ARDII__JÃALALAA🌏♥️
Ardii jaalalaa irraa 👉mamaksa jaalala 👉jechoota jaalala 👉ergaa jaalala 👉 dambali jaalala 👉walaloo jaalala 👉 furmaata jaalala sodaa fi 👉 dhimota jaalalan wal qabatan hunda waliti qabanera YAADAF👉 @fileebar18 Kota 👉join 👉 @hacefunny👏
Більше3 198
Підписники
Немає даних24 години
Немає даних7 днів
Немає даних30 днів
- Підписники
- Перегляди допису
- ER - коефіцієнт залучення
Триває завантаження даних...
Приріст підписників
Триває завантаження даних...
Repost from OBSAA CHANNEL
𝐷𝑒𝑒𝑚𝑖 𝑘𝑎𝑟𝑎𝑎 𝑛𝑎𝑔𝑎ℎ𝑎𝑎
𝑒𝑟𝑔𝑎 𝑑𝑒𝑒𝑚𝑡𝑒 𝑑𝑖𝑑𝑑𝑒𝑒
𝑗𝑎𝑎𝑙𝑎𝑙𝑎𝑎𝑛 𝑠𝑖 𝑞𝑎𝑏𝑢𝑠
𝑒𝑟𝑔𝑎 𝑗𝑖𝑏𝑏𝑎𝑎 𝑓𝑖𝑑𝑑𝑒𝑒
𝑄𝑎𝑏𝑒𝑒 𝑠𝑖 𝑛𝑎𝑎𝑛𝑛𝑒𝑠𝑢𝑠𝑖
𝑂𝑛𝑛𝑒𝑒 𝑘𝑜𝑜 𝑠𝑖𝑖𝑓 𝑘𝑒𝑛𝑛𝑒𝑒
𝑛𝑢𝑡𝑜𝑜 𝑚𝑎𝑎𝑙𝑎𝑛𝑖 𝑔𝑜𝑜𝑛𝑎
𝑠𝑖𝑙𝑎𝑎 𝑤𝑎𝑎𝑞𝑛𝑖 𝑗𝑒𝑛𝑛𝑒𝑒
𝑌𝑎𝑎𝑑𝑎𝑛 𝑔𝑎𝑟𝑔𝑎𝑟 𝑡𝑎𝑎𝑛𝑒
𝑘𝑎𝑛𝑎𝑎𝑓 𝑎𝑑𝑑𝑎 𝑏𝑎𝑎𝑛𝑒
𝑏𝑎𝑦𝑦𝑒 𝑑𝑒𝑒𝑚𝑛𝑎 𝑡𝑢𝑟𝑒
𝑜𝑠𝑜𝑜 𝑡𝑜𝑘𝑘𝑜 𝑡𝑎𝑎𝑛𝑒
𝐸𝑟𝑔𝑎 𝑑𝑒𝑒𝑚𝑡𝑒 𝑑𝑒𝑒𝑚𝑖
𝐷𝑎𝑛𝑑𝑎'𝑒𝑒 𝑠𝑖𝑛 𝑑ℎ𝑜𝑜𝑟𝑔𝑢
𝑤𝑎𝑎𝑛𝑖 𝑛𝑎 𝑚𝑖𝑖𝑡𝑒𝑒𝑓 𝑖𝑚𝑚𝑜
𝑟𝑎𝑏𝑏𝑖𝑖𝑛 𝑠𝑖𝑡𝑡𝑖 ℎ𝑎𝑎 𝑎𝑟𝑔𝑢𝑢
═══════════
┗━━━ ━━💞━━ ━━━┛
#𝚆𝙾𝙻𝙰𝙻𝙾𝙾_𝙹𝙰𝙰𝙻𝙰𝙻𝙰𝙰
𝑺𝑯𝑨𝑹𝑬
𝑺𝑯𝑨𝑹𝑬
🌹🌹🅹🅾🅸🅽🌹🌹
@obsiilink
Repost from OBSAA CHANNEL
Inni horii qaba,
Ittiin daldalata
Ittiin waa bitata
Ittiin shaqqalata
Ittiin si bitata
Horiin qabeenya isaa
Imaltuu isaati
Bareeda isaati
Jabina isaati
Doorsiftuu isaati
Horiin isaaf humna,
Fedhu ittiin cabsa
Fedhu ittiin dabsa
Horiin isaaf boona
Ittiin garsiifata
Ittiin doorsifata
Anaaf garuu...
