cookie

Ми використовуємо файли cookie для покращення вашого досвіду перегляду. Натиснувши «Прийняти все», ви погоджуєтеся на використання файлів cookie.

avatar

Madda Burqaa

𝐉𝐞𝐜𝐡𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐝𝐢𝐧𝐪𝐢𝐬𝐢𝐢𝐬𝐨𝐨 𝐦𝐚𝐦𝐦𝐚𝐚𝐤𝐬𝐚,𝐰𝐚𝐥𝐚𝐥𝐨𝐨 𝐟𝐢 𝐣𝐞𝐜𝐡𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐣𝐚𝐚𝐥𝐚𝐥𝐚𝐚, 𝐇𝐚𝐚𝐬𝐚𝐚 𝐨𝐧𝐧𝐚𝐜𝐡𝐢𝐨𝐬𝐨𝐨 𝐟𝐢 𝐨𝐝𝐮𝐮𝐥𝐞𝐞 𝐠𝐚𝐫𝐚 𝐠𝐚𝐫𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐤𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮𝐟 𝐂𝐡𝐚𝐧𝐧𝐚𝐥 𝐤𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚 𝐇𝐨𝐫𝐝𝐨𝐟𝐚a 👇

Більше
Рекламні дописи
1 158
Підписники
Немає даних24 години
-37 днів
+2630 днів

Триває завантаження даних...

Приріст підписників

Триває завантаження даних...

