cookie

Ми використовуємо файли cookie для покращення вашого досвіду перегляду. Натиснувши «Прийняти все», ви погоджуєтеся на використання файлів cookie.

avatar

Tajaajila

Walaloo Afuurawaa, Faaruu, lallabaa fi barumsa Ortodooksii Tawaahidoo yeroo yeroon argachuuf @Tajaajila

Більше
Фінляндія2 536Мова не вказанаКатегорія не вказана
Рекламні дописи
221
Підписники
Немає даних24 години
Немає даних7 днів
Немає даних30 днів

Триває завантаження даних...

Приріст підписників

Триває завантаження даних...

Фото недоступнеДивитись в Telegram
Buhee.doc0.17 KB
Faaruu.doc0.49 KB
Harmooniyaatti 👉👉 Faaruu Buhee ......Harmooniyaatti...... Taabori Harmooniyaatti Iyyesuus tulluu gubbaatti Eeliyaas Musee samiitii Musee ni kaase du'aatii(2) Ceesisa Dacheen ejjeta milli isaati Samiinis teessoo ulfina isaati Hundumaa gochuu utuu danda’u Dhufe dhalate galanni haa ta'u (2) Ceesisa Kakuu saa eege inni mul'ate Maariyaam durbeerra fooniin dhalate Tulluu Taaboritti ifaan golgame Waaqumma isaatiin itti argame(2) Ceesisa Qaqawwisaanii lafti raafame Ulfina isaatiif tulluun ni rome Dumeessis dhufee dachee uwwise Gooftummaa isaa itti mul’ise (2) Ceesisa Warra achi turan bartoota keessaa Taate mul'ate argan hunda isaa Musee fi Eeliyaas ijaan arganii Waan jedhan dhaban gammachuudhani(2) Ceesisa Arjummaa isaatiin nutti haa mul'atu Waaqummaa isaatiin hunda kan bitu Nagaaf Jaalala hundaaf haa laatu Mootummaa satti nu haa yaadatu(2) ==√||√== 👇👇F.Dn Jaalal Nagaasaa t.me/Galateeffamaadha
Показати все...
Jaalal Nagaasaa Harmooniyaatti.mp35.70 MB
Taaboritti 👉👉 Faaruu Buhee .........Taaboritti....... Taaboritti ulfina guddaan Gooftaan mul'ate (2) Ceesisa Museen ni du'e du'aa kaafame Raajichi Eeliyaas samii ergame Yaa’iqoob Pheexiros bartoota keessaa Yohaannis wajjin argan humnasaa Ceesisa Qaqawweessani dacheen raafamte Humna waaqummaa irra buufate Surraa Goofticha hunduu uffate Akka biiftuudhaa ifee mul'ate Ceesisa Pheexiros gammachuun Gooftaa kadhate As jiraachuuni nuuf ta'a jedhee Museef Eeliyaas ta'u hubatee Wajjin jiraachuuf Gooftaa gaafate Ceesisa Duumessa keessaan sagaleen dhufe Kunoo ilmi koo innin jaalladhe Jedhee dubbate Abbaan samiirraa Nutis waan gaarii dhageenyee jirra Ceesisa Guca qabannee kottaa in simanna Taabor irratti baane jajanna Hojiinsaa adda du'aa kan kaase Warra jira wajjin tokko taasise ==√|√== 👇👇F.Dn Jaalal Nagaasaa t.me/Galateeffamaadha
Показати все...
Jaalal Nagaasaa Taaboritti.mp35.97 MB
Sillaaseen Ajaa’iba (ሥላሴ ትትረመም) Sillaaseen ajaa’iba hin qoratamu/2/ Sillaaseen ajaa’iba hin qoratamu Sillaaseen Ajaa’iba hin qoramu      Ceesisa Galanni ni ta'af weedduun ni ta'aafi Hunduma kan uume sillaasee uumaafi Baroota durasi isumatuu turee Ummama marasi kabajasaaf uume      Ceesisa Halleeluyaa jedhe kirubeel fakkaadhe Deemsa galataani Yaaredin hordofee Galatan dhiheessa akka Suraafeelini Weedduuf galata hundarraa ol-aanuni       Ceesisa Maqaafi qaamanii waaqayyo sadiidha Tasa wal hin maku gochaanis addadha Uume jiraachisuun mootummaasatini Gonka sadi mitii Waaqa tokko inni         Ceesisa Dugda Kirubeeliitti teessoosaa diriirse Akkeenyumaa isaas uumama calchise Baraan jiraatadha mootummaan isaatini(2)       Ceesisa Yordaanos raggaasuun Taaboris dubbadhu Gooftummaa waaqayyo kabaja Sillaasee Kunoo yordaanositti ilmi kan mul'ate Afuurri gad bu'e Abbaaniis dubbate              °|° °|° °|° F/taa Haacaaluu Shifarraa t.me/Galateeffamaadha
