cookie

Ми використовуємо файли cookie для покращення вашого досвіду перегляду. Натиснувши «Прийняти все», ви погоджуєтеся на використання файлів cookie.

avatar

FAANA MILKAA'INA

☞︎︎︎ 𝐊𝐚𝐲𝐲𝐨𝐨𝐧 𝐜𝐡𝐚𝐧𝐧𝐞𝐥𝐢 𝐤𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚 𝐛𝐞𝐞𝐤𝐮𝐦𝐮𝐦𝐬𝐚 𝐰𝐚𝐥 𝐬𝐨𝐨𝐫𝐫𝐞𝐞 𝐣𝐚𝐥𝐚𝐥𝐚𝐚 𝐛𝐮'𝐮𝐮𝐫𝐮𝐝𝐡𝐚 ☞︎︎︎ 𝒚𝒂𝒂𝒅𝒂 𝒚𝒌𝒏 𝒈𝒂𝒂𝒇𝒇𝒊𝒊 𝐤𝐚𝐧 𝒒𝒂𝒃𝒅𝒂𝒏𝒊𝒇 𝒄𝒓𝒆𝒂𝒕𝒐𝒓𝒆 @Lamimr

Більше
Рекламні дописи
5 202
Підписники
+124 години
+117 днів
+1930 днів

Триває завантаження даних...

Приріст підписників

Триває завантаження даних...

Abdii Hin Kutiin! Utuu jiranii abdii kutachuun farra dhala namaati. Namni utuma lubbuun jiruu, utuu soorata nyaatee jiraatuu abdii kutata taanaan mataa isaattis, maatii isaattis, biyya isaattis, addunyaa irra jiraatuttis ba'aa sodaachiisaa ta'a. Kanaaf.... Abdii kutuurra mormaa cituu wayya Sababni isaa jiraa abdii dhaberra isa du'e wayya waan ta'eefi. Ariifattee na jalaatii hin aariin ragaan waan deeggaramen dubbadhaa jiraati. Inni du'e seenaa isaa, karoora isaa, waanuma isa ilaalatu hundumaa fudhatee gara lafa jalaatti waan darbeef bu'aas miidhaas hin fidu! 👉 Jiraan abdii dhabe garuu bu'aa yoo dhabes miidhaa qabaafan, "Jiraa abdii dhabe irra du'aa wayya" Jedhe! Namni nyaata addunyaa kanaa nyaatee, dhugaatii ishee dhugee, biyyoo addunyattii irra miilaa isaatiin adeemee, oksiijinii tolaatiin jiraatee faayidaa guutuu argachaa ofiisaatif faayidaa dhaba! Kanaaf addunyaan kun karaa nama kanaa kisaaraa olaanaa keessa jirti jechuudha. Adaraa kee obbolee koo hamma hafuura baafattutti abdii hin kutatin! Tolee? Waliif galleerra mitii? ✏ Goototni yeroo baayyee karoora isaanii jijjiruu irra lubbuu isaanii kennu. Kana jechuun lubbuu isaanii caalaatti karoora isaanii jaallatu jechuudha. Karoorri kee qabeenya keeti, kanaaf karoora keef jiraachuutti abdii hin kutin. wantoota abdii nama kutachiisan keessaa tokko KUFAATII dha. yoo itti fayyadamteef kallattiin milkaa'inaas kufaatiidha. Sababni isaa namni kamiyyuu kufaatii irraa barachuu waan danda'uuf kufaatiin barsiisaa namaa isa hangafa. Fakkeenya Namoota Kufanii Milkaa'anii Keessaa : - 👉TOMAS EDISEN balbii elektrikaa hojjechuuf si'a 10,000 yaalee kufee nama milkaa'eedha. 👉ABRAHAAM LINKEN Pireezidaantii Ameerikaa ta'uuf waggaa 22ffaa isaa irraa eegalee dorgomee moo'amaa waggaa 52ffaa isaatti pireezidantii Ameerikaa tahe. Isaan kaneen qofaa miti baay'etu jiru! obsumaan moo'atani. Kanaaf atis abdii hin kutiin jabadhu🙏 ♡ ㅤ     ❍            ⌲                Lᶦᵏᵉ    ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ   forward 🙏♥️°°°ʏᴇʀᴏᴏ ɢᴀᴀʀɪɪ°°°♥️🙏 ☞︎︎︎ @Faana_milkaina ☜︎︎︎ ☞︎︎︎ @Faana_milkaina ☜︎︎︎ ☞︎︎︎ @Faana_milkaina ☜︎︎︎
Показати все...
