cookie

Ми використовуємо файли cookie для покращення вашого досвіду перегляду. Натиснувши «Прийняти все», ви погоджуєтеся на використання файлів cookie.

avatar

Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa

This is the official Telegram Page of the Oromia Regional Health Bureau (ORHB). ORHB's Vission to see health, Productive, and Prosperous people in Oromia. 🌐 http://www.orhb.gov.et/ 📁 Government Official ✉️ 24341 Addis Ababa, Ethiopia 📞 +251113717227

Більше
Фінляндія928Мова не вказанаМедицина3 427
Рекламні дописи
6 698
Підписники
+1924 години
+1347 днів
+38930 днів

Триває завантаження даних...

Приріст підписників

Триває завантаження даних...

Qajeelfama haaraa gurmaa'insa gamtaa misooma dubartootaa irratti leenjiin kennamaa jira. Caamsaa 15/2016/Adaamaa
======================================= Gurmaa'insa dubartootaa cimsuun milkaa'ina badhaadhina fayyaa maatii mirkaneessuu irratti gahee ol'aanaa qaba. Ijaarsa gurmaa'insa dubartootaa bifa haaraan sadarkaa hundatti akka cimu taasisuun qooda fudhannaa dubartoonni dhimmoota fayyaa fi fayyaan walqabatan keessatti qaban dhugoomsuudha. Sirna jalqabsiisa sagantichaa irrattis haasawaa kan taasisan hooggantuun biiroo dhimma dubartootaa fi daaa'imman Oromiyaa aadde Mabiraat Baacaa kaayyoon leenjii kanaa rakkoolee gurmaa'insa gamtaa misooma dubartootaan walqabatan adda baasuu fi bifa haaraan irra deebi'uun gurmeessuun hirmaannaa fi fayyadamummaa dubartootaa gama hundaan mirkaneessuu akka ta'e ibsaniiru. Leenjiin kunis qindoomina biiroo fayyaa Oromiyaa fi biiroo dhimma dubartootaa fi daa'imman Oromiyaatiin kan kennamaa jiru yammuu ta'u seektaraaleen naannoo, godinaalee bulchiinsa magaalotaa fi qooda fudhattoonni hirmaachaa jiru.          t.me/BiirooFayyaaOromiyaa          t.me/BiirooFayyaaOromiyaa          t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
Показати все...
Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa

This is the official Telegram Page of the Oromia Regional Health Bureau (ORHB). ORHB's Vission to see health, Productive, and Prosperous people in Oromia. 🌐 http://www.orhb.gov.et/ 📁 Government Official ✉️ 24341 Addis Ababa, Ethiopia 📞 +251113717227

