cookie

Ми використовуємо файли cookie для покращення вашого досвіду перегляду. Натиснувши «Прийняти все», ви погоджуєтеся на використання файлів cookie.

avatar

Dambalii_Jaalalaa❤️

Baga Nagaan Gara Dambalii jaalalaatti Dhuftan.

Більше
Рекламні дописи
20 238
Підписники
-1424 години
+2507 днів
+1 22030 днів

Триває завантаження даних...

Приріст підписників

Триває завантаження даних...

Jaalallee koo [ Biiftuu M.] Turk tti kan argamtuuf. Hunda dura nagaan koo inni laphee jaalalaa keessaa madde qilleessaan baatamee galaanaafi gaara qaxxaamuree iddoo jirtutti si haa qaqqabu. Buuftu koo waaqayyoof haa galatu ani nagaa kooti. Atis haalota hundaa dandamattee gargaarsa waayyootiin nagaa fayyaa akka naaf taatu abdiin qaba. Buuftu koo! jedhee kanan si yaamu sababa malee miti. Ati anaaf ishee addunyaa ibsitu waan hunda kooti. Yeroon as taa'ee yeroo kanaan dura waliin dabarsine yaadadhu, onneen koo jaalala guddaa siif qabuun guutama. Ammaaf jireenyi addaan nu baasus, fageenyi nu gidduu jiru walitti dhufeenya keenyaa hir’isuu hin danda’u, jaalalli ani siif qabu guyyaadhaa guyyatti dabalaa akka deemu akka beektun barbaada. Yeroon ija koo cufadhee yaadaan cinaa kootti si ilaalu, seequun kee ifaan gola keessa jirru ibsee, kolfi kee immoo gurra koo keessatti muuziqaa jaalalaa uumaa jira. Yaadannoon yeroo sana nuti waliin qooddanne anaaf qabeenya guddaa yoo ta’u, innis yeroon taa'ee yaadadhu miira addaa homaanuu argachuu hin dandeenye keessa kiyyatti uuma. Ni yaadattam, yeroo fuula seequun ifeen ija koo keessa ilaalaa “Kennaa koo, si qabaachuttan carroome” naan jettu sana, Eeyye anis si qabaachuttan carroome baga kan walii taane. Ammas yeroo lama taanee iddoo woca hin qabne, iddoo magariisa gaaddisa mukkeeniitiin guutame teenyee sagalee woca simbirrootaa dhaggeeffannu sanas ni yaadattam? Jechoonni fi ta'iiwwan kunneen jireenya jaalalaa keenya keessatti, keessa koo booji'anii utubaa jaalalaatiin akka hin diigamnetti laphee koo keessatti mana ijaarrataniiru. Yeroon waliin dabarsine, gammachuu nama hin nuffisiifne, walubannaa hin raafamnee fi jaalala quuqama qabuun kan guutame ture. Lubbuun keenya walitti waan hidhamteef, fageenya nu gidduu jiru caalaa baayyee walitti dhihaannee akka jirrutu natti mul'ata. Lamaan keenya iyyuu obomboleettiin akka dhufuu fi akka lufu ni beekna, jaalalli keenya garuu gargaarsa waaqayyootiin dambalii jireenyaatiin kan hin raafamne kattaa jabaa ta'ee ni jiraata. Ammaaf haalli jireenyaa gargar nu fageessus, garuu fagoodhaa illee yeroo hundaa akkan siwaliin jiruufi keessa koo akka jirtu akka beektun barbaada. Yeroo qormaataa garagaraatiin sakaallamaa jireenya injifachuuf tattaafachaa jirtu kanatti, sirriitti si cinaa akkan jiru beeki, si jajjabeessaa, tarkaanfi fi ijjannaa hunda keessaattuu harka kee qabadhee siwaliin tarkaanfachaa akkan jiru yaadadhu. Guyyaa itti walitti dabalamnee harka keenya walirra buufannee, wal hammannee wal hoo'isnee miirri jaalalaa daangaa hin qabne itti nutti dhaga'amu sana nan hawwa. Waliin taanee egeree jireenya jaalalaa fi gammachuun guutamee ni ijaarra. Biiftuu koo Hanga guyyaa sanaatti Jaalala keenyaa fi yaadannoo waliin qabnuu fi waliif qoodne kunuunsinee, abdii fi obsaan akka jiraannuuf Waaqayyo nu haa gargaaru. Yeroo hundumaa baayyeen si jaalladha! Nagaatti! Kennaa kee isa baayyee si jaallattuu fi isa ati baayyee jaallattu irraa [Kennaa U.]. Ergaa kaa'uf 👉 @Walaloo_bot 👈 @Dambalii_Jaalalaa
