cookie

Ми використовуємо файли cookie для покращення вашого досвіду перегляду. Натиснувши «Прийняти все», ви погоджуєтеся на використання файлів cookie.

avatar

Mahaammad Jamaal Official

Kaleessi har'aa Mitii, Hunduu ni darba

Більше
Рекламні дописи
191
Підписники
Немає даних24 години
Немає даних7 днів
-530 днів

Триває завантаження даних...

Приріст підписників

Триває завантаження даних...

Фото недоступне
Dargaggeessi Dargaggeessi abdiidhaa isa fuulduraatii Dargaggeessi wabiidhaa jijjirama biyyaatii Humni dargaggummaa humna misoomaatii Dargaggeessi kan keenya abbaa jijjiiramaatii Dargaggoon hojjatee of jijjiiruu danda'aa Dargaggeessi humna qabaa biyyaaf hin ta'u ba'aa Hojjatee of jijjiiree biyyasaa jijjiiraa Humna qabuun ni gargaaraa Orma ta'us firaa. Humni dargaggummaa kan barnootaaf ta'uu Dargaggeessaa jiruu biyyis hin beela'uu Barnootaafis ta'ee dargaggoon murteessaadhaa Diinaa biyyaa baasuufis dargaggoon cimaadha. Kanaaf yaa dargaggoo atis na hubadhuu Itti fayyadamii yeroo kee qusadhuu Bor kan si fayyadu barnootas baradhuu Dhibaa'ummaa dhiisii hojii kee hojjadhuu Hiriyyaa badaa dhiisii isa gaarii filadhuu Maal akka hojjattus karoora baafadhuu Qisaasummaas dhiisii waan argatte qusadhuu Bor akka hin gaabbineef har'uma hojjadhuu. Diinaaf harka kenninii eeggadhu biyya kee Qarshiin hin gowwoomin qarshiin si gowwomsaa Humni dargaggummaa biyyaaf gatii qabaa Hojiitti cimaatii diina kokkee qabaa. Hojjadhuu biyya keetiif waan sirraa eegamuu Yoo jabatan qofaa bu'aan kan argamuu Tokkummaan hojjattee hundaa ni dandeessaa Bakkuma hundattuu tokkummaa jabeessaa. Ilaammee dargaggoo akka naf gootanii Warri barattanus barnootaan cimtanii Hojii otuu hin tuffatin hundaa hojjattanii Bu'aa argattanus irraa qusattanii Milkaa'ina keessaniif karoora baaftanii Milkaa'uu dandeessuu otuu jabaattanii Humna dargaggummaa isa waa jijjiirus qabdanii Silaa natti tolaa otuu fayyadamtanii. Dargaggoon yoomiyyuuu biyya isaaf gaaddisaa Hubatees ni beekaa jaalala biyyasaa Diina biyya diigu callisee hin ilaaluu Tokkummaadhaan duulee bakkatti deebisaa Diina kokkee qabee hudhee gad teesisaa. Dargaggeessi keenya saayinsiis ni beekaa Har'arra dhaabbatee boriif waa akeekaa Tokkummaadhaan duulee daangaa biyyaa eegaa Hojjatee sooromaa hin jaallatu deega. Odeeffannoon fedhee jara dogongorsuu Dargaggoon haayyuudhaa wallaalaas ni gorsuu Sammuu dargaggummaas barnootaan ga'oomsuu.
Показати все...
Фото недоступне
Фото недоступне
Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Kab. Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan, Konfiraansii Dargaaggootaa 14ffaa irratti argamuun dargaggoota waliin mari’atanii jiru. Dargaggoonni sirna wareegama qaaliin ijaarratan kana tikfachuu akka qaban ibsuun, Mootummaan Naannoo Oromiyaas, diinagdeen fayyadamoo akka ta’aniif tarsiimoo dargaaggoota fayyadamaa taasisu bocee hojiirra oolchaa jira jedhan. Kanaaf, teekinooloojiifi beekumsaan of cimsuun jijjiirama kanarraa fayyadamuuf cimanii hojjechuu akka qabanis ibsaniiru. Hogganaan Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa Obbo Maatiwoos Sobbooqaa gamasaaniin Konfaransiin geggeessinu kun gurmaa’insa dargaggoota naannichaa caalaatti cimsuufi gaaffiifi yaadota isaan gama hirmaannaafi fayyadamummaan isaanii akka mirkanaa’uuf kaasan qaama karoora hojii mootummaa akka ta’uuf yaadamee kan qophaa’e ta’uus ibsaniiru.
Показати все...
Фото недоступне
Фото недоступне
