cookie

Ми використовуємо файли cookie для покращення вашого досвіду перегляду. Натиснувши «Прийняти все», ви погоджуєтеся на використання файлів cookie.

avatar

Sona walaloo

Sona baay'ee argattu!! @Walaloo @Barumsa jajjabeessan

Більше
Рекламні дописи
2 166
Підписники
+224 години
+137 днів
+3630 днів

Триває завантаження даних...

Приріст підписників

Триває завантаження даних...

CARII👇 Asoosama gabaabaa 𝙠𝙪𝙩𝙖𝙖 3𝙛faa Cariin rakkina keessa ba'uuf manaa baatee karaatti rakkinaan xaxamtee, miila ittin gara fuulduraatti tarkaanfatteen duubatti tarkaanfachun dirqama itti taanaan duubatti deebite. otoo miidhaginni gogaa qaama namaa rakkina ittisa ta'ee, cariin kanaaf hin maltu. Otoo gaarii hojjachuun rakkina irraa nama oolcha ta'ee cariin kanaaf hin saaxilamtu. Otoo Jireenyi qorumsa hin qabne bareedina ijaa fi mudhii ilaalame kennama ta'ee silaa dunkaanni jireenya inni nagaan guutu,burqaan gammachuu isheef laatama. Maal godharee jireenyii faalladha tokko yoo guute tokkommo hir'uuyyu miti duwwaadha. Miidhagdee uumamteetti miidhaga biratti rakkina malee homaa hin qabdu. rakkinni ishee qabatee dhuka lafee nyaachuu eegale. abdiin isheen qabdus harkaa haphatee, falli isheen jireenyaaf qabdu mana abbaa isheetti galtee waan taate ta'uudha. gaafa haadha ishee awwaallattee Abbaa badii tokko malee dhabdee manaa baatu waan haftee haati ishee mana keessa ol-keesse muraasa harkatti qabattee baatullee amma, akka nama ergaa dhaquu harka raasaa gara mana isaanitti deebi'uuf imalte. Of ilaaltee of dhaggeeffatte gaafa duwwaa ta'uunshee itti dhaga'amu karaa irraatti of ceepha'aa "akkamittan debi'aa? namnis maal naan jedhaa?" jechaa namni ishee beeku yoo itti dhufe akka nama waa hatee ija namaa da'eeffachaa yeroo mana geessu, Abboomaan (diinni aabba ishee inni Abbaa, ishee dabarsee kenne sun) mana isaanitti galee hoo'ifatee biriqqisee keessa jiraachaa jira. qabeenya jal'inaan argatetti waaqa galateeffachaa keessatti dhugee machaa'aa jiruu dalgaa jiraata. "bara bofti nama iddite lootuun afaan namatti banti" akkuma jedhamu, inni carraa argatetti fayyadamee gocha namummaa bakka hin buune ishee irratti rawwate. Cariin waan rakkatte nama ittiin mari'attu bakka itti boqottu,hin qabdu. Ollaa dhiyoo jirutti baqachuuf bakki isaan jiran baadiyyaa waan ta'eef ollaa dhiyoo isheen qabdu Abbooma malee dhiyeenya irra namni biraa hin jiru. kanarraa ka"uun kaka'umsi jireenyaaf qabdu hir'achaa dhufe. abdii isheen qabdus akka aannan okkotee cabe keessaa dhangala'utti harkaa dhangala'e ,haadha ishees abaaruu jalqabde. Sammuun ishees gaaffi deebiisuun itti ulfaatuu gaafachuu jalqabe"Jireenyumti maalii? Kaayyoon jireenyas maalii? ..." Jedhee. Kana kan yaadde mana isaanii (isa abboomaan itti gale) fuuldara dhaabatteeti. Dhiiste deebi'uuf bakki deemtu hin jiru, gara lameenittuu filannoo waan hin qabneef "mana abbaa kooti ti" jettee falmite . Abboomaan nama quufaa nama jireenyi guutee fi nama rakkina nama hin hubannee, nama hundumaa akkuma maqaa isaa "Abboomee" bulchuu barbaadudha. Cariin akkas jechuu isheef caccabsee, daaraa dha'ee bun! godhee ari'e. isheen homaa hin goone qabeenya abba ishee falmite. bara namni qabeenya abbaa isaa falmate ofuma itti miidhamu keessa dhalachu isheef waaqa ishee uumatti