cookie

Ми використовуємо файли cookie для покращення вашого досвіду перегляду. Натиснувши «Прийняти все», ви погоджуєтеся на використання файлів cookie.

avatar

Ⓓaandii Ⓙijjiirama

➬ Jireenya hiika qabu jiraachuu gaafa jalqabnu, haalota ulfaatoo moo'achuun ni salphata. "Follow your bliss and the universe will open doors for you where there were only walls." Join another channel. t.me/Momkoo80 For cross promotion @Dadkoo80

Більше
Фінляндія2 919Мова не вказанаОсвіта76 214
Рекламні дописи
1 080
Підписники
Немає даних24 години
-27 днів
-1830 днів

Триває завантаження даних...

Приріст підписників

Триває завантаження даних...

👉JECHOOTA GORSAA FI BARSIISOO ARMAAN GADII QALBEEFADHU👀👍👍 👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇 --------------------------------------------------------------------- 1. Yeroo namni nama biraa sitti hamatuu gurra hin keniniif didin! #Maaliif seete? Innis boru nama kan biraatti si hamata. 2. Iccitii kees itti hin himattin! #Maaliif seete ? Hamachuun amala isaa waan ta'eef, iccittii hin qabatu. 3. Nama tokkotti mi'aawuuf ykn qullqullu fakaachuuf hiriyaa kee qullqullu hin xureessin! #maaliif seete ? Dhugaan si gaafata. 4. Yeroo hunda waanta haqa qabessaa dubbadhu! #maaliif seete? Sobni yeroo sana qofaaf si fayyada malee bori hin qabu. 5. Yoo sobamte hin aarin! '#maaliif? yoo jette' guyya itti dhugaan ifa ba'uu ni dhufa gaafas dhugaanatti dubaattu ragaa sif ba'a 6. Jette jettee hin amaniin , amantus dabarrsitee hin himiin ! #Maaliif seete? tarii soba ta'e si qaanessa. 7. Waa'ee namaa hin haas'aiin ! #Maaliif seete? Irra namaa malee keessa nama waan hin beekneef. 8. Hiriyaa jallattu hin gowwommsin! #Maaliif seete waan si amanuuf jecha kee dhaagaa. 9. Hiriyaa kee bay'ee jaaladhu garuu hin amaniin ! #Maaliif seete ? Amala sitti jijiirrachuu danda'a, yeroo kana ni hamatta. 10. Dafftee murrtoo hin fudhattin ! #Maaliif seete ? Yoo murrtoo sana hin dandeenye ni gaabbiita. 11. Waannta hummni kee hin dandeenye waadaa hin seenin ! #Maaliif seete? Yoo waanta sana raawwachuu hin dandeenye ni qaanoffta. 12. Yeroo namni si arrabbsu deebitee hin arrabbssin ! Maaliif seete dubbii baay'etti ykn jecha cimaatti waan ceetanuuf. ♥️♥️♥️♥️♥️♥️♥️♥️♥️♥️♥️♥️♥️♥️♥️♥️ Yoo nama beekaa taate ; irraa baradheera jettee hin dhiisin oboloottaf, namoota beektu hundaaf barbaadiinshare godhi 🤔🤔😘 ✍✍#Abiti Haji ♻️Share ♻️lammiif and #join ♻️✔ @dungoojireenya @dungoojireenya @dungoojireenya
Показати все...
WANTOOTA KUDHAN (10) NAMOONNI DU'UUF DEEMAN ITTI GAABBAN: ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ❍ Biyya Awurooppaa Hospitaala tokko keessatti Narsoonni (Nurse) dhukkubsattoota wal'aansa ulfaataa irra utuu jiranii dhibeen isaanii akka hin fayyine itti himame irratti qorannoo gaggeessan. Dhukkubsattoonni sun warra akka du'an itti himame garuu immoo Hospitaaluma keessa iddoo "Hospice" jedhamtu akka ciisan godhaman. Wanti isaaniif barbaachisu hundisaa achumatti dhiyaataaf hanga du'anitti; yeroo kana narsoonni isaan san tajaajila namoota kana interview godhuu jalqaban Akkuman jedhe isaan kun warra du'uuf ji'a sadi yookiin ji'a jaha hafeefidha. ❍ Gaaffiin narsoonni kun gaafatan akkana jedha: "Bara jiraattee keessatti wanti