👍 15 7🎉 2
Addunyaa kana irraa waan utuu qabanii akka qaban wallaluu caalaa wanti nama gaddisiisu hin jiru. Nama biyyaa tokko keessa rakkina guddaan jiraatu tokkotu turee mana ijaarachuufis ta'e kireeffachuu waan hin dandeenyeef Dandii irraa jirataa ture. Maallaqa ittiin nyata bitaatu waan hin qabneef kuusaa xuraa'aan itti gatamuu keessaa nyaataa.umurii isaa guutuu jireenya sukkanneessaa akkanaan dabarese .dhumaa irratti Dandii irraatti du'e waanti baayee nama gaddisiisu ergaa du'e booda saqqii inni ittin mudhii hidhata ture keessa doolara Amerikaa 28,000 tu argame. Sunuu bara maallaqni bayye qaali ture kessa mallaqa hammi kuni bara sana dureeyyota biyyaa kessaa nama tokko isa taasisu danda'a ture. Namoonni hedduun dandeettii qaban gajjallaa jiraatu Hamma hojjechuu danda'an hin hojjetan maalif ? Waan hundummaatti carraa isaanii itti gaafatamaa taasisu ''carraa kootu biyya hiyyeettii kanatti na uumee'' jedhu ''carraa kootu bifa fokkisa kaanan na uumee'' jedhu carraan isaanii haala hin taane kessatti waan isaan uumeef jireenya isaaniif jijiruu akka hin dandenye ittii ammanu.carra itti hin amnin. Hiriyyaan kee si biraa milkaa'e sababa carraa isaatifii mittii dandetti qabdu hunda baastee ittiin hojjennan haalli ati jijiruu hin dandeenye jireenya kee kessaa hin jiruu jaabadhu!! yoo sitti tole fi irraa barattee hiryoota keef forward godhi 🙏 ✍️ Lammii M Galatoomaa!!🙏 ♡ ㅤ     ❍            ⌲                Lᶦᵏᵉ    ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ   forward 🙏♥️°°°ʏᴇʀᴏᴏ ɢᴀᴀʀɪɪ°°°♥️🙏 ☞︎︎︎ @Faana_milkaina ☜︎︎︎ ☞︎︎︎ @Faana_milkaina ☜︎︎︎ ☞︎︎︎ @Faana_milkaina ☜︎︎︎
Показати все...
👍 16 4
1🔷 “Amanamummaafi obsaan danda'uun keenya abbootii irree biratti hinmul'atu.” #Harmee REENII 2🔷 ✍️ “Namni yeroo kamirrayyuu caalaa, gammachuuf nii ariifata!” ✍️ “Imaanaan nama du'ee ulfaatadha.” #edimandi DAANTI 3🔷 “Waan fedhasaan ala ta'e hunda yaalun, Uumaa finciludha.” #Luba Faariyaan 4🔷 “Yakkamaan eenyuun akka ta'e baruu yoo feete, jalqaba, yakkichi raawwatamuun eenyuun akka fayyadu qoradhu!” #Qajeeltoo seeraa irraa 5🔷 ✍️“Wanti hunduu waan biraan walbira qabama” ✍️“Yeroon isaa haadheeratus, haagabaabatus malee, namoonni qulqulluun niibadhafamu.” ✍️“Yakkaman ofitti murteesse araara argata” #Luba Buusoonii 6🔷 ✍️ “Dhalli namaa hammamuu gaarii yoo ta'e, namoota laphee isaa keessa gadda kaa'an arguu hinfedhu!” ✍️ “Yoomuu yeroon nama kaasa; nama kuffisas.” #Kaaderos 7🔷 ✍️ “Ulfina xura'ee, dhugaatu qulqulleessa” ✍️ “Mooraa carraan gadhee diige, gootummaan deebisee ijaara!” ✍️ “Lubbuun yoo ture, waan hundi nii jijjirama.” #Moorel (Abbaa qabeenyaa doonii Faara'on) 8🔷✍️ “Jibbi jaamadha; dheekkamsi garmalee gowwaa nama taasisa.” ✍️ “Ija ba'umsa barbaadun, akka waan dhugaatii dhangaga'aa