👍 4 3
Ittisaa fi To'annoo HIV keessatti gaheen abbootii Gadaa fi Amantaa guddaadha. Caamsaa 14 bara 2016 Adaamaa.
======================================= Biiroon fayyaa Oromiyaa Minsteera fayyaa Federaalaa fi Faawondeeshiinii Hayilamaariyaa fi Rooma waliin qindoomun waltajjii sosochii fi leenjii hubannoo uumuu haala yeroo ammaa HIV/AIDS'n irra jiruu fi wantoota hojjatamuu qaban irratti Abootii Gadaa ,Amantii fi gaggeessitoota hawaasaa naannoo Oromiyaa irraa dhufaniif kennaa jira. Hoogganaa itti aanaa biiroo fayyaa Oromiyaa Dr. Gushaa Balaakoo saganticha irratti argamuun haasaa taasisaniin, hojiin ittiisaa fi to'annoo HIV/AIDS qaama tokkoon kan hojjatamuu hin danda'amnee fi hirmaannaa qaama hundaa barbaadu ta'uu dubbatanii jiru. Biiroon fayyaa Oromiyaa Ittisaa fi to'annoo walqabisiisee xiyyeeffannaan hojjachaa jiraachuu kaasuun, haaluma kanaan namoonni haaraan akka vaayirasichaaf hin saaxilamne, yaala gahaa kennuu fi walgitiinsaa fi dhaqqabamuummaa yaalaa fooyyeessuu irratti hajjatamaa jiraachuu ibsuun kaayyoon waltajjii kanaas, qoollifannaa fi loogii, yaala HIV/AIDS fi ilaalcha gama amantaa jiru akkasumas dagannaa HIV/AIDS walqabatee jiru irratti hubannoo uumuu akka ta'e dubbatanii jiru. Dr. Gushaan itti dabaluun HIVn eenyu irraayyuu fagoo waan hin taanef ofeeggannoo guddaa gochuun barbaachisaa ta'uu kaasanii jiru. Ministeera Fayyaa Federaalaatti Hojii gaggeessaa Olaanaa Ittisaa fi to'annoo HIV/AIDS Obbo Fiqaaduu Yaadataa gama isaanitiin akka jedhaniitti hojii HIV/AIDS irratti hojii hojjatamaa tureen lubbuu namoota hedduu baraaramuu dubbatanii jiru. Haata'u malee, HIVn yeroo ammaa Oromiyaa keessatti babal'achaa jiraachuu kaasuun sababni isaas Oromiyaan jiddugala biyyaa ta'uu, bal'ina qabaachuu, dagannaan guddaan jiraachuu fi itti fayyadama miidiyaa hawaasaa sirrii hin taane babal'achuu irraa akka ta'e dubbatanii jiru. HIV ittisuu fi to'achuuf gaheen abbootii Gadaa fi amantaa olaanaa ta'uu ibsanii jiru. Giiftii duree duraanii fi hojii gaggeessituu Faawondeeshiinii Hayilamaariyamii fi Rooman Adde Rooman Tasfaayee saganticha irratti akka jedhaniitti, hojii ittisaa fi to'annoo HIV/AIDS Oromiyaa irratti hojjachuun biyyaa irratti hojjachuu ta'uu kaasanii jiru. Akka adde Rooman jedhaniitti ittisaa fi to'annoo HIV keessatti kan dursuu qabu ittisa ta'uu qaba jedhanii jiru. Ittisa irratti hojjachuun bu'aan isaa guddaa fi baasiin inni gaafatu xiqqaa ta'u dubbatanii jiru. Baasiin mootummaan yaala dhibee kanaatiif baasu olaanaa ta'uu fi deenagdee biyyaa irraatti dhiibbaa akka qabu ibsanii jiru. Abbootin Gadaa fi amantaa hawaasatti dhiyoo waan ta'aniif hojii guddaan kan irraa eegamu ta'uu kaasuun hojii hanga ammatti raawwataa turaniif galateeffatanii jiru. Waltajjii kana irratti gabaasni haala dhibeen kun irra jiru agarsiisu dhiyastee irratti mar'atamaa jira. Itti aansuun leenjiin hubannoo uumuu kennamuun kaallattiin fuula duraa ni kaawwama.          t.me/BiirooFayyaaOromiyaa          t.me/BiirooFayyaaOromiyaa          t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
Показати все...
Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa

This is the official Telegram Page of the Oromia Regional Health Bureau (ORHB). ORHB's Vission to see health, Productive, and Prosperous people in Oromia. 🌐 http://www.orhb.gov.et/ 📁 Government Official ✉️ 24341 Addis Ababa, Ethiopia 📞 +251113717227

