cookie

Ми використовуємо файли cookie для покращення вашого досвіду перегляду. Натиснувши «Прийняти все», ви погоджуєтеся на використання файлів cookie.

avatar

Walaloof baacoowwan 😁

Walaloowwan jaalalaa fi baacoowwan hidhii walitti nama hin qabachiisne yoo barbaaddan ...... YouTubehttps://www.youtube.com/@milkiitubes Yaadaaf qeeqa qabdan karaa @wabiif na biraan gahuu dandessu

Більше
Рекламні дописи
4 914
Підписники
Немає даних24 години
+457 днів
+16630 днів

Триває завантаження даних...

Приріст підписників

Триває завантаження даних...

Показати все...
Hamster Kombat

Just for you, we have developed an unrealistically cool application in the clicker genre, and no hamster was harmed! Perform simple tasks that take very little time and get the opportunity to earn money!

1
Dabaaliimee. Dabaaliimee Abbaa ko abbaa kan koo Faacha gorroorra keessee Yaaddoo garaa na keessee Jaarsaa sarbaa liillanaa Tookko hin oolu miilanaa Yookan harrii filachuu Yookaan aarii baafachuu Goota koo baddaa horroo Abbishee ilma garbaa Jabaa lagaa mormorii Eenyut ittiin mormatee Abbishee ilma garbaa Yaa isa goraadee biiluu Situ hallayyaatti naqee Roorroo qe'eetti duuluu Gooticha baddaa horroo Yaa isa daalee soorrate Kokkeetti qabu roorro Si nyaate malee boolloon Si nyaate malee boolloon. @walaloo430 @walaloo430 @walaloo430
Показати все...
#DHUGAA_QABDA_BARSIISAA... Guyyaa dhaabachaa ooltet Halkan dubbifta hin raftu Mindaan at argattummoo Liqiirraayyuu hin haftu ! ====== Coomanis wal hin beektu Piizas ta'ee bargarii Kaffaltiin at argattuuf Dadhabbiin kee gargari ===== Kaabinee xobbee miti Tasa hin argattu durgoo Kan ittiin bittu hin qabdu Ibsaan yoo bade dungoo ! ===== Dhaloota meeqa soortet Ofiif immoo, beelofte Warra qubee barsiisten Deebiteemmoo yeellofte ===== Osoo ati beeloftuu Hattuufi sobduun quufti Abshir yaa barsiisaa koo Siifis guyyaan ni dhufti ===== Harki kee qulqulluudha Dhiiga namaa hin laaqne Dhabdus keetin jiraatta Dafqa namaa hin nyaanne ===== Lafas gurgurtee hin beektu Sabbataaf Galaan keessaa Boquu kee gadi buustee Mana kiraayii teessaa ===== Utuu waan gaarii gootuu Jiraachuyyuu dadhabdee Dhugaa qabda barsiisaa Gatii dafqa kee dhabdee.......!!! #Barsiisaa !!! @walaloo430 @walaloo430 @walaloo430
Показати все...
👍 9
💥 Halkan tokko abbaa manaafi haati manaa rafanii utuu jiranii halkan walakkaa hattoonni mana isaaniitti seenani Meeshaa isaanii guurrachuu eegalan 💥 Haati manaa abbaa mana hirribaa dammaqsitee rakkoo guddaan akka Uumame itti himte Ka'ee hattoota kana akka hari'uufis gaafatte 💥Inni garuu baay'ee sodaachuu irra kan ka'e ni callise 💥 Meeshaa guurratanii yommuu isaan ba'anii deemsa jalqaban firaashii irra ciisaa turan fudhatee booddeedhaan hordofe abbaan Mana sun 💥 Hattoonni kunis dheekkamanii Maal barbaacha dhufte? Si ajjeesna yokaan nu biraa deebi'i ittin jedhan 💥 Namichis deebiseefi "Maal mana jijjiirrachaa jirra mitii? Maaliif na ajjeeftu?" Jedheen 😃 @walaloo430 @walaloo430 @walaloo430
Показати все...
👍 3😁 1
#DHIIFAMA yuunivarsitii tokko keessatti guyyaa tokko barsiistuun saayikooloojii barattoota isheetiif assaayimentii kenniteef.assaayimentichis akkas jedha,dinnicha irratti maqaa nama jibbitanii barreessitanii fiddu. HUB,baay'ina hamma nama jibbitu nama tokkoof dinnicha tokko jette itti himte. barattoonnis guyyaa itti aanutti,warri kaan 1,warri kaan 3,warri kaan 6-10tti fidanii maqaa namootaas tokkoon tokkoon isaa irratti barreessan. barsiistuunis hunda isaa borsaa keessan keessa kaa'aa hanga torbee tokkootti keessa hin fuutani,yeroo ciistanis,mana fincaaniittis ofirra hin buuftan borsicha jettee ajajje.gaafa guyyaa sadii fi afur bulu dinnichichi tortoree foolii kennuu jalqabe.gaafa shanii fi ja'a ga'u garmalee ajaa'uu jalqabe. keessaayyuu abbaan dinnicha kudhanii baayee rakkate ulfaatinnis nijira.torban tokkoo booda fidanii barsiistuutti himan torban xumurrerra jedhan. barsiistuunis akkam ture baachuun torbee jettee gaafatte,hundumtuu guungumanii baayee nurakkise barsiistuu keenya baayee rakkanne