✍Furmaanni Dammaquudha! "Namichatu abjuudhaan bosona guddaa keessa deemaa ture. Osoo bosona addaan kutee deemaa jiruu, hoomaan waraabessaa gaana kaase, itti dhufe.Rifatee gara fuulduraatti osoo fiiguu, of duratti haroo bal‟aa naachi keessaa mul‟atutti dhufe. Waan godhu dhabnaan, muka tokko koruuf yaadee, gara mukaatti fiige. Koruu eegale. Muka yaabbachaa osoo jiruu gara irraan jawwee muka irraa isa nyaachuuf itti deemu arge. Namichi kun jalaan waraabessa, fuulduraan haroofi naacha, gara irraan immoo jawweedhaan marfamee jira.  Rakkoo hamaa isa muudhate kana keessaa bahuuf maal gochuu qabaa? Namni kun yoo fiiges, utaales, gara samii barrisees, nyaatamuu jalaa of oolchuu hin danda'u. Rakkoo walxaxaa kana keessaa bahuuf fala tokko qofa qaba. Innis dammaquudha.  Namichi kun hirriiba keessa jira. Kana jechuun gaafa dammaqe wanti inni akka rakkootti ilaalu kun rakkoo hin jirredha. Kana jechuun wanti namicha kana rakkise marti akka inni itti ilaalaa jiru irraa madda. Ilaalchi yoo jijjiirame rakkoon ni furama." Galaa Sammuu, fuula 97 Har'a irraa eegaluun godinaaleefi magaalota Oromiyaa garaa garaatti raabsamuu eegalee jira. Barbaadaa dubbisaa! #Join #share        🥰Share 😇Join ▯▭▬▭🍃🌸🌺🍃▭▬▭▯ 💎 @Madda_Burqaa_Tuqi💎 💎 @Madda_Burqaa_Tuqi💎
Показати все...
Jechamoonni qaama namaa irraa uumaman 1600 ol ta'antu jiru. --> Falaasama jechama Afaan Oromoo, (2012:139). ~~~~~~ Jechamni dubbii icciitii qabu haguuggiidhaan kan ittiin ibsamuudha. Jechamni qola uffatee kan taa'udha. Namni muraasni dafee hubata, kaan ammoo suuta hubata. Namni ergaa jechama tokkoo salphaatti hubachuuf aadaa hawaasichaa sirriitti beekuu gaafata. ~~~~~~~ ♥♥ Fakkeenya jechamootaa muraasa hiika isaanii waliin A. Adda 1. Adda cabe..............niqaana'e, moo'ame 2. Adda qabate...........nigadde, aare 3. Aa namaa ..............dura-taa'aa 4. Addi dhooqe...........huuqqate 5. Addaan kufe...........tuffatame 6. Adda tuqe..............mudde, cinqe 7. Adda bal'ata...........baay'ee guddaadha 8. Adda bira................dhiyoodha 9. Adda jabaata..........didaadha 10. Adda madeesse....maqaa balleesse B. Afaan 1. Afaan badde........dubbii wallaalte 2. Afaan bareeda......haasaa tola 3. Afaan hiikkate.......dubbii jalqabe 4. Afaan hinqabu.......hindubbatu, 5. Afaan laafa............suuta dubbata 6. Afaan bu'e..............harka diinaa gale 7. Afaan dheeressa.....dubbii hingabaabsu 8. Afaan lama qaba......waliin dhaha 9. Afaan bal'ata............oduutti caala 10. Afaantu caala.......humnaa ol haasa'a C. Arraba 1. Arrabaan tuqe............arrabse 2. Arraba hinqabu..........nama hintuqu 3. Arraba qal'ata.............oduu jaalata 4. Arraba nyaata.............dubbii fedha 5. Arraba hoosise...........nisossobe 6. Arraba hidhame..........nigiinga'e 7. Arraba hadhoofti........jibbamtuudha 8. Arrabaan deema........nama hamata 9. Arraba salphata.........nama hinkabaju 10. Arraba bofaa...........summii, hadhaa D. Cinaacha 1. Cinaachaan ilaale.........ni tuffate 2. Cinaacha qabeef...........gargaare 3. Cinaacha cabse............arrabaan miidhe 4. Cinaacha qaba............qaama qaba 5. Cinaacha dhabe...........dhala hinqabu 6. Cinaacha buuse...........dadhabsiise E. Dhiiga 1. Dhiiga cobse............booye, rakkate 2. Dhiiga dhaabe..........rakkise, aarse 3. Dhiiga godhate.........bifa baase 4. Dhiiga hadhaa'a........jibbamaadha 5. Dhiiga gate...............fira dagate F. Fuula 1. Fuula bade...........aare, gadde 2. Fuula qoncoore....huuqqate 3. Fuula dhokfate......wallaalchifate G. Funyaan 1. Funyaan dhaaba.......ni muufata 2. Funyaan jiidha..........nifurraa'a 3. Funyaan keessa.......hin argamu Madda: Falaasama jechama Afaan Oromoo,2012 👇 @Madda_Burqaa_Tuqi
Показати все...
✪ "Namoota sodaachuun, namoota irraa fagaachuun milkaa'ina kee irratti gufuu ta'a, garuu namoota waliin haasa'uun, namoota waliin hojjechuun akka warqee awwaalame qotuudha."        — Dale Carnegie @Madda_Burqaa_Tuqi
Показати все...
https://t.me/tapswap_mirror_bot?start=r_5381489489 🎁 +2.5k Shares as a first-time gift
Показати все...
Dhugaalee kofalchiisoo 10 😁😁😁😁😂😂😂🤣🤣 1. Ija kee daawwitii keessatti malee arguu hin dandeessu😬😬 2. Rifeensa mataa kee laakkoftee fixuu hin dandeessu😳😳 3. Afaan kee bantee funyaaniin harganuu hin dandeessu🤗🤗 4. Amma ati gocha lakkofsa 3 yaalaa jirta😁😁 6. Yeroo laakkofsa 3 yaaltu wanti sun siif danda'amee gammadeetta.  Garuu akka sareetti harganaa jirta😋😋😬😬 7. Yeroo ammaa kolfaa jirta sababni isaas akka gowwoomfamte barteettu😁😁😁🤓🤓😎 8. Laakkofsa 5 irra utaalte jirta🙊🙈🙈🙉😉😉 9. Amma ammoo akka laakkofsi 5 jiru baruuf ilaala jirta🤓🤓🤓😂😂 10. Amma ammoo wanti kun so ajaa'ibee namatti himuuf jetta😅😅😅 Hiriyyoota keetiif #share gochuudhaan bohaarsi. 👇 @Madda_Burqaa_Tuqi Join godhaa itti makamaa
Показати все...
Kan dhugaa qulqulleeffannee hanga isin biraan geenyuu #group kana hiriyoota keessan #Add godhaa afeeraa👇 https://t.me/Ministirii_kutaa_6_fi_8_bara2016
Показати все...
Kan dhugaa qulqulleeffannee hanga isin biraan geenyuu #group kana hiriyoota keessan #Add godhaa afeeraa👇 @https://t.me/Ministirii_kutaa_6_fi_8_bara2016
Показати все...
Siif_Galeeraa? ......................... Of beekuuf murtoo hin qabdu taanan yoo of beektes murtoo hin murteessitu!! Of beekuun foormulaa hin qabu! jechuun of wallaaluun foormulaa qaba jechuudha. Of beekuun beekumsa beekumsa caaludha. Of beekuu wanti bakka bu'u hin jiru. Albuudni namni itti fayyadamee fixuu hin dandeenye of beekudha.Addunyaa kana irra namoonni baay'een osoo of hin beekin beekaa fakkaatanii taa'u. Beekaa waan fakkaatteef waan beekte sitti hin fakkaatiin. Barachuun beekuu hin ibsu. Beekuun garuu barachuu ni ibsa.Barachuun osoo of beekudha ta'ee, namoonni baratan hundumtuu beekaa ta'u turan.Of wallaaluun foormulaa qaba. Foormulaan isaas kanneen armaan gadiiti. Gad-aantummaa × hirkattummaa × of-awwaaluu = of wallaaluu .......................... Maddii, kitaaba #Siif_Galeeraa? 👇 @https://t.me/Madda_Burqaa_Tuqi
Показати все...
●Hordoftoota koo qaqqaali fi Gaggaarii.Information wahee #Qormaata wajji wal qabatee. ●Wahee Birootis waan isin dhibee gaafachuuf. ●Yaadaa fi Comment kennachuuf. ●Akkasuma Maatii Channel keenya wajjiin kofaltanii tapachuuf,🥰 yaada wal dabarfachuuf. •Group keenya kana  join godhuun itti dabalama Hiriyoota keessanis Add godha. Galatooma Link kana Tuqaa seena.👇👇 https://t.me/Ministirii_kutaa_6_fi_8_bara2016
Показати все...
Qormaata Ministirii Kutaa 6ffaa_fi 8ffaa bara 2016👍