gungumte😓. haadhaa fi abbaa dhabuu isheetti aansee qabeenya haftee maatii ishee dhabuun dhukkuba qoricha hin qabne itti ta'e😪 Dhukkubni qoricha hin qabne yaalii hin qabu, dhukkubuu hin dhiisu , si nyaachuu , si dhiiphisuu hin dhiisu. hanga ati turte si wajjiin tura. Maarre isheenis dhukkubichaan qabamtee jirti. Dhukkubichaaf Abbaanshee qoricha ta'uu mala. Waa'ee abbaa ishee immo lubbuun jiraachuu fi du'uu isaa hin beektu. "Yeroo tokko×2 namni gaarii godhe godhee jibbama yeroo tokko×2 immo hamaa godhee jaalatama. Jireenyumtu toora hin qabu, waaqnis na hin beeku ...😔 " jetti dhaabattee. gocha inni godhe yaadattee, nama hundumaatu hamaadhas jetti aarin. Deebite gargaarsa matiin Daadhii isheef godhan yaadattee, namni hamaa miti jette ofumaa jecha ishee faallessiti. "Uumamaan namni hamaa,jallina kan yaadu of-qofa kan jaalatu miti. garuu jiraachuuf wanti isa barbaachisu waan hin guunneef tokko miidhee ofii guttachuu filata. Otoo hundi hamaa ta'e isaan lafa rakkinaa sanatti na wajjin hin ta'an ture" jetti. Lafti dhi'eera. bakka bultu hin qabdu. Ishenis akkuma dhaabataa ooltetti demte mana namaa barbaaddee na bulchaa jechuuf kara qabatte qajeelte...🚶kuta 4ffaan itti fufa. .....✍️ Samuel Girma (JU)
Показати все...
Ecci.....😡😏 Of si tuffachiisaa jireenya jibbitaa Gadi jettee bultaa diinatu si bitaa... Dhiibbaan wal gurmeessee Fuulatti si fiigaa..... Dadhabbiikee mara libsuu takkaan diigaa...... Tiifuutu sijjeesa, Gaaddisatu si gubaa...... Yaaddon si huuqqisa, jechatu si hubaa..... Gaafas icci jettaa gaafas of tuffattaa Eenyummaa kee baaftaa, salphina uffattaa😰 ........ Buddeen sagal fixaa, Garaadhaa beeloftaa Kotteedhaan socho'aa, keessoodhaan eeloftaa Duumessi ulfaataa, wanti hundumtuu yakkaa..... Lama tarkaanfattaa, nageenya kee shakkaa... As laaltee achi laaltee, qilleensa bir'attaa..... Lootuun" shokok" jennaan, kiiloo shan hir'attaa😳 Gaafas ecci jetta, bifa kee xaragaa............. Yaadaan dhoqqee faaltee, ofitti maragaa... Yaa jireenyaa jetta, mormakee cabsitaa..... Sagal afuurfattee, dhiphina labsitaa............😠 ...... Egaa maal gootagaa, jiruun si faallessaa Osoo birraa yaadduu, gannaan si daallessaa Yaanni kee soorummaa, Gin kaboota ultaa Fedhiin kee xiyyaaraa, farda ooftee bultaa Huccuu haaraa feetaa, kan qabdu citaadhaa...... Ati mirgaan yaaddaa, jireenyi bitaadhaa.....😭 ...... Gaafa akkasii kanaa, Gaaf jireenyi burree Gaafa of oolfachuuf, gurgurattu surree....... Gaafas ecci jettaa, sururfattee laaltaa Bubbee wajjiin fiigdaa, eergama kee haaltaa.. Yaadaan baddaa baatee, takka boolla lixxaa Abdii kee sharaftaa, gurgurattee fixxaa........ Harkaan marii qabdee, yaadakeetiin mugdaa Ibicha cuunfitee, malakkeedhaan dhugdaa😂 ✍️Chala Beyisa Caamsaa 30-2016 @#Wku
Показати все...
Qorumsi mi'eessituu jireenyaa ta'uushee hin dagatin😂! Muudannoon qorumsaa si muudachuunsaa dammaqsituu hirriibaa ta'uushees yaadadhu🙄 Yeroo baay'ee lafa rafne jirrutti qorumsi gaafa nutti Dhufuu, maalirraa akka rafneefii maal keessaa akka rafaa jirru nu barsiisa.