dhuguuf qophaa'uuti.” #Masee FIRAANZI 9🔷 ✍️ “Yaa dhala namaa! Uumama addunyaa kanarra jiran keessaa, akka namaatti gara-jabinaan sanyii walciniinu hin agarre! ” ✍️ “Haalan sirriin yoo itti fayyadamne, summiiwwan baay'ee balaafamoodha jedhaman illee, qoricha gaarii nuuf ta'uu danda'u” ✍️ “Jaalalli xobbee dargaggumaati. Suuta suuta gaafa isheen bilchaattu hordofee, kutee kan dhamdhame gammachuu argata” #Qondaalticha odola Monte Kiristoo 10🔷 ✍️ “Namni miira isaa to'atee, wantoota madaaludhaa yoo baate maraatuu irraa adda miti.” ✍️ “Duuti ofii isaa qulqulluudha” #Moorel MAAKSIMIILAN #Madda: Kitaaba QORMAATA JAALALAA kan EEBBISAA BAAYISAA'n hiikame keessaati. Hubachisa: Jechoonni kun, jechoota barreessichi taatotaaf laatedha. Namoonni maqaan isaanii eeraman Taatota barreessichi kitaabicha keessatti eeredha; malee sirrii mitii. Jaalladheen isiniif qoode. #Galatooma ♡ ㅤ     ❍            ⌲                Lᶦᵏᵉ    ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ   forward 🙏♥️°°°ʏᴇʀᴏᴏ ɢᴀᴀʀɪɪ°°°♥️🙏 ☞︎︎︎ @Faana_milkaina ☜︎︎︎ ☞︎︎︎ @Faana_milkaina ☜︎︎︎ ☞︎︎︎ @Faana_milkaina ☜︎︎︎
Показати все...
👍 12😁 1🙏 1
Показати все...
Королевский Пиар / Чат / Общение

❤Сотрудничество: @KseniaQwin Присоединяйтесь к нашему чату и получайте больше взаимопиара, лайков, добавлений в корзину и других активностей на маркетплэйсах!

👍 2
Waanti dhageenyyuuf arginu hundi gurra keenya madeessa. Funyoo abdii keenya marree akka guduunfinuuf nu dirqamsiisuu abbala. Qaala'insa jireenyaa, du'a, waraana, dhukkuba, beela, balaa, salphachuu Abbootii, imimmaan haadha hiyyeessaa..... Gurri keenya gaarummaa dhaga'uuf dheebotti. Gaaf gaaf hiraarsi baay'achuu isaarraan kan ka'e dhugaa osoo hin taane abjuuyyuu fakkaachuu mala. Hiraarsa dhuma hin qabne! Gaarummaan nurraa godaane. Lubbuun keenya guyyuu sodaan mankaraarte😔 Ammoo maaltu ta'inna, maalimmoo dhageenya laata?🥴 Gaafas kitaaba keessa dhokachuun jaaladha! Hiraarsi sun xiqqoo hanga hir'atutti, ciniinsuun sun hanga tarutti, dukkanichi hobobsaan waan kanaa olii osoo hin dhalchin hanga bari'utti kitaaba caala kan na gammachiisu bakki turtii biraa hin jiru. Eeyyeen! Waraqaawwan copha qubeessaa qaban sunniin jajjabeessuutti gita hin qaban. Jechoonni harka ogeessaan tarreeffan sunniin Abdii namatti guduunfuutti qixxeensaanii hinuma hin jirre. Kitaabonni na jajjabeessu; Abdii natti kudhaamu. Guyyaa hiraarsaa halkan mankaraarsaa San narraa gabaabsu! Warri barreessan, ogeessonni qubeessaan isaanii jechoota tarree galchu haa jiraatan. Galatoomaa!!🙏 ♡ ㅤ     ❍            ⌲                Lᶦᵏᵉ    ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ   forward 🙏♥️°°°ʏᴇʀᴏᴏ ɢᴀᴀʀɪɪ°°°♥️🙏 ☞︎︎︎ @Faana_milkaina ☜︎︎︎ ☞︎︎︎ @Faana_milkaina ☜︎︎︎ ☞︎︎︎ @Faana_milkaina ☜︎︎︎
Показати все...
