cookie

Ми використовуємо файли cookie для покращення вашого досвіду перегляду. Натиснувши «Прийняти все», ви погоджуєтеся на використання файлів cookie.

avatar

Galaan sad.2ffaa

Більше
Фінляндія3 181Мова не вказанаОсвіта87 981
Рекламні дописи
741
Підписники
+124 години
+177 днів
+7830 днів

Триває завантаження даних...

Приріст підписників

Триває завантаження даних...

Guyyaan cufinsa M/B gaafa 10/11/2016 waan ta'eef barattoonni kutaa 9_11 maatii keessan qabatanii ganama 3:00 tti moora Mana Baruka argaman barreessi.
Показати все...
👍 20
Barattoota kutaa 12ffaa saayinsi Umamaa bara 2016 qormaata Biyyoolessaa fudhattan gaafa guyyaa Sanbata Guddaa gara Yunivarsitii Adaamaa waan deemtanif, hundi keessan ganama 1:00 moora Mana Barumsaatti akka argamtan isin beeksisna CARRAA GAARII ISINIIF HAWWINA.
Показати все...
🏆 17👍 7💔 4👏 1
Barattoota kutaa 12ffaa hundaan qophii gaari gocha turtan, qormaata keessan naamusaa fi haala gaari taheen bifa tasgabbii qabun akka Qoramtan abdi qabna. QORMAATA GAARII ISINIIF HAA TAHU .CARRAA GAARII ISINIIF HAWWINA.
Показати все...
👏 16🏆 13👍 1
Beeksisa Baratootni kutaa 12ffaa bara 2016 Qormaata Biyyoolessaa Qoramtan (Natural sc, Social sc, private, Night) geejibaf Qarshii 100 Gaafa kamisaa fi Jimaata sa'a 2:30-6:00 dure Mana Barumsaatti akka kennitan isin beeksisna .
Показати все...
👍 13💔 5
Beeksisa Barootni saayinsii Hawwasaa (social science) kutaa 12ffaa bara 2016 Qormaata Biyyoolessaa Qoramtan Gaafa wixaataa (01/11/2016 ) gara yuuniversiti Adamaa waan deemtanif guyyaa arman olitti tuqame ganama sa'a 1:00 mana barumsaatti akka argamtan isin beeksisna.
Показати все...
👍 2
Beeksisa
Показати все...
#Barattoota_Qormaata_Biyyoolessaa_Kutaa_12ffaa Bara 2016 Fudhachuuf Qophaa'an Hundaaf ----------------------- BBO- 23/10/2016 Qajeelfama Naamusa Qormaataa Dhaabbilee Barnootaa Olaanoo Ministeerri Barnootaa baase keewwata 35 keessaa 1-25 dhiheessuun keenya ni yaadatama. Har'a immoo , keewwata 26- 35 guutuusaa dhiheessineerra. #Dubbisaa! #Keewwata 26- Haala kamiiniyyuu qormaata hatuun qormaata irraa ariisisa; seeranis ni gaafachiisa. #Keewwata 27- Qindeessaan qormaataa tokko naamusa qormaataa kabajsiisuuf yeroo socho'u irratti ololuu yaalun qormaata irraa nama ariisisa. #Keewwata 28- Barattootni qormaata akka hin fudhanne kan kakaasu qormaata hin fudhatu, seeranis ni gaafatama. #Keewwata 29- Sanadoota, chaappaa, waraqaa eenyummaa sobaa qabatee kan argame qormaataa irraa ni ari'ama, dhimmi isaas ni qoratama. #Keewwata 30 - Qormaata akka hatamuufi qisaasamu matta'aa kennuu kan yaale qormaata hin fudhatu. #Keewwata 31 - Barataa biraatif gargaarsa barbaachisaa hin taane kennuu yaaluun, kennuun, qaamaan mallattoo adda addaa dabarsuu yaaluun barattoota lachuu qormaata irraa ariisisa. Seeranis ni gaafatamu. #Keewwata 32- .Waraqaa qormaataa hatuufi dhoksuun qormaata irraa ariisisa. Seeranis ni gaafatama. #Keewwata 33- Barataa birootiif 'passward' fi maqaa dabarsanii kennuun qormaata irraa ariisisa. Seeraanis ni gaafatamu. #Keewwata 