𝗜𝗰𝗰𝗶𝗶𝘁𝗶 𝙅𝙞𝙧𝙚𝙚𝙣𝙮𝙖💡
Відкрити в Telegram
Channel kun namoota kaayyoo isaani milkeessuf ifaaja jiran onnachiisuufi akkaata namoonni isaan dura milkaawan keessa dabran qoodudhafi #CONTACT ME @Ramiiz1l You are going to be successful one day and make your parents proud💯
Показати більше816
Підписники
Немає даних24 години
+47 днів
+1830 днів
Архів дописів
Yeroo namoonni daandii milkaayinna Kee Sitti cufan kan ati yaadachu qabdu isaan Dandeetti dandii milkaayinna Kee ittin cufan qabaatanii osoo hin taanee rabbiituu isaaniif hayyameeti😔
Rabbiin maalif isaaniif hayyame beektaaa???
Dandii atın itti milkaayuf irra deema jirtu caalaa dandii galma gudda si geessan waan jiruuf dandii kana Isa bakka xiqqa si geessu Kana dhiistee daandii İsa guddaa qabattee Akka deemtuufii😍
Alhamdulillah je'i
T.me/of_uum
Kabajaan Kan godhamuf warroota kabaja barbaadanif osoon taane, warroota kabajaan malufiidha.
T.me/of_uum
Rakkinni nama jabaa si godha,yoo si ajjeesuu baate,yookaniif Yoo si maraachu baate✔️ Rakkinni ni darba !
😔😔😔
Seerota gurguddoo 10n hiriyoota Kaampaasii:
Qajeeltoo waliigalaa(guiding principle);
"#jaalalli_hiriyoota_keetii_jireenya_kaampaasii_isa_ulfaataa_si_irraanfachiisa."
1. Yemmuu qarshii waliif liqeessitan yoo cash of harkaa hin qabaanne ATM Card fi password kenniteefii akka dhaqee baafatu laattaaf.
2. Yoo ati machooftee mooraa jeeqxe hiriyoonni kee si tumanii akka ati dadhabdu godhanii baatanii si raffisu.
3. Yemmuu si dhukkube hiriyoonni kee hunduu bakka haadhaaf abbaa bu'anii si wal'aanu
4. Chiikii tee wajjiin bashannanuu gaafa barbaadde hiriyoonni kee qarshii walitti siif buusu. Atis gaafa darabee kee akkasuma goota. Asitti kan chiikii hin qabne miidhamuu danda'a.
5. Yemmuu nama tokkotti gaddi gale waan dandeessan hundumaa gootanii jajjabeessitu. Yoo boo'e wajjiin boochu, yoo gammades walumaan kolfitu.
6. Gaafa of harkaa dhabdee beelofte
wanti nyaatamu Dorm isa tokkoo jiraannaan dhaqxee nyaatta. Yoo wanti nyaatamu Dorm dhaa dhabamemmoo nama qarshii of harkaa qabu akka nyaata si affeeru ajajja.
7. Yoo amantaa adda addaa kan hordoftan ta'e gaafa ayyaanota amantaa hunduu akkuma nama amantaa tokko qabuutti gammadee waliin dabarsa.
8. Gaafa boqonnaaf maatii bira turtanii deebi'uuf jettan "nyaata aadaa naannoo keessanii sana yaadeera dagattee hin dhufin" jettanii walii bilbiltanii wal yaadachiiftu.
9. Hiriyoota kee keessaa akka har'aa yoo nama tokkoon wallolte borumtii isaa waamtee buna affeerta.
10. Yemmuu kaaffee deemtan wal waamtanii deemtu. Buddeenuma kaaffee akkuma hin duuneef nyaattan sanammoo waan guddaa gootanii jaalalumaaf jecha wal gurshitu.
Love you💚 hiriyoota Kaampaasii.
