cookie

Ми використовуємо файли cookie для покращення вашого досвіду перегляду. Натиснувши «Прийняти все», ви погоджуєтеся на використання файлів cookie.

avatar

Jiruu islaamaa

Haala jiruu fi jireenya islaamuuma hubachuuf gorsa addaa addaa nu biraa argattu @jislaamaa join godhaa

Більше
Країна не вказанаМова не вказанаКатегорія не вказана
Рекламні дописи
255
Підписники
Немає даних24 години
Немає даних7 днів
Немає даних30 днів

Триває завантаження даних...

Приріст підписників

Триває завантаження даних...

#775fb83b3c06b7f43 💖 👎
Показати все...
👍 100%
👎 0%
SAMMUU KEENYA Sammuun keenya qabeenyaa keenya isa jalqabaati. Qabeenyaa keenya hangafa kanaaf eeggannoo akkamii gochuu qabnaa? * 1. YOO DHUKKUBSATAN BOQONNAA FUDHACHUU. Osoo dhukkubsannuu boqochuu dhiisnee sammuu keenyaan hojii hojjachuun illee sammuu keenya hedduu miidha. * 2. CIREE SIRRIITTI NYAACHUU. Ciree nyaachuu dhiisuun yeroo baay'ee irra daddarbuun sammuu miidha. Akka research hedduun jedhutti barataan ganama ciree nyaatee manaa ba'e dandeettiin waa qabachuu fi si'aawuu isaa kan warra ciree hin nyaatiin baay'ee caala. * 3. HIRRIBA GA'AA RAFUU (guyyaatti sa'aa 6 haga 8). Akka research mirkaneessutti hirriba irraa halkan tokko qofatti daqiiqaa 90 yoo hir'isne boor si'aawummaa (alertness) haga 32% gadi bu'uu danda'a. Yeroo dheeraaf (waggootaaf walitti fufnee) yoo hirriba xiqqaa (ga'aa hin taane) rafne immoo rakkoo waa yadachuu fi yaaduu illee nutti fida. * 4. NYAATA ASHABOO fi CARBONATED BEVERAGES , hedduu of keessaa qaban yeroo hedduu soorachuu irraa of qusachuu. Kunis ashaboon dhiibbaa dhiigaa kan yaa'iinsa dhiigaa gara sammuu geessu hir'isuun rakkoo yaadachuu, yaaduu fi kkf sammuu keenyarratti waan fidu waan nu qabsiisuufi. * 5. SOCHII QAAMAA GOCHUU (Guyyaatti yoo xiqqaate daqiiqaa 30 torbanitti guyyaa 4 fi isaa ol). Sochiin