akka malee si gaabbisiisu maali?" Kan jedhudha. Tokko tokkoon irra deemanii interview godhanii wanta isaan hundi jedhan akka armaan gadii kanatti kaa'an: #1. Gammadaa hin turre. Baran jiraadhee guutuu gammadee hin beeku; gammadaa ta'uuf wantoota alarraatin eegaa ture kan jedhan, kana malee miti gammachuuf beellama qaba ture, gaafa makiinaa bitadhe gaafa mucaan kiyya fuudhe, heerume gaafa digrii fudhadhe jechaa jiraachaa ture kun akka malee na gaabbisiisa" jedhan. #2. Beekumsaan of-hin guddisne. Carraa barachuu hedduun qaba garuu barachuu hin dandeenye. Wantoota na barsiisanii fi namoota na barsiisan hedduutu na bira jira garuu ani gara galee hin ilaalle kun na gaabbisiisa jedhan. #3. Ofii koo hin tajaajille. Akka maashinaatti hojjechuu malee qaama kiyya hin tajaajille. Ispoortii hin hojjanne. Nyaata qaamni kiyya barbaadu hin nyaachifne kunoo har'a siree irratti na galche kun na gaabbisiisa. #4. Haaloo fi jibbiinsaanin jiraadhe. Namoota hedduun aarsaa fi arrabsaa jiraadhe. Nama hedduun garaatti qabadhee miidhaa ture. Hiyyeessa hedduun boochisaa ture, namoota hedduu haaloo itti qabadhee akka malee jibbaa ture har’a du'uuf ji'a sadiitu naaf hafe wanta dabruuf jedheen wanta hafu hojjedhe kun akka malee na gaabbisiisa. #5. Namoota osoon gargaaruu danda'uu hin gargaarre. Qabeenya hedduun qaba waan hedduutu harka kiyyarra jira garuu osoon humna qabuu namaaf humna hin taane. Ijoolleen haadhaa fi fira kiyyaa osoo akkan ani gargaaru barbaadduu garuu ani gargaaruu hin barbaanne. Rakkataa ollaa kiyya jiru osoon rakkina isaa arguu akka nama hin argineettin ija cufadhee bira darbee jiraachaa ture. Har'a qabeenya san hunda dhiisee deemuufin deema kun akka malee na gaabbisiisa. #6. Waanin carraaqeef hin beeku. Ganamaa galgala akka addaattin hojjachaa ture. Roobaa fi caama keessa deemee qabeenya taatu fidadhee garuu hiikaa itti dhabe, maaliif akkan dhama'e dhabe, maal akkan dogongore hin beeku, fiiguu malee maalif akkan fiigu hin beeku, addunyaa ari'uu malee waan takka hin agarre, kunoo har'a humna dhabe. Kun akka malee na gaabbisiisa #7. Abjuu kiyyaaf hin jiraanne. Waggaa digdama guutuu waajjira tokko keessan hojjadhe. Company tokko qofaafin umrii kiyya guutuu fixe, garuu homaa na hin gammachiisne. Dhugaadha maallaqa itti argadhe, garuu abjuu kiyya ganamaa jiraachuu hin dandeenye. Kennaa rabbiin naaf kenne ol baasee itti hin fayyadamne akkuman bakka tokkotti hidhamee hojjetaa turetti kunoo irraa deemuuf deema. Kun akka malee na gaabbisiisa. #8. Maatii kiyyaaf yeroo hin kennine. Guyyaa hunda fiiguu malee mana kiyya ol garagalee hin ilaalle! Ijoolleen kiyya akka ani wajjin taphadhu feeti, ani garuu isaaniif argamuu hin dandeenye, hojiidha utuun jedhuu, walgahiidha utuun jedhuu, maatii kiyya irraanfadhe, kunoo har'a utuu isaan hin quufin deemuufin deema. Kun akka malee na gaabbisiisa. #9. Namootaaf jaalala kiyya hin ibsine. Namoota hedduu jaalala kiyya barbaadan akkan jaaladhu itti hin himne, itti hin argisiisne. Haadhaa fi abbaa kiyya wajjin taa'ee jaalala isaan anarraa barbaadan hin kennineef. Hedduutu osoo na dheebotuu akka na dheebotutti kute. Kun akka malee na gaabbisiisa jedhu 👇Join 🌟dungoojireenya🌟 #like #share
Показати все...
GAGGEESSUMMAA

