cookie

Ми використовуємо файли cookie для покращення вашого досвіду перегляду. Натиснувши «Прийняти все», ви погоджуєтеся на використання файлів cookie.

avatar

JECHOOTA KAKA’UMSAA 🪙

𝗦𝗮𝗺𝗺𝘂𝘂𝗻 𝗺𝗶𝗹𝗸𝗮𝗮’𝗶𝗻𝗮𝗮 𝗵𝗶𝗻 𝘆𝗮𝗮𝗱𝗮𝗻𝗲𝗲 𝗸𝘂𝗳𝗮𝗮𝘁𝘁𝗶 𝘆𝗮𝗮𝗱𝘂 𝗵𝗶𝗻 𝗱𝗮𝗱𝗵𝗮𝗯𝗱𝘂𝘂 𝗸𝘂𝗳𝘂𝘂𝗻 𝗶𝗺𝗺𝗼𝗼 𝗮𝗺𝗮𝗹𝗮𝗮 𝗺𝗼'𝗮𝗺𝘁𝗼𝗼𝘁𝗮𝘁𝘁𝗶 𝗺𝗶𝗹𝗸𝗮𝗮’𝘂𝘂𝗳 𝘁𝗮𝘁𝘁𝗮𝗮𝗳𝗮𝗱𝗵𝘂𝘂.

Більше
Фінляндія208Мова не вказанаКатегорія не вказана
Рекламні дописи
29 845
Підписники
+16624 години
+1 0467 днів
+2 41730 днів

Триває завантаження даних...

Приріст підписників

Триває завантаження даних...

Guyyaan hundumtuu carraa guddaafi Sadarkaa guddina koo kan dabalanidha jedhii yaadi. Kisaaraa yaadaa keessa hin seenin. Salphina akka ulfinaatti hin fudhatiin. Hin yaadda'iin;dukkanni kee har'aa itti hin fufuuti. Namoonni abdii si kutachiisan baay'ee tahuu danda'u. Ati garuu yoomillee ofii keetiif ilaalcha gaarii qabaadhu. Harka hin kennin. Ija hin laafiin hunda hin sodaatiin. Gadda boodatti si deebisu keessa hin seeniin. Nama boorii akka taate hin dagatiin. Guyyaan borii ulfina baatee si eegaa jira. Ati nama abdii kutatee lafa har'a jirutti hafuu hin dandeenye akka taate hubadhu. Baga addunyaan nama akka keetii qabaatte. Si malee addunyaan guutuu miti. Hir'inni kee addunyaa kana baay'ee boodatti hambisa. Iddoon ati har'a jirtu, bakka ati bor itti argamtu miti. Namni cimaan yeroo hunda cimina namaa dhugaa ba'a, fakkeenya godhata; namni dadhabaan garuu yeroo hunda dogoggora xiqqoo namarra barbaaduufi dadhabina namaa haasa’uun yeroo isaa guba. Ati isa kam keessa jirta? #Yaa namanaa! Waa'ee namaa haasa’uun jireenyakee keessaa daqiiqaa tokko gubuu irra waa'eekee sekoondii tokko yaaduutu bu'aa siif qaba.''
Показати все...
👍 52 15👏 5
Repost from N/a
Фото недоступнеДивитись в Telegram
Saree lakkoofsa meeqa irra jirtutu aannan dursee argata? 𝆺𝅥𝆺𝅥𝆺𝅥𝆺𝅥𝆺𝅥𝆺𝅥𝆺𝅥𝆺𝅥𝆺𝅥𝆺𝅥𝆺𝅥𝆺𝅥 ⦿ Lakk - 1 ⦿ Lakk - 2 ⦿ Lakk - 3 ⦿ Lakk - 4
Показати все...
