Sabaif Chala - Channel
👉Kitaabota garagaraa PDF n 👉Jechoota Gootota Oromoo Wareegamtootaa, Qabsaa'otaa, Artistoota Oromoo barree wal barsiifnuudhaaf!!!
БільшеКраїна не вказанаМова не вказанаКатегорія не вказана
5 482
Підписники
Немає даних24 години
+37 днів
-6630 днів
- Підписники
- Перегляди допису
- ER - коефіцієнт залучення
Триває завантаження даних...
Приріст підписників
Триває завантаження даних...
Kitaaba "Yaadi Duroomi/Think and Grow Rich" jedhu irraa barnoota 10 " hojiilee Napoleon Hill addunyaa irratti beekamoo ta'an keessaa isa tokkodha.
1. Fedhii/Desire/.
Napoleon Hill kitaaba isaa "Think & Grow Rich" jedhu keessatti wanti hundi fedhii irraa eegala. Jireenya kee keessatti akkamitti waan tokko akka barbaaddudha.
Kana galmaan gahuu yoo dandeesse malee fedhii hin qabdu jechuudha. Garuu waan ati taatu suuraa dhugaa kan ta'e fedhii kee isa gubaadha, fedhiiiin kee garuu fedhii gubaa ta'uu qaba. Fedhii kee galmaan ga'uuf yeroo murteessite immoo Egaa, karaa tokkoon fedhiin sadarkaa yaadaafi gocha walitti hidhudha.
Yaada → of kennuu (ykn fedhii) → gocha
"Wanta sammuun ulfooftee amanuu dandeessu kamiyyuu sammuun galmaan gahuu danda'a."
Kana duras yeroo meeqa
2. Amantii/Faith/.
Amantiin humna yaadaa fi miira keetii mul’isuu, wantoota abdatte jabeessitee qabachuudha.
Amantiidhaan waan hin danda'amne uumuu dandeessa. Garuu yaadni gadhee aarii, jibba ykn hinaaffaa faayidaa qabnu kamiyyuu yoo amantii qabaanne ajjeesa. Kanaaf waan galmaan gahuu barbaaddu hunda irratti ilaalcha gaarii qabaachuu qabda. Yeroo ofii fi abjuu keetti amantu waanuma fedhe galmaan gahuu dandeessa.
3. Duub-deebii ofumaan kennuu/Auto suggestion/
Kun dandeettii sammuu kee fedhii kee isa gubaa jiru irratti xiyyeeffachuu keeti sammuu kee isa dammaqaa jalaa akka dhugaatti akka fudhatu gochuudha. Auto-suggestion yaada/mirkaneessuu ofii keetiin, ofiif kenniteedha. Kaayyoo fi hawwii kee barreessi yaada gaarii dhugaa jireenyaa ta'een irra deebi'i.
4. Beekumsa addaa/Specialized Knowledge/
Amma yaada = hawwii = gocha akka ta'e beekna
Ogummaa murtaa’e kaayyoo ijoo, daldala ykn hojii kee wajjin walqabatu horachuu hin dhiisin. Namoonni ga’umsa gadi aanaa qaban yeroo baay’ee erga mana barumsaa gadhiisanii booda barumsi akka xumurame amanu. Dhugaa dubbachuuf, barnoonni hundi beekumsa qabatamaa akkamitti akka argattu akka barattu si gargaaruuf kan yaadamanidha. Kaayyoo kee galmaan ga’uuf beekumsaa fi karoora hojii kee barachuu fi fooyyessuu qabda.
5. Yaada/Imagination/
"Wanta sammuun ulfooftee amanuu danda'u kamiyyuu sammuun galmaan gahuu danda'a." Humna of kakaasuu guddisuu qabda kana gochuuf karaan hundarra gaariin yaada (imagination) dha. Yaadni karoora kee irratti tarkaanfii fudhachuuf ifaafi of kakaasuu kenna.
