cookie

Ми використовуємо файли cookie для покращення вашого досвіду перегляду. Натиснувши «Прийняти все», ви погоджуєтеся на використання файлів cookie.

avatar

Jireenyaa shifarraa

Garaaf miti sabaaf jiraanna

Більше
Країна не вказанаМова не вказанаКатегорія не вказана
Рекламні дописи
230
Підписники
Немає даних24 години
Немає даних7 днів
Немає даних30 днів

Триває завантаження даних...

Приріст підписників

Триває завантаження даних...

YouTube sagalee Oromootaa jedhu subscribe godhaa Darbbeesimmoo telegram Sagalee Oromootaa jedhu join gochuun hordofaa
Показати все...
Yuunivarsitii Dambi Doollootti Barssiisaan Amaanu'eel Baalchaa marssaa 2ffaaf yaalii balaliisa xiyyaaraa buufata xiyyaaraa Magaalaa Dambi Doollootti taasiseen milkaa'ee Jira . Baga gammadde jennaan Oromoon Ilmma akkasii qabaachuu isaatti guddoo boona jabaadhu . Ammas irra deebiin BAGA MILKKOOFTE 👇👇👇👇 https://youtube.com/channel/UC-QyVfYI00Zjen5eppT8FXg 👇👇👇👇 https://t.me/oduu_haaraa1
Показати все...
YouTube sagalee Oromootaa Subscribe gochuun Oduu bashannansiisoof barssiisoo ta'aan hordofaa 👇👇👇 https://youtube.com/channel/UC-QyVfYI00Zjen5eppT8FXg
Показати все...
“Isin filannoo kanatti jabaadhaa malee filannoo booda natti dhiisaa wanti hundi ni sirrata” jedhee kaadree sobaa bahe Abiyyi. Kaadreen dhuguma waan inni waa sirreessu itti fakkaate. Amma wanti sirrate jiraa? Inumaayyuu guyyaa guyyaan rakkoon cimaa dhufe. Otuu filannoo haqaa tahee kan ummatni barbaadu filatee biyyi ni tasgabbaa’a ture. Filannoo sobaa waan taheef tasgabbiin dhabamee amma mootummaan cehumsaa barbaachisaa tahe. Kaadreen hanga yoom gowwoomtu? Kana duras “poolisii Oromiyaa baasaa RIB bobbaasee shanee torbee lama keessatti balleessa” jedhee kaadree sobe. Torbee 2 mitii hanga har’atti balleessee ree? Inumaa WB00n achi booda cimaa dhufe. Juntaa daakuu ta’eera jedhe. “Daakuun akkamitti deebi’ee Tigraay keessaa nu baase” jedhee Kaadreen gaafatu hin jiru. Hanga kana dunuunfatanii nama tokko jala deemuun gatii nama kafalchiisa. 👇👇👇👇👇 https://t.me/oduu_haaraa1
Показати все...
Haala amma deemaa jiruun waraanni Tigraay Bilxiginnaa ni moo’ata. PP’n gaafa kufaatii isii mirkaneeffatte piropogaandaan afuufuuf deemtu Wayyaaneen deebitee isin gabroomfachuuf kan jedhu taha. Oromoon kana dursee hubachuu qaba. Dursanii hubachuun waan yeroo sanitti godhuu qabnu jarjaraan hin tahu jechuudha. Gaafas piropogaandaa PP moggaatti dhiifnee warra kana waliin yoo Itoophiyaan itti kan fuftu tahe mari’achuuf of amansiisuu qaba. Warra gumaa waliin hin mari’annu siyaasni jedhu gaafas akka nu hin miine. Oromoon osoo humna cimaa akka TDF kanatti PP caccabsee biyya dhuunfatu tahee wanti ani jechaa jiru kun yaaddoo hin tahu ture. Osoo nuti sadarkaa sanirra hin gahin gaafa mariin dirqama tahe carraan nuti qabnu abbaa dhimmi ilaallatu kamuu waliin mari’annee carraa Oromoof gaarii tahe uumuudha. Sanaan ala diina kaleessaatu nutti deebi’uuf jennee PP waliin hiriiruun gabrummaa dachaan ofirratti fe’uudha. Join godhaa 👇👇👇👇👇 https://t.me/oduu_haaraa1
Показати все...
OOLMAA DHADDACHAA!⚖️ -Qabsaa’onni keenya Jawaar Mohaammad, Obbo Baqqalaa Garbaa, Obbo Hamzaa Booranaa fi Obbo Dajanee Xaafaa akkuma kana dura ibsaa turan beellama har'aarrattis hin argamne. -Manni murtii dhimma kanarratti Jawaar Mohaammad faa mirga falmachuu isaanii fedhii isaaniitiin dhiisaniiru, bakka isaan hin jirretti falmiin itti haa fufu’ jechuun har'a ajaja kennee jira. -Bu’uuruma kanaan Falmii itti aanu bakka Jawaar, Baqqalaa, Hamzaa fi Dajanee Xaafaa hinjirretti gaggeessuuf torban tokko booda Adoolessa 30 bara 2013tti beellamee jira!
Показати все...
Seenaan Bara dargii deebi’ee…. Maatiin ijoollee ofii Kaadiroota Bilxiginnaa jalaa dhoksuuf iddoo baay’eetti rakkachaa akka jiru Odeeffannoon nu gahu ni Ibsa. Falli isaa Fincila wolirraa hin cinnee eegaluu qofa. Taa’anii gara du’aa deemuuf murteessuu irra!
Показати все...
.Baatii 3 dura ummata keenya Walloo waan godhan yaadadhaa! Roorroo san dhaabsisuuf rasaasa tokko dhukaaftee kan hin beeynetu har'a diinuma san salphina irraa oolchuuf ilmaan hiyyeessaa kaabatti duulchifte. Gama kaaniin aammoo har'ayyuu diinuma sanatu Oromoo Karrayyuu cabsee lafa Oromiyaa Amaaratti dabaluuf duulaa jira. Callifni saba kanaa kun itti fufnaan, diinni fagoo diina qehee keessaa biqilte qabachuun kana caalaa Oromoo fi Oromiyaa awwaaluuf deema. Kanaafi, kan osoo jiruu mataa keenyaa jiraachuu dandeenyuu akka nama maraateetti guyyuu waywaannu. #Abiy_Ahmed_is_a_war_criminal #Abiy_Ahmed_is_a_terrorist #AbiyMustGo
Показати все...
TV OMN toora duraa irratti rakkoo qaba warra jettsniif toora kana irratti argattu. Yaada keessan nu biraan gahuu hin dagatinaa! Toora biraas irratti hojjataa jirra. Monacosat 52°E Frequency: 12476 H Symbol rate: 27500 FEC: 3/4
Показати все...
“Odeessa kaabaa ==== Humni addaa maqaa Oromiyaatiin akka Risteef lolu ajajamee kaabatti duule gariin hin lollu jedhee finciluun dhagahamaa jira. Humni kun kallattii Affaariin gara Tigraayitti kan duulchifame tahullee ajaja hin fudhannu jechuun akka fincilee ajajoota isaa waliin wal dura dhaabbatee jiru maddeen achirraa bahan ibsaa jiru. Eeyyeen, yoo humnaan duulchifaman tarkaanfiin isaanirraa eegamu kanuma. Waraana Minilikiif tumsanii eenyuunuu loluun fedhii Oromoo keessa hin jirtu, Oromiyaas bakka hin buutu. Warri hafes osoo du'a fardaa hin du'in dafanii malachuu qabu!” Yaayyaa Bashiir
Показати все...