Islaamummaan ni mi'ooyti !🍊
Jiruun teenyaas duuti teenyaas rabbumaafi.nama gargaaruf nama tahuun gehaadha janneetuma.
БільшеКраїна не вказанаМова не вказанаКатегорія не вказана
219
Підписники
Немає даних24 години
Немає даних7 днів
Немає даних30 днів
- Підписники
- Перегляди допису
- ER - коефіцієнт залучення
Триває завантаження даних...
Приріст підписників
Триває завантаження даних...
tu
caala!
Bara jireenyaa kee keessatti yeroo dheeraa taa’umsaan
dabarsitu irra, yeroo gabaabduu hojiin dabarsituutu bu’aa
guddaa siif qaba!
Namni sabbata godhatanii mudhitti hidhatan, Bofa namatti
ta’ee nama Idda!
Akkuma jaalalli jiru jibbis jira waan ta’eef, icciitii yeroo
jaalalaa haasoftan yeroo jibbaa haasahuun
wallaalummaadha!
Jaalalli dhugaa fageenya karaatiin hin daangeffamu!
Jaalalli dhugaa furtuu jireenyaati!
Jaalalli dhugaa ibsaa addunyaa fi gaaddisa jiruuti!
Nama jaalalli dhugaa kuffiseef, guulli harkisa lafaa itti hin
gaafatamu!
Dhiira qawweef hin jilbiiffanneetu, jaalala dhugaatiif
jilbiiffata!
Yoo nama taate fedhii keetiif osoo hin taane kaayyoo
keetiif dursa kenni
Waan garte fi waan laalte hubachuu yaali maaliif yoo jatte
sigargaara waanta.eef!!!!!!
Obboleessa Keetifis Dabarsi.
Ustaz Ibsaa dhugaa irraa
Jechoota Dhama Qaban Ilma Namaaf Gorsa Ta'aa
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
Yeroo gabaabduuf jattee Abdii tee hin kutin maaliif yoo
jatte booda si sheeneessaa
Waa hunda dura ofiif bakka laadhu kan sirra sitti Aanu
waan hin jirreef
Of beeki kan sirra sibeeku waan hin jirreef
Namni kaayyoo ofi beeku jaalalaan hin kufu kaayyoo
galmaan ga’uuf kufa malee
Beekaa jechuun nama dogoggora ufii ufitti beekee, irraa
sirraa’eedha!
Lukaan qixxeessuuf kophee muran malee, kopheen
qixxeessuuf luka hin muran!
Moo’uu jechuun 1ffaa bahuu qofa osoo hin taane,
jijjiiramas agarsiisuudha!
Barachuu jechuun barumsa keessa darbuu osoo hin taane,
barumsi nama keessa darbuudha!
Barumsa barattee yoo qoramtu, jireenya immoo qoramtee
baratta!
Nama si sobu wajjiin gammaddee kolfuu, irra nama
dhugaa sitti hime wajjiin gadditee boohuu si wayya!
Namni carraa gaarii qabu osoo bishaan galaana keessatti
darbanii yyuu, Qurxummii afanitti qabatee keessaa baha!
Hiyyeessa jechuun nama qarshii hiyyoome Oosoo hin ta’in
nama sammuu hiyyoomeedhaa
Obsi guddaan dhagaa yoo affeelu, aariin xinnoon bishaan
bobeessiti!
Yeroo tokko tokko gammachuun guyyaa tokkoo, gadda
waggaa tokkootti jijjiirama!
Nama kabajuun mallattoo sodaa ykn lugnummaa osoo hin
taane, bilchinaa sammuu fi dandeettii fageessanii yaaduuti!
Jireenya kee fooyyessuudhaaf yaaliidhaan shaakala ati
taasiftu keessatti kufaatiiwwan si muudatan
kufaatii osoo hin taane, akeektuu galma gahiinsa yaalii
keetiiti!
Addunyaa tan irratti Harreen akka namaatti yaadu jiraatuu
baatus, namni akka harreetti yaadu hin dhabamu!
Akka addunyaatti yaadii, akka naannootti hojjadhu!
Dhalli namaa wanta haara argannoodhaan yoo uumu
(kalaqu) kan nama gammachiisu yoo ta’u, garuu ufii
isaatii uumamuu (kalaqamuu) yoo irraaffatu immoo kan
nama gaddisiisuudha!