👉 Jireenya milkaa'aa jiraachuuf kaka'uumsa YAADAA fi DANDEETTII dhokataa ofiitti fayyadamuuf qophii ta'uu barbaachisa!

https://m.facebook.com/Gaggeessummaa?refid=46&ref

✍️ @Gaggeessummaa_bot

👍 2 1🔥 1
Фото недоступнеДивитись в Telegram
ለመላው የእስልምና እምነት ተከታዮች በሙሉ እንኳን ለኢደል አድሀ አረፋ በአል በሰላም አደረሳችሁ በአሉ የሰላም ፣ የአንድነት ፣ የፍቅር ፣ የስኬት ይሁንላችሁ This Eid-ul-Adha, I wish Allah’s blessings light up your life and that it is filled with happiness, peace, joy and success. Eid Mubarak! @dungoojireenya @dungoojireenya
Показати все...
#Sal'oo_Sareefi_Kanniisaati! Guyyaa wayiiti! Bakka aniifi hiriyaankoo teenyee jirru tokko saree tokkotu ture. Saree qaamaan guddaafi furdaa akkanuma dulloomaa, olka'ee deemuuf dadhabuutti jirudha. Fuuldura keenya, daraaraa tokko jala ciisee jira. Akkanni achii ka'uuf yaallus, ka'uuf eeyyamamaa hinturre, sarichi! 'Itti dhiisi' jennees itti dhiifne. Daqiiqaa muraasaa booda, kanniisonni hoomaan dhufanii daraaraa kana irra quqqubachuu eegalani. Kanniisonni kun garuu, kunneen kan nama iddaniifi hin iddine ta'uu hinbeeku. Kanniifni hundi nama hin idduu mitiiree? Eeyyeen, kanaafi! Garuu sagalee huursaa jabaatu isaan irraa dhagahama. Yeroo kana sareen kun, gurra isaa achi ergisuu hin hafne. Sodaachuus eegale. Ol jedhee isaan ilaaluu itti fufe. Afaan isaatiin qabuufis, yaalii inni hingoone hinjiru. Garuu hindandeenye! Hanguma inni isaan hordofuufi adamsuu isaa itti fufe, kanniisonni kun xiyyeeffannoo isaanii gara isaatti deebisani. Miidhaa inni isaan irraan gahaa jiru ofirraa ittisuu eegalani. Yeroo inni isaan nyaachuuf itti jedhu kana, isa idduun ofirraa faccisuu itti fufani. Lola jabaas godhani. Saree lafaa ka'ee isaan jeequu eegale kanarraa dhukkee kaasuun, hammam akka gahan itti agarsiisani. Sarichis, yeroo haalichi itti ulfaatu baqatee qajeele. Hamma inni fiigee dadhabuttis faana fiigani. Waan godhan godhaniis biraa deebi'ani. Akkanaan sareen kun, bakka sana gadhiisee baqatee bade! Kanniisonni kunis, isa bakkaa kaasanii gara dalagaa isaaniitti deebi'ani. Gara dalagaa isaanii daraaraa soorratanii damma dammeessuu sana jechuudha! Aniifi hiriyaankoo, yaada kanaan akkuma badnetti jirra. Ana waan baay'ee na ajaa'ibe keessaa tokko, haalaafi bakka sareen sun turedha. Bakkichi babbadee jira. Tafkiinis kan dhuunfatameedha. Iddoo sareen sun jiru, bakkee bareedoofi hawwata daraaraafi kanneen biroon kuulame irraa adda ta'ee jira. Kanaaf immoo itti gaafatamaan saree sanadha. Tafkiitiif, baattoofi dirree misoomaa ta'eetu