❤...qorumsa sitti dhufe akka carraatti fayyadamiitii maalirraa akka rafaa jirtu adda baafadhu😉 Sana booda calliftee keessa gangalachuun sin barbaachisu❌. Dammaqi✅..Raafamni dhaabbii keetii ol yoo ta'es jabaadhuu hiixadhu guyyaa tokko keessaa baatatii💪 Rakkinoota guyyuun nu muudatan injifachuuf furtuun tokko nii jira..... Innis obsa jedhama. Hubadhu👉 Obsi riqicha ittiin qorumsaalee nutti dhufaniif riqicha ta'ee keessa nu dabarsudha.....Haala(situation) sitti dhufe ciniinnattee yoo obsite, akkasumas tattaaffii barbaachisaa ta'e yoo gootee, wanti ati injifannoo cululuqaa hin galmeessineef hin jiru❌. Rakkisaakee hundeen buqqisuun durammoo luqqa'uun akka jiru beeki😭 luqqaateetuma luluqqaateetu gaafa guyyaan ga'e akka warqee calaqqifta😀💪 Miidhaguu dursa miidhamuun akka jiru quba qabaadhu! Kana beeknaan madaankee homaa sitti hin fakkaatu....madaakee dhiifteetu lafa galma keetii sana qofarratti ijakee dagatta. Dhiphina kaayyeffatee si dhiphisuu dhufe waliin teessee dhiphachuudhaan osoo yerookee gubuu baattee gaariidha.✅ Obsi furtuudha🔑. Balbaloota fuula durakeetti cufamanii jiran banachuudhaaf tarkaanfiin ati fudhachuu qabdu aariif dhiphina osoon taanee...Balbalicha rakkinaa sana si fuulduraa banuuf kan si gargaaru furtuun ijoon obsadha😘 Eeyyen obsi. Ciniinnadhu, Garaa kee sabbataan hidhadhu, yoos lafa yaadde geessaatii💪 Yaadaaf 👉@Chalchalish ✍️BARREESSAA: CAALAA BAAY'ISAATIIN!
Показати все...
00:52
Відео недоступнеДивитись в Telegram
25.14 MB
Akkas siin jedha YESUUS👇 Ilaamee mucaa koo Du'akee siif du'eeraa Fannoo kee siif baadhee Bakka kee bu'eeraa....... Lubbuu kee olchuufan Gidiraallee obsee..... Dhiiga koo qulqulluun Balleessa keef cobsee Hin boo'in dhala koo Anoo si jaaladheeram Jaalala agaaphee..... Jireenya siif lachuufan Bakkakee adabamee Fannoorra sif dhaaphee Fayyina kee xumuruuf Alangaan reebamee Luqqa'eem irrikoo...😭 Jaalala keef jedhee Muka jiidhaa baannan Dhiigeera dirrikoo.. .....😭 Osoon an siif jiruu..... Gadadoon marfamtee Hin duutu cubbuunii Mirga abbaan si kaa'a Gammadaa jiraatta Fayyitee lubbuunii....❤ Beelakee beela'een Gadadoo kee nyaadhee Mirga koo si kaa'een jireenya siif laadhee Dabarsee of kenneen Dhiiga koo gad-naqee Galmee badiisaarraan Maqaa kee siif haqee🙏 ........ ✍️Chalish Beyisa Yaadaaf 👉@Chalchalish
Показати все...
Harkisa jaalalaa... ...... Maali jaalalichi Maaltu si harkisee? Eessa koo jaalattee Maaltu si rakkisee...??? Silaa ani hiyyeessa Harkaa hin qabu meetii Isayyuu ormadhaam Silaa diina keetii.......! Silaa an yakkaamaadhaa Cubbuudhaan kan guutee.... Maaluma siif goonaan Darbitee naaf duutee....? Maaluma siif goonaan Samiirraa gad dhuftee? Gatii cubbuu kootii Dhiiga keetiin cuftee? ..... Dadhabaa jaalattee Dhiphina hirattaa....? Beekaan osoo jiruu Wallaalaa filattaa....?? Waaqummaakee dhiiftee Miila namaa dhiqxaa..... Dhoqqeefii raqraqii Laalaa natti siqxaa...? Maali jaalalichi Maalumaaf gad buutee?? Ani eenyu taanaan Darbitee naaf duutee😭?? ........ Cubbamaaf darbitee Ba'aa cubbuu baattaa Nama yakkamaadhaaf Lubbuu kankee laattaa.... ...... Jireenyiif boqonnaan Dhiigakeerraa maddaa Safuudha uumaa koo Maali jaalalli addaa....... Gatii nan gaafanneem Tola natti siqxee...... Manca'aa jiruu koo Dhiiga keetiin dhiqxee... Ofii keetii baattee Fannoo koo naaf yaabdee Dhiqxee qulleessitee... Fuula abbaa na dhaabdee....❤ ✍️ Chala Beyisa Vidion 👉https://www.tiktok.com/@chalishbey/video/7364857289380990214?_t=8m3nig1ak8k&_r=1
Показати все...
TikTok · @chala beyisa

