cookie

Ми використовуємо файли cookie для покращення вашого досвіду перегляду. Натиснувши «Прийняти все», ви погоджуєтеся на використання файлів cookie.

avatar

SUUBII Official Channel

As irratti Wantoota 'social media' irra deddeebi'an isiniin geenya!🖤❤🤍

Більше
Рекламні дописи
312
Підписники
Немає даних24 години
Немає даних7 днів
Немає даних30 днів

Триває завантаження даних...

Приріст підписників

Триває завантаження даних...

Показати все...
Baay’ee nama dhukkuba! Garaagarummaa siyaasaa kamuu yoo qabaate wanti amma Oromoorra gahaa jiru Oromoo kamuu dhukkubsuu qaba. Waggoottan dabre kana warri kaabaa miidiyaa irratti duula walirraa hin cinne godhaa ture. Amma kunoo gochaan argine. Gocha bineensiyyuu nama irratti hin raawwanne. Kuni hatattamaan fala hin argatu taanaan baalaan as deemaa jiru tilmaamuuf nama suukaneessa.
Показати все...
Показати все...
Log in or sign up to view

See posts, photos and more on Facebook.

Фото недоступнеДивитись в Telegram
KUTAA 594 AMANTAA RAASTAFARI ••• Rastafari/Ras Tafari jedhamee kan qubeeffamu sochii amantii fi siyaasaa, bara 1930moota keessa Jaamaayikaatti kan hundeeffame yoo ta’u, iccitii fi dammaqiina amantii fi siyaasa Afrikaa guutuu walitti fidu jedhamuudhaan beekama. Amantaan Rastafarii Jaamaayikaatti kan eegale bara 1930moota keessa erga Hayilasillaasee 1ffaa mootiin Habashaa gara Jaamaayikaa deemee booda. Kanas bokkaan yeroo dheeraaf biyyichaa bade Haayilasillaaseen biyyicha seennaan roobe jechuun waan yaadaniif. Hordoftoonni Rastafari (Raastonni) Haayila Sillaaseen Kristoos lammaffaa isa gurraacha Afrikaa furuuf ergame jedhanii amanu. Kanaaf gatii Kristoosiif malu hunda dabarsanii Rastafariif kennu. Raastoonni, jechuun miseensonni sochii kanaa kan darbe, kan ammaa fi egeree isaanii haala adda ta’een ilaalu.
Показати все...
Fiilmiin seena galmeessaa jireenyaa fi hambaa Haacaaluu Hundeessaa irratti xiyyeeffate “Spear Through The Heart” jedhamu Ji’aa Saddasaa kana biyyoota Awurooppaa garaagaraa keessatti daawwatameeraa. Qophessa fiilmii seena galmeessaa kana Dr Awol Qaasim, Haatdha waraa arttist Haacaaluu Aaddee Faantu Demessew fi hirmaattota saganticaa dubbisne.
Показати все...
Dr Nafyad Getu Adeeroo Baga gammadde . Hawaasa keenyaaf kun oduu gammachiisaadha! Namoonni biyya keessaaf alatti wal’aansaafi gorsa Fayyaa barbaaddan kana booda waan tokko hin rakkattan. Ilmi keessaan Ilmi Obbo Geetuu Furmaata isiniif qabatee dhufeera. Kana booda Simaabelewun osoo hin taane Afaan keessaniin gorsaa fi yaala fayyaa argattu! Dhaqaa Ogeessa Keessan marisiisaa Teessoon: Magaalaa Finfinnee, Meskel Flower , Hoteela Internaashinaalaa Nazraa fuuldura! Lakkoofsa bilbilaa 09 09 10 20 09 Dr Nafyad Office Clinic and Medical Consultation