34 - Waliin gurmaa'un qormaata hatuun, hatuuf kakaasuun qormaata hunda hin fudhatan, seeraanis ni gaafatamu. #Keewwata 35- Gareen qindoomuun barattootni biroo akka jeeqan, jeeqsisan, qormaata hatuufi hachisiisuu yaale qormaata kennamaa jiru irraa ni ari'amu. Seeranis ni gaafatamu. #HUBACHIISA:- Barattootni keenya seeraafi naamusa qormaataa kabajuun hojjachuu akka qabdan ergaa biiroo keenyaati #Tasgabbiin_yaadaafi_qalbiin_ofitti_amanamummaan,_olola_sobaatiin_otuu_hin _eeqamin_qormaata_keessan_qofa_irrsatti_yoo_xiyyeeffattan qabxii olaanaa galmeessisuu akka dandeessan dhaamsa keenya dabarsuu barbaadna. #CARRAA_GAARII_ISINIIF_HAWWINA! CARRAA GAARII !!
Показати все...
👍 10💔 5
#Keeweata20-Ta'e jedhamee ragaa sobaa kennuun qormaata si'a sanii akka hin fudhanne taasisa. #Keewwata21-  Barreeffamaan yaadannoo adda addaa harkarratti, waraqaa xixiqqaarratti, huccuu uffatan irratti, qaama isaanii kamirrattuufi waraqaa sooftii, teessoo irratti, keeyya kutaarratti(wall)  barreessuun  qormaata si'a san kennamaa jiru irraa ariisisa. #Keewwata22- Nama qormaata lennu qaamarratti miidhaa  geessisuun qormaatni hunduu akka haqamu taasisa. #Keewwata23- Qormaata hatuuf nama/namoota kan gurmeesse qormaata hin fudhatu, #Keewwata24- Meeshaalee kutaa qormaataa akka hin seenne dhoorkaman kamiyyuu, teeknikaafi elektirikaala ta'an, walitti suphuun itti fayyadamuufi yaaluun akka hin qoramne taasisa. To'annaa jala oolee dhimmi isaa qoratama. #Keewwata25- Kompitara itti fayyadaman qormaataaf qofa waan ta'eef, faayiloota hin heyyamane keessa galuun, ragaa qaama biraatiif erguu yaaluun qormaata akka hin fudhanne taasisa. To'annaa jala oolee dhimmi isaa qoratama. . . .  itti fufa Har'aaf asumarratti yoo dhaabnu, keeyyatoota qajeelfamichaa hafan 10 yeroo itti aanutti qabannee dhihaanna. Nu hordofaa. #CARRAA_GAARII !
Показати все...
👌 2
Forwarded From Firakiyya Kasahun 🖌🖌🖌🖌🖌🖌🖌🖌🖌🖌🖌🖌🖌 🖊Barattoota Qormaata Biyyoolessaa Fudhachuuf Qophaa'an Hundaaf Ni Fayyada! ----------------------- #Qajeelfama_Naamusa_Qormaataa_Dhaabbilee_Barnootaa_Olaanoo_Ministeerri_Barnootaa_Bsaseen Hogganamuun Barattoota Keenya  Bu'a Qabeessa Taasisa. Ministeerri Barnootaa Itiyoophiyaa qajeelfama naamusa qormaata biyyoolessaa dhaabbilee barnootaa olaanoo ittiin bulchu kan qabu yoo ta'u, kaayyoon walii galaatis barattoota marsariitiirratti(online) qoraman adeemsa qormaataa keessatti  seera kabajanii akka qoraman guchuun sirna haqa qabeessa, amanamaafi walsimaa ta'e diriirsuudha. Qajeelfama kana keessatti barattoota naamusa qormaataa cabsaniifi tarkaanfii fudhatamuu qaban #keewwata35 ta'an tarreffamaniiru. #Keewwata1- Barataan dhugaatii alkoolii dhugee machaa'e gara mooraa qormaataa galuu hin danda'u. Qormaata si'a san kennamaa jiru hin qoramu. #Keewwata2- Barataan ykn barattootni barsiisaa dirqama isaa bahaa jiru sodaachise/sodaachisan qormaata si'a san kennamaa jiru hin qoraman. #Keewwata3- Wiirtuu qormaataaf hin heyyamane, meeshaa qormaataaf hin heyyamamne keessa galanii argamuun dhoorkaadha. #Keewwata4- Barataan