ba'aan isaas nu rakkise, fooliin isaas baayee numiidhe jedhan. agartani mitii jibba borsaa keessan keessatti torban tokko baachuunuu isinitti cime,laphee keessan keessatti umurii keessan guutuu baachuun hammam haa cimuree? Kan torbee tokkotti hagana sinitti ajaa'e laphee keessan keessatti immoo hagam ajaa'aree???? jetteen. (Maddi waanan dubbise irraa) ilaamee obboleessa,obboleetti idaa qabdaayii? maaltu si rakkise of keessaa balleessi jibba of keessaa qabda taanaan. amma bakkuma jirtu taa'iiti nama nan jibba jettee yaaddu yadadhuuti dubbisa amma dubbistes yaadadhuuti yoo dhiisteetta ta'e dhiiseera jedhi. Maxxansakoo yoo dubbiftee xumurteetta ta'e pagekoo kana akkati jaallattee follow gootee darbitu hin shakku. @walaloo430 @walaloo430 @walaloo430
Показати все...
4👍 3
Lapheen Inni Durii Inni Hin Qabne Xurii... Dhiigarraa Hojjatame Dhiiga Kennaa Waaqaa Nama Kan Ta'e Hundaaf Balbala Isaa Saaqa! -- Lapheen inni ammaa Gagaan irri dammaa... Birrii irraa hojjetame Birrii abbaa dhibbaa kanaaf sooreessa jaallatee Hiyyeessammoo Jibba! -- @walaloo430 @walaloo430 @walaloo430
Показати все...
👍 2
Sookkisaa gogaa duugaa Shaggar nu yaafte sireen Bookkisaa korma Dhugaa Gargar nu baafte Hireen Waraabuullee waraabeeraa Bishaan Amboo taliila koo Waa yaaduullee si yaadeeraa Hacee Hundee Sibiila koo Daangaa kaa'an daangaa shiraa Kan daangessu dhaamsa firaa Daanga'e kaa karaan Amboo Naan ga'e kaa Garaan rakkoo Awwaallamtee akka raqaa Wallaallamtee murtiin haqaa Dhabamte kaa murtee sirriin Qabamte kaa turtee Birriin Waggaa Afur eegnee dhabne Guyyaa adii deegnee cabne Eeboon qaraa gogaa waraanti Yeroon dharaa dhugaa awwaalti Kulkulfataa madaa miilaa Maaltu baasa qoree malee Dhukkubsataa garaa dhiiraa Maaltu kaasa booree malee Fixxee ree? Waddeessa koo Waddeessa ji'a Onkololeessaa Lixxee ree? Addeessa koo Addeessa Urjiif Obboleessaa Citte kaa sakaallaan Fardaa Luugaman nyaachisa malee Bitte kaa Askaalaan Sangaa Tuulaman nyaachisa qalee Godan bu'e Laga oofuu Lagni guutee Dhagaa aarsa Ergan du'ee Muka soofu Erga duutee maal bu'aansaa? Barri Baraan sokkee Achis yoo fagaatu Hacee koo yaa Tokkee Seenaan sin dagatu Barri Baraan darba Baraan wal jijjiira Kan jiru waa arga Gootnis Lubbuun jira Yoo ijaarsi Lafaa Diigee burkutaa'ee Yoo ijaarsi nafaa Dhiigee hunkutaa'e Yoo biqiltuun mukaa Hundeedhaan buqqa'e Yoo imaltuun Lukaa Barruudhaa luqqa'ee Yoo riqichi jabaan Wal qixxeetti cite Yoo dhaabatee gabaan Gurguree wal bite Yoo ijaarsi gamoo Tureetoo dulloome Yoo dureessi Namaa Dhabeetoo hiyyoome Turtiin yeroo darbee Galmeen yoo haqame Kalee gaarii argee Har'a yoo laaqame Kan kee hin haqamu Kan Dhiigaan katabde Buqqa'ee hin gatamu Kan ati gad dhaabde Si yaadanna yoomuu Gola Onnee keessaa Seenaan kee hin dulloomu Hacee Ilma Hundeessaa @walaloo430 @walaloo430 @walaloo430
Показати все...
👍 11
#NAMOOTA__WAJJINIIN #NAGAADHAAN__JIRAADHU! Haa tolus haa badus Mijatus hammaatus Waan gaarii siif godhus Gaarii gochuu baatus Hiixatee siif kennus Didee si dhowwatus Garaansaa siif laafus Homaa sitti jabaatus Dhala namaa wajjin Jiraachuun dirqama Qofaa kee hin jiraattu Dandeessee matumaa. Takkaa si madeessee Booddee si fayyisa Al tokko si aarsee Simmoo gammachiisa. #Kanaafuu lubbuukoo Quuqama kee aadaa Waraansa kee obsaa Wajjiniin jiraatta Suma barbaachisa. Addunyaan qofaa kee Deemtee irra jiraattu Kanaan dura hin turre Sichis hin argattu. Hubadhu qalbii koo Mee malan siif mala Namaaf iddoo kenni Waan hundumaa caalaa Xinnaafis guddaafis Qabaadhu jaalala. #SOURCE____DIRECTON @walaloo430
Показати все...
https://t.me/cexio_tap_bot?start=1716323293166792 CEXP tokens farming major upgrade! Two is better than one! Join my squad, and let's double the fun (and earnings 🤑)! CEX.IO Power Tap! 🚀
Показати все...
CEX.IO Power Tap

🤩 Farm CEXP tokens and earn rewards! CEX.IO App makes it simple and secure to buy, exchange, and store cryptocurrencies

Оберіть інший тариф

На вашому тарифі доступна аналітика тільки для 5 каналів. Щоб отримати більше — оберіть інший тариф.