cookie

Ми використовуємо файли cookie для покращення вашого досвіду перегляду. Натиснувши «Прийняти все», ви погоджуєтеся на використання файлів cookie.

avatar

🔊HARARGEE MEDIA

Chaanalii kan irra - Seenaa babbareedoo - Jecha Beektotaa -walaloolee garagaraa - Dhugaawwaan garaagaraa - Tooftaa Milkaayinnaa Bifa saayinsaawaa ta'een argattu!!!!! CHANNEL YOUTUBE KEENYA SUBSCRIBE NUUF GODHA 👇👇 https://youtu.be/p51FnhhOuDY

Більше
Фінляндія2 120Мова не вказанаКатегорія не вказана
Рекламні дописи
2 305
Підписники
Немає даних24 години
-77 днів
-2030 днів

Триває завантаження даних...

Приріст підписників

Триває завантаження даних...

Repost from JECHOOTA HAYYOOTA
#DUBBIIWWAN_ABRAHAAM_LIINKAAN_GURGUDDOO ! ~ 1) Suuta jedheen deema; garuu tasumaa booddeetti hin deebi'u. 2) Hiriyyaan koo nama hundumaarra naaf caalu, Nama kitaaba ani hin dubbisne naaf kennedha. 3) Namoonni hammuma gammaduuf sammuu isaanii qopheessan gammadu. 4) Waan feete ta'i; garuu itti cimi. 5) Akaakayyuunkoo eenyu akka ta'e hin beeku; ilmi ilma isaa eenyu ta'uuf, ta'uuf akka jirutu na dhiba. 6) Michuun kee nama diina ati qabdu qabuudha. 7) Waan har'a hojjechuu qabdu kamuu boriif hin kaa'iin. 8) Nagaa yoo feete beekamtummaa irraa of fageessi. @Jechootahayyoota @Jechootahayyoota
Показати все...
#Reposted #Mul'ata koo jiraachuuf "Onnee namaa keessa duwwaan mul'ati qofti guutuu danda'u jira." Magaalaa tokko keessa sooressi maatii isaa irraa qabeenya dhaale tokko akka ture himama.  Namichi kun qarshii gahaa yeroo barbaadetti hamma barbaade baasuu danda'u qaba ture.  Mana bareedaa, konkolaataa bareedaa fi wantoota jireenya nama tokko barbaachisu guutuu qaba ture.  Jireenya mijataa kana keessa waggoota hedduu jiraate.  Haa ta’u malee jireenyi marsaa jireenyaa irra deddeebi’uu ta’eera.  Nyaata, dhugaatii, hiriyyoota isaa waliin taphata, gara manaatti deebi'ee, rafee, ganama deebi'ee ka'a.  Guyyaa itti aanutti akkasuma irra deebi'ee godha.  Hiriyyoota hedduu qaba.  Namichis marsaa jireenyaa kana dadhabee burjaaja'e.  Gaaf tokko yeroo rakkoon miiraa isaa olka'aa ta'etti "of ajjeesuufan jira" jedhee murteesse. Akkamitti of ajjeesuu akka danda'u yommuu yaadu riqichi guddaan naannoo sana akka jiru yaadate.  Bakka riqichi sun jiru dhaqee of darbachuun of ajjeesuu deeme.  Riqicha olka’aa sodaachisaa sanaa qarqara dhaabatee of darbachuuf osoo jiruu, sagaleen tokko akka tasaa yaada isaa hate.  Sagalee daa'imaati. Yeroo Garagalee ilaalu daa'ima tokko arge.  