👍 6
⦿ Lakk 1
⦿ Lakk 2
⦿ Lakk 3
⦿ Lakk 4
✍️ “Yeroon kee daangeeffamee jira; kanaafuu jireenya namni biraa jiraatuun yeroo kee hin qisaasessin. (your time is limited, so don’t waste it living someone else’s life)” #Steve_Jobs’. ✍️ “Ani hiyyeessa qarshii argadhuunis kitaaba bitadha; kan irraa hafeen uffataa fi nyaataan bitadha.” #Erasmaas ✍️ “Ati ifa qofa ibsi, dunkanni yeroo isaatittuu bada.” #Erasmaas ✍️“Namni dogoggora hin uumne, waan haaraa uumuu hin danda’u.” #Albert_ Aayinistaayin ✍️ “Injifannoon guddaan jireenya keessatti gonkumaa kufuu osoo hin taane yeroo kufan hunda bakka kufanii ka’uu dha.” #Nelson_mandela ✍️“Yoo wanta ati qabdu ilaalta ta’e yeroo hundaa isa caalaa qabaatta; garuu yoo wanta ati hin qabne ilaalta ta’e isaa gadi qabaatta.” #Ooppraah_Wiinfreey Ati yeroo tokko qofa jiraatta; garuu isa seeraan yoo itti fayyadamte tokko qofti gahaa dha.” #Mae_West “Ofitti amanamumma guddaan gara abjuu keetiitii imali; akkasumas jireenya ati yaadde jiraadhu.” #Henry_David“ " Jireenya jiraataattu jaaladhu;jireenya jaalatte keessas jiradhu” #Boob maarleey thoreau’ “Jireenyi baayyee salphaa dha; garuu namatu wal xaxaa godhaara malee.” #Confishiyas "Imimmaan ofiif dhangala'u imimmaan dadhabinaati, imimmaan namoota biroof dhangala'u garuu mallattoo ciminaati." #Biilii_Giraaham! "Yeroo tokko tokko namoota hunda gowwomsuu dandeessa, yeroo hundumaa immoo namoota tokko tokko gowwomsuu dandeessa, garuu yeroo hundumaa namoota hunda gowwomsuu hin dandeessu." #Abrahaam_Liinkan ''Beekumsa caalaa yaadni barbaachisaadha. Beekumsi daangeffamaadha, yaadni garuu guutummaa addunyaa hammatee guddina kakaasa, jijjiirama tirannaa dhalcha.” #Alberti_Aayinstaayin Diinota kee jaalladhu, Badii kee sitti hima. Namni of jaallatu dorgomtoota hin qabaatu. Inni nagaa tasgabbiidhaan jiraatu, Waan beeku hunda dubbachuu ykn waan arge hunda murteessuu hin qabu.” Hiriyaan dhugaa Qabeenya hundarra gaarii dha. Yeroo warra kaaniif gaarii taate, ofii keetiif hunda caalaa gaarii dha. 🇯‌‌🇴‌‌🇮‌‌🇳‌_‌🇺‌‌🇸‌☟︎』 ☛ @Jechoota_kakaumsaa1  ☜︎
Показати все...
👍 25 12
Barnoota Qabxii kudhaan(10)qabu kitaaba mataa duree "The Art of War" kan Sun Tzu barra'ee irraa: * 1.Diina kee beekii of beekii(Know your enemy and know yourself):- waan Kunni barumsa hunda caalaa iddoo barbaachisaa ta'edha kitaaba "The Art of War" keessa. •Yoo diina kee beektee of beekte lola dhibbaan karaa kamiyyuu dhufuun hin saaxilamtu. 2.Gaafa jabaattu dadhabaa ta'ii,gaafa dadhabde immoo jabaa ta'ii mul'adhu. •Kun barumsa waa'ee gowwoomsatti. •Yeroo jabaattu dadhabaa fakkaachuudhaan,diina kee gowwoomsee akka si xiqqeessuu dandeessa. 3.Bakka diinni hin qophoofnetti haleelu(Attack where the enemy is unprepared)): •Kun barumsa waa'ee taajjabbitti. •Bakka diinni hin qophoofnetti duuluun faayidaa argachuu sirraa jiratu argachu dandeessa. 