Kan nama qaanessu ba’aa guddaa sammuu irratti baachuu
osoo hin taane, sammuu hin yaanne baachuudha!
Yoo rakkoon wahii si muudate rakkoo si muudate saniif
yaaduu osoo hin taane, akkaataa rakkoo si muudate san
keessaa itti baatu yaaduu qabda!
Osoo dhugaan kophee hin godhatin, dharti addunyaa
naannofti!
Mucucaattee dugdaan yoo kufte balleessaan kee ta’uu kan
hin dandeenye yoo ta’u, balleessaan kee ta’uu kan danda’u
kuftee yoo achitti hafteedha!
Wal beekuu irra, walii beekuu wayya!
Bishaan kadhaan argame dheebuu nama hin baasu!
Sareen yeroo hunda duttu akka hin birmanneef uf gooti!
Kan nama nyaatu dukkana osoo hin taane, wanta dukkana
keessa jiruudha!
Irra caalatti kan dinqisiifatamuu qabu namoota addeessa
irra qophatan osoo hin taane, namoota akkaataa isan
addeessa irra ittiin qophatan
barsiisaniidha!
Addunyaan tun sirraa waan tokko eegdi waan ta’eef, waan
gaarii tokko hojjadhu!
Kaayyoo ufii galmaan gahachuuf dhama’uun har’aaf
dhandhamni isaa kuraawaadha malee, boru firii fi
dhandhamni isaa mi’aawaadha!
Nama shakkitu hin mindeessin, yoo mindeessite hin
shakkin!
Wanti calaqqisu hundi, warqii sitti hin fakkaatin!
Jiraachuuf nyaadhu malee, nyaachuuf hin jiraatin!
Waggatti jiruu dabali malee, jiruutti waggaa hin dabalin!
Riqicha muka tokkoo irra osoo hin bahin dura, gorora
takka liqimsi!
Balbalti carraa takka yoo si jalaa cufamte yoo ati abdii
kutuu dhabde, tan biraa siif banamti!
Gatii yeroo beekuu yoo barbaadde, atileetii maaykiroo
sekondii tokkoof moo’amee badhaasa meedaaliyaa warqii
dhabe gaafadhu!
Bu’aa qabxii baruu yoo feete, barataa qabxii 0.5niif
qormaata kufe haasofsiisi!
Aangoo qubaan si filaniin uf hin tuulin, qubaan irraa si
buusaniitii!
Beekkumsa qabduun hin boonin, kan si caala beeku
heddutu jiraatii!
Namni an beekaadhaa ufiin jedhu, wallaalaan akka isaa hin
jiru!
Hanga dandeettetti bara baraan jireenya kee jijjiiri malee,
akka barri wal sitti hin jijjiirre!
Barcumaa fi kabaja abbaatu uf jalaan deema!
Bara rakkoo bishaantu muka namatti kora!
Waan garaan namaa baatu, Wadalli Harree hin baatu!
Lafa fardi sangaan hin jirre, maxaanatu itti arreeda!
Kan ati jechuu qabdu biyyi too maal naa goote jechuu
osoo hin taane, an biyya kootiif maal godhe jechuu qabda!
Baay’ee haasahuu irra, baay’ee dhageeffachuu filadhu!
Hojii guddaa karoorfame irra, hojii xinnoo hojjatamee
Waa'ee kee enyummafille ibsuuf hin yaaliin.
Sababnisaas namni si jaalatu wa'ee kee ibsii kamuu isaa
hin barbaachisuu waan ta'eef.
Namni sin jaalanne imoo wa'ee kee ammamillee ibsituuf
sin amannu. kaanaf wa'ee kee eenyuuf ibsitaare.
Yoo danda'ame wa'ee kee gochii kee haa ibsuu.
JIRUU TEE IFTUU TAASISUUDHAAF
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••
Ee Waa Tolee
==>. Nama yoo argatee shakkare..
==>. Nama yoo rakkatee sabbare..
==>. Nama yoo badii dalage towbatee...
==>. Nama yoo dallane liqimsee...
==>. Nama yoo murteesse haqa dalagee...
Ee Waa Tolee
==>. Rabbiin nama akkasii si haa godhu..
==>. Yoo Rabbiin si hiyyoomse...Maal qaba osoo na
duroomsee hin je'in..
==>. Yoo Rabbiin si dhibamsiise..Maal qaba osoo
fayyaadhumaan na jiraachisee...Hin je'in..
==>. Isatu siif beeka...Isatu si beekaallee...
