cookie

Ми використовуємо файли cookie для покращення вашого досвіду перегляду. Натиснувши «Прийняти все», ви погоджуєтеся на використання файлів cookie.

avatar

Kedir Abdulatif Haji

Books Writer and Editor

Більше
Рекламні дописи
1 315
Підписники
Немає даних24 години
+77 днів
-730 днів

Триває завантаження даних...

Приріст підписників

Триває завантаження даних...

02:59
Відео недоступнеДивитись в Telegram
Hayyuu Dhaloota Dureefi Dhaloota Qubee, Artist #IbrahimMohammed Artisti Ibraahim Muhaammad barreessaa, walaleessaa, yaadaleessaafi weellisaadha! Artistoota Oromoo sirbaan fuuldara ( features) jiran hedduu hojjachiisee jira. Seenaafi hojiiwwan isaa guutuu barruufi dokomantii viidiyoon yeroo dhiyoo keessatti isiniif dhiyeessina. Guyyaa kaleessaa “Badhaasa Haachaaluu Hundeessaa,” Marsaa 3ffaarratti wal-arginee, waraabbii gabaabaa kana fudhanne! #Ibroo kana booda irreen tee gama namaatii amma booda nuhi, hojiiwwan kan kee utubnee ummata kan kee biraan nigeenna, ati mootii Dhaloota Qubeeti!
Показати все...
69.73 MB
Badhaasa Haachaaluu Hundeessaa marsaa 3ffaarratti! 📸 - Barifa Abadir
Показати все...
4
Фото недоступнеДивитись в Telegram
Dhugumatti hiyyeessa, aanaafi aalii hin qabu; Garuummoo gootaadha, qabeenyaaf gadin cabu! Jaalalaafi fayyaa qaba, kan kitilatti herreegu; Kaayyoof karooraas, namarraa hin eegu! Qabeenyi namummaa, arjummaadhaas qaba; Kennaa kiyya keessaa, og-barruufaa kataba! “Kan waan qabu kenne, dony’a hin jedhamu.” Barreessee booharsaa, og-aartiin hin hiyyoomu! Kedir Abdulatif Haji Waxabajjii 6, 2024
Показати все...
👍 6
Фото недоступнеДивитись в Telegram
Показати все...
👍 3 1
Фото недоступнеДивитись в Telegram
Yoo ilaaluu, har’a akkaataa; Edana bulee boru Nama taha natti fakkaataa! Waan har’a qabu, Waan Amma dhaqqabu, Boruuf bulchee hin beeku, Har’a hegereetti hin akeeku? Hin qabu, Shakkiifi mamii; Hin dhagahu, Tuffiifi hamii! Shakkiifi mamii tooyadhee, Tuffiifi hamii tuffadhee, Ni gaha galma fedhu, Ni taha akka jedhu! Kedir Abdulatif Haji Caamsaa 22, 2024
Показати все...
4
Фото недоступнеДивитись в Telegram
Harmeen koo akka nuti namaa gadi hin taaneef uffata namaa miccaa nu jiraachisaa turte. Yeroo tokko, ''huccuun ati miiccaa/dhiqaa jirtu kan eenyuuti?'' jedhee yeroon gaafadhu, ''kan ollaati, isaanin gargaara jedheetani'' naan jette. Garuu dubbiin akkas hin turre. Yerosuma osoo isiin qarshii 40 isaan harkaa fuutuun arge. Ani eenyummaa koo hin dagadhu. Marqaa nan marqa, hojii mana keessaa hunda nan hojjadha. Kantiibaa Magaalaa Dirre Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar 👇👇👇 https://www.KedirAbdulatif.com
Показати все...
4
Faayidaadhaan bitamtee, yommuu gootu aarsaa; Wareegamni ati taasifte, duuba deebi’ee si yarsa! Yerootti fayyadamtee, argattuuyyuu bu’aa; Cubbuun lubbuu sin dhiisu, hamilee kan kee qu’aa! Dhugaaf qabsooftee, galtuuyyuu awwaala; Haqni kee lallabee, haqa dubbataa bula! Safuu sirratti hojjatame, eennuyyuu hin teessisu; Riqichi sitti ijaaramee, kamiiyyuu hin ceesisu! Namni miira qabu, dhiira hin hadoochu; Daandii haqaarraa hin gorinaa, dhugaadha kan nama atoochu! Deeggaraa dhabullee, dhugaa malee hin dubbatu; Karaa faallaa osoon taane, karaa falfalaa hin hubatu! Miira isaa dhageeffatee, boru tilmaama baay’isee; Kan simiidhu biyyakoo, asumeedhaa yoo ibsee! Fageessanii hin yaadan, miira too’achuu dadhabu; Jidduu bahanii gaadan, qileetti wal-dhiibu! Hiyyeessi rakkatee jira, kan dhimbiibee booyu; Waraanni haa dhaabbatu, obboleewwan hin mooyu! Obbolaa hin jennu, isa rasaasaan wal-nyaatu; Diinas hin jennu, ollaa waliin jiraatu! Da’oon wal hin dhibduu, jidduudhaa haa baanu; Gaafa dhugaan ifoome, godaannisa hin taanu! Qaamni kamiiyyuu nagaa irratti xiyyeeffatee, waan isa baasuuf aarsaa kafaluun dirqama namummaati. Ummanni keenna rakkoo hamaa keessa jirtan karaa isin baasu isintu beeka waan taheef, afaan tokkoon nagaa keessaniif iyyadhaa! Osoo tokko tokkoon halkanii guyyaa ajjee-famtanii dhumuurra mala laalladhaa. “Mala baabata abba laallata,” mammaaksi jedhu suni kanaaf mammaakame natti fakkaata. Du’a maqaa hin qabne du’uurraa rabbiin nu haa oolchu. Yaa rabbii 😭😭😭 Kedir Abdulatif Haji Caamsaa 5, 2024