Horiin ani qabu,
Nyaataaf ooleen gahu
Alatti naan bahu
Horiin ani qabu,
Mana nattin jaaru
Daara ittin waaru
Horiinin qabutti,
Faaya ifitti godhee
Siin hin doorsisu
Siin biteen hambisu
Horiinin qabutti,
Yeroon laalun aara
Osoon qabun daara
Gaafa gahuu dide
Anaaf
Ittiin waa kennachuu
Ittiin waa ergachuu
Ittiin waa elmachuu
Ittiin waa doorsisuu
Ittiin waa hambisuu
Dhumasaa,...
Qabeenyi sadeenii
Horii yoonin dhabe
Humnas yoonin dhabe
Beekumsaatu jiraa
Sa maafin hiraaraa?
Je'eetin if birbira.
Inni horiin bitee
Yoo siif kenne dila
Horiisaan dhaadatee
Dhuunfatus kitila
Animmoo,...
Sammuunin taphadha
Sammuunin si soora
Beekumsan siif laadha
Beekumsaanin ijaara
Galma jiruu tanaa
Iccitiin siif kenna
Bakkan itti gufadhen
Garsiisee siif bana
Inni...
Yoo Horii facaasu
Horiin jalaa dhumaa
Hin turu gonkumaa,
Animmoo...
Yoo beekumsa kennu
Daran anaaf ifaa
Anaaf wal sharafaa
Kanaafin...
Hogguu boonaa deema
Horiif humnas dhabu
Qabeenya sadeenirraa
Beekkumsa kanin qabu!
Shamil N Mohammed
═══════════
┗━━━ ━━💞━━ ━━━┛
#𝚆𝙾𝙻𝙰𝙻𝙾𝙾_𝙹𝙰𝙰𝙻𝙰𝙻𝙰𝙰
𝑺𝑯𝑨𝑹𝑬
𝑺𝑯𝑨𝑹𝑬
🌹🌹🅹🅾🅸🅽🌹🌹
🌹🌹🅹🅾🅸🅽🌹🌹
@obsiilink
Repost from OBSAA CHANNEL
Anatu si fedhe
Natu si jaalate,
Bareeda keetini
Onnee na boojite.
Simbo-qabeettittii
Kuullee afaan dammaa,
Guyyuun si dharra'a
Si'umaafan dhimmaa!
Ani si jaaladhe
Jaalala onneerraa,
Situ giiftii tiyya
Uumama hundarraa!
Hunda caaltuu wayii
Haadha bareedinaa,
Yoomuma naaf dhufta
Yoom wal arginaa?
..
... @obsiilink
Repost from OBSAA CHANNEL
Utuun si jaalladhuu
Onnee banaa dhiiftee
Utuun si abdadhuu
Summii jibbaa biiftee
Keessa koo waraantee
Jaalalaan madeessaa
Godaanuu filatte
Onnee kiyya keessaa
Keessi koo si dhabee
Halkan guyyaa fiigaa
Madaan godaansa kee
Kulkulee na dhiigaa
Akkaataan jiruu kee
Sichi naaf hin ta'uu
Sin jaaladhu garuu
Si jibbuun danda'uu...