@dirreebarumsaa
@dirreebarumsaa
T.me/of_uum
Guyyaan hundi adda. Guyyaa tokko tokko tole sitti dhaga’ama guyyoota tokko tokko immoo waan hunda caalu sitti hin dhaga’amu, sun waanuma jirudha. Miira kee sitti dhagahama, sirrii dha. Miirri kee si keessa haa yaa’u, akka si hin moone. Olka’iinsi fi gadi bu’iinsi miiraa waanuma jiruudha, guyyaa tokko tokkoon guutummaatti gaarii ta’ee sitti dhaga’amuu hin qabu— mul’achuu qofa itti fufi. Gaarummaadhaan ofitti dubbadhu, waan dandeessu hunda gochaa jirta. Mataa kee ol kaasuu itti fufi, guyyoota ciccimoo keessa dhiibuu itti fufi, guyyoonni ifa ta’an fuulduratti jiru— abdii hin kutatin!
Guyyaan hundi adda. Guyyaa tokko tokko tole sitti dhaga’ama guyyoota tokko tokko immoo waan hunda caalu sitti hin dhaga’amu, sun waanuma jirudha. Miira kee sitti dhagahama, sirrii dha. Miirri kee si keessa haa yaa’u, akka si hin moone. Olka’iinsi fi gadi bu’iinsi miiraa waanuma jiruudha, guyyaa tokko tokkoon guutummaatti gaarii ta’ee sitti dhaga’amuu hin qabu— mul’achuu qofa itti fufi. Gaarummaadhaan ofitti dubbadhu, waan dandeessu hunda gochaa jirta. Mataa kee ol kaasuu itti fufi, guyyoota ciccimoo keessa dhiibuu itti fufi, guyyoonni ifa ta’an fuulduratti jiru— abdii hin kutatin!
Jireenya kee Wanta hundaa irratti sirrii ta'u dhabuu kee qeequun hin dabarsin. Nama addaa ati taate hammadhu. Bakka jirtanitti hamma dandeessanitti gammadaa. Har'a akka gaariitti fayyadamaa boruuf of kunuunsa. Garaan gammachuu fi quufa qabu madda gammachuu fi maagneetii eebbaati.
T.me/of_uum
Free promotion 👇
Ujoollee seeraa barattanii fi seeraa barachuuf deemtan hundaaf channel asiin gadi kana seenuun odeeffannoo seeraa fi 'material' seeraa guutuu arkadha jenna👇👇😍
https://t.me/EthiopianLawStudentAssociation
Yeroo kitaaba dubbisuu si jibbisiisu waa laama yaadadhu 2️⃣
1, Yeroo ati kuftetti namoota sitti kofluuf qophaayan
Fi
2️⃣, imimmaan yeroo san kophaa kee taatee boohuf deemtu🙏
T.me/oof_uum
HUNDI YEROO ISAATTI TAHA!
Al-tokko tokko yeroo Kan yaadde siif milkaa'u didu ni rakkatta , ni cinqamta , ni yaaddofta wanti hundi si harkaa bitinaa'ee eeegaa hardhallee naaf hin darbin yoomiillee naaf hin darbu jettee abdii kutatta yaalii keetis ni dhaabda.
Mee firii suuraa asii olii kana irra jiru ilaalii muka tokko irra damee tokko irraa fi qacee tokko irratti rarraafamanii osoo jiran yeroo gargaraatti bilchaatu .
Kana jechuun firiin inni hin bilchaatin sun osoo hin bilchaatin hafa osoo hin taane , yeroo isaa eeggatee bilchaata jechuudha.
Keetis kanuma. Yeroo isaa eeggata malee Şiif darbuun isaa hin oolu.
Kanaaf abdii hin kutatin yaalii keetis hin dhaabin.🙏
#share 🌸
@Ramiiz1✨. Join👇👇
T.me/of_uum
The more you appreciate your growth, the more inclined you will be to fuel your dreams. When you take adversity as a part of life where you have to work to elevate yourself, you don't have time to feel like a victim. Positive mindset fills you with hope, happiness and peace.
Qormaanni Tiiktoo fi Feesbookii irraa osoo bahee silaa.
