cookie

Ми використовуємо файли cookie для покращення вашого досвіду перегляду. Натиснувши «Прийняти все», ви погоджуєтеся на використання файлів cookie.

avatar

Gadaa foollee 📡

Tokkoomnee bilisoomna. Channel kana link isaa hiriyoota keessaniif sheer nuuf godha bira hi darbina akkasumaas serch gootanii argachuu dandeessu. 👉Mammaksota 👉jecha hayyootaa 👉oduu haarawa biyya keessaaf alaa 👉channel beekkamo as jalatti isiniif maxx

Більше
Країна не вказанаМова не вказанаКатегорія не вказана
Рекламні дописи
178
Підписники
Немає даних24 години
Немає даних7 днів
Немає даних30 днів

Триває завантаження даних...

Приріст підписників

Триває завантаження даних...

#Oduuu_Gammachiisaa #Yuunivarsitii_Haromaayaa Yuunivarsitiin Haramaayaa loogoo isaa jiijjiire. Kanaan dura loogoo isaanii gubbaan Afaan Amaaraa fi kara jalaatiin Afaan Engiliffaa qofa qabu jijjiiruun Afaan Oromoo jalqaba gochuun warreen kaan ammoo walduraa duubaan gubbaa haga jalaatti godheera. Miidiyaan @Abdii_Sabaa qaama dhimma kana irratti Hojjachaa turan hundaa galeeteeffachuun, yuunivarsitiin Warreen kaanis muxannoo kana fudhachuun hojiitti hiikuu Akka qabdanis gamanumaan isin yaadachiifna. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA 📡MIIDIYAA📡 @ABDII_SABAA @ABDII_SABAA 📩Yaada📩 @YaadaafQeeqabot @YaadaafQeeqabot 📹YOUTUBE📹 https://www.youtube.com/c/Abdii_Sabaa?sub_confirmation=1
Показати все...
Haramayà University Assignment Ahun yedarason @Freshman_course
Показати все...
Civics Assigment 2014 E.pdf1.27 KB
Фото недоступнеДивитись в Telegram
Ministeerri Barnootaa ramaddii barattoota dhaabbilee barnoota olaanootti ramadamanii ifoomseera. Qormaata seensa Yuunvarsiitii bara 2013 fudhatanii Yuunvaarsiitii mootummaaf barattoota  qabxii darbiinsaa fidaniif ramaddiin taasifameera. Haaluma kanaan gama: Marsaritii: https://result.ethernet.edu.et Ergaa gabaabaa(SMS): 9444 Teeleegiraamiin: @moestudentbot ramaddii isaanii ilaallachuu kan danda’an ta’u ministeerichi beeksiseera. Barattoonni ramaddii waliin walqabatee gaaffii qaban kamiyyuu gama marsaritii https://complaint.ethernet.edu.et dhiyeeffachuu kan danda’an ta’uu yaadachiiseera. @Gadaapost @Gadaapost
Показати все...
Фото недоступнеДивитись в Telegram
BAGA GUYYAA GOOTOTA OROMOO GEESSAN. OROMOO TAANEE BAANEE SOMAALEE TAANEE HIN GALLU.
Показати все...
EBLA 15. GUYYAA GOOTOTA OROMOO! Guyyichaatu guyyaa addaati. Guyyaa Oromootatti kabaja horeedha. Guyyaa oromummaan takkittiin itti mirkanoofteedha. kanaaf kabaja qaba. gootatu seenaa hojjata seenaatu goota dubbata. Gootatu biyyaaf ofwareega, sabasaaf aarsaa lubbuu kaffala. Sabni immoo goota isaan dhaadata, bara baraan maqaa isaa yaadata,seenaa isaas haaromsaa deema. Ebli 15 seenaa oromoo keessatti iddoo addaa qaba. Guyyaa gootota oromoo jedhamees kabajama. Guyyaa kanatu guyyaa ilmaan oromoo kan bahaa, kan dhihaa, kan kaabaa fi kan kibbaa, booranaa fi bareentuu, kiristaanaa fi muslima, yookaas waaqeffataa osoo hin jedhin, oromummaa takkittii ganamaa san qofaaf, nuti dhiigaa fi lafeen teenya takka jechuun boolla takkatti dhiigaaf lafee isaanii walitti makanii oromoo takkittii ijaaranii seenaa dhiigaaf lafeen barreessanii darban. guyyaa sanii eegalee, oromoo amantiin, kutaan, gandaan, gosaan addaan qooduun caphxe. Kanaaf guyyaan kun guyyaa ulfaataadha. ✍Ebili 15 erga bara 1980 irraa eegalee sabboontota ilmaan oromoon bara baraan ni yaadatama, ni kabajamas. Guyyaa goototaa jedhamees kabajama. Kan wareegameetu goota. Ilmaan oromoo roorroo fi gabrummaa saba isaaniif falmaaf jecha,kan diinni biyya isaanii