👍 11 5
Guyyaa tokko namni abbaa qabeenyaa ta'e tokko mukeen mooraa mana isaa fuuldura jiran mursiisuuf oogeeyyii muka muran barbaadee argate. Ogeeyyiin muka muruuf qophaa'an Abbaa tokkoo fi ijoollee dhiira obbolaa lama turan Borumtaa isaa ganama, muka murtoonni sun waliin hojii guyyaa sanaa jalqabuuf dhufanii hojicha eegalan. Namichi muka mursiifatu sun kutaa ciisichaa isaa keessaa foddaadhaan isaan ilaalaa ture. Ilmi quxisuun nama muka muruu hojii tokkollee akka hin hojjenne hubate. Mucaan kun abbaa fi obboleessa isaa karaa kamiinuu hin gargaaru ture. Inni mooraa keessa naana'ee firiiwwan mukaa tokko tokko nyaachaa ture. hojii ulfaataa sana garuu abbaa fi obboleessi isaa ofuma isaaniitiin hojjachaa turan. Abbaan mooraa sun dadhabina fi ofittummaa gurbaa kanaatti ni aare. "Maal akkam nama manca'edha kun" jedhee aaree foddaa cufate. Dhuma guyyaa sanaatti abbaan muka muru sun abbaa mooraa sanatti dhihaatee hojii isaa waan xumureef "Hunduu raawwatameera obbo! Hojii sanaaf akkuma mari'anne kaffaltii koo argachuu nan danda'aa?" Jedheen. Abbaan mooraa kun mooraa sana erga sakattaʼee booda hojii achitti hojjetame baayʼee dinqisiifate. Mana keessa seenee qarshii nama muka muruu sanaaf kenne. Sana booda kiisha isaa keessa harka seensisee sa'aatii harkaa qaalii tokko baase itti laachaa akkas jedhe "Sa'aatii kana ilma kee hangafaaf akka kennitun barbaada! Inni mucaa ajaa'ibaati. Hojii hunda akka hojjettu, akkamitti akka si gargaare baay'een dinqisiifadhe. inni gaafa tokko hojjatee si boonsa! Garuu Ilma kee isa quxisuutti baay'ee mufadheera. Fedhii hojjechuu hin agarsiifne, waa'ee addunyaa kanaas miiran beekuuf fedhii hin qabu. Amma sirreessuu wayya yookaan guddatee si rakkisa ta'a. nama naamusa hin qabnee fi itti gaafatamummaa hin qabnedha" jedheen. Ogeessichi deebisee "Obbo, waa'ee ilma koo quxisuu wanti beekuu qabdu jira. Dhugaa dubbachuuf, duraan mucaa humna guddaa qabuu fi hojii cimaa hojjetu ture. Obboleessa isaa isa angafaa caalaa daran cimee hojjeta ture. Haa ta'u malee, ji'oota muraasa dura, dhukkubni kalee isaa tokkorra ga'eera., Kalee isa hafe fayyaa ta'ee akka turuuf, hakiimonni hojii dadhabsiisaa fi cimaa kam irrattiyyuu bobba'uu akka hin qabne akeekkachiisan" jedheen. Abbaan mooraa sun kana yommuu dhagaʼu, gaabbiitu itti dhagaʼame,ni rifate. "Kun baay'ee itti ulfaata. Ilma kee irratti murteessuu kootiif baay'een gadda. Dursee gaaffii gaafachuu nan danda'an ture. Dhugumatti, kitaaba tokko haguuggii isaatiin mi'aa isaa gonkumaa murteessuu hin qabnu... Dhiifama mucaa kanaaf sa'aatii harkaa caalaa waan maluuf nan yaada. waan inni osoo hojii ulfaataa hin hojjanne galii irraa argatu isaaf nan kenna " jedhee waadaa gale. * Seenaa guutuu yoo beekte malee murtii hin dabarsiin ykn tilmaama hin godhin. Yoo shakkii qabaatte kallattiin nama sana gaafadhu. Gaaffiin burjaajii qulqulleessuun fuula tokkorra nu galcha. -Wal hubachuu dhabuu irraa hamma dandeessutti namoota wajjin ifatti haasaʼi. -Fedhii namaa beekuuf fedhii qabaadhu, murtii hin kennuuf hin ariifati. ✍️ Lammii koof .... Galatoomaa!!🙏 ♡ ㅤ     ❍            ⌲                Lᶦᵏᵉ    ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ   forward 🙏♥️°°°ʏᴇʀᴏᴏ ɢᴀᴀʀɪɪ°°°♥️🙏 ☞︎︎︎ @Faana_milkaina ☜︎︎︎ ☞︎︎︎ @Faana_milkaina ☜︎︎︎ ☞︎︎︎ @Faana_milkaina ☜︎︎︎
Показати все...
