cookie

Ми використовуємо файли cookie для покращення вашого досвіду перегляду. Натиснувши «Прийняти все», ви погоджуєтеся на використання файлів cookie.

avatar

Teha Sulti Law Channel

This channel is created by Teha Sulti to make access of legal concepts to lawyers & societies freely.

Більше
Рекламні дописи
1 272
Підписники
+624 години
+267 днів
+10930 днів

Триває завантаження даних...

Приріст підписників

Триває завантаження даних...

Share Qajeelfama 27-2016.pdf
Показати все...
Qajeelfama 27-2016.pdf5.34 KB
⭐👉Hojjataa Mootummaa Hojii Irraa DHORKUUN TURSIISUUN k dandamu Yoomi❓ FI Mirga Hojjattootaa. ✍️ Yeroo heddu hojjattootni mootummaa yeroo sababa tokkon maleetti hojii irraa dhoorkamanii fi seeraan wallaaluun mirga isaanii osoo hin kabachiisifannee fi hin gaafanne callisanii turan ni argina kun ta'u hin qabu. Akkasumaas Mirga isaani kanneen hin beeknees hedduudha kanaafuu akka nama mirga hin qabneetti callisu. ✍️ Hojjattaan mootummaa hojii irraa dhoorkamee kan turuu danda'u sababa armaan gadii kun yoo jiraateedha. Yoo kanneen hin jirre seeraanalummaa waan ta'uuf yakka kanaafuu qaamni hojii irraa dhoorke san yakka malaammaltummaan gaafatama. ✍️ Sababnii itti dhoorgamuu danda'uus isaan armaan gadii kana :- ➡️1️⃣.Hojjataa mootummaa kamiyyuu hojii irraa dhorkuun tursiisuun kan danda'amu: #A.Ragaalee dhimma itti shakkame waliin qunnamtii qaban balleessuu,dhoksuu yookiin dhabamsiisuun qorannicha ni gufachiisa jedhamee yoo tilmaamame; #B.Qabeenya irratti miidhaa dabalataa ni geessisa jedhamee yoo tilmaamame; #C.Haala ulfaatina badii ittiin himatame waliin wal qabatee hamilee hojjattoota biroo kan tuqu yookiin ummanni Mana hojii itti tajaajilamu irratti amantaa qabaachuu qabu ni faalleessa jedhamee yoo tilmaamame;fi #D.Balleessaan raawwatame jedhamu hojii irraa ni gaggeessa jedhamee yoo tilmaamame hojjetaa hojiirraa dhorkuun tursiisuun(suspension of civil servant from duty) ni danda'ama. ➡️2️⃣.Hojjataan mootummaa hojii fi mindaa irraa akka dhorkamee turu kan taasifamu,yeroon hojii irraa dhorkame turuu fi sababa hojii irraa dhorkameef hoogganaa ol'aanaa Mana hojichaa ykn bakka bu'aa isaatiin barreeffamaan akka ibsamuuf Biirichis garagalchaan akka beeku ni taasifama. ➡️3️⃣.Hojjataan tokko hojii fi mindaa irraa dhorkamee turuu kan danda'u yeroo ji'a lama(2) hin caalleefidha. ➡️4️⃣.Hojjataan sababa balleessaa naamusaa ittiin himatameen hojii irraa akka gaggeeffamu yoo itti murtaa'een alatti,mindaan yeroo dhorkaa keessatti hin kanfalaminiif hafe dhala malee ni kanfalamaaf. ➡️5️⃣Hojjataan sababa hojii isaarraa dhoorkamuu isaatiin raawwatiinsa mirgootaa fi dirqamootaa biroo dhorkamu isaatiin wal hin qabanne hin hambisu. ➡️6️⃣.Hojjataan hojii fi mindaa irraa dhorkamee ture hojii irraa akka gaggeeffamu ykn mindaan isaa akka kanfalamuu fi gara hojiitti akka deebi'u osoo hin taasifamin yeroon turtii dhorkaa yoo xumurame:- #a,sababa turtii himannaa naamusaatiin himanni isaa adeemsi qulqulleessuu walxaxaa yoo ta'e,mindaan walakkaa hojjaticha mootummaa kafalamaafi;yookiin #b,sababni turtii hojjetichuma mootummaa yoo ta'e,kafaltii mindaan ala;dhorkiin hanga ji'a tokkootti akka dheeratu murteessuun ni danda'ama. 