═══════════
┗━━━ ━━💞━━ ━━━┛
#𝚆𝙾𝙻𝙰𝙻𝙾𝙾_𝙹𝙰𝙰𝙻𝙰𝙻𝙰𝙰
𝑺𝑯𝑨𝑹𝑬
𝑺𝑯𝑨𝑹𝑬
🌹🌹🅹🅾🅸🅽🌹🌹
🌹🌹🅹🅾🅸🅽🌹🌹
.. @onsiilink
Repost from OBSAA CHANNEL
Ilma Yaayyaa Alii Siree
Tokkicha bakar waaree
Ilmi Waaqoo Guutuu
Oduuf bakka qabaaree? ~~~~
Jaarraa Abbaa Gadaa
Qabsoo nu barsiisee
Elemoo Qilxuudhaa
Diina bayyaa baase ~~~~
Nadhii gammadaatu
Karaa nu qabsiisee
Leenjisoo diigaatu
Qabsoo nutti dhiise ~~~~
Qabsoo muslimaatu
Oromoo ol qabee
Bifa har'a fakkaatuun
Oromiyaa qarqabe ~~~~
Maalummaa iccitii
Aliyyi cirrii taraaree
Gootaaf fakkeenyi
Husseen bunee ture ~~~~
Kormoossoo irraahin
Baradhe gootummaa
Caammaanuur jabaa
Hayyuu caalu kuma ~~~~
Mucee Ahmad mucee
Kutataa oromtichaa
Warra oromummaan
Isaanii hin ta'in jecha ~~~~
Sheek bakrii saaphaloo
Warra qubee kaa'e mataa
Sheek Mohammed Rashaad
Abbaa qubee oromootaa ~~~~
Gaheen muslimootaa
Oromummaaf bu'uura
Warra qabsoo sabaa
Itti godhe hafuura ~~~~
Warra jabeeysee qabee
Asiin gahe oromummaa
Bu'uurri qabsoo oromoo
Jal'dhaabni muslima ~~~~
Oromummaan liqii miti
Dhalootaan argamtii
Yookiin akka kaardii
Nurraa yoom haqamtii? ~~~~
Waalqorraan arganne
Dhalootaan argannee
Amantaas hin jijjiirre
Irruma dhalannee ~~~~
Islaamummaa waliin
Oromummaan toltii
Kopha kophaa taatu
Deemtee ceerbe buuti ~~~~
Gadhee jala fiiydee
Of hin xiqqeeysinii
Jabeeysii qabadhu
Jabduudha amantiin ~~~~
Oromummaa dhunfaa
Hin godhin jerjertee
Lachuu Rabbii kenne
Dubbii Ciro dhumte ~~~~
Barreeysaan ✍️👉@obsamen
..... @obsiilink
Repost from OBSAA CHANNEL
#waadaakoo
Waadaa waliin qabna
Hirbuu waliif seenne
Kanafan si soqa
Takkaa gadin teenye
Mallattoo waadaakoof
Kudhaama siif laadhe
Summii natti ha ta'u
Hirbuu kee yoon nyaadhe
Beenyaa na gaafatus
Iddoon ani dhaqe
Waadaa kee hin haalu
Karaa koorraa maqee
Erga addaan baanee
Takkaa rafeen bulle
Garuu sirraa hin hafu
Nan dhufa yaa kuullee
════════════
┗━━━ ━━💞━━ ━━━┛
✍️....💥𝙸𝚒𝚜𝚊𝚍𝚒𝚒𝚗®✅
𝚂𝙷𝙰𝚁𝙴
𝚂𝙷𝙰𝚁𝙴
🌹🌹🅹🅾🅸🅽🌹🌹
🌹🌹🅹🅾🅸🅽🌹🌹
🌱...
....
@obsiilink
Repost from OBSAA CHANNEL
Qaba inni jedhee
Gamoo guddaa ijaaru
Inni dhabe jedhee
Jooreetin jawwaaru
~
qarshiiniis danoomee
Kan walirra tuulu
Inni qarshii dhabees
Rakkinaan kulkulu
~~
Inni irraa hafes inni dhabes
Obsaa rakkoo
Kaayyoon adda miti
Kaayyoon tokko
~~~
ofiisaa fooyyessuuf inni
Gaara ba'ee bu'u dachaa
Rakkinasaaf jedhee
Gufuun guggufachaa
~~~
xaaree dafqee dhiigee
Dhiigasaallee qoorsaa
Jooree deegee labee
Joorassaallee obsaa
~~~~
Rakkoof jedhee
Beelaan sakaalamaa
Yoo kadhates
Namaan abaaramaa
~~
"BOR Boriin kan imalu
Abaarsa dagachaa
Garaa guutuuf miti
JIREENYA barbaacha
@wolaloo_jaalalaa
#share
#join.
..... @obsiilink
Repost from OBSAA CHANNEL
Bishaan ni ga’a jettee
Galteen hafin manatti
Maatii dhoksi gannaqii
Ammas kottu lagatti
Anxaxiin cora jedhii
Sobii funyoo fudhadhuu
Akkammo sin arginee
loo’i kottu dhokadhuu
Coreen lafa siif ka’a
Adaa walitti qabee
Dafiitii qaqqabadhu
Onnee siif jecha cabe
bakkuma silaa sanaa
Anbabbeessa jalattii
Mallattoo siifan buusaa
Baala laalii lafattii
Baala xiqqoo agarraan
An dhufuu kiyya beekii
Yoo achii na dhabdeellee
Hin jarjariin na eegii
Dhufa kee natti himuuf
Sobii dhadhahi jaarkaa
Yoo jaarkaaniin dhibamelle
Xiqqoo waliin dhahi arka
Bakkan jiruu ol baheen
Rakkoo koon sitti himadhaa
Maddii kee bitaaf mirgaa
Afaan keen si dhungadha
Ani silaa sin obsuu
Galagalas lo'een dhufaa
Jara keessan raffisii
dafteemmon cufin cufaa
Gadii bahuu fakkeessii
Kottuu qoraan fudhadhuu
Mana jalan dhokadhaa
Dhoksaatti na dhungadhu!!