6. Karoora qindaa’aa/Organized Planning/
Yeroo hundumaa milkaa’uuf karoora qindaa’aa akkamitti akka barbaachisu nan dubbadha. Kitaabni "Think & Grow Rich" jedhamu kaayyoo kee galmaan ga'uuf gurmaa'uu fi hojiiwwan kee karaa milkaa'inaaf nama geessuun karoorfachuu akka qabdu eereera.
7. Murtee/Decision/
Harkifachuun faallaa kutannoo waan ta’eef diina warra milkaa’ina hawwan hundaati.Namoonni milkaa’an hundi murtoo baay’ee dafanii godhu, garuu baay’ee suuta jedhanii jijjiiru. Akkasumas namoonni hin milkoofne hundi murtoo baay’ee suuta jedhanii murteessu, dafanii fi yeroo baay’ee jijjiiru.
Karoora jireenya keetii kaasi, wantoota jireenya kee keessatti argaman galmaan ga’uuf wantoota irratti xiyyeeffachuu qabdu baafadhu. Kunis amala, barumsaa ykn dandeettii murtoo ta’uu danda’a. Namoota kaayyoon isaanii qofti siifi abjuu kee fooyyessuuf ta’e obsuu dhiisuuf daftee murteessuu dandeessa.
8. Itti cichuu/Persistence/
Ciminaan amaloota milkaaʼina argachuuf qabaachuu qabdu keessaa isa tokkodha. Kan hin milkoofne fi kan milkaa'e kan adda baasu kutaa amala nama tokkoo isa guddaadha. Kanaaf baay'een keenya milkaa'ina dura harka kennina. Garuu yeroo ciminaa fi murannoo barattu gara badhaasa injifannootti fuulduratti dhiibuu dandeessa.
9. Humna sammuu/Power of Master Mind/
Gareen ijoo jechuun garee namoota lamaa kan kaayyoo, karooraa fi abjuu isaanii galmaan ga’uuf wal deeggaraniidha.
10. Sammuu dammaqaa/Conscious Mind/
Kutaan sammuu dammaqaa keetii yaada fi hubannoo kee maalummaa isaanii osoo hin ilaalin fudhata fi kuusa. Yoo karaa sirrii deemne rakkoo keenya furuu danda'a. Sammuun kee humna ajaa'ibaa, dinqii fi humna guddaa addunyaan beektudha.
https://t.me/JechootaJaallaanQabsoo
https://t.me/JechootaJaallaanQabsoo
Sabaif Chala - Channel
👉Kitaabota garagaraa PDF n 👉Jechoota Gootota Oromoo Wareegamtootaa, Qabsaa'otaa, Artistoota Oromoo barree wal barsiifnuudhaaf!!!
Repost from Kuusaa Walaloo
Ka'eemmoo boohuu laata?
Koo taata jedhee yaadeen
Ija koo sirra buuse
Si amansiisuuf jedhee
Jecha walitti kuusee
Karaa gubbaa dhaabbadhee
Bahaaf galma keen eega
Fagoorratti si argee
Si qaqqabuufan fiiga
Fiigee si bira gahee
Sitti siquun dadhaba
Yoo ati of-duuba ilaaltu
Mormi Koo gadi caba
Suutuma suutan deema
Borooma kee daawwachaa
Sodaa keessa Koo guuteef
Takka waaqas komachaa
Osuman faana deemuu
Osuman biran gahiin
Jechootan qixxeeffadhe
Tokkollee osoo waa hin jedhiin
Xilliq jennaan ol seente
Gara mana gurbichaa
Akkuma lixxeen cufte
Ulaa mana namichaa
Qax jedheen dhaaphee hafe
Akka nama waa tahee
Fajajee of abjoodhee
Bujunjuree raatahee
Waanan qabus wallaaleen
Ofirra gadi taa'e
Kaa'eemmoo boohuu laata
Yoo boohuun fala ta'e?
Jettee mucaan natti himatte sun, dhugaan siin jedhaa hin boohiin. Isheenuu bakkakee sii boossee baati iddoo xilliq jettee seente sanaa!