==>. Rabbiin of si haa beeysisu...
==>. Kan mana citaa keessa galu akka hin
cinqamne....Erga fooqiinuu ni diigamtii beekee...
==>. Kan uffata ciccitaa uffatu akka hin
yaaddofne...Erga kan faaya uffatullee ni dhumaa beeke...
Mu'uminni hin cinqamu...Erga dubbii Khaaliqatu oliif gadi
oofaa beekee...
==>. Rabbiin mu'umina nu haa godhu...
==>. Dhakaan mukarra jabaata...
==>. Hadiidni dhakarra jabaata..
==>. Ibiddi hadiida irra jabaata...
==>. Bubbeen ibiddarra jabaatti...
==>. Iimaanni waa hundarra jabaata...
==>. Rabbiin iimaana akka Abuu Bakrii siif haa kennu..
Waa Afur Milkii Harkifti
1. Kitaaba faaydaa qabu..
2. Jaartii jaalala siif qabdu...
3. Ilma tola sitti oolu..
4. Hiriyyaa gaarii...
Kana hundaa Rahmaantu namaaf laaffisa... Aboo Rabbiin
siif haa laaffisu...
Har'aaf hanganuma dhandhamaa...Of duratti ajaa'iba
argitan... Inshaa Allaah
Share copy paste godhi...Homaatuu sirraa hin hir'atanii..
By: Qilleensi Nasrii Bubbise
DHAAMSA ABBAAN ILMA FUUDHUUF DHAAME
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
Imaamu AHMED BINU HANBAL(Rabbi
rahmata haa godhuufii) yeroo ilmi isaanii
fuudhu gorsa dhaamaniif keessaa--------
Yaa ilma kiyya Gorsa kurnan (10) ani sii
dhaamu kanniin yoo guutuu hin danda'in
Haadha manaa teetii jiruutee bultii
keessattigammachuu argatuu hin
dandeettu kanaaf gorsa kiyya jabeessi
qabi●
1~Dubartiin itti toliinsa waan feetuuf
waan qabdu irraa osoo itti hin
doynoomiin kenniif●
2~Dubartiin Jaalala isii qabdu haa
ibsituufii feeti carraa argatteen jaalala kee
isii ibsuu yaali●
3~Dubartiin dhiira Goggogaa hin jibban
,dhiira dadhabaallee hin tuffatan ati
ammoo bakka si barbaachisuttiijajjaba
yeroo biraa ammoo gara laafeessa tahi●
4~Dubartiin jecha babbareeda haala
babbareeda,uffata gaggaarii hafuura
urgaawaa waan jaalattuuf yeroo hunda
wantoonni kuni akka siif tahu gochuu
yaalii●
5~Dubartiin mana isiitti ministeera
manaatii jechaan sabatee jira, kanaaf
mana kee keessatti akka nugusa teessoo
isii irra teetteetti kabajaan itti haa
dhagahamu qaba haaluma kamiinuu
gocha aangoo mana isii diigu akka hin
hojjanne●
6~Dubartiin haga feetee si jaalattu warra
isii dhabuu hin feetu kanaaf haadha tee
akka warra isii caala jaalattu gochuu hin
deemin akkas gochuun diinumma fi
jibbaa sitti fida waan taheef●
7~Dubartiin cinaacha kee irraa uumamuu
hin dagatin uumamni isii kuni iccitii
bareeduma isiitii hindagatin adada
dogongora xiqqoo agartuun hin qajeelcha
osoo jettuu akka hin cabsine cabsun wal-
hiikudhaa beeki qajeelchuuf yoo deeme
hin cabdii jettee akka mara jallattullee hin
godhin jiddu galeessa tahiif●
8~Dubartiin yeroo tokko tokko tola ati itti
oolte dagatuu ni dandeettii yeroo aartu
tola ati itti oolte waakkatuu dandeessii
Akkas goote jettee hin jibbin haala kana
yoo irraa hin jaalatinillee haala biroo ka
akkaan si jaalachiisu qabachuu isii hin
dagati●
9~Dubartii irratti dadhabinni humnaattiifi
ilaalchaa baay'atu ni danda'a kanaaf
yeroo san garaa sihaa nyaattu rahamata
godhiif ajaja itti hin baay'isinii●
10~Dubartiin booji'amtuu jaalalaan sibira
jirtu ta'uu hin dagatin booji'amtu tee
haala bareedaan qabadhu dadhabina
isiitiin balleessa hojjattu irra dabriif irra
jaalatamtuu Qindii jiruu teetii siif taatii
▶Warri dhiiraa kunnoo dhageettan?
