cookie

Ми використовуємо файли cookie для покращення вашого досвіду перегляду. Натиснувши «Прийняти все», ви погоджуєтеся на використання файлів cookie.

avatar

Beekumsa Waligalaa

Kayyoon keenyaa dhaloota yaada Mo'aataa Maddiissisuu dandaa'an ijaaruudha.

Більше
Рекламні дописи
1 370
Підписники
-124 години
-57 днів
-1930 днів

Триває завантаження даних...

Приріст підписників

Триває завантаження даних...

Фото недоступнеДивитись в Telegram
👍 5 5
=====GORSA CIMAA❤️🙏===== Mucaatu osoo akaaakayyuu isaa wajjiin deemu akaakayyuu isaatiin ani gara fuula duraatti aaktara fiilmii t'uun , makiinaa babbareedduu qabaachuu fi addunyaarratti nama milkaa'e( dabarteef) ta'uu waan barbaaduuf kaayoo kiyya hundaa akkamitti akka galmaan ga'uu danda'u gorsa naaf laadhu jedhee gaafate. Akaakayyuun isaatis erga xiqqo itti yaadee billaacha(biraabirroo) tokko argee mucichaan deemii billaacha san qabii fidi jedhee ajaje mucaanis billaacha ari'uu jalqabe garuu qabuu dadhabee deebi'ee qabamuufii akka dide itti hime akaakayyuunis deebisee ilma kiyya kaayoon keetis akka billaacha sanaati billaacha qabuuf haga dhamaatu osoo abaaboo bareedaa tokkorratti xiyyeeffattee kunuunsitee billaachi ofii isaatii gara keetitti dhufa ture kaayyoon keetis akkuma billaachaa sana hojii tokkorratti gaafa xiyyeeffatte wantoonni amma qabaachuuf hawwitu kun hundi iddoma ati jirtutti sitti dhufu jedhee gorsa bareedaa kenneef jedhama. Kanaafuu Atillee Kaayyoo qabdu bira gahuuf waan hunda ari'uu Osoo Hin Taane dursa tooftaa ittiin bira geessu yaadi. => Kan Dubbisnerraa🙏
Показати все...
👍 3
Beeksisa Qaxarrii 2016.pdf7.03 KB
👏 1
👍 3 2
Hojii barbaada warra jiraniif Beeksisa Qaxarrii Hojii Shaggar Kom. Caamsaa 22, 2016 Biiroon Lafa Oromiyaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti Waajjira Lafaa Aanaalee Magaalichaatiif Gitoota Hojii Duwwaa Ta'an Irratti Hoji- barbaaddoa Qaxaruun Hojjechiisuu Baraada. Ulaagicha Kan Guuttan.Dorgomaa!
Показати все...
👍 1
Фото недоступнеДивитись в Telegram
Saayikooloojiin Amala Nama Bakka Gurguddaa Sadiitti Qoodee Kaa'a. 1.Passive_person( Suutee) ✓Namni kun yeroo hundaa moo’amaadha, waan namni jedhe hunda tole jedhee fudhata, waan isaaf ta’u adda baasee hin beeku, waanuma hiriyaan isaa/ishee gootu ilaalee godha. ✓Ofitti amanamummaa hin qabu, waanuma sirrii dhiisi kun sirrii miti yoo jette ni dhiisa. ✓Namni akkasii kun jireenyi isaa kufaadha. 2.Aggressive_person (Ofittoo) ✓Namni akkasii immoo Kan Koo malee jechuu baay’isa, yaada nama biraa qooddatu,ni dheekkama, lafuma fayyaa si dhaanuu, ooduu, barbaada ija diimeffata. ✓Namni kun ija jabinaan dorgooma hin qabu. ✓Ana malee, of tuula, ana malee namni hin jiru jedha, sin kabaju, qoma dhiibee deema dhimma kee hin qabu. ✓Hiriyaa akkasii sirraa haa qabu malee guyyaa adii qullaa si hambisa. ✓Hanga ati sagalee qabdu qofa si kabajaa Irraa isin haa baraaruu!!!!!! 