cookie

Ми використовуємо файли cookie для покращення вашого досвіду перегляду. Натиснувши «Прийняти все», ви погоджуєтеся на використання файлів cookie.

avatar

Ammar Ababiya - አማር አባቢያ

Kottaa kayrii woliif dhamnee Hamtuurraa wol dhorkinaa waan beeknurraas wooli qoodaa Diniittii tola oollaa "Yaada keessan nuuf dhaama hamlees nu jajjabeessaa maal jettumee yaannii keessaan Nasiihaa maal naaf dhaamtanii" ||Yaadaaf📩 @Amaar70_Bot

Більше
Рекламні дописи
7 693
Підписники
+4924 години
+3277 днів
+1 35930 днів

Триває завантаження даних...

Приріст підписників

Триває завантаження даних...

🖥#قال رسول الله صلى الله عليه وسلم "الدنيا متاع وخير متاعها المرأة الصالحة" 🕋"Duniyaan tuni Guutuunuu meeshaadha;Caalaan meeshaa isii immoo Dubartii gaariidha"... #Dubartii gaarii san Rabbi nuu haa hirukaa yaa jarana.... #JOIN&SHARE ⛱⛱⛱ @quwwatulislaam
Показати все...
👍 6 2🥰 2👏 1
" Wantoota lamaan kana yoo qabaatte  khayrii dunyaa fi akhiraa milkoofta. . . - Wanta Rabbiin jaallatu tokko yoo lubbuun kee jibbiteelle hojjachu. - wanta Rabbiin jibbuu tokko yoo lubbuun kee jaallattelle hojjachu dhisu". 📨 @Qaribanbot https://t.me/DAARU_SALAAM1
Показати все...
👍 9 3
Ibnu qayyiim akkana jedhe. . . " oso hojiin (ibaadaan) ikhlaasa male faayidaa qabdii tahe silaa Rabbiin munaafiqota hinkomatu ture". 📨 @Qaribanbot https://t.me/DAARU_SALAAM1
Показати все...
👍 11🥰 2 1
📃🖊. Gaafa Dhimma Aqiidaa teenya Wallaalle akkana taana. *|[ har'a Ganama Ustaazaa fii imaama Masjiida tokkootii Wajjiin Walitti Dhufne. Anaatu itti dhufe waan ta'eef Salaamtaan isaan gammachiisee eegaan fixe booda. " bar gaa yaa boo Pirizdaantii Iraan faatu du'ee xiyyaara keessatti gubatee" naan jedhe. Anilleen akkuma inni dubbii fixeen gammachuun" Mustaraahun minhu || isarraa haara galfatamaadhaan" jedheen. " haay aboo ati akkana hin jedhin akkamitti akkana jetta" naan jedha. Ija ittiin na laalee dhiisi! 📃🖊. Ani Mormii tana hin fedhu. Caluma je'eetiin Wajjiin deemna. An callisnaan Nama biraatu nu wajjiin ture. Isaa wajjiin haasawatti seenan. Anilleen hangamasumattiin biraa miila fuudhe kute. 📃🖊. Obboleessa akkana naan jedhu kun Nama Umriinillee Waggaa 40 oliiti Waggaa Meeqa imaama Masjiidaati Waggaa Meeqa ilmaan islaamaa Qaraasisaa jira. Namni kun Sheeikha Ustaaza!!!. 📃🖊. akkamitti Dubbiin akkanaa isarratti baati hin jedhu Qalbiin hunda keenya harka Rabbii jirtu Waan ta'eef. Rabbiin haala keenya haa tolchu. 📃🖊. Dhimma Aqiidaa Rabbiif jecha jaalachuu fii Rabbiif jecha Jibbuu (Alwalaa'u Walbaraa') Eeysa jirti laata???. 🍀. Rubba isinuma Nama poostii kana dubbisuu kheeysaawuu kan anaan akkamitti akkana jetta je'u hin dhabamu. 🍀. Ani Nama Rabbii gaditti Waan biraa gabbaru kan Jaalallootaa fii habiiboota kiyya Abu bakrii fii Umar faadhaan Ka*aفira jedhu Jiraachuu isaatti hin gammadu. Akkamittiin Du'uu isaatiif gadda????. 🪷🖊Kuni bu'aa aqiidaa teenya Wallaaluuti.