SALAATA_DHISUU
( tarii faayidaa qabaachu hin ooltuu
dubbisi mee yoo ajrii rabbi biraa kajeelte keyrii tana
obolleeyyan keetiif # Share godhi rabbi biraa suwaaba
buufadhuu.
_________________________
Nabiin keenna S.A.W irraa akkaa Odeeffametti namni
salaata dhiisuu waa 15tu isaa qunnama ykn
dhaqqaba jedhan.
------------------------------
------------
Waa 15nan kana keessaa 6 jiruu Addunyaa
gubbatti isa qunnama ykn isa dhaqqaba.
.
Waa 3 yeroo du'aa isa qunnamti.
.
Waa 3 Qabrii kessatti isa qunnama.
.
Waa 3 guyyaa qiyaama isa qunnama.
.
6 Adunyaa gubbatti nama qunnamu yoo ilaalle
akka armaan gadiitti.
..
1☞Rabbiin umrii isaatirraa barakaa fuudha.
.
2☞Rabbiin S.w. fuula isaatirraa sifa ykn amala
saalihummaa fuudha.
.
3☞Dalagaa isaatiif ajrii hin argatu rabbi biraa.
.
4☞du'aa'ii isaa ol hin fuudhamtu gara samayiitti.
.
5☞Namni isa dheessa ykn isa fedhu hin jiru
Adunyaa gubbatti.
.
6, Hiree hin qabu du'aa'ii warri salihtoota isaaf
godhan kessatti.
3 ☞Yeroo du'aa isa qunnamu
1☞ yeroo du'u xiqeennarratti du'a.
2 ☞Haala beelayaa taheen du'a.
3, Haala dheebuun itti jirtuun du'a. osoo bishaan
Baharaa guutuu dhugellee irraa hin bahuu dheebuun
jedha.
.
3☞Qabrii kessatti isa qunnamu
.
1, Rabbiin isatti dhippisa qabrii hanga cinaachi
isaa wal tarutti.
.
2, ni taasisa rabbiin qabrii isaa ta akka ibiddaatti diimattu.
.
3, , Rabbiin isatti fida Bofa maqaan isaa
Ashujaa al - Aqra'a jedhamu.
.
3☞Guyyaa qiyaama isa qunnamu
.
1☞ Rabbiin isatti fida waan gara ibidda
jahannamitti isa harkisu.
.
2, Rabbiin s.w ija dallansuutiin isaa laala guyyaa
hisaaba haga foon fulaa isaatirra lafaa bu'utti.
.
3, Rabbiin S.w. isaa qormaata qormata
jajaba.isatti murtessa garaa jahannamitti.
__________________________
______________
Namni salaata fajirii ykn subii dhise Fulaa isatirra
ifnaanni hin jiruu jedhani.
.
Namni salaata zuhrii dhisee Rizqii isaa kessa
Baraakan hin jirtu.
.
Namni salaata Asrii dhise Qamni isaa Humnaa
hin qabu.
.
Namni salaata Magriba dhise Ijoolle isaa kessa
samaran ykn bu'aan hin jirtu.
.
Namni salaata Ishaa'i dhise hirriba Rahaa qabuu
hin argatu.
.
Namni yeroo Azaana Muziqaa dhagefatu,
yeroo du'u Shahaada jechuu hin danda'u jedhan
kanaafuu muziqaa dhageffachu irra of haa
qusannu.
.
Ergaman rabbii S.A.W Akki jedhe narra dabarsa
ykn namaaf himaa hadisa tokkolle tatuu ka narra
dhagettan jedhanii dhamaattan.
.
kanaafuu Atis dhamsa isaani kaana ofirra gessuuf
jechaa ergaa dubistee booda oboleyaan kee birotif
dabarsii ykn share godhii.
.
share share share gochudhan Ajrii ykn hasaana
Argadhu.
.
warra wan dhagahetti fayyadamu rabbiin nu haa
godhu Amiiiiiiiiiiiiin.