Daa'imni kun baay'ee dhukkubsatee jira. Daa'ima kana eenyu akka achitti dhiise hin beekamu.  Namichi of ajjeesuuf jedhu kun mucaa kana yeroo sirriitti ilaalu, beela irraa kan ka’e daa'imnichi akka huuqqatee fi of dadhabee jiru arge, baay’ees gadde.  Innis garaa isaatti "Mee guyyaa tokko illee daa'ima hiyyeessa kana hangan du'utti haa nyaachisu" jedhee yaade.  Kanaaf, beellama of ajjeesuu isaa yeroo biraatti dabarse. Daa'ima kana harkatti qabatee ol kaasee, qaama isaa dhiqee, akka gaariitti nyaachisee, bishaan obaase, achiis gara karoora of ajjeesuutti deebi'uu itti fufe.  Garuu karaa irra osoo deemuu "haala daa'ima kanaa irraa ija koo baasuu hin danda'u" jedhe.  Innis "Erga ani du'ee booda eenyutu daa'ima kana nyaachisa?"  Guyyaa tokko qofa keessatti fuullisaa ni fayye.  Kana erga yaadee booda daa'ima dhiisee deebi'ee nyaachisuuf bakka inni dhufeetti deebi'e.  Guyyaa biraa itti dabale.  Guyyaa biraas deebisee isa nyaachise.  Kana jechaa guyyoota muraasaaf erga nyaachisee booda mucaa sana yommuu argu lubbuun isaa deebite.  Amma sooressi kun yeroo deebi'ee of ajjeesuu yaaduu eegalu egeree mucaa kanaa ol ilaaluu eegala.  Gurbaan kun guddatee sadarkaa gaarii irra akka gahu arguuf hawwuu jalqabe.  Jiraachuuf fedhii guddaa kan qabu.  Hiika ittiin jiraatu argateera.  Sana booda lammata waa'ee of ajjeesuu yaaduu hin dhiise. - Namni tokko kan kisaaru yeroo daldalli tokko kufe osoo hin taane, yeroo mul'ata isaa dhabe... - Namni tokko kophummaa kan itti dhagahamu yeroo kophaa isaa osoo hin taane, yeroo mul'ata dhabe... - Namni tokko namoota biroo irraa waan xiqqaa ta'eef osoo hin taane, yeroo mul'ata isaa dhabe gadi bu'uun itti dhaga'ama... - Namni yeroo daandii dhabe osoo hin taane, yeroo mul'ata dhabe kan burjaaja'u... - Namni gaaffii deebii hin qabneen guutamu gaafa deebii dhabe osoo hin taane, yeroo mul'ata dhabe... - Namoonni hojii dhaban yeroo hojii dhaban osoo hin taane, yeroo mul'ata dhaban... Burjaajiin amma keessa jirtan, muddama fi rakkoowwan biroo furmaata hin arganne fakkaatan mul'ata keessan beektanii gara fuulduraatti tarkaanfachuu yoo jalqabdan hamma isin miidhuu hin dandeenyetti furmaata argachuu ykn hir'achuu akka danda'an hin dagatinaa. Jiraachuuf fedhii guddaa akka qabaattutti hiika ittiin jiraattu argadhu. @harargetub @harargetub      
Показати все...
https://t.me/hamster_kombAt_bot/start?startapp=kentId1130202262 Play with me, become cryptoexchange CEO and get a token airdrop! 💸 2k Coins as a first-time gift 🔥 25k Coins if you have Telegram Premium
Показати все...
Hamster Kombat