👍 4
Kennaan kennaa caalu arjooma dhiigaati Caamsaa 10/2016/Adaamaa Mariin paanaalii arjooma dhiigaa irratti xiyyeeffate abbootii Gadaa, abbootii amantaa fi qooda fudhattoota waliin geggeeffame. Akka naannootti guyyaatti namoota yaalaaf dhufan 7 keessaa 1 dhiiga kan barbaadu ta'uusaa fi arjooma dhiigaa muraasa taasifamuun dhiyeessii baay'ee xiqqoo ta'een lubbuu namootaa keessattuu haadholii fi daa'immanii rakkoo hanqina dhiigaatiin darbu baraaruuf tumsa qaamolee gahee qaban maraa kan gaafatu akka ta'e dooktar Bokonaa Guutaa H/I/A biiroo fayyaa Oromiyaa ibsuun abbootiin Gadaa fi abbootiin Amantaa ofii adda durummaan dhiiga arjoomuun hawaasnis akka arjoomu taasisuu akka qaban dhaamaniiru.
Dooktar Ashannaafii Taazabaw daayrektara olaanaa baankii dhiigaa fi tishuu biyyoolessaa gama isaaniitiin sekondii 5 keessatti namni 1 dhiiga akka barbaadu eeruun abbootiin Gadaa fi amantaa dhimma arjooma dhiigaa barsiisuu fi fakkeenya ta'uun arjoomuu akka qaban eeraniiru. Obbo Darasaa Abarraa dayrektara day/dhiyeessii qorichaa fi meeshalee yaalaa kaayyoon marii kanaa hawaasni dhimma barbaachisummaa arjooma dhiigaa hubatee akka tumsa taasisuuf sosochii gochuu akka ta'ee fi kana milkeessuufis abbootiin Gadaa fi abbootiin amantaa qooda olaanaa akka qaban kaasaniiru. Waltajjii marii paanaalii kana irrattis haala qabatamaa arjoomaa fi dhiyeessii dhiigaa akka biyyaa fi naannoo keenyaatti jiru ilaalchisee barreeffamni dhiyaateera. Hirmaattonni marii kanaas dhiiga arjoomuun Waaqa biratti eebbifamaa lubbuu baraaruu akka ta'e ibsuun gahee isaan irraa eegamu bahachuuf kan hojjetan ta'uusaanii himaniiru.          t.me/BiirooFayyaaOromiyaa          t.me/BiirooFayyaaOromiyaa          t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
Показати все...
Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa

This is the official Telegram Page of the Oromia Regional Health Bureau (ORHB). ORHB's Vission to see health, Productive, and Prosperous people in Oromia. 🌐 http://www.orhb.gov.et/ 📁 Government Official ✉️ 24341 Addis Ababa, Ethiopia 📞 +251113717227

👍 14 2
Qulquullina Naannoo fi Dhuunfaa Keenyaa Ni Eegganna; Dhibee Koleeraa Ni To'anna. Caamsaa 10 bara 2016 Haraar.
==================================== Konfireensiin sosochii ittisa weerara dhibee Koleeraa gaggeeffamee jira. Sagantaa kana irratti hoogganaa itti aanaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dr.Tasfaayee Kabbabaawu argamuun haasaa taasisaniin dhibeen Koleeraa dhibee daddarbaa hanqina qulquullina dhuunfaa fi naannootin kan dhufu ta'ee, gaaga'ama lubbuu fidu, hawaas- diinagdee fi siyaasaa irratti dhiibbaa kan geessisuu ta'uu ibsanii jiru. Hojii ittisaa fi to'annoo dhibee kana irratti hojjatamaa tureen miidhaa silaa dhibeen kun dhaqabsiisu danda'u xiqqeessun danda'amuu dubbatanii jiru. Haata'u malee, dhibeen kun amma illee, godiinaalee tokko tokkoo fi magaloota muraasa keessatti deddeebi'ee bifa weeraraatin ka'aa jiraachuu kaasanii jiru. Dhibee Koleeraa ittisuu fi to'achuuf seektaraalee fi naannolee waliin hojjachuu waan gaafatuuf hojii qindoomnaa irratti xiyyeeffannaan hojjatamee torbee muraasa keessatti dhibee kana dhabamsiisuu qabna jedhanii jiru. Bulchituu bulchiinsa godiina H/ Bahaa Adde Miskii Mahaamad gama isaanitiin, akka jedhaniitti dhukkuba koleeraa dawaan isaa harka keenya keessa jira. kanaafuu, quliqullina dhuunfaa fi naannoo keenyaa eeggachuun biratti bulchiinsa naannoolee Sumaalee, Hararii fi bulchinsaa magaalaa Dirree Dawaa waliin akkataa dhibee koleeraa ittisuu dandeenyu irratti waliigallee qindoominaan ni hojjanna jedhanii jiru. Adde Miskiin itti dabaluun, dhibee Koleeraa ittisuuf qaamoleen dhimmi ilaallatu hundi ittigaafatamummaa ofii bahuu qabu jedhanii jiru. Gabaasa godiinaalee fi biiroon dhiyeesse irraa hubachuun akka danda'ameetti dhibeen koleeraa caalmatti babal'atee kan jiru gandota itti fayyadama mana finfaanii isaanii gadii aanaa ta'e keessatti ta'uu hubachuun danda'amee jira.. Konfirensii kana irratti hooggantoonni olaanoo fi ogeessonni naannoo Oromiyaa, naannoo Sumaalee, Hararii, Dirree Dawaa fi Godiinaalee H/Lixaa, H/ Baahaa , Magaala Mayaa fi Aanolee hirmaatanii jiru. Xumura irrattis, kallattiin fuula duraa kennamee jira. Kana malees, dhibee kana dhabamsiisuf waadaa galan.          t.me/BiirooFayyaaOromiyaa          t.me/BiirooFayyaaOromiyaa          t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
Показати все...
Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa

This is the official Telegram Page of the Oromia Regional Health Bureau (ORHB). ORHB's Vission to see health, Productive, and Prosperous people in Oromia. 🌐 http://www.orhb.gov.et/ 📁 Government Official ✉️ 24341 Addis Ababa, Ethiopia 📞 +251113717227

👍 6👏 2 1
Waggoota darbaniif fayyaa hawaasa naannichaa mirkaneessuuf bal'inaan hojjetamaa tureera. Obbo Darajjee Abdannaa I/A/H/biiroo fayyaa Oromiyaa Caamsaa 07/2016/ Walisoo...!!!
==================================== Ijaarsa keellaa fayyaa waliigalaa aanaa Walisoo ganda Koonnoo Lafee Arbaatiif dhagaan bu'uuraa kaa'ame. Akka naannootti hanga ammaatti ijaarsa keellaawwan fayyaa waliigalaa 65 ta'an xumuursisuun akka danda'amee fi 166 ijaarsarra jiraachuusaa eeruun piroojektii kanas yeroo yaadame keessatti xumuuruun tajaajila barbaachisuuf akka oolu taasisuuf qaamoleen gahee qaban hundi tumsa barbaachisu taasisuu akka qabu obbo Darajjee Abdannaan ibsaniiru. Bulchaan godina Sh/Kibba Lixaa obbo Mokoonnin Baayisaa gama isaaniitiin galmoota badhaadhinaa qabaman galmaan gahuu fi hawaasa fayyaan isaa eegamee fi dorgomaa ta'e qabaachuuf biiroon fayyaa xiyyeffannaan hojjechaa akka jiru kan ibsan yammuu ta'u, hawaasni piroojektiisaa kanaaf tumsuun gahee isaa akka bahatu dhaamuuun nus akka hoggansaatti itti dhiyeenyaan hordofuu fi deeggaruun akka milkaa'u ni taasifna jedhaniiru. Keellaan fayyaa kunis baajata mootummaa birrii miliyoona 28.9 ta'uun kan ijaaramuu fi tajaajila waliigalaa kennuun ittisaa fi wal'aansa dhibeewwanii irratti gumaacha taasisuurra darbee rood maappii fooyya'iinsa sagantaa ekisteenshinii fayyaa waggoota 15f qophaa'e milkeessuuf gahee kan qabuudha. Sirna kana irrattis hooggansi naannoo fi godinaa akkasumas qaamoleen hawaasaa argamaniiru.        t.me/OromiaHealthBureau        t.me/OromiaHealthBureau        t.me/OromiaHealthBureau
Показати все...
Oromia Health Bureau

This is the official Telegram Page of the Oromia Regional Health Bureau (ORHB). ORHB's Vission to see health, Productive, and Prosperous people in Oromia. 🌐 http://www.orhb.gov.et/ 📁 Government Official ✉️ 24341 Addis Ababa, Ethiopia 📞 +251113717227