.
share godha
ﻣَﻦۡ ﻋَﻤِﻞَ ﺻَﺎﻟِﺤًـﺎ ﻣِّﻦۡ ﺫَﻛَﺮٍ ﺍَﻭۡ ﺍُﻧۡﺜٰﻰ ﻭَﻫُﻮَ ﻣُﺆۡﻣِﻦٌ ﻓَﻠَـﻨُﺤۡﻴِﻴَﻨَّﻪٗ ﺣَﻴٰﻮﺓً ﻃَﻴِّﺒَﺔً ۚ ﻭَﻟَـﻨَﺠۡﺰِﻳَـﻨَّﻬُﻢۡ ﺍَﺟۡﺮَﻫُﻢۡ ﺑِﺎَﺣۡﺴَﻦِ ﻣَﺎ ﻛَﺎﻧُﻮۡﺍ ﻳَﻌۡﻤَﻠُﻮۡﻥَ .
Irra bareedaa waan jiruu tiyya keessatti dhagaheeti
Jecha rabbii oltahee
( ﺇﻧﺎ ﺃﻋﻄﻴﻨﺎﻙ ﺍﻟﻜﻮﺛﺮ .... ) ﺍﻵﻳﺔ [ :1 3 ]
Hundi keenyaa nibeyna ergamaan rabbii ﷺ ijoollee dhiiraa
sadi qaba yeroo dhiirri isaaf dhalatu hunda ni du'a ..
abdallah...qaasim...ibraahiim ..
hundi isaaniitu ni du'an
Guyya tokko ergamaan ﷺ rabbi osoma makkaa keessa
deemaa jiruu hoggaa kana namtichi kuffaara irraa tahe
tokko akkana isaan jedhe yaa abtar ( ﻳﺎ ﺃﺑﺘﺮ )ykn "yaa
kutamaa "inni ka ergamaa rabbiitiin jedhu tahe ﷺ yaa
abtar jechuun yaa citaa sanyii !
Du'a keetiin dagatamuudhaaf teessa zamana wajjiin waan
siif hin jirreef namni maqaa kee baahatu erga ati duutee !
ilmaan kee hundi du'anii jiran !
Nabiyyiin ﷺ ka dhagahu tahe jecha kana ni gadde
gaddiinsa cimaa ...
Haga rabbiin isaaf dubbate takkatti suuraa kowsar
Keessatti :
《 ﺇﻧﺎ ﺃﻋﻄﻴﻨﺎﻙ ﺍﻟﻜﻮﺛﺮ 》.
Yaa Muhammad nuti siif kennina laga jannata Keessaa si
qofaaf maqaan isaa kowsar jedhamu
Namni tokko isa irraa hin dhugu simalee hin gaddin !
《 ﻓﺼﻞ ﻟﺮﺑﻚ ﻭﻧﺤﺮ 》
Salaata kee hundaa rabbiif qulqulleessi salaati gorraasaa
kankee isaaf gorra'i maqaa isaa qofa irratti
《 ﺇﻥ ﺷﺎﻧﺌﻚ ﻫﻮ ﺍﻻﺑﺘﺮ 》
namichi si aarse aariin ati isaan dhuftellee qajeellumaa fi
ifaa irraa ,isatu citaadha faanti isaas ,cittuudha keyrii
hunda irraa/namtichi si arrabse... maaltu isatti taha yaa
rabbi ?!
Rabbiin ol tahe akkana jedhe( ﻫﻮ ﺍﻷﺑﺘﺮ )ni dhufa guyyaa
qiyaamaa kutamaa sanyii ilmi abbaa isaan jedhu hin jiru
ka isa gaafatullee warri isaas isaaf hin taane ka moggaa
isaa dhaabbatan ..hundi isaanii isa irraa qulqullaahan isa
dhiisanii deeman hin gaddin yaa muhammad !!
Rasuulli ﷺ nigammadan suuraa tanatti hedduu
Waan rabbiin subhaanahuu wata'aalaa isarraa fudhateef
ijoollee
garuu howdii isaaf kenne jannata Keessatti duniyaa
keessattis ni dubbatama hanga qiyaamaatti salawaati
isarratti buufama irra caalaan nama miliyaaraan
lakkaahamuu ......
Dubbistee yoo xumurte salawaata buusi ergamaa rabbi
irratti
... ...Jzk keyran..
Islaamummaan Ni Mi'ooyti
AREEDA HAADUUN !!!!
•••••••••••••••••••••••
Osoo obsaan dubbiftee silaa waan guddaa argita
Kitaabota seenaa keessatti...