@kusaawalaloo
#barsee
A few reasons you should take calculated risks in life:
☄️ Taking risks can lead to new opportunities and experiences that can help you grow and improve. For example, applying for a job that you are not entirely qualified for but are passionate about, or traveling to a new city or country to learn about a different culture and way of life.
☄️ Without taking risks, you may miss out on potential rewards and benefits that come from stepping out of your comfort zone. For example, if you are afraid to ask for a raise or promotion at work, you may miss out on the opportunity to earn more money and advance your career.
☄️ Taking calculated risks can help you stand out from the competition and differentiate yourself in your career or field. For example, if you are an artist, you may take the risk of trying a new medium or style of art, or if you are an entrepreneur, you may take the risk of starting a new business in an untested market.
☄️ By taking risks, you can learn from your mistakes and failures, which can help you become more resilient and adaptable. For example, if you try something new and it doesn't work out, you can learn from that experience and apply those lessons to future endeavors.
☄️ Taking risks can help you discover your passions and interests, and provide direction and purpose in your life. For example, if you try something new and find that you are passionate about it, that can give you the motivation and drive to pursue it further and make it a central part of your life.
“Eat That Frog" is a popular book on time management and productivity written by Brian Tracy.
The book offers several lessons and strategies that can help you become more productive and achieve your goals.
Here are some 7 key takeaways from the book:
1. Focus on the most important tasks:
The central concept of the book is the "frog." A "frog" is a task that you have been putting off, but it is also the most important task that you need to complete to achieve your goals. The lesson is to prioritize your day and focus on the most important tasks, which are often the most challenging ones.
2. Plan your day in advance:
The book stresses the importance of planning your day in advance, either the night before or first thing in the morning. By planning your day, you can identify your most important tasks and allocate your time and resources accordingly.
3. Break down big tasks into smaller ones:
Big tasks can be overwhelming, and they often lead to procrastination. The book recommends breaking down big tasks into smaller, manageable ones that are easier to accomplish.
4. Use the 80/20 rule:
The 80/20 rule states that 80% of your results come from 20% of your efforts. The lesson is to focus on the 20% of tasks that produce the most significant results and eliminate or delegate the rest.
5. Practice time blocking:
Time blocking is a strategy that involves blocking out specific times in your day for specific tasks. By doing this, you can create a sense of structure and focus on the task at hand without distractions.
6. Avoid multitasking:
Multitasking is a myth, and it often leads to decreased productivity and increased stress. The book recommends focusing on one task at a time and completing it before moving on to the next.
7. Embrace failure:
Failure is an inevitable part of the learning process, and the book stresses the importance of embracing failure and learning from it. By doing so, you can grow and improve your skills.
In a nutshell, "Eat That Frog" is a helpful book that offers practical tips and strategies for managing your time and becoming more productive. By following the lessons in the book, you can overcome procrastination, increase your focus, and achieve your goals more efficiently.
Thanks For reading
#management #learning #strategy #help #productivity #planning
@Orobook
Repost from Kuusaa Walaloo
Dorgommii ijoollee lakkuu
Dubartii tokkotu ijoollee dhiiraa lakkuu argatte. Ijoolleen kun lamaan wal jaalatu. Wanuma tokko nyaatu; tokko uffatu. Garuu harmi haadha Ijoollee kanaa daa'immaan lamaan akka fedha isaaniitti isaan hin quubsu ture. Yeroo booda harma haadhaa irratti wal-loluu jalqabani. Haa ta'u malee lolli isaanii harma mirgisiisuu hin dandeenye. Haalli kun hammaatee hanga hammina walirratti yaaduutti deeman. Inni tokko isa tokko ajjeesuu barbaade. Gaaf tokko halkan ka'ee harma haadhaa irratti summii dibee rafe. Ofiisaa osoo hin hodhiin bule. Ganama yeroo lafti bari'u sagaleen booyichaa dhagahame. Mucaan daba yaade sunis gammade. Garuu gaafa dubbiin qulqullooftu kan du'e daa'ima sana osoo hin taane abbaa daa'imman sanaa ture. Maal jechuu barbaadeeni seetu. ... warri harma daa'imaa hattan of eeggadhaa!
