cookie

Ми використовуємо файли cookie для покращення вашого досвіду перегляду. Натиснувши «Прийняти все», ви погоджуєтеся на використання файлів cookie.

avatar

Oromia Education Bureau

Chaanaalli kun barattoota mana barumsaa sadarkaa lammaffaa fi waggaa tokkoffaaf(Freshman) bifa Viidiyoon afaan Oromootiin barumsa ni kenna.

Більше
Фінляндія1 413Мова не вказанаОсвіта31 234
Рекламні дописи
3 864Підписники
+2324 години
+327 днів
+7530 днів

Триває завантаження даних...

Приріст підписників

Триває завантаження даних...

"Qormaanni biyyooleessaa kutaa 12ffaa magaalota filataman keessatti toora interneetidhaan ni kennama" - Prof. Birhaanu Nagga Qormaanni biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2016 magaalota filatamoo keessatti toora interneetii irratti akka kennamu Ministeerri Barnootaa beeksise. Ministirri Barnootaa Prof. Birhaanuu Naggaa, "Qormaanni kun guutummaan guutuutti toora interneetii irratti kennamuu kan hin dandeenye ta'us magaalota naannolee filataman keessatti akka kennamuuf hojjetamaa jira" jedhan. Barattoonni naannolee hunda keessatti filataman qormaata isaanii toora interneetii irratti akka fudhatan beeksifameera. Kanneen hafan qormaata isaanii haala idileetiin akka Fudhatan ibsaniiru. Daarektarri Madaallii Barnootaa fi Qormaata Doktar Ishetuu Kabbadaa akka jedhanitti; Qormaata kana toora interneetii irratti gaggeessuuf hojiin qophaa'inaa hojjetamaa aka jirus himaniiru. Barattoonni qormaata yaaliitiin akka shaakalan ni taasifamuu jedhaniiru. #MoE https://t.me/Oromiastudent_s
Показати все...
Oromia Education Bureau

Chaanaalli kun barattoota mana barumsaa sadarkaa lammaffaa fi waggaa tokkoffaaf(Freshman) bifa Viidiyoon afaan Oromootiin barumsa ni kenna.