jira. Balfa isarraa bahuunis, bakka jiru sana balleesseera. Foolii naannoon sun hinqabne itti horee jira. Kana qofaa miti, kanniisota dalagaa isaanii irraa gufachiisuuf waan inni hingoone hinjiru. Bakka isaa dhiisee bakka isaaf hinmalle taa'uun isaa, warreen bakki sun maluuf jeequurra darbees, akka inni bakka isaa taa'ee dalagaa isaa hindalagnee godhee jira. Akkanuma, bakka jiru sanatti badiin inni dhaqqabsiisuuf yaale sun, bu'aa buusuu dhiisuu isaatti dabalamee akka inni bakkaa ka'u isa godhe. Bakkaa isa kaasuu qofaas miti, akka inni salphatuuf isa saaxile. Ni iddame, ni arii'ames! Baqattis harka isa kennachiise. Kan saree sanaa qofaa miti waan nama ajaa'ibu, dubbiin kanniisota sanaas xiyyeeffannoo namaa hata. Kaayyoon isaanii daraaraa soorrachuudha waan ta'eef, akkuma dhufaniin gara dalagaa isaanii deemani. Kaayyoo! Qaama kamittuu hinbuune. Qaamni tokko garuu, lafaa ka'ee isaanitti bu'e. Gara jalqabaarra ni dhiisani. Obsa! Sarichi garuu, isaan qocholuu itti fufe. Sanaan booda gara faccisaatti deebi'ani. Xiiqii! Faccisuu qofaas osoo hintaane, gara furmaata dhumaatti darbani. Kunis waan isaan rakkisaa jiruufi fuuldurattis itti fufee isaan miidhuu danda'u bakkaa kaasani. Cichoomina! Edda bakkaa kaasaniis, achumaan hindeemne. Galma! Kaayyoon isaanii inni guddaan manaa bahaniif sal'oo saree waliinii miti waan ta'eef, galmi isaaniis saree bakkaa kaasuu irratti hin dhaabbanne. Kanaafuu, gara daraaraa xuuxuu isaaniitti deebi'ani. Imala damma dammeessuu sana jechuudha! Akkanaan akkas ture dubbichi! Dubbiin sal'oo sarichaafi kanniisota kanaa, na ajaa'ibuurra darbee mata dureefi fakkeenya irraa waa baran naaf ta'e. Namni yaada kana hubannaan ilaales, akka waan tokko irraa argatu hin shakku. Kanatus akkan qindeessuuf na kakaase. Ergaa isaa garuu, sinumaafan dhiise. 'Ani akkanattin hubadhe' jedhee gabaabsee kaa'uurras, akka siniif galeetti ergaa isaa bal'iftanii yoo fudhattan wayyuu hin hafu! Kanaafuu, siniif dhiiseera!               Galatoomaa!🙏 Abbiitti Hajjii- 2024        @dungoojireenya @dungoojireenya
Показати все...
👍 1👏 1
#Hubachiisa •Qormaanni Kutaa_8ffaa Ministry Bara 2016 💎 •Hanga Ammatti Wanni Bahe hin jiru. #Odeefannoo_Sobaatin Akka isin burjajooftan hin feenu Nuti. Kanaaf #Odeefannoo_Dhugaa Yoo Arganne Malee Huma isiniif hin Maxxansinu. •Akka Arganneen isin biraan geenya. Hin yaaddawina. •Yoo Argattan biyyaa wajji argattan, •Yoo dhabdan biyyaa Wajji dhabdan. •Duuti biyyaa wajji Hirriiba Akkuma jedhanitti.! •Kanaaf Abshiir Jajjabaadha kun Qormaata Duniyaati hin yaaddawina. •Waan jiru isin beeysifna. •Obsumaan Nu Hordofaa Asiin.👇@Dungoojireenya
