koomeen isaa olka'aa hin taane) ➡️Dhiphina fi Yaaddoo hamaa xiqqeessuu ➡️Dugda hanga danda'ameen sukkumachuu Yeroo kamii Mana Yaalaa Deemuu Qabna? ➡️Boqonnaa gahaa fudhachuun kan nu hin dhiifne yoo ta'e ➡️Hoo'i qaamaa yoo dabale ( fever) ➡️Dhiitaan dugda duuba yoo jiraatee ➡️Waliittii fufinsaan kan nama dhukkubu yoo ta'e ➡️Dhukkubbiin miilas dabalata yoo ta'e. ➡️Fincaan ykn bobbaa (udaan) too'achuu kan hin dandeenye yoo ta'e ➡️Fincaan fincaa'un kan nama rakkisuu yoo ta'e. ➡️Erga rukkutamanii ykn kufaanii booda yoo ta'e ➡️Miilli kan nama adoodu fi sochoosuun kan hin dandeenye ;akkasumas dhukkubbiin hanga miilatti kan gahuu yoo ta'e ➡️Ulfaatinni qaamaa yoo baayyee kan hir'ate yoo ta'e ( significant unexplained weight loss) fi kkf yoo jiraatan dafnee mana yaalaa deemuu qabna. Furtuu Fayyaa https://shorturl.at/tAehc
Показати все...
Loomiin kuduraa fi muduraa keessaa tokko ta’ee dur irraa kaasee ilmi namaa wanta garagaraaf itti fayyadamaa tureera. Loomiin yeroo baayyee qabiyyee isaa kan ta’e vaayitaaminii C dhan beekamuus, dabalataan qabiyyee biroo hedduu ilma namaaf faayidaa guddaa qaban albuudota akka; ayiranii, Kaalsiyeemii, Maagniziyeemii, Pootasiyeemii fi Vitaamina biroo hedduu of keessaa qaba. Faayidaa Loomii keessaa isaan muraasa:- 1, Dandeettin dhibee ittisuu qaamaa akka dabalu taasisun; infeekshiinii baakteriyaa fi vaayirasiin dhufan akka salphaatti hin hubamne ni godha. 2. Fayyummaa onnee eeguu fi rakkoolee sirna marsaa dhiigaa waliin walqabatee dhufu biroo kan akka istirookii / stroke(dhiigni sammuu keessatti dhiiguu ykn itituu) ni ittisa. 3.Ulfaatina qaamaa madaalawaa ta’e akka qabaatan taasiisa. 4.Cirrachi kalee akka hin uumamne ni taasisa 5.Asmii ittisuuf ni gargaara 6.Fayyummaa gogaa fi rifeensaf ni oolaa, shunturuu gogaa balleessuuf ni gargaara 7.Fayyummaa tiruuf, kanaaf tiruu akka xuraawan garagaraa qaama keessaa saffisaan balleessuuf ni garagaraa, 8.Infeekshiini sirna haargansu ta’an kan akka dhukkubbii qoonqoo,biroonkaayitii ittisuuf ni gargaara. 9.Dhukkubbii buusaawwanii fi maashaalee ni hir’isa 10.Qufaa/Utaalloo akka nu hin qabnee ni ittisa ykn yoo qabamnee immoo akka dafnee fayyinnuu ni gargaara. 11.Hir’ina dhiigaa ni ittisa 12.Carraa Kaanserii garagaraan qabamuu ni hir’isaa. 13.Fayyummaa sirna bullaa’insa nyaataa ni eega. 14.Hammi asiidii fi beezii ( PH) qaama keessaa madaalawaa akka ta’u ni taasisa. 15.Dhibee hanqinna Vaayitaaminii Cn dhufuu Iskaarvii jedhamuu( scurvy) fi rakkoo isaan walqabatee dhufu kan akka dadhabbiin namatti dhagahamuu( fatigue), kulkulluu fi dhiiguu irga ilkaanii, dhiiguu hidda dhiigaa xixxiqqoo gogaa keessaatti argamanii, dhukkubbii buusaa lafee, madaan dafee fayyuu diduu fi kkf ni ittisa. 16.Foolii afaanii badaa ta’e ni hir’isa 17.Nyaata bifa garagaraan qophaa’anitti dabalamuun foolii fi dhandhama gaarii akka qabaatan taasisa. Loomii bifa garagaraan fayyadamuun ni danda’ma, garuu bishaan hoo’aa waliin walitti makuun ganama ganama garaa duwwaatti osoo dhugnee ni filatama. Loomii garmalee baayi’sanii fayyadamuunis miidhaa fiduu danda’a. Loomiin asiidii baayyee waan of keessaa qabuuf, Yoo baayisnee fayyadamne miidhaa nurran geesisuu danda’a ykn rakkoolee kanaan dura jiran nutti hammessuu danda’a. 1.Gubaa laphee hammessuu danda’a 2.Afaan madeessuu danda’a 3.Ilkaan keenya miidhuu danda’a.
Показати все...