Waliin buunee qarqa baanee
Waliin kufnee lafaa kaanee
Mee yaadadhu isa waliif waliin taane!
waaqa waamee siif kakadhee
Jaarsa baasee si naqadhee
Utuun eeguu bultii ijaarraa
Maaliif diigda waadaa jaarraa?😥
......
....
jaalala keef bu'ee ba'ee
Gitintiree kufee ka'ee
Siin abdadhee jecha baachaa
Siin ilaalee jajjabaachaa
Siif buxxulee dafqa haqachaa
Of_dagadhee si yaadadhee
Hunda gubbaa si kaawwadhee
Utuun eeguu maatii taanaa
Akkamittiin gargar baanaa?
......
....
muka yaadaa yaabee bu'ee
Hammannaa kee yaadee du'ee
Cina kootii si dhabee cinabchatti na qorraa
Akkamiin gargar baanaa,akkamiin adda gorraa?
koottu waadaa haaromsinee fuunee ilmaan walirraa horraa!
.......
......
Feetii lagaa naaf murii
Hiddi Incinnii hin cittuu
Deemtus nagaan naaf turii
Firri sinsinnii hin fixxuu !
Qubeelaan kee shanii qubattan siif kaa'ee
Gubataan kee anii gubaattan siif taa'ee!
an siif jedheen bahee beekta atuu moggaatti
Na dhiistee deemtaaree na gattee kophaatti?😕😕
Isheen jaalladhee jibbuu dadhabeef!
ishee waadaa baattee bakkaafi akkan barbaade hin jirreef !
.....
Yooman garaa muradhaa?😥
Repost from Kuusaa Walaloo
Waliin buunee qarqa baanee
Waliin kufnee lafaa kaanee
Mee yaadadhu isa waliif waliin taane!
waaqa waamee siif kakadhee
Jaarsa baasee si naqadhee
Utuun eeguu bultii ijaarraa
Maaliif diigda waadaa jaarraa?😥
......
....
jaalala keef bu'ee ba'ee
Gitintiree kufee ka'ee
Siin abdadhee jecha baachaa
Siin ilaalee jajjabaachaa
Siif buxxulee dafqa haqachaa
Of_dagadhee si yaadadhee
Hunda gubbaa si kaawwadhee
Utuun eeguu maatii taanaa
Akkamittiin gargar baanaa?
......
....
muka yaadaa yaabee bu'ee
Hammannaa kee yaadee du'ee
Cina kootii si dhabee cinabchatti na qorraa
Akkamiin gargar baanaa,akkamiin adda gorraa?
koottu waadaa haaromsinee fuunee ilmaan walirraa horraa!
.......
......
Feetii lagaa naaf murii
Hiddi Incinnii hin cittuu
Deemtus nagaan naaf turii
Firri sinsinnii hin fixxuu !
Qubeelaan kee shanii qubattan siif kaa'ee
Gubataan kee anii gubaattan siif taa'ee!
an siif jedheen bahee beekta atuu moggaatti
Na dhiistee deemtaaree na gattee kophaatti?😕😕
Isheen jaalladhee jibbuu dadhabeef!
ishee waadaa baattee bakkaafi akkan barbaade hin jirreef !
.....
Yooman garaa muradhaa?😥
#Inkooosaa Kuchaanee
Repost from Kuusaa Walaloo
✍✍✍Hammeenya kee✍✍✍
Hin dubbattu ni callifta
Olin jettu lafa ilaalta
Arrabni kee damma rooba
Sesseeqni kee cabaa kooba
Ijja keetiin ni waraanta
Waraana kuma qolatta
Bifa kee dhiqxee obaasta
Haasaa keen hunda boojita
Namuu sin shakku si amana
Hunduu gaarummaa sitti uwwisna Isamoo, isheemoo siif jenna
Akka rabbiitti siif saganna
Osoon jedhellee taajjaba
Hammeenya kee namuun barre
Kan si Keessa awwaalame
Onneen kee Kan biraa ta'uu
Tasa sirrattin baramne.