👍 4👎 4
#Ministeera_Barnootaa Bara 2016 tti barattoonni Miiliyoona 8.8 barnootaa ala ta'aaniiru - Ministeera Barnootaa Sababa rakkoo nageenyaatiin kutaalee biyyattii iddoowwan garaa garaatti barattoonni Miiliyoona 8.8 barnoota ala ta'uu isaanii Ministeerri Barnootaa beeksiseera. Itoophiyaatti sababa rakkoo nageenyaatiin manneen barnootaa 8,977 balaan kan irra gahe yoo ta'u, isaan kana keessaas manneen barnootaa 6,483 kan ta'aan guutummaa guutuutti cufamuu isaanii himameera. Ministeerichi fi Biiroowwan Barnootaa Naannolee waliin ta'uun sirna baruu barsiisuu itti fufsiisuuf yaalii taasisaniyyuu, ammayyuu iddoowwan garaa garaatti walitti bu'iinsi itti fufee jiru rakkoon kun akka hin furamne taasiseera. Qaamolee isaan ilaallatu hundaaf sirna baruufi barsiisuu itti fufsiisuuf wanta isaanirraa eegamu akka godhaniif Ministeerichi waamicha dhiyeesseera. Channel keenya join taasifachuun odeeffannoo barnootaa dhugaa argadhaa! @Qubee_Media_Official @Qubee_Media_Official
Показати все...
👍 25😁 2
Rikardiin nama gabaabaa Addunyaa Iraaq irraa gara Itiyoophiyaa, Naannoo Oromiyaa bakka Kofalee jedhamtutti deebi'e. Mucaan suuraa irratti mul'atu kun maqaan isaa kaalid Jamaal Bushuraa yemmuu jedhamu Naannoo Oromiyaa bakka kofalee jedhamtutti dhalatee guddate. Yeroo ammaa mucaan kun umrii isaa 18 yemmuu ta'u, nama gabaabaa addunyaa kanaa ta'uun galmaa'eera. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡 📚ODEEFFANNOO BARNOOTAAF 📚 @ABDIISABAA 📚 🌐 abdiisabaa.com 🌐 abdiisabaa.org Karaa Fuula Feesbuukiin Nu Hordofuuf! 👇👇👇👇👇👇👇👇 https://www.facebook.com/AbdiiSabaaFb
Показати все...
👍 14 9
Barattoonni kuma 675 ol qormaata kutaa 8ffaa nifudhatu. Naannoo Oromiyaatti barana barattoonni kuma 675fi 900 ol qormaata naannoo kutaa 8ffaa akka fudhatan Biiroo Barnootaa Oromiyaa beeksise. Cabiinsa barnootaa sirreessuuf xiyyeeffannoo mootummaan dame barnootaaf kenneen gumiin tiraansiformeeshinii Barnootaa Oromiyaa hundaa’ee qulqullinaa barnootaa mirkaneessuuf hojiilee garagaraa hojjechaa jira. Naannichatti barattoonni kutaa 6ffaa, 8ffaafi 12ffaa qormaata moodeelaa gumii tiraansiformeeshinii barnootaa Oromiyaan qophaa’e akka fudhatan taasifameera. Qormaanni naannoo kutaa 8ffaa ji’a caamsaa dhufu akka kennamuus himameera. @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
Показати все...
👍 25 7
#BEEKSISA 12/06/2016 Hoggansa Barnootaa , Barsiisota , Maatii Barattoofi Barattoota kutaa 6ffaafi 8ffaa Oromiyaa hundaaf. Akkam Jirtan? #Qormmaata_Kutaa_6ffaafi_8ffaa_bara_barnootaa_2016_kennamu ilaalchisee gamanummaa qophiin akka taasiftan isin beeksifna. #A- Bara Barnootaa 2016 akka Naannoo Oromiyaatti, #Barattootni_kutaa_6ffaa; Dhiirri - 386,703, Dubartiin - 345,540, waliigala barattootni kutaa 6ffaa 732,243 yeroo duraatiif qoruumsa Naannoo ni fudhatu. Biiroon Barnoota Oromiyaa hir'ina dhiyeessii kitaabaafi muuxannoo dhabuu barattootni qormaatichaarratti qaban yaada keessa galchuu, bara kanaaf akka shaakalaaf(ka'umsaaf) ta'u bara duraa kanaaf qofa Qoruumsi Naannoo Kutaa 6ffaa Gosa Barnoota Shan qofa akka ta’uufi qabiyyeen isaas kutaa 6ffaa keessaa qofa kan qophaa'u ta’uu isin beeksisina . #Gosa_Barnootaa_Qormaatn_Kutaa_6ffaa_keessaa_qophaa'u; 1.Afaan Dhalootaa 2. Afaan Ingilizii 3.Herrega 4.Saayinsii Naannoo 5. (Barnoota Gadaafi Safuu ) #Yeroon_Qoruumsaa immoo, #Caamsaa 26-30/2016 ta’a. #B- Barattoota #Kutaa_8ffaa_Bara_Barnootaa 2016 Qormaata Naannoo Fudhatan Ilaalchisee; Barattootni Qormaata Fudhatan - Dhiirri 347,313 - Dubartiin 323,963 Waliigala barattooni 671,276 qoruumsa naannoo bara 2016 ni fudhatu jedhamee eegama. Qoruumsi kutaa 8ffaatis qabiyeen isaa kan kutaa 8ffaa keessaa qofa kan qophaa'u yoo ta'u , #Yeroon_qorumsaa #Waxabajjii 3-7/2016 ta’a . #Gosa_Barnootaa_Qorumsi Kutaa_8ffaa keessaa_qophaa'us; 1.Afaan Dhalootaa 2.Afaan Lammaffaa 3.Afaan Ingilizii 4.Herrega 5.Saayinsii Hawaasaa 6.Saayinsii Waliigalaa 7.Barnoota gosoota hunda galaa (Gadaa fi Lammummaa ) ta'uu gamanumaa isin beeksifna. Maatiin, Barsiistoniifi hoggansi barnootaa kana beektanii barattoota keenya akka qopheessitan dursinee isin hu bachiisaa, barattootnis haaluma kanaan qoohii akka gootan Isin hubachiifna. Biiroo Barnootaa Oromiyaa. Guraandhala 12/2016 FINFINNEE https://t.me/Oromiastudent_s https://t.me/Oromiastudent_s
Показати все...
Oromia Education Bureau

Chaanaalli kun barattoota mana barumsaa sadarkaa lammaffaa fi waggaa tokkoffaaf(Freshman) bifa Viidiyoon afaan Oromootiin barumsa ni kenna.