Ergamaan Rabbii ﺻﻠﻰ ﺍﻟﻠﻪ ﻋﻠﻴﻪ ﻭﺳﻠﻢ areedni isaanii guddaa
dha..
Abuu Bakri Siddiiq ﺭﺿﻲ ﺍﻟﻠﻪ ﻋﻨﻪ areedni isaanii furdaa dha..
Umar Bin Al-Khaxxaab ﺭﺿﻲ ﺍﻟﻠﻪ ﻋﻨﻪ areedni isaa baayyee
dha..!!
Usmaan Bin Affaan ﺭﺿﻲ ﺍﻟﻠﻪ ﻋﻨﻪ areedni isaa yabbuu dha..
Aliyyi Bin Abii Xaalib ﺭﺿﻲ ﺍﻟﻠﻪ ﻋﻨﻪ furdaa dha..
Ati maal argatte..Kan ciccirtuuf...
Jechootni Ergamaa Rabbii ﺻﻠﻰ ﺍﻟﻠﻪ ﻋﻠﻴﻪ ﻭﺳﻠﻢ Waa'ee areeda
guddisuu irratti heddummaattee (Ajajaan) dhuftee ...jirti
ﻭﻣﻊ ﺫﻟﻚ ﻳﻘﻮﻝ ﺍﻟﻌﻠﻤﺎﺀ ﺍﻷﺻﻮﻝ : ﺍﻷﻣﺮ ﻟﻠﻮﺟﻮﺏ (!!
Rasuulli ﺻﻠﻰ ﺍﻟﻠﻪ ﻋﻠﻴﻪ ﻭﺳﻠﻢ gabaasaalee garagaraa
keessatti...
("Areeda ulfeessaa..)
("Areeda gadi dhiisaa..)
("Areedaa guutaa magarsaa...)
("Areeda dhiisaa -Haa marguu- )
Jechuudhaan ifa baasanii jiran
Nabiyyiin kee...jaalalleen kee akkati bareeddu si gaafatutti
jiran..Meeti ati..
" Badiin isinitti haa buutu...Eenyutu kanatti isin
ajaje..??"
Jecha ergamaan ﺻﻠﻰ ﺍﻟﻠﻪ ﻋﻠﻴﻪ ﻭﺳﻠﻢ namoota lameen biyya
faaris (iiraanii) dhaan je'ani..jarri areeda haadnaan !!...
ﺣﺪﻳﺚ ﺣﺴﻦ !!
" Rabbiin kiyya akkan areeda kiyya magarsu na ajaje..''
Jecha Rasuulaati ﺍﻟﻠﻬﻢ ﺻﻠﻰ ﻭﺳﻠﻢ ﻋﻠﻴﻪ
Umar Bin Abdul Aziiz ﺭﺣﻤﻪ ﺍﻟﻠﻪ ﺭﺣﻤﺔ ﻭﺍﺳﻌﺔ Akki je'an:"
areeda haaduun fokkinna..!! Ergamaan Rabbii ﺻﻠﻰ ﺍﻟﻠﻪ ﻋﻠﻴﻪ
ﻭﺳﻠﻢ fokkinna irraa dhoorkanii jiran.."
Sheekhul Islaam Ibnu Teeymiyyaan ﺭﺣﻤﻪ ﺍﻟﻠﻪ Akki je'an:"
areeda haaduun haraama !! Ragaalee qulqulluu -Dirqama-
gootu waan dhufteef...Namni tokko haaduun ni taha kan
je'e hin jiru "...
Aalimtichi guddaan Ibnul Qayyim ﺭﺣﻤﻪ ﺍﻟﻠﻪ ﺭﺣﻤﺔ ﻭﺍﺳﻌﺔ
Akkana je'an:"
Dhiirri areedaan dubartiin adda baya !! Rabbiin hareeda
dhiiraa kennuu dhaan dubartiin adda baase...Hareedni
kabajaafii ulfinna akkasuma jabeenya isaaf
kenniti...Ammoo dubartiin wanti areeda dhorkateef...Haa
isitti qanani'uun namaaf guutamuufi .." !! Jechuun:
Dubartiin osoo Hareeda qabaattee namattin toltuu baanan
Imaam Al-Qurxubiin ﺭﺣﻤﻪ ﺍﻟﻠﻪ akki je'an:
" areeda haaduun ...isii bubuqqisuun...isii gaggabaabsuun
-Abadan- hin hayyamamu...'' ...