Показати все...
Sillaaseen Ajaa’iba Haacaaluu Shifarraa.mp36.92 MB
#Hin_raafamnu_sodaanne Hin raafamnu sodaanne Akka nama abdii hin qabnee Duunuus jiraannus keeti Nuyi beenya dhiigaa keeti Beekaan wallaalaa ta'ee Furmaatatu harkaa harca'ee Ajaja kee cabsinee Qormaataaf ofkenninee ●●●Dhiphuun keenya guddatus ●●●Rakkoo keenyaa ol Iyyesuus ●●●Fedhiin kee qofti haa ta'u. ●●●Nurratti aangoonke haa mo'u Ulfaatus guyyaan baraa Komii hin qabnu nu sirra Bu'aa badii keenyaati Malee sibiraa miti ●●●●● Abdii hin qabnuu lafarraa Biyyi keenya samiirra Nutis ni galla gaabbi Barana nurra darbi ●●●●● Akkati hamaaf nuhin laanne Hin jiru kan hin beekne Kanaaf Iyyaa siwaamna Asaasne sitti himannaa ●●●●● Yaaddoo hin qabnu nuti Addunyaa darburraati Dhugaa tokko ni beekna Jireenya itti aanu yaanna ●●●●● t.me/Galateeffamaadha
Показати все...
+Gamtaa_Tajaajiltootaa+++hin_raafamnu+++(256k).mp312.41 MB
Tiksee gaarii qaba Tiksee gaarii qaba Abbaa gaarii qaba Waa'e isaan odeessa Jireenyi koo isaa Bittaansaa jaalala Haadhaaf abbaa caala Anoo hubadheera Harka koo ol kaaseera [Tiksee amanamaa Abbaa jaallatama Iddoo boqonnaa koo Iyyesuus nagaa koo] Waa'e koof dhaanamee Eeboon waraaname Naaf kennee lubbuu isaa Eenyu Kan Akka isaa [•••••••] Naaf yaada hundarraa Adda hin ba'uu isarraa Mo'eera onnee koo Iyyesuus mootii koo [•••••] Michuu tokkon qaba gochaasaan lallabaa Iyyesuus jedhamaa Fayyisaa hundumaa [Tiksee ] @Galateeffamaadha
Показати все...
ጅግህጅህ.mp34.30 MB
I found tranquility I found tranquility it' is within your home Help me out of chaos i ask you lord of hope Thinking of all my sins my heart beats anxiously Being far from you lord my soul fearfully Return me to your grace I'll find my way back home The one true holy piece I found in your abode For prayer liturgy I could not persevere I stood before the crowd my prieses not sincere My endless temptations have dragged me far from you Save me EMMANUEL with faith that I once knew Let my eyes puor their tears as they cry for my sins May the rest of my days be spent in repentance At the very hour the moment I'm redeemed Thinking of your love lord I have fallen at your feet እዉነተኛ ሰላም ያለዉ ከቤትህ ነዉ እርዳኝ አልናወጥ እለምንሃለሁ t.me/Galateeffamaadha t.me/Galateeffamaadha
Показати все...
I_Found_Tranquility_English_Ethiopian_Orthodox_Tewahedo_Hymn360p.m4a5.66 MB
Eenyudha Nuti Eenyudha nuti(×2) Yaa waaqayyo Kan si fuuldura dhaabbannu Kan kanaan nugahu qulqullummaa hin qabnu(×2) Yakka keenya hin beeknu namni tokko simalee yagoofta Dhufne sitti himanna sihin dhoksinu ati hundumaa beekta Oljechuu dadhabnee boquu buusne baayina cubbuutiin Gadadamoo fidde as nudhaabde nama nugochuuni Utu ati nu hin nuffin nunuffani mana kee keessatti Maqaakeen jabaanne yoona genye akka namaaf miti Maqaa nuuf moggaasu yawaaqayyo maqaa nuti hin qabne Nuwaammatte malee gooftaa keenyaa nuti yoom qophoofne Nuleeyyasiisuudhaaf hin barbaanne ati guyyaa tokko Rakkanne yoo dhufnes nuhin nuffine ati gaafa rakko Ati erga nuwaamte nuhin gatinii yawaaq badu hin feenu Garaakee kutadhu biyya lafaa nut gara kee hin dhufnu @Galateeffamaadha
Показати все...
+Dn_Pheexroos+++Eenyudha_nuti+++.mp314.33 MB
Оберіть інший тариф

На вашому тарифі доступна аналітика тільки для 5 каналів. Щоб отримати більше — оберіть інший тариф.