waraqaa eenyummaa gate hin qoramu, #Keewwata5- Barattootni qaama qormaata kennuufi bulchuun yeroo gaafataman waraqaa eenyummaa isaanii ibsu agarsiisuu, sakattaa'amuun dirqama ta'a. #Keewwata6- Dubartiin uffata fuulaatiin fuulli isaanii hin mul'anne yoo ta'e, dubartii/dhiirri qormaata kennitu/kennu, dubartiin/dhiirri balbal irratti sakattaatu/ttaa'u fuula irraa fudhattee akka agarsiiftuufi  eenyummaa adda baafachuu dirqama. Barattuun ajaja kana hin kabajne, gara qormaataa hin seentu, qaama nageenyaa achi jiruun to'annaa jala ooltee dhimmi ishee qoratama. #Keewwata7- Yeroo qormaataa kabajuun barbaachisaadha. Garuu, qormaatni kennamuu erga jalqabee daqiiqaa 20 booda  baratan dhufe qormaata si'a sanii qoramuu hin danda'u. #Keewwata8- Qormaata kennamaa jiru daqiiqaa 30 dursanii bahuun dhoorkaadha. Barataan didee bahu yoo jiraate qormaatni isaa/ishee ni haqama. #Keewwata9- Barataan mataa isaa uffataan, dhahannaa dabbasaatiin, maaskii fuulaatiifi  bifa namoota biroo goyyomsuufi rifachiisuun of dhoksuu yaale qormaata hin fudhatu. #Keewwata10-Barataan qormaata    erga dubbisee booda waan dhukbsate fakkaatee kutaa qormaataatii bahe/baate qormaata hin fudhatu/ttu. Qaama nageenya achi jiruun to'annaa jala oolee/ttee dhimmi qoratama. #Keewwata11- Barataan ta'e jedhee, qormaatni hatame jechuun barattoota jeequu yaale qormaata hin fudhatu, ni dhoorkama. #Keewwata12- Barataan qormaata fudhatu tokko kutaa itti ramadameen ala qoramuu hin danda'u. Kan yaalu yoo jiraate to'annaa jala oolee dhimmi isaa qoratama. #Keewwata13- Yeroon qormaataaf kenname erga xumuramee booda barreessuun dhoorkaadha. Barreessuu yoo dhaabuu baate immoo, barsiisaan qormaata kennu  of eeggannoo afaanii kennuu qaba. kanaanis yoo dhaabuu baate, waraqaa deebii irratti mallattoo addaa gochuu ni danda'a. #Keewwata14- Gara kutaa qormaataa galamu sakattaa'amuu kan dide qormaata hin fudhatu. To'annaa jala oolee dhimmi isaa qoratama. #Keewwata15 - Barataan barsiisaa qormaata kennuufi hojjattoota haala mijeessan arrabse, sodaachiseefi abaare qormaata si'a sanii hin fudhatu. Dhimmi isaas ni qoratama. #Keewwata16 - Bilbila qabatanii galuun dhoorkaadha. Kan qabatee argame qormaata irraa ari'ama. To'annaa jala oolee dhimmi isaa qoratama. #Keewwata17- Waraqaa eenyummaa barataa biraa qabachuun, bakka bu'anii qoratamuuf  yaalun dhoorkadha. Kan yaalee argame qormaata sadi walitti aansee jiru hin fudhatu. To'annaa jala oolee dhimmi isaa qoratama. #keewwata18- Qormaatni qisaasame jechuun odeeffannoo dogoggoraa barataan kenne of eeggannoo afaaniittu kennamaaf. #Keewwata19- .Yeroo dhimmi yakkaa qoratamu yaadannoo qabachuun, kaalkuleetara, bilbila harkaa, meedhaalee sagalee waraabaniifi suuraa kaasan qabachuun dhoorkadha.
Показати все...
👍 5
Barattootni Galgala baracha turtani bara 2016 Qormaata Biyyoolessaa fudhattan Gaafa wixataa sa'a booda 11:00
Показати все...
🙏 3👌 1
Оберіть інший тариф

На вашому тарифі доступна аналітика тільки для 5 каналів. Щоб отримати більше — оберіть інший тариф.