Just for you, we have developed an unrealistically cool application in the clicker genre, and no hamster was harmed! Perform simple tasks that take very little time and get the opportunity to earn money!

Repost from JECHOOTA HAYYOOTA
Wanta kana dhugaa nati fakkata mee linki isaa tuquudhan start godha achiin booda nama gara linkichati Afeeruudhan checki godha. 🙏🙏🙏🙏🙏🙏 Baga nagaahan gara hojii Online dhuftan nama tokko gara liinkii kana affeeruun qarshii 10 argachuu dandeessu. Qarshiin keessan yeroo 100 guutuu baafachuu dandeessu. 👇👇👇👇👇👇👇👇 https://t.me/Hojionlinebot?start=r03531111220
Показати все...
#JIJJIRAMNII_JIRA. ✍️Dur dur daa'imaa ta'ee waanti ani yaaduu waan daa'iima waan xixiqqoo uffata bitaachuu, meeshaalee ani ittiin taphadhuu akka naaf guutamuuf maatii kadhachuu.....fi kkf gochaan ture. Amma garuu ani daa'imaa miti har'a nama waan baayyee argeedha, nama waggoota didgamoota jalqaba  lakkoofsisuu eegaleedha. Kanaa jechuun jijjiramnii koo kan bara 1996, 2006, fi 2016 hundisa baay'ee gargaarii. ✍️Jijjiramnii kun garuu kan na gammachiisuu moo kan na gaabbisissudha kan jedhu gaaffii bira ani of gaafachu qabudha akkasumas isiniis dabalatee. ✍️Kanaaf yeroo kamiyyuu, haala kamiyyuu keessatti jireenya keenya guyya guyyaa hunda keessatti jijjiiramni akka jiru beekuun barbaachisaadha. Garuu jijjiramnii nurratti dhufuu sun bu'aa qabeessa kan ta'ee gochuu kan danda'uu immoo unumaa mataa keenya akka ta'ees  yaadaatti qabachuun barbaachisaadha. "WAANUMA FEDHEEFU JIJJIRAMNII JIRA." Nagaan oola. #AA, DHA Yuunivarsiitii Dirree irraa. Join 👇 @harargetub @harargetub
Показати все...
Repost from JECHOOTA HAYYOOTA
Фото недоступнеДивитись в Telegram
hordoftoota Amantaa Musliimaa Martuu Baga Ayyaana Iid Al-fixrii 1445ffaa geessan. Ayyaanni kun kan jaalalaafi gammachuu kan tokkumaa akka isiniif tahu hawwina. @Jechootahayyoota @Jechootahayyoota
Показати все...
Repost from JECHOOTA HAYYOOTA
Фото недоступнеДивитись в Telegram
