cookie

Ми використовуємо файли cookie для покращення вашого досвіду перегляду. Натиснувши «Прийняти все», ви погоджуєтеся на використання файлів cookie.

avatar

Yahya Awol official

Yahya Awol official! yeroo hundumaa dhimmoota aartii garaagaraa fi odeeffannoo woktaawoo ni argattu. Email [email protected] Lakk.0917742617

Більше
Рекламні дописи
333
Підписники
Немає даних24 години
Немає даних7 днів
Немає даних30 днів

Триває завантаження даних...

Приріст підписників

Триває завантаження даних...

𝐃𝐇𝐔𝐆𝐀𝐀 𝐊𝐀𝐍𝐀 #𝐒𝐇𝐀𝐑𝐄 𝐆𝐎𝐃𝐇𝐈 ~~~~~~~ 1. FINFINNEE - Addis Ababa 2. AGAMSA - Markaatoo 3. BADDAA EJERSAA - Ras Kaasaa Sefer 4. BAAROO KORMAA - Xuqur Anbassaa 5. BIRBIRSA GOOROO - Piassa 6.Caffee Araaraa -sidist kiiloo 7. CAFFEE aannanii - Meksiikoo 8. CALCALLI - Saar-bet 9. DAALATTII - 4-kiiloo 10. DILDILA ADURREE - Inxooxxoo 11. GARBII - Senga-taraa 12. GOLBOO - Ceerqoos 13. GULALLEE BADHAASOO - Qeeraa 14. HURUFA BOOMBII - Jaan-Meedaa 15. QARSAA - Kaasaanchis 16. ADOOLAA - Kibre-Mengist 17. BULEE HORAA - Hagere Maariyaam 18. EJEREE - Addisaalem 19. ROOBAA - Nifaas Silk 20. ADAAMAA - Naaziret 21. CIROO - Asebe Teferi 2.BISHOOFTUU - Debre zeeyit 23.BOTEE-Maqii 24.BAATUU-Ziwaay 25.Amboo-Hagerehiwoot 26.Sabbataa-Alamganaa 27.Hoolotaa-Gannat 28.Walisoo-Gihoon 29.Tulluu eegduu-Menagesha 30.Haroo sabbuu-Alem teferi 31.Roobee-Goobbaa 32.Lammii-Lamii 33.Birbirsa-Georgis Church 34.Dhekkaa-Yeka 35.Dhooqa booraa-22 mazoria 36.Doobbii-Qacanee 37.Laga harree-Laga haar 39.Dabbassoo-mashalookiyaa 40.Haroomaayyaa-Alemaya 41.Bakkanniisaa-Mekanisa 42.Bookee-Bethel 43.Qarree Gowwaa-Gohatsion 44.Haxaaii-Axaayyee 45.Abbaa Guuguu-Aarbaa guuguu 46.Dirree Dhoaa-Dire dawa 47.Karaa Maraa-Kaarra Maarraa 48.Saa Gurree-Saaguree 49.Naqaadallaa-Maqdela 50.Melka jaldu-Melka Jebdu 51.Naqqamtee-Lekemte 52.Karaa Qoree-Karaa Qorree 53.Illuu Abbaa Booraa-illuubaaboor 54.Oboraa-Waabaraa 55.Dhedheertuu-Dertu 56.Yaaa baloo-Yabello 57.Qolan Koomii-Welenkomi 58.Hara Dambal-Zway 59.Cuqqaalaa-Ziqualla 60.Mataaharaa-Metehara 61.Arsii-Aruusii 62.Bishaan Diimaa-Bisdiimoo 64.Qoqaa-Koqa 65.Mandayyoo-Fasil Awuraja 66.Bishaan Dhinsaa-Yilman Dinsa 67.Haqaaqi-Akaki 