qaamaa fayyummaa qaama keenyaa kan biroof kennu irratti dabalee prootinotaa fi hormoonota sammuu keenya kakasaan akka gadi lakkifamu waan taasisuufi. * 6. DHIPHINA SAMMUU (stress) HIR'ISUU. Wantoota sammu keenya dhiphisan baay'een yoo jiraatan turtii yeroo dheeraa booda carraa dhibee sammuun qabamuu waan olkaasaniif dha. * 7. ALKOOLII DHUGUU DHIISUU. Yoo kan dhugan ta'e ammoo baay'isanii dhuguurra xiqqeessanii dhuguu dha. Kunis neurotransmitter miidhuu, vitaamin B1 qaama keessaa gad hir'isuu fi ulfaatina sammuu keenya illee waan hir'isuuf dha. * 8. SIGAARAA XUUXUU IRRAA FAGAACHUU. Kunis turtii yeroo dheeraa keessa sammuun keenya akka shuntuuruu (shrinks) fi dhukkuba akka Alzheimer's fi dementia illee waan nutti fiduu danda'uufi. * Fayyaan Faaya
Показати все...
🌹 🌸 Gorsa Nabi Daawuud Irraa ﻋﻠﻴﻪ ﺍﻟﺴﻼﻡ 🌸 🌹 Aalimni Taabi'ootaa Wahbi Bin Munabbih ﺭﺣﻤﻪ ﺍﻟﻠﻪ akkana je'an 👉 Kitaaba Nabi Daawuud kan [Zabuur] je'amu keessatti jechoota kana arge -Gaafii Rabbiin Nabi Daawuudiin gaafate - 📢 Yaa daawuud " Namni ilma namaa keessaa dafee dildila jahannam Siraaxa gubbaa dabru eenyu beeytaa ❓ 👉 Bar kan dafee Siraaxa kiyya irra dabru isaannan murtii kiyya jaalatanii fudhataniifii isaannan arrabni jaraa Zikrii kiyyaan jettuudhaa ❗ ❗ 📢 Yaa Daawuud " Hiyyoolee keessaa kan caalu kan sadarkaa qabu eenyu beeytaa sii ❓ Bar hiyyoolee keessaa kan caalan isaannan murtii kiyyaafii qooda kiyya fudhataniifii akkasuma isaannan waan ani kenneef irratti na shakkaranii ❗ ❗ 📢 Yaa Daawuud "Mu'umintoota keessaa kan na biratti sadarkaaf kabajaa qabu kami beeytaa ❓ Bar kan waan ani kenneef irra waan ani of biratti isaaf hambiseef caalaa gammaduu dhaa je'een. ❗ ❗ ﺍﺧﺮﺟﻪ ﺍﺑﻮ ﻧﻌﻴﻢ ‏[ ٤ /٦٣ ‏] ﻓﻲ ﺍﻟﺤﻠﻴﺔ ، ﻭﺳﻨﺪﻩ ﺣﺴﻦ، ﻧﻘﻠﺘﻪ ﻣﻦ ‏[ ﻣﻦ ﻣﻮﺍﻋﻆ ﺍﻻﻧﺒﻴﺎﺀ ﻭﺍﻟﺼﺤﺎﺑﺔ ﻭﺍﻟﺘﺎﺑﻌﻴﻦ ‏] ﻣﺤﻤﻮﺩ ﺍﻟﻤﺼﺮﻱ ﺣﻔﻈﻪ ﺍﻟﻠﻪ ﺗﻌﺎﻟﻰ ! 👉 Share. Fii Keyri In shaa Allaah.!!