Показати все...
RYuunivarsiitiin Finfinnee Muummee Barnoota Bulchiinsa Gabaatiin ykn 'Marketing Management' sagantaa digrii sadeessoo (PhD) eegaluu beeksise. Yuunivarsitiin Finfinnee kan yayyabamte bara 1950 yoo tahu, kampaasii 13 ol kan of keessaa qabudha. Yuunivarsiitiin Finfinnee barnoota digrii lammeessoo 'MA' barsiisuu kan jalqabe bara 1979 yoo tahu, sagantaa barnoota digrii sadeessoo immo bara 1987 akka eegale himama. Fedhii lammiilee gama barnootan guutuu irratti cimee hojjeta kan jiru Yuunivarsiitiin Finfinnee, barnoota sagantaa digrii sadeessoo Bulchiinsa Gabaa ykn 'Marketing Management' jalqabuuf qophii xumuruu beeksiseera. Sagantaan kun bara 2018, waggaa 4 dura jalqabamuuf karoorfamee turuun harkifatuus, bara 2023 akka jalqabamu ifoomeera. Qorannoo godhameen har'a hojii kana milkeessine jira jedhan qoratoonni sagantichaa. Muuxannoo Yuunivarsitiwwan gara  20 tahan irraa walitti qabameen, barnoonni bulchiinsa gabaa kun digrii sadeessoon barsiifamuun guddoo barbaachisa kan jedhan Dr. Geetee Andualam Yuunivarsitii Finfinnetti barsiisaa damee bulchiinsa gabaati. Fedhiin gabaayaan jiraachuu, ajandaa biyyaa tahe bakka argamee fi  lammiileetti hamilee hojii keessatti horuuf, barnoonni kun galtee guddaadha kan jedhan ammoo Dr. Andinnat Warquu Yuunivarsiitii Finfinneetti barsiisaafi qindeessaa sagantichaati. Barnoota gabaa kanaan hanga ammatti sagantaa digrii lammeessoo lama qofa ture, qaawwa kan cufuuf kaane jedhan. Barnoonni bulchiinsa gabaa fedhii lammiilee gama diinagdee gabaatiin guddisuuf gahee gudda qaba jedhan. Barnoonnii digrii sadeessoo kun dubbii qabatamaan baratan hojii irraa oolchutti waan xiyyeefatuuf waan kana hojii irraa oolchuun fala jedhan.
Показати все...
@GadisaOromoo Dhaabbanni Itiyoo Telekoom tajaajila haaraa Wiirtuu (contact center) jedhamu gola hambaa saayinsii magaala Fifinneetti argamuun bakka miidiyaaleen argamanitti maamiltootaaf guyyaa hara'aa ifoomsee jira. Wiirtuun Kun kanaan dura qeeqa fi komii maamiltootaa irratti xiyyeffatee hojjachaa turee jira.Haata'u malee fedhii maamiltootaa dhugoomsuuf jecha maamiltoonni Wiirtuu tajaajila haaraa kana fayyadamuun Oomishaa fi oomishtummaa isaanii miidiyaa hawaasaa hunda Al tokkotti fayyadamuun beeksifachuu ni danda'u jechuun hoji gaggeessituun dhaabbata Itiyoo Telekoom Adde Firehiwot Taammiruu himaniiru!
Показати все...
Watch "GALANNI [Luba Tasfaalem Yaadataa/WKWWMY-Najjoo]" on YouTube https://youtu.be/u6_esATf1r4
Показати все...
GALANNI [Luba Tasfaalem Yaadataa/WKWWMY-Najjoo]