DHIIRA DHUGAAN SI JAALATE ☆••••••••••••••••••••••••••••••••••••••☆ 👉Yeroo wal quunnamtii gootan iddoowwan fedhii dubaraa kakaasuuf tuqamuu qaban beektuu? Namootni hin beekne qofti liinkii kana seenuun dubbisaa waan hedduu irraa barattuu kunooti as tuqaa 👇👇👇 https://shorturl.at/tAehc https://shorturl.at/tAehc ■ Hundumatti si beeksifata ! ■ Sirritti si kunuunsa, gammachuu keetif dhiphata ! ■ Wanti kee hunduu kan isaatin wal simata ! ■ Ati akka kan isaa qofa taatetti si lakkaa'a ! ■ Yeruma hunda si jajjabeessa ! ■ Ija ija keessa si ilaala ! ■ Waa'ee kee sirritti baruu barbaada ! ■ Carraa argannan si haammachuu barbaada !ittii fufaa dubbisa 👇👇👇 Yeroo wal quunnamtii gootan iddoowwan fedhii dubaraa kakaasuuf tuqamuu qaban beektuu? Namootni hin beekne qofti liinkii kana seenuun dubbisaa waan hedduu irraa barattuu kunooti as tuqaa 👇👇👇 https://shorturl.at/tAehc https://shorturl.at/tAehc ■ Yeroo ijaan walirra buutan itti tola ! ■ Si argachuu isaatti nama carraa qabeessa of godhee hundatti odeessa ! ■ Namaan yeroo wal si barsiisu miira gammachuutini ! ■ Jiruu isaa keessa harki kee akka seenu eeyyama ! ■ Isatu yeroo hunda dursee siif bilbila ! ■ Yeroo hunda si faana dabarsuu jaalata ! ■ Waanuma fedhetti sitti hin hinaafu ! ■ Waan ati gaafatte kamiyyuu siif guutuf duubatti hin jedhu ! ■ Waan qabu hundayyuu sitti hin hambifatu ! ■ Siif jedhee fageenya dheeraa ni imala ! ■ Waan fedhe balleessitu muufii malee dhiifaman bira darba ! ■ Ilaalchi kee isa biratti iddoo guddaa qaba ! ■ Oduu kee hunda seeqee taphata ! ■ Waanuma si biratti argame qofaaf gammachuun itti dhaga'ama ! ■ Akka hiriyaatti si ilaala ! ■ Osoo omaa hin goone callisee suma faana taa'u isaa qofaaf gammada ! ■ Kabajaan ofitti si qabata ! ■ Uffattee dhiiftee jaalalli isaa sitti hin hir'atu ! ■ Si faana yeroo ta'u amala dhugaa isaa agarsiisa ! ■ Waan nama biraa biratti taasisu si fuuldurattis ni raawwata ! ■ Waan kophaatti si faana taasisu nama birattis hin qaana'u ! ■ Guddina kee hawwa ! ■ Rakkoo kamiyyuu keessaa si baasuf yeroo kamiyyuu qophaa'adha! ■ Anarra jechuu dhiisee anaa fi si'i jedha ! ■ Dhumarra yeroo inni jaalala keen waxalamee harka sitti kennatu akka si jaallate adda baafatta!! share waliif gochuu dandeessu. 👇👇👇 Yeroo wal quunnamtii gootan iddoowwan fedhii dubaraa kakaasuuf tuqamuu qaban beektuu? Namootni hin beekne qofti liinkii kana seenuun dubbisaa waan hedduu irraa barattuu kunooti as tuqaa 👇👇👇 https://shorturl.at/tAehc https://shorturl.at/tAehc
Показати все...
👍 2
Fayyaan saalfii hin qabu, gaaffii kana namoonni hedduu waan na gaafataniif. Qaamni saalaa dhiiraa inni sirrii dheerinni isaaf furdinnisaa hangami? Qaamni saalaa dhiiraa namaa namatti garaagarummaa kan qabu yoo ta'u qorannoon bara 2015 dhiirota 15,521 irratti godhamee ture akka agarsiisutti giddu galeessaan(yeroo qaamni saalaa dhiiraa ka'uttti) dheerinni isaa 13.12cm, furdinni isaa(marsaa) 11.66cm dha. Namoonni qaamni saalaa isaanii dheerinni isaa 7cm gadi tahe qaama saalaa dhiiraa xiqqoo (Micropenis) kan jedhamu sababa jeeqamuu hormoonii yeroo ulfaa kan uumamudha. Namoonni qaamni saalaa isaanii 7cm gadi ta'e yoo sababa jeeqamuu hormoonirraan kan dhufe yoo ta'e Yaaliin hormooniin bakka buusuu nii godhamaaf. Taateen kun namoota 100 keessaa nama 6 irratti argama. Galatoomaa Fayyaa hin dhabinaa Dr.heran oddeeffannoo birof 👇👇👇 https://shorturl.at/tAehc https://shorturl.at/tAehc
Показати все...
👍 4
Jinjibila / Zinjibila /Ginger 👉 https://t.me/Dr_heeraan_2 ********* Keemikaalli "Gingerol" jedhamu kan Jinjibila keessatti argamu, faayidaalee armaan gadii nuuf kenna: - Feedhii (appetite) nyaataa nuuf dabala. - Balaqqama (balaqqama konkolaataa keessaa dabalatee) nurraa ittisa. - Dhukkuubbii marsaa laguu ni hir'isa - Nyaati garaa keessaa daakamuu dhabuu (indigestion) nurraa eega. - Vaayiresii qufaa dadhabsiisuun fooyyee nuu kenna. - Dhukkubbii maashaa keenyaa erga ispoortii hojjannee booda nutti dhufu hir'isa. - Dhukkuba kulkulfannaa buusaa fi lafee (Ostheoarthritis) jedhamu dhukkubbii isaa xiqqeessa. - Sukkaara qaama keenya keessaa gadi buusuun dhukkuboota karaa sana dhufan nurraa dhorka. - Qabiyyee qaamaa yoo baay'ate dhukkuba. Fuulbarruu kana Follow, like fi share gochuu hin dagatinaa! ****** Fayyaan Faaya 👇👇👇👇👇 https://t.me/Dr_heeraan_2
Показати все...
Dr.Heeraan