IRRA CAALTUU DUBARTOOTAA FAAXIMAA INTALA RASUULAA S.A.W Qophii Urjii Ahmad ----Share -----share -------share 1-Faaximaan Intala irra caalaa Ilmaan namaa Muhammad sallallaahu aleeyhi wasallam. 2- Isiin kutaa Nabiyyii s.a.w irraahi, filamtuudha. 3- Nabiyyiin s.a.w ergamuun dura dhalatte. 4- Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam isii haalaan jaalata, akkaan kabajaan, isii argu ni gammada. 5- Sadarkaa isii fii caalina isii wanni ibsu hedduutu dhufe kitaabboota hadiisaa keeysatti. 6- Faaximaan nama akkaan diina Isii jabeeysu, tiiyfamtuudha (badii irraa), Waan qabduun quuftuudha (bolola adunyaa hin qabdu), Rabbiif akkaan galata galchiituudha, Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam isiif jecha dallana (waan isii aarsuuf). 7- Deeminsa Isii kheeysati haalaan Abbaa Isii fakkaatti salallaahu aleeyhi wasallam. 8- A’ishaan Rabbi irraa haa jaalatuu akkana jetti: “Nama tokkolleen kan haasawaa fii dubbii kheeysatti Rasuula salallaahu aleeyhi wasallam fakkaatu kan akka Faaximaa hin agarre.” 9- Hoggaa Rasuula s.a.w irratti ol seente Isiif dhaabbata, Isii dhungatee akkaan isii dhiheeysa. Isiinis hoggaa Rasuulli s.a.w itti dhaqe dhaabbatteefii dhungattee dhiheeysiti. 10- Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam isii haalaan fitti dhiheeysa, Isii wajjiin taphata. “Isiin kutaa narraa taate” je’a Rasuulli s.a.w 11- Isiin irra caaltu dubartoota ummata kanaati (ummata Muhammad s.a.w) 12- Isiin dubartoota sadarkaa guutuu gahan irraahi, dubartoota irraa afurtu sadarkaa guddinaa san gahe “Maryam, Khadiijaah, Faaximaah, Aasiyaa bint Muzaahim jaartii Fir’ownaati.” 13- Waan dubartoota biraatiin kophaa baateen kheeysaa akkasuma obboleeyyan isii kan dubartootaa Isaan irratti jaartiin biraa hin fudhamtu osoo lubbuun jiran. 14- Namni Isii rakkise, Rasuula salallaahu aleeyhi wasallam rakkise. 15- Aliyyii bin Abii Xaalib ilma adeera Abbaa Isiitu isii fuudhe. Fuudhaa fi heerumni isaanii lola Badrii Gudditti booda tahe. 16- Mahriin Isii uffata waraana ifirraa deebisuuf uffatan (sibila qoomatti gad kaayamu) kan Aliyyiiti. 17- Rasuulli salallaahu aleeyhi wasallam Faaximaa Cidha Isiitiif huccuu suufaa aadii takkaa fii qarbata tokko ammas makaddaa (baala xajji saar) takhashamte takkaa wajjiin baase. 18- Sa’ad binu Ubaadaah Rabbi irraa haa jaalatuu Aruuzaaf korbeeysa tokko qalee, kheeysummaaf nyaata afeerraa godhe. Warri Ansaaraa gariin miidhaan waa xiqqo walitti qabaniif. 19- Hoggaa Aliyyi Faaximaa irratti ol seene Rasuulli salallaahu aleeyhi wasallam wajjiin ol seenee du’aaii godheef. Akkana je’e “Yaa Allaah Isaan lamaan kheeysatti barakaa godhi, Isaanirrattillee barakaa godhi, Ilmaan Isaanii kheeysattis barakaa godhiif.” 20- Aliyyi Faaximaa irraa argate. Isaanis: 1/ Hassan 2/ Husseen 3/ Muhassin 4/ Ummu Khulsuum 5/ Zeeynab Hunda Rabbi irraa haa jaalatu. 21- Sadarkaa Faaximaa irraa Ilmaan Isii lamaan Hassan fii Husseen Rabbi irraa haa jaalatuu irra caaloo daragaggoo Jannataati. 22- Ilmaa Ilmoon Nabiyyii gama Faaximaatin Malee hin argamne. 