cookie

Ми використовуємо файли cookie для покращення вашого досвіду перегляду. Натиснувши «Прийняти все», ви погоджуєтеся на використання файлів cookie.

Рекламні дописи
687
Підписники
Немає даних24 години
Немає даних7 днів
Немає даних30 днів

Триває завантаження даних...

Приріст підписників

Триває завантаження даних...

##HUBADHUU DUBBISII NAMA JAALLATTU TAG GODHII QOODIIF## 1.Dhaloota barri itti fayyadamu adoo hin te'iin dhaloota baratti fayyadamee waan sirrii hojjatu haa taanu 2.Nami hin dabarre hin jiru garuu seenaa hin dabarre hojjachuu dande'a . 3.Bifa diimatanii sammuu gurraachawuu mannaa bifa gurraacha'anii sammuu diimachuu woyya. 4.Sammuun namaa lafa investimentiiti;waan gaarii irratti invest godhuun filannoo keeti. 5.Hiriyaan gadheen farra milkaayinaati 6.Barabaraan hin jiraattu waan te'eef,waan barabaraan yaadatamu hojjadhuu darbi. 7.Yeroo kamiiyyuu nama gargaaruuf qophaayi waan ittiin gargaartu Waaqi siif kennaa. 8.Anatu hojjate hin jedhiin hojichi isatu na hojjate siin haa jedhuu. 9.Milkaayina barbaaduuf/argachuuf nama miidhaa jirta teenaan akka badaa jirtu beeki. 10.Nama sobee sitti kolluu/kolfuu mannaa nama dhugaa baasee si jibbu wayya. 11.Hoogganaan wanta kamiituu bara/yeroo wanti sun itti uumameedha. 12.Fira dhiyoo si miidhuu mannaa diina fagootti si jibbu woyya. 13.Filattee uumamuu hin dandeettu garuu filattee jiraachuu dandeetta. 14.Boru waan uumamu hin beettu boru waan hojjattu garuu beekuu qadda. 15.Muldhata kee ol fageessi yoos waan hundaa gubbaa gadi laaltaa. 16.Nama galma ifii hin beenne karaatu dura isaatti baay'ata. 17. Si'iif hoogganaan olaanaan si caalu hin jiru waan te'eef,sirritti if hooggani. 18.Kaayyoo malee jiraachuun akka nama dukkanaan ibsaa malee deemuuti. 19.Baay'inna bara jiraattee adoo hin te'iin,baay'inna waan gaarii hojjatteetti dhaloota dhufutti siif himama. 20.Isa ati dubbattu caalaa sagalee waan ati hojjatteetti dhaga'ama. 21.Kaayyoo malee akka hilleensaa fiiguu mannaa kaayyoon akka qocaa tirachuu woyya. 22.Tarkaanfii diqqoo dhalachuu fi du'uu jidduu jirtu tanatti fayyadamii seenaa hojjadhu. 23.Kaayyoon keeti nama caaluuf adoo hin te'iin,wanta caalu dhalootaaf gumaachuu ta'uu qaba. 24.Dhalachuu keetiif gahee taphatte hin qaddu jiraachuu keetiif garuu waan baay'etu sirraa eegama. 25.Jiraachuun keeti dhiibbaa hin uumu teenaan du'uun keetis waan hir'isu hin qabu. 26.Seenaa beekuun gaaridha;seenaa hojjachuun garuu gaarii gaarii caalu. 27.Wanti badaan diqqeennatti du'uu adoo hin te'iin mul'ataan ala lafarra jiraachuudha . 28.Balbala cufaa yoo argitu furtuu mul'ataatiin itti deemi ifumaan banantii/the master key that opens every closed door is the key of vision. 29.Bara keessatti waan hojjattu karoorfadhuu hojjadhu malee baay'ina bara jiraattuutiif hin dhiphatiin isa Rabbitti beekaa. 30.Dhalannaan du'uun, barannaan jijjiiramuun hin ooltu. 31.Abdiin teeti yeroo mara nama gargaaruu adoo hin te'iin namaan gargaaramuu teenaan nama te'uu kee if shakki. 32.Namaaf waan dansaa godhuu yoo dadhabdeeyyuu hawwiif. SOURCE: ANUMA KEESSAA BURQE. ULFAADHAA!!!