👍 38
​Gaaffii Miseensotni Caffee Oromiyaa Dhimma Barnootaa Irratti Kaasaniif Hogganaan Biiroo Barnootaa Deebii Laataniiru. ---------------------- BBO- 10/06/2016 Yaa'ii Idilee 6ffaa waggaa 3ffaa bara hojii Caffee 6’ffaa irratti Biiroo Barnootaa Oromiyaatiif gaaffii ka'aniif hoogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dr. Tolaa Bariisoo deebii laataniiru. Gaaffileen/yaadotni miseensota Caffeetiin ka'an 5 yoo ta'an tartiibaan akka armaan gadiitti dhihaataniiru. 1-Biiroon Barnootaa Oromiyaa Manneen Barnootaa Sad. 2ffaa babal'isuu irratti maal yaadaa jira? kan jedhu yoo ta'u, Deebiin Dr. Tolaa: Biiroon keenyaafi Mootummaan Naannoo Oromiyaa waggaa tokkoofi lamaan darban keessa manneen barnootaa Ifa Boruu Sad. 2ffaa 100fi Manneen Barnootaa Bultii Addaa 7 ijaaruu ibsuun akka mootummaafi biiroo keenyaatti, bara 2016/17 tti haaraa ijaaruu otuu hin taane, manneen barnootaa jiraniif ulaagaalee barbaachisaa ta'e guutuu irratti hojjataa jirra jedhaniiru. 2-Yaadni lammaffaan miseensa Caffeetiin ka'e, " Investimeentii Barnoota irratti taasifamuufi bu'aa wal biratti qabnee yoo ilaalluu maal fakkaata," kan jedhu yoo ta'u, - Dr. Tolaanis, bu'aan barnootaa kan yeroo gabaabaan safaramu yoo ta'uu baatullee, bu'uura irraa hojiin hojjatamaa jiru abdii guddaa kan nama keessatti uume ta'uu himaniiru. Manneen barnootaa Bu'uura Boruu keessatti daa'imman baratan dubbusuu, lakkoofsa adda baasanii dubbisuu irratti bu'aan argame gammachiisaa ta'uu dubbataniiru. 3- Qormaataan walqabatee gaaffii ka'e ilaalchisee Qormaata kutaa 6ffaa, 8ffaafi 12ffaa ilaalchisee qormaatni kan kilaastaraan qophaa'e ta'uu ibsuun, kunis barattootni keenya kutaa 12ffaa irratti qabxii gadi aanaa maaliif galmeessisan kan jedhu qorannoo gaggeeffameen, barattootni keenya qarmaata wal fakkaataafi istaandardaawaa ta'e waan hin qoratamneef kan jedhu qorannoon waan agarsiisaniif kan fooyyessuuf ta'uufi yaada hir'ina teeknooloojiitiin walqabate ibsaniiru. 4-Yaadni afraffaa irratti ka'e immoo, Biiroon Barnootaa Oromiyaa manneen barnootaa ijaaruu(hardware)malee, barnoota kennamu(Softeware)irratti hojjataa hinjiru jedhama, jedhamee yaada ka'eef. Dr. Tolaa Bariisoo, deebii isaanitiin akka armaan gadiitti ibsaniiru. -Carraa barnootaa ilmaan Oromoo hundaa akka wal gahuu manneen barnootaa babal'isuun(ijaaruun) keenya dhugaadha. kun 'hardware' ta'uusaati akka kabajamoo miseensa Caffeetti. 'Softeware' beekumsa, ogummaafi ilaalcha irratti maal hojjataa jirtu kan jedhu yoo ta'u, Hoogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa, Dr. Tolaa Bariisoo deebii kennaniin, - Biiroon Barnootaa Manneen Barnootaa qofa ijaaruu otuu hin taane; #Sirna barnootaa jijjiiruun. #Leenjii hoggantoota manneen barnootaa, #Leenjii barsiisotaa -Manneen Barnootaa Bu'uura Boruu, - Gosa barnootaatiin barsiisota MB Sad.2ffas leenjisuu, #Supparvaayizaroota barnootaa leenjisuu, - Hawaasni keenya qulqullinni barnootaa rakkoo keessa akka jiru ajandaa hawaasaa, maatii barattootaa, mootummaafi miseensota Caffee kanaaf taasisuun dandeenyeerra. Kuni hunduu, ijaarsa MB qofa otuu hintaane ijaarsa sammuu daa'imman keenyaa irratti hojjachaa jiraachuu kan agarsiisu yoo ta'u, 'Softeware' irratti hojjachaa jiraachuun biiroo keenyaafi mootummaa keenyaa ol-aanaa kan ta'e, barattootni keenya duudhaa ganamaatti akka deebi'an aadaa, duudhaa, safuu Ummata keenyaa akka beekan, sirna barnootaa keenya keessatti #Barnoota Gadaafi #BarnootaSafuu akka hammatamu taasisuun sammuu barattoota keenya irratti akka hojjatamu taasifamee jira jedhaniiru. 5-Waa'ee hanqina kitaaba barataa ilaalchisee gaaffii ka'e ilaalchisee; Hanqinni kitaabaa kan uumame hanqina sharafa biyya alaa irraa kan ka'e, meeshaalee maxxansaaf tajaajilan irratti hanqinni kan qunname waan ta'eef hanga humni keenya hayyameen saffisaan hojjachuun rakkoo kitaaba barataa akka hiikuuf hojjatan Dr. Tolaa Bariisoo miseensota Caffee Oromiyaatiif ibsaniiru. Nyaata barattootaaf dhihaatu waliin wal-qabatee gaaffii dhihaateef immoo, Dhaabbata Buusaa Gonfaa waliin qindoominaan hojjachuun harcaatiin uumame akka furamuu danda'u Dr. Tolaa Bariisoo ibsaniiru. https://t.me/Oromiastudent_s https://t.me/Oromiastudent_s
Показати все...
Oromia Education Bureau