👇#DARBIINSA_YEROO: 👉1️⃣.Hojjataan balleessaa adabbii naamusaa salphaa geessisu kan raawwate guyyaa balleessaan isaa beekamee irraa eegalee hanga ji'a jahaa(6) tti yoo tarkaanfiin itti fudhatamuu baate darbiinsa yerootiin waan daangeeffamuuf naamusaan itti hin gaafatamu. 👉2️⃣.Hojjetaan balleessaa adabbii naamusaa cimaa geessisu raawwate guyyaa balleessaan isaa beekamee irraa eegalee hanga waggaa tokkootti yoo tarkaanfiin itti fudhatamuu baate naamusaan gaafatamaa hin ta'u. 👉3️⃣.Hojjataan kamiyyuu mirgoota maallaqaan wal qabatan bara baajataa mirga itti argate keessatti qaama ilaallatuuf dhiheessuu yoo baate darbiinsa yerootiin ni hafa,Labsii Lakkoofsa 215/2018 keewwata 73(4).Dhimmootni naamusa hojjataatiin walqabatan kallattiin Mana Murtii idileetti hin dhihaatan. 👉 #MIRGA_HOJJATTOOTAA: 1️⃣.Hojjettoonni Warshaa fi Jaarmayaalee tajaajila kennan sadarkaa itti gaafatamummaa murtaa'e gadi kan jiran haalli hojii isaanii hayyamuuf waldaan gurmaa'uuf mirga qabu. 2️⃣.Hojjattoonni mootummaa haala hojii fi diinagdee isaanii fooyyeeffachuudhaaf waldaan gurmaa'uuf mirga qabu. 3️⃣.Qotee bultoonni,hojjattoonni qonnaa fi hojjattoonni baadiyyaa kan biraa sadarkaa itti gaafatamummaa murtaa'e gadi kan jiranii fi haalli hojii isaanii eeyyamuuf haala hojii fi diinagdee isaanii fooyyeeffachuuf waldaan gurmaa'uuf mirga qabu.
Показати все...
👍 1
4️⃣.Dubartoonni hojjattoota ta'an hojii wal fakkaataadhaaf kafaltii wal fakkaataa argachuuf mirgi isaanii eegamaadha. 5️⃣.Hojjattoonni akkaataa sirrii ta'een kan murteeffaman sa'aatii hojii,boqonnaa,yeroo bashannanaa,guyyoota boqonnaa yeroo yeroodhaan kanfaltii wajjiin kennaman,ayyaanota ummataa mindaan itti kanfalamu argachuuf mirga qabu. 6️⃣.Hojjattootni Naannawa hojii fayyaaqabeessaa fi balaa hin dhaqqabsiisne argachuuf mirga qabu. 7️⃣.Mirgoota kanniin hojiirra oolchuudhaaf,heera mootummaa keewwata 42(1)n mirgoota beekumsa argatan osoo hin hir'isin seeronni kan akka Labsii hojjattoota mootummaa,fi Labsii hojjataa fi hojjachiisaa bahanii argamu. Maddi:-M/teyib Nure Law Office:Seeraa fi Haqaa Galatoomaa
Показати все...
👍 2
Repost from Firew Law Office
📎Qajeelfama keessummessa garaagarummaa bal'inna lafaa qabiyyee seera qabeessa ta'e sirna qabsiisuu fi gatii caalbaadlsii wayitawaa lafaa Magaaloota Naannoo Oromiyaa Murteessuuf bahe lakk 02/2016
Показати все...
QAJEELFAMA HAARAYA Lakk. 2.2016 (1).PDF2.45 MB
5-08 (2).pdf7.44 KB
Фото недоступнеДивитись в Telegram
Qormaata Biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2016 Akka Biyyaatti Kennamu Barattootni 35% ol Oromiyaa Irraa Ta'uun Beekame. --------------- #qormaata_biyyoolessaa_kutaa_12ffaa_bara_2016_barattoota 246,575 kan qorsiisu yoo ta'u, naannoon Oromiyaa 701,489 ykn 35% ol ta'uun beekameera. #Qormaatni_kan_qophaa'u #Sirna_Barnootaa_Darbe(Moofaa) keessaa- Barnoota kutaa 9ffaa - 11ffaa jiru yoo ta'u, #Sirna_Barnootaa_Haaraa keessaa immoo - Barnoota Kutaa 12ffaa ti. #Guyyaa_Qormaataa; #Barnoota_Saayinsii_Hawaasaa - Adoolessa 03-05/2016 #Barnoota_Saayinsii_Uumamaa - Adoolessa 09-11/2016tti Waraqaafi 'Online'n kennama. Barattoota keenyaaf: #CARRAA_GAARII!
Показати все...
Qajeelfama sirna to'annoo xaa'oo
Показати все...
Proclamation 1074- Drivers qualification https://t.me/linkibsa
Показати все...
proclamation Driver’s Qualification Certification License.pdf6.17 KB
Оберіть інший тариф

На вашому тарифі доступна аналітика тільки для 5 каналів. Щоб отримати більше — оберіть інший тариф.