Check out @chala beyisa’s video.

"Waraanni yemmuu jalqabu: abbootiin siyaasaa rasaasa gumaachu, dureessonni nyaata gumaachu, hiyeessonni ammoo ijoollee isaanii gumaachu. Waraanichi yemmuu xumuramu: abbootiin siyaasaa rasaasa waraanarraa hafe walitti qabatu, qabeenyi dureessotaa inni waraanarraa hafes guddachuu eegala, hiyyeessonni ammoo reeffa ijoollee isaanii naannoo awwaalaa barbaadu." [ jecha Sarbiyaanotaa].
Показати все...
"Waraanni yemmuu jalqabu: abbootiin siyaasaa rasaasa gumaachu, dureessonni nyaata gumaachu, hiyeessonni ammoo ijoollee isaanii gumaachu. Waraanichi yemmuu xumuramu: abbootiin siyaasaa rasaasa waraanarraa hafe walitti qabatu, qabeenyi dureessotaa inni waraanarraa hafes guddachuu eegala, hiyyeessonni ammoo reeffa ijoollee isaanii naannoo awwaalaa barbaadu." [ jecha Sarbiyaanotaa].
Показати все...
Sona walaloo

Sona baay'ee argattu!! @Walaloo @Barumsa jajjabeessan

Abdii kutuun lubbuu baasuudha. Ati gaafa abdii kutattu, lubbuu kee akka dhabde beeki😢 Abdii kuttu malee lubbuukeerratti tarkaanfii hin fudhattu waan ta'eef. maalif ree? Abdii kutuu keessa lubbuu balleessuun akka jiru erga quba qabaattee.....egaa amma dafii lubbuu kee oolfadhu. Goonkuma abdii hin kutatin( Never Give up) jireenyuma addunyaa kanatu akkasi, takka ol si baasaa takka gadi si buusa. Al takka nii gammaddaa al takka nii gaddita. Kuni haalota(situation) dha. Nii dukkanaa'ee jechuun hin bari'u jechuudhaaree? Har'a harkaa dhabde jechuun borus hin qabaattu jechuudhaaree? Har'a kufte jechuun bor hin milkooftu jechuudhaaree? Goonkumayyuu akkas jechuu miti. dadhabuunkee har'aa cimina dhabuu kee isa borii hin murteessu. Haalonni har'a jireenya keerratti calaqisan kamiyyuu yeroosaanii eeggatanii godaanu. Girrisanii wal guurratanii sirraa cala'u.....🏃 Eeyyen! Addunyaan ati keessa jiraattu kun....addunyaa gufuuf qoraattiidhaan guuttedha. Nii tarkaanfatta, nii gufatta nii kufta😢 Abdii yoo qabaatte garuu tattaafattee kaata💪 Kufe jettee achi ciifnaan garuu, achumatti rirmi si nyaata😢 Hin ciisin! Tattaafadhuuti ka'ii deemsakee itti fufi... fuuldura kee qofa ilaalii fiigi! Waca simbiraaf yuusa waraabessaatti gurra hin qabin! Saree si duubaa duttutti dhagaa darbachuuf hin dhaabatin! Maalif? Dutuun sareedhaaf amala🐈....Akkasumas dhaabbatanii dhagaa darbachuun amala nama kashalapheeti. Rom'uun, akkasumas sodaatanii abdii kutuun amala nama sodaattuuti🙄 Atimmoo akka goota taate nan beeka. Kanaafuu tarree saree fii tarree kashalapheetii maal dalagdaree? Tarree abdii kutuutii maal dalagdaree? Namni jabaan abdii hin kutatu. Tattaafateetu fuulduratti fiiga malee....jabaadhu...Ammas jabaadhu. Abdii hin kutatin malee, lafa yaadde sana inuma geessa💪 Waan dubbifteef galatoomi🙏 ✍️ Chala Beyisa Telegram 👉https://t.me/bashannanuuf
Показати все...
Sona walaloo