#faarfannaa_afaan_oromoo #oromogospelsong #wakjiratube #egereemedia #qaalii_entertainment #vision_entertainment #omn #sibuu_multimedia #moa_tv #obs #fibtv

#Taateen_Qormaanni_kutaa_12ffaa_Marsaa_Tokkoffaa_Hojjatee_Darbe. Yeroo jalqabaaf qormaanni Biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2015 Mooraa Yuunivarsitiitti kennameera. Yuunivarsitii Dirree Dhawaa, Dabiramaariqoos,Amboo,Bulee Horaa, Wallaggaa, Gaambeellaa, Wachaamoo, Madda Walaabuu, Mizaan Teeppii, Jigjigaa, Jiinkaa, Haramaayaa,Booranaa, Odaa Bultum, Salaaleefi Waldayaatti barattoonni dubartoota qormaata kutaa 12ffaa fudhachuuf ramadaman daa'imman nagaan da'an. Daa'imman Dhalatan keessaa daa'imman 20'tti siqan saalli isaanii dubara. Haadholiin hunduu nagaan kan da'an yemmuu ta'u, daa'imman dhalatan keessaa lubbuun daa'ima tokkoo kan Yuunivarsitii Haramaayaatti dhalatee darbuu maddeen Odeeffate. Yuunivarsitiin Booranaas daa'imman Yuunivarsitichatti dhalataniif carraa barnootaa kennuu perizdaantiichaa Yuunivarsiticha ibse. Barattoota qormaataaf deemanii Yuunivarsiitii keessatti dahan, bara dhufu akka barattoota idileetti akka qoramaniif carraan akka kennamuuf ibsamuuf Ministeerri Barnootaa ibse. Fulbaana 30 bara 2015 Yuunivarsitii Hawaasaattii barattoonni kutaa 12ffaa  Osoo Riqicha Yuunivarsitii lamaan walqunnamsiisu qaxxamuranii riqichi cituun miidhaa irra ga'een barattoonni 2 battalumaan yeroo du'an, barattoota 258 mana yaalaatti yaalamaa turan keessa barataa 1 lubbuunsaa guyyaa har'aa dabrteetti. Kanumaan walqabachuun barattoonni miidhaan irra ga'e qormaata marsaa itti aanuuf akka qoraman ministeerri barnootaa ibseera. Maanguddoon Umrii waggaa 85 Obbo baafaa Baagaajaa, Yuunivarsiitii Walaayittaa Sooddootti, Maanguddiittiin Umrii 75 Aadde Abune Wandee Yuunivarsitii Dabiramaariqoositti, Maanguddoon Umrii 58 Obbo Dasee Dafroo Yuunivarsitii Dabirataabooritti,Manguddoo Fiqaaduu Gabbisaa Yuunivarsiitii Wallaggaatti qormaata Biyyoolessaa Kutaa 2ffaa fudhataniiru. Manguddoon lama Obbo Yuunivarsitii Wallaggatti Intala isaanii wajjinfi Obbo Abarra Booruu Manguddoon Umrii 65 Yuunivarsitii Diillaatti ilma isaanii wajjin qormaata Biyyoolessaa kutaa 12ffa fudhataniiru. Barataa Qaama Miidhamaa Muusaa kan of danda’ee deemuu hin dandeenye, Yuunivarsitiin Madda Walaabuu Wiilcharii kennuufiin akka socha’u danda’u taasiseera. Barattuun Ajaa’ibaa Yaasiin Shikur miidhamtuu qaamaa yoo taatu, qormaata Biyyaalessaa kutaa 12ffaa lukasheetiin hojjechuun fakkeenya taateetti. Lixa Goojjaam irraa Barattoota Qormaata kutaa 12ffaa fudhachuuf gara Yuunvarsiitii imalaa turan irra balaa konkolaataa qaqqabeen miidhaan qaamaa salphaan barattoota 5 irra qaqqabe. Aanaa Shanan Dhuuggoo irraa Barattoota Qormaata kutaa 12ffaa fudhachuuf gara Yuunvarsiitii imalaa turan irra balaa konkolaataa hamaan qaqqabee ture. Godina Jimmaa Aanaa Sigimoo irraa barattoota kutaa 12ffaa qormaata fudhachuuf gara Yuunivarsitii Jimmaa imalaa turaniin Konkolaataan Garagaluun barattoonni hunduu osoo homaayyuu hin ta'in hafaniiru. Barattoota Qormaata Xumuranii Yuunivarsiitii Dirree Dhawaa irraa gara Maatii isaaniitti Deebi'a jiranuun, Konkolaataan Garagaluun Lubbuun Barataa tokkoo ba'uufi Namoonni baay'een miidhaman. Yuunivarsitii Jigjigaatti hokkorri uumamuun hokkora sana tasgabbeessuuf qaamni nageenyaa gaazii imimmaanii fayyadamuun isaanii odeeffanneerra. Ministeerri barnootaa ibsa kenneen barattootaa qormaataa fudhatu jedhamaanii eegaman kuma 595 keessaa, barattoonni kuma 586 fi 541 qormaaticha fudhachuu ibseera. Wayita qormaatichi eegaletti Yuunivarsiitii Hawaasaatti balaa mudatee fi Yuunivarsiitiiwwan Maqdalaa Ambaa, Dabira Maariqoos, Baahirdaar fi Dabirataabooritti sirnaa barnootaa haala faallesseen “Hinqoramnu” jechuun barattoonni kuma12 fi 787 mooraa gadi lakkisanii ba’uu beeksiseera. Addatti yuunivarsiitiin Dabirataabooritti hookkara mudateen lubbuun barataa tokkoo yoo darbu, qaamolee nageenyaarras miidhaan qaqqabuu ibsameera. Barattoota qormaata isaanii addaan kutanii bahaniif carraan biraa akka hin jirre ibsameera. Barattuu Dubaraa kutaa 12ffaa Yuunivarsitii Walqixxeetti qormaata biyyoolleesaa kutaa 12ffaa fudhachuuf garas imale dirqiin gudeedamuun miidhaan guddaan irra ga'e. 👇👇👇👇 @GadisaOromoo
Показати все...