cookie

Ми використовуємо файли cookie для покращення вашого досвіду перегляду. Натиснувши «Прийняти все», ви погоджуєтеся на використання файлів cookie.

avatar

BURQAA JALAALA ❤

Waa'ee jalaala wal qabaatu argaachuu barbaadaan yoo ta'ee channel kanati makama

Більше
Рекламні дописи
992
Підписники
+324 години
+57 днів
+6930 днів

Триває завантаження даних...

Приріст підписників

Триває завантаження даних...

☆☆😍Siqofa😍☆☆ Maal jedheen siittimaa Jaalalan siif qabuu? Kolfakeetu naquubsaam Yoon bules hagabuu Taphakeefii kolfakee Dhokadheen sidaawwadhaa Dhukkubaaf du'a jelaa Eessuman sikaawwadhaa? Ati naaf filatamtuu Bohaarsituu waahundaa Inaaftuu jaalala keenyaa Kolfuma keetiin gubdaa Siqofa jaalalleenkoo Kanan filee argadhee Jaalallikee naafgamnaan Rabbiin taa'ee kadhadhee Ati naaf kennaa kooti Sihargachuun badhaasaa Jaalala kootiif kankee Du'atu addaan nubaasaa. SHARE https://t.me/burqaajalaala
Показати все...
👍 1 1
Dugda koof ribuu koo Lafee koof qaamadhaa... Ija kootu simalee Hin argu jaamaadhaa... _ Arraba keen dubbadheen Funyaan keetiin suufaa... Afaan keetiin nyaadheen Garaa keetiinan quufaa... _ Nyaata kootu si'ii Laqanaaf cireenii Jireenya kootu si'ii Bultoo koof hireenii _ Siin hamuummadheen Jaalala keen beela'aa... Gufuuf gufaata malee Dhaba keen eela'aa... _ Ati anaaf jireenyaa Naa taatee jiruukoo Qaamakoo hundumaa Onneedhaaf tiruukoo! 👇👇👇👇👇👇👇👇👇 👉🅖🅐🅛🅐🅣🅞🅞🅜🅐👈 👆👆👆👆👆👆👆👆👆      https://t.me/burqaajalaala               SHARE               SHARE https://t.me/burqaajalaala
Показати все...
🔥JAALALAA FI KADHAA😥 Jaalalli dhugaa kan madduu onnee qulqulluu irraa yoo ta'u sababa tokko malee kan nama jaalataniidha shamarran tokko tokko biratti immoo kadhaafi abdi kutannaan baayatee gaafa irra dedeebiidhaan gaafii jaalalaa itti baayiftu nama sana akka gabricha isheetti ilaalti, inumaayyuu irra darbee na dhiisee eessayyuu hin deemu jettee ijaaf qalbii ishee karaafi kallattii hedduu irra facaasaa oolti, dhugaadha namni dhugaan jaalate nama sana irraa gargar bahuun itti ulfaata, gaafa tuffiin isaa daangaa darbe immoo dhalachuu nama sanaayyuu dagata, onneen jaalatte yeroo booda madda jibbaa taatee nama san ijaan arguunuu sitti ulfaata, akka si jaalatee ture miti akka guyyaa tokkofiyyuu ija isaan si argee hin beekneetti yaada, namni jaalataan nama cimaadha onneen isaa jibba eegallaan jireenya isaa keessatti dogogorri guddaan inni dalage yoo jiraate nama isa hin jaalanneef yeroo isaa gubuutti gaabbii quba nyaata, akka orma jaalachuuf jecha of jibbe isaaf gala of jaalachuu eegala ija nama sanaa miti oduu nama sanaa dhagahuu jibba, jaalalli aarsaa hedduun nama kafalchiisa garuu immoo gaafa hin milkoofne abdii kutatte maaf jaaladhe jettee ofii keetti aarta, gaafa aarte goota taata, gaafa goota taate ofii keef jiraata, nama si hin jaalanne jaalachuu jechuun gingilchatti bishaan woraabuudha, bu'a ati argattu yoo jiraate gatii dadhabbii keetii qofa, kan gaafii jaalalaa