Barataa/ttuun keessan barullee uffaamsanii yoo Tiiktoorraa sirban, barataan keessan daree keessa taa'anii yoo Feesbuukii barreessan, barataan keessan daree dhiisanii bahanii yoo Hoteelota gurguddoo keessa oolan, Tiiktookii hojjanna jedhanii karaa namatti cufanii yoo sirban eessa turtan.
Eenyutuu lakkii jedhen. Abbaa ijoollee isa kamiituu barattoota isaa dubbisiisa. Barsiisaa/ttuun barattootatti mirga dubbachuu hin qabu, Dimookiraasiidha jettan. Karaatti yoo ijoolleen karaa nutti cufanii sirban itti dubbachuu hin dandeenyu mirga jettan.
Barataa Yuuniifoormii eenyuummasaa ibsu uffachuu saalfatee, dhoksee baatu, barattuu kutaa 4tti Wiigii hidhattee deemtu, Chaappistikii dibattee ija namaa qotaa ooltutu nama ta'aa silaa.
Na amanaa barattoota Bultii Addaa keessaa Adaamaa bahanii Bishooftuutti fiilmii ilaalan ijjikoo argeera. Ijoolleen Biddeena abbaan ofii agabuu oolee baachisuyyuu yeroo nyaatan hin qaban.
Qabxiin kadhaan miti, aarri Boba'aa fi Ampuulii ibsaa ija namaa diimesseetu. Kan danda'e hojjatee darbeera, kan dadhabee fi hannaan hirkatee dhufemmoo kufeera.
Barattoota mitii ofiifuu of ilaalaa, An Dr. Jedhee , an Prof. Jedhee Tiiktookii iraa sirbaa hin jiruu, Baankiin gurguddoon biyyi qabdullee osoo hin hafiin Tiiktookii irratti sirbaa hin jiruu. Kanarra maaltu dhufa.
Kan na gaddisiisuu ijjoollee keenya iddoo nageenyi hin jirretti barataniidha. Isaan qofaatu mararfamuu qaba.
Harree Ganama badde galgala Kurkuriin hin galchu.
T.me/of_uum
Mootiveeshinaal Ispiich 😎
Dhageessaa?? Atumti kun kan qormaata kutaa 12ffaa fudhattee kufte.... Eeyyeen suma!
Osoo qormaata kutaa 12ffaa dabarteetta ta'ee silaa ammas Yunivarsitii seenuuf #Fresh_man_Course fudhattee qormaata biraa qoramta. Yaaddeettaa?? Qormaata kutaa 12ffaa dabartee Yunivarsitii osoo hin seenin hafuun akkam akka nama aarsu? kanaafuu dhiphattee, Huqqattee, Luqqaatee, ciimmoftee, furrooftee qu'ataa bulta 😭 Sana boodahoo... Yunivarsitiitti yoo dabarte Dippaartimentii filattee seentee waggaa tokkoffaa yoo eegaltu Semisteera irraa semisteeratti darbuuf qabxiinkee gadi bu'a taanaan boodarra rakkoo sitti fida. Barnoonni waggaarraa waggaatti cimaa waan deemuuf waggoota 2n jalqabaa qabxii guddaa fiddee kuufachuu qabda. kana gochuuf ammas Furrooftee, Ciimmoftee, Daalachooftee, hirriba malee bultee qu'achuu qabda. furraa'uunkee itti fufa jechuudha.