68.Irreensaa-Gudeellaa 69.Shaamboo-Shaambuu 70.Ilaalibalaa-Lalibela 71.Fincaaaa-Finca 72.Abboomsaa-Tinsae birihan 73.Hora-Filwuha 74.Hawaas-Awash 75.Qaalluu-Kality 76.Laga Qamalee-H/Giorgis Dildiy 77.Wal-arga-Wellega 78.Tulluu Daalattii-Tiliku Betemengist 79.Addababaii-Adebabay 80.Qilee-Asko 81.Suluula Garbii- T/Haimanot 82.Awwaaroo-Aware 83.Adaamii-Rufael 84.Sheik Hojole/Didiimtuu-Shegole 85.Waddeessa-Chercher Godana 86.Tulluu Ejersaa-Hanna Mariam 87.Lumee-St.Joseph 88.Labuu-Siga meda/Tatek 89.Laaftoo Tumtuu-Buna Board 90.Tulluu Dheertuu-Gofa Betemengist 91.Tulluu Heexoo-Buufata Poolisii Jahaffaa 92.Laalii-Intoto Mariam 93.Burqaa Ejersaa-Faransay Imbassy 94.Caffee Muudaa-Lideta 95.Dhakaa Araaraa-sherathon & Hilton area 96.Dolloo Buddeenaa-Gotera,Wello sefer & 97.Dhummuugaa-Ginfille 98.Fiichee-Xalian mishig 99.Golbaa-Addis ketema 100.Hadaa-Tele,Garaj,Cerkos Betekiristan 101.Harawa-kaca Fabirika 102.Harbuu-Gurd Shola 103.Harbuu Irreessaa-Ras Hailu Sefer 104.Hulluuqa Kormaa-Istifanos 105.Jaajaa-Bihere Tsige 106.karaa Qorxii-Belay zeleke Qilxu straight 107.Burqaa Qorichaa-Yeka Michael,Around Kebena river 108.Hurufa Raaree-Around Bus Station 109.Keelloo Masqalaa-Around 4-Kilo Campus & Betekiristan area 110.Riqicha Alloo-Engliz & Russia Embassy 111.Caancoo/Arsii-Debre Selam 112.Bulikaa-Bulga 113.Collee-Debre Sina 114.Dheedheeraa-Dadar 114.Erar-Yarar 115.Gaara sibiiluu-Minilik Gibbii 116.Hankoober-Ankober 117.Goodaa Boombii-Tatek Defer 118.Bubbee-Yirga Dejen 119.Ganda Aliyyuu-Gandaliyyuu 120.Haadha Adii-Adaadii 121.Walda`a-Woldiya 122.Madaaroo-Ayertena 123.Kuukkuu-Hagere Marian 124.Jajjuu-Yejjuu 124.Tulluu Diimtuu-Bahita Gebriel 125.Tulluu Maraa- Tulluu Amaaraa 126.Wacaalii-Wucaalee 127.Waabee Shabal-Waabee Shebele 128.Malkaa Abbooshee-Baambiis 129.Mandooyyee-Baalee-Faasiil 130.Xarroo-Atana Tera Aadaaf duudhaa isaa kan jibbu hin jiru. Dubbiin gidduu kana dhimma maqaan wal qabattu kana waliin garaa garummaa hin qabu. Amma kun haa hafu jettuuree? 𝐘𝗼𝗼 𝐃𝐡𝐮𝐠𝐮𝗺𝐚 𝐎𝐫𝗼𝗺𝗼𝗼 𝐓𝐚𝐚𝐭𝐞 #𝐋𝐈𝐊𝐄 #𝐒𝐇𝐀𝐑𝐄 𝐎𝐬𝗼𝗼 𝐡𝐢𝐧 𝐠𝗼𝐝𝐡𝐢𝐢𝐧 𝐡𝐢𝐧 𝐝𝐚𝐫𝐛𝐢𝐢𝐧. 𝐊𝐚𝐧 𝐡𝐢𝐧 𝐛𝐞𝐞𝐤𝐧𝐞 𝐡𝐚𝐚 𝐛𝐚𝐫𝐮! https://t.me/keeny_umaan
Показати все...
Yahya Awol official