irra dhaabbii dhoorge, hoggantoota gurguddoo warraaqsa sabichaattu wareegame. ABO kallacha qabsoo bilisummaa oromoo kan ta'antu, oromummaa fi hiikaa qabsoo dhiigaaf lafeen dhalootaaf lafa kaa'ee dabre. Hoggantoota ABO guyyaa sana wareegamantu, dhaloonni kaayyoo fi faajjii isaanii fuudhee hanga hardhaatti akka falmatuuf bu'uuraa fi riqicha ta'e. Kanaaf qabsoon saba oromoos hanga bilisummaatti fincila hin cinne ta'e. guyyaa kana oromoonni yeroo yaadatan ABO yaadachuun hin hafu. Eessarraa akka kaanee fi eessa akka jirru of ilaaluun hin hafu. Guyyaa sanii fi guyyaa hardhaas walcinaa qabuun hin hafu. Gootota sanii fi ofii keenyas walbira qabuun hin hafu. ✍Ebla 15 guyyaa goototaati. guyyaa gootaa gootatu kabaja. Saba goonni wareegameeftu kabaja. gantuun, fakkaattuun, goobantuun gaafa guyyaa gootaa kabajan qe'ee hin ooltu. Haasaa akkasii dhagahuu hin feetu. Yoo waan gootaa dubbatan dhiigatu danfa. dhiibbaa dhiigaatu olka'a. Mataatu naanna'a. Warri goobantummaan ciccimoo ta'an immoo kootii sabboonummaa uffatanii kabaja guyyaa kanaa qeequuf sabboontota haqaa irratti waraana gantummaa banu. Ta'us garuu hattuun ofitti hin amantu waan ta'eef, osoo isheen wixxifattu sabni baldhaan oromoo ayyaana ilmaan sabboontota isaaf wareegamanii waggaa afurtamaatti dhihaatuuf osoo addaan hin kutin kabajachuu danda'ee jira. ✍Qabsaa'an yoo kufes qabsoon hin kuftu, galma geessu malee. Ilmaan oromoo ebla 15 Walabummaa fi bilisummaa sabaaf wareegamanis kaayyoo isaanii dhalootaf dabarsanii darban. kaayyoon isaanis lafatti hin hafne. Ilmaan oromoo faajjii fi kaayyoo isaanii fuudhanii wareegama lubbuu kaffalanii hardhaan gahaniiru. Hardhas kufanii kuffisaa jiru. ✍Ummanni oromoo gaafa guyyaa kana kabaju kaayyoo qabsoo wareegamtoota sanaa yaadachuun kabajuu qaba. Kaayyoo isaanis galmaan gahuuf kabajuu qaba. ABOs yaadachuu qaba. Warra hardha aarsaa kaffalaa jirus yaadachuu qaba. Diinni gaafa san ilmaan oromoo biyyarraa bahaniif hardhallee akka jiru hubachuu qaba. Kanaafis qabsoo waraana bilisummaa oromoo, haftee Jaal Magarsaa Barii faana hiriiruun hiree isaa murteeffachuu qabaan dhaamsa kooti. ✍Seenaa qabsaa'ota ebla 15 gulaaleen deebi'a. Irra deebi'een baga geessan isiniin jedha!! ✍💪💪Falmaan itti fufa, Gabroomfataanis ni kufa, Guyyaan walabummaas ni dhufa!!!
Показати все...
Фото недоступнеДивитись в Telegram
Ammee/Breaking Seerri Ameerikaan akka hin baasneef Bilxginnaan Duulaa turte S.3199 har’a ragga’ee mallattoodhaaf gara President Joe Biden darbee jira. #HR6600 immoo itti aana!… Kuni Aangawoota Bilxginnaaf waan baay’ee hamaadha. Nagaan waaraa biyya sanatti dhufee worroonni Seera cabsan seeraaf dhiyaatan malee dubbiin Jajjabaachaa deemti.
Показати все...
Inbox ======== “Dubbiin akkas ..hogganaan poolisii federaalaa malaakuu faantaafi ajajaa waraanaa komandi poostii jiddugalaa bakka argamanitt, akkasuma ajajoonni poolisii oromiyaafi naannoo amaaraa bakka argamanitti faannoon amaaraafi liyyuu poolisi amaaraa salaale keessatti operaation geggeessun WBO qulqulleessuuf irratti waligaluun murteessaniiru. Kanaaf uummanni oromoofi mormitoonni hoggantoonni paartilee siyaasa , hoggantoonni WBO akka quba qabaatan nihimi adaraa dubbiin asdeemtu cimtuudha. 2n minilik war...”
Показати все...
BARNOONNI HUNDEE QAROOMINNAATI . ``NAMNI HIN BARATIN MIRGAAF DIRQAMA SAA HIN BEEKU . MIRGA SAATIIFIS HIN FALMATU JEDHEE`` GOOTICHI OROMOO #TAADDEE_BIRRUU DHUGAA SAATI #HANGUMA BARATTE WAN HEDDUU AGARTA .
Показати все...