Показати все...
👍 9
۞ . ilmii Namaa kun ajaa'ibuma qaba. Kan Yeroo ✌ tuubboo fincaanii keessaan bahee dhufe of oldhiibee of tuulee boona "*.
Показати все...
👍 21👏 7💯 2
۞ ➻. Qalbii Dhiirootaa keessa Yaaddoo,Cinqii,lola,Girrisa,Mormii, ciqicciqii fii Gooha Dhalaan ba'achuu hin Dandeenyeetu jira. Kanaaf Rabbiin ﷻ Dhiira Dhokfataa godhee uume. Salaftoonni " Dhiira jechuun Dhiira Ciinqii fii yaaddoo isaa liqimseetuma lubbuu isaa keessa gad naqu kan Yaaddoo fii cinqii sun Maatii isaatti fuudhee hin galleedha". Jedhu turan. 💪✊
Показати все...
👍 14 10🥰 3👏 1
۞ ➻. Gammachuu, Dasii fii Seeqiinsa obboleessa kee kan Dargaggeessaa hin fuudhin irra naquu yoo feete; " Rabbiin ﷻ Fuudha Siif haa laaffisu,haadha Manaa Saaliha siif haa kennu" jedhiin. Yoo sitti Mul'isuu baatellee Kheeysa isaa Silaa Rabbiin si agarsiisee gammachuurra kan iftee foaaaah jette agarta.🌸💛
Показати все...
*" Hadiisa keessatti; Namni Rabbiif ﷻ jecha jaalatee,Rabbiif ﷻ jibbee,Rabbiif ﷻ jecha Kennee fii Rabbiif ﷻ Dhoorkate; iimaana Guuttate "*. Jechuutu jira. Yaa Rabbi Jaalala tee,Jaalala Nama si jaalatuu, fii Jaalala Dalagaa gara kee nu dhiheessitu hundaa nuuf kenni. Yaa Rabbi Waan jibbituu fii diddu hunda Gara keenyatti jibbamaa taasisi,irraayillee nu fageeysi. Wantoota ati jaalattu irratti Nu gargaari Yaa Rahmaanu Yaa Rahiim. 🍀۞
Показати все...
👍 11 8
Kennaa fi salaamataa Aadaa warroota dhihaa oso nutii quba hinqabaatin nutti seene  nama beeknuun malee " as wr wb" hinjeennu ykn hinduubifnu... akkasumas niitiin abbaa manaa isitiif- Abbaan manaa niti isaatiif malee  muslimni obboleessa isaa muslimaaf hennaa kennu baay'inaan hin argamu. Salaamataan fi kennaan wantoota jaalala cimseenidha. Kennaan lubbuu namaa kessa jaalala hoora. Salaamataan hariiroo muslimootaa jabeessa.  Muslima tokko karaa irratti yoo argitee salaamataa jettu malee bira hindabriin. Obbolummaa imaanaa muslimoota gidduu du'aa dhufe sana akka haaraa jiraachisa. Tokkummaa muslimoota dagaagsa. Akkasumas obboleessa kee ykn hiriyaa kee muslimaa tokkoof  haadiyyaa (kennaa) kenniifii. Dirqama kennaa guddaa fi waan qaalii tahu hinqabu. Wanuma Rabbiin sif laaffise wahii obboleessa muslimaa kee tokkof kennii. Shakki male ilaalchi sif qabu ni jijjirama..jaalalli sif qabu ni dabala.  