Telegraama kana irra barnoota garagaraa argatu wa'ee fayya irratti join share godha

FAAYDAA IRDII 1). Carraa dhukkuba onnee hir'isuu danda'a. ... 2). Mallattoo dhukkuba arthritis ni hir'isa. ... 3). Kaansarii ittisuu danda'a. ... 4). Fayyaa hubannoo ni deeggara. ... 5). Mallattoolee dhiphina sammuu ni hir’isa. ... 6). Ulfaatina qaamaa hir'isuuf gargaaruu danda'a. 7). Alerjii fi dhukkuba asmii fooyyessuu danda'a 8). Tiruu summii balleessuuf gargaara 9). Mataa dhukkubbii fi mataa bowwoo hir'isuu danda'a 9). Dhiiga uumamaa kan qallachisu 10). Fayyaa gogaa ni fooyyessa 11). Akkasumas suphaa tishuu fi walnyaatinsa kolaajinii ni guddisa. 12). Dhiibbaa dhiigaa ni hir'isa 13). Koolestroolii to'achuuf gargaara 14). Infeekshinii vaayirasiitiin dhufu ni yaala 15).Fayyuumma rajiiji ni dabaala 16). Cirraacha hadhooftu ittisuuf gargaara 17). Fayyina dhiigni sammuu keessatti dhangala'uu ni fooyyessa 18). Sirna ittisa qaamaa ni guddisa 19). Uumamaan Ilkaan Adeessuuf gargaara 20). Finniisa Balleessuuf. ... 21). Utalloo/Qufaa balleessuuf 22). Dhukkubbii Hir'isutti Fayyadamaa. ... Nyaataa kanneen akka ruuza hanqaaquu, baaqelaa, shorba, salaada, dinniicha bilcheefamee fi kuduraalee irratti irdii itti dabaalun fayyadamu Guyyatti hagami dhuguu qabna? Namni giddu galeessaan guyyaatti irdii 150-250 mg bakka kamittuu nagaan dhuguu danda'a. 👇👇👇👇👇👇 https://t.me/Dr_heeraan_2
Показати все...
Dr.Heeraan

Telegraama kana irra barnoota garagaraa argatu wa'ee fayya irratti join share godha