Dargaggeessi Dargaggeessi abdiidhaa isa fuulduraatii Dargaggeessi wabiidhaa jijjirama biyyaatii Humni dargaggummaa humna misoomaatii Dargaggeessi kan keenya abbaa jijjiiramaatii Dargaggoon hojjatee of jijjiiruu danda'aa Dargaggeessi humna qabaa biyyaaf hin ta'u ba'aa Hojjatee of jijjiiree biyyasaa jijjiiraa Humna qabuun ni gargaaraa Orma ta'us firaa. Humni dargaggummaa kan barnootaaf ta'uu Dargaggeessaa jiruu biyyis hin beela'uu Barnootaafis ta'ee dargaggoon murteessaadhaa Diinaa biyyaa baasuufis dargaggoon cimaadha. Kanaaf yaa dargaggoo atis na hubadhuu Itti fayyadamii yeroo kee qusadhuu Bor kan si fayyadu barnootas baradhuu Dhibaa'ummaa dhiisii hojii kee hojjadhuu Hiriyyaa badaa dhiisii isa gaarii filadhuu Maal akka hojjattus karoora baafadhuu Qisaasummaas dhiisii waan argatte qusadhuu Bor akka hin gaabbineef har'uma hojjadhuu. Diinaaf harka kenninii eeggadhu biyya kee Qarshiin hin gowwoomin qarshiin si gowwomsaa Humni dargaggummaa biyyaaf gatii qabaa Hojiitti cimaatii diina kokkee qabaa. Hojjadhuu biyya keetiif waan sirraa eegamuu Yoo jabatan qofaa bu'aan kan argamuu Tokkummaan hojjattee hundaa ni dandeessaa Bakkuma hundattuu tokkummaa jabeessaa. Ilaammee dargaggoo akka naf gootanii Warri barattanus barnootaan cimtanii Hojii otuu hin tuffatin hundaa hojjattanii Bu'aa argattanus irraa qusattanii Milkaa'ina keessaniif karoora baaftanii Milkaa'uu dandeessuu otuu jabaattanii Humna dargaggummaa isa waa jijjiirus qabdanii Silaa natti tolaa otuu fayyadamtanii. Dargaggoon yoomiyyuuu biyya isaaf gaaddisaa Hubatees ni beekaa jaalala biyyasaa Diina biyya diigu callisee hin ilaaluu Tokkummaadhaan duulee bakkatti deebisaa Diina kokkee qabee hudhee gad teesisaa. Dargaggeessi keenya saayinsiis ni beekaa Har'arra dhaabbatee boriif waa akeekaa Tokkummaadhaan duulee daangaa biyyaa eegaa Hojjatee sooromaa hin jaallatu deega. Odeeffannoon fedhee jara dogongorsuu Dargaggoon haayyuudhaa wallaalaas ni gorsuu Sammuu dargaggummaas barnootaan ga'oomsuu.
Показати все...
DARGAGEESSI JIMMAA Dargaggeessi Jimmaa akkam miidhaganii Uffannaa aadaatiin hunduu faayamanii Gaafa rakkoof roorroo walbiraas hin hafanii Gaafa waa argatan wajjin gammadanii Ijaarsa biyyaatiif waliin mariyatanii Dargargeessi Jimmaa hundinuu gootumaa Jaalala biyyaa yoo ta'es ni beeku ofumaa. Dargaggoon Jimmatti tokkummaan jiraataa Gamtaadhaanis duulee lolee injifataa Misooma yoo ta'es hunduu ni hojjataa Kanaaf warri Jimmaa biyya ofii jaallataa. Aanooleen godina Jimmaa hunduu gahee qabdanii Akkuma har'a hunduu asitti argamtanii Gaafa biyya baraaruus yoom biraa haftanii Ijaarsa biyyaatifis gahee bahattanii Jijjiirama fiduuf waliin mariyattanii Abbaa biyyaa ta'uu keessaniif baga gammaddanii. Humni dargaggeessa waa baay'ee hojjataa Ijaarsa biyyaatifis gahee ofii bahataa Gamtaadhanis lolee diina injifataa Jimmatti dargaggoon gootummaan beekamaa biyya ofiif jedhees baay'ee wareegamaa. Kanaaf isin hunduu jiraadhaa yoomiyyuu Kan har'aa qofaa mitii injifadhaa boriyyuu Isin jalaa haa ka'uu diinni keessan kamiyyuu Humna isinif haa kennuu yoomillee Rabbiyyuu. Maqaa keessan hundaa tarii yoon wallaalee Rabbi isin haa eebbisuu naf ta'ee sagalee Biyya keenya Jimmaa Nagaaf qananiin dhaalee Diinni isin hin moo'atuu injifadhaa malee.
Показати все...
  • Фото недоступне
  • Фото недоступне
ODUU ISPOORTII Waancaa Awurooppaan Ingilaandii, Islooveeniyaa fi Deenmaark tapha moo'atanii darbuuf darban Waxabajjii 18, 2016 Taphoota Waancaa biyyoota Awurooppaa halkan kana taphatameen Ingilaandii,Islooveeniyaa fi Deenmaark tapha moo'atanii darbuuf darbarn Tapha marsaa xumuraa ramaddiiwwanii halkan kana biyyoota ramaddii 'C' gidduutti gaggeeffameen Ingilaand Islooveeniyaa, Deenmaark Sarbiyaa waliin galchii malee qixa xumuraniiru. Ingilaandii qabxii 5 walitti qabachuun marsaa itti aanuuf yoo dabartu, Islooveeniyaa fi Deenmaark qabxii qixaan 3n 2ffaa fi 3ffaa ta'uun marsaa itti aanutti darbaniiru. Sarbiyaan taphachirraa gaggeeffamteerti. #Oromia #Ethiopia
Показати все...
Оберіть інший тариф

На вашому тарифі доступна аналітика тільки для 5 каналів. Щоб отримати більше — оберіть інший тариф.