4.Basaastota fayyadamuu(Make use of spies):- •Basaastonni waa’ee diina keetti oddeeffannoo gatii guddaa qabu siif kennuu danda’u. 5.Teessuma lafaa faayidaa keessaniif fayyadamuu(Use terrain to your advantage):- •Teessumni lafaa lola keessatti meeshaa cimaa taʼuu dandaʼa. •Teessuma lafaa hubachuudhaan faayidaa keetiif itti fayyadamuu dandeessa. 6.Jijjirama ta'u(Be flexible):- •Haalli dirree waraanaa yeroo hunda jijjiiramaa jira,Jijjiirama kana wajjin walsimsiisuuf haala jijjiiramaa taʼuu qabda. 7.Humna kee xiyyeefadhu(Concentrate your forces):- •Humna kee garmalee salphatti hin facaasina. •Kana mana humna kee bakka haleellaa tokko irratti xiyyeeffadhu. 8.Qalbii diinaa rukutuu(Strike at the enemy's heart):- •Garaan diinaa fedha falmachuu isaaniiti. •Fedhii diinaa lola cabsuu yoo dandeesse lola injifatta. 9.Gowwoomsaa fayyadamuu(Use deception):- • Gowwoomsaan waraana keessatti meeshaa cimaadha,Diina kee gowwoomsuun faayidaa argachuu dandeessa. 10.Yoom akka duubatti deebi'u beekuu(Know when to retreat):- • Yeroo tokko tokkoo, tarkaanfiin hundarra gaariin duubatti deebi’uudha. Duubatti deebi’uudhaan humna kee lola gara fuula duraatiif kunuunsuu dandeessa jedha Kitaabni "The Art of War"via Naol Nafyad @segnigudeta @WABIISG
Показати все...
👍 40 14👏 6🕊 4
➪ "Afaan inni hubachuu hin dandeenyeen nama tokkotti yoo dubbatte dubbiin kee gara mataa isaa deema. Afaan isaatiin yoo itti dubbatte garuu dubbichi gara laphee isaa deema." ➪ "Diina kee waliin nagaa buusuu yoo barbaadde, isa waliin hojjechuu fi gaarii ta'uufi qabda. Isa booda innuu fira siif ta’a." ➪ "Namoonni jajjaboon nagaaf jedhanii dhiifama gochuu hin sodaatan. Dadhaboonni garuu hiika nagaa waan hin beekneef dhiifama gochuus hin beekan!" ➪ "Lammiileen ishee hamma baratanitti, biyyi guddachuu dandeessu hin jirtu. Sababni isaa guddinni biyyaa barachuu dhalootaa keessa waan jiruuf!" ➪ Abjuun koo Afrikaa nagaa qabdu arguudha, nagaan jiraannan hundumaas akka qabaannu nan beeka!" 🇯‌‌🇴‌‌🇮‌‌🇳‌_‌🇺‌‌🇸‌☟︎』 ☛ @Jechoota_kakaumsaa1  ☜︎
Показати все...
👍 37🎄 3
➊. MAARTIIN LUUTER KIING ➥ "Dukkanni dukkana hin balleessu, ifa qofatu balleessuu danda’a. Jibbis jibba hin balleessu, jaalala qofatu jibba balleessuu danda’a." ➥ "Humni guddaan diina ofii ofitti firoomfachuu nama dandeessisu jaalala qofaadha. Jaalalli meeshaa ati yoo of harkaa qabaatte yeroo hundumaa ittiin mootuu dha!" ➥ "Jaalalatti qabamee jiraachuuf murteesseen jira. Jibbi ba’aa ulfaataadha waan ta'eef hin baadhu!" ➋. MAAHATAMA GAANDII ➝ "Yeroo hundumaa yaada, dubbii fi hojii kee guutummaatti tokko gochuu yaali. Yaadota kees qulqulleessi, inni kaan hundinuu gaarii ta’uuf jira." ➝ "Gammachuun, yeroo wanti ati yaaddu, dubbattuu fi hojjetu tokko siif ta'u kan argamuudha." ➝ "Cubbuu jibbi, cubbamaa garuu jaalladhu. Kan jibbamuu qabu cubbuudha malee cubbamaa miti waan ta'eef." ➝ "Eenyummaa koo guutummaatti ibsachuuf iyyuu bilisummaa na barbaachisa. Kanaaf garbummaa keessatti du'uu koo irra amman du'uttan gara bilisummaatti adeema!" ➝ "Namni dadhabaan dhiifama gochuu hin danda’u. Kan dhiifama gochuu danda'u