👍 2 1
Фото недоступнеДивитись в Telegram
DHIBEE SUKKAARAA #KUTAA_2FFAA ♨️ Dhibee sukkaaraaf waantota nu saaxilan 1. Sochii qaamaa gochuu dhiisuu 2. Furdina garmalee (BMI >25) 3. Umurii waggaa 45 fi isaa ol 4. Sanyii-Fira dhihoo dhibee sukkaaraa qaban qabaachuu 5. Dhukkuba sukkaaraa yeroo da’umsaa qabaachuu 6. Daa’ima ulfaatina 4 KG ol ta’ee dahuu 7. Dhibee koleestiroolii qabaachuu 8. Dhibee dhiibbaa dhiigaa 9. Tamboo/ sigaaraa xuuxuu 10. Dhibee ovarii qabaachuu... 👉 Namoonni wantoota armaan olitti eeraman tokko illee qaban yoo xiqqaate waggaa sadi sadiin dhibee sukkaaraf qoratamuu (screening) qabu. ♨️Yaala Dhibee Sukkaaraa ➪ Gosa isaa irratti hunda’uun yaalii garagaraa qaba, isaanis ⓵. Yaalii Qorichaan Alaa Yaaliin kun namoota dhibee sukkaraa qaban kamiyyuu ni fayyada. Isaniis ◍ Sochii qaamaa gochuu- Yoo xiqqaate torbanitti diqaaqaa 150 f sochii qaamaa gochuu ◍ Haala nyaataa sirreessuu-nyaata sukkaara of keessaa qaban fayyadamuu dhiisuu/hir'isuu ◍ Ulfaatina qaama ofii hamma sirrii ta'etti to'achuu ⓶. Yaala Qorichaa ➪ Qorichi kennamu gosa dhiibee sukkaaraa irratti hunda’a,haaluma kanaan ◍ Dhibee sukkaraa gosa 1ffaaf qoricha lnsuuliinii jedhamu liilmoon kennama. ◍ Dhibee sukkaaraa gosa 2ffaaf qorichi bifa kiniinin fi lilmoon kennamu danda’a. ♨️ Of eeggannoo namoonni dhibee sukkaara qaban gochuu qaban ➪ Hordoffi yeroo yeroon mana yaalatti taasisuu. ➪ Hordoffi malee qoricha farmasidhaa bitachuun fayyadamuu dhiisuu. ➪ Qoricha osoo hin dagatiin yeroo isaa eeganii fudhachuu. ➪ Mallattoo yeroo sukkaarri olka’uu fi gad bu’uu beekuun hatattaman yaalamuu. ➪ Yeroo mallatton sukkaaraa gad bu’uu mul’atu wantoota sukkaara qaban yeroof fayyadamu. ➪ Wantoota qara qabanin akka hin warraanamneef of eeggannoo addaa taasisuu fkn luka duwwaa deemuu dhiisuu, kophee nama qabu keewwachuu dhiisuu ➪ Gorsa ogeessaa irratti hundaa’un yeroo yeroon qorannoo dhiibbaa dhiigaa, kalee, ijaa, hidda dhiigaa, kolestiroolii fi narvii taasisuu. ♨️ Dhibee sukaaraan akka hin qabamneef maal gochuu qabna? Dhibee sukkaaraa keessattu gosa 2ffaan namni kamiyyuu qabamuu danda’a. Kanaaf of eeggannoo armaan gadii gochuu qabna:- 1. Dhibee sukkaaraa duraaf (prediabetes) qoratamuu 2. Dhibee sukkaara dura (prediabetes) yoo qabaanne of eeggannoo namoonni dhibee sukkaaraa gochuu qaban raawwachuu 3. Wantoota dhibee sukkaaraaf nu saaxilan armaan olitti eeraman yoo qabanne qorannoo(screening) taasisuu 4. Guyyaadhaan iddoo tokko taa’aa ooluu hir’isuu fi sochii qaamaa taasisuu (Exercise) 5. Furdina qaamaa hir’isuu 6. Nyaata fayyaa namaaf gaarii ta’an soorachuu fkn nyaata akka coomaa fi kaarbohaydireetii baay’inaan of keessaa qaban hir’isuu; Kuduraa fi muduraa , nyaata pirootiniin badhaadhan soorachuu 7. Yeroo tokkotti nyaata baay’ee nyaachuu dhiisuu 8. Tamboo/Sigaaraa xuuxuu dhiisuu 9. Bishaan ga’aa guyyaadhaan dhuguu 10. Dhiphina (stress) hir’isuu https://t.me/Dr_heeraan_2
Показати все...
Dr.Heeraan