23- Rasuulli salallaahu aleeyhi wasallam akkana je’een “Yaa Faaximaah Ati irra caaltuu dubartoota Jannataa tahuu hin jaalattuu!” 24- Faaximaan fakkeenya dubartoota Muslimaa hundaaf. Rabbi sodaa kheeysatti, Ibaadaa kheeysatti, Abbaa Isii salallaahu aleeyhi wasallam Jaalachuu kheeysatti hidhannoo itti hidhatani. 25- Faaximaa Rabbi irraa haa jaalatuu Abbaa isii salallaahu aleeyhi wasallam booda baatii 6 turtee duute. Maddi: Taghriidaati As-Sheekh Muusaa bin Raashid Al-Aazimii
Показати все...
Jaalalaa fi Kabajaa Ergamaan Rabbii ﷺ ilma namaatiif qaban Anas ibn Maalik (Rabbi iraa haa jaalatuu) akkana jedhe: “Osoma Ergamaa Rabbii ﷺ wajjiin masjiida keessa taa’aa jirru, namichi baadiyaa tokko dhufee masjiida keessatti fincaanuu eegale. Sahaabonni, ‘Dhaabi! DHaabi!’ Jedhanii itti iyyan. Garuu Ergamaan Rabbii ﷺ ‘dhiisaa adda hin kutinaa, haa fixatu’ jedhan. Sahaabonnis haga fixatutti ittuma dhiisan. Itti aansuun Ergamaan Rabbii ﷺ namicha baadiyaa san ofitti waamanii, ‘Masjiida kana keessatti wantoota akka fincaanii fi balfa garagaraa gatuun sirrii miti. Masjiidni Rabbi itti yaadachuuf, salaataa fi qur’aana keessatti qara’uuf akkasumas wantoota ibaadaan wal qabataniif ijaarame’ jedhanii isa gorsan. Kana booda Sahaabaa biraa yaamanii bishaan fidee bakka inni itti fincaane sanitti bishaan akka jigsu itti himan. Sahaabichis waan ajajame san ni raawwate” Sahiih Muslim, Kitaaba Qulqullinaa, Hadiisa 285 Ergamaan Rabbii ﷺ yeroo namicha baadiyaa dogoggora isaa itti himan san, dubbii jajjabduu fi dallansuu hin dubbanne. Dubbii isa saalafachiisuufi isa gad xiqqeessus itti hin dubbanne. Haala yeroo san ture hunda eega tasgabbeessanii booda, dalagaan inni dalage sun sirrii akka hin taane itti mul’isan. Akkasitti qalbii namicha baadiyaa san qofa osoo hin taane, qalbii namoota kumaatamaan laakkawamu booji’uu danda’an.
Показати все...
Abbaan Jaabir Abdullaah binu Amrii Jihaada keessatti bakka 80 ol waraaname. Rabbiin turjumaana malee isa dubbise. Abdurhman ibnu Owfii {{R.A.H}} gaala kuma tokko meeshaa irratti fi’amee waliin hiyyeesoota muslimaa irratti sadaqate. Abuu Xalahaan ((R.A.H)) ooruu isaa Rabbiif jecha sadaqaa kennee. Abuu Hureyraan (R.A.H)) hadiisa hedduu Rasuularraa (Sallallaahu aleyhi wosallam ) haffazee ummata Muslimaatiif dabarse. Jaabir Ibnu Abdullaah R.A.H Hadiisa tokko mirkaneefachuuf gara Misraa amna baatii tokko deeme. Aashaan R.A.H hadiisa kuma 3000 ol ummata Islaamaatiif gummachite. Imaamu Ahmad Ibnu Hanbal hadiisoota walitti qabuuf jedhee maaylii kuma 30 qaxxaamure. Akkasumas hadiisoota miliyoona tokko qomatti haffazee ture. Kitaabni isaa Musnad kan jedhamu hadiisa kuma 40 of keessaa qaba. Ibnu teymiyyaan bakka taa’ee osoo hin kaane kitaaba tokko barreesa. Waa’ee isaa ilaalchisee kitaabni kuma tokko ol barreefamee jira. A’amash namni je'amu amata 60 takbiraan hidhannaa salaata jama’aa isa hin dabarre. Imaamu shaafi’iin ramadaan hunda keessa yeroo 60 Quraana xumura. Naafiii atihoo? Rabbin keeyri nuhaa dalagsiiisu rabbiin waan gabrootan uffi jallatun hunda obboleeyyaan islaamaa haa jallatuu.