Chaanaalli kun barattoota mana barumsaa sadarkaa lammaffaa fi waggaa tokkoffaaf(Freshman) bifa Viidiyoon afaan Oromootiin barumsa ni kenna.

👍 12
#Kutaa_12ffaa Tajaajilli Madaallii fi Qormaata Barnootaa guyyaa har'aa Gurraandhala 7/2016 galmee dorgomtoota Qormaata Ragaa Xumura Barnoota Sadarkaa Lammaffaa Itiyoophiyaa (kutaa 12) bara 2016 ilaalchisee galma walga'ii waajjirichaa irratti ibsa miidiyaaleef kenneera. Ibsi daayreektarri olaanaa tajaajilichaa obbo Tafarraa Fayyisaa kennaniin, dorgomtoonni qormaata xumuraa mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Itiyoophiyaa bara 2016 (kutaa 12ffaa) qormaataaf taa’uu isaanii dura ulaagaa galmee guutuu akka qaban irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u yeroo murtaawaa kenname keessatti galmaa'uu akka qaban ibsaniiru. Akka ibsa Daarektara Olaanaa kanaatti galmeen kun Gurraandhala 3-30, 2016tti karaa toora Interneetiitiin kan raawwatamu ta’a. Qooda fudhattoonni sadarkaa sadarkaan jiran dhimmoota irratti xiyyeeffatamuu qaban akka armaan gadiitti cimsanii ibsaniiru. 1. Yeroo murtaa’e keessatti Gurraandhala 3-30, 2016 qofatti galmaa’uu akka qaban. 2. Dogoggora kamuu, kan akka saalaa, maqaa, suuraa, Muummee barnootaa fi rakkoolee kana fakkaatan akka hin uumamneef of eeggannoon raawwachuu. 3. Gurraandhala 30/2016 booda galmeen fudhatama akka hin arganne beekuu danda’uu. 4.Galmeen barattoota idilee fi galgalaa mana barumsaa itti baratanitti kan raawwatamu ta'uu beekuu. 5. Galmeen barattoota Dhuunfaa , sagantaa barnoota fageenyaa/interneetii/ waajjira barnootaa aanichaa fi godinaatiin akka raawwatamu ibsaniiru. Dhumarrattis Daarektarri Olaanaan waamicha tajaajila kanaa fudhachuuf miidiyaaleen galateeffachuun galmeen qormaata bara 2016 yeroo fi haala qulqullina qabuun akka raawwatamu dhaamsa dabarsaniiru. Tajaajila madaallii barnootaa fi qormaataa https://t.me/Oromiastudent_s https://t.me/Oromiastudent_s If you're highschool or university student seeking video tutorials, check out our YouTube channel 👇👇👇👇 https://youtube.com/channel/UCLPTQfMXS6we7aTT4g9MwCwty
Показати все...
👍 8 3🔥 1
Показати все...
Показати все...
👍 4 4
Obboleewwan sadan carraa barnoota biyya alaatiin kooriyaa kibbaatti wal argatan. Ijoolleen kun sadanuu ilmaan Oromooti. https://t.me/Oromiastudent_s https://t.me/Oromiastudent_s If you're highschool or university student seeking video tutorials, check out our YouTube channel 👇👇👇👇 https://youtube.com/channel/UCLPTQfMXS6we7aTT4g9MwCwty
Показати все...
6