Telegraama kana irra barnoota garagaraa argatu wa'ee fayya irratti join share godha

DHIBEE SUKKAARAA #KUTAA_1FFAA ♨️Maalummaa Isaa ➪ Dhibeen sukkaaraa wayita hammi sukkaaraa dhiiga keessatti argamu yeroo dheeraaf hamma barbaachisuu (normal value) ol ta'uudha. ➪Kunis sababa hormoniin insuliinii jedhamu sababa adda addaan xiqaachuu ykn dalagaa isaa sirnaan hojjechuu dhabuun kan uumamudha. ➪ Insuliinin qaama rajijii jedhamu kan garaa keessatti argamuun oomishama. ➪ Dhibeen sukkaaraa nama kamiyyuu qabuu danda’a. ➪ Addunyaa kanarratti namoonni miliyoona 500 ol dhibee sukkaaraa kan qaban yoo ta'u, akka biyya keenyatti namoonni miliyoona 2 ol dhibee kana waliin jiraatu ➪Dhibeen kun dafee yaala hin argatu taanan rakkoo adda addaa namarraan ga'a Dhibeen sukkaaraa; 👉 miidhama kalee sadarkaa dhumaa, 👉 Jaamina ijaa fi 👉 muramuu miila fiduun sadarkaa 1ffaa irratti argama. ➪ Namoonni miliyoonan lakkaa'aman dhibee kanaa waggaa tokko keessatti lubbuu isaanii dhabu ➪Namni tokko dhibee sukkaaraa qaba kan jedhamu osoo nyaata hin nyaatin(sa'aatii 8 oliif) hammi sukkaara isaa irra deddeebiin 126 mg/dl ol yoo ta'eedha. ♨️Gosoota Isaa Dhibeen sukkaaraa gosoota gurguddoo 3 qaba,isaanis; 1. Dhibee sukkaaraa Gosa 1ffaa ( Type 1 diabetes mellitus )-Gosti kun sababa hir’ina hormoonii insuliinin kan dhufu yoo ta’u, namoota umuriin isaanii waggaa 30 gad ta’eeratti hedduummaata 2. Dhibee sukkaaraa Gosa 2ffaa (Type 2 diabetes mellitus)-sirnaan hojjechuu dhabuu hormoonii insulinii (insulin resistance) fi hanga tokko hir’achuu hormonii kanan dhufa. Namoota dhibee sukkaraa qaban 90 - 95% gosa kanadha. Irra caalatti namoota waggaa 30 olii irratti argama 3. Dhibee sukkaaraa yeroo ulfaa (Gestational diabetes)-Dhibee sukkaara yeroo ulfaa qofa argamuudha ♨️ Mallattoolee Dhibee Sukkaaraa ➪ Baay’ee dheebochuu ykn amma amma bishaan dhuguu ➪ Fincaan yeroo kaanirra dafee dafee nama qabuu ➪ Yeroo hedduu beela’uu ➪ Ulfaatinni qaamaa hir'isuu ➪ Dadhabbii qaamaa ➪ Madaan dafee fayyuu dhabuu ➪ Infeekshinii garagaraan deddeebi'anii qabamuu ➪ Qulleessanii arguu dadhabuu (namatti duumessaa'uu ♨️Xaxaaleen (Complication) Dhibee Sukkaaran Wal Qabatanii Dhufan ➪Iddoo 2tti qoodamee ilaalamuu danda'a,isaanis ⓵.Xaxalee yeroo gabaabatti dhufan (Acute complication) ➪ Sukkaarri baay’ee dabaluu (DKA/HHS) ➪ Sukkaarri baayee gadi bu’uu (Hypoglycemia) ⓶.Xaxalee yeroo dheeraatti dhufan (Chronic Complication) 1. Dhibee kalee 2. Dhibee ijaa 3. Dhibee narvii 4. Dhibee onnee 5. Istrookii 6. Dhibee hidda dhiigaa 7. Dhibee garaachaa 8. Dhibee qaama wal hormaataa fi kkf Itti Fufa... https://t.me/Dr_heeraan_2
Показати все...
Dr.Heeraan

Telegraama kana irra barnoota garagaraa argatu wa'ee fayya irratti join share godha

👍 2
Оберіть інший тариф

На вашому тарифі доступна аналітика тільки для 5 каналів. Щоб отримати більше — оберіть інший тариф.