Показати все...
𝐇𝐈𝐑𝐈𝐘𝐔𝐌𝐌𝐀𝐀 ════❖•📖•❖════ ✧ "𝐻𝐼𝑅𝐼𝑌𝐴𝐴𝑁 𝐺𝐴𝐴𝑅𝐼𝐼𝑁 𝑇𝑈𝐿𝐿𝑈𝑈 𝑇𝐴'𝐸𝐸 𝑆𝐼 𝑀𝑈𝐿𝐷𝐻𝐼𝑆𝐴. 𝐻𝐼𝑅𝐼𝑌𝐴𝐴𝑁 𝐺𝐴𝐷𝐻𝐸𝐸𝑁 𝐺𝑈𝐹𝑈𝑈 𝑇𝐴'𝐸𝐸 𝑆𝐼 𝐾𝑈𝐹𝐹𝐼𝑆𝐴. ✧ "Hiriyaan hirkoodha. Dhadhaabbata gaafa rakkinaati. Lafee dugdaa ittiin lafaa ka'aniidha. Hiriyaan kafana. Iccitii fi dhoksaa namaaf golga. Kunniin hiriyaa gaariidha. Nama biratti hiriyaan madaala eenyummaa keetiti. "Hiriyaa kee naaf himi eenyummaa kee sittan hima." Jedha mammaaksi Oromoo. ✧ Hiriyaan gaariin tulluu ta'ee si muldhisa. Hiriyaan gadheen gufuu ta'ee si kuffisa. ✧ Hiriyaan gaariin mul'ata kee akka dhugoomsitu si jabeessa. Hiriyaan gadheen mul'ata kee ajjeesa. ✧ Hiriyaan gaariin ejjannoo keef akka ati murteeffattu si gargaara. Hiriyaan gadheen ejjennoo kee murteessee akka deeggartu si dhiiba. ✧ Hiriyaan gaariin akka oftaatu barbaada. Hiriyaan yaraan akka isa fakkaattu barbaada. ✧ Hiriyaan kallattiinis ta'ee alkallattiin jireenya keerratti dhiibbaa uuma. Dhiibbaa hiriyaa kanatu kaan jabeessa. Kaan immoo ni ajjeesa. Hiriyaan iddoo oolmaa kee murteessa. Maal akka haasoftu, maal akka leelliftu irratti dhiibbaa uuma. ✧ Hiriyummaan bara keenya nama baay'ee iddoo hanqiseera. Hedduu kaayyoo manaa baheef dagachiisee maseena taasise. Qaroon hedduun hiriyummaaf bakka kennanii dooman. Nama hayyuu rakkoo hawwaasa isaa furuuf manaa bahetu rakkataa ta'ee, dargaggeessa meeqatu karaa cufe. ✧ Hiriyummaan bara keenyaa kan 𝐘𝐮𝐧𝐢v𝐚𝐫𝐬𝐢𝐢𝐭𝐢𝐢 𝐟𝐢 Kolleejjii qeerroo akka qeerransa deeroo goote. Nama biyya oolchuutu harka namaa akka eegu ta'e.😢 Hiriyummaa kanatu nama meeqa mana suusii fi dhugaatitti waardiyaa taasise. Harmee fi abbaa mucaa isaanitti dhama'anii barsiisan hiriyummaan harka duwwaatti hambise. ✧ Hiriyummaan biyya keenyaa keessattuu kan dhaabbilee barnootaa kun akkasitti itti fufnaan maatiin ijoollee isaa barataniif osoo hin taane, akka badaniif maallaqa kenneefi galaa qopheessee akka erguuf deemu himuun gaariidha. ✧ 𝐁𝐚𝐫𝐚 𝐤𝐚𝐧𝐚 𝐀𝐛𝐛𝐚𝐚𝐧 𝐥𝐨𝐨𝐧 𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐠𝐮𝐫𝐠𝐮𝐫𝐞𝐞 𝐢𝐥𝐦𝐚 𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐠𝐚𝐫𝐚 𝐘𝐮𝐮𝐧𝐢v𝐚𝐫𝐬𝐢𝐢𝐭𝐢𝐢𝐭𝐭𝐢 𝐞𝐫𝐠𝐚. 𝐖𝐚𝐠𝐠𝐨𝐨𝐭𝐚𝐚𝐧 𝐛𝐨𝐨𝐝𝐚 𝐢𝐥𝐦𝐢 i𝐬𝐚𝐚 𝐡𝐢𝐫𝐢𝐲𝐚𝐚 𝐛𝐚𝐝𝐞𝐞 𝐥𝐨𝐨𝐧 𝐭𝐚'𝐞𝐞 𝐠𝐚𝐥𝐚. Kanan dubbiserraa! @ GemechuRoba
Показати все...
Dhifaama jechaa turtii yeroo dheeraa booda deebieni jira
Показати все...
Фото недоступне
Song_Hirpha Bahiru_ New Single Track.mp34.71 MB
“Nuyi ofii keenya utuu hin ta'in "Yesus Kristos gooftaa dha" jennee in lallabna; nuyi immoo sababii Yesusiif hojjetoota keessan.” — 2Qor. 4:5
Показати все...
Оберіть інший тариф

На вашому тарифі доступна аналітика тільки для 5 каналів. Щоб отримати більше — оберіть інший тариф.