Показати все...
👍 9
Фото недоступнеДивитись в Telegram
የ ቬሮኒካ የ ራቁት ቪዲዮው ተለቋል ሙሉ ቪዲዮውን መመልከት ይፈልጋሉ 👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇 https://t.me/+DoTrVBJ7xmw2YzM0 https://t.me/+DoTrVBJ7xmw2YzM0
Показати все...
Veronica adane 🔞
🔽🔽🔽🔽🔽🔽🔽🔽🔽🔽🔽 🚩🚩🚩🚩🚩🚩🚩🚩🚩🚩 🔔WAVE FOLDER ተመዝገቡ🔔 🔵ቻናሎችን ያለምንም ክፍያ እናሳድጋለን።🔵 ✅50k+ የሆናቹ  🍸 ✅20k+ የሆናቹ  🍸 ✅10k+ የሆናቹ  🍸 ✅5k +  የሆናቹ  🍸 ✅1k +  የሆናቹ  🍸 ✈️ከ 1k በታች ግን 500+ የሆናችሁ አሪፍ ✈️ቪው ካለው ኑ ቻናሎን እኛ ጋ በነፃ ያሳድጉ ✉️@J0KER_MJ አናግሩኝ
Показати все...
አንድ ቀን፣ እስከመጨረሻው እሄድና አልመለስ ይሆናል። አንድ ቀን እተኛና ተመልሼ ከእንቅልፌ አልነቃ ይሆናል፡፡ አንድ ቀን አይኖቼ እስከ ዘላለሙ ጨፍነው ይቀሩ ይሆናል። በዚያን ግዜ ሁሉም ሰው ይረሳኝ ይሆናል። አንድ የምናፍቀው ሰውም ሊኖር ይችል ይሆናል። እቺ ቀን መቼ እንደሆነች የሚያውቅ ማንም የለም ። ምናልባት ያቺ ቀን አሁን፣ ዛሬ፣ ነገ፣ ከሳምንት በዋላ፣ ከወር በዋላ፣ ከአመታት በዋላ ሊሆንይችላል። እኔም አንድ ቀን አስከፍቻቹ ሊሆን ይችላል። ስለዚ ልክ ስታስታውሱኝ ይቅር በሉኝ።
Показати все...
4🙏 3👍 2
Amerca Mobile +1 763-496-9535
Показати все...
JAALALA Gurbaa tokkutu mucayyoo akkaan bareeddu takka akka malee jaallate. Jaalala ibsuufii sodaatee turee. Booda dhiibbaa hiriyyoota isaa irraa irra  gaheen, akka isii jaallatu deemee itti hime. Gaafii jaalalaa ishee  gaafate. Akkana jetteen "GAAFII JAALAL KEE SIRRAA TOLE JECHEEUN HAA HAFUUTII,NAMNI AKKA KEE ANJIBBU ADDUNYAA KANA IRRA HIN JIRUU" JETTEEN. Mucaanis Fuula gammachuun guuttamen seeqaa gara hiriyyoota isaatti  achi deebi'e. Hiriyyoota isaa keessaa tokko akkana jedhee gaafateen "milkoofteemii? Baayyee namatti tola" jedheen. Innis 'lakki inumaayyuu namni isheen jibbitu kan akka na'aa addunyaa irra akka hin jirre natti himtee' jedheen hiriyyaa isaatiin. Hiriyyoota isaatti dubbiin faallaa itti garagale. Hiriyyoonni isaas akkan jedhaniin eega akkas tahee maaf hin gaddineree maaf fuulli gammachuu sirraa ifare jedhaanii gaafatan.innis akkana jedhee deebiseef. Suuta jechuudhaan maaliif maalif yaada?Maaliif gadda? an bee kan dhabe nama akka malee addunyaa irratti na jibbuu. Isiin immoo kan dhabde nama addunyaa irraa waa hunda caalaa ishii jaallatuudha.kanaaf kan gadduu qabu ishiidha malee anaa miti jedhee deebiseef jedhama. Kanaaf nama jaallattan yoo dhabdan hin gaddinaa! 👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇 👉👉👉 @dungoojireenya 👈👈👈👈 👉👉👉 @dungoojireenya 👈👈👈👈 👆👆👆👆👆👆👆👆👆👆👆👆👆👆👆👆👆👆👆👆👆
Показати все...
👍 6
Оберіть інший тариф

На вашому тарифі доступна аналітика тільки для 5 каналів. Щоб отримати більше — оберіть інший тариф.