cookie

Ми використовуємо файли cookie для покращення вашого досвіду перегляду. Натиснувши «Прийняти все», ви погоджуєтеся на використання файлів cookie.

avatar

"AMRDA" [Afosha Agarfa Muslims Relief Development Association]

Waldaa Misooma Gargaarsa Muslimoota Afoosha Agarfaa[Afosha Agarfa Muslims Relief Development Association]     ✧Walda "AMRDA" Fedhii Rabbiitin Kaayyoo walda(jama'a) 1➯Harka Qalleeyyi Gargaaru 2➯Baruu fi Barsiisu 3➯Hojii Gamta Keeyrii Dalagudha.

Більше
Рекламні дописи
213
Підписники
-124 години
-67 днів
-930 днів

Триває завантаження даних...

Приріст підписників

Триває завантаження даних...

Фото недоступнеДивитись в Telegram
Waggaa tokko keessatti wantoota jireenya keessan akka jijjiraman godhan👇:
1.Iyyachuu dhiisii guyyaa guyyaan hammam akka carraa qabdu dinqisiifadhu. 2. Kophummaa hammachuu fi adeemsa keessa of kalaquu 3. Namoota humna gaarii jireenya kee keessatti hin fidne nagaa dhaami. 4. Ogummaa horachuu barbaaddu tokko filadhuutii isa guddisuuf carraaqqii kee hunda godhi. 5. Galma kaa'ateef waadaa galtee gonkumaa of duuba hin ilaalin. 6. Miira kee guddisuuf guyyaa guyyaan dafqi. 7. Fuulduratti kufaa... Dogoggora hojjattu hunda irraa baradhu. @keyrii1
Показати все...
👍 3
Фото недоступнеДивитись в Telegram
#Jireenyi Carraa Miti Bu'aa Carraaqqiiti Malee!
Jireenyi bara kanaa baay'ee wal xaxaadha. Akkataa ittiin jireenya mo'annus dhaabbanni idileedhaan barsiisu hin jiru. Hunduu jireenyasaa injifatee mo'icha gonfachuuf jireenya waliin qabsoo hin goolabamne gaggeessaa jiraata. Nyaachuun, dhuguun, uffachuuniifi kkf qabsoon ala hin argaman. Namni qabsoo kana qabsaa'uu sodaatee irraa deebi'us hin jiru. Yoo dhiisee taa'e inni gabaabumatti addunyaa lakkiseera. Haata'u malee akkaataan itti jireenya irratti qabsoo gaggeessan namaa namatti garaagari. Kaan waanuma har'aaf qofa qabsoo gaggeessa. Kaanis isa boruu ilaalee ifaajiisaatti cicha. Waanuma kamiifuu namni jireenya isaa injifatee jiraachuu fedhu akkuma humnasaatti dhama'uu qaba. Jireenyi carraa/lootarii osoo hin taane bu'aa carraaqqii/ifaajeeti. @keyrii1
Показати все...
👍 2 1
Hubachiisa: namni qabxii wal qixa fide, sa'aatii dhaan addaan bahee mirkanaaha!
Показати все...
👍 3
Sadarkaa hirmaattotaa 1ffaan Nuraddiin Juneydii 2 ffaan Muxahar Qaadii 3ffaan Mudassir Ab/Jaliil 4ffaan Sa'aad Xaahir 5ffaan Fahdii Ab/fattah
Показати все...
👍 3
Deebii 1. D 2. C 3. B D. A 5. Bishaan irraa Kalaqaman (والله خلق كل دابة من ماء إلى آخر الآية)
Показати все...
👍 3
@suaaman Link kanaan deebii deebisaa!
Показати все...
بسم الله الرحمن الرحيم Gaaffii fi Deebii 1. Suuraa Qur'aana kabajamaa, keessaa tan Nabi Muhammad saw, qalbii isaaniitti jaalatamtu, suuraa tami? A. Suuraa Fatihaa B. Suuraa Iklaas C. Suuraa falaq D. Suuraa Fathii 2. Umriin warra jannataa ykn Meeqatti deebi'anii seenaan jannata? A. 40 B. 25 C. 33 D. 50 3. Nyaanni malaa'ikaa maalinni? A. Firii jannataa B. Hin nyaatan C. Damma laggeen jannataa irraa yaa'u D. Mukaddaraata 4. Aayaan Qur'aanaa yeroo duraatiif Nabiyyinaa Muhammad saw eessatti isaan irratti buute? A. Gaara Hira'a B. Mana Kajida tti C. Mana Gaara Sowrii D. Laga kowsar tti 5. Beyladoonni fi Bineensonni maal irraa Rabbiin kalaqe? Barreessi!
Показати все...
👍 4
Jechoota Dinqisiisoo: 1. Addunyaa kana irraa wanti baay'ee nama gaddisiisu, utuu ija qabanii mul'ata dhabuudha!   — (Helen keeler) 2. Hiyyumnis ta'u soorumni bu'aa ilaalcha keenyaati!   — (Naappooliyoon Hill) 2. Muka ija qabutti dhagaan baay'ata!   — (Shiiv Keeraa) 4. Yoo dandeesse barrisi yoo barrisuu dadhabde fiigi! Yoo fiiguu dadhabde daddafii deemi! Yoo daddaftee deemuu dadhabde tiradhu! Yoo tirachuu dadhabde daa'imi! Yoo daa'imuu dadhabde foqoqi! Akkam yoo ta'ellee sochoo'uu hin dhaabiin!  — (Maartiin Luuter Kiing) 5. Aangoon Naachaa bishaan keessattiidha!!   — (South African) 6. Daandii bosona keessaa jaldeessa dulloomaa gaafadhu!!   — (Congulese people) 7. Namoonni "ni danda'ama" jedhanii yaadan, murtoon kamiyyuu hamma ta'e rakkina akka qabu ni beeku!   — (Roobert8w H. Chuuler)
Показати все...
👍 6
#HUBADHU! • Osoo fiiguu hin jalqabiniin dura kallattii kam akka fiigdu adda baafadhu! • Osoo waan tokko hin murteessin dura, murtii booda waan dhufu tilmaami!
Amaloota sadi dhiisuu qabda:
➝ Abdii kutachuu, ➝ Hammeenya hojjachuu fi  ➝ Nama tuffachuu dhiisuu qabda. Yeroo hedduu kan jireenya keenya jijjiiru humna alaa dhufu osoo hin taane humna sammuun keenya maddisiisudha; yaada namni biroo nuuf kennu irra yaada sammuun keenya burqisiisutu nu hooggana! kanaafuu waan gaarii gochuuf waan gaarii yaaduu qabna; Akka saayinsiin jedhutti namni tokko jiraachuuf waantonni akka bu'uuraatti barbaachisan nyaata, uffataa fi mana jireenyaati jedhee lafa kaa'a; garuu jiraachuuf kun gahaa miti jiraachuuf Gammachuu qabaachuunis barbaachisaadha; namni gammachuu hin qabne, namni kolfi isaa harkaa bade jiraachuun hedduu itti ulfaata; du'uu filata (kana kan arge hubachuu danda'a).
JIREENYA GAMMACHUU QABU JIRAACHUUF:-
- Nama ta'uu kee yeroo hunda yaadadhu. - Namni eenyummaa isaan wal qixa; doktorii, pirofeserii, barsiisaa... waan fedhe haa ta'u kunneen eenyummaa isaa osoo hin taane maalummaa isaati. Namni kan madaalamu ammoo maalummaa isaan osoo hin taane eenyummaa isaani kanaafu ati Nama dha Amani). - Akka duutus hin dagatiin. - Namaaf ilaalcha gaarii qabaadhu. - Nama gargaari (bay z way....gaafa nama tokko gargaarru isa gargaarame caalaa kan gammadu isa gargaaredha). - Namoota si miidhaniif Dhiifama godhi (kun gammachuu dhokataa danuu qaba). Wantoota armaan olii kana yoo raawwatte salphumatti nama gammachuu qabu taata. @keyrii1 https://t.me/keyrii1
Показати все...
"AMRDA" [Afosha Agarfa Muslims Relief Development Association]