Sheekh Muhammad Bin Ibraahiim ﺭﺣﻤﻪ ﺍﻟﻠﻪ akkana je'an:"
Namni erga areeda haaduun hin tahuu hubatee beekkaan
haadee hojiin isaa suni badii gurguddaa (Al Kabaa'ir )
keeessatti lakkaawamti...'' je'an
Aalimtichi bareedaan Ibnu Baaz ﺭﺣﻤﻪ ﺍﻟﻠﻪ ﺭﺣﻤﺔ ﻭﺍﺳﻌﺔ akki
je'an;''
Areeda guutanii gadi dhiisanii guddisuun...Dirqama
haaduun hin hayyamamu "
Fataawaa Sheekh Bin Saalih Al Useeymiin ﺭﺣﻤﻪ ﺍﻟﻠﻪ ﺭﺣﻤﺔ
ﻭﺍﺳﻌﺔ keessatti:"
Kan areeda haaduufii kan sijaaraa dhugu yoo bakka
imaamumtiittii wal gayan kamtu imaama tahuu danda'a ??
Je'amanii gaafatamnaan...
''Kan sijaaraa dhugutu imaama tahuu danda'a ...waa
shaniif...'' je'anii deebisani...
Sijaaraa (Halaala) akkan hin seene ..innuu haraama
guddaadhaa..areeda haaduun sijaaraa ol guddaa dha
jechuu itti baanan...
Salafa duraanii keessaa Aalimtichi guddaan Ahnaf Bin
Qeeysii ﺭﺣﻤﻪ ﺍﻟﻠﻪ ﺭﺣﻤﺔ ﻭﺍﺳﻌﺔ areeda hin qaban ture !! Hin
magarreef jechuu.!! Gaafa tokki ummanni isaa waan je'an:"
Osoo kan malu tahee silaa Ahnafiif areeda kuma
diiddamaan binnaaf jennee hawwinee turre.." je'an !!
Qeeysi Bin Sa'adi Bin Ubaadaa dura taa'aa gosa (Kazraj)
ture !!
Hareeda waa takka hin qabu !!
Gaafa tokko Ansaarri akki je'an:"
Osoo areedni kan bitamtu taatee silaa isaaf binnaaf turre
.!! Akka dhiirummaan guutamtuuf '' je'an
Shureeyhi Al Qaadiin ﺭﺣﻤﺔ ﺍﻟﻠﻪ ﻋﻠﻴﻪ Akkana je'an:"
Osoo mallaqa kuma kudhaniin argadhee silaa areeda
bitadhaa hawwii qaba ". Je'an
Har'a garuu ,,, Hareeda biqilee hidda isaa kutuuf mallaqa
hangamtu bahutti jira
Iimaanni onneetuu ni gayaa maal nutti odeessitan
areeda...?? yoo jette !!
Osoo iimaanni ati baantu suni onnee si jiraatee silaa
gubbaa kanaa faanti mul'attii bar
Dhumarratti;
Kan hareeda mana rifeensaatti namarraa haadutti jirtu atis
badii guddaa irra jirta...Gargaarutti jirta...badii irratti wal
gargaaruun haraama !!
Qabeenyi suni qabeenya haraamaa walitti qabaa jirta..!!
Haadatuuf haaduun haraama
Osoo gorsa kana share gootee yaa ajrii ati argattu niyyaa
tollaan
..By Qilleensi Nasrii Bubbise
oonni moggaa kiyyaa boohu
Du'aa'ii yuunus
(Laa ilaaha illaa anta subhaanak innii kuntu
minazzaalimiin)
Ergamaan rabbi sheyxaana gaafata
Akkana jedheen ergamaan rabbi : Yaa abaaramaa eennu
ta'aan kee/eennu teessoon kee ?
Akkana jedhe : Nama ribaa nyaatu
Akkana jedheen : Eennu saahibni kee ?
Akkana jedhe : Nama zinaa dalagu
Akkana jedheen : Eennu irkannoon kee ?
Akkana jedhe : Nama machaahe
Akkana jedheen : Eennu keessummaan kee ?
Akkana jedhe : hattuu
Akkana jedheen : Eennu ergamaan kee ?
Akkana jedhe : Namticha sihrii dalagu
Akkana jedheen : Maaltu ija kee gammachiisa?
Akkana jedhe : kakachuu nikaha hiikuun
Akkana jedheen : Eennu jaalalleen kee ?