D𝙝𝙖𝙡𝙤𝙤𝙩𝙖 𝙚𝙠𝙚𝙧𝙖𝙖! Minilik bara isaatti mootii ture. Bara sana impaayera Itoophiyaa ijaaree, bulchee jiras. Bara isaatti injifannoowwan heddus gonfatee jira(namoota inni hoogganuun ta'us). Amma garuu Minilik ekeraadha. Kan nama gaddisiisu du'uu isaa namoonni amananii hin fudhanne ammas ni jiru. Ekeraa faarsaa,sagadaa fi waaqessaa jiraatan jiru. Dhaloonni ekeraa faarsee sagaduuf silas ekeraadhuma. Dhaloota ekeraa! @Jechootahayyoota
Показати все...
Channali waa'ee jaalala Argachuuf Join godha👌👌👌✋✋🗣 👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
Показати все...
Waa'ee Jaalala🫁❤️
Walaloo Jaalalaa❤️
Seenaale jaalalaa ❤️
Assossama jalala 🙏💋
Waa,ee jaalala barudhaaf✍✍
Dhirraf qofaf
❤️❤️❤️❤️❤️💋
👄🫦🫦🫦🫦
Shamarran qofaf🧛💁💁💁‍♀
Cross ykn admin argachuuf
Eenyummaa-keetiif, Bakka Guddaa kenni! Namichi Edinberg jiraatu, kan kophee hodhu tokko guyyaa hundumaa yeroo hirribaa ka'u akkana jedhee kadhata. "Yaa waaqayyo ofii-kootiif akkan iddoo guddaa kennuuf na gargaari!" Jedha ture. Eeyyee! Namni kam iyyuu milkaa'inaaf gammachuu gonfachuu yoo barbaade, jalqaba irratti eenyummaasaatiif bakka guddaa kennuu qaba. Kana gochuuf tarkaanfiin jalqabaa sammuu ofii keessatti of ajaa'ibsiifachuudha. Kana booda ofitti amantaa horachuu nama dandeessisa. Namni maqaan isaa Wadirow Wiilsen jedhamu, barreessaa beekumsa walii-galaa kan ta'e dhimma eenyummaa ofii fudhachuu ilaalchisee hima miidhagaadhaan yommuu ibsee akkas jedhe, "Eenyu iyyuu hirkataa miti; sababni isaa qofaa fiiguu danda'a" jedheera. Kanaafuu, eenyummaa ofii-tiif bakka guddaa qabaachuun barbaachisaadha, furmaata filannoo biraa hin qabneedhas! Shɑre   ᎽᎬᏒᎾᎾ ᎶᎪᎪᏒᎥᎥ @Oromotoo
Показати все...
Repost from JECHOOTA HAYYOOTA
𝐀𝐛𝐝𝐢𝐢 𝐡𝐢𝐧 𝐤𝐮𝐭𝐚𝐭𝐢𝐧𝐚𝐚! 𝐴𝑘𝑘𝑎 𝑛𝑢𝑡𝑖 𝐴𝑏𝑑𝑖𝑖 ℎ𝑖𝑛 𝑘𝑢𝑡𝑎𝑛𝑛𝑒𝑒𝑓, 𝑛𝑎𝑚𝑜𝑜𝑡𝑎 𝑎𝑏𝑑𝑖𝑖 𝑛𝑢𝑡𝑡𝑖 ℎ𝑜𝑟𝑢𝑢𝑛 𝑓𝑎𝑘𝑘𝑒𝑒𝑛𝑦𝑎 𝑛𝑢𝑢𝑓 𝑡𝑎'𝑎𝑛 𝑙𝑎𝑚𝑎𝑎𝑛 𝑘𝑎𝑛𝑎 𝑖𝑟𝑟𝑎𝑎 𝑏𝑎𝑟𝑎𝑑ℎ𝑎𝑎! 1, 𝑨𝒃𝒊𝒓𝒂𝒉𝒂𝒎 𝑳𝒊𝒊𝒏𝒌𝒂𝒂𝒏. dhalatee waggaa 21ffaa isaatti daldala eegalee kisaaran isa mudate. 𝑮𝒂𝒓𝒖𝒖 𝑨𝒃𝒅𝒊𝒊 𝒉𝒊𝒏 𝒌𝒖𝒕𝒂𝒏𝒏𝒆! 👉 Dhalatee waggaa 22ffaa isaatti immoo mana maree seera murtuuf hirmaatee hin milkoofne 𝑮𝒂𝒓𝒖𝒖 𝑨𝒃𝒅𝒊𝒊 𝒉𝒊𝒏 𝒌𝒖𝒕𝒂𝒏𝒏𝒆! 👉 Dhalatee waggaa 26ffaa isaatti jaalalleen isaa biraa boqotte 𝑮𝒂𝒓𝒖𝒖 𝑨𝒃𝒅𝒊𝒊 𝒉𝒊𝒏 𝒌𝒖𝒕𝒂𝒏𝒏𝒆! 