Показати все...
🥰 6👍 2 2❤‍🔥 1🔥 1👏 1
@Dambalii_Jaalalaa Chaana kana irraan ergaawwan jaalalaa nama jaallattan kamiifuu bilisaan dabarfadhaa. Chaanaalli kun kan jaalalaati. Iddoo itti miirri Jaalalaa keessa mirmirfamudha. Iddoo itti dhoksaan onnee futtaafatudha. Iddoo itti rakkoon waliin qoodamudha. Iddoo itti boqonnaa fi gammachuun onnee argamudha. Hundaafuu wal qixa banaadha. Eenyumtuu miira jaalalaa qabu kamuu fuula kana irratti dabarfachuu danda'a. Bifa xalayaan, Asoosamaa akkasumas Walaloon ergaa keessan nama jaalattaniif dhiyeeffadhaa. Nutis halduree tokko malee ergaawwan keessan ni lakkisna. Garee keenya irratti yaada wal jijjiirun ni danda'ama. Hiriyoota keessanis affeeruun akkasuma. Maxxansa fuula kana irratti dhoobamu gareewwan beektan hunda keessatti share gochuun dhageettii keenya dabala. Waliin Jaalala yaa faarsinu. Ergaa kaa'uf 👉 @Walaloo_bot 👈 @Dambalii_Jaalalaa
Показати все...
👍 12 4
Repost from Kaachuu Promotion
Фото недоступнеДивитись в Telegram
Lataa
Qanaii
Fuula
Walaloo
Join Godhaa
Isatu jaalala qaba malee jaalalli isa hin qabu! Naannoo Innis jiru kolfatu jira, namuu isa bira jiraatee hidhii walitti qabachuu hin danda'u. Osoo inni hin dubbatin kolfi dursee dhufa Hiriyoota isaa ta'u isa wajjin ooluu, isa wajjin wal baruuf namni hin sardamne hin jiru. Bareeda jajamu, fokkisaa hamatamuus miti garuu nama naatoodhan guutameedha Uffanni isarra gahe hundumtuu ni miidhaga. Hundinuu waan isa qofaaf yaadamee hojjatame fakkaata. Dubbatee nama mufachiisuun, isa bira hin jiru, amalli isaa manaaf keessatti burree miti gosa tokkodha Wantin an hedduu irraa jaaladhu tokko immoo karaa maatiifi amantii isaa qoosaa hin beeku. Kabajni inni maatii isaaf qabu ani osoon dubbachuu dhiise iyyuu, maatiin hawwiidhaan galgala gala isaa eeggatan ragaadha. Gaafa inni hin jirre, qe'een manni cir namatti jedha, inni dhufnaan gaaddidduu isaa wajjin simbootu dhufa. Hojii inni tuffatee dhiisu hin jiru, bakka hojii isaatti waanum hojiin fakkaatu fakkaata! Boruuf dhiphachuun, qabeenya kuufachuun karaa isaa hin dabarre. Har’a jiraata, har'uma gammada. Waan qabu kophaatti fayyadamuu hin barre. Hundumaaf fira, hundumaaf hira. Ta'us waanti baay'een isa hin raaju wanti isa kofalchiisa jettee dubbattu fuuluma isa hin ibsuu, kolfa isaa kan argitu yeroo ofiif gumbii qoosaa saaqee haasa'u haasaa isaa wajjin wal makeetu seeqni isaa mul'ata! Kophaa ta'uu yoo fedhe argamni isaa Tulluu nannoo qarqara magaalaa jiru gubbaa isaati, achii taa'uun baay'ee isa gammachiisa. Achi taa'ee waan hundumaa bakka tokkotti gaafa ilaalu akka waanti dachee ilaalcha dachee oolin baay'ee xiqqaate argamuu isaa akka mirkaneessuuf dubbata. Wanti hundinuu gaaf keessa jirru guddaa fakkaatee nu dhoksuu danda'a malee, keessaa bahanii hiixuutti gad gaaf ilaalamu xiqqaadha jedha. .... ✍️ Milkii Magarsaa Ergaa kaa'uf 👉 @Walaloo_bot 👈 @Dambalii_Jaalalaa
Показати все...
👍 39 19🔥 3🥰 3
Repost from Kaachuu Promotion
Фото недоступнеДивитись в Telegram