Akkana jedhe : Nama salaata jum'aa dhiisu
Akkana jedheen ergamaan rabbi Yaa abaaramaa maaltu
duuyda kee si cabsa ?
Akkana jedhe : Nama karaa rabbii Keessatti jihaadu
Akkana jedheen : Maaltu qaama kee baysa/ baqsa?
Akkana jedhe : Towbaa namticha towbatuu
Akkana jedheen : Maaltu tiruu tee goysa?
Akkana jedhe : heddummaachuu istighfaara rabbii oltaheef
halkanii fi guyyaa
Akkana jedheen : Maaltu fuula kee salphisa ?
Akkana jedhe : Sadaqaa dhoksaa
Akkana jedheen : Maaltu ija kee jaamsa ?
Akkana jedhe : Salaata fajrii
>><<>><<
Sheyxaana kee qormaati
Ergaa tana ergi nama hundaaf eega dubbistee ni agarra
mee yoo Sheyxaanni dhaabuu dandahe Subhaanallaahi wal
hamdu lillaahi walaa ilaaha illallaah wallaahu akber walaa
howla walaa quwwata ilaa billaahii
Allaahummaa salli wabaarik alaa sayyidinaa wanabiyyinaa
muhammad aleyhissalaatu wasallam
Subhaanallahi wabi hamdih adada kalqihii waridaa nafsihii
wazinata arshihii wamidaada kalimaatih
Astaghfurulahil aziim
Laa ilaaha illallaah muhammad rasuulullaah
Share godhi amma hin turin haga guyyaan qiyaamaa
dhuftutti hasanaata fakkeenya gaaraatu siif jiraa
Waan ati sababaa taateefi zikrii rabbii nama yaadachiisuu
Keessatti ...
Alhamdulillah ani ufirraa ergee jira gara kiyyaan
Yoo rabbii kee jaalatte message hin cufin yoo ergite malee
nama kidmaatti dabalame3hundaa/
Laa ilaaha illallaah muhammad rasuulullaah /
Laa ilaaha illallaah muhammad rasuulullaah /
Laa ilaaha illallaah muhammad rasuulullaah /
Na dhugoomsi guyyaa ati erguu hawwitutu dhufaa
... ... ... ... ... ... ... ... ..
Ergamaan rabbi S A W akkana jedhe jecha lama ulfaattuu
miizaana Keessatti jaalalamtuu gara rahmaanitti
"Subhaanallahi wabi hamdih subhaanallahil aziim "
"Subhaanallahi wabi hamdih subhaanallahil aziim
"Subhaanallahi wabi hamdih subhaanallaahil aziim "
"Subhaanallahi wabi hamdih subhaanallaahil aziim "
"subhaanallahi wabi hamdih subhaanallaahil aziim"
"subhaanallahi wabi hamdih subhaanallaahil aziim"
" subhaanallahi wabi hamdih subhaanallaahil aziim
Nama soddomaaf ergi osoo hundi isaaniituu jedhanii
sawaaba miliyoona shanii fi hasanaata kuma dhibba lama
argatta .....
Ammas Osoo hundi isaaniituu nama biraa soddomaaf
erganii hasanaata 4.680,000,000 / miliyaara afurii fi
miliyoonaa dhibba jahaa fi saddeettama argatta hasanaata
.............
...................................
Share godhi yoom akka duutu hin beytuu sadaqaa addaan
hin cinne taasisii
Hin doynoomin lubbuu tee irratti.
ﺍﻟﻠﻬﻢَّﷺ ﺻَﻞِّﷺ ﻭَﺳَـــﻠِّﻢْﷺ
ﻭَﺑَﺎﺭِﻙﷺْﻋﻠﻰﷺﻥﺎـــَﻨِّﻴِﺑَ ﷺﻣُﺤﻤَّﺪﷺ - ﺍﻟﻠﻬﻢَّﷺ ﺻَﻞِّﷺ
ﻭَﺳَـــﻠِّﻢْﷺ ﻭَﺑَﺎﺭِﻙﷺْ ﻋﻠﻰﷺﻧَﺒِﻴِّﻨَـــﺎ
ﷺﻣُﺤﻤَّﺪﷺ -
(✿ ♡‿♡)(✿ ♡‿♡)(✿ ♡‿♡)(✿ ♡‿♡)
Оберіть інший тариф
На вашому тарифі доступна аналітика тільки для 5 каналів. Щоб отримати більше — оберіть інший тариф.