👉Dhalatee waggaa 27ffaa isaatti dhukkuba narviitiin qabamee baayyee dhukkubsatee ture 𝑨𝒎𝒎𝒂𝒚𝒚𝒖𝒖 𝑨𝒃𝒅𝒊𝒊 𝒉𝒊𝒏 𝒌𝒖𝒕𝒂𝒏𝒏𝒆! 👉Dhalatee waggaa 34ffaa isaatti immoo Koongireesii Ameerikaaf dorgomee utuu hin milkaa'in hafe 𝑮𝒂𝒓𝒖𝒖 𝑨𝒃𝒅𝒊𝒊 𝒉𝒊𝒏 𝒌𝒖𝒕𝒂𝒏𝒏𝒆! 👉Dhalatee, waggaa 45ffaa isaatti akkasuma mana maree bakka bu'oota uummataa bakka bu'ee dorgomee kufe 𝑮𝒂𝒓𝒖𝒖 𝒂𝒎𝒎𝒂𝒔 𝑨𝒃𝒅𝒊𝒊 𝒉𝒊𝒏 𝒌𝒖𝒕𝒂𝒏𝒏𝒆! 👉Dhalatee, waggaa 47ffaa isaatti itti aanaa pireezidantii Ameerikaa dorgomee kufe 𝑨𝒎𝒎𝒂𝒔 𝑨𝒃𝒅𝒊𝒊 𝒉𝒊𝒏 𝒌𝒖𝒕𝒂𝒏𝒏𝒆! 👉Dhalatee, waggaa 49 isaatti mana maree bakka bu'oota Uummataa dorgomee kufe 𝒂𝒎𝒎𝒂𝒔 𝒂𝒃𝒅𝒊𝒊 𝒉𝒊𝒏 𝒌𝒖𝒕𝒂𝒏𝒏𝒆! 👉Dhalatee, waggaa 52ffaa isaatti 𝐏𝐢𝐫𝐞𝐞𝐳𝐢𝐝𝐚𝐧𝐭𝐢𝐢 𝐀𝐦𝐞𝐞𝐫𝐢𝐤𝐚𝐚 𝐭𝐚'𝐞𝐞 𝐦𝐮𝐮𝐝𝐚𝐦𝐞. ᵃᵇᵈⁱⁱ ᵏᵘᵗᵃⁿⁿᵃᵃˢ ᵃᵇᵈⁱⁱ ᵏᵘᵗᵃᶜʰⁱⁱˢᵉ! 2, 𝐌𝐚𝐚 𝐲𝐮𝐮𝐧 𝐀. 𝐊. 𝐀 𝐉𝐚𝐜𝐤 𝐌𝐚𝐚 dureessi biyya chaayinaa kun yeroo heedduu kufaati keessummeessun nama beekamu kan tureedha. 👉Barumsa sadarkaa 1ffaa yeroo baratu al-lama kufe 𝑮𝒂𝒓𝒖𝒖 𝑨𝒃𝒅𝒊𝒊 𝒉𝒊𝒏 𝒌𝒖𝒕𝒂𝒏𝒏𝒆! 👉Barumsa sadarkaa 2ffaatti yeroo sadii kufe 𝑨𝒎𝒎𝒂𝒔 𝑨𝒃𝒅𝒊𝒊 𝒉𝒊𝒏 𝒌𝒖𝒕𝒂𝒏𝒏𝒆! 👉Seensa Yuunivarsiitii Hangizyuu tiif qoramee yeroo sadii kufe 𝑨𝒎𝒎𝒂𝒔 𝑨𝒃𝒅𝒊𝒊 𝒉𝒊𝒏 𝒌𝒖𝒕𝒂𝒏𝒏𝒆! 👉Yuunivarsiitii Harvardiitti barachuuf yeroo kudhan (10)n iyyate kurnanuu jalaa kuffisan 𝑨𝒎𝒎𝒂𝒔 𝑨𝒃𝒅𝒊𝒊 𝒉𝒊𝒏 𝒌𝒖𝒕𝒂𝒏𝒏𝒆! 👉Erga Barnoota xumuree booda yeroo soddoma qacaramuu dhaqee, hunduu fudhatama dhabe 𝑨𝒎𝒎𝒂𝒔 𝑨𝒃𝒅𝒊𝒊 𝒉𝒊𝒏 𝒌𝒖𝒕𝒂𝒏𝒏𝒆! 👉Dhaabbanni KFC jedhamu namoota 24 dorgomsisee yommuu turetti, namoonni 23 darbanii inni qofti kufe 𝑮𝒂𝒓𝒖𝒖 𝒂𝒎𝒎𝒂𝒔 𝑨𝒃𝒅𝒊𝒊 𝒉𝒊𝒏 𝒌𝒖𝒕𝒂𝒏𝒏𝒆! 👉Humna waraanaa keessa seenanii hojjechuuf namoota shan (5) ta'anii iyyatanii turan; garuu afur (4) darbanii inni qofti kufe 𝑲𝒖𝒏𝒊𝒔 𝒂𝒃𝒅𝒊𝒊 𝒉𝒊𝒏 𝒌𝒖𝒕𝒂𝒄𝒉𝒊𝒊𝒔𝒏𝒆. 𝔾𝕒𝕣𝕦𝕦 𝑦𝑒𝑟𝑜𝑜 𝑎𝑚𝑚𝑎𝑎 𝑘𝑎𝑛𝑎𝑡𝑡𝑖 𝑨𝒃𝒃𝒂𝒂 𝑸𝒂𝒃𝒆𝒆𝒏𝒚𝒂𝒂 𝑩𝒊𝒚𝒚𝒂 𝑪𝒉𝒂𝒂𝒚𝒊𝒏𝒂𝒂𝒇𝒊 𝑯𝒖𝒏𝒅𝒆𝒆𝒔𝒔𝒂𝒂 𝒅𝒉𝒂𝒂𝒃𝒃𝒂𝒕𝒂 🇦 🇱 🇮 🇧 🇦 🇧 🇦 𝒕𝒊 👇 𝙰𝚋𝚍𝚒𝚒 𝚔𝚞𝚝𝚊𝚗𝚗𝚊𝚊𝚗 𝚔𝚊𝚗 𝚑𝚒𝚒𝚔𝚊 𝚚𝚊𝚋𝚊𝚊𝚝𝚞 𝚢𝚘𝚘 𝚗𝚞𝚝𝚒 𝙰𝚋𝚍𝚒𝚒 𝚔𝚞𝚝𝚊𝚗𝚗𝚎𝚎𝚍𝚑𝚊 𝚖𝚊𝚕𝚎𝚎, 𝚊𝚋𝚍𝚒𝚒 𝚔𝚞𝚝𝚊𝚌𝚑𝚞𝚞 𝚢𝚘𝚘 𝚑𝚒𝚗 𝚔𝚎𝚎𝚜𝚜𝚞𝚖𝚖𝚎𝚎𝚜𝚜𝚒𝚗𝚞 𝚝𝚊'𝚎𝚎, 𝙰𝚋𝚍𝚒𝚒 𝚔𝚞𝚝𝚊𝚗𝚗𝚊𝚊 𝐻𝑖𝑖𝑘𝑎 𝑑ℎ𝑎𝑏𝑠𝑖𝑖𝑠𝑢𝑢 𝑑𝑎𝑛𝑑𝑒𝑒𝑛𝑦𝑎! Galatoomaa! Join for more: @JECHOOTAHAYYOOTA YAADAF👉 @besilent12
Показати все...
Оберіть інший тариф

На вашому тарифі доступна аналітика тільки для 5 каналів. Щоб отримати більше — оберіть інший тариф.