👍 12 1🥰 1😁 1
34.👉 Namni hiriyaa isaatiif gammachuu hin yaadne rakkinaaf saaxilamaadha. Namni akkasii ofiisaa qofa osoo hin taane,namoota biroos ni madeessa.Kufaatiin namaas eenyummaa akkasii irraa dhufa. (Alfred Adiler) 35.👉 Haala si mudatu waliin jireenya kee walfudhachiisuuf yaalii godhi malee ‘akkan barbaadu ta’uu qaba’ hin jedhiin.(Abraham Liinkan) 36.👉 Otuu of hin gargaariin eenyumaaniyyuu gargaaruu hin dandeessu.(Gris Mori) 37.👉 Galaanni yeroo hundumaa waan yaa’uuf Namni tokko yeroo lama cehuu hin danda’u.(Hirik Litas) 38.👉 Balaa namatti dhufe injifachuuf tarkaanfiin jalqabaa waanta raawwate galataan fudhachuudha.Rakkoo si mudate akkuma jirutti fudhachuuf eeyyamamaa ta’i.(William James) 39.👉 Jireenyi Kenya waanta yaadni keenya uumudha.(Mark Awurias) 40.👉 Sammuu Keenya keesaatti Jannataa fi Gaanamiin uumuu ni dandeenya.(Milten) 41.👉 Amma rakkinni si rakkisutti ati hin rakkatiin.(Jecha Ameerikaanotaa) 42.👉 Jireenya keessatti waanti nuti akka karooraatti qabannu waanta lamatu jira.Inni jalqabaa waanta barbaannu argachuu yoo ta’u,Inni lammaffaan immoo waanta argannetti gammaduudha.Namoonni karoora isa lammaffaatti gammadan garuu beektota qofa. Madda:Kitaaba saayikooloojii(ICCITII MILKAA’INAA) kan Norman V.Pill barreesse. Qannoo Addisuu Afaan Oromootti hiikee Hinseenee Makuriyaa akka gulaaletti. Fuula 224-229 tti kan jirurraa. Namoonni kitaabicha hundasaa dubbiftan carroomtaniittu. ~~~~~ Galatoomaa!!🙏 ♡ ㅤ     ❍            ⌲                Lᶦᵏᵉ    ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ   forward 🙏♥️°°°ʏᴇʀᴏᴏ ɢᴀᴀʀɪɪ°°°♥️🙏 ☞︎︎︎ @Faana_milkaina ☜︎︎︎ ☞︎︎︎ @Faana_milkaina ☜︎︎︎ ☞︎︎︎ @Faana_milkaina ☜︎︎︎
Показати все...