Sona baay'ee argattu!! @Walaloo @Barumsa jajjabeessan

BEEKUMSA WALII-GALAA👇 1. Namni yeroo jalqabaatiif  ji'a(moon) irra qubate Neil Armstrong jedhama. 2. Dubartiin yeroo jalqabaaf gaara Everest yaabde Junko Taibei(Japan) jedhamti. 3. Dubartiin yeroo jalqabaaf galaanota murtoossoo addunyaa torba(7) daakkidhaan qaxxaamurte Bula Chaundhury(India) jedhamti. 4. Dubartiin yeroo jalqabaaf Pireezidaantii taate Maria Estella Penon jedhamti. 5. Dubartiin yeroo jalqabaaf Muummee Ministeeraa taate Mrs. Srimavo Bhandarnaike jedhamti. 6. Biyyi yeroo jalqabaatiif Saatalaayitii hawaatti ergite Russia dha. 7. Namni yeroo jalqabaaf Ardii Awurooppaa irraa Chaayinaa dhaqqabe Marco Polo jedhama. 8. Namni yeroo jalqabaaf xiyyaara oofe obboloota lamaan Wilber Wright fi Orville Wright jedhamu. 9. Namni yeroo jalqabaaf addunyaa naanna'e Ferdinand Magellan jedhama. 10. Biyyi yeroo jalqabaatiif Kitaaba Maxxansite Chaayinaa dha. 11. Dubartiin yeroo jalqabaatiif  Olompikii irratti badhaasa Geeba Warqee(Gold Medal) mo'atte Charlotte Cooper jedhamti(UK), Tennis dhaan(1990). 12. Biyyi yeroo jalqabaatiif Maallaqa Waraqaa (paper money) Maxxansite Chaayinaa dha. 13. Namni yeroo jalqabaaf bantii Kaabaa (North Pole) bira gahe Robert Peary jedhama. 14. Dubartiin Musliimaa yeroo jalqabaatiif badhaasa Noobeelii argatte Shirin Ebadi jedhamti, Noobeelii Nageenyaa(2003). 15. Namni yeroo jalqabaatiif Bantii Kibbaa (South Pole) bira gahe Amundsen jedhama. 16. Magaalaan yeroo jalqabaatiif Atomic Boombiin irratti dhoofame Hiroshima (Japan) dha. 17. Namni yeroo jalqabaatiif Hawaa keessa gahe Yuri Gagarin (Russia) jedhama. 18. Magaalaan Asia yeroo jalqabaatiif Olompikii qopheessite Tokyo (Japan, 1964) dha. 19. Movie'n yeroo jalqabaaf Addunyaa kanarratti hojjatame "The JazzSinger( 1927)" jedhama. 20. Biyyi Yeroo jalqabaatiif Olompikii ammayyaa qopheessite biyya Giriikii dha.     #SONAWALALOO
Показати все...
Оберіть інший тариф

На вашому тарифі доступна аналітика тільки для 5 каналів. Щоб отримати більше — оберіть інший тариф.