Yahya Awol official! yeroo hundumaa dhimmoota aartii garaagaraa fi odeeffannoo woktaawoo ni argattu. Email [email protected] Lakk.0917742617

Jaalalli ofiif hin maraatu garuu nama maraacha Dachee kanarra abbaan humnaa kan ati tasumallee moo'achuu hin dandeenye jaalala qofa. Haa ta'u malee Yeroo jaalalli si moo'ate kan sitti dhagahu miira moo'atamummaa osoo hin taane miira carraa qabeessummaatti. Jaalalaan moo'atamnee yeroon nuti osoo hin jiraatan nama jaalannu sanaaf duunu nii jira. Duunetis yeroon jiraannu nii jira. Nama kamiiyyuu hagamis jaaladhu hagam, nama san caalaa of jaaladhu. Hagamillee sihaa barbaachisu of jaaladhu. Tarii yoon of jaaladhe dhabuun danda'a jechaa jirta ta'a. Ati of jaalatteef  namni si jaalatu sin jibbu ittumaayyuu si jaalata. Ejjannoo keetinis nii boona. Maalif jennaan of jaalachuun nama biraa jibbuu miti. kabaja ofiif laachudha malee. Of jaalattee nama tokko dhabuu dandeessa. Kumaatamaan garuu ni jaalatamta. Of caalaa nama biraa kan jaalattu yoo ta'e garuu ofis dhabdee nama sanis dhabuu dandeessa. Filannoon keeti. jaalala mi'ooftu isiniif hawweera https://t.me/keeny_umaan
Показати все...
Yahya Awol official

Yahya Awol official! yeroo hundumaa dhimmoota aartii garaagaraa fi odeeffannoo woktaawoo ni argattu. Email [email protected] Lakk.0917742617

Jechoota Dinqisiisoo Haala Yeroo Ammaa Keessa Jirru...✍ ▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ➊ "Yeroo namoota baay'ee arginu keessa jiraanna, garuu namummaa gahaa miti." ➋ "Yeroo namni sooressi daa'imman caalaa kutaa manaa baay'ee qabuu fi hiyyeessi immoo kutaa manaa caalaa daa'imman baay'ee qabu keessa jirra." ➌ "Yeroo bilbilli (smart phones) carraa addunyaa waliin wal argisiisuu uumanii, garuu warra cina kee (sitti dhiyoo) jiran irraa si fageessan keessa jirra. ➍ "Yeroo haati tokkittiin daa'imman 10f kunuunsa gootu, garuu daa'imman 10 haadha tokkittii isaaniif kunuunsa hin goone keessa jirra." ➎ "Yeroo sooressi nyaata bulleessuuf maayila tokko deemuu fi hiyyeessi immoo nyaata barbaachaaf maayila tokko deemu keessa jirra." ➏ "Yeroo maqaa namootaa baay'ee bilbila irraa qabnuu fi walitti dhufeenyi garuu dhiphaa ta'e keessa jirra." ➐ "Yeroo anummaan baay'atee, gammachuun dhabame keessa jirra." ➑ "Yeroo itti akkaataa jireenya gaarii jiraachuu beeknee, garuu akkamitti jireenya gaarii jiraachuun dagatame keessa jirra." ➒ "Yeroo itti baay'een gatii wanta hundumaa beekanii, garuu bu'aa isaa wallaalan keessa jirra." ➓ "Yeroo namoonni aangoo argatanii, garuu wal hoogganuu dadhaban keessa jirra." Dhugumatti, Yeroon nuti keessa jiraannu yeroo walfaallesse dha. Haala yeroo kanaa irratti hubannoon akka jiraannu Waaqayyo nu haa gargaaru! Waanan dubbise irraati. Ilma keessan Yahyaa Awol https://t.me/keeny_umaan
Показати все...
Yahya Awol official

Yahya Awol official! yeroo hundumaa dhimmoota aartii garaagaraa fi odeeffannoo woktaawoo ni argattu. Email [email protected] Lakk.0917742617

null
Показати все...
Koottu natti maraamii Akkumaa bofaa tahii Siigigaadhu naf dhufii Laphee Koo irraa bahii. Sirriittii dhageefadhu Rukkutaa wajjiin dhahii Boodarra narraa bu'i Waa siin Jete nan gahii. 🤣😄 Join 👇👇👇👇👇👇👇👇 https://t.me/keeny_umaan
Показати все...
Yahya Awol official

Yahya Awol official! yeroo hundumaa dhimmoota aartii garaagaraa fi odeeffannoo woktaawoo ni argattu. Email [email protected] Lakk.0917742617

#OduuAmmee #Qabxii_Darbiinsaa Qabxiin Darbiinsaa Ifoomeera. Bara kana barattoonni dhaabbilee barnoota Olaanoo seenan barattoota qabxii qormaata seensaa dhibbantaa 50% fi isaa ol fidan qofa ta'uu ministeerri barnootaa beeksise. Barattoonni qabxii seensaa hin galmeessine bifa addaan qormaata keessa deebii(remedial) fudhachuun akkaataa dandeettii simannaa yuunivarsitiilee irratti hundaa'uun barattoonni qormaata sana darban qabxii isaaniin dorgomsiisuun bara kana qofa haalli isaan ittiin carraa Yuunivarsitii seenuu argatan ni mijata. Gabaasa Bal'aaf marsaariitii armaan gadii cuqaasaa. https://t.me/keeny_umaan
Показати все...
Yahya Awol official