👍 11 3
Jechoota Hayyoota Addunyaa *******👇 1.👉 Namoonni hedduu gorsa yoo fudhataniyyuu,kanneen itti fayyadaman beektota qofa.(Thomas Takias) 2.👉 sababa teessee ilaaltuuf namoonni gurguddoo sitti fakkaatu. Kanaafuu ka’i. (Jecha warra Ingilizii) 3.👉 Ifa arguuf dukkana halkanii dabarsuun dirqama.(wiiliyaam sheekispir) 4. 👉Kaleessaaf gaabbuu fi boruuf dhiphachuun guyyaa har’aa balleessuudha. (Maaksim Troobey) 5. 👉Cabbii caalaa yoo addaatteyyuu, urjii caalaa yoo qulloofteyyuu ceephoo jalaa bahuu hin dandeessu.(William shekispir) 6.👉 Addunyaa kana jechi ibsu hin jiru.(Jecha warra Morookoo) 7. 👉Nama carraa qabu galaanatti yoo darbatteyyuu qurxummii afaanitti qabatee baha.(Jecha warra Arabaa) 8.👉 Namni suuta deemu dafee bakka yaade gaha.(jecha warra chaayinaa) 9.👉 Daandii bakka yaadde si geessitu osuu hin beekiin adeemsa hin jalqabiin.(Jecha warra Ingilizii) 10.👉 Namni waan hundumaa hawwu nama guddaadha.Namni waan argachuu danda’u qofaa hawwummoo nama ogeessadha.(Jecha warra Aayilaandii) 11.👉 Namni dogoggorsasaa mul’isee himatu akka nama kosii manaa haruuti.(Maataammaa Gaandii) 12.👉 Nama tokko dogoggorasaarraa deebisuun hojii guddaadha.(Abirahaan Liinkan) 13.👉 Namoonni hammuma gammachuuf of qopheessan gammadu.(Abirahaam Liinkan) 14.👉 Namoota biroodhaaf hin yaadnu yoo taane,waanta namaaf gochuufii dandeenyu yoo dhiifne burqaa gammachuu tokko Akka gogsine beekuu qabna.(Rey Liiman Wiilber) 15.👉 Gammachuu fi shittoon walfakkaatu.Osuu namootaaf biifanii ofiis urgeeffatu.(Maaliif Waaltoo Imarsan) 16.👉 √ Maalaqni nyaata malee fedhii nyaataa hin bitu. √ Maalaqni qoricha malee fayyaa hin bitu. √ Maalaqni hordoftoota malee hiriyaa hin bitu. √ Maalaqni Hojjettoota malee Amanamtoota hin bitu. (Heenriik Ibsan) 17.👉 Namoonni hedduun abdii fuula duraa qaban abjootanii yeroo gammachuu abdiidhaan eeggatu. Garuu guyyaan har’aa guyyaa hundumaarra guyyaa addaati. Sababnisaa guyyaan har’aa harka kee keessa seentee jirti.(Charles Koltan) 18.👉 Har’i akka ta’etti yoo qabaatti siif galte malee Boris hin amanamtu. (Toomaas Diiriyes) 19) Waanti nuti sodaachuu qabnu sodaa qaofadha.(Franklin Ruzvelt) 20.👉 Baay’inni rifeensaa,baay’inni copha bokkaas, akkuma beekamuu hin dandeenye baay’inni rakkinaas sammuu nama mul’ataa xureessuu hin danda’u. Namni akkasii madaala jireenyasaatii ni eega.(Seeneka) 21.👉 Akkuma sibiilli yoo qarame malee hin calaqqifne akkasuma namnis yoo rakkinaan qoramee bahe malee addunyaatti mul’achuu hin danda’u.(Konfiishiyees) 22.👉 Sodaa kee of keessa dhokfadhu. Dhimma biraa garuu hiriyoota keetiin mari’adhu.(Robert Luis Stevens) 23.👉 Sammuun keenya qaamota keenyatti amanuu dhiisuuf aangoo qaba.(Andire Morwa) 24.👉 Namni namoota injifatu nama cimaadha. Namni ofiisaa injifatummoo nama hundumaa caala.(Laawoo 8ffaa) 25.👉 Dadhabinni jireenya keessatti nama quunnamu tokko qofa.Innis waan beekuu qaban beekuu dhabuudha.(Kanan Frederik Furar) 26.👉 Miirri injifannoo kan madaalamu injifachuu qofaan osuu hin taane,yommuu kufanis tattaaffii gochuudhaan ni madaalama.(Oliver Gold Smiz) 27.👉 Irra deddeebi’anii yaaluun salphina miti.Carraa gaarii ta’uusaatu ittiin safarama.(Joorjii maatiyaas) 28.👉 Waanti nama beekamaa si taasisu waanta ta’uu barbaaddu taatee argamuudha.(Sokirates) 29.👉 Sammuun kee foddaa ati ittiin addunyaa kana ilaaltu waan ta’eef yeroo hundumaa banaa taasisi.(George Barnaad show) 30.👉 Namoonni dhukkubaan hin du’an, dhiphina keessa isaaniitiin malee… (wiiliyaam Muuldan) 31.👉 Yeroo hundumaa tarkaanfii tokko tarkaanfachuu yommuu yaaddu,gufuu tarkaanfii tokko si ittisuu danda’utu si dura dhaabbata.(Antuwan Tekov) 32.👉 Karaan ittiin gammachuu argatan tokkicha.Innis muddamaa fi sodaa human keenyaa olitti nutti dhufan jalaa miliquudha.(Monten) 33.👉 Namni tokko amaloota sadii(3) qaba. isaanis: √ Amala inni agarsiisu √ Amala inni qabuu fi √ Amala inni qaba jedhee yaadu. (Alfans Kar)
Показати все...