Akkami beektaa? Qormaata isa kana kufuunkee qormaata biraatiin akka hin dhiphanneef si fayyade waan ta'eef galatee yaa Rabbi... Alhamdulillaah... Tamasgeen jedhi. Tamasgeen Bayyanaa mitimmoo😎
Kanaafuu Obboleessoo... Amma boo'icha dhiisii Taffi taffi jedhii qarshii qabadhu. Gaafas beekumsis, beekamatiinis ofiif si barbaaddi. Osuma qabxii akka uffataatti fannisteeyyuu qarshii yoo hin qabaanne namni si qacaru hin jiru. Qacaruu dhiisii beeksisa dorgommii agartee galmaa'uuf yoo deemte qabxii kee osoo hin taane qarshii kee ilaalu waan ta'eef sin galmeessani. yoo si galmeessan illee kiisii kee keessaa hin qabdu taanaan qorumsa marsaa jalqabaa si hin dabarsan. Yooma waaqni siif raatessee ... balas gama kee goree si gargaaree qormaata si dabarsee qacaramtes ati hiyyeessa taanaan namni si amanu hin jiru. bakka guddaarra sin kaa'u. yoo bakka hojii sanaatii waa bade sababuma hiyyeessa taateef qofa situ shakkama 😁 Kanaafuu qormaata tokko malee hojii argachuuf ykn qacaramuuf qarshii qabaadhu. Amanamummaa argachuuf, kabajamuuf, dubbattee dhageettii argachuuf qarshii qabaadhu. Qarshiin ati qabaattee ittiin kabajamtu immoo isa asiif achii waliin dhooftee argatte, kan gowwoomsitee, hiyyeessa boossistee argattu sana miti. karaa kanaan qabeenyi horatte ofitti amanamummaa si dhabsiisti. Yeroo mara sodaachaa, shakkaa akka jiraattu si gooti. Akka saree ulaa jalaan seentee baaduu dhugdee baatee bibirrachaa akka jiraattu si gooti 😁 Nama walitti qabame keessa amantee hin deemtu, hin teessu. Afaan guuttattee, qoma dhiibdee ''Qabeenyi kun Kan kooti... Dafqee hojjadheen fide'' jettee hin dubbattu. Arrabatu akka miila Baqqaluu ishee dhiyoo kana kophee warra katamaa bitattee ittiin deemuu wallaalte sanaa si xaxama. gaaftokko osoo ati hin beekin si salphisti. kanaaf Waan dafqa keetiin argatte ta'uu qaba.
An barootan barachaa ture hunda dhiphina malee homaa hin agarre😂 Amma waraqaa digirii kootii dhaaba manaarratti fannisee ergan qansiraa koo waxxaruu jalqabee as garuu nagaan qaba. Amma akka mansuree Sadarkaa "M'' irra hin geenye. Miliyeenara ta'uus baadhu Haandireedara irraa gara Taawuzandaraatti ce'eera. 😏 gaafan Taawuzandara 99.99 irra ga'u gara Sadarkaa "M'' tti nan ce'a jechuudha. Yeroo sana immoo warri har'a sadarkaa M irra jiranu eessaaf eessa deemanii fagaataniiru.
T.me/of_uum
Gaafa tokko wanti yaade hunduu galma gaha 🙏in shaa Allaah
Namoonni ardha imala jireenya keeti irratti si cinaa dhaabatanii si gargaaran namoota akka ati milkooftu fedhaniidha.
Isaan osoo danda'ani sirraa fagaatan immoo warroota kufaati kee malee milkaayina kee arguu hin feenedha.
Lameenu hin dagatin ✌️
Kan ati ta'uu qabdu waan isaan sitti himanii miti.
Waan keessi kee ta'i siin jedhe malee.
Ati rakkattee jiraachuf hin dhalannee tarii rakkattee barachuu dandeetta rakkattes hojjachuu dandeetta garuu rakkinna sun jireenya kee guutu miti yeroomaf kanaafuu ati kan dhalatteef milkooftee jiraachudhaf garuu milkioftee jiraachuuf rakkattus jabaatte hojjachuu qabda.
Rakkattus ardha obsi Tolee🙌
Rabbiin si wajjiin jira.
Ati ni milkoofta waan jabaatte hojjatte qofaaf osoo hin taane waan Rabbiin si wajjiin jiruufi.
--------------------------------------
Share and join👇👇@Ramiiz1l
T.me/of_uum
KAAYYOO KEE YOO IJA KEE KEESSATTI KAN KUUFATTU TA'E IMIMMAAN WALIIN DHAGALA'EE BU'U DANDA'A.