nama beekaa, Ogeessa, hubataa fi jabaadha. Kanaaf nama dadhabaa fi gowwaa irraa dhiifama gochuu hin eegin!" ➝ "Qooda ijaa ijji haa ba’u kan jedhu, guutummaa addunyaa jaamaa godha." ➌. ABRAHAAM LIINKEN ➤ "Dhuma irratti kan siif lakkaa’amu waggoota jireenya kee keessa jiran miti. Jireenya waggoota kee keessa jiraniidha malee!" ➤ "Abjuun koo, Amerikaan abdii addunyaa kanaa yeroo taatu arguudha. Akka isheen taatus nan amana waan ta'eef abjuu dhugaa abju'achaa jiraachuu koo hin shakku!" ➤ "Miilli kee bakka sirrii dhaabbachuu isaa mirkaneeffadhu! Isa booda qajeelii dhaabadhu; deemsaaf immoo fuula kee dura ilaalii arreedi!" ➤ "Muka tokko akkan muruuf sa’aatii ja’a yoo naaf kennitan, ja'an keessaa sa’aatii afran qottoo koo qarachuudhaanan dabarsa." ➤ "Kan guddaa na yaaddessu Waaqayyo nu cinaa dhaabachuu isaa miti; nuti toora Waaqayyo irra dhaabachuu keenya barbaadu irra dhaabachaa jiraachuu keenyadha, Sababni isaa Waaqayyo yeroo hundumaa sirriidha waan ta’eef." ➤ "Tooftaa cimaan diina ofii ittiin balleessan, fira ofii godhachuudhaani." ➤ "Yeroo murtaa’eef namoota hundumaa yookiin namoota muraasa gowwoomsuu dandeessa ta’a, garuu yeroo hundumaa gowwoomsuu hin dandeessu." ➤ "Abbaan abbaa kootii eenyuun iyyuu yoo ta’e dhimma koo miti. Kan na yaachisu ilmi ilma isaa eenyu ta’uuf akka jirudha." ➍. MAAZER TEREEZAA ➲ "Waaqayyo akka milkoofnu nu irraa hin eegu, akka nuti milkaa’uu yaallu qofa nu irraa eega malee." ➲ "Namoota dhibba tokko nyaachisuu yoo dadhabde, nama tokko nyaachisi; Tokko dhibba tokko keessa waan jiruuf!" ➲ "Namoota nurraa fagoo jiran jaallachuun salphaadha. Warra nutti dhi’oo jiran jaallachuun garuu yeroo hundumaa salphaa miti." ➲ "Wanti guddaan hammam akka kennine miti. Waan kenninetti jaalala hammamii akka daballedha." ➲ "Wanta gaarii ati har’a hojjettu, namoonni bor ni irraanfatu ta’a. Waanuma hundaafuu, waan hamaa isaan yaadachaa jiraatan hojjechuu irra waan gaarii isaan irraanfatan sana hojjedhu!" ➲ "Addunyaa keenya irraa daabboo dhabanii du’aa kan jiran hedduudha, jaalala dhabanii du’aa kan jiran immoo isaan sana irra ni caalu." ➲ "Wanti nuti hojjennu coba galaanaa caalaa xiqqaadha. Yoo nuti keessaa hafne garuu galaanichi waan dhabuu hin qabne tokko dhabeera jechuudha." ➎. NIILSEN MAANDEELLAA ➪ "Addunyaa kana jijjiiruuf meeshaa guddaan, hunda caalaa humna qabu barnoota dha!" ➪ "Namoota isaan kaan of dura buusanii ofii booda ta’anii hoogganuun gaariidha, keessumaa yeroo injifannoo fi wantoonni gaggaariin nu mudatan dursa warra gaggeessinuuf kennuu qabna. Yeroo balaan jiru garuu ofii fuula dura dhaabachuun gaariidha. Isa booda namoonni hooggansa keenya ni ajaa’ibsiifatu, ni jallatamnas." ➪ "Namni tokko itti ol ba’uuf gaaronni hedduun akka isa hafan kan argu, gaara tokko erga ol ba’ee booda dha." ➪ "Hamma hojjetanii arganitti hojiin hundumtuu waan hin danda’amne fakkaata, ta'us hojiin hin hojjetamin isa hojjechuuf hin yaalamin jiruudha malee isa dadhabame miti!"