Yahya Awol official! yeroo hundumaa dhimmoota aartii garaagaraa fi odeeffannoo woktaawoo ni argattu. Email [email protected] Lakk.0917742617

Repost from Yahya Awol official
#kutaa_12ffaa #ODASPECIALBOARDINGSCHOOL Barattoonni Mana Barnootaa Bultii Addaa Waldaa Misooma Oromiyaa /ODA SPECIAL BOARDING SCHOOL/  bara kanas qabxii olaanaa galmeessaniiru 1. Roobeeraa Asmaraa...............652 2. Biqilaa Haacaaluu.................. 650 3. Sanyii Dassaalany.................. 644 4. Olaanaa Abarraa.................... 641 5. Firaa'ol Danoo........................ 639 6. Geexee Boonaa...................... 637 7. Roobeeraa Bushuraa .............637 8. Barakat Kabbadaa .................635 9. Elihaam Jibriil ........................634 10. Hayaat Ibraahim.................. 630 11.Siyyum Waldee .....................630 12.Saamu 'eel Xaasoo............... 628 13. Firoomsaa Mohaammad ....625 14. Dastaa Nigusee ....................619 15. Naafyaad Daagim................ 619 16. Leencoo Baay'isaa ...............617 17. Meeroon Abbabaa............... 617 18. Indaaluu Qalbeessaa ...........616 19. Abdii Geetuu .........................614 20. Roobee Abaataa ..................614 21.Warquu Camadaa .................612 Walumaa galatti barattoota 76 qoraman keessaa barattoonni 21 /27.6%/ qabxii 600fi isaa ol, barattootni 45 qabxii 500-599 fi baratoonni 2 immoo qabxii 400 keessa kan galmeessan yoo ta'u gosa barnoota Herregaas100% galmeessuun danda'ameera. Ummanni keenya, barattootni, maatiin barattootaa, hawaasni mana barnootaa, boordiifi miseensonni WMO, hojjeettootni caasaa WMO sadarkaa sadarkaan jirtaniifi deeggartootni misoomaa hundi baga gammaddan baga gammanne! Waldaan Misooma Oromiyaa dhaloota qareeyyii, egeree saba keenyaa qajeelchan oomishaa jira.  https://t.me/keeny_umaan

#OduuAmmee #kutaa_12ffaa Bara 2014 barattoota qormaata seensaa fudhatan keessaa barattoonni darban dhibbantaa 3 qofa akka ta'e himame. Bara kana Hanna hanbisuuf haala adda ta'een kan qorame qorumsi seensaa barattoota  kuma 930 keessaa barattoonni qabxii darbiinsaa fidan barattoota kuma 28 qofa . Qabxiin barattootas harra halkanirraa ni gadhiifama jedhamee eegama. Barattoonni yeroo qabxiin keessan ifoomu filannoowwan armaan gadii fayyadamuun ilaaluu ni dandeessu. 1. eaes.edu.et 2. eaes.gov.et 3. eaes.et 4. result.neaea.gov.et 5. Telegram 👉 @EAESbot 6. SMS 8046
Показати все...
Cinaachaan deebinee Laallus duuba keenya Duubni seenaaf malee Deemsi keenya fageenya Ifaajii bara dheeraati dagannee gufannaa Harras deemsa keenya Ifaajnee ittuma fufannaa Karaasaatu dheeraadha Hin yaadamu laayyoonii Yoo cichatan malee Hin gahamu kaayyoonii Halkan isaatu dukkana Guyyaasaatu saafaa kan jabaatetu deema Yoomuu hintaatu laafaa Kan darbe seenaadha Seenaadhaaf nituraa Yeroof yaadanne malee Kaayyoon keenya fuuldura <<>><<>><<>><>>> ✍✍Yahyaa Awwal
Показати все...
Оберіть інший тариф

На вашому тарифі доступна аналітика тільки для 5 каналів. Щоб отримати більше — оберіть інший тариф.