Показати все...
6
Dur dur Diriirfatee rafee, ganama yaafata; Tooyatee galchee guutuu bobbaafata! Amma! Nuti carraa hin qabnu, kan nagaa fi tasgabbii; Keenna ragaan waaqa, keenna ragaan rabbii! Immimaan cobsiti, ulmaa keessa ciiftee; Kan alaatiif room’iti, kan siree jiru dhiiftee! Kormi haati biyyaaf bobbaafte, Atakaroon karaatti hobbaafte, Dhiira biyya jijjiiru misoomaan, Hubannoo malee isa qooman, Har’a qachaan hin qabdu, jabaa jalaa dhageettu; Raakamee wal-qixxaa’e, maradoo waliin teettu! Gammoojjiis tahu baddaa, Da’oon namiituu gaddaa, Biyyi wabii taatu hundaa, Wabii taateeyyu ajandaa! Biyyi haajii suraa, Biyyi faajjii duraa, Biyyoon Sirkaa, Biyyoon birkaa, Biyyi bultumaa, Biyyi qubsumaa, Biyyi hayyuu, Biyyi wayyuu, Barsee taate, Marsee nyaate, Yeyyiin suufee, Jeedala quufe! Biyyi ambayyoo, Biyyi dooyyoo, Biyyi waaqoo, Biyyi warraaqoo, Biyyi nageessoo, Biyyi badhaasoo, Biyyi oogaa, Biyyi daagaa, Lallabdee wal hin dhageettu, Gaggabdee wal hin areertu, Wallaalaa hanqatte, Awwaalaa rakkatte! Biyyi buttaaf qalmaa, Biyyi hundaaf galmaa, Sooreettiin nagaa, Badhaatuun dhugaa, Biyyi lootii, Biyyi mootii, Biyyi bilqoo, Biyyi makkoo, Hidda hunderraa cirti, Jirmaan buqqa’aa jirti, Hunduu garaa nama nyaatu, Namuu waan hafun fakkaatu! Biyyi ambatoo daayoo, Biyyi Sikkisaa kaayoo, Biyyi Gaadoof Heellaa, Biyyi Wacaalee Bullaallaa... Biyyi Sooleef Akkiyyaa, Biyyi Caaltuuf Makkiyyaa, Biyyi Jaawwiif Soojjii, Biyyi Haddaaf Waajii, Gaafa biyyi goolamtu, dhabdee qananiif nagaa; Foon isaa nyaatee, dhiiga ofii dhugaa! Guyyaa dhihee bari’u dhiiga keenna dhugnee, Foon keenna nyaanna, Hanga’ee yoo mandi’u Yaaddoo keenna yaanna! Raafamnee akka baalaa, harcaanee akka cabbii; Gugugannee akka hoolaa, biriifannee akka jabbii! Hin jiraanne nagaa, hin arganne mirga; Roorroon nu adamsa, Rakkootu nutti silga! Nama ta’uu rakkanne, Saree badde hanqanne, Dukkana tana nibaana, Gaaf-wayii nama taana! Yaadannoonsa ummata aanaa Sirkaatti, haala hamaan raakamaa jiraniif haa tahu... Kedir Abdulatif Haji Caamsaa 5, 2024
Показати все...
Фото недоступнеДивитись в Telegram
Sagantaa simannaa keessummoota Waldaa Furqaan, Magaalaa Riyaad fi Naannawa isii hundaaf. Affeeramtanii jirtu, nurraa hin hafinaa jedhu Furqan Association 👇👇👇 https://t.me/FurqanAssociation
Показати все...
Фото недоступнеДивитись в Telegram
Naamusaafi Kabaja “Guyyaa tokko booharuuf ‘Business Class’ qabadhee, balaliif xiyyaara seene. Namni na bira taa’ee jiru tokko uffata salphaafi qaalii hin jedhamneef gadi bu’aa uffatee nacinaa taa’ee ture. Nama barate, garuu jireenya giddu galeessaa waan jiraatu fakkaata. Namooti waliin imalaa ani ture ‘EENYUUN AKKA TA’E’ waan beekaniif ‘KABAJAAF DINQISIIFANNAAN’ na ilaalaa turan. Garuu namni teessoon nacinaa taa’e calliseetuma miira qabbanaawaan waraqaa dubbisa. Yeroo tokko tokko immo foddaan ala ilaala. Yeroo bunni dhufutti ani cal’isa isaa cabsuuf seeqadhee itti dubbatuuf qophaa’e. Namichis seeqatee ‘Hello’ naan jedhe. Waliin dubbatuus itti fufnee waa’ee ‘sinimaa, Fiilmiif Tiyaatiraa’ tuquufiin yaale. “Fiilmii ni ilaaltaa?“ jedhee gaafadhes. Namichis “eeyyeen, waggoota kana keessa guyyaa takka ilaaleen ture, muraasa nan ilaala,” naan jedhe. “Ani fiilmii keessatti akka nama BEEKAMAA, ta’e, akka biyyaattis... Guutuusaa https://www.kedirabdulatif.com/naamusaafi-kabaja/
Показати все...
👍 1
Оберіть інший тариф

На вашому тарифі доступна аналітика тільки для 5 каналів. Щоб отримати більше — оберіть інший тариф.