cookie

Ми використовуємо файли cookie для покращення вашого досвіду перегляду. Натиснувши «Прийняти все», ви погоджуєтеся на використання файлів cookie.

avatar

OROMIYAA MEDIA🌍

Більше
Рекламні дописи
976
Підписники
+124 години
+137 днів
+2730 днів

Триває завантаження даних...

Приріст підписників

Триває завантаження даних...

Показати все...

Показати все...

Repost from ABDII SABAA MEDIA
#BalaaUumamaa Balaa lolaa godina Halaabaatti mudateen namootni 5 lubbuun darbuu poolisiin beeksiseera. Naannoo Giddu-galeessa Ityoophiyaa godina Halaabaatti rooba cimaa qilleensaa fi cabbii makatee roobuun lolaa uumameen lubbuun namoota 5 darbuu poolisiin godinichaa ibsee jira. Godinichatti aanaa Weeraa Diijootti ganda hunda keessatti rooba cimaa roobeen naannoon lolaadhaan akka guutame gabaafameera. Aanichatti ganda Baando Coloksaa namootni 3, ganda Udanna Coloksaatti namni 1,  Halaaba Quullittootti Galatoo fi Gadabaa giddutti namni (1), walumaa galatti namootni 5 lolaan fudhatamaniiru. Sakatta'iinsa godhameen reeffi namoota sadii yoo argamu, reeffi namoota lamaa garuu hin argamne. Bulchaan Olaanaa godina Halaabaa Obbo Muhiddiin Huseen, hawaasni balaa dabalataa akka hin mudanne of eeggannoo gochuu akka qabu eeruun maatii namoota irraa du’aniif jajjabina hawwaniiru. (Waajjira Kominikeeshinii Poolisii godinichaa) MIIDIYAA t.me/ABDII_SABA_MEDIA📡 Odeeffannoowwan waqtaawaa yeroo MEDIA @MEDIA_OMN
Показати все...
Repost from ABDII SABAA MEDIA
#Follow me #Follow the ABDII OROMIA channel on WhatsApp: https://whatsapp.com/channel/0029VaZdAs69WtBwNTRk8m0s
Показати все...
ABDII OROMIA | WhatsApp Channel

ABDII OROMIA WhatsApp Channel. . 0 followers

Tapha dhumaa jiruun Maan Siitiin harka kennuu dide, Arsenaal Waaqa kadhachuu qofa https://abdiisabaamedia8.wordpress.com/tapha-dhumaa-jiruun-maan-siitiin-harka-kennuu-dide-arsenaal-waaqa-kadhachuu-qofa/
Показати все...

Repost from ABDII SABAA MEDIA
Oduu Ammee Injifattoonni DV 2025 ifoomaniiru Injifattoonni DV 2025 hanga Fulbaana dhufutti lakkoofsa dhoksaa isaanii qabachuun dirqama ta'a jedhameera. Iyyattoonni DV 2025 marsariitii https://dvprogram.state.gov/ESC/ seenuun carraa isaanii mirkaneessuu akka danda’an fi iyyattoonni lakkoofsa dhoksaa isaanii jalaa bade https://dvprogram.state.gov/ESC seenuun deebi’anii argachuu akka danda’an himana keessan dhihefsdha MIIDIYAA t.me/ABDII_SABA_MEDIA📡 Odeeffannoowwan waqtaawaa yeroo hundumaa argachuuf: MEDIA @MEDIA_OMN youtube.com/@abdiisabaatube Telegram: https://t.me/abdii_sabaa_media https://www.facebook.com/empirestateatoman
Показати все...
Показати все...