Waldaa Misooma Gargaarsa Muslimoota Afoosha Agarfaa[Afosha Agarfa Muslims Relief Development Association]     ✧Walda "AMRDA" Fedhii Rabbiitin Kaayyoo walda(jama'a) 1➯Harka Qalleeyyi Gargaaru 2➯Baruu fi Barsiisu 3➯Hojii Gamta Keeyrii Dalagudha.

👍 4 2
Wanti Hubachuu Qabdu...
Jireenya jiraattu keessatti wanti hubachuu qabdu jira. 1ffaa: Yeroo hundumaa abdii haaraa fi gammachuu addaatiin oolmaa kee gaggeeffachuu yaali! Gatii baasuu qabdus baasi! Namni abdii fi gammachuu qabu waan haaraa hojjechuuf cimina hunda caalu qaba. 2ffaa: Haalota oolmaa kee keessatti si mudatan ilaaltee harka hin kennin! Abdii akka qabdu sammuu keetti himi! 3ffaa: Nan kufe jettee abdii hin kutin! Kufuun dhuma jireenyaa miti. 4ffaa: Ulfina argadhe jettee hin boonin! Ofiin boonuun galma jireenyaa miti. 5ffaa: Kufaatiin isa ta'uuf (bira gahuuf) dhalatte osoo hin ta'in (bira hin gahin) hafuudha. Isa ta'uuf dhalatte ta'uuf immoo rakkina keessa darbuun dirqama. Rakkina hin sodaatin! Mee namoottan addunyaa beekamoo ta'an hunda isaanii qoradhu! Hundi isaanii rakkina hammana hin jedhamne keessa darbanii kan mul'ata argatan. Rakkinni yaadni haaraan keessa keetii akka burqu godha! ● Eenyummaan kee rakkinaan yoo dabalame of argita. Ofitti akka deebitu si godha. Si malee namni si ta'uu danda'u akka hin jirre sitti hima. ● Namoonni baay'een yoo waa rakkatan waanuma akkasitti hafan of se'uudhaan milkaa'ina cina isaanii jirutti aggaamuu of dhoowwu. Lakki akkas miti eenyuyyuu rakkina baatee kan hafu hin jiru. Yeroodhaaf nutti fakkaata malee. ● Namni mul'ata qabu, fuuldura isaatti milkaa'ina ilaalu tokko  rakkina keessa darbuun waanuma jiru. @keyrii1 https://t.me/keyrii1
Показати все...
"AMRDA" [Afosha Agarfa Muslims Relief Development Association]

Waldaa Misooma Gargaarsa Muslimoota Afoosha Agarfaa[Afosha Agarfa Muslims Relief Development Association]     ✧Walda "AMRDA" Fedhii Rabbiitin Kaayyoo walda(jama'a) 1➯Harka Qalleeyyi Gargaaru 2➯Baruu fi Barsiisu 3➯Hojii Gamta Keeyrii Dalagudha.

👍 2💯 1
Оберіть інший тариф

На вашому тарифі доступна аналітика тільки для 5 каналів. Щоб отримати більше — оберіть інший тариф.