.... @obsiilink
Repost from OBSAA CHANNEL
LUBBU TIYYA😘
Ogummaa jalalaan
madaa koo wala'aantee.
Eessanan ol jedha
atoo na sakaaltee.
~~
Manan itti galu
mukaan ijaaramee.
Hirribaaf gad ciiseen
yaada keen qabamee.
~~~
Xiqqoo akkan rafeen
abjuun dararamee.
Sagalee ol kaaseen
Al tokko si waamee.
~~~
Police jaalalaan
marfameen qabamee.
Waanan si jaaladheef
hidhaatin galchamee.
~~~~
Hidhaa keessattillee
waa'ee kee jeeqamee.
Doctorin na yaaluuf
natti jijjiramee.
Onnee koo kessatti
si qofatu argamee.
❥︎𝄞➳⃝ 📸ßmøkë🕊️⃝❥⃟ ᭄❥︎≛⃝🕊️⃝
@WOLALOO_JAALALAA .
@WOLALOO_JAALALAA
@WOLALOO_JAALALAA
@WOLALOO_JAALALAA
@WOLALOO_JAALALAA
@WOLALOO_JAALALAA
# SHARE
# SHARE
# SHARE
.... @obsiilink
Repost from OBSAA CHANNEL
Asoosama Gaggabaaboo #Add #Follow #Join
#reposted
Harmee💔
Baatii sagal garaatti baattee
Kunuunsa addaatiin qabdee
Silga harma kee naaf laattee
Bifaaf namummaa dhabdee!
~
Hidda keerraan dhangi'ame
Handhuurrikee anaaf dhiige
Daa'imee dacheerra foqoqe
Akka hawwikee ka'een fiige!
~
Daa'imee lukaan deemuuf
Faana ol-fuutee dhaabdee
Tirannaaf tarkaanfii suutaa
Bitaaf mirgaan na qabdee!
~
Ciimmaa ani baadhee ka'u
Ganamaan ilaaltee dhiqxa
Gaafan gama mirgaa taa'u
Ati gara bitaatti naaf siqxa!
~
Qaama koo qullaa dhoksuuf
Uffata qabdee natti keessee
Akka ani utaalee hin cabneef
Ana tiksuuf ulaarra teessee!
~
Guddistee lafaa na kaastee
Morgaaf lafee wal qabsiiste
Soortee manaa na baastee
Ijoollummaa na alqabsiiste!
~
Akka ani kufee cabu feetu
Sagal mul'attee ana ilaalta
Quufee nyaadha hin seetu
Imimmaan jaalalaa calalta!
~
Qajeeltoo yaadaaf amalaa
Gorsa haadhaatiin kuultee
Hamaaf hammina dhiistee
Gaarummaaf gaarii tuultee!
~
Soorata dhala kee soortee
Lafeef foonkoo jabeessita
Dhihaaf barii lafaa joortee
Jiruuf jireenya addeessita!
~
Qannoof qananii hawwitee
Duubaa fuulduraatti raagda
Daandii jireenyi qaawwitee
Obsumaan obsitee saagda!
~
Sabbataan garaa hidhattee
Waanuma hin jirres obsitee
Abdii boruu galaa godhattee
Dafqakee addaan cobsitee!
~
Akkuma halagaa natti taatu
Garaankee fedhuum sarmee
Jireenyakoo keessaa baatu
Madaala hin qabdu Harmee!
~
Oolmaa danuu narraa qabda
Gatii narraa nyaatta teessee
Anikeevsin jaaladha giiftii koo
Umrii dheertuu buli deessee!
♦Barreessuun itti fufa!
♦Balleessuun itti cufa
@obsiilink
Оберіть інший тариф
На вашому тарифі доступна аналітика тільки для 5 каналів. Щоб отримати більше — оберіть інший тариф.