dhiheessiteefii sitti qoose si hin jaalatu jechuudha malee hiika biraa hin qabu, si hin jaalatu jechuun immoo namni sun sii ol ta'ee osoo hin taane onnee keettu sii ol ta'ee ajaja keetiin ala bahe, onnee kee tasgabeesuudha malee nama sana irra dedeebiidhan akkuma gaafii jaalalaa dhiheessituun ofii kee irratti boonsaa deemta, kan ati barbaade si dide jechuun immoo isheen sun hireefi hiriyyaa kee miti jechuudha, qoodni kee qooduma keeti, kan jaalattu dhabde malee kan si jaalatu heddutu jira worra si jaalatan keessas namni amala gaarii akka ati barbaaduu qabu ni jira carraa kenniifii itti dhihaadhuu ilaali, hireen hiriyyaadha hiriyyaan kennaadha, kennaa bareeda hiriyyaa har'a hiree borii nu hundaaf rabbi haa kennu 💫┗━━━  ━━💞━━  ━━━┛💫                    SHARE               SHARE @Jireenya_
Показати все...
❤️ERGAAWWAN JAALALAA❤️ 👉Uffata(wayyaa) kee caalaa onneen kee akka hin xuroofne of eeggannoon qabi. 👉Akkuma uffata kee dhukkee fi balfa irraa eegdu onnee keetiis hammeenya, shira, jibba, hammina, tuffii fi hinaaffaa irraa eegi. 👉Akkuma uffanni yeroo xuraa'u foolii fi bifti isaa jijjiiramu, onneeniis yeroo wantoota kanaan faalamtu fooliin ishee baayyee jijjiirama. 👉Onneen wantoota kanaan faalamtee xuroofte farra jaalalaati.!! 👍Wanti nama bareechuu(miidhagsu) bareedina fuullaa ykn uffataa osoo hin taane amala, eenyummaa fi maalummaa keessoo isaati.!!! 👍Osoo keessoon kee dukkanaan golgamee, onneen kee hammeenyaan dhifamee jiruu gubbaan kee bareedina fedhe qabaatuus, uffata hariiraa akkam bareeduu fi gatiin isaa qaalii uffattee burtukaana fakkaattuus, ati burtukaana keessi urtoo(raammoo)ti.!! 👍Namni jaalalaaf si kajeelu hin jiru. 👍Bareedina nama tokkoo gubbumarra laaltee jaalalaan irraa qabamuu dandeessa. Garuu hubadhu! Kan jiraattu haalaaf amala nama sanii waliin malee bareedina fuula isaa/ishee waliin miti. 👍Bareedinaaf yoo ta'e "hiddiin ala bultee, okkoteen immoo mana bulte" kan jedhan sana yoomillee yaadadhu. 👍Miidhaginni bifaa jaalala ijaatiif ka'uumsa ta'uu mala. Garuu bareeddinni fuulaa wabii jaalala dhugaatii fi bultiif wabii ta'uu hin danda'u. Kanumaaf ta'inna laata warri keenya kan "Bareedina dhiqanii hin dhugan" jedhaniif"!! Horaa bulaa deebanaa!! 👇👇👇👇👇👇👇👇👇 👉🅖🅐🅛🅐🅣🅞🅞🅜🅐👈 👆👆👆👆👆👆👆👆👆     👍Yoo Sitti Tole Like fi share gochu hin dagatin!               SHARE               SHARE @Jireenya_jaalalaa ©🌹         🌹🌹🅹🅾🅸🅽🌹🌹         🌹🌹🅹🅾🅸🅽🌹🌹 @Jireenya_jaalalaa ©🌹 @
Показати все...
gaafa milkaa'uu jalqabde wantoota kanneen hin dagatin. 🌹🥀🍁 A. Ka’umsaa Fi Bakka irraa kaate. B. Aarsa namoonni biroo asiin sigahuuf kafalan. C. As gahuudhaaf xaarii ykn ifaajee dabarsite. D. Galata galfachuu. E. Wanti argatte hundi gatiin Kan itti kafalame ta’uu. F. Eenyummaan kee waan Ati qabdu caala guddaa Akka ta’e. G. Namoota Haqa sirraa qabaniif, Haqa isaanii kafaluu. H. Bakki Ati jirtu, wanti Qabduu Fi Atis harka Rabbii Jiraachuu.         https://t.me/burqaajalaala
Показати все...