GARUU KAAYYOO KEE ONNEE KEESSA YOO TA'E DHA'ANNAAN ONNEE KEETII HUNDUU AKKA ATI KAAYYOO KEE MILKEESSITUUF SI ONNACHIISA
-----------------_---------------------
👇. And share it🙏 @Ramiiz1l
Join godha The home of dreamers
T.me/of_uum
Rãmïiz, [9/8/23, 2:51 PM]
[Photo]
Rãmïiz, [9/8/23, 2:51 PM]
[Photo]
As wr wb ~JUMMA MUBARAK
Salaanni sitti jabaataa? Furmata👇👇👇👇
Namoota salaata salaatun itti jabaatuf Application aja'iba dhufee Jira fayyadamaa yoo hin jiraatin fayyadama app kun wanti inni hojjatu
.................
1,Karoora guyyaa 40 siif baasa akka hiriyyatti achi irratti salaata salaattu hundaa mirkaneessa deemta hanga guyyaa 40ti
2, salata salaattu hundaaf kennaa siif kenna
3, zikriiwwaan salaat hundaa achi irratti gochaa salaata kee wajjiin ooffatta
4,ammas Amala badaa qabdu jijjiiruf karoora torbaanii hanga ji'a siif baasa
Namoota amala akkasi fkn suusiwan garagaraa irraa fayyan akkamitti akka fayyan share waliif godhu
5, yeroo salaatatif siif hima
6,Hiriyyaa salaata akka salaatte itti himtus add akka godhattu si taasisa
BUUFADHA IRRAA FAYYADAMA.
GUYYAA GAARII QABAADHA
Application 5 alive jedha search godha app lamatu kan prayers jedhuufi 5 alive jedhu lameenu buufadha
For more👇
T.me/of_uum
Rãmïiz, [9/8/23, 2:51 PM]
[Photo]
Rãmïiz, [9/8/23, 2:51 PM]
[Photo]
As wr wb ~JUMMA MUBARAK
Salaanni sitti jabaataa? Furmata👇👇👇👇
Namoota salaata salaatun itti jabaatuf Application aja'iba dhufee Jira fayyadamaa yoo hin jiraatin fayyadama app kun wanti inni hojjatu
.................
1,Karoora guyyaa 40 siif baasa akka hiriyyatti achi irratti salaata salaattu hundaa mirkaneessa deemta hanga guyyaa 40ti
2, salata salaattu hundaaf kennaa siif kenna
3, zikriiwwaan salaat hundaa achi irratti gochaa salaata kee wajjiin ooffatta
4,ammas Amala badaa qabdu jijjiiruf karoora torbaanii hanga ji'a siif baasa
Namoota amala akkasi fkn suusiwan garagaraa irraa fayyan akkamitti akka fayyan share waliif godhu
5, yeroo salaatatif siif hima
6,Hiriyyaa salaata akka salaatte itti himtus add akka godhattu si taasisa
BUUFADHA IRRAA FAYYADAMA.
GUYYAA GAARII QABAADHA
Application 5 alive jedha search godha app lamatu kan prayers jedhuufi 5 alive jedhu lameenu buufadha
For more👇
T.me/of_uum
#Dararaa_Jabaa
Godina Baalee Magaalaa Dalloo Maannaa Jiraatu.
Ilma isaanii hangafaa jireenya isaa jijjiiruuf karaa Galaanaatiin deemee, galaanaan nyaatamuun jalaa du'e.
Haati Manaa isaaniis dhiheenya kana jalaa boqotte.
Ilmi isaanii kan biroos karaa Galaanaa deemee isa Ceesisudhaaf qarshii Miliyoona 1 fi kuma dhibba 3 itti baasan.
Ilama isanii kan isaan bira jiru ammoo konkolaataa Isuuzuu Fe'isaa qaban gurguranii Mana qorichaa bananiif, amma innis dhibee kaleen qabamuun kaleen isaa lamaan hojii waan dhaabeef magaalaa finfinnee Hospitaala Itiyoo Xebiib((Ethio-Tebib) jedhamutti yaalchisaa turan.
Ilmi isaanii kun baay'ee dhukkubsatee kutaa dhibee cimaa keessatti yaalamaa waan tureef qarshii kuma dhibba sadii(300,000) itti baasan.