Kana gochu keetin fuula Rabbii barbaadachu kee lubbuu kee yaadachisu hin dagatiin. Hojiin kamtu niyyaa male fudhatama waan hinqabneef. Sunnaa nabii Rabbii ﷺ dagatamaa dhufe kana haa jiraachifnu... قَالَ : قَالَ رَسُولُ اللَّهِ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ : " لَا تَدْخُلُونَ الْجَنَّةَ حَتَّى تُؤْمِنُوا، وَلَا تُؤْمِنُوا حَتَّى تَحَابُّوا، أَوَلَا أَدُلُّكُمْ عَلَى شَيْءٍ إِذَا فَعَلْتُمُوهُ تَحَابَبْتُمْ ؟ أَفْشُوا السَّلَامَ بَيْنَكُمْ ". " haga amantanitti jannata hin seentan, haga wal jaallattanitti hin amantan, sila isin dheeru gocha wahiitti yoo isa gootan wal jaallattan? Salaamataa gidduu kessanitti facaasaa (baay'isaa)". 📨 @Qaribanbot https://t.me/DAARU_SALAAM1
Показати все...
👍 8🥰 3
Sunnaa! Ilaalchi sunnaa nabii Rabbiitif qabnu kun baay'ee nama dhiiba. Ibaadaawwan waajiba tahan alatti jiran sunnaadha jenne yaadurraan kan ka'e  sunnaawwan kan akka... - siwaaka - salaatawwan kudha lamaan salaata waajibaa booda jiran - layli salaatu - kophee mirgaan ka'atanii bitaadhaan baafachu - quba sadiin nyaachu.. ta'anii dhugu fi sunnaawwan lakka'amanii hindhumne kkf itti dhiimmamne hin hojjannu ykn daganne jirra. Wantii tokko sunaadha male waajibaa miti jechu waan dhageenyeef qofa... wanta saniif xiyyeeffannoo akka itti hin keennine nu godha. Nama bishaan dhaabate dhugu tokko argitee.. ta'anii dhugun sunnaa nabii Rabbiiti ﷺ taa'iiti dhugii yoo jetteen... "sunnaadha miti? Yoo hojjachu baadhes badiin waan narratti hin katabamneef rakkoo hinqabu!" jedhe. Jaalala isaaniif qabnu maaliin mul'ifna? jannata kessa  isaanii waliin ollaa tahu hawwiina garu sunnaa isaanii daganne akkamitti waan hawwiine arganna? sahaabonni wanta tokko sunnaadha nabiin Rabbii ﷺ gocha kana raawwataniiru yoo jedhaman gocha sana akka waan waajiba isaanirratti tahe wahii hennaa hojjatan argita. Kana jaalalli dhugaa! Akkanatti jaalalli fi isaan jala deemun kan ibsamu. Gocha tokko sunnaa tahu isaa beekte sunnaa tahu isaatiif qofa kan irraa baqattu tahe lubbuu keetif nifaaqummaa sodaadhu. Haguma dandeessen sunnaa jabeeffadhu qabi.   Nutis wantii tokko sunnaa tahu yoo beenne jabeeffannee qabuutu nurra jira. faana isaanii hordofu qabna. Akkuma Rabbiin kenya jedheetti...   ﴿لَّقَدْ كَانَ لَكُمْ فِى رَسُولِ ٱللهِ أُسْوَةٌ حَسَنَةٌۭ لِّمَن كَانَ يَرْجُوا۟ ٱللهَ وَٱلْيَوْمَ ٱلْـَٔاخِرَ وَذَكَرَ ٱللهَ كَثِيرًۭا﴾ Dhugumatti, ergamaa Rabbii keessatti nama Rabbiifi Guyyaa Aakhiraa sodaatee Rabbiin baay’inaan yaadatuuf hidhannaa gaariitu jira 📥 @Qaribanbot https://t.me/DAARU_SALAAM1
Показати все...
👍 5 2👎 1🥰 1