Kokkolfitee bool'a qotta
Laphee kee gurraachessita
Irratti summii oomishta
Hammeenyi kee ni ulfaata
Suuta jettee fuutee baatee
Gara bool'a keetti oofta
Biraan geessee itti qoostee
Bool'a qottetti darbatta
Hammeeyi kee ni ulfaata
Gooteen beektu wanta gaarii
Kolfitee fakkeessuu malee
Tolaan beektu Keessa keetti
Badiif hammeenya si goole
Kan siif tole balaalfatta
Hamaa akka kee malaalfatta
Hammeeyi kee ni ulfaata
Waruu taatee nama baatta
Qe'eerraa buttee ofirraa buusta
Nama biraa itti taata
Lafaan dhooftee qaltee nyaatta
Hammeeyi kee ni ulfaata.
✍✍✍✍✍✍✍✍✍✍
✍#barsee_ April_02_2023
#Hawasa
@kusaawalaloo
Repost from Kuusaa Walaloo
🧍♂🧍♂🧍♂ILMA KO! 🧍♂🧍♂🧍♂
Na fakkaattaaf Na mararta
Imaanaa koo Baattee joortaa
Haftee kankoo Na ibsita
Of keesaatti Of na ilaalchista
Ilma kan koo Ilma qaalii
Ati hundarra Naaf caali
Lalisi gama mul'adhu
Baroodii diina jifadhu
Fakkaattuu leenca saafilaa
Aggaammii fi dhaabbii tolaa
Iftuu akka aduu birraa
Maaltu bitaa gala sirraa
Aariin garaa kee si gubee
Xiqiin onnee kee utubee
Rakkoon yuuyyee si fakkeessee
Gorsi kan koo si jabeessee
Ni falmita dhugaa aabbaa koo fidaa jetta
Babbarooddee diinaan loltee bojuu hammaartee galchita
Shira diinaaf xaxa isaanii harkaa dhooftee dhangalaafta
Beekumsa isa baargamaan gaaffii kaastee raatessita
Baguman si dhalche gurbaa
Jilba koo sitti luqqisee
Halkan guyyaa siif corame
Bagan baadhee si guddise
Na boonsite jiruu kan koo
Bareechite
Eenyummaa koo isa na keessaan
Diina garaa boorechite
Namnuu waa'ee kee dubbata
Kuni garuu uumaa waaqii
Jedhee afaan si dhungataa
Sorgaana koo afaan warqii
Si eebbisa waaqa salgan
Si'iif waama
Addunyaatti adda hori
Ce'ii fulla'i baargama
Ijji hamaan si ilaalte haa bushooftu
Arrabni hamaa kee dubbatte
haa xaxamtu
Anattis garagalanii na eebbisu
Naan geeraru naan weeddisu
"Mana ijaarraan qorqorroo malee
Ilma dhalchinaan akka kee malee
Karaa deemtuun manan galtu
Ilmi akka kee haa dhalatu "
Jedhanii weeddisanii garaa koo na raasani
Akkan si abdadhuufis abdii koo misoomsani
Anis itti gammadee si abdachuuttti fufe
Otuma kanaan jirruu
Amma dulloomee duufe.
