cookie

Ми використовуємо файли cookie для покращення вашого досвіду перегляду. Натиснувши «Прийняти все», ви погоджуєтеся на використання файлів cookie.

avatar

✎ Ⓐɓďűł-äzįz Fēęşŝâľ 💬

🌐 Namni waan danda'uun nama gargaaru doqna hin jedhamu 😇Vision(Mul'ata)ᴍᴀʟᴀ ᴊɪʀᴇᴇɴʏᴀᴀғ(Nageenya keessoo)

Більше
Рекламні дописи
18 016
Підписники
+4624 години
+1897 днів
+55030 днів

Триває завантаження даних...

Приріст підписників

Триває завантаження даних...

Nama addaa tahuudhaaf yoo onnatte, ጥቃትdhaaf/miidhamaaf uf qopheessuu qabda. Nama addaa tahuun gatii guddaa akka nama gaafatu dursitee beekuun waajiba.
Показати все...
👍 6
✍ Ani namoota dogongoran caala, kan dogongora isaa sirreessuuf jecha isa dogongore caala dogongorantu na ajaa'ibe...!
Показати все...
👍 9
DOGOGGORTEE JIRTA❗ 🔺Namni tokko si dhiise yoo deeme nama sana malee jiraachuu akka waan hin dandeenyetti yaadda yoo ta'e... Dogoggortee jirta!!! 🔺Sababa namni tokko si miidhe qofaaf, namni hundi na miidhuu danda’a jettee sodaatta yoo ta'e. . . Dogoggortee jirta!!! 🔺Wanti tokko ykn lama waan si jalaa fashalaa’eef qofa akka waan hin milkoofnetti fi carraa hin qabneetti yoo of ilaalte. . . Dogoggortee jirta!!! 🔺Qormaata waan kufteef qofa ani nama waa'ee hin baafne, kufaadha... kan jedhu sitti dhagahama yoo ta'e . . . Dogoggortee jirta!!! 🔺 Namni tokko ykn haalli tokko tokko waan si dhaabeef qofa gara fuulduraatti tarkaanfachuu akka hin dandeenye sitti dhagahama yoo ta'e . . . Dogoggortee jirta!!! ✍️Jireenyi Uumaan siif kenne:- 👉bu'aa bahii guyyaa guyyaa keetin oliidha 👉Waan namoonni sirratti hojjetan, sitti yaadanii fi sitti haasa'an Oliidha 👉Waan ati qabduu fi waan ati hin qabne oliidha 👉Milkaa'uu fi milkaa'uu dhabuu kee oliidha... ✍️ Jireenyi kee wantoota jijjiirramu, namootaa fi haalota jijjiiramaa irratti kan hundaa'u yoo ta'e dogoggora hunda caalaa dogoggora guddaa akka hojjette hin dagatin. ✈️telegram👇 ✅️ @Abdulaziz_FeesalOfficial Join 👆
Показати все...
👍 2
Hayyoonni maal jedhan! ➖➖➖➖➖➖➖➖➖ 📌 "Hireen dhimma carraa osoo hin taane, dhimma filannooti."                (Wiiliyam Jeenings Biraayiin) 📌 "Namoonni milkaa'uu barbaadu, garuu namoota milkaa'an ni jibbu."                 (Kaarota Gubbaa) . 📌 "Waanti hin dandaa'amne hin jiru addunyaan mataa ishee an nan dandaa'ama jetti"      (Audrey Hepbum) 📌 "Amaantin kee dhugaa kee Uuma"       (William James) 📌 "Galma kee fageessi ka'i haga bira gessuutti hin dhabbaatin."      (Bo Jackson) 📌 "Egeree kee tilmaamuuf karaan hundarra caalu  eegeree kee uumuudha."                 (Alen Keey) 📌 "Milkaa'inni kan dhufu warra yeroo isaanii harka caalu waan barbaadan irratti dabarsaniidha."                 (Heenrii Deevid) 📌 "Warra guddaa kufuuf ija jabaatan qofatu milkaa'ina guddaa argachuu danda'a."                 (Roobert F. Keeneedii) 📌 "Warri jajjaboon kufanii ka'an, warri dadhabaan garuu gadi hafu."                  (Toomaas Woolfii) 📌 "Mo'achuuf osoo namni biraa sitti hin amanne ofitti amanuu qabda."                  (Sukkaara Reey Roobinsan) 📌 "Karoora jireenyaa mataa keetii yoo hin tolchine karoora namoota biroo keessa jiraachuun siif hiree ta'a."                   (Jim Roon) jedhamu. 📌 "Foormulaa milkaa'ina siif kennuu hin danda'u. Garuu foormulaa kufaatii siif kennuu nan danda'a. Sun nama hunda gammachiisuuf yaaluudha."                 (Haarbart Swoop) 📌 "Sooressa ta'uuf maallaqa argachuu qofa osoo hin taane, maallaqa qabdu akkamitti akka qusattu beekuu qabda."                 (Beeniyaamin Firaankiliin) 📌 "Jireenya salphaa ta'eef hin kadhatin. Haa ta'u malee, jireenya ulfaataa kana fudhachuuf humna qabaachuuf cimsitee kadhadhu."        (Bruusii Lii) Yeroo Gaarii‼️ ✈️telegram👇 ✅️ @Abdulaziz_FeesalOfficial Join 👆
Показати все...
👍 1
NAMOONNI AKKA SI KABAJANIIF ATI DURSII OF KABAJI❗️ ◾️Namoota si barbaadne atis barbaadu dhaabi! ◾️Hamma barbaachisuu ol hin dubbatin! ◾️Namoota si xiqqeessanii fi bakka siif hin qabne ariifadhuu jireenya kee keessaa baasi! ◾️Dubbachuu keen dursii itti yaadi! Sababni isaa namoonni wanta dubbattu ilaalanii bilchina kee murteessu. ◾️Akka sirraa bareedutti uffadhu, qulqullina kees eeggadhu! ◾️Wanta hojjettu hundumaa xiyyeeffannoodhaan hojjedhu. ◾️Namoota biraa waliin dorgommii dhaabi! Ofii kee waliin dorgommii jalqabi. ◾️Hamii fi soba irraa fagaadhu, waadaa keef amanamaa ta’i. ✈️telegram👇            ✅️ @Abdulaziz_FeesalOfficial        Join   👆
Показати все...
Obsikoo Naafuu Raajiidha !
Показати все...
1
𝗦𝗔𝗠𝗠𝗨𝗨𝗡 𝗖𝗜𝗠𝗔𝗔 𝗧𝗔'𝗨𝗙 ☛Yeroo kophaa kee jirtu hin sodaatin. ☛Waan darbe irratti hin xiyyeeffatin. ☛Addunyaan liqii sitti hin dhaga'amin. ☛Bu'aa hatattamaa hin eegin. ☛Balaa shallagame fudhachuu hin sodaatin. ☛Kufaatii jalqabaa booda abdii hin kutatin. ☛Itti gaafatamummaa irraattii hin qaanfatiin. ☛Nama hunda gammachiisuuf hin yaadda'in. ☛Milkaa'ina namoota birootti hin aarin. ☛Namoonni kaan miira kee irratti dhiibbaa akka geessisan hin godhin ☛Yeroo kee ofitti gaddun hin gubin. ☛Wantoota to'achuu hin dandeenye irratti humna kee hin qisaasessin. ✈️telegram👇 ✅️ @Abdulaziz_FeesalOfficial Join 👆
Показати все...
👍 3
Yeroo hundumaa naannoo jireenyaaf siif miijatu osoo hin taane, naannoo milkaa'inaaf siif miijatu jiraadhu! ✈️telegram👇 ✅️ @Abdulaziz_FeesalOfficial Join 👆
Показати все...
👍 19🫡 5🥰 2
''Nuti nama hundaa caalaa ofii keenya osoo jaallannuu,yaada ofii keenyaa caalaa garuu kan namootaaf bakka laachuun keenya na ajaa'ibuu hin dhiisu'' #Marcus_Aurelius
Показати все...
👍 9 2
Фото недоступнеДивитись в Telegram
Saffisa addunyaan tuni ittiin jijijjiiramaa jirtu yoo xiinxallee ilaalle hirriiba dhiifnee boqonnaa tokko malee halkaniif guyyaa oliif gadi fiignee hojjachuu akka qabnutu natti mul'ata!
Показати все...
👍 25 4