Yeroo amma kalee mucaa kanaa dhiqsiisuuf torban tirbaniin qarshii kuma kudha lama(1,2000) kaffalu.
Kalee isaa kana jijjiiruuf biyya Turkiyaa deemuu akka qabaniifi baasii qarshii Miliyoona 2.7 - Miliyoona 3 akka barbaachisu itti himame.
Amma Mana tokkicha qaban gurguranii ilama isaanii yaalchifachuuf jedhanus, Manni isaanii ammoo gurguramee qarshii kana hin baasu.
Lubbuu sababaa dhabiinsa birriif ba'uuf, deemaa jirtu baraaraan dhaamsa keeyna.
Baankii Daldala Itiyoophiyaa
1000095186778
Aliyyii Huseen Leencoo
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡MIIDIYAA📡
@ABDII_SABAA
Kitaaba Barataa
@AbdiiSabaabooks
Fuula Feesbuukaan nu hordofuuf
https://www.facebook.com/AbdiiSabaaFb?mibextid=Zb
“Daandiin kee sirrii ta'ee sitti mul'annaan,irraa deebi'uuf jecha namootaa hin dhaggeeffatiin!”
Joon Kiraazii jedhama. Barreessaa beekamaa biyya Ingiliiziiti. Kitaabilee 564 barreesse. Gurbattiin ariifattuu akka konkolaataa faranjiiti.
Ee akkasitti kitaabilee 564 barreessee bar. Garuu, namoonni hedduun "Ati barreessaa osoo hintaane balleessaadha." ittiin jechaa turan. Kitaabilee 564 barreesse sanneen akka isaa gulaalaniif namootatti kennus yeroo 753 kufaa jalaa godhan. "Inni ati nutti kennite katabbii malee kitaabaa miti; waan qubee baratteeef barreessite malee kitaaba nama barsiisuu miti kan ati barreessite." jedhaniin.
Haata'u malee, namni sun jecha isaanii osoo hintaane gocha ofiirratti xiyyeeffachuun imala isaa ittuma fufee osoo moo'amee hingalin boodarra barreessaa beekamaa biyyatti ta'e jedhama. Abdiin jira hinjettuuree kan jedhus hindhabamuumii amma? Ee abdiin jira!
Jaanki Kaanfiildi immoo barreessaa beekamaa biyya Ameerikaati. Kitaaba isaa kan yeroo ammaa namoonni baay’een dubbisaniifi isaafis beekamtii guddaa argamsiise, ‘Chicken Soup for the soul’ jedhamu akka isaa gulaalaniif namoota 144'tti kenne. Haata'u malee, hundi isaanituu "Inni ati fidde barreeffama barreeffame malee barruu kitaaba ta'uuf qopheeffamee miti." jechuun gaangee farda jala deemtu hanqisan.
Garuu, gurbichi kutattuu ajaa'ibaati. Hamileen isaa shaklaarraa kan ijaarame hinturre. Hindide. Ee, moo'amee hingalu jedhee dide. Bravo!👏 Kufuun yaalii ka'uuf taasifamu akka ta'e hubate. Akkasi!🤝 Achumaanis, qaawwa hojii isaa keessatti mul'ate adeemsumaan duuchaa, imala moo'ichaaf jalqabe itti fufe. Ajaa'iba! Boodarra kitaabicha sana maxxansee akkuma addunyaattuu beekamtii ittiin argate.
Barruu kanarraa maal hubanna?
~Jecha namaa osoo hintaane gocha keetirratti xiyyeeffadhu!
~Akka ati dandeessuufi hindandeenye namoota biraatu sitti hima osoo hintaane sumatu beekkata.
~Har'a siif hinmilkoofne jechuun boru hinmilkooftu jechuu miti. Kufaatiin shaakala ka'uuf taasifamuudha.
~Moo'amee Hingalu jennaan moo'attee galuun kee shakkii hinqabu. Kutataatu kutaa uffataa quba qabaadhu!
Dubbisaa! Dubbisuun hanga du'aattidha!
T.me/of_uum