Jiruu kan kee ilaallaan
Homaa bita na gale
Lakki kun isa mitii
Jedhee sagal ilaalee
Ija koon xaragadhe
Maarrabii koo baafadhee
Dhumarra suma ta'e
Inni ani orma se'e
Waan Ati taaten beeku
Wanta ati dallante
Waaqniif lafti haa argu
Maaliif akka baqatte
Orma waliin gad baatee
Maaliif akka na hatte
Icciitii mana kootii
Diinota koo badhaaste
Dubbii kan koo jibbitee
Kan ormaa dhaggeeffatta
Kan alagaa urgeessitee
Kan koommoo xireeffatta
Na ilaaltee natti gamta
Akka gumaa warra hirmii
Arraba keen na waraanta
Akka silmii
Dulluma koo na argattee
Qabeenya koo ormaaf laatte
Dukkanaan natti kakattee
Orma boroo koo seensiste
Ani bade bada abbaa koo
Maqaa abbaa koo dhaansiste
Ekeraa abbaa kootii
Bakka rafee naasiste
Ana nama si abdate
Abdii koo busheessite
Maal si goonaan luuccee ko
Kan garaa jabeeffatte.
Ka'ee hamman si eebbise
Si abaaruummoo laata
Erga eebbaan budoomte
Tarii abaarsaan namoomtaa?
Doomi siin jedhuu ka'ee
Firaaf lammii gad yaasee
Moo ka'ee takka obsu
Waaqni yoo si deebise?
Elaamee ya luuccee ko
Osoon hammam aarellee
Isa yeroo xinnummaa kee
Jajjabina kee ilaalee
Sin abdadha abdiin muru
Tarii gaabbitee deebita
Qabeenya koo ganda keesse
Tarii bultee naa deebista
Dhugaa koo ormi naaffise
Beekumsa keen naa suphita
Onnee koo har'a madaayeef
Ekeraa koo bohaarsita
Sin abaaru wanta gooteef situ beeka
Ittiin mohi mama ta'i
Of yaadadhuu lafaa ka'ii
Hoodhuu fudhu ulee ceekaa
Ormaaf garuu dhaamsan dhaama
Warra akka koo abdataniif Ilma hamaa
Akkas jedheen itti hima
Elaamee jaranaa
Warri ollaaf firaa
Inni dhalchee qabuu
Ilmoo durbaaf dhiiraa
Tolasaaf cirqanaa
Gobbuuf mirkanaa
Ayyaantuuf ayyaanaa
Magartuu fi seenaa
Walumaa galatti naman amaniinaa! 🧍♂🧍♂🧍♂🧍♂🧍♂🧍♂🧍♂
@kusaawalaloo
@kusaawalaloo
@kusaawalaloo
@kusaawalaloo
#BARSEENAA
Repost from Kuusaa Walaloo
Muu! Natu Balleesse😡😡😡😡
Sirratti of abdachuun koo
Atis kan kooti jedhee
Dhugaa badde deebisuuf
Si wajjin mudhii hidhee
Kutadhe gaafan ka'e
Mataa naaf taata se'ee
Dhaadannoo koo jalqabaa
Adda koorra si kaa'ee
Maqaa keenan dhaadadhe
Eenyu sin gitu jechaa
Maqaa keetiin kakadhee
Giiftilee maqaa dachaa
Ergan sitti sagadege
Waaqa uumaa dagadhee
Yaa waaqa uumaa dhiisee
Maqaa kan kee faarfadhe
Sagalee kan koo jibbee
Kan kee qofaa dhagaha
Haasawaa firaa gateen
Kan kee waliin raataha
Kan koo qofa siin jedheen
Ormarratti fakkara
Qiddasee waaqaa dhiiseen
Maqaa keetiin zakkara
Siinan boona sin faarsa
Guyyaan bari'ee dhiyu
Waa'eema keen odeessa
Kan si naaf gitun jiru
Jedhee osoon siin boonu
Ati na irraanfatte
Hariiroo keessa keessaa
Orma waliin eegalte
Garuu akka ati gaabbitu
Coraan koo natti hima
Ormatti baruun kuni
Dhugaa rabbii sit cimaa
Dhiisi murtee fokkisaa
Kan boru gaabbiin boossu
Deebi'i na siif wayya
Kan badii keef si gorsu.
@kusaawalaloo
@kusaawalaloo
@kusaawalaloo
@kusaawalaloo
🦜🦜Barsee