👍 8 2
Sirna nyaataa irratti hojjachuu egeree biyyaa ijaaruudha. Guddinni sammuu fi qaamaa bu'aa sirna nyaatati. Caamsaa 6 bara 2016 Adaamaa.
================================= Biiroon fayyaa Oromiyaa gamaaggama raawwii hojii baatii sagalii kilaastara Bahaa fi Kibbaa sagantaa sirna nyaataa irratti gaggeessaa jira. Sagantaa kana irratti qindeessan garee sirna nyaataa biiroo fayyaa Oromiyaa Obbo Abarraa Daggafaa argamuun akka jedhaniitti sirna nyaataa irratti hojjachuun dhaloota smmuu fi qaaman dagaage horachuun egeree biyyaa ijaaruuf gahee guddaa kan qabu ta'uu kaasanii jiru. Hanqinni sirna nyaataa rakkoo walxaxaa dhalootaa gara dhalootatti darbuu fiduu waan danda'uuf guyyaa ulfi garaatti hafee irraa jalqabee hanga daa'imni dhalattee waggoota lama geessutti sirna nyaataa yookin nyaata dhangaa gosa garaa garaa qabu soorachiisun guddina daa'imaaf murteessaa akka ta'e kaasaniiru. Milkaa'ina hojii kanaatif imaammannii fi tarsiimon bahanii jiraachuu eeranii jiru. Obboo Abarraan itti dabaluun akka jedhaniitti rakkoon sirna nyaataa inni guddaan hanqina hubannoo irraa kan madduudha ta'uu kaasuun, hojiin hubannooo uumuu fi qisaasama qorichoota wal'aansa daa'immaniif oolan hambisuuf hirmaanna qaama hundaa kan barbaadu waan ta'eef qindoominaan irratti hojjatamuu qaba jedhanii jiru. Gamaaggama kana irratti, gabaasni godiinaalee, dhaabbilee deeggartoota sagantaa kana irratti hojjatanii fi biiroo dhiyaachuun mariin erga irratti taasifamee booda kallattiin itti aanu ni kennama.          t.me/BiirooFayyaaOromiyaa          t.me/BiirooFayyaaOromiyaa          t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
Показати все...
Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa

This is the official Telegram Page of the Oromia Regional Health Bureau (ORHB). ORHB's Vission to see health, Productive, and Prosperous people in Oromia. 🌐 http://www.orhb.gov.et/ 📁 Government Official ✉️ 24341 Addis Ababa, Ethiopia 📞 +251113717227

👍 17 5🔥 3👎 1
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa          t.me/BiirooFayyaaOromiyaa          t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
Показати все...
👍 13
Gamaaggamni
raawwii hojii garee hooggansa dhaabbilee fayyaa bu'uuraa kilaastara Lixaa geggeeffamaa jira Ebla 22/2016/Amboo...!!!
===================================== Sagantaa kana irratti sadarkaa H/I/Atti gorsaan biiroo fayyaa Oromiyaa. obbo Abdulrazaaq Ahimad haasaa taasisaniin akka kilaastarichaatti gamaaggama hojii geggeessuun dhiyeenyatti raawwii qabatamaan jiru beekuun deeggarsa barbaachisaa taasisuuf kan dandeessisu akka ta'e ibsuun haala mijataa hin taanee fi rakkoo nageenyaa keessatti akka kilaastara kanaatti dhimmoota raawwatamaa turaniin kenna tajaajila fayyaa fi riiformii dhaabbilee fayyaa bu'uraa hojiirra oolchuurratti hojjettootaa fi ogeessota of kennuun hojjechaa turan maqaa biirootiin galateeffataniiru Daayrektarri daayrektoretii hooggansa dhaabbilee fayyaa bu'uuraa obbo Qamaraddiin Shifaa gama isaaniitiin .akka kilaastara Lixaatti gamaaggama raawwii hojii kenna tajaajila dhaabbilee fayyaa bu'uuraa, hojiirra oolmaa riiformiiwwan, roodmappii fi aanaa ceessisuu yeroo dheeraaf osoo hin geggeessin turrus dhimmoota hojjetamaa turaniin bu'aa abdachiisaan galmaa'aa jiraachuusaa eeruun kaayyoon waltajjii gamaaggamaa kanaas ciminoota jiran caalmaan itti fufsiisuu fi harcaatiiwwan jiran irratti xiyyeeffannoon hojjechuuf akka ta'e himaniiru. Sagantaa kana irrattis itti gaafatamtoota waajjira fayyaa, qindeessitootaa fi ogeessota garee hooggansa dhaabbilee fayyaa bu'uuraa fi ekisteenshinii fayyaa godinaalee fi bulchiinsa magaalota kilaastara Lixaa hirmaachaa jiru Waltajjicha irratti dhiyeessiiwwan raawwii hojii sagantichaa ji'oota saglan bara 2016 darbanii erga dhiyaatanii booda dhimmoota hojii sagantichaa milkeessuu irratti hudhaalee turanii fi rakkoolee mudataniif furmaata akka argatu taasisuu irratti marii bal'inaan geggeeffamuu fi kallattii hojii kennamuun guyyaa boruu kan goolabamu ta'a.          t.me/BiirooFayyaaOromiyaa          t.me/BiirooFayyaaOromiyaa          t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
Показати все...
Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa

This is the official Telegram Page of the Oromia Regional Health Bureau (ORHB). ORHB's Vission to see health, Productive, and Prosperous people in Oromia. 🌐 http://www.orhb.gov.et/ 📁 Government Official ✉️ 24341 Addis Ababa, Ethiopia 📞 +251113717227

👍 11
Ragaa qulqulluun murtoo sirrii fi kenniinsa tajaajila fayyaa fooyya"aaf murteessadha. Dr. Mangistuu Baqqalaa Hoogganaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa. Ebla 21, bara 2016 Adaamaa.
========================≈============== Torbeen ragaa fayyaaa akka Oromiyaatti kabajamee jira. Torbeen ragaa fayyaa kun mata duree' hooggansa cimaa fi itti gaafatamummaa ce'uumsa sirna ragaa bu'uura godhate mirkaneessuuf' jedhuun kabajame . Sagantaa kana irratti hoogganaa Biiroo fayyaa Oromiyaa Dr. Mangistuu Baqqqalaa argamuun haasaa taasisaniin ragaan seektara fayyaatiif lubbuudha waan ta'eef akka seektara fayyaatti hojii ragaa ammayeessuu fi dijitaalessuu irratti dhimmoota raawwatamaa turaniin dhaabbilee fayyaa olaanoo fi bu'uuraa biratti bu 'aa jajjabeessaa galmeessuu fi kellaa fayyaa immoo jalqabbii gaariin jiraachuu isaa dubbatanii jiru. Ragaan seektara fayyaa keessatti fooyya'aa dhufuun isaa karoora qabatamaa karoorsuu, raawwii hojii xiinxaluun murtoo ragaa irratti hundaa'e kennuuf haala mijataa uumuu akka dandeessise kaasanii jiru. Dr. Mangistuun itti dabaluun, qabeenya qabnu, cimina jiru, rakkoo fi hanqinaalee keenya kan adda itti baafnu ragaa waan ta'eef ragaan keenya sadarkaa hundatti digitaalawaa taasisuun murtoo sirrii fi tajaajila qulqulluuf hojii irra oolchuun barbaachisaadha jedhanii jiru. Daayreektarri daayrektoreetii qophii karoora, baajata, hordoffii fi gamaaggamaa hojii biiroo fayyaa Oromiyaa Obbo Lammeessaa Taaddasaa gama isaanitiin akka jedhaniitti, kaayyoon kabaja torbee ragaa fayyaa ragaan seektara fayyaatif bu'uura waan ta'eef hojii ragaa ammayyeessun walqabatee hojjatamaa jiru xiyyeeffanna akka argatuuf jedhanii jiru. Seektara fayyaa keessaatti karoorsuuf, raawwii gamaaggamuu fi xiinxaluuf ragaa ammayeessuu fi dijiitaalessuun murteessa waan ta'eef sirna ragaa keenyaa cimsuun mortoof oolchuu qabna jedhanii jiru. Sagantaa kana irratti dhiyeessin adda addaa dhiyaachuun mariin irratti gaggeeffamee jira. Waltajjicha irratti hooggantoonni biiroo fayyaa Oromiyaa, waajjira fayyaa godiinaalee, bul. Magaalotaa, dhaabbileen deeggartootaa fi qaamoleen dhimmi ilaalatu hirmaatanii jiru.          t.me/BiirooFayyaaOromiyaa          t.me/BiirooFayyaaOromiyaa          t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
Показати все...
Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa

This is the official Telegram Page of the Oromia Regional Health Bureau (ORHB). ORHB's Vission to see health, Productive, and Prosperous people in Oromia. 🌐 http://www.orhb.gov.et/ 📁 Government Official ✉️ 24341 Addis Ababa, Ethiopia 📞 +251113717227

👍 16👎 2 1
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa          t.me/BiirooFayyaaOromiyaa          t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
Показати все...
👍 12👏 6 5