cookie

Ми використовуємо файли cookie для покращення вашого досвіду перегляду. Натиснувши «Прийняти все», ви погоджуєтеся на використання файлів cookie.

avatar

Barnoota amantaa MKOTI

"...Gooftaan tokko, amantiin tokko, cuuphaan tokko"! Efesoon 4:5

Більше
Рекламні дописи
218
Підписники
Немає даних24 години
Немає даних7 днів
Немає даних30 днів

Триває завантаження даних...

Приріст підписників

Триває завантаження даних...

Kitaaba 81 fudhachuun yoo isin dhibe 66 irratti 2 ida’aa 68 fudhadhaa! Guutummaa barreeffamichaa baasii tokko malee [Data Off ’dhaan], “Instant View” kan jettu tuquun banaa dubbisaa! Channel, “Gaaffii Shakkitootaaf Deebii Ga’aa” jettu kanaaf miseensa hin taane yoo ta’e, kunoo ammuma link, @abdiimaariyaamiifinjira jedhu kana tuquun banaatii itti makamaa miseensa ta’aa! Yaada, Qeeqaa fi Gaaffii: @YaadgaaffiiBot https://telegra.ph/Ammaaf-Kitaaba-81-fudhachuun-yoo-isin-dhibe-66-irratti-2-idaaa-68-fudhadhaa-03-11
Показати все...
Ammaaf Kitaaba 81 fudhachuun yoo isin dhibe 66 irratti 2 ida’aa 68 fudhadhaa!

“Jecha raajii kitaaba kana irratti barraa’e eenyuyyuu as irratti waan tokko yoo dabale Waaqayyo dheekkamsa kitäaba kana irratti barraa’e isatti dabala. Eenyuyyuu jechoota kitaaba raajii kana irraa waan tokko yoo hir’ise muka jireenyaa fi magaalaa Qulqulleettii kitaaba kana irratti barraa’e irraa Waaqayyo carraa isaa hir’isa” (Mul.22:18-19). Shakkitoonni warri diina Kitaaba Qulqulluu abbaa 81, caqasa kanaan yeroo hunda “Kitaabni Qulqulluu kan manni kiristiyaanaa Ortodoksii Tewaahidoo itti fayyadamtu inni 81…

Фото недоступнеДивитись в Telegram
Показати все...
Log in or sign up to view

See posts, photos and more on Facebook.

Показати все...
Barnoota amantaa MKOTI

"...Gooftaan tokko, amantiin tokko, cuuphaan tokko"! Efesoon 4:5

'' #Ati hamma du'aatti #amanamaa ta'i! " ( Mul. Yoh 2:10) Barri nuti amma keessa jirru, bara sodaachisaadha! Kitaabnis kanuma nutti hima, guyyoota gara dhumaatti barri sodaachisaa akka dhufu ni dubbata. Yeroo dhugaa fi soba gargaar baasuun nama rakkisu. Yeroo itti hammeenyi gaarummaa nutti fakkaatu, yeroo hiriyaa ofii jibbuun sirrii nutti fakkaatu. Yeroo itti kadhachuun, soomuun, sagaduun, nama akka ofitti jaallachuun gowwummaa fakkaatu bara sodaachisaa akkana keessa jirra. Hubattanii jirtuu? mataa keessan ilaaltanii jirtuu hoo? Mallattooleen bara dhumaa kun anarraa hin calaqqisu kan jedhu namni cimaan eenyudha? Ani mata koo hin gowwoomsu! Isin mataa keessan ni gowwoomsituuree? Bara kana ofittoo kan hin taane eenyu? Nama irra horii (maallaqa) kan hin jaalanne eenyu? Kan of hin tuulle, kan of hin afuufne eenyu? Kan nama hin arrabsinee fi hin abaarre eenyu? Abbaa fi haadha isaaniif kan abboomaman eenyu? Kan galata beekan, qulqullummaadhaan kan jiraatan eenyu? Jaalalaa fi laphee araaraa kan qaban eenyu? Kan maqaa namaa hin balleessine eenyu? Kan of qabuu danda'u, gara-laafessi, waan gaarii kan jaallatu eenyu? Barri kun sodaachisaa akka ta’e ana duwwaa miti kan amanu. Hubattanii jirtu, yoo ta’e bara kana sodaa Waaqayyo kan qabu hin jiru. Namoonni baay'een biyya lafaa irratti beekamanii, badhaadhanii jiraachuu filatu. Mootummaa Waaqayyo dhaaluu irra mootummaa biyya lafaa dhaaluu jaallatu. Inni Kiristoos amane, Kiristoosin fakkaatee jiraatu eenyu? kiristaanummaan Kiristoos fakkaachuu akka ta’e Kitaabni ni dubbata. 1Qor 11:1 Ilaa michoota koo! kufneerra! madaalamnee jirra, madaallii kaasuu garuu hin dandeenye, abidda keessas buunee jirra. Ijoolleen sadan ibidda keessa bu'anii fayyaa isaanii abidda keessa ba'an. Amantiin isaanii jabaadha. Nuti garuu abiddi nu gubee nu madeesse, madaan keenya foolii ofitti nama hin bunneetti jijjiirameera! Cubbuu keenyan madoofne. Fayyuu barbaadna! garuu gara Waaqayyotti gaabbiidhaan deebi'uuf miila keenya maaltu sakaaleeree? Guyyaan inni baay’ee sodaachisaan of dura dhufuuf jira! Waaqayyoon amanuu dhiisi! yeroon ittiin jedhamtu dhufaa jira, maqaa Waaqayyoo nutti hin waamiin yeroon jedhamu dhufaa jira, yeroo itti amantaa fi amantiin kee akka waa hin baafneetti lakkaa’amu, guyyaa sana, deebiin kee maal ta'a? Lakkii anaan jaalala Kiristoos irraa eenyutu gargaar naa baasa? ni jettaaree? Gidiraan dhufaa jira hoo! Dhiphinni dhufaaraa hoo! ari'atamuun, beelli yookiis qullaa ta'uun, sodaachifamuun yookiis billaan fagoo jiraaree? Rom. 8:35 Bara akkam keessa akka jirru hubadhaa! hammam sodaachisaa yoo ta’e iyyuu yeeyyiidhaan akka hin nyaatamne Kiristoos Iyesuus gooftaa keessan uffaadha! Hamma dhumaatti kan amanee dhaabbatu inni ni fayya akkuma jedhu kitaabni, cimaatii dhaabbadhaa! Mat 10:22, 24:13 #Qorichi bara sodaachisaa kanaa gara Waaqayyotti kadhachuu, soomuu, sagaduu, ofitti deebi'uudha. ( of irraanfannee jira) Baay’een keenya machoofneera, cubbuun of nu wallaalchisee jira. #Boo'ichaa fi soomuudhaan gara Waaqayyo abbaa keenyatti haa deebinu, inni gara keenyatti deebi'uuf heyyamamaadha! Bara isa dhufuuf deemu sana nu oolchi! jedhaatii Waaqayyo keessan kadhadhaa! Inni hamma du’aatti amanamu, gonfoo jireenya gooftan ni laataaf. Mul.Yoh 2:10 Baraa fi furguggee gad jedhiin darbu akkuma jedhu Oromoon. Waaqayyoof gad jedhaa! (sagadaa!) ©Bara 2015 ©Itayyaa Qulq. Ba'aalawald!