3.Nama sammuu banaa qabu (open minded person), ✓Yaada nama biraa giddu galeessa godhee fudhata, waan isaaf ta’u adda baasee keessaa gadi fageessee fudhata, yaada isa ijaaruuf isa diigu beeka. ✓Namni akkasii kun yaada namoota biroo fudhachuuf sammuunsaa qophaa’aadha. ✓Ilaalcha madaalawaa qaba, siin hin mormu, erga yaada kee hubatee si amansiisuuf ragaadhaan deeggaree yaadasaa dhiyeeffata. ✓Yeroo hunda ilaalcha qajeelaa qaba, nama hundaaf gaarii yaada, ilaalcha naannummaa, gandummaa, sanyummaa fi lagummaa of keessaa hin qabu, haasa’aan isaa ogummaan kan guutameedha. ✓Fageessee yaada, fageessee tarkaanfata, hamma dubbatuun ol hojjeta, odeessuurra hojiidhaan agarsiisuu filata. ✓Namni sirriin isa kana. Madda kana dubbiseetan argadhe. #Nuti kam keessa jirra? #Waan_dubbiftaniif_GALATOOMAA!!!
Показати все...
👍 3
Фото недоступнеДивитись в Telegram
Tarkaanfiiwwan Dhaabbii Boqqolloo Boqqolloo bal’inaan dhaabuu irratti tartiiba tartiiba Boqqolloo bal’inaan dhaabuun tarkaanfiiwwan hedduu kan of keessaa qabu yoo ta’u, isaanis akka armaan gadiitti gabaabfamaniiru: 1. Filannoo iddoo: Bakka ifa aduu gahaa argatuu fi biyyee akka gaariitti bishaan keessaa bahu qabu filadhu. Biyyeen kunis pH 6.0 fi 7.5 gidduutti qabaachuu qaba. 2. Qophii lafaa: Lafa margaa fi marga dabalatee biqiltoota hunda irraa qulqulleessuu. Tiraaktara ykn qottoo fayyadamuun biyyee qotuudhaan bakka sanyii gaarii uumuu. 3. Filannoo sanyii: Sanyii qulqullina olaanaa qabu madda maqaa gaarii qabu irraa filachuu. Sanyii boqqolloo dhaabuun dura biqiluu fi qulqullina isaa qoratamuu qaba. 4. Xaa’oo: Qabiyyee soorataa biyyee adda baasuuf qorannoo biyyee gaggeessuu. Hanqina soorataa kamiyyuu sirreessuuf xaa’oo biyyee irratti dibachuu. Boqqolloo xaa’oo madaalawaa naayitiroojiinii, fosfarasii fi pootaasiyeemii qabu barbaada. 5. Dhaabbii: Boqqolloo yeroo ho’i biyyee yoo xiqqaate 60°F (15.5°C) ta’etti dhaabuu qaba. Sanyiiwwan gadi fageenya inchii 1-2 (seentimeetira 2.5-5) ta’een tarree inchii 30-36 (seentimeetira 75-90) addaan fagaatanii dhaabuu. Sanyiiwwan tarree keessaa gara inchii 8-10 (20-25 cm) addaan fagaatanii dhaabuu qabu. 6. Jallisii: Boqqolloo guddachuuf bishaan gahaa waan barbaaduuf yeroo gogiinsa ykn rooba xiqqaa ta’etti jallisii kennuun barbaachisaa dha. Biyyeen akka jiidha qabuuf jallisii yeroo yeroon kennamuu qaba. 7. To’annoo margaa: Margi bishaanii fi soorata argachuuf boqqolloo waliin waan dorgomuuf to’achuun barbaachisaa dha. Margi osoo hin ba’iin dura to’achuuf qoricha marga dursee biqilu fayyadamuu. Yeroo barbaachisaa ta’ettis harkaan marga baasuun ni danda’ama. 8. To’annoo raammoo: Boqqolloo raammoowwan akka boqqolloo boqqolloo, raammoo muraa, raammoo waraanaaf saaxilama. Midhaan miidhaa irraa eeguuf qoricha ilbiisotaa fi tarkaanfiiwwan to’annoo raammoo biroo fayyadamuu. 9. Sassaabuu: Boqqolloo sassaabuuf kan qophaa’u yeroo midhaan isaa guutummaatti guddatee fi jiidhinni naannoo %25 qaba. Sassaabuun harkaan ykn meeshaa sassaabduu walitti makuun raawwatamuu danda’a. Boqqolloo gogfamee bakka qabbanaawaa fi goggogaa ta’etti kuufamuu qaba. Tarkaanfiiwwan kana hordofuudhaan boqqolloo bal’inaan dhaabuu milkaa’uu dandeessa.
Показати все...
Оберіть інший тариф

На вашому тарифі доступна аналітика тільки для 5 каналів. Щоб отримати більше — оберіть інший тариф.