Rakkoon Jimaa irratti qaraxa humnaan olii kaffalchiisuu oomishtoota Jimaa dabalatee daldaltoota Jimaa illee kisaaraaf saaxiluu daldaltoonni himan. Kaffaltiin qaraxaa humnaa olii guyyaan Jimaaf kaffalamu humna isaaniin ol ta'uu kan himan daldaltoonni, Jimaan daandii gubbaatti faayidaan ala erga ta'ee magaalaa seenuun kisaaraa dabalataa uumeera jedhan. Mootummaan dhimma kana hatattamaan sirreessuu yoo baate jiruufi jireenyi uummataafi daldaltootaa balaarra bu'a jedhaniiru. Jimaan duraan qarshii kuma 3 tti gurguramaa ture yeroo ammaa qarshii dhibba sadiinuu kan nurraa bitu hin jiru jechuun qonnaan bultoonni komatu. Kun immoo jireenya isaanii irratti dhiibbaa jabaa uumuun beelaaf saaxilee daa'imman qabatanii daandiitti akka ba'an isaan taasisaa jira. Oomishtoonni Jimaa guyyaa irraan oomishaa oolan bu'aan argachaa jiran akka hin jirre kan himan daldaltoonni Jimaas, uummanni gaaffii isaa karaa nagaafi seera qabeessaan gaafachuuf yaalu illee sagaleen isaanii humnaan ukkaamfamaa jira jedhu. Kellaan duraan iddoo muraasa ture amma baay'achuun kaffaltii madaalawaa hin taane tilmaamaan kaffalchiisaa jiraachuu kan himan daldaltoonni, mootummaan dafee yoo hin sirreessine hawaasa dabalatee daldaltoonni rakkoo ulfaataaf saaxilamuu malu jedhaniiru. Jimaan Awwadaayii fe'amee ba'u hanga Finfinnee ga'utti keellaa 15 caaluu olitti itti qaraxamaa jira kan jedhan, namoonni al kallattiin saamichaaf bobbaafaman jiraachuu daldaltoonni himu. Qaraxni Jimaaf daandii irratti kaffalchiisaa jiran humnaan oliifi kisaaraa keessa kan isaan galche ta'uu himu daldaltoonni Jimaa. Hawaasni Jimaa oomishee gurguratee ittiin jiraatuufi daldaltoonni Jimaa illee miidhaaf saaxilamaa jirra jedhan. Uummata Oromoo godinaalee Harargeef Jimaan bu'uura jireenya isaati kan jedhan daldaltoonni, mootummaan qaraxa bifa saamichaan geggeeffamu kana yoo hin dhaabiin balaan ulfaataan uummata mudachuuf jira jedhaniiru. Kanneen Jimaa daldaluu irratti bobba'anii jiran illee hojii idilee qaban irratti dhiibbaan taasifamuun hojjetannee akka hin jiraanne nu taasisaa jira jedhu. Uummanni Oromoo godinaalee Harargee Jimaa malee madda galii biraa akka hin qabnee mootummaanis ta'e qaamni dhimmi kun ilaallatu nuuf hubachuu qaba jedhaniiru. Daldaltoonni Jimaa Finfinnee Jimaan daandiirrallee tursiifamee erga gubatee booda galaa waan jiruuf kaan baafnee gataa kaan immoo ofirra deebisaa jirra jedhu. Keellaa irratti qaraxni muramu kun kan mootummaan beekuun alatti kan biroon saamichaaf bobba'an jiraachuu daldaltoonni himu. MIIDIYAA t.me/ABDII_SABA_MEDIA📡 Odeeffannoowwan waqtaawaa yeroo hundumaa argachuuf: MEDIA @MEDIA_OMN youtube.com/@abdiisabaatube Telegram: https://t.me/abdii_sabaa_media https://www.facebook.com/empirestateatoman
Показати все...

👍 1
Показати все...
Naannoo Amaaraatti bulchaa aanaa Laastaafi hogganaan waajjira fayyaa ajjeefaman

Naannoo Amaaraatti bulchaa aanaa Laastaafi hogganaan waajjira fayyaa ajjeefamanMay 1, 2024LASTA WOREDA COMMUNICATIONNaannoo Amaaraa Kaaba Wallootti, bulchaan aanaa Laastaafi ittigaafatamaan waajira…