Показати все...
👍 22 5👏 4
■ "Hiyyeessa taatee yoo dhalatte balleessaa kee miti, hiyyeessa taatee yoo duute garuu balleessaa keeti." — (Biilii Giraam) ■ "Maatii irraa dhalatte filachuu hin dandeessu ijoollee sirraa dhalataniif garuu haala mijeessuu ni dandeessa." — (Biilii Giraam) ■ "Namoonni waan tokko hojjechuuf yaalanii kufan, warra homaa utuu hin hojjetin milkaa'an irra ni caalu." — (Looyid Joonsi) ■ "Muka ija qabutti dhagaan baay'ata." — (Shiikeeraa) ■ "Karaa si baasu hin beektu taanaan deemsa hin eegalin." — (Ingilizoota) ■ "Nama hundumaaf gaarummaa yaadi, garuu hiriyyaa filadhu." — (Giriikota) ■ "Rabbi gurra lamaa fi afaan tokko nuuf kennuun isaa baayyee dhaggeeffachuu fi xiqqoo dubbachuu akka qabnu nu hubachiisuu dhaafi." — (Araboota) ■ "Beekumsi nyaata lubbuuti." — (Pilaatoo) ■ "Amala nama tokkoo yoo baruu feete aangoo yookiin taayitaa kenniif." — (Abrahaam Liinkan) "Beekumsi kennaa uumamaa si jalaa hin hatamneedha." — Albart Staayin "Hiyyummaan hiyyuuma caalu hiyyummaa sammuuti." — Sooqiraxas "Hanga lubbuun jirtutti waan gaarii hojjedhu!" — Abrahaam Linkan "Yeroo dabarsuurra guyyaa beellamaa dabarsuu wayya!" — Abrahaam Linkan "Beekaa jedhamuuf barumsa keessa darbuu osoo hin taane baruumsi si keessa darbuu qaba." — Abrahaam Linkan "Sammuun qullaa ta'uu irra kiisiin qullaa ta'uu wayya." — Sheekispiir "Boru kaleessaaf karoorfachuu hin dandeessu." — Edmand Bark "Yeroo hunda tarkaanfii tokko yoo yaaddu qormaanni gufuun miilla kee irratti ni mul'ata." — Antoon Cheevak "Nama irra yaaduf yaali! Garuu namarra beekadha ofiin hin jedhin!" — Wiiliyaam Jaamsi "Horii kee waan barbaaddetti jijjiiruu dandeessa! Biyya kee garuu hin dandeessu." — Joon F. Keneediin "Bareedinni sammuudhaa umurii wajjiin dabalaa yoo adeemu kan bifaa immoo hir'achaa deema." — Joon F. Keneediin "Humna agarsiiftuu ol qabaadhu! Hamma beektu dubbadhu!" — W. Sheekispiir 🇯‌‌🇴‌‌🇮‌‌🇳‌_‌🇺‌‌🇸‌☟︎』 ☛ @Jechoota_kakaumsaa1  ☜︎
Показати все...