Gaaffii Salphaa sammuu sirritti yaadu gaafatu kana yaalaamee. Qaruuraa lakkoofsa meeqatu dursa guuta?
Показати все...
1
2
3
4
5
6
7
Показати все...
👍 3
❤️Asoosamoota❤️
❤️Walaloowwan❤️
❤️Jachamoota❤️
❤️Hunda Bakka 1tti❤️
Repost from Kaachuu Promotion
Фото недоступнеДивитись в Telegram
Gaaffii Salphaa sammuu sirritti yaadu gaafatu kana yaalaamee. Qaruuraa lakkoofsa meeqatu dursa guuta?
Показати все...
1
2
3
4
5
6
7
Xalayaa jaalalaa Egaa waan hundumaa nagaan sababa dursuuf anis waan hundaa dursa nagaan si gaafadha. Akkam jirta? Nagaa keetii? Baga nagaa taate. Ammallee nagaan rabbii kan dhuma hin qabne akka siif ta'un hawwa. Kanatti aansee garuu dhimmoota akkan kana siif barreessuuf na dirqamsiisanin siif ibsuu yaala. Maalan godhas garuu? Dhugumattuu jechoonni rakkinakoo naaf ibsuu danda'an hin jiran. Garuu rakkina ofiif callisuurra dubbachuun furmaata waan ta'uuf, anis mee waan jechoonni rakkina koo ibsanin sitti fakkeessa. Lubbuukoo, mee ani jaalala keef maal ta'u? Bishaan ta'ee dhangala'uu? Moo dhagaa ta'ee adoodee iddoo tokko siif taa'u? Jedhee sin gaafadhu! Sababni isaa utuu ati naaf ta'i jettees ta'uu sababan hin dandeenyeef jechuudha. Dhugaan jiru garuu sin jaalladha, hamma si jaallachuun naaf malun si jaalladhas. Waanan siif ta'uu danda'uufi atis naaf ta'uu dandeessun sitti hima. Hin yaadda'in ani kana naaf ta'i siin jechuuf miti. Jaalala kee qofaa naaf kenni, ani waan siif ta'uun narraa eegamu siifan ta'aatii yaa kudhaama koo. Ani waan ati naaf taatu gaafan jaalalan siif qabuun madaalee sitti himu, ati anaaf daandii qajeelaa galma kaayyoo kootiitti na geessituudha. Ati na bira jiraannaan dukkanni nannaasisu, yooti na bira hin jirre ifni sodaa nan dhorku. Situ jireenya kootiif akka lafee dugdaati. An ka'ee dhaabbachuuf lafeen dugdaa akka na barbaachisu, jireenya kan lubbuun jiruu fakkaachuuf jaalalakee na barbaachisa. Jaalallikee anaaf yeroon laafu amilee kooti, yeroo beelaa quufakoo, yeroo yaaddoos gammachuu kooti. Sin Jaaladha Giiftii tiyya. By Awwaluun Anumadha Ergaa kaa'uf 👉 @Walaloo_bot 👈 @Dambalii_Jaalalaa
Показати все...
17👍 5🔥 5🥰 3
Dambalii Jaalalaa Chaanaalli kun kan jaalalaati. Iddoo itti miirri Jaalalaa keessa mirmirfamudha. Iddoo itti dhoksaan onnee futtaafatudha. Iddoo itti rakkoon waliin qoodamudha. Iddoo itti boqonnaa fi gammachuun onnee argamudha. Hundaafuu wal qixa banaadha. Eenyumtuu miira jaalalaa qabu kamuu fuula kana irratti dabarfachuu danda'a. Bifa xalayaan, Asoosamaa akkasumas Walaloon ergaa keessan nama jaalattaniif dhiyeeffadhaa. Nutis halduree tokko malee ergaawwan keessan ni lakkisna. Garee keenya irratti yaada wal jijjiirun ni danda'ama. Hiriyoota keessanis affeeruun akkasuma. Maxxansa fuula kana irratti dhoobamu gareewwan beektan hunda keessatti share gochuun dhageettii keenya dabala. Waliin Jaalala yaa faarsinu. Ergaa kaa'uf 👉 @Walaloo_bot 👈 @Dambalii_Jaalalaa
Показати все...
👍 19 9🔥 4🥰 4
Repost from Walaloon Jaalala
Dambalii Jaalalaa Chaanaala Afaan Oromoo ergaawwan jaalalaafi walaloowwan jaalalaan guutame kanatti namni miseensa hin taane eenyu?
Показати все...
Dambalii
Jaalalaa
❤️❤️❤️
❤️Dambalii Jaalalaa❤
Оберіть інший тариф

На вашому тарифі доступна аналітика тільки для 5 каналів. Щоб отримати більше — оберіть інший тариф.