👍 5😁 2 1
Addunyaa kanarraa namoota akaakuu afurtu jiru. Isaanis; 1, Nama hin beekne, akka hin beekne kan hin beekne 2, Nama hin beekne, akka hin beekne kan beeku 3, Nama beeku, akka beeku kan hin beeknee fi 4, Nama beeku, akka beeku kan beekudha! ♡ ㅤ     ❍            ⌲                Lᶦᵏᵉ    ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ   forward 🙏♥️°°°ʏᴇʀᴏᴏ ɢᴀᴀʀɪɪ°°°♥️🙏 ☞︎︎︎ @Faana_milkaina ☜︎︎︎ ☞︎︎︎ @Faana_milkaina ☜︎︎︎ ☞︎︎︎ @Faana_milkaina ☜︎︎︎
Показати все...
👍 16🥰 6 1👏 1
Wal dorgommii Bareedina! ==================== Gaaftokko shamarran uffata qaama isaanii mul'isu uffatanii walga'ii irratti argaman. Geggeessaan waltajjichaa shamarran kana ilaalee waan sammuun isaanii hin dagannee fakkeenyota sadii fudhatee itti dubbate. Kunis akkas kan jedhu ture. "Mee hundumti keessan gadi taa'aa waan tahe tokkon isinitti himaa! Albuudota gatiin isaanii qaalii tahan hunda akka isaan haala salphaan hin argamnetti Waaqni golgaa itti godhee uume. Fakkeenyaaf 1. #Warqii fudhadhaa. Dhagaa meeqa galagalchitanii, lafa gadi fageessitanii erga qottanii akka carraa bira geessu. 2. #Diyaamandiin albuuda gatiin isaa qaaliidha. Nama carra qabeessatuu ifaajjii guddaa booda argata. 3. #Pearls albuuda gatijabeessaa fi miidhagina guddaa qabudha. Albuuda kana argachuuf qurxummiin nyaatamuu utuu hin sodaatiin garaa galaanaa jala seentanii argattu. Albuuda kana baafachuuf abbootiin qabeenyaa mootumaa wajjiin waliigaltee seera qabeessaa eeyyama argachuu qaba. Albuudota haala salphaan ijatti argamaniif namni eeyyama gaafatu hin jiru, qaamni eeyyama laatus hin jiru. Qaamni keessan warqii, diyaamandii fi pearls caala qaaliidha. Kunis qaama keessan golgitanii fi eeggannoo yoo isiin gootanidha. Yoo akkas tahe gaa'ilatti seenuf keessanif illee waliigaltee seera qabeessa maatiin keessan beekan tahu qaba. Akkasitti maatii fi firoonni keessan beekanii qaamni 3ffaa eeyyama (marriage licensed) isiniif kenna. Albuuda rakasa kan golgaa hin qabne of hin godhiinaa, kan abbaan fedhe itti fayyadamu kan eeyyama eenyunuu ala namni martu arguu danda'u ." jedhee gorsa gabaabdu kana kenneef. Shamarran sunis of ilaalanii baay'ee ofitti gaddanii jedhama. Ergaan barreeffama kanaa siniif gala jedheen yaada. 👉Qaalii akka taatan beekaa "of hin rakasiisiinaa, gatiin keessan qaaliidha" Madda Fuula barruu Bilisummaa Dugasa jedhu irraan fudhadhee isiniif maxxanse. ♡ ㅤ     ❍            ⌲                Lᶦᵏᵉ    ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ   forward 🙏♥️°°°ʏᴇʀᴏᴏ ɢᴀᴀʀɪɪ°°°♥️🙏 ☞︎︎︎ @Faana_milkaina ☜︎︎︎ ☞︎︎︎ @Faana_milkaina ☜︎︎︎ ☞︎︎︎ @Faana_milkaina ☜︎︎︎
Показати все...
👍 17 7
Оберіть інший тариф

На вашому тарифі доступна аналітика тільки для 5 каналів. Щоб отримати більше — оберіть інший тариф.