👍 27🔥 7 6
➊. Abrahaam Liinken — Namoonni hammuma gammaduuf sammuu isaanii qopheessan gammadu. — Waan feete ta'i; garuu itti cimi! — Suuta jedheen deema; garuu tasumaa booddeetti hin deebi'u. — Kufaatii keef dhimma hin qabu; kanan dhimmu ka'uu keef! ➋. Beenjaamiin Firaankiliin — Namni obsa qabaachuu danda’u waan barbaadu argachuu danda’a. — Qophaa 'uu yoo dadhabde kufaatiif qophoofta. — Yookiin waan dubbifamuuf malu barreessi! — Yookiin waan barreeffamuuf malu hojjedhu! — Investimentiin beekumsa irratti ta'u dhala hunda caalu namaaf kaffala. — Foddaan mana kee fuullee yoo qabaate, ollaa keetti dhagaa hin darbatin! ➌. Guutamaa Budihaa — Kan nuti taanee jirru bu'aa wanta nuti yaadneeti. — Namni ogummaadhaan jiraatu du'ayyuu hin sodaatu. — Yoo waa dubbachuu feete yeroo hundumaa dubbiin sun dhugaa, barbaachisaa fi gaarii ta'uu of gaafadhu! — Okkoteen copha cophaan guutti! — Gammachuun keessa keetii dhufa, alaa hin eegiin! — Rakkoon kee maali seete? Yeroo qaba jettee yaadda. ➍. Maatamaa Gaandii — Namni dadhabaan dhiifama hin godhu. Dhiifama gochuun amala nama jabaati. — Gammachuun yeroo waan ati yaaddu, waan ati dubbattuu fi waan ati hojjettu tokko ta'aniidha. — Namni gaariin michuu uumama hundumaati. — Namni bu'aa yaadota isaati, waan yaadu ta'a. ➎. Maartiin Luuter Kiing — Umurii qofaa lakkaa'uu dhaan dheerina yeroon namaa nyaatame caalaa kan nama gaddisiisu hin jiru. — Humni diina ofi irratti jijjiiruu danda’u tokkichi jaalaladha. — Namni dhiifama gochuuf humna dhabe, jaalachuuf humna hin qabu. — Urjoota arguu kan dandeessu dukkana keessatti qofaadha. — Fincilli sagalee warra hin dhaga'amneeti. ➏. Maazar Tereezaa — Namootatti kan murteessitu yoo ta'e, isaan jaalachuuf yeroo hin qabaattu. — Jechoonni gaggaariin gabaaboo fi salphoo ta'uu danda’u, sagaleen isaanii garuu dhuma hin qabu. — Namoota dhibba nyaachisuu yoo dadhabde tokko qofa nyaachisi! — Hojiin jaalala hin qabne garbummaadha. — Jireenyi namoota kaaniif hin jiraatamin jireenya miti. 🇯‌‌🇴‌‌🇮‌‌🇳‌_‌🇺‌‌🇸‌☟︎』 ☛ @Jechoota_kakaumsaa1  ☜︎ 🇯‌‌🇴‌‌🇮‌‌🇳‌_‌🇺‌‌🇸‌☟︎』 ☛ @Jechoota_kakaumsaa1  ☜︎
Показати все...
👍 14🥰 4 3
Фото недоступнеДивитись в Telegram
🎉 20👍 10 9
Barsiisaa Tokkotu barattoota isaa keessaa barattoota shan filachuun Agarsiistuu /Maxaantirii/ Haalluu adda addaa argisiisuu laatefi. Sana booda gabatee gurraacha fuuldura isaanii jiru haalluu isaan arga hunda irraa adda ta'e dibee "haalluu akkamiituu sinitti mul'ata?" jechuun gaafate. Hundi isaanituu wanta itti mul'atu halluu adda addaa deebisaniif. Barattoota taa'anii ilaalaa turanitti garagaluun "ijoollen kun akkamitti walii galuu danda'u?" jechuun gaafate. Namoonni muuraasni yaalanis sirrii miti jedhaman xumura irratti mucaan tokko harka ishee baastee akkas jettee deebiste. "Dhuunfaa dhuunfaan wanti isaan arganiifi deebisan. Garuu deebii wal-tawaa argachuuf marti isaaniyyuu agarsiistuu isaanii baafachuu qabu" jette. Dhugaadha nutihoo maal ilaalaa jirra? kan dhuunfaa keenyatimoo kan hawaasa keenyati. Caluma jennee lafaa ka'uun anatu siif beeka jechuun dura nama sana beekuun ni dursaatii kopheen ani keessa dhaabbadhe keessa dhaabbattee yoo hin ilaalin wantan ani argu arguu hin dandeessu. 🇯‌‌🇴‌‌🇮‌‌🇳‌_‌🇺‌‌🇸‌☟︎』 ☛ @Jechoota_kakaumsaa1  ☜︎ 👍        ❤        🗨️             ♂️ ˡⁱᵏᵉ       ʳᵉᵃᶜᵗ     ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ     ˢʰᵃʳᵉ
Показати все...
33👍 16👏 3
Оберіть інший тариф

На вашому тарифі доступна аналітика тільки для 5 каналів. Щоб отримати більше — оберіть інший тариф.