Показати все...
RABBIIN SI QANANIISEE ISA FAARSI, ISAAF GALATA GALCHI! Qananii Rabbiin nutti tola oole lakkooynee hin finnu. Mee Ati kanuma qofa if gaafattee?? ▶ Adunyaa tanarra Namoota Ijaan hin garree Miliyoona hedduu jira, Ati ni agarta. ▶ Adunyaa tanarra Namoota dubbachuu hin dandeenye Miliyoona hedduu jira ati ni dubbatta. ▶ Adunyaa tanarra namoota Fayyaa hin qabne Miliyoona hedduu jira Ati fayyaa qabda. ▶ Adunyaa tanarra nama arrabni isaa mi'aa fii hadhaa addaan hin baasne Miliyoona hedduu jira, Ati Biddeen nyaattee mi'eyfatta. ▶ Adunyaa tanarra namoota Ergaa amma ati dubbiftu kana dubbisuu hin beynee mIliyoona hedduu jira. Ati ni dubbifta. ▶ Adunyaa tanarra Kaafira Biliyoona meeqaatu jira? Ati Muslima! ▶Sa'aa amma ati Rabbii kee faarsitu kana meeqaatu bakka Rabbiin jibbuu fii waan Rabbiin hin jaalanne dalagaa, dhageefataa, dubbisaa, dubbataa jira. Duuba Qananii Rabbii keetii tam khaadda? Tam wakkatta? Tam Lakkooytee? Tam dhiifta? ALHAMDULILLAAHI_RABBIL_AALAMIIN Share godhi
Показати все...
Abbaan Jaabir Abdullaah binu Amrii Jihaada keessatti bakka 80 ol waraaname. Rabbiin turjumaana malee isa dubbise. Abdurhman ibnu Owfii {{R.A.H}} gaala kuma tokko meeshaa irratti fi’amee waliin hiyyeesoota muslimaa irratti sadaqate. Abuu Xalahaan ((R.A.H)) ooruu isaa Rabbiif jecha sadaqaa kennee. Abuu Hureyraan (R.A.H)) hadiisa hedduu Rasuularraa (Sallallaahu aleyhi wosallam ) haffazee ummata Muslimaatiif dabarse. Jaabir Ibnu Abdullaah R.A.H Hadiisa tokko mirkaneefachuuf gara Misraa amna baatii tokko deeme. Aashaan R.A.H hadiisa kuma 3000 ol ummata Islaamaatiif gummachite. Imaamu Ahmad Ibnu Hanbal hadiisoota walitti qabuuf jedhee maaylii kuma 30 qaxxaamure. Akkasumas hadiisoota miliyoona tokko qomatti haffazee ture. Kitaabni isaa Musnad kan jedhamu hadiisa kuma 40 of keessaa qaba. Ibnu teymiyyaan bakka taa’ee osoo hin kaane kitaaba tokko barreesa. Waa’ee isaa ilaalchisee kitaabni kuma tokko ol barreefamee jira. A’amash namni je'amu amata 60 takbiraan hidhannaa salaata jama’aa isa hin dabarre. Imaamu shaafi’iin ramadaan hunda keessa yeroo 60 Quraana xumura. Naafiii atihoo? Rabbin keeyri nuhaa dalagsiiisu rabbiin waan gabrootan uffi jallatun hunda obboleeyyaan islaamaa haa jallatuu.
Показати все...
IRRA CAALTUU DUBARTOOTAA FAAXIMAA INTALA RASUULAA S.A.W Qophii Urjii Ahmad ----Share -----share -------share 1-Faaximaan Intala irra caalaa Ilmaan namaa Muhammad sallallaahu aleeyhi wasallam. 2- Isiin kutaa Nabiyyii s.a.w irraahi, filamtuudha. 3- Nabiyyiin s.a.w ergamuun dura dhalatte. 4- Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam isii haalaan jaalata, akkaan kabajaan, isii argu ni gammada. 5- Sadarkaa isii fii caalina isii wanni ibsu hedduutu dhufe kitaabboota hadiisaa keeysatti. 6- Faaximaan nama akkaan diina Isii jabeeysu, tiiyfamtuudha (badii irraa), Waan qabduun quuftuudha (bolola adunyaa hin qabdu), Rabbiif akkaan galata galchiituudha, Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam isiif jecha dallana (waan isii aarsuuf). 