Hanga Futee hin dhuunfatinitti filannaa keessa jirta, tarii dhumarratti taphaa Ala tahuu malta, 100 irraa 100tti itti of gad hin dhiisin, gubbaaniis cheat hin godhin. Wanti hundarra si bira qaalii sammuu tee haa tahuu. Eeggadhu🧠 Dhala Tap Tap😅 ❤️ https://t.me/burqaajalaala
Показати все...
Kan aalbee jaalalaan Onnee kiyya hirtu Dunbusheen intalaa Eessa bakki jirtu? Haati jecha dammaa Malaalchiftuun biyyaa Isheen suuta saaqxee Seente onnee kiyyaa Dheertuun morma lawwee Qal'oon mudhii sonsaa Dhibee jaalalaa koof Kan naaf taatu qorsa Ishee simboon addaa Beektuu aadaaf duudhaa Teessooshee natt-himaa Jaarsa ergeen fuudha.
Показати все...
"Ogummaan karaa sirrii ati irraa deemtu si agarsiisa. Ejjennoo amanamaa qabaachuun kee garuu garaa lafaa deemtutti si geessa" ❤️❤️https://t.me/burqaajalaala
Показати все...
🤷‍♀ 1
Abjuu kee dhugoomsuuf "C" afuur hordoofi 1. Kaka'umsa onneerraa madee (Curiosity) 2. Cimina keessoo/Jajjabina (Courage) 3. Dandeettii walitti fufiinsaa hojjechuu (Consistency) 4. Ofitti amanamummaa qabaachuu (Confidence)
Показати все...
👍 1
⏮ ▶️ ⏭ Boqonnaa2⃣ Agartee kaarotichi jalqabaa jabaa ture, garuu adeemsi bilcheessuu keessa darbee lallaafaa ta'e, jabinni duraan ture amma hin jiruu. Laafee jira, dadhabee jiraa, kana booda humna hin qabuu. Amma hanqaaquu haa ilaallu. Dura dhanga'aa, faca'aa ture. Amma garuu jabaatee jira. Humnaan guutameera. Keessi isaa jabinaan guutamee jira. Adeemsa keessa darbe irraan kan ka'ee keessi isaa jabaatee jira. Bunichas argite? Daakuun buna bishaan hundaa gara ofitti jijjiiree jira. Urgaa naannoo sanaa gara urgaa gaarii ofii isaatti jijjiiree jira. Urgaan bunaa namootatti ni tolaa. Argitee hundi keenyaa haala wal-fakkaatuun dhiphinaafi rakkina keessaa yeroo dabaruu tokko tokkoon keenyaa akka kaarorichaati. Jabina keessa keenyaa jiru tasumaa ni dhabna. Ni burjaajofna jireenyi keenyas mudhkaa'aa ta'a. Bayyeen keenyaa ammoo akka hanqaaqichaa taana, keessi keenyaa ni jabaata. Kan itti gaafatamummaaf qophaa'oo taana. Rakkoo nu mudaatuuf keessa keenyaa qofa jabeessina. Ofii dhumaa keenyaa cufamaa taana. Gaarii keenyaa akka bunaa. Rakkoolee keenyaa guutumaan guutuuti gara kallatti barbaannuutti jijjiiraa...Akkuma bunichi bishaanicha jijjiire jechuudha.Gara waan gaariifi waan faayidaa qabuutti jijjiiraa. sana booda darbinee foolii naannoo jijjiirra. Nuti warra kaaniif furmaata taana. Fakkenyaa gaariis ni taana. Gorsi ani siif kennu, rakkoon har'aa si mudate, kan barattoota waliin baraattu mudatee ala miti. Garuu ati laaftee jirta. Warra kaanis ni dadhabsiista. Akka hanqaaaquufi buna sanaa ta'uu qabdu. Ka'umsa rakkinichaa gara waan gaariitti jijjiruu, haala naannoo jijjiiruu, namootaaf furmaata ta'uu jireenyaa fakkeenyummaa qabu jiraachuu, namoota daddammsqsuufi jajjabeessuu, akka hanqaaqicha itti gaafatamummaa itti aanuuf keessaakee jabeessuufi ofi qopheessuutu si irraa eegama. Waant ta'uufi waan hintaaneefi abdi hin kutaatin, hin boo'in, namoota hin rakkisini.Namoonni isheen jeeqamtuu, boossuufi yaaddoftuun sun dhuftee jedhanii maqaa akka siif kennan hin eyyamini. Kunoo isheen ogeettin dhufte, barsiistuu, kuttuu, nama jijjiiramaa, cimtuu, dubartii fakkeenyummaa qabdu, cimtuu, jabduu, kan carraaqxu, nama hojjii nama furmaata siin jechuu qabuu jedhee gorse seenaa kana irraa waan hedduu akka bartaan abdi qabaa ❤️❤️https://t.me/burqaajalaala
Показати все...
🥰 1
Оберіть інший тариф

На вашому тарифі доступна аналітика тільки для 5 каналів. Щоб отримати більше — оберіть інший тариф.