cookie

Ми використовуємо файли cookie для покращення вашого досвіду перегляду. Натиснувши «Прийняти все», ви погоджуєтеся на використання файлів cookie.

avatar

Majlisa Godina Buunnoo Beddellee.

Telegram Majlisa Godina Bunnoo Beddelle waan ta'eef Ce'umsa Hundeeffama ibsa Majlisa Federaalaa,Naannoolee fi Godinaalee fi Godinaa jalqabee hanga Aanaatti Ummata Muslima Godinicha keessatti argamu midiyaa kana join godha share Hawaasa Muslimaan ga'aa.

Більше
Рекламні дописи
1 012
Підписники
+124 години
+407 днів
+13830 днів

Триває завантаження даних...

Приріст підписників

Триває завантаження даних...

Gochaan Tibbana Mana Barumsaa Bultii Addaa Beddellee Keessatti Dokumentii Fuula 31 Kan Maqaa Ergamaa Keenya Nabii Muhammad ﷺ fi Amantaa Islaamaa irratti xiyyefatee Barattoota irrattii mul'ate erga qabamee Barattoota Namoota dhimma kana irrattii wajjin jiran to'atamuu isaanii isiniif ibsuun Keenya beekamaa dha. Wal ga'ii Qaamota addaa addaa Waliin ta'uun Majlisni Godina Buunnoo Beddellee Qaamota armaan gadii Waliin ✓Majlisa Godina Buunnoo Beddellee ✓Majlisa Magaalaa Beddellee ✓Kantiibaa Magaalaa Beddellee ✓ Qaama Siyaasaa Mootummaa irraa. ✓Hoggantoota Mana Barumsaa Bultii Addaa ✓ Barattoota Mana Barumsaa Bultii addaa ✓ Abbaa Gadaa ✓ Abbootii Amantaa addaa addaa ✓Jaarsolii Biyyaa Waliin ta'uun Tokkummaa Marii bal'aa Guyyaa Kaleessaa irraa jalqabee gaggeeffamaa ooleen Yaada Abbootii Amantaa Kennan taateen Mana Barumsaa keessatti uumamee Kun kana Amantaa Keenya Bakka hin buunee dha. Kanaafuu Mootummaa dhimma kana Qoratee Seerattii dhiyeessuu qaba. Hawaasni Muslimaas akkasumas Kanneen biroo akkuma Waliin Tokkummaan jiraataa turree Waliin taanee Qaamota kana Saaxiluu qabna Jechuun Yaada isaanii ibsaniiru. Kantiibaan Magaala Beddellee Barattootas Qaamota gochoota akkasii jela deeman Barattoota walitti buusanii fi Amantii fi Amantii gidduuttii burjaajjii gaggeessan irratti dammaqnee Seerattii dhiyeessuu hundi Keenya Nageenya Magaalaa Keenyaa fi Mana Barumsaa Keenyaa haala hin jeeqneen Waliin taanee ni Saaxiluu qabna Jechuun Yaada isaanii ibsan. Hogganaan Manni Barumsaa Bultii Addaa Dokumentii kana akkuma Barattootni iyyataniin manajmentii Mana Barumsaa Bultii Addaa Waliin ta'uun Qoratee Seerattii akkuma dhiyeessee Kanneen hafan yoo jiraatanis hordoffii kanaa cimsee Akka itti fufuu fi Barattoota mooraa Sana keessatti barataan Ija tokkon Akka ilaaluu fi Nageenya Barattootaa irrattis Cimsee Akka eeguu hirmaattootni Marii kanaa dubbataniiruu. Manni Barumsaa Bultii Addaa Beddellee keessatti Namoota dhuunfaa ykn Barattoota Dawoo godhatanii Ajandaa mataa isaanii fi Amantaa fi Amantaa walitti buusuun deeman irratti araraama tokko malee Seerattii dhiyeessiinee Maqaa ergaa Keenya Nabi Muhammad ﷺ irratti fakkeeffamee qophaa'ee kun kan isaan hin ibsinee fi Namoota gochoota akkasii irratti hojjatan kanaaf ergan Xumuraa qabu Akkuma isin jireenya jaallattan Nutis Amantii fi Maqaa Ergamaa Keenyaa eeguuf Lubbuu Keenya kenninee Maqaa isaanii Adunyaa irratti eegu dha kana booda araraama tokko kan hin qabnee ta'uu beekanii Akka of qusatan Jechuun Dura bu'aan Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Godina Buunnoo Beddellee #Ustaaz_Naziif_Adam dhaamsa isaanii dabarsaniiru. Xumura irratti Hawaasni Keenya haala tasgabbii qabuun Wal shakkii malee Waliin Akka deemuu fi Kanneen to'ataman qaamni ilaallatu qorannoo Akka irratti taasisuu fi Kanneen hafan yoo jiraatan akka Seerattii dhiyatanu irratti Waliif galameera. Xumura irratti Abbootii Amantii Araara buusuun Sagantaa goolabameera.
Показати все...
የሃጅ ቪዛ የተሰራላችሁ ሃጃጆች በዚህ ሊንክ የፓስፖርት ቁጥር እና ስም በማስገባት የቪዛ ኮፒ ማውረድ ትችላላችሁ። https://visa.mofa.gov.sa/visaservices/searchvisa https://visa.mofa.gov.sa/visaservices/searchvisa
Показати все...
#Abjuun_Warra_Kijibaa_hin_Milkaahuu Dhimma Mana Barumsaa Bultii Addaa Beddellee irraa ka'ee jiruun Wal qabsiisee Majlisni Godina Buunnoo Beddellee Abbummaa fi Xiyyeeffannoodhaan Qaamolee addaa addaa Mana Barumsaa Bultii Addaa fi Qaamolee Seeraa Waliin ta'ee akkasumas Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Beddellee Waliin ta'uu haallii Barruu Maxxansaa Wal qabsiisee kan to'annoo jela oolanis ni jiru kan ammas barbaadamaa jiranus ni jiru. Kanaafuu Hawaasni Muslimaa Barruun Ergamaa Nabii Muhammad ﷺ irratti fakkeeffamee qaama biraatiin qophaa'ee kan isaan hin ibsinee fi Miira keessa nama galchuun walitti bu'insi Amantaa uumuuf yaalii taasisaa jiranu Seerattii dhiyeessaa jirra. Maxxansa Qophaa'ee Sanaan Wal qabsiisee Miira keessa kan nama galchuu yoo ta'eeyyuu Hawaasni Muslimaa Obsaa fi Wal hubachuun wantoota Amma ta'aa jiru kallatti addaa addaatiin eeruu jiru qaama Mootummaa fi Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Godina Buunnoo Beddelleetiif Karaa midiyaa fi bilbilaan Akka nuuf kennuu dandeessan gamanumaan isin beeksifna. #Abjuun_Warra_Kijibaa_hin_Milkaa'uu. #Fidaaka_Abii_Wa_Ummii_Yaa_Rasuulallaah🙏🙏
Показати все...
Sagantaa Barnoota torbaniitiin Dubartootni 150 Barataa turan Guyyaa har'aa eebbifaman. __27/8/2016 Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Boorrachaa Magaalaa Yaanfaatti Maanguddoo Haadholii fi Dubartootaa Barnoota Amantii Islaamaa Sagantaa Torbanii Keessaa Barataa turan Bakka dura bu'aan fi Miseensoonni Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Aanaa Boorrachaa Jiranutti Haala ho'aa ta'een Guyyaa har'aa ebbisiiseera. Dubartiin Islaamaa Utubaa Mana keessaa Waan ta'aniif Xiyyeeffannoon itti Kennamee Amantii isaanii Sirriitti barachuu fi barsiifamuu qabuun ergaa Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Godina Buunnoo Beddellee ti. Baga Gammaddan 🎉🎉🎉🎉 Congratulations.🎉🎉🎉🎉
Показати все...
Hayyuu tokkoof gaafiin akkana jattu dhiyaatte: Irra jabaan waan Rabbiin Uumee maali? Hayyichi akkana ja’e: GAARA. Gaafataan ammaas akkana ja’een: kan gaara irra jabaa hoo? Hayyichiniis akkana ja’e: SIBIILA. Gaafataan ammaas akkana ja’e: kan sibiila irra jabaa hoo? Hayyichi akkana ja’een: QILLEENSA. Gaafataan ammaas akkana ja’een: Kan qilleensa irra jabaa hoo? Hayyichi akkana ja’eenii deebiseef: CALLISUU DHA. “Yoo dubbachuun akka meetaa taate callisuun akka warqiidhaati.” “Gurra lama Rabbiin nuuf khennee afaan tokko wanni nuuf khenneef hedduu dhaggeeyfannee xiqqo akka dubbannuufi.” “Callisanii,dhaggeeyfatanii,hubatanii, hubachiisuun waa hunda irra ulfaata.” “Milkii,gammachuu,jaalalaa, Nagayaa fi tola Rabbi irraa tahe kheeysa naaf turaa.” #Jecha Hayyoota!!!
Показати все...
Yaaii idleemajliisa Aana Deegga irratti darabeedhumaan Leenjii fi Barnoota Islaamumma sadarkaan jiru irratti Itti aanaan koree Daawaafi Mirkaneessa gaumsa Ustaaz Awwal Adamiin kennameera.
Показати все...