7- Deeminsa Isii kheeysati haalaan Abbaa Isii fakkaatti salallaahu aleeyhi wasallam. 8- A’ishaan Rabbi irraa haa jaalatuu akkana jetti: “Nama tokkolleen kan haasawaa fii dubbii kheeysatti Rasuula salallaahu aleeyhi wasallam fakkaatu kan akka Faaximaa hin agarre.” 9- Hoggaa Rasuula s.a.w irratti ol seente Isiif dhaabbata, Isii dhungatee akkaan isii dhiheeysa. Isiinis hoggaa Rasuulli s.a.w itti dhaqe dhaabbatteefii dhungattee dhiheeysiti. 10- Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam isii haalaan fitti dhiheeysa, Isii wajjiin taphata. “Isiin kutaa narraa taate” je’a Rasuulli s.a.w 11- Isiin irra caaltu dubartoota ummata kanaati (ummata Muhammad s.a.w) 12- Isiin dubartoota sadarkaa guutuu gahan irraahi, dubartoota irraa afurtu sadarkaa guddinaa san gahe “Maryam, Khadiijaah, Faaximaah, Aasiyaa bint Muzaahim jaartii Fir’ownaati.” 13- Waan dubartoota biraatiin kophaa baateen kheeysaa akkasuma obboleeyyan isii kan dubartootaa Isaan irratti jaartiin biraa hin fudhamtu osoo lubbuun jiran. 14- Namni Isii rakkise, Rasuula salallaahu aleeyhi wasallam rakkise. 15- Aliyyii bin Abii Xaalib ilma adeera Abbaa Isiitu isii fuudhe. Fuudhaa fi heerumni isaanii lola Badrii Gudditti booda tahe. 16- Mahriin Isii uffata waraana ifirraa deebisuuf uffatan (sibila qoomatti gad kaayamu) kan Aliyyiiti. 17- Rasuulli salallaahu aleeyhi wasallam Faaximaa Cidha Isiitiif huccuu suufaa aadii takkaa fii qarbata tokko ammas makaddaa (baala xajji saar) takhashamte takkaa wajjiin baase. 18- Sa’ad binu Ubaadaah Rabbi irraa haa jaalatuu Aruuzaaf korbeeysa tokko qalee, kheeysummaaf nyaata afeerraa godhe. Warri Ansaaraa gariin miidhaan waa xiqqo walitti qabaniif. 19- Hoggaa Aliyyi Faaximaa irratti ol seene Rasuulli salallaahu aleeyhi wasallam wajjiin ol seenee du’aaii godheef. Akkana je’e “Yaa Allaah Isaan lamaan kheeysatti barakaa godhi, Isaanirrattillee barakaa godhi, Ilmaan Isaanii kheeysattis barakaa godhiif.” 20- Aliyyi Faaximaa irraa argate. Isaanis: 1/ Hassan 2/ Husseen 3/ Muhassin 4/ Ummu Khulsuum 5/ Zeeynab Hunda Rabbi irraa haa jaalatu. 21- Sadarkaa Faaximaa irraa Ilmaan Isii lamaan Hassan fii Husseen Rabbi irraa haa jaalatuu irra caaloo daragaggoo Jannataati. 22- Ilmaa Ilmoon Nabiyyii gama Faaximaatin Malee hin argamne. 23- Rasuulli salallaahu aleeyhi wasallam akkana je’een “Yaa Faaximaah Ati irra caaltuu dubartoota Jannataa tahuu hin jaalattuu!” 24- Faaximaan fakkeenya dubartoota Muslimaa hundaaf. Rabbi sodaa kheeysatti, Ibaadaa kheeysatti, Abbaa Isii salallaahu aleeyhi wasallam Jaalachuu kheeysatti hidhannoo itti hidhatani. 25- Faaximaa Rabbi irraa haa jaalatuu Abbaa isii salallaahu aleeyhi wasallam booda baatii 6 turtee duute. Maddi: Taghriidaati As-Sheekh Muusaa bin Raashid Al-Aazimii
Показати все...
Оберіть інший тариф

На вашому тарифі доступна аналітика тільки для 5 каналів. Щоб отримати більше — оберіть інший тариф.