#QUSANNAA_CHARGE_BILBILA_KEENYAA Dhimmoota baatirii bilbila keessanii yeroo dheeraaf fayyadamuuf isin gargaaran MADDA SUURAA, GETTY IMAGES Dadafanii dhumuun batirii bilbilawwan Ismaartii dadhabbii olaanaa jedhameera. Dhaabbanni Appiilis guyyootaan dura umurii baatirii dheereessuuf jecha sirni hojimaata bilbilaa buudatti harkifataa taasisuu isaa ifa godhe ture. Kubaaniyichi omishoota isaa fooyyeessaa kan jiru ta'ulleen, biyya Ameerikaatti himannaawwan heduun irratti banameera. Mobaayiloonni kan fayyadaman baatiriiwwan dafanii gutan Liitiiyam Ayen kan jedhaman yoo ta'u, dizaayiniin isaas baatiiriin suphamee akka hojatu kan taasisuudha. Dizaayinii fi bifti bilbilawwan isimaartii gegedaramuun ammoo, fooyya'insi taasifamu akka cimu taasiseera jedhameera. 1.Intarneetii dadhabaa Bilbilli keessan bakka deemtan hundatti intarneetii gaarii argachuuf yaala. Keessattuu lafa intarneetii dhdhabaan jiruu ykn namoonni baayyeen lafa tokkotti WiFitti waliin fayyadamuu yoo yaalan, bilbila keessan sarara argachuuf yaala. Fallii filatamaa jedhamu jiraachu baatulleen, garuu bilbila keeessa haalata erpilaan (Airplan mode) irra kaa'uun bilbilli keessan interneetii argachuuf yaalaa jiru baatirii akka hin finneef gargaara. 2.Appilikeeshiniiwwan tokko tokko Appilikeeshiniiwwan tokko tokko baatirii fixu. Kanaafuu, appilikeeshiniiwwan hinbarbaannee cufuun umurii baatirii keessanii dheereessa. Kana malees kutaan baatirii jedhamu keessa galuun appilikeshiniiwwan baatirii baayyee fixan adda baasuun ni barbaachisa ta'a. 3. Mul'istuu lata jirtanii (GPS) Appilikeshinii akka lafa jirtan isiin agarsiisu itti fayyadamtan (GPS) saaqunis baatirii akka fixu taasisa. Appilikeeshiniiwwan akka tiwiitar jiranis osoo isiin hinbeekiin bakka isiin jirtan galmeessuu qabatu. Kanaafuu appilikeshiniiwwan laf isiin jirtan galmeessan hir'isuu kaan ammoo akka hinhojannee taasisuun ni danda'ama. MADDA SUURAA, GETTY IMAGES 4. Ho'a olaanaa Baatiriiwwan litiiyem ho'a baayyee cimaaf yoo saaxilaman haalaan hojachu dhisuu malu. Sababiin isaas, baatiriin ayen keesso isaanii jiru dafe dafee akka gutamu waan barbaaduufiidha. Waan kana ta'eefu, bilbilli keessan ho'a ykn qorra olaanaaf akka hinsaaxilamne gochuun furamaata gaariidha. 5. Isikiriiniiwwan gurguddaa Erga yeroo dhihootiin asiitii, bilbilli isikiriinii gurguddaa qaban omishamaa jiru. Isikiriiniin kunis yoo banamuu fi cufamutti baatirii baayyee fudhatu. Kanaafuu haala ifa isikiriin xiqqeessuun ni fayyada. Isikriinii balleessuu fi dafanii dafani bilbila ilaaluu dhabuunis fala gara biraati. 6. Sagalee olaanaa Sagaleen bilbilaa guddaa yoo ta'ees baatirii baayyee fudhata. Yeroo baayyees haalli sagalee bilbila keessanis guddiftuu sagalee (speaker) qabuun kan murtaa'udha. Sagalee guratti dhaggeefachuu fi yammuu dhaggeefatamus sagalee balleessuun gaariidha. MADDA SUURAA, COPYRIGHT OF THE IMAGEOATAWA 7. Dafanii dafanii annisaa gutuu Duri duri bilbilli erga amma baatirii fixatuutti itti fayadamuun booda guttachuutuu filatamaa ture. Amma garuu kan fayyadu faallaa isaati. Kana jechuunis, osoo baatirii hinfixatiin jala jalaan annisaa gutachuun gaariidha. Baatiriin keessan walkaan gadii osoo hinbu'iin gutuun umurii baatirii akka dheeratuu oggeessoonni ni gorsu. Fala dhugaa Falli omoshotoonni mobaayilii hundumti irratti waliigalan kan mummees, bilbila haalata ifa kusatu irra kaa'uudha. Kan jechuunis isikiriiniin bilbila keessan ifai iraa ni hirata. Yoo bilbilamuus romisuun bilbila keessan ni dhaabata. Beeksisi hedduun isiin hinqaqabu. Appilikeshiiniin lafa isiin jirtan mul'isu tajaajila hinkennu. Kanaafu itti yaadaatii itti fayyadamaa
Показати все...