#Walgargaaruun Aadaa keenya. Barattoota kutaa 8ffaa 👇 #Join

https://t.me/Ministirii_kutaa_6_fi_8_bara2016

Dilbata, 02/10/2016 #YAADACHIISA! #Qormaata_Xumura_Barnoota_Sad_1ffaafi_Giddu_Galeessaa (kutaa 8ffaa) Bara 2016. --------------- Qormaatni kutaa 8ffaa ; - Kan Qophaa'e #Gosoota_Barnootaa_Kutaa_8ffaa_Keessaa_Qofa. Isaanis, 1-Afaan Oromoo 2-Afaan Amaaraa 3- Afaan Ingilizii 4- Herrega 5- Barnoota Lammummaa, 6-Barnoota Gadaa, 7- Saayinsii Waliigalaa 8- Barnoota Hawaasaa fa'a #Guyyaan_Qormaatni_kennamu, Waxabajjii 04-05/2016 - Baay'ina #Mana_Barnootaa Qormaata Fudhatu:- 9,633. - Baay'ina #Barattoota Qormaata Fudhatanii:- 672,500. - Baay'ina #Wiirtuu_Qormaatni itti kennamu:- 1424. #Hubachiisa:- #Gabatee_Sagantaa_Qormaataa_Ilaalaa! #Carraa_Gaarii - BBO - 👇 #Madda_Burqaa_Tuqi
Показати все...
Оберіть інший тариф

На вашому